Gadaa Odaa Hullee haara'e Featured

03 Feb 2018
Odaan Hullee haara'ee hojiitti deebi'e Odaan Hullee haara'ee hojiitti deebi'e (Suurri BDhKMNO)

Seenaa boonsaa ummanni Oromoo qabu kan seeneffatamu qofa utuu hinta’in sirna jireenya ummatichaa keessatti deebi’ee ijaaramuufi tajaailuu qabu keessaa tokko sirna ittiin bulmaataa Oromoo isa ganamaa Gadaadha. Gadaan kan Oromoon bara kuma jahaa ol ijaaree, tikseefi dagaagsee hawaasa haqa dhala namaa kabaju ta’uun ittiin jiraataa tureedha.
Gadaan sirna namni hundinuu dhiibbaafi loogii tokko malee dirqama isaa ittiin bahachuun mirga isaa ittiin eegsifatee bilisummaan jalatti bulaa tureedha. Gadaan sirna Oromummaa tikseefi gadi dhaabeedha. Kana malees sirnichi, sirna boonsaa kan dhalli Oromoo qofaatti ittiin of kunuunsu qofa utuu hinta’in kan alaa itti dhufellee alagummaan utuu hindhiibamin Oromummaa moggaafatee mirga guutuu itti argataa tureedha. Walumaagalatti Gadaan wiirtuu Oromummaafi bilisummaa ilma namaa ture.
Kana qofas miti Gadaan tokkummaa sabaa dhugoomsuun irreefi gaachana Oromoo ture. Gadaa jalatti hunduu haqaafi dirqama wal qixxee qabaataa kan ture yoo ta'u,  biyya isaa irrattis abbummaan isaa kan wal hincaalle ture. Aangoos ta’ee qabeenyaan wal caalanii saba gidduutti gita uumuufi duraa duuba dhaabbachuun iddoo horatee hinbeeku. Hundinuu biyyaa isaaf waan quuqamuuf guyyaa gammachuu qofa utuu hin ta’in, guyyaa hamaan uumamus wajjin murteeffatee, wajjin itti bobba’ee daangaa isaa kabachiifata.
Hunda caalaa Gadaan irree Oromoo cimaadha ture. Kanaaf lafinniifi badiinsi sirna Gadaa diigamuufi kufaatii Oromootiif keeyyata jalaqabaa ture yoo jenne dogoggora miti. Weeraraafi bittaa alagaa jaarraa tokkoofi walakkaatiin booda qabsoofi wareegama dachaa hedduun akka hawwiitti arifachuu baatus dhugaan Oromoo mul'achaa jira. Lammiin bara dheeraafi walirraa fagaateefi fageeffamee ture walitti deebi’uufi wal hawwachuun akkasumas aadaafi seera isaa awwalaman deebisee ol kaasuufi kunuunsuu jalqabuun isaa bu’aa qabsoo wareegama hadhaahaa keessaa isa guddaafi calaqqisaa tokkoodha. Kana keessa akka fakkii guddaatti kan mul'atu kabajamuu sirna Gadaati.
Sirna Gadaa Oromoo kanneen dursanii badan keessaa tokko Gadaa Odaa Hulleeti. Gadaan kun kan akaakilee ilmaan Macaa garee warra Sadachaatiin kan ijaarame yoo ta’u, innis quxisuu Gadaa Odaa Bissil seena qabeessa kan tumaan Makoo Bilii itti tumameeti. Gadaan Odaa Hullee Oromoota Lixa Kibbaa Oromiyaa jiraatan kanneen jalqaba jaarraa kudha saglaffaarraa jalqabee bulchiinsa mootota Shanan Gibee (Jimma, Goomma, Geeraa, Limmuufi Guumaa) jalatti bulaa turaniidha. Sirni Gadaa kun erga badee har’a jaarraa sadaffaa keessa jira.
“Iji badus iddoon ijaa hin badu” akkuma jedhamu, sirni Gadaa kun hafuun isaa jaarraa lamaa ol ta’uyyuu Odaan Hullee garuu har’as lafuma sana jira. Innis godina Jimmaa aanaa Oomoo Naaddaatti argama. Bara sirni Gadaa si’a Odaan Hullee wiirtuu tumaa seeraafi bulchiinsaa turetti Oromoonni Gadaa kana jalatti seera tumataa turan kutaalee bulchiinsaa torbatti qoodamuun seera kabachiifataafi raawwachiifataa akka turan beektonni ni mirkaneessu. Torban kutaa bulchiinsaa kunis Tumaa Amdoo, Odaa Tinjii, Odaa Liiban, Caffee Seenqee, Tumaa Gophaa, Tumaa Maayiifi Odaa Diimaa jechuun beekamu.
Godina Jimmaatti ardaalee jilaa Shanan Gibee jedhamuun beekaman ammoo:
