Loomii waliif darbachuun ni hafe moo? Featured

03 Feb 2017

Sirna kabaja ayyaana cuuphaa

Guyyaansaa Kamisaa ganama obboroodha. Daandiiwwan Finfinnee keessaa (kan gandaa keessaa baasaniifi daandiiwwan guguddaan) dirree Jaanmeedaatti geessan hunduu imaltootaan faayamaniiru. Halaalarraa dhaabbatanii wayita daawwatan goondaa adaadii qarqara daandii qabattee yaatu fakkaata malee namoota hinfakkaatan. Namoonni kunneeen irra jiresssi uffannaa adiidhaan faayamanii gurmuudhaan walfaana yaa'u. Kanaa ammoo faarfata, walitti baacaa, qoosaafi taphataa, akka farda fuuloon daangeffamee fuulduratti tarkaanfatu. Uffannaan adaadiin namoonni uffatan miidhagina guyyichaa dabaaleera. Guyyaa ayyaanaa Cuuphaa kana.

Cinaa cina daandiitti kan gurguraman minminii waa hedduutu mul'ata. Burtukaana, muuzii, piriimii, shonkoraa, koshooroo, buskutii, saanbusaa,.... Kana malees, dhugaatiiwwan lallaafaafi kanneen biroonillee ni mul'atu. Namoonni gara kabaja ayyaana Cuuphaatti yaa'anis kan barbaadan filatanii muuxataa, dhandhamataa, kan hinqabneef hiixataa, bitees akka kennaatti waliif laataa, akka jabbii reefuu manaa gadhiisanii buburraaqqaa, akka gogorrii lagaa kaakkisaa, kolfaa, basha'aa adeemu.

Haalonni mul'atan kunneen daandii gubbaa handaara daandiitti taateewwan gaafa ayyannichaa mul'atan ta'us gara dirree Jaanmeedaatti oggaa fulla’an kan caalu nama hawwata. Gara dirrechaatti wayita siqaa deeman baay'inni ummataas dabalaa adeema. Bubbisi namootaa akka muummee xixiqqoo walqabattee harootti yaatu fakkaata. Miidhaginni jirus akkasuma dabalaa dhufeera. Gara dirrechaatti wayita seenanii baay'ina namoota kabaja ayyaanichaatiif ba'ee mil’atan waggaa keessatti ayyaanni kabajamu ayyaana Cuuphaa qofa waan jedhame fakkeesseera.

Dirrechii hordoftoota amantii Kiristaanaatiin guutameera. Gurmuu gurmuudhaan walitti naanna'eetu faarfata. Mooraa bishaan cuuphaatti sirnoonni garagaraa dura bu'oota amantiitiin geggeeffamaa jira. Hawaasni hunduu tasgabbiin sirna geggeeffamu kana dhaggeeffata. Lammiileen biyya alaa hedduunis sirnicha hordofaa yaadannoof akka isaaniif tolutti suuraafi viidiyoodhaan waraabbatu. Keessumattuu, waraabbii ayyaanichaatiif jecha teknolojiiwwan suuraafi viidiyoo dhiyeenya addunyaatti as ba’an keessaa teknolojiin diroonii ayaanicha caalaattii akka miidhaguuf gumaacheera.

Lammiilee biyyaa alaa daawwannaadhaaf sirna kanarratti hirmaatan keessaa Turkiirraa akka dhufte kan naaf ibsite Suuliyaa Arbaaki akka jettutti, ayyaanaa Cuuphaa kanarrattii hirmaachuun isheef yeroo jalqabaati. Addunyaarra socho'uun sirnoota hedduu kan daawwatan ta’uu himuun, sirni ayyaana Cuuphaa kunis sirna addaa akka ta'eedha kan ibsitu. Akkasuma biyyasheetti sirnoonni ayyaanaa garagaraa jiraataniyyuu, kan ayyaana Cuuphaa kun garuu adda akka ta'e himti. Akkasheen jettutti sirnoota amantiilee garagaraa geggeeffaman hedduu akka jaallattuufi sirna Cuuphaa kanarrattis hawaasni akkanatti ba'ee ayyaneffachuun anaaf adda taassisa jetti.

