Kabaja sirna ayyaana Ateetee godina Wallagga Bahaa

10 Mar 2018

Ateeteen aadaa amantii waliin kan walfkkaatu ta’ee karaa dubartoonni Oromoo jireenya isaanii fooyyeeffachuuf ayyana haadhaafi abbaa isaanii walsimsiifatanii ittiin Waaqa kadhattaniidha. Dubartoonni Wallaggaasa haala kanaan Ateetee facaafatanii Waaqa isaanii akka kadhataniidha barreeffamni weebsaayiitii FBC irraa arganne ni mul'isa.
Ateeteen waggaa lama lamaan facaafama. Ateetee facaafachuuf dubartiin tokko ulaagaalee gutamuu qaban duraan dursitee daakuu daakkattee farsoo naqattee waan qalamus ni qopheeffatti.
Guyyaan Ateetee kudha afuritti yammuu galu namni ni waamama. Kana keessatti abbaan manaas hirmaannaan isaas bayyeedha. Guyyaa ayyaana Ateetee dubartiin Ateetee facaafattu diinqa teessi malee hojii hinhojjattu. Jala bultii Ateetee irraa eegalee Sayyuu, Amaatiifi dubartoota ollaatu hojii guddaa hojjatu.
Hojiiwwan kunis bishaan maqaa Ateeteetiin malkaa haaraa baafame keessaa waraabanii fiduudha. Dubartoonnis bishaan kana waraabanii yammuu galan weeddisaa gara manaatti galu. Dubartiin Ateetee facaafattu kun wantoota isheen eeggachuu qabdu guyyoota shaniif Abbaa manaa isheerraa adda baatee bulti, gaaddidduu ykn laguu irra jiraachuu hinqabdu.
Abbaan manaas horii Ateeteef qophaa’e kanneen akka hoolaa, re’eefi dullacha sa’aa qopheeffatee dhiyaata. Guyyaan Ateetee boritti yammuu galu haati Ateetee sanaa qayya, urgeessaa, dhadhaafi qorxii bakka tokkotti walitti qabdee diinqa bulchiti.
Haati Ateetees Biddiqqoo afattee diinqa teessi malee hojii biraa hojjachuu hidanddeessu. Biddiqqoon kunis ayyoolee gosa sadituu jira.
Isaanis:
Biddiqqoo muddituu -gabaabduu mudhii olitti,
Biddiqoo andaara- giiftii boroo dheeraadha,
Biddiqoo boxxolee (kuula gurraacha, diimaafi adii)
Biddiqqoon ayyoolee kunneen kan hojjatamamu kuula gosa adda addaa irratti baatii Ateetee qofa. Abbaan manaas bakