“Nooruu yaa buddeenaa warqee koo...” -Artisti Darajjee Zamaduu Featured

07 Apr 2017

“Artisti Darajjee Zamaduu bara 1976 irraa eegaleen beeka. Artistii kana kanneen biroorraa adda kan taasisu dandeettii walaloofi yadaloosaati. Walaloon inni Afaan Oromootiin barreesse yoo gara afaan biraatti hiikame mana rukuta”.

“Darajjeen sagaleedhaan weellisuu qofa otoo hintaane shubbisarrattis kennaa guddaa qaba. Artisti Darajjeen nama naamusa olaanaa qabuudha. Keessumaa yeroo beellamaa kabajuudhaan daran beekama. Inni araada kamirraayyuu fagoodha. Namaafis kabaja guddaa qaba” jechuun waa'ee Artisti Darajjee Zamaduu kan nutti himan hiriyootasaa waggoota dheeraaf waliin hojjetaniidha.

Artisti Darajjee sirbootasaa sagaleesaa kiiloleedhaan ummataaf dhiyeessaa ture kanneen akka, “Nooruu yaa buddeenaa warqee koo, horuun yaa bunaa fayyuun baranumaa, jorroo sherre maalii dhala gaarii dhiphuun na deesse haati koo, koo yaa koololee” jedhaniifi kkfn ummata Oromoo biratti beekama.

Abbaasaa Obbo Zamaduu Basha'oofi haadhasaa Aadde Jiituu Miinjoorraa bara 1947 Oromiyaa Lixaa, Aanaa Anfilloo, bakka addaa Shabal jedhamutti dhalatee kan guddate Artisti Darajjeen akkuma ijoollee baadiyyaa kamuu hojii qonnaa maatiisaa gargaaraa tureera. Jabbiilees tikseera.

Barumsas hanga kutaa 7fatti bakkuma dhalootasaatti hordofaa otoo jiruu fedhii aartii kessoosaa jiruun fudhatame. Kanumaanis ijoollummaarraa eegalee jaalala sirbaa keessoosaatii kulkulaa turte dhaggeeffachuun isumaan fudhatamee hanga har'aatti waltajjii sirbaarratti hafe.

Gaazexaa Bariisaas akkuma kanaan dura fuula kanarratti seena artistoota Oromoo guddina aadaafi Afaan Oromoo keessatti gumaacha olaanaa arjooman dhiyeessaa ture maxxansa kanaanis gaafdeebii Artistii Oromoo hangaftichaafi beekamaa, Darajjee Zamaduu wajjin taasise akka armaan gadiitti isin dubbisiisaa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Umrii dargaggummaa akkamiin dabarsite?

Artisti Darajjee: Umrii koo dargaggummaa sagantaalee adda addaarratti weedduu jaalalaa sirbuunin dabarse. Kanaanis dinqisiifattoota baay'ee horachaan dhufe. Keessumaa bara 1967 yeroo mootummaa Hayilasillaasee kufee Dargiin aangoo qabatetti weedduu lolaa sirbaan ture.

Bariisaa: Sirba yeroo sana sirbaa turte ni yaadattaa?

Arsisti Darajjee: eeyyen nan yaadadha. Sirban yeroo sana sirbaa ture keessaas, “Hoyaa hoyii lolaa...dargaggeessa foolii tolaa, Awwaaressee xaxxaaxessee kormi saafaa lole”faa jedhu sirbaa ummata dadammaqsaa tureera. Iddoo hojiileen adda addaa raawwatamaa turanittis sirbaan ture.

Bariisaa: Sirba akka ittifuftuuf eenyutu karaa sii bane mee?

Artisti Darajjee: Nama yeroo sana aanaan ittidhaladhe bulchaa turetu sagaleefi fedhii koo jaalateefi hubatee namootaan walna qunnamsiisuun karaa naa bane.

Bariisaa: Umrii dargaggummaatti jireenyi kee jaalalaa akkam ture?

Artisi Darajjee: Otoon Anfilloo, Muggii jiruu mucayyoo tokko wajjin waljaalanne. Sirba baasuus dhimmuma kanaan walqabsiiseen eegale. Mucayyoon Musliima, ani Kiristaana taanus jaalalaan garmalee walii maraanne.

Walqabannee baduufis waanti nuti hingodhiin hinjiru. Sana booda waallee harkarraa qabaachuu baannus walhaafuunu jennee mariyanne. Yeroo kun ta'u nuti lamaanuu waan dinagdeedhaan of hindandeenyeef warruma keenya jala turre. Kanumaan jaarsa itti ergannaan warrishii didan.

Kan yaadne ta'uu didnaan qawwee dimotforii jedhamu kanin adamoof ittifayyadamaa ture qabadhee walfudhannee badnus halkan tokko qofa bullee qabamne. Maatiinshii intala waljaalalaan walii maraanne otuma isheen didduu dirqiidhaan ilma sooressaatti heerumsiisan.

