Mararoo yeroo gaa'eelaa

05 Mar 2018

Afoolli Oromoo hambaa abaabileefi akaakileerraa afaaniitiin dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufe; ammas darbaa jiru; garafuulduraattis darbuudha. Kana jechuun ummanni Oromoo durii kaasee yaada, ilaalcha, ergaa, falaasama, fedhiifi abdiisaa, gaddaafi gammachuu qabu afoolaan dabarsaa ture jechuudha. Kanaafuu, Afoolli Oromoo hambaa ganamaafi calaqqee aadaa Oromooti.

Afoolli Oromoo dilbii bara dheeraati; cirracha bishaaniiti; hammaaramee (lakkaa'amee) hindhumu, galaana waraabamee kan dhumu miti. Barreeffama kanaan afoola akka galaanaa ummanni Oromoofi golli Oromiyaa qabdu keessaa mararoo gaa’elaa irratti xiyyeeffachuun kan isiniif dhiyeessinu ta’a.
Aadaa gaa’elaa ykn warroommii keessatti mararoon gaa’elaa shamarran Oromoo biratti baay’ee kan jaalatamuudha. Xiyyeeffannaan weedduusaaniis tokko soddaa arrabsuu ykn ceepha’uudha. Kan biroo immoo mararoo ykn seenaa dhaamuudha.
Durbi Oromoo heeruma irratti boohaa kan mararoo dhaaman sababii maatiifi qomoosaaniirraa adda bahuu waan jibbaniif qofaa miti. Fedhii malee heerumuun, umurii malee heerumuufi kan kana fakkaatan ta’uu malu. Fakkeenyaaf durbi tokko fedhii ishee malee heerumuushii walaloo mararootiin yoo ibsattu akkas jechuun weeddisti:
Hennaan haama yaa kaloo
Hin afin ijjeerradhuu
Seenaan dhaama yaa haadha koo
Hin rafin dhaggeeffadhuu
Yoo rafteef qalbeeffadhuu. Jechaa komii qabdu walaloodhaan ibsuu eegalti. Keessattuu gurbaan itti heerumtu baay’ee fokkisaa yoo ta’e akka itti aanutti weeddifti.
Yaa biyya abbaa koo
Yaa biyya Noolee
Yaa bada abbaa koo
Koot kana ilaalii
Heeruman oolee.
Yaa warra keenyaa
Maaf nama waamtuu
Farsoo hinbaanettoo
Daadhii bookattoo.
Maaf nama laattuu
Nama hintaanettoo
Sanyii doofaattoo.
jechuun nama hintaaneefi fokkosaatti heerumuushee ibsatti.
Umriin ishii osoo hinga’in kan heerumsiisan yoo ta’e immoo komii qabdu akkas jechuun weeddifti.
Harmi koo hinbaanee
Ni quuqxe malee
Yaa aayyolee koo
Laanni koo hingeenyee
Na quufte malee
Ulee geeshee muruu
Maaf na laatta haadha koo
Anoo beekee hinbuluu.
Yaa abbayyee koo
Yaa aayyolee koo
Maaltu maal ta’ee
Kan badii ta’ee
Cabaawoo hintuffannee
Darbaawoo hindubbannee
Yaa aayyolee koo
Iddoo ciisa koo gumbii dhaabbadhuu
Cabaa irbaata koo dilbii kaawwadhuu
Dibaa mataa koo samaa kaawwadhuu.
Gomboo gumaataa, Hundatu baataa
Na jala buutee, Akka tumaataa
Hin geenyeen geessee Fagoon dhiyaattee.
Yaa obbolee koo
Gadi bahaatii, Gorbatti siiksaa
Guyyaa kennaa koo, Torbeetti hiiksaa
Gaafa torbee koo, Kurnootti hiiksaa
Gaafa kurnoo koo, Malli funyoo koo.
jechuun heerumaaf kan hin geenye ta’uu ishii wantoota adda addaa wabeeffachuun ibsiti.
Komiin durbaa mararoo keessatti calaqqisu inni kan biraa osoo hinjaalatiin horiin ykn qarshiin jijjiiramuudha. Walaloon armaan gadiillee kanuma dhugoomsa.
Waddeessa qe’ee,
Murmurtu hinseenee
Murmurtaniiree
Guddiftuu ijoollee
Haasoftuu qe’ee
Gurgurtu hinseenee
Gurgurtaniiree.
Ani ji’an se’ee
Laftoo halkanii
Ani jiran se’ee
Nattoo maltanii.
Yaa’aayyoolee koo
Yommuu an xinnoo
Siree dhodhooftee
