Gumii Gaayoofi Gumii Bokkoo Featured

10 Feb 2017

Gumiin abbootii Gadaa seeraafi sirnaan gaggeeffama

Gumiin Gadaa kora ykn yaa'ii abbootii Gadaafi gosaati. Gumiin abbootii Gadaan hogganame, gosa naannawa gumiin itti teessu jiran hundaa hirmaachisa. Gumiin kora abbootii Gadaa gosa gosaan kan gaggeeffamuudha.

Korri abbootii Gadaa gosaan gaggeeffamu kun, waggaa saddeet keessatti gumii (kora waliigalaa) ni waama. Gumiin Oromoo Boranaafi Oromoo Gujii biratti walga'ii olaanaa abbootii Gadaafi ummataa yoo ta’u, Oromoo kaan biratti ammoo Caffee ykn Yaa'ii Odaa jedhamuun beekama.

Iddoowwan sirna Gadaa keessatti abbootiin Gadaafi miseensonni Gadaa Gumii taa’uun hanga har’aatti sirna ho’aadhaan itti kabajamu keessaa Gumiin Gaayoofi Gumiin Bokkoo isaan beekamoodha. Gumiin kan taa’amuuf sirna Gadaa keessatti, gamaaggama gaggeessuuf, rakkoo hawaas-dinagdee hiikuuf, seera dulloome baasuufi seera haaraa lallabuufi.

Gumiin Gaayoo ardaa jilaa Godina Booranaa, Aanaa Dhaas, Ganda Gaayootti kan argamu yoo ta’u, ardaan jilaa kun ardaa abbootiin Gadaa seera itti haaromsaniifi seera haaraa lallabame iddoo itti raggaasisaniidha.

Gumiin Gaayoo bara Gadaa Abbaa Gadaa Daawoo Gabboo (1764) irraa kaasee, Oromoo Booranaatiif wiirtuu jilaa akka taa'eefi marsa gadaa 40fa akka keessummeesse dubbatama.

Gumii Gaayoo kanarratti seerota fooyya’uufi jijjiiramuu qabanis haaluma yeroofi gaaffii gosaatiin kora itti keessumeeffamuudha. Adeemsi kora Gaayoo kun, jijjiirama hawaasaafi haala guddina hawaas-dinaagdee Oromoo Booranaarratti hojii guddaa kan raawwachaa ture yoo ta’u, jireenya Oromoo Booranaafi walitti dhufeenya inni saboota ollaa wajjin qabu kan itti madaalamuufi hiikoo argatuudha. Kana malees mirga dubartootaafi daa’immanii, akkasuma mirgoonni namoota harka qalleeyyiifi rakkinoota gosaa, dhimma buusaafi gonofaa, dheedaa, obaafi kkf iddoo itti sakatta’amuufi falli itti kennamuudha.

Gumiin Gaayoo safuu mataa ofii qaba. Oromoo Booranaa biratti Gumii Gaayoorra hinqotan; namni itti hin awwaalamu. Yoo mana itti ijaaruuf muka irraa muranis daraaraa itti naqatan. Gumiin Gaayoo walakkaa lafa Booranaa waan taateef gosoonni Booranaa 17 (Digaluu, Maxxaarrii, Karrayyuu, Daaccituu, Odiituu, Galaantuu, Maccituu, Bachituu, Siraayyuu, Koonnituu, Arsii, Hawaaxxuu, Qarcabduu, Warra Jiddaa, Malliyyuu, Dambituufi Noonnituu) Gumii Gaayoo akka wayyuutti ilaalan.

Gosoonni Booranaa 17nu Gumii Gaayoo hordofuuf yoo Ganda Gaayoo dhufan guyyoota hedduu waan achi turaniif gosa gosaan ‘diidaa mana Waaqaa’ Gaayoorratti qubatan. Yeroo qubatanitti osoo gumiin hingaggeeffamiin dursanii gosa gosaan taa’anii rakkoo gosaa qoratan. Akka ilaalcha Oromoo Booranaatti irreen Booranaa gosa Booranaati. Booranni gumii kanaan seera adda addaa qorata; seera namaa, yookiin ilmaafi intalaa, seera marraafi bishaanii, seera mukaa (muka jilaa), seera eelaa, seera galaanaa fi kkf qorata.

Haaluma kanaan sirni walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa Booranaa 71fa Guraandha 21 hanga 28 bara 2009tti gaggeeffamuuf godaansi gara Ardaa Jilaatti taasifamaa jira.

Sirni walharkaa fuudhinsa baallii raawwatamuun duratti jalqaba irraa eegalee, Jiloonni guguddoon; lallaba meendhichaa, sirba Doorii, sirba Raabaa, jila Odaa Buluu, muuda Qaalluu, galma dhawaa Maxxaarrii, galma dhawaa dhaamsaafi walharkaa fuudhinsi Baallii ni raawwatamu.

Yeroo ammaas adeemsichi lallaba meendhichaarraa kaasee galma dhawaa dhaamsaarra qaqqabeera; godaansi gara Ardaa Jilaatti taasisamaa jira. Jilli galma dhahaa dhaamsaa Amajjii 26 bara 2009 raawwatameera.

Gumiin Bokkoo ammoo waggaa saddeetitti yeroo tokko kan geggeeffamu yoo ta’u, gosoota sadeen Gujiitti argaman, Abbootii Gadaafi oggantoota olaanoo sirnichaa, akkasumas oggantoota hawaasa biroo bakka ni hirmaatua. Yaa’ichis guyyoota 28f kan turu yoo ta’u, aanaa Annaa Sooraa, naannawa Me’ee Bokkoo jedhamutti geggeeffama.

Sirnoota ijoo yaa’icharratti raawwaataman keessaas Baalli kennuufi fuudhuu, seera baaftonni olaanoon waan argamaniif akkaataa barbaachisummaaasaatti seera baasuu, waggoota saddeettan darban keessatti dhaddacha sadarkaa hundaatti, dhimmoota furmaata hinargatiniifi humnaa ol ta’aniif furmaatiifi murtiin xumuraa nikennama.

Madda: www.wikipedia.org fi FBC

Saamraawiit Girmaatiin

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000384401
Har'a/TodayHar'a/Today606
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1689
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week9886
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month35685
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days384401

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.