Gombisa Fardaa Featured

24 Nov 2017

Gombisni fardaa tapha fardaa ummata Oromoo biratti beekamu ta'ee yoom, eessatti, eenyuun akka eegale kana jedhanii ibsuun rakkisaadha. Akka waliigalaatti garuu durii kaasee jiraachuufi waraana irrattis Oromoonni fardaan deemanii akka lolaa turan ibsama.

Oromoonni gombisa fardaatiif iddoo olaanaa kennuudhaan mi'a fardaa miidhagaatti fayyadamanii dargaggoonniifi ga'eessonni waldorgommii irratti hirmaatu. Waldorgommicharratti kanneen ari'an uleedhaan waraanu; kanneen baqatan immoo gaachanaan qolatu.

Maanguddoonni ni tasgabeessu ykn seera eegsisu; warri ulee guuran immoo jala kaatanii ulee kufe funaananii garee isaaniif kennu. Daaw'attoonni irraa siqanii dhaabbachuun garee deggaraniif hamilee kennuun bashannanu, kolfu.

Gombisni fardaa osoo hineegalamiin qophiin gama adda addaatiin taasifamu jira. Kunis, sirbaan hamilee kakaasuun, mana keessa nyaataafi dhugaatii qopheessuu, meeshalee gugsiif tajaajilan qixeeffachuufi farda shaakalsiisuun gochoota qophiif godhaman keessaa isaan muraasa. Yeroo taphni ga'es akkaataa itti raawwatu, maal akka jedhan, maal itti akka gargaaraman ni qaba, xumurarrattis haala ittiin adda bahan qaba.

Gombisa fardaa keessatti afoolli addaddaa hojiirra oola. Afoolli Oromoo baay'ee bal'aa akka ta'e beektonni gara garaa ni eeru. Kunneenis akaakuuwwan guguddoo saditti akka qoodaman ibsu. Isaanis seeneffama afoolaa ('oral literature'), walaloo afoolaa ('oral poetry')fi qareeyyii ('witticism') jechuun ibseera.

Akaakuuwwan kanneen keessaa kan gombisa fardaa waliin hidhata qabu walaloo afoolaati. Afoolicha jalatti kan hammataman sirbaafi eebbi ga'ee akka qaban ifatti mul'ata.

Gombisni fardaa meeshaalee aadaa gara garaa fayyadamuun taphatama. Kanneen keessaa gaachana, alangee, mi'a fardaa, ulee, kal'ee /luffisa/, daabeefi kkf akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda'ama.

Abbaan fardaa yeroo farda yaabbatu kan qabatu alangee, gaachana, ulee, yeroo barbaachisutti luffisaa gogaa qeerransa ykn leencaa jirbii gara garaa irraa tolfame gateettiirra keewwata.

Uleen darbannaa yeroo farda gulufan nama dursee dheessu ittiin waraanuuf ykn namni gaachana hinqabne ittiin ofirraa qoluuf kan gargaaruudha. Akkasumas daabeen kan qolee mataatti kaawwatamu bareedina mul'isuufi balaa mataa namaa irraa ittisuuf gargaara.

Fardi Oromoo biratti qabeenya jaalatamaadha. Fardi ummata Oromoo irraa adda bahee waan hinbeekneef, yeroo hunda fardaan dhimma baha. Fkn cidha, gadda, waraana, imalawwan gara garaarratti fardaan tajaajilama waan ta'eef Oromoof fardi qabeenya guddaadha. Akka harka mirgaattillee ilaalama.

Gombisi fardaa araddaa ykn dirreeirratti taphatama. Araddaan Oromoo biratti bu'aa hedduu qaba. Kunis araddaatti bahanii Waaqa kadhatu, nama araarsu seera tumu, yaa'ii taa'u, farda gulufsiisu. Kanaaf dirre ykn araddaan aadaa Oromoo waliin hariiroo cimaa qaba.

Gombisni fardaa bakkawwan addaddaatti yeroowwan gara garaa kan gaggeeffamu yoo ta'u, keessumaa baatii Fulbaanaatii kaasee hanga Eblaa bal'inaan raawwatama. Baatiiwwan kanneen keessa ayyaanoonni kanneen akka masqalaa, qilleefi cuuphaa waan kabajamaniif gombisni fardaa bal'inaan adeemsifama.

