Aadaawwan hawatoo hawaasa Afaar keessaa Featured

01 Dec 2017

Hawaasa Affaar

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa barana yeroo 12faf Sadaasa 29 bara 2010 naannoo Affaaritti kabajama. Waltajjiin kun bakka ummatni biyyattii aadaafi duudhaa isaanii itti beeksifataniifi walirraa itti qooddataniidha. Nutis kanuma sababeeffachuun aadaafi duudhaa hawaasa Affaar barruu 'Federeeshin Dimtsi” kan Fulbaana bara 2010 ba'erraa arganne akka armaan gadiitti gabaabsinee dhiyeessineera.

Ummatni Affaar aadaafi duudhaalee hariiroo hawaasummaasaa cimsan hedduu qaba. Isaan keessaa 'Daaguu, Ofehiinaa, Fe'iimaa, Oolaa, Alegiinaa, Mugaa'iinaa, Oni'oor, Firaanga'iinaa, Iibinaayitiinoo, Haraayiifi Idiboontaafi Yekura' kanneen akka fakkeenyaatti eeramaniidha.

1: Daaguun sirna odeeffannoo waljijjiiruu baroota dheeraa lakkoofsiseedha. Sirni odeeffannoo waljjijjiiru kun hariiroo hawaasa naannawaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Sirna kana keessatti namni tokko bakka tokkoo bakka biraatti yeroo socho'u nama arguuuf odeeffannoo osoo hindabarsin hindarbu.

Namni bakka tokkoo bakka biraatti socho'u wantoota bakka inni ka'ee kaasee daandii irratti isa quunname, wanta dhagaheefi arge nama biraatiif ibsa. Sirna odeeffannoo waljijjiiraa kanaan waanti bakka tokkotti ta'e dafee hawaasa hunda bira gaha jechuudha.

Miseensi hawaasa Affaar tokko gammoojjii keessa bakkaa bakkatti wayita socho'u hangam yoo beela'eefi dheebotellee waan nyaatuufi dhugamu gaafachuudhaan dura dursee odeeffannoo waljijjiira. Sirrummaan odeeffannoo kanaa eenyuun birattiiyyuu shakkii hinqabu.

Sirna odeeffannoo waljijiiruu kana keessatti eenyuyyuu waan wal hinsobneef odeeffannochi dhugaafi amanamaadha. Sirni odeeffannoo waljijjiiruu kun naannichatti hambaa kiliyyaa (hinqabatamne) keessaa akka isa tokkootti eerama.

Sirni daaguu haawaasa naannichaa bira darbee yeroodhaa gara yerootti beekamtummaafi fudhatamummaa argachaa dhufuusaarraa kan ka'e dhalattoota Affaar kan hintaane birattis hojiirra oolaa jira. Sirni kun hariiroo hawaasichaa cimsuufi walitti dhiyeessuurra darbee hojiileen hawaasummaa si'ataafi bu'aqabeessa akka ta'an taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Hawaasaafi jiraataa Affaar biratti dhimmootni biyyoolessaa, ardii, biyyaalessaa, naannoofi naannawaa sirna odeeffannoo waljijjiiruu kanaan darbu. Yeroo namni tokko odeeffannoo dabarsu kan dhaggeeffatu sirriitti hordofaa jiraachuusaa jechaafi morma sosochoosuudhaan ibsuun kan baratameedha.

Namni odeeffannoon darbeef tokko kan odeeffannoo irraa argaterraa erga adda bahee booda odeeffannoo argate dabareesaa nama biraatiif dabarsa. Haala kanaan odeeffannoon nama dhuunfaa maatii, hawaasa, gosaafi biyya bira ga'a. Sirni odeeffannoo kun rakkoo 'Neetwork', soba irraa bilisa waan ta'eef hawaasicha hunda biratti amanamummaafi fudhatama qaba.

Odeeffannoo dabarsuufi fudhachuun hawaasa Affaar biratti dirqamaafi ittigaafatamummaadhaan waan raawwatamuuf hawaasa mara biratti fudhatamummaan isaa olaanaadha.

2: Ofehiinaa: Sirni aadaa kun haala itti gosaan tokko gosaa biraa waliin hariiroo gaarii uumuufi haala nageenyaa cimsuudha. Sirna kana keessatti gosti tokko gosa biraa waliin hariiroo erga uumee booda walitti bu'iinsi haala kamiiniyyuu akka hinuumamneef of eeggannoo olaanaa taasisa.

'Ofehiinaa' jechuun haala nageenyaa uumuufi nagaadhaan walii wajjin jiraachuudhaaf waliigaltee irra gahuu jechuudha. Akka tasaa walitti bu'iinsi yoo uumamellee karaa nagaatiin akka furamu sirna taasisuudha. Sirni aadaa kun hariiroo hawaasichaa cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabuufi gosoota gidduutti hariiroon ykn walitti dhufeenyi gaariin akka uumamu kan taasisuudha.

