Irreechaafi falaasalama ummata Oromoo Featured

29 Sep 2017

Ayyaanichi duudhaalee hedduun waa'elchameeti kan kabajamu

Aadaan calaqqisiistuu maalummaa ummata tokkooti. Ummatni Oromoos aadaa maalummaa isaa sirriitti ibsuufi beeksisuu hedduu qaba. Isaan keessaa aadaa fuudhaafi heerumaa, nyaataa, uffannaa, waaqeffannaafi galateffannaa, aangoo walitti kennuu akka fakkeenyaatti eeruun ni danda'ama. Oromoon jiruufi jireenyasaa keessatti waan dalagu mara sirna ittiin geggeessu qaba. Waaqa isa waan hunda uumeefis yeroo mara iddoo guddaa kenna.

Sirnoota galateeffannaafi waaqeffannaa Oromoo keessaa Irreechi isa tokko. Oromoon Waaqa dacheefi samii uume jiruufi jireenyasaa guyyuu keessatti iddoo guddaafi olaanaa kennee hawaasa jiraatuudha. Sodaafi safuun Oromoon Waaqaaf qabus kanuma irraa madda.

Ummatni Oromoo Waaqa tokkichatti amana. Oromoon lageen, tulluuwwan, mukeetii, gaarrewwaniifi wanneen kana fakkaatan hinwaaqeffatu. Bifaafi adeemsi Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana ittiin waaqeffatuufi galateeffatu Irreecha.

Irreechi Sirna Gadaa keessatti iddoo guddaa qaba. Sirni Gadaa waa hunda Oromoon dalagu, aadaa, jireenya hawaasummaa, dinagdee, sirna bulchiinsaa ykn siyaasaa akkasumas, amantiifi kanneen kanaan walitti hidhata qaban sirritti ijaaramanii kan keessatti mul’ataniidha.

Oromoon sirna galateeffannaafi waaqeffannaa (Irreechaa) kanaan humna Waaqaa ibsa. Kanuma ibsuuf “Yaa Waaq, baala midhaan gootuu, dhiiga mucaa gootuu, hooqubaan siif haata'u” jechuun ganama barraaqaan ka’ee galateeffata. Wayita irreeffannaas Waaqasaa galateeffata.

Qonnaan bulaan Waaqasaa abdachuudhaan sanyii midhaan dacheetti facaasa. Waaqni roobaan lafa jiisee sanyiin biqilee baala ta’a. Baala kanatu yeroo waaqni turtii keessa ija ykn firii baasee makaramee soorata namaafi horiif ta’a. Yeroon kun itti ta’u wayita gannaa, dhoqqeen lafa kutee, lagni guutee, cooreen wal cortee malkaa ce’umsaa cuftee, huurriin lafa uwwisee, lafti dukkanaa’eettia.

Waytiisaa eeggatee dukkanni ifa aduutiin bakka bu’aa deemu, daandiin dhoqqaa’ee deemsa dhorkate xuuxxatee deemsaaf mijatu, sanyiin faca’ee biqilee baala ture hudhee, daraaree, dachee bareechee ijatti (firiitti) deebi’u, asheenni itti nyaatamu birraan yeroo irreechaa (galateeffannaa)ti. Oromoon “Baga booqa birraa geessan” jedha. Birraan, Waytii dukkanni gannaa darbee abaabon dachee guutuudha.

Waytiin gannaa kan beekamu, rooba cimaa, daandiin irra deemanii gabaa dhaqan dhoqqaa’ee, malkaan ce’umsaa bishaanii guutee, lagnis gara malee guutee riqicha harkisee kuffisee wal argeen addaan itti citee turudha. Gama biroon immoo, yeroo itti qonnaan bulaan maatii isaa waliin qonnaafi aramaadhaan itti qabamee boqonnaa malee dhama’udha. Waqtiin gannaa, callaan mana keessaa itti hir'atee, oyiruun ammoo baala midhaan qotamee magariisa uffatee jirudha. Abdiin qonnaan bulaa gara firiitti jijjiiramee kan mul'atu hoggaa midhaan baalaa sun hudhee, daraaraa facaafatee mullatu, birraa keessadha. Birraan bari’uu, dukanni gannaa darbee wayita asheetiin ga’ee ifni itti dhufuudha.

Waytiin birraa, baatii Fulbaanaatii kaasee, dacheen daraaraa keelloo, tuufoo, adaafi kanneen biroon asiifi achiin bareedee ija nama hawata. Gama birootiin ammoo oyiruun qonnaan bulaa baala irraa gara firiitti jijjiiramee asheenni midhaanii alaafi mana guutee, mana nama hundaa biratti mul'ata. Ijoolleen asheeta quuftee bajjii ykn hurufa keessa burraaqxi.

Jiboonniifi gorommiin ho’a birraa ganamaa gammadanii dirree keessa burraaqu, kormi loonii ni bookkisu, qotiyyoon hurufa keessatti wal jifatu, rimaan guuttatte asiifi achii dhaltee jabbiin gorba keessaa mar’atti. Oromoon haallan kanneen hunda keessatti iccitii humna Waaqaa qalbeeffataa deema.

Waytii afraasaatti rooba bokkaaf kadhatamee, bokkaa isaaf roobsee midhaan magarsee marga horiif geessise ni galateeffata. Malkaatti ba’ee, dirree irra guutee “Midhaan namaaf geessee, marga horiif geessee, baala midhaan gootee gombisaa koo guutee,…..” jedhee waaqa kan itti galateeffatu birraadha.