Farda gombisni itti taphatamu mi'awwan addaddaatiin faayuun Oromoo biratti beekamaadha. Mi'a fardaa jedhamanii kanneen beekaman kooraa, gilaasha, uddeellaa, qomoo, fuuloo, birmaduufi gaam'aan kan yeroo hunda ittiin yaabbataniidha.

Kooraa: Gogaa re'eefi lonii, mukaafi sibiilarraa tolfama. Tolfamnisaa dugda fardaa akka hammatee qabuufi madaala namaa eegutti ejjennoo miilaa bitaafi mirgaa, faanaafi gara jalee waliin tolfamee mi'oota biroo waliin tajaalila kenna.

Gilaasha: Wayyaa furdisanii hodhuun fuulduraafi duubatti qaawwa itti godhanii, dursaa kooraatti akka seenutti hojjatama. Gilaashi miidhaginaaf oolu baladii kan jedhamu gubbaa irra oolee ittiin yaabbatama.

Uddeellaa: Gogaarraa tolfama, kunis gara duuba kooraa waan ooluuf uddeellaa jedhamee moggaafame. Kooraarratti irkoo duubaa bitaafi mirgaan kan qabsiifamu ta'ee eegee fardaa jala oolee hidhama. Kunis fardi yeroo irraa gadee deemu nammi yaabbatu gara morma fardaa irraan akka hinbuune qabee dhoowwuuf gargaara.

Qomoo: Gogaarraa tolfama. Dursaa kooraa isa fuulduraatti kaawwamee morma fardaa bitaafi mirgaan gateettiisaarra oolee laphee irratti iddoo tokkotti dhufuun luka fuulduraa lamaan jidduu bahee garaa fardaa jalatti gara jaleedhaan waltti hidhama.

Laphee ykn qoma fardaarra waan ooluuf qomoo jedhame. Kun immoo kan tajaajilu fardi yeroo irraan olee gara tabbaatti deemu namni gara duubaatti lo'ee akka duubaan hinkufne gargaara.

Fuuloo: Gogaa irraa tolfama. Maqaa kana kan argateef fuula fardatti waan kaawwamuufi. Kunis addaafi maddii lamaan irraa gadi kan bu'u dhaabbataa sadii akkasumas, dalga maraa funyaaniifi addarratti lama qaba.

Hidhati harkisaaf oolu immoo morma jalatti hidhaama. Kunis dheerinnisaa meetira 1.5 ta'ee farda ofduuba harkisuufi yeroo tokko tokko fardi akka dheedu yoo barbaadame ittin sakaalu ykn ittiin hidhuuf gargaara.

Birmaduu: Sibiilaafi gogaa irraa tolfama. Maqaan kun kan kennameef afaan fardaa keessa galee waan hidhamuuf sodaa guula fardaa jalaa nama oolcha. Namni akkanatti yaabbate nan kufa jedhee hin yaadda'u.

Bilisummaa ykn birmaduutu itti dhaga'ama waan ta'eef maqichas argate. Kunis sibiila afaan fardaatti seenuufi teepha bitaafi mirgaan goree mataa fardaatti kaawwamu qaba. Zaabi kan jedhamu immoo morma fardaa bitaafi mirga goree harkaan kan qabatamuudha. Tajaajilli birmaduu farda garmalee fiigu akka hinguulle ittiin dhaabuufi yeroo barbaadame immoo utaalchisuufi saggarsisuuf gargaara.

Gaam'aa: Kunis gogaa beelladootaa rraa kan tolfamu ta'ee morma fardaarratti funyoo irratti waan kaa'amuuf gaam'aa jedhame. Tajaajillisaas bareedinaafi.

Akka waliigalaatti mi‘a fardaa kan jedhamu iddoo qaama fardaa irra ooluufi tajaajila kennuun waliin walqabatee moggaafamuusaa barreeffamni waraqaa qorannoo digrii lammaffaa guutuuf Taaddasaa Hoomaa, Yunvarsiitii Finfinneetti barreesse ni ibsa.

Wayita ammaa gombisi fardaa kun bakkeewwan hedduutti dagatamaa kan dhufe yoo ta'u, maqaawwan mi'a ykn faaya fardaa kunis haalaan qoratamee dhalootaaf darbaa hinjiru. Kanaaf kanneen dhimmi laallatu xiyyeeffannaadhaan irratti hojjechuu qabu.

Saamraawiit Girmaatiin

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000803763
Har'a/TodayHar'a/Today1832
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3718
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week6366
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month43303
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days803763

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.