3: Fe'iimaa: Affaaritti gurmaa'inni koorniyaafi umurii bu'uureffachuun taasifamu 'Fe'iimaa' jedhama. Jiraattonni naannawawwan adda addaatti argaman gurmaa'ina oiisaanii kan qaban yoo ta'u, gurmaa'inni dargaggootaa, dubartootaa, ga'eessotaa haala kanaan hundaa'e hojiilee naannawasaaniitti raawwataman qindeessuu ykn mijeessuu keessatti gahee olaanaa taphatu.

Tokko tokkoon gurmaa'ina hundaa'ee geggeessaa miseensota gurmaa'inaatiin filatame tokko tokko qaba. Hawaasa keessatti gaheen gurmaa'ina dargaggootaa seeraafi sirna kabachiisuudha. Tokko tokkoon geggeessitoota gurmaa'ina adda addaas miseensota isaanii gorsuu, yoo balleessan adabuuf itti gaafatamummaa kan qaban yoo ta'u, hawaasnis waliisaanii akka gargaaran taasisuun gahee irraa eegamuudha.

Geggeessituun gurmaa'ina dubartootaa keessatti filatamte walitti dhufeenyi gaariin tokko tokkoon miseensotaa gidduutti akka cimuuf hojjetti. Keessumaa yeroo gammachuufi gaddaatti hojii qindeessummaa raawwachuun ittigaafatamummaa ishee bahatti.

Yoo akka tasaa walitti bu'iinsi uumame karaa nagaatiin akka furamu gochuudhaan gahee isheerraa eegamu bahatti. Umuriin gurmaa'ina dargaggootaa dabalaa wayita deemu gara gurmaa'ina ga'eessotaatti cehu.

4. Oolaan: Sirna aadaa Affaar keessaa tokko yoo ta'u, kunis sadarkaa nama dhuunfaa gidduutti hariiroon hawaasummaa akka cimu kan taasisuudha. Sirni kun michummaa gadi fagoon akka jiraatu kan taasisuudha. Michummaan haala kanaan uumamu itti yaadamee ykn akka tasaa uumamuu danda'a.

Sirna kana keessatti namni tokko kan biraa waliin akka tasaa walargee ykn inni tokko isa biraa waliin michummaa barbaaduun michummaa namoota filataman gidduutti uumamuudha. Namootni lama michummaa uummachuu erga barbaadanii booda michummaa isaanii kana ifatti beeksisuuf namoota bebbeekamoofi maanguddootni bakka argamanitti sirna aadaatiin michummaa isaanii uummatu.

Michummaan haala kanaan uumamu kan ittifufu ta'uu isaatiin walqabatee namoota michuu waliif ta'anirra darbee maatii isaanii gidduutti walitti dhufeenya gaarii uuma. Sirni aadaa kun hawaasicha hunda biratti fudhatamummaa waan qabuuf walitti hidhamiinsa firummaatii gadi miti.

5. Alegiinaa: Sirni aadaa kun firummaa ykn michummaa yeroo gaa'ilaafi sababa gaa'ilaatiin uumamuudha. Sirna kana keessatti miinjonni gahee olaanaa qabu. Yeroo gaa'ilaatti michummaa misirootaafi miinjota gidduu jiru cimee akka ittifufu gochuufi walitti dhufeenyi gaariin misirroota lamaan gidduu cimee akka ittifufu taasisu.

Abbaa warraafi haadha warraa gidduutti waldhabdeen yoo uumame rakkoo walitti bu'iinsaa uumame karaa nagaatiin furuudhaan bultiin akka hindiigamne taasisuuf xiyyeeffannaadhaan hojjetu.

6:Alegiinaa: Sirna kana keessatti abbaan warraafi haati warraa mucaa erga godhatanii booda sirna moggaasa maqaarratti raawwatamuudha. Hawaasa Afaar biratti ijoolleen yeroo dhalatan adeemsi moggaasni maqaa ittiin raawwatamu maqaa maatiifi firoota irra darbee maqaa michoonni ittiin waamamuun moggaafama. Maqaan mucaa tokkoo haadhaan ykn abbaadhaan yoroo moggaafamu maqaa firaa ykn michuu tokkootiin moggaafama.

Maqaan namicha muchaan kun ittiin moggaafamee naannawaa hinjiru yoo ta'e odeeffannoon kun dafee bakka inni jirutti akka isa qaqqabu ni taasifama. Namni mucaan maqaa isaatiin moggaafame kun kabajaafi jaalala maatii mucaatiif qabu akka dabalu taasisa. Sirni moggaasa maqaa kun maatii lamaan gidduurra darbee hawaasa keessattillee walitti dhufeenya gaarii uuma.

