Safuu Hangafaa

19 Feb 2018

Hangafaafi Quxusuun ummata Oromoo biratti safuu olaanaadha. Kunis maatii mana tokko hanga sabaatti; jireenya guyyaa guyyaatti hanga sirna Gadaa biyyi ittiin gaggeeffamuutti Safuun hangafaafi quxusuu ni eegama. Hangafummaan sadarkaa maatii keessatti ilma hangafaa, akka gosaatti gosa hangafaa, sadarkaa Gadaatti gogeessa Gadaatiin duraa duubummaa hangafummaan ni safeeffatama. Kana ilaalchisuun Biqilaa Tufaa Yunivarsiitii Finfinneerraa waraqaa qorannoo digirii lammaffaa guuttachuuf mata duree Qaacceessa Safuufi Safeeffannaa Ummata Oromoo Godina Arsiifi Gujii jechuun barreesserraa arganne akka dubbistoota ta'uutti qindeessinee dhiheessineerra.
Sirni Gadaa kan Safuudhaan guutameedha. Raawwiin sirna Gadaa Safuu Waaqaafi Lafaa hanga Safuu uumama hunda kan eegudha. Akka sirna Gadaatti, yaa'ii Gadaa iddoo godaansa Caffeetti, Galmi /Qachaan Abbaa Gadaa dirree godaansaa irratti ijaaramu duraa duuba baallii /alangee, hangafaafi quxusuu irratti hundaa'ee ijaarama. Kunis, Galma Abbaa Gadaa, Dooriifi Raabaa duraa duubaan mirga irraa gara bitaatti ijaaramu.
Gogeessa Gadaa tokko keessatti tartiiba hangafaafi quxusuu gosaa eeguun kan ijaaramu yoo ta'u, galmi warra hangafaa yeroo hundaa gara mirgaatti ijaarama. Kana malees dirree godaansa Caffeetti galmi Abbaa Gadaa osoo hinijaaramiin kan Dooriifi Raabaa hinijaaramu.
Gama biraatiin, osoo Abbaan Gadaa dirree godaansaatti hinqubatiin goggeessi Dooriifi Raabaa hinqubatan. Galmi Abbaa Gadaas ta'ee kan gogeessa hundaatuu yoo ijaaramu kan gosa hangafaa dursee gara mirgaatti ijaarama.
Fakkeenyaaf, yeroo sirna walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Gujii Me'ee Bokkotti adeemsifamerratti bakki qubannaa abbootii Gadaa akkaataa hangafummaafi quxusummaa isaanitti kan ijaarame. Isaanis, Galma Abbootii Gadaa (Gadaa Dhalaana), galma gogeessa gadaa Doorii (Gadaa Harmuufaa), galma gogeessa gadaa Raabaa (Gadaa Roobalee) duraa duubaan ijaramanii jiru. Gama biraatiin galmoonni ijaaraman kunneen gogeessa sadeenuu keessatti hangafaa quxusuu eeguun tartiibaan ijaaramu. Isaanis: kan Gadaa gosa Uraagaa, Maattiifi Ookku mirga gara bitaatti tartiiban ijaramanii jiru.
Kana malees, gumiin yoo ta'aamu haala duraa duuba Safuu gogeessa gadaafi hangafaa, akkasumas quxusuu eeguun gara agaallaa /Galma Gumii/ keessa seenu. Tartiibi kunis: gogeessa Abbootii Gadaa, Doorii, Raabafi booda irra kan seenan warra Baasuraa ykn warra waggootii saddeetan itti aanan Raaboomutu seena.
Gogeessonni kunis akkataa hangafaafi quxusuu Gadaa Uraagaa, Maattiifi Ookkuu ta'anii duraa duuban goggeessa ykn hiriira kan seenan yoo ta'u, Baatuu,Yuubonni /Hayyoonni/fi Abbootii Gadaa waliin gara agaallaa seenu.
Agalallaa erga seenan booda Abbootiin Gadaa eebbifataniin Gumiin seera lallaba. Eebbisuuf kan aangoo qaban Abbootii Gadaa yoo ta'an, haaluma hangafaa quxusuutiin duraa duubaan eebbisu. Kunis, Abbaan Gadaa Uraagaa, Maattiin ittaanuun, Ookkuun booda irra eebbisa.