Ishiin garuu isa qabeenya qaburra anuma filatte. Sababuma jaalalaa kanaan mana hidhaa galee takka hidhameera. Sirba quuqqaa koo naa ibsu tokko kan, “Jaalalli kiyyoo sansalataa ittan ergadhe waraqataa muddaa jaalalaa rakkoo sana fuudhuun yaadem yeroo sanaa”.

Jaalala fiigsaa yeroo duraa dubbii nan fixem yeroo duraa, isheen walfuudhuuf dubbii fixee haasaa warrashiif, gabbara warrashiif xaaxaan lixee. Naqadhee fuudhuuf horii hinqabuu butee baqachuuf na qabuu, matta'aa kennuuf deegaa qullaa, maafan du'a idaatti galee, daanyaan horiidhaan dubbii fixaa, anoo horii hinqabuu eessan lixaa” jedhu baaseen maraachise. (Oggaa walaloo sirbaa kana sagaleesaa kiiloleedhaan xuxxuruursa dhugumaan garaa nama booressa).

Dur akka har'aa jaalalaan walfuudhuun hindanda'amu, gabbaraafi horiidhaan malee. Sirbi kun haalaan jaalatamee tokko tokkoo onnee dargaggoo keessa gale. Kanaanis Anfilloo keessatti akkuma mootiin ta'e jechuun nin danda'a.

Bariisaa: Sirna quuqqaa sanatu artessummaaf karaa sii bane jechuudhaa?

Artisti Darajjee: Eeyyekaa. Isumatu ka'umsa naa ta'ee Anfilloorraa Dambi Doolloo, Dambi Doolloorraa Naqamte, Namqamterraa ammoo Finfinnee kan na fide isuma.

Bariisaa: Yeroo sanatti sirbi ummataaf dhiyaachuuf carraa argateeraa?

Artisti Darajjee: Lakki, Hindhiyaanne. Ummataaf waltajjiidhumarratti dhiyaachaa ture. Sirbi haadha leellisu kan, “Dhiphuun na deesse haati koo nan jaaldhan ture akka lubbuu koo. Otoon jaaladhuu marartiidhaan olaadhaa dubbii ittibarbaadan” jedhus ummataaf dhiyaatee daran jaalatameera. Otoo akka yeroo ijoollummaa kootti itti fufee har'a eessaafi eessa gaheera.

Bariisaa: Sirbi kee akkamiin qalbii ummata Oromoo hawachuu danda'e? Haalli ture hoo akkamitti ibsama?

Aristi Darajjee: Sirbi koo bal'inaan gurra ummata Oromoo seenuun kan jalqabe eddiin gara Naqamtee dhufeeyyi. Yeroon gara Naqamtee dhufe magaalattii keessa haalli gaariin hinturre. Sababuma kanaan Abbitoo Kabbadaa, Ilfinash Qannoo, Tarfaasaa Mitikkuu, Amantii Dooyyoofaan keessaa baqataniiru.

Anis achi baay'ee hojjechuu waanin hindandeenyeef dafeetuman Finfinnee deeme. Oromummaan daran cimaa ture. Miirri kun dargaggoota mara keessatti uumamee ture. Keessumaa Weellisaa Zarihun Wadaajoo sirbasaa, “Koottaa aramaa aramnaa midhaan keenya keessaa” jedhuun hidhame.

Bara Dargii keessa sirbi hundi ni qoratama ykn saansur ta'a ture. Yoo Afaan Oromootiin sirbama ta'e walaloon sirbichaa gara Amaariffaatti hiikamee akka qoratamu taasifamaa ture. Keessumaa walalicha keessa waa'een Oromummaa jiraannaan qorannaa cimaatu taasifama ture. Yeroo sana raadiyoon Itoophiyaa Afaan Oromootiin sa'aatii tokko qofaaf tamsaasaa daran hawatamtuu turte.

Gaazexeessitoonni buufaticha keessa hojjetaa turan sirboota ergaawwan adda addaa qaban itti makanii dhiyeessuun ummata dadammqsaa turan. “Otoo aadaa qabnuu aadaa keenya dhabnee, otoo seera qabnuu seera dhabnee akka baala mukaa gargar facaanee hanfee” jedhufaan onnee namoota hedduu raasaa ture.

Bariisaa: Eddii Finfinnee dhuftee haalli akkam ture?

Artisti Darajjee: Akkan dhufeen Abbitoo Kabbadaa wajjin walagarre. Naannawawwan hineeknetti isa argachuu kootti guddoon gammade. Innis gammachuudhaan na simatee gara Ministeera Aadaa na geesse.