7. Oni'oor: Sirna kana keessatti mucaan yeroo dhaltu hawwii gaarii maatiin mucichaaf qaban ykn mucichi yeroo guddatu maal akka isaaniif ta'uu barbaadu sirna ittiin ibsaniidha. Sirna kana keessatti firoota haadha mucaa keessaa tokko filatamee mucichaaf yeroo jalqabaatiif bishaan, tamirii, aannan ykn wanta nyaatamu biraa akka dhandhamu taasisa. Sirni kun nama yeroo jalqabaaf mucicha waan nyaatamu ykn dhugamu kenneefi maatii mucaa gidduutti walitti dhufeenyi cimaan akka uumamu taasisa.

8. Firaanga'iinaa: Sirna aadaa kana keessatti jireenya maatii gidduutti ijoolleen maatii tokkoo kana maatii biraa waliin firummaan akka uumamu taasisuudhaan hariiroo maatii lameenii akka cimu kan taasisuudha.

Sirna kana keessatti maatiin tokko muchaa dhiiraa tokko yoo dhalche yeroo mucaan dhalate ji'a afur guutu, yoo durba taate ammoo ji'a sadii yeroo guuttu maatii biraa waliin keessumaa ijoollee maatii fira taasifachuu barbaadanii waliin michummaa sirna ittiin uummataniidha.

Sirna kana keessatti “Mucaa koo michuu mucaa keessaniiti” jechuudhaan mucaasaa gateettii ykn harka nama mucaasaa barbaaduu irra kaa'a. Haala kanaan maatii ijoollota lamaanii gidduuttis firummaan ykn walitti dhufeenyi gaariin ni uumama. Sirna kana keessatti hariiroon ijoollee lameen gidduutti uumame yeroo guddatanis cimee akka ittifufu kan taasisuufi maatii maatii ijjoollotaa lamaan gidduutti hariiroo cimaan akka uumamu taasisuu keessattis gahee olaanaa qaba.

9. Iibinaayitiinoo: Sirni aadaa kun haala keessummaa simannaa hawaasa Affaar kan ittiin ibsamuudha. Haala kanaan namni tokko mana isaatii bahee bakka fagoo yeroo deemu beelaafi dheebuuf jedhee galaa baadhatee hindeemu.

Yoo beela'e ykn dheebote manuma arge tokkotti goree boqotee nyaatee dhuguu danda'a. Bakka deemu hundumatti akka keessummaatti simatama. Haala kanaan keessummaan kun maatii isa simatan waliin firummaa uummata. Firummaan haala kanaan guyyaa tokkotti uumamu kun ittifufiinsa qabaata.

10. Haraay: Kun sirna aadaa walgargaarsaafi waldeggarsa hawaasa Affaar kan ibsuudha. Sirna kana keessatti hawaasni Affaar yeroo gaddaattis ta'e gammachuutti walgargaaruufi waldeggaruun hariiroo hawaasummaasaa cimsata.

Sirna aadaa kana keessatti yeroo gaddaafi gammachuu walbira dhaabbachuurra darbee namni gaa'ila dhaabbachuuf humna hinqabne bultii akka dhaabbatu hanga taasisuutti deggersi taasifamaaf. Namni kun gaa'ila akka dhaabbatu qofa osoo hintaane gara fuulduraattis mataasaa danda'ee akka ofiifi maatii isaa jiraachisuufis gaala, re'eefi hoolaa walitti buusanii kennuuf.

11. Idiboontaa: Sirna aadaa kana keessatti namni keessumaa balaa namtolcheetiin miidhame dandamachiisuuf hawaasni hirmaannaa olaanaa taasisa. Sirni kun yeroo rakko keessatti nama rakkoon irra gahe dafanii qaqqabuun akka dandammatu kan taasisuudha.

12. Yekura: Sirna kana keessatti maatii namni jalaa du'e jajjabeessuufi gaddasaa irraanfachiisuuf sirna raawwatamuudha. Mana maatii namni jalaa du'ee beellada qabatanii dhaqanii jajjabeessu. Sirna aadaa kana keessatii dubartoonni naannawaa dubartiin tokko yeroo heerumtu aannan, dhadhaafi wantoota nyaataman adda addaa qabatanii ishee cina jiraachuu isaanii kan ittiin mul'isaniidha. Sirni aadaa kun akka jireenya hawaasummaafi dirqamaatti waan ilaalamuuf sirna walgargaarsaafi waldeggersaa olaanaadha. Namni sirna walgargaarsaafi waldeggeraa kana keessatti duubatti harkifate hawaasichaan ni balaaleffatama.

Walumaagalatti aadaa babbareedaafi miidhagaan hawaasa Affar biratti baroota dheeraa lakoofsiseefi hawaasicha gidduutti hariiroo hawaasummaa cimaa uumuun beekaman kunneen gara fuulduraattis eegamanii kunuunfamanii dhalootaa dhalootatti akka darbaniif hunduu gahee irra eegamu bahachuu qabu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000803762
Har'a/TodayHar'a/Today1831
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3718
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week6365
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month43302
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days803762

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.