Gumiin seera erga lallabee geesseen boodas tartiiba ittin seenaniin agallaa gadi dhiisanii bahuun gogeessa Gadaa isaatiin qeexal (sirba aadaa abbootiin Gadaa walta'uun sirban). Qeexala qeexalamu kan dursee eegaluufi dursee murteessu ykn xumuru goggessa Gadaa yoo ta'u, goggeessa Gadaa keessa immoo hangafti Uraagaadha. Osoo Uraagaan hineegalnis ta'e hinmurteessiin gadaan gosa Maattiifi Ookkuu hineegalu ykn hinmurteessu. Miseensonni Gadaa qeexala erga xumurameen booda gogeessa isaatti deebi'uun gara qachaa isaanitti tartiiba dhufaniin deebi'u.
Ardaa jilaatti kormi kan qalamu yoo ta'u, kana dura ni arriiratama /eebbifama/, ariirranni kormaa kun Safuu hangafaa quxusuu eeguun raawwatama. Kunis, jalqaba Abbaa Gaddaa, ittaanee Jaldhaabdoonniifi hayyichi erga ariirrataniin booda haala hangafaafi quxusuutiin namoonni ariirrachuuf gahee qaban hundi duraa duuban ariirrachuun dhuma irratti Abbaan Gadaa warra korma qaluu jalqaba ariirrate irra deebi'ee erga ariirrateen booda kormi qalamee abbaan Gadaa korma qalee dhiiga qabatee; warri hafan duraa duuba hangafaa quxusuutiin dhiiga korma qabachuun raawwata.
Gama biraatiin, Gadaa Oromoo Tuulamaa keessatti goggeessi Abbootii Gadaa osoo Baallii goggeessa ittaanutti hindabarsiin Sirna Gamma baasuufi Buttaa qaluu raawwata. Goggeessi Gadaa bara alangee isaa Gadaa itti aanuuf kennu dura Gamma baasa. Gammi dhangaa ykn dhiyaana Foolleefi Daballeetiif kennamuudha.
Sirna Gamma basuu keessatti goggeessi Abbaan Gadaa osoo gamma hinkenniin sirna barcumaa raawwata. Maatii warra tokkoo /ijoollee abbaa tokkoo/ hedduu yoo ta'an, maatiin kun seera kana raawwachuuf hoofkaltii ilma quxusuu barbaachisa. Osoo inni quxusuu sirna barcumaa hinraawwatiin warri hangafaa raawwachuu hindanda'ani. Dursee sirnicha kan raawwachuu qabu quxusuudha. Dabalataan, warri kun gosa hangafaa yoo ta'an Buttaa qalu. Buttaan korma Sirna Gadaa irratti qalamuudha. Buttaa qaluuf kan seerri eeyyamuuf warra gosa hangafaa yoo ta'an, maatii gosa hangafaa keessaa Buttaa kan qalu qabu ilma quxusuudha. Osoo quxusuun jiruu ilmi hangafinni Buttaa hinqalu. Walitti qabaan sirna Gadaa keessatti ilmi quxusuu maatiin Gadaa akka hulluquufi hoofkalu gahee olaanaafi safuu qabaachuu nutti agarsiisa.
Safuu Hangafaa yaa’ii keessatti
Yaa'iin namoota hedduu gosa adda addaafi maatii hedduu irraa walitti fida. Oromoon yaa‟iin akkasii yoo raawwatamu safuufi safeeffannaa mataa isaa eegee raawwatama. Oromoon sirna kamiiyyuu raawwachuun dursee ni eebbifata. Eebba yoo raawwatu Safuu hangafaa quxusuu eegee kan raawwatu yoo ta'u, sirnicha raawwachuuf namni seerri dursee akka eebbisu eeyyamuuf argamee akka eebbisu lallabamee hangafa, /arrabi qareessa/ iyyafatama, namni eebbisuuf yaa'ii duratti bahe kana osoo hinraawwatiin eebbisuu mirga hinqabu.
Eebbi duraa duuba gogeessa Gadaa, hangafaa quxusuu gosaafi duraa duubummaa arrii ykn umrii dhalootaa irratti hunda'uun raawwata. Kunis, bakka Abbaan Gadaa jirutti Abbaa Gadaatu eebbisa, yoo Abbootiin Gadaa hedduu jiraatan Abbaa Gadaa gosa hangafaatu eebbisa. Yoo Abbootiin Gadaa hinjirre hangafaa quxusuu gosaa eeguun, yoo gosa walfakkaatu ta'an hangafaa quxusuu dhalootaatiin ykn arriitiin wal eebbisuun sirnichi kan raawwatu ta'a.