Ururuu jettaa
Amma maal goonaan
Barcuma haxooftee
Qarshii lakkooftee
Gurguruu jettaa?
Yommuu na biraa
Dirribee jettaa
Dirribiin dhufnaan
Dirribee gattee
Dirrib koo jettee,
Horiidhaaf jettee,
Dhala kee gattaa?
Qarshii qiraacii
Darbattee keessaa
guchuma keessaa
Dhalli billaati
Ergattee teessaa
Dulluma keessaa.
Yaa aayyoolee koo
Yoo re’een dhaltee
Shumburee jedhii
Yoo hiriyeen dhuftee
Ala dhaabbattee
Anaan gaafattee
Gurgure jedhii
Geedoo gamattii
Meezoo lamattii
Gimbii gamattii
Birrii lamattii
Gurgureen dharaa
Duuteen dhugaadhaa.
Eebichi yoo murmuran
Deebihee lataaree
Heerumnoo gurguraa
Deebi’anii galuuree
Baddaan addaatee
Gurggubee baasee
Abbaan hammaatee
Gurguree nyaatee.
Akkuma duraan jenne durbi Oromoo guyyaa cidhashii mararoo weeddisaa kan boossuuf sababii jiran keessaa tokkko yaaddoodha. Yaaddoon garuu maatiirraa adda bahuu jibbuu qofa miti. Qarree dhabuufi dhiibbaan gama dhirsaatiin ishiirra ga’uuf jirus kan yaaddessan keessaa kan biroodha. Kana hunda walaloo mararoo armaan gadiirraa hubachuu ni danda’ama.
Yaa cilaaddanii
Kan qarmii keessaa
Yaa obbolaa koo
Isin jiraattanii
Kan lammii keessaa.
Mana abbaa ofii
Akaayiin nyaata
Mulluun irbaata
Kolfanii nyaatu
Mana abbaa hormaa
As taa’iin saadaa
Ka’iin ifaataa
Mukuutu irbaata
Gom’anii taa’u
Yaa haayyolee koo
Mana haadha hormaa
Akka durii koo
Ol hinarreedu
Natti hinbarreedu
Gulantaa hindarbu
Gudunfaa hinargu
Ya marii maroo ya maraassisaa
Haadha ofii dhabuun
Haadha hormaatti hafuun
Nama naassisa.
Halagaan ormaa
Kabalee kolfaa
Halagaan diinaa
Kabalee dhiitaa
Halagaan mukaa
Kabalee muga
Wallaaltuu raasaa,
Beektuu tamsaasa
Kunoo yaate kaa
Du’a ga’iin koo
Du’a koo mitii
Du’a qarree koo.
Harmee yaa haadha koo
Hiriyee waamii
Waa’ee qarree koo
Itti naa himii
Qarreen koo hingaltuu
Garaan koo hinfayyuu.
Yommuu intalli haala kanaan yaaddoo ibsachaa hinqirfattee boossu hiriyoonni durbaammoo jalaa qabuudhaan akkas jedhu:
Agadaa quncee nyaatuu
Jajjabaadhu yaa hiriyee
Manni abbaa hundee hintaatuu
Halagaan fira haa taatuu.
Gombisaan tarree galee
Boobee laga hindhaabinii
Eenyufaatu qarreetti hafee
Boossee nama hinraasinii.
jechuudhaan weeddisaa jajjabeessu.
Walumaagalatti, mararoon gosa afoolaa keessaa tokko ta'ee kan dubarri heerumuf jettu ergaa ittiin dhaammattudha. Kun garuu wayita ammaa iddoo hedduutti dagatamaa dhufeera. Kanaafuu Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaafi kanneen dhimmichi ilaallatu aadaan kun akka hindagatamneef hojjechuu qabu. Dubbistoonnis mararoowwan yommuu cidhaa naannawaa keessaniitti sirbaman barreessitanii yoo nuuf ergitan kan dhiheessinu ta'a.
Madda: Dirribaa Tarrafaa. Giddugala Aadaa Oromootti, Qindeessaa Garee Moggaasa jechootaafi Waaltina Afaan Oromoorraa.

Saamraawiit Girmaatiin

 

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435349
Har'a/TodayHar'a/Today3309
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week10569
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month96926
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435349

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.