Birraan yeroo firri firasaa ganna haala hojii, jiruufi jireenya akkasumas haala qilleensaatiif jecha walirraa citee ture, kan nyaataafi dhugaatii qopheeffatee, itti waldubbisu, walgaafatuufi qe’ee walii daaw'atuudha. Fulbaanni ji’a ibsaan Masqalaa ba’ee ayyaanni Masqalaa itti kabajamuudha. Kanaaf hawaasni Oromoo Waaqa waa hunda keessa isa dabarsee birraa hawataa kanaan isa ga’e Irreeffatee galateeffata.

Irreechi bifa aadaatiin sirna galateeffannaafi kadhaa Waaqaa taasifamu waan ta’eef iddoowwan humni uumaa Waaqaa adda ta’anii itti mul'atan keessaa bakka lamatti adeemsifama. Isaanis Irreecha Tulluufi Irreecha Malkaa jedhamu. Kana jechuun bakkeewwan biroon Irreeffannaan itti raawwataman hinjiran jechuu miti.

Irreechi Tulluu kan itti kabajamu tibbi bonaa darbee yeroo bokkaan arfaasaa itti roobuu qaba jedhamee eegamu keessatti. Tibbi bonaa gogiinsaan beekama. Aduufi ho’arraan kan ka’e jiidhi lafaa gogee, margi qooree, bishaan cooreefi malkaa jiru hunda keessatti qal’atee mul’ata. Yoo gogiinsi kun dheerate horiis ta’ee dhala namaa balaa irra buusa.

Kun akka hintaaneef giddugala ji’a Bitootessaatti hangafootni biyyaa walwaamanii akkuma seerasaatti naannawa lafa jiidhina qaba jedhamutti yaa’uun harkasaanii gara Waaqaatti qabanii “Jiidha nu hindhowwatin, waytiileen toorasaanii eeganii haa naanna’an, qilleensa roobaa nuuf kenni, araar” jedhanii kadhaa waaqaa taasifatu. Tulluutti ba’anii waaqa tokkicha sana kadhatu. Sirni kadhaa kun aadaafi falaasama amantii Kuushota duriin kan walqabatedeha jedhama.

Irreechi malkaa kan adeemsifamu, wayita jiini gannaa darbuuf jedhu baatii Fulbaanaa gara walakkaa keessattidha. Jiini Fulbaanaa jalqaba Waytii Birraa waan ta’eef haalli qilleensa gannaa jijjiirama itti agarsiisu eegaluudha. Kunis lafti xuuxxataafi sochiif mijataa, qilleensi duumessiifi huurri ture ifaafi ho’a aduu birraatiin bakka bu’aa deema.

Dacheen daraaraa biqilootaatiin uwwifamtee bareeduu eegalti. Kanaaf, guyyaan irreechaa kun “Ayyaana Birraa” jedhamee beekama. Guyyaan Irreechaa kun bakkawwan tokko tokkotti guyyaa “Xaddacha saaquus” ni jedhama. Kunis oggaa dukkanniifi bacaqii gannaa darbee walarguun itti danda’ame jedhamee amanama.

Kanuma irraan kan ka’e Irreechi guyyaa galata Waaqaati jedhama. Galateeffannaa kanarratti namoonni hundi akkuma umuriisaaniitti uffata aadaa uffatanii, dargaggoonni bareedanii, hawwanis, wandaboo kuula bareedaan hojjetameefi calleen faayame uffatanii coqorsa jiidhaa, keelloo, adaa, daraaraa qabatanii malkaatti walga'anii Waaqa galateeffatu.

Abbootiin Gadaa, kallacha, bokkuu, marga, alangaa, ulee aangoo Gadaa ibsu qabatanii dura bu’anii tooraan seeraafi hayyataan sochii gara malkaattii ta’u sana geggeessu. Haalli uffannaa namoota hundaa bifa kabaja Waaqaa ibsuun ta’a. Hawwanis ta’e shamarran mogolee gaditti uffata dheeraa uffatu. Kunis “Yaa Waaqi nu hinsoqolin, gaaddidduu kee nu hindhowwatin “ jechuudha jedhama.

Malkaan Irreechi akka Oromiyaatti bal’inaan itti kabajamu Magaalaa Bishooftuu, bakka Hora Harsadii jedhamutti. Horri Harsadiis horawwan magaalaattii marsanii jiran keessaa Malkaa Irreechaa beekamaafi bara dheeraan duraa kaasee itti Irreeffatamaa tureefi ammas itti Irreeffatamaa jiruudha.

Oromoon golee Oromiyaa jiru hunduma irraa guyyaa Irreechaa kanatti seera guutee uffatee jiidha qabachuun Waaqa galateeffanna, ni kadhanna, uumamaan uumaa, waaqa raajeffanna! jechuun Hora Harsadii, Bishooftuutti argamu deemee galata galchata.

Baay'inni ummata Oromoo waggaa waggaan achitti Irreeffatuu dabalaa deema. Ummatni miliyoonaan lakkaa'amu naamusaan marga qabatee malkaa Irreechaa sana ga’ee, bishaan cuuphee mormasaa tuqsiisee umrii naa kenni, addatti buufatee na milkoomsi yaa waaqi galata kee jedha. Oromoon haala kanaan waaqasaa galateeffatee manasaatti oggaa deebi’u akaakuuwwan nyaataa adda addaa qopheeffatee, ollaasaatiin baga ittiin si ga’e jedhee waliin nyaatee dhuga jedha feesbuukiin “Traditional Oromo Religion” jedhamu.

Natsaannat Taadasaatiin



Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000619856
Har'a/TodayHar'a/Today3428
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday2978
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week25372
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month66587
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days619856

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.