* Odaa Hullee, aanaa Oomoo Naaddaa keessa,
* Odaa Hamdoo, aanaa Noonnoo Beenjaa keessa,
* Odaa Tunjoo, aanaa Limmuu Saqqaa keessa,
* Tumaa Seenqaa, aanaa Gommaa keessa,
* Tumaa Maayii, aanaa Geeraa keessa,
* Tumaa Goophaa, aanaa Saxxammaa keessa,
* Caffee Dooqee, aanaa Cooraa Botor keessa,
Odaa Diimaa, aanaa Oomoo Naaddaa keessa,
Odaa Baaqil, magaalaa Jimmaa keessatti argama.
Akka hayyootiin seenaa ibsanitti, kutaan kun kan qabeenya uumamaatiin heddu milkaa'e, kan hojiin qonnaafi ogummaan harkaa itti dagaageefi sirni daldalaa sadarkaa guddaa irra itti gahe ta’uun isaa dagaagina gita hawaasaafi kuufama dilbii (development of social classes and accumulation of capital) uumuun sirna haqaafi dimokraasii sana irratti dhiibbaa hamaa akka geessiseefi badiinsaaf akka saaxile hubanna. Jijjiiramni sana booda uumame gama dinagdeefi hawaasummaatiin milkii guddaa argamsiisuun isaa dhugaa ta’uyyuu, dhiibbaan inni gara adda addaatiin uumes akka jiru ifaadha. Sana faana hacuuccaan gita bittaa alagaatiin raawwatamaa ture, jijjiiramni amantaa ummatichaafi itti makamni sabaafi sablammoota gara garaa gama hundaan dhiibbaa uumuun sabboonummaa hawaasa kanaa irratti qormaata cimaa ta’aa dhufe.
Odaan Hullee, Odaalee Oromoon jalatti seera tumataa ture keessaa isa tokko. Gadaa bara dheeraaf addaan cite kana qorannaafi qophii hedduun booda haala haaraan iddoo isaatti deebisuuf hojiin bal'aan hojjetameera. Dhimma kanaafis koreen dhaabbatee abbootii gadaa, hayyootaafi ummata waliin hojii bal'aa erga hojjeteen booda tibbana Odaan seena qabeessi kun haara'ee hojiisaa addaan citee ture itti fufsiiseera.
Yeroo seenaa Oromoo keessatti heddu murteessaa ta’e kanatti sirni jaarraa lamaa ol badeefi dagatamee ture ifatti bahuun isaa hiikaa guddaa qaba. Qaawwa heddu duuchaa caba heddullee supha. Akka wiirtuu Oromummaa isaatti gurmuu Oromoo cimsee yaadaafi tarkaanfii ummatichaa walfaana taasisa. Gaaddisni Odaa Hullees kan jalatti tokkummaafi sabboonummaan Oromoo itti cimu akkasumas kan waadaan mirgaaf dhaabbachuu itti haaromu ta’uu himu abbootiin gadaafi hayyoonni akka odeeffannoon toora marsariitii www.ayyaantuu.org irraa arganne ibsutti.
Deebi'uu Odaa Hullee ilaalchisuun tibbana waltajjiin marii magaalaa Jimmaa, Galma Yuunvarsiitii Jimmaa Damee Qonnaatti taa’ameera. Sirnicharrattis abbootin Gaadaa Maccaafi Tuulamaa akkasumas keessummoonniifi hoggantoonni olaanoon kan argaman yoo ta'u,  fayidaa qorannoon sirna gadaa qabuufi seenaan sirni Gadaa Jimmaa ture dhiyaatee mariin irratti geggeeffameera.
Walumaagalatti, haaromuun Odaa Hullee kan seenaa warra Jimmaa qofa deebisuu osoo hintaane Oromoo hundaaf hiika olaanaa qabudha. Ummanni Oromoos Odaawwan Gadaa bakkaa bakkatti deebi'aa jiran kana kunuunsuun duudhaasaa ganamaa eegsisanii dhalootaaf dabarsuuf dirqama eenyummaa ba'achuu malu. Odaawwaan durii akkuma Odaa Hullee adeemsi sirna Gadaasaanii adda citee turees qaamoota dhimmichi ilaallatuun qoratamanii deebi'uu qabu jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001286921
Har'a/TodayHar'a/Today1779
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday4177
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week2410
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1286921

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.