Lammiin biyya alaa kan biraa sirnicha hordofaa turan Afriikaa Kibbaa Johanisbargirraa kan dhufan Mister Jeral Piteran akka nuuf himanitti, sirnaa kanarrattii hirmaachuun jalqabasaaniiti. Wantisaan sammuutti tilmaamaniifi wantisaan argan ajaa’ibsiisaa ta’uudha kan ibsan. Kanaaf sirnichi isaaniif waan addaa akka keessasaaniitti uume ibsuun, oggaa biyya galan lammileen biyyasaanii sirnicha dhufanii akka daawwataniif nan affeera jedhan.

Sirni mooraa bishaan cuuphaatti geeggeeffamu xumuramee sirni cuuphaas raawwateera. Hordoftoonni amantichaa faarfannaa garagaraa qooqa garagaraatiin dhiyeessuu eegalan. Keessattuu, faarfannaa 'Yaaredaawwii Zeemaa'tiin sirnichi caalaatti miidhage.

Ministirri Aadaafi Tuurizimii Dr. Hiruut Waldamaariyaam ayyaanni Cuuphaa hawaasa hedduu hirmaachisuunsaa, ayyaanichi ayyaana Itoophiyaa keessatti qofa kabajamu ta'uun hedduu nama boonsa. Qabeenyaa dhuunfaa biyyattii akka hambaatti tarraa’aniifi hawwata tuurizimiif oolan eeruun, qabeenyichi biyyattii qofaaf utuu hintaane addunyaafis bu'aa akka ta'an tuqaniiru. Biyyattiin hambaalee akka siidaa Aksum, Laallibalaa, gamoo Jagool Hararitti argamu, sirna Damaraa, Fichee Cambalaalaa, sirni Gadaafi hambaalee kitaabootaa jiran dabalatee hambaalee 12 ‘UNESCO’tti akka galmeessisteedha kan eeran.

Ayyaanni Cuuphaas duudhaasaa eeggatee dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufe ta'uu kan eeran ministirittiin, ayyaanawwan biyyattiin ittiin calaqqisiifamtu keessaa tokko akka ta’e dubbatu. Akkasumas ayyaanichi kan jaalalaa, araaraafi nageenyaa akka ta'eefi duudhaa amantii qabu cinaatti ayyaana guddistuu aadaalee birooti jedhu.

Addunyaarrattii ibsituu Itoophiyaa qofaa kan ta'e 'Yaaredaawwii Zeemaa' faarfannaa hafuuraatiin dabaallamuu bira darbee, muuziqaawwan aadaa sabaafi sablammootaa biyyattii akkasumas taateewwan hariiroo jaalalaafi hawaasummaa biyyattii tumsan kan itti calaqqisiifaman, kutaaleen hawaasaa hunduu uffanaa aadaatiin faayamanii, tokkummaadhaan baay'atanii akka tokkootti, tokko ta'aniis akka baay'eetti walta'uun gammachuusanii kan itti ibsatan yeroo addaati jedhu.

Akka Dr. Hiruut jedhanitti mootummaan hambaalee aadaafi seenaaf kunuunsa taasisuu cinaatti aadaaleen biyyattiitti beekamoo ta'an akka addunyaa ga'anillee hojjetamaa jiru. Fuuldurattis ayyaana Cuuphaa dabalatee qabeenyaa umamaa, seenaafi aadaa ibsitoota biyyattii ta'an caalaatti akka kunuunfamaniifi dhaloota ittaanutti akka darban, hawaasa addunyaatti caalaatti akka beekaman, dhaabbilee beekamoo addunyaatiinis beekamtii akka argataniifi haala itti galmaa'uu danda’aniif carraaqaa jirra jedhan. Sirni geeggeeffamu xumurameera. Taabotnis gara qe'eetti deebi'uuf fuula deeffateera. Hawaasnis gammachuun isaa dabaleera. Ayyaana Cuuphaarratti taateewwan yeroo hedduu mul'atanii odeeffamaniif keessaa darbannaan loomii natti hinmul'anne. Ayyaanni Cuuphaa wayita ka'u loomiin biraa hinhafu ture. Maal maqe loomiin? moo kan walilaallatutu dhabame? Ayyaanichi caalaatti ayyaaneffatamuu itti fufeera.

Gaaffii na keessatti uumameef deebii barbaacha oliifi gadi sochii eegale. Namoota waljaallatanii walmichoomfachuuf loomii walitti darbatan arguuf. Garuu kan loomii darbatu mitii nama loomii baatuyyuu hinargine.

Dabalaa Taaddasaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000273074
Har'a/TodayHar'a/Today439
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1220
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week1659
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month26527
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days273074

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.