Henna (dhaha yeroo) Booranaa

09 Feb 2018

Dhaha (Calendar) jechuun guyyoota baatii keessatti argaman jechuudha. Dhaha jechuun faana buutuu Gadaa Oromoo jechuudha. Dhaha kanas lakkaa'uun kan danda'amu akkaataa jiini, addeessi, urjiiniifi bakkalchi itti bahuufi lixu irratti hundaa'a. Karaa gara biraa dhaha lakkaa'uuf, bahuu, lixuu (seenuu), guddina ji'aa ilaaluun, bakka teessumaafi mul'ina urjiilee, akkasumas, jijjiirama bakka teessuma isaaniifi bakka teessuma bakkalchaa hordofuun isaan beekamoodha.
Dhaha lakkaa'uun kan eegalu guyyaa urjiin jaha (jahii) samii irratti bakka tokkotti walitti qabamanii mul'atan irraa eegaleeti. Guyyaan tokko sa'aatii inni fudhatu, guyyootiin meeqa tartiibaan deemanii akka ji'a ta'an, ji'oonni immoo walitti ida'amanii waggaa akka ta'aniifi waggaa tokko keessa guyyoonni meeqa akka jiran dhaha keessatti ibsama.
Akka dhaha Oromootti, waggaan tokko baatiiwwan kudha lama qaba. Kanas kan ittiin beekuun danda'amu haala baatiiwwan uumama wajjin socho'an hordofaniiti. Kun qarooma Oromoon durii jalqabee qabu keessaa isa tokkoodha.Guyyoonni ji'a keessa jiran hundumtuu maqaafi hiika mataa isaanii qabu jedhama.
Dhaha kana Oromoonni godinaalee addaddaa haala ittiin moggafatan ni qabu; kana jechuun garuu hundeensaanii walirraa fagoodha jechuu miti. Warri Booranaa dhaha 'Henna' jechuun waamu. Henni Oromoo Booranaa kan aadaafi haala jiruuf jireenya uummata Booranaa waliin walitti hidhama cimaa qabufi sirna gadaatiif illee utubaa ta'usaa, qorattoonni seenaa ni dubbatu.
Kaalaandarri Oromoo guyyaafi ji'a lakkaa'uun alatti seenaa uumamaafi wal duraa duuba uumama Waaqaa of keessatti akka qabatudha Qorataan Seenaafi Aadaa Oromoo Obbo Jaatanii Diidaa BBC Afaan Oromootiif kan ibsan.
Henni Booranaa waa'ee roobaafi bultii waggaa beekuu waan dandeessisuuf "Henni Booranaa kaalaandara guyyaa qofa osoo hintaane diizaayinii uumamaati" jedhu. Haalli lakkaawwii isaas akka kalaandaroota biroo dhaloota Kiristoos yookin Hijiraa ka'umsa kan godhate osoo hintaane, uumama Waaqaa bu'uura godhata. Henni Booranaa ayyaanawwan 27 irratti hundaa'a. Duraa duuba uumama Waaqaa keessattis Waaqni dursee ayyaanawwan 27 kana uume. Itti aansuunis baatii uume. Yeroo namni dhalatu ayyaanafi baatii itti dhalate ka'umsa godhachuun umriinsaa lakkaa'ama.
Dhimmoota henni Booranaa kalaandaroota biroo irraa adda itti ta'e keessaa tokko guyyaan dhimmi tokko itti ta'e yookiin uumame waggaa waggaan kan hinjijjiiramne ta'uu isaati. Henni Booranaa ji'oota 12 of keessatti kan qabatu yemmuu ta'u, Abraasaa, Amajjii, Guraandhala, Bitooteessa, Caamsaa, Buufaa, Waccabajjii, Oboraa Guddaa, Oboraa Xiqqaa, Birraa, Ciqqaafi Sadaasa jedhamu.
Sababni Booranni sadi yookin torbaan jilatuuf lafti ayyaanaafi baatiitti aansitee sadaffaa irratti uumamuusheetiini. Laftis ji'a Abraasaa keessa gaafa ayyaana Areerii uumamte. Ji'i Amajii immoo ho'a aduutiin beekama. Ji'a kana keessa ciminni ho'a aduu baay'ee nama yaaddessa. Boorannis "Amajii aduu yaadi" jedha.
Ji'oota henna Booranaa waggaa tokko keessa jiran 12 keessaa ji'ootni afur tokkon tokkonsaanii guyyoota 31 kan qaban yemmuu ta'u, ji'ootni saddeet immoo tokkon tokkonsaanii guyyoota 30 of keessatti qabatu. Jiini Caamsaa ayyaanawwan lama ayyaana Sorsaafi ayyaana Algaajima jedhaman of keessatti qabata. Sorsi guyyaa fardi itti uumame kan lafti itti sochooteefi Waaqni dhakaa lafaratti itti jigsee sochii lafaa itti dhoowwedha. Humni wanta tokko humna fardaatiin yookiin 'horse power" kan jedhamuun kan safaramus socho'uu lafaafi uumama fardaatiin walqabata.
Lafti sababa cubbuu dhala namaatiin ji'a Caamsaa keessa sochoote jedhama. Waaqnis lafa socho'uu erga dhowwee booda lafti waaqaaf abboomamte. Namnis lafaaf abboomamee lafatti irreeffatee lafatti dhibaafate. Yeroo kanas namni ulfaataan yookin kabajamaan qaalluun dhalate. Kun ji'a Buufaa keessatti ta'e.
Henna Booranaa keessatti jiini torbaffaan Waccabajjii jedhama. Jiini kun kan namni Waaqatti itti dhiyaateedha. Ji'a araaraa jedhamuunis beekama. Gadamoojjiin kallacha hidhatanii araara galanii Waaqa dhiifama gaafatan. Waaqnis waan cufa eebbise. Aadaanis ji'a kanarraa jalqaba jedhama. Guyyaan gumii Gaayyoo seera itti tumanfi kan aadaa itti himanis ji'uma kana keessa.
Akka Obbo Jaatanii Diidaa jedhanitti, jiini Birraa ji'a waaqni itti dallanedha. Sabanisaas dhalli namaa ji'oota Oboraa Guddaafi Oboraa Xiqqaa keessatti Waaqa mufachiise. Kanaafis wantootni nama miidhan kan akka bofa, jawwee, qoraattiifi kunneen biroo ji'a Birraa keessa uumaman jedhu. Kanaaf Waaqaafi nama gidduutti sodaan uumame.
"Namni araara hoolaa dide nama araara waaqaa dide" jedhama. Henna Booranaa keessatti jiini 12ffaafi inni dhumaa Sadaasni ji'a hoolaafi bunni itti uumamaniidha. Jiini kun ji'a waaqni araara namaaf itti dhufeedha. Kana malees ji'a kana keessa Waaqni dhibeef qoricha akkasumas seera bulmaataa kennee namarraa fagaate jedhama.
Eegaan henni Booranaa haala kanaan kan ibsamu yoo ta'u, kan naannawaalee biroorraa wantoota adda ittiin ta'u qaba. Haalli dhaha godinaalee biroos osoo qoratamee dhalootaaf darbee gaariidha. Kanarratti hayyoonniifi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa adda durummaadhaan hojjechuu qabu. Jaarsoolinis aadaafi duudhaan ummataa dhalootaaf akka darbuuf ga'eesaanii ba'achuu qabu.

Saamraawiit Girmaatiin 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000907841
Har'a/TodayHar'a/Today312
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1236
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week8633
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month30729
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days907841

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.