Jaarsummaa aadaa Oromoofi ummatoota Benishaangul Gumuz Featured

12 Jan 2018

Ummatoota lammeen biratti jaarsummaan aadaa bakka olaanaa qaba

Itoophiyaan biyya saboonniifi sablammoonni 76 keessatti argamaniifi naannolee sagal qabdu yoo taatu, daangaa bulchiinsaa sababa godhachuun naannolee gidduutti walitti bu’insi takka takka ni oggaa uumamu mul'a.

Kun ta’us walitti bu’insa uumameen balaa hamaan osoo hinqaqqabiin mala aadaatiin dhimmicha gadi fageenyaan ilaalanii karaa salphaa ta’een furuuf yeroo kan fudhatu ta’ee argamee hinbeeku.

Sababnisaas saboonni waldaangessan hedduunsaanii gaa’elaan, afaaniin, aadaadhaan waan walmakanii jiraniif rakkoo uumame jaalalaan hiikuun alatti filannoon biraa hinjiru. Darbees sosochii hawaas dinagdee saboota gidduutti uumamu kanarraa hunduu fayyadamaa waan ta’eef waldhabdeen uumame dafee akka dhaabatuuf shoorri jaarsolii biyyaa guddaadha.

Jaarsi biyyaa akka Oromiyaattis ta’e akka Beenishaangul Gumuzitti kabaja waan qabuuf murtee jaarsi biyyaa dabarse hojiirra oola. Haaluma kanaan Oromoofi ummatoonni Benishaangul Gumuz kallattii lixaatiin kan waldaangessan yoo ta’u, sosochii hawaasummaatiin kan walitti hidhamaniidha.

Keessumaa odeeffannoon kitaaba, “Ethinography of Ethiopia” jedhamurraa arganne, dur Oromoonni jirbii gabaa Benishaangul Gumuziif yoo dhiyeessan warreen Benishaangul Gumuz ammoo warqee dhiyeessuun soosochii hawaas dinagdee isaaniirratti walutubuun as gahaniiru.

Yeroo tokko tokko dhimmuma faaydaa daldalarraa argamu kana wajjin walqabatee wayita walitti bu’insi mudatu jaarsi biyyaa naannolee lamaan keessaa babahan walitti dhufanii araarri akka bu’u gochaa turan, jirus.

Adeemsa kanaan sababa waldhabdeetiin dhiigni namaa akka hindhangalaane, lubbuun akka hinbaane, qaamni akka hin hir’anneef jaarsi jidduu galee mala furmaataa kenna, araaras buusa.

Araara barbaadame buusuufi walitti dhufeenya naannoolee lamaanii mijataa taasisuuf jaarsoliin naannoolerraa filataman kunneen sangaa qalmaa biftisaa adii lama qopheessu.

Sangoonni qalmaaf dhiyaatan kunneen bifti isaanii adii kan ta’eef ilaalcha qulqullummaa, muudaa hinqabneefi mallattoo dhiifamaafi nagaa buusuuti jedhamee waan yaadamuufi.

Sangoonni qophaa'an lamaan keessaa tokko Oromiyaarraa inni biraammoo Benishaangul Gumuziin kan dhiyaatu yoo ta’u, daangaa bulchiinsaa naannolee lamaanii irratti bakka ummatni walitti qabametti waleebbisanii qalmicha raawwatu.

Qalmi sangootaa namoota kabaja hawaasaa qaban naannolee lamaan keessaa filatamaniin erga raawwatee dhiiga sangoota kanneenii warabuun gabatee mijuutti walitti maku.

Walittimakamuun dhiiga kanaa ergaa, “Saboonni lamaan dhiigaan tokko. Kana booda waldhabdeen isaan gidduutti hinuumamu” jedhu of keessaa qaba.

Dhiigaan tokko ta’anii gargar bahuun, ija hamaadhaan walilaaluun akka aadaa jaarsa biyyaatti dogoggora waan ta’eef jiruufi jireenya tasgabbii qabu akka gaggeessaniif kan aggaamameedha.

Eddii qalmichi raawwatamee dhiignis walitti makamee booda foon affeelanii gabatee tokkotti dhiyeessanii wajummaan nyaachuun waleebbisanii araara buusanii galu.

Guyyaa araarri bu’erraa kaasee gadoo qabachuun hindandahamu. Waliif yaaduu, waliin nyaachuu, waliin dhuguu, gaddaafi gammachuu waliin hirmaachuun ittifufa.

Gochi aadaa akkasii barootaaf hojiirra oolaa kan ture yoo ta’u, guddina saayinsiifi teknolojii waliin walqabatee ilaalchi dur ture bakka dhabaa jira.

Dhaloonni haaraan biyyittiif abdii boruu ta’anis jaalalaafi nageenya naannolee lamaan gidduu jiru kana itti fufsiisuuf aadaa abbootii keenyaa dhaaluu qabu.

Waasihuun Takleetiin



Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000858147
Har'a/TodayHar'a/Today498
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday863
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week1519
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month19927
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days858147

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.