Dhuma bara 1970tti Mana Yitaatira Agar Fiqiriif weellisummaaf saddeet taanee dorgomne. Weellistoota Oromoo keessaa kanneen akka Hayiluu Disaasaafi Bitawu Warquu turaniiru. Qormaataafis dhiyaadhee sirba aadaafi geerarsaan tokkoffaa bahee darbe. Walaloo barreessuufi yadaloof akka turus natti himame.

Achittis weellisuuf sirba, “Nooruu yaa buddeenaa warqee koo sumaaf yoona geesse nafsiin koo” jedhu qabsiifadhe. “Nooruu yaa buddeenaa warqee koo sumaaf yoona geesse nafseen koo. Buddeen dhirsa dhiiraa, buddin fayyisaa koo, buddeen maal tuffatu maxinoo cuffatuu, farsoosaa unatuu” dhiyeesse. Walaloon nooruu yaa buddeenaa jedhu kan ummataatti. Walaloon sirba kanaa akka qoratamuuf Amaariffatti ni hiikame. Dandeettii cimaa akkan qabus ni hubatame.

Sirbi, “Horuun yaa bunaa fayyuun baranumaa, utubaa jireenyaa fayyuun baranumaa, gabaa biyya keenyaa yaa bunaa, si wajjin moonee, hamaa diina keenyaa, maqaan kee guddaadha hoo gabaa addunyaarratti... baddee hinbadduu abdi biyya kootii, si keessaan buqqisa muujjaafi qoraattii...” jedhus baaseen baruma sana waltajjiirratti ummataaf dhiyaate.

Bara 1972 eddii sirbi kun bahuunsaa dhagahamee booda gaazexeessitoonni Raadiyoo Itoophiyaa keessa hojjetaa turan jidduudhaa tokko yaada, “Istuudiyootti sagantaa nan qabsiisaatii sirbichi haa waraabamu” jedhu naa dhiyeesse. Sirbichis ni waraabamee karaa raadiyoos tamsa'uu eegale. Bal'inaanis gurra ummataa seenuuf carraa argate sirbichi.

Bariisaa: Sochiin ati artii keessatti gochaa turte akkamiin ibsama?

Artisti Darajjee: Gareelee hawwisoo adda addaa keessa socho'aa tureera. Durataa'aa hawwisoo Muggiis ta'eera. Anfilloodhaa filatameen Dambi Doolloo deemees takka hojjedheera. Bara 1979 keessa gara Hawwisoo Guddattuu Aadaa Wallaggaa Naqamtetti argamuttin ce'e.

Bariisaa: Amalliifi jaalalli hojiirratti qabdu hoo?

Artisti Darajjee: Hojii baay'een jaaladha. Hojii kamuus nan hojjedha. Namaan walii galee naamusaan jiraachaan ture. Aradaan kamiinuu qabamee hinbeeku.

Bariisaa: Sana booda deebiin ummataa akkam ture?

Artisti Darajjee: Deebiin sirbicharratti ummata biraa kennamaa ture daran olaanaafi cimaa ture. Keessumaa namni tokko kan gatii bunaa oliifi gadi jedhuun waan itti dhagahame oggaa ibsu gaafa gatiin bunaa ol ka'e, “Horuun yaa bunaa fayyuun baanuma jedhe Darajjee Zamaduu” jechuun ibse. Gaaf kaan yeroo gatiin bunaa gadi bu'e ammoo “Horuu yaa bunaa baduun baranumaa” jechuun ibsaa akka ture dhagaheera. Kuniifi kkfn deebii sirbicharratti ummata biraa kennamaa ture agarsiisa jedheen yaada.

Bariisaa: Walaloon sirbaa ati weellistoota birootiif kennite jiraa?

Artisti Darajjee: Eeyyen ni ira. Sirbi Xilaahun Gassasaa, “Ani sin yaadaa yaa jaalallee koo, atis na yaaddaa magaallee koo, goosuu lagarraa maal sodaanna shoolee koo koottu walbarraa, oggaa si duubaa yaa shereeree koo guutuudha onneen koo, oggaan si argu maaltu onnee koo buta shaggee koo, yaa ishi afaan dammaa jaalala keetiin baay'ee naa gamaa, jaal'ee akka namaa yaaduma keetiin laafeen raafamaa” jedhu kan kooti. Sirba kana lafa waggaa tokkootiif waltajjiirratti sirbeera. Walaloofi yadaloon sirba kanaas kanuma kooti. Ilfinash Qannoofi Samiiraa Abdulsalaam fa'iifis sirboota baay'ee kenneera.

Bariisaa: Ati hoo walaloofi yadaloo namoota biroorraa hinfudhannee?

Ittifufa

Charinnat Hundeessaatiin

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000347900
Har'a/TodayHar'a/Today60
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1419
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week7184
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month29845
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days347900

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.