Osoo namni gosa hangafaa jiruu namni gosa quxusuun hineebbisu. Umriin namni gosa hangafaa xinnaalee yoo ta'e yoo inni hoofakalche malee namni gosa quxusuu umriin hangafaa eebbisuu hindanda'u. Kanaafuu, hangafti arrii dursee eebbisuuf hangafa gosaa hofkaltii gaafatee yoo hofkale malee eebbisuu Safuu eegatamuudha.
Safuu Hangafaa Jila Malkaa Keessatti
Oromoon irreessa malkaatiif, yoo malkaatti bahee Waaqa galateeffatu Safuu malkaa eeguun raawwata. Irreessa malkaa hangafa dura, kan malkaa saaquun eebbisu abbaa malkaati. Abbaan malkaa erga eebbisee malkaa saaqeen booda hirmaattonni sirna Irreessa malkaa sanaa duraa duubummaa gogeessa Gadaa, hangafaa quxusuu, gosaafi arriin wal hofkalchee eebbisa.
Safuu Hangafaa jireenya Hawasaa keessatti
Ilmi hangafaa maatiif Safuu olaanaa qaba. Hangafti qixxee abbaati, sammuu warraati, ilmi hangafaa hawaasa keessattis ta'e akka maatiitti iddoo olaanaatu kennamaafi. Kana jechuun, jireenya idilee hawaasaa keessatti hangafummaan iddoo olaanaa qaba. Ilmi hangafni osoo ga'eela hinraawwatiin quxusuun raawwachuu hindanda'u; osoo intalli hangafti jirtuu quxusuun hinheerumtu; osoo ilmi hangafni jiruu quxusuun hineebbisu, quxusuun eebbisuuf hofkaltii hangafaa gaafata; malkaa kan dura ce'u hangafa; quxusuun dursee ce'uuf hofkaltii gaafata; ilmi hangafni mana gara mirgaa mana abbaatti, quxusuun gara bitaa mana abbaatti ijaarrata.
Gama biraatiin meeshaa ulfaa/kabajaa/ maatii (Caaccuu, Kallacha, Bokkuufi Callee), farda sangaafi mi'a fardaa kan dhaaluu qabu ilma hangafaati. Ilmi hangafni bakka bu'aa maatii ykn abbaa ta'a; ilmi quxusuun gurmuu gosaa baay'isuuf, gosa cimsuu barbaachisaa akka ta'e namatti agarsiisa. Dabalataan, hangafummaan maatii qofa keessatti dursa dhalachuu osoo hinta'in hawaasa keessatti dursanii dhalachuu /arriin/ Safuu qaba. Nama umriin nama caalu karaa hinqaxxaamuran, yoo alaa gara manaa seenu nooraa jechuun ol ka'anii simatu, namni guddaan /manguddoon/ karaa boroo aanee taa'a. Manguddoon ummata Oromoo biratti kabajaa olaanaa qaba. Kana jechuun jaarsi kabaja olaana kan qabu sodaatamaa; ulfaataafi safeeffamaadha. Mammaaksi, “Jaarsi guddaan si hinabaariin; bishaan darbuuf jiru sin hin nyaatiin.” jedhus kanuma mirkaneessa. Farda yaabbatanii manguddoon yoo namatti dhufe fardarraa bu'an malee farda yaabbatanii nagaa hingaafatan.
Akkasumas, Oromoon nama wallole sirna ittiin araarsu jaarsummaa jedhamu qaba. Jaarsummaan akkuma maqaan isaa ibsutti sirna namoonni umrii gurguddoo kana nama araarsan jechuudha. Jarsummaa keessatti waan jaarsi jedhe hindidani; kana jaarsi namaaf arge qixxee Waaqni namaaf argeeti, jaarsi gaddisa biyyatai jedhama.
Walumaagalatti, Oromoon hangafaa quxusuun; duraa duuba dhalachuuf Safuu qabachuun alatti namni umrii guddaa /manguddoon/ kabajaa, sodaa, ulfinaafi Safuu olaanaa qaba. Jaarsi ulfaataafi sodaatamaadha. Ummata Oromoo biratti namni tokko ilmaan hedduu yoo qabaates akkuma ilma hangafaa ilmi quxusuus safuu qaba. Maatii tokko keessatti ilmaan dhiiraa yoo kittaanan ykn dhaqna qaban kan dura kitaannatu ilma quxusuudha. Osoo quxusuun hinkittaanamiin hangafni hinktitaanamu. Dura kittaannachuun Safuu quxusuuti jechuudha.

Saamraawiit Girmaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435937
Har'a/TodayHar'a/Today3897
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week11157
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month97514
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435937

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.