Agarsiisichi aadaa ammayyummaan hinfaalamne dhalootaaf dabarsuuf gargaara

09 Feb 2018

Aadaan ibsituu eenyummaa sabootaafi sablammootaa yoo ta’u, xiyyeeffannoo dhabuusaarraa kan ka’e laafaa, bifasaa gadhiisaafi ammayyummaan liqimfamaa jira. Gochaan kun ammoo dhaloota haaraa bor biyyattii dhaalan irratti miidhaa guddaa geessisa waan ta'eef agarsiisa garagaraa qopheessuun dadammaqsuun barbaachisaadha.
Dhimma kana ilaalchisuun Biiroon Aadaaf Tuurizmii Magaalaa Finfinnee tibbana sosochii garagraa taasisuun sabootniifi sablammiileen biyyattii magaalattii keessa jiraatan meeshaalee aadaa garagaraa agarsiisaafi gurgurtaaf akka dhiyeessan taasiseera.
Haaluma kanaan galma Egzibiishinii magaalaa Finfinneetti dhaabbileen garagraafi namootni dhuunfaa meehsaalee aadaafi kitaabota seenaa garagaraa agarsiisaafi gurgurtaaf kan dhiyeessan yoo ta’u, Giddugalli Aadaa Oromoos isa tokko ture.
Giddugalichi kuusaa meeshaalee aadaafi seenaa ilmaan Oromoo yoo ta’u, hojjettoonni mana hojichaas kitaabilee seenaafi meeshaalee aadaa garagaraa daawwattootaaf dhiyeessaniiru.
Shamarree Leensaa Tagany kitaabilee seenaa ibsan Oromoo garagaraa qabachuun gurgurtaafi agarsiisaaf kan dhiyeessite yoo ta’u, sochiin jalqabame kun aadaafi seenaa ofii baruuf akkasumas aadaan kitaaba dubbisuu akka gabbatuuf bu’uura kan buusu akka ta’e dubbatti.
Dhaloonni haaraan eenyummaafi aadaa isaa baruuf jecha kitaaba dubbisuu qaba kan jettu shamarreen kun, aadaan kun akka gabbatuuf sochiin bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin eegalame jajjabeeffamuufi cimee itti fufuu qaba.
Kanaan dura Oromoon aadaa isaa gadi baasee calaqqisiisuu miti afaan isaatiin dubbachuuf saalfataa ture yeroo ammaa afaan isaatiin dubbachaafi aadaasaa dhokatee ture gadi baasuuf kitaabota aadaafi seenaa Oromoo ibsan hedduun barreeffamaniiru; barreeffamaas jiru. Seenaafi aadaa ofii sirriitti beekuuf ammoo kitaabolee kunneen dubbisuun dirqama ta'a.
Kaleessi seenaadha dagatamuu hinqabu kan jettu shamarree Leensaan, seenaa ija uummata Oromoo ta’e kana beekuuf of kennanii hojjechuun barbaachisaadha. Oromoon saba bal’aa aadaafi safuu boonsaa qabudha. Agarsiifni dhiyaates aadaa boonsaa Oromoon qabu akka beekamu taasisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf cimee kan itti fufuu qabuudha.
Magalaan Finfinnee handhuura Oromiyaa taatus aadaafi safuun uummatichaa ammayyummaan liqimfamaa waan jiruuf jalqabbiin jiru cimuu qaba kan jedhan ammoo Leenjisaa Shubbisa Sirboota Aadaa Afaan Oromoo kan ta'e Obbo Addaamuu Gammachuuti.
Obbo Addaamuun, leenjisaa shubbisa sirboota aadaa ta’uun alatti meeshaalee aadaa Oromoo garagaraa agarsiisaaf qabatee dhiyaateera. Meeshaaleen aadaa Oromoo dhaloota haaraa biratti dagatamaa waan jiraniif xiyyeeffannoo argachuu akka qaban dubbata.
Oromiyaan bal’oo akkuma taate aadaa bal’aa akka garbaa gadi fagaatu qabdi kan jedhu leenjisaan kun, aadaan sabichaa dhaloota haaraan beekamtii akka qabaatan tattaaffiin eegalame kan jajjabaachuu qabuudha.
Meeshaaleen aadaa Godambaa Oromoo keessatti walitti qabamanii jiran keessaa walakkaan agarsiisaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, boraatiin gogaa, boraatiin mukaa, fal’aanni marqaa, bodeefi uffannaan aadaafi seenaa Oromoo meeshaalee aadaa dhiyaatan keessaa isaan muraasa.
Dhaloonni ammaa waa’ee aadaaf safuusaa Oromoo sirriitti hinbeeku kan jedhu Obbo Addaamuun, agarsiisniifi gurgurtaan wiirtuu egzibiishinii Finfinneetti qophaa'e kun shoora ol’aanaa qaba. Agarsiisni meehsaalee aadaa Finfinnee kun yeroo saglaffaaf kan gaggeeffame yoo ta’u, naannoon Oromiyaa yeroo sadaffaaf agarsiisicharratti hirmaateera. Agarsiisni kun bifa kanaan itti fufuunsaa dhalootni haaraa keessumattuu magaalaa Finfinnee keessa jiraatu aadaafi safuu Oromoo haalaan akka beeku taasisuuf gargaara jedha.
Daa’imman Oromoo magaala Finfinnee keessa jiraatan kanaan dura dhiibbaa siyaasaa tureen aadaasaanii dagachaa akka turan kan hime Obbo Addaamuun, jalqaabbii amma jiruun haalli mijataa uumamaa waan jiruuf eenymmaa ofii baruun ni danda'ama.
Agarsiisa meehsaalee aadaa garagaraa yeroo saglaffaaf Magaalaa Finfinneetti qophaa'e irratti sabootniifi sablammootni hedduu kan hirmatan yoo ta’u, sochichi ammayyummaan aadaaf safuun sabootaafi sablammootaa akka hinliqimsine taasisuuf gargaara kan jedhan ammmoo Itti Gaafatamaa Biiroo Aadaaf Tuurizmii Magaalaa Finfinnee Obbo Gebretsaadiq Hagosidha.
Ayyaanichi waggaa waggaan yeroo manneen barnootaa boqonnaaf cufamanitti kan geggeeffamu ta'uu himanii, kunis barattootni abdii borii biyyattii ta’an dhaqanaii akka daawwataniif yaadameeti. Dhaloonni aadaaf seenaasaa hinbeekne eenyummaasaa beekuu hinbeeku. Barattoonnis seenaa manneen barnootaa keessatti yaadaan baratan qabatamaan akka arganiif agarsiisniifi gurgurtaan meeshaa dhiyaate jajabeessaadha jedhu.
Walumaagalatti, dhaloota haaraa eenyummaasaan boonu horachuuf aadaaf safuu akkasumas duudhaa ofii beekuun isa tokko yoo ta’u, aadaa ofii dhaloota dhufuuf dabarsuu dhabuun ammayummaan akka babal’atuufi eenyummaan ofii kaleessaa akka badu waan godhuuf hojii baraarsaa hojjechuun dirqama lammii hundaati.

Waasihuun Takleetiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001821821
Har'a/TodayHar'a/Today2416
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5320
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week12401
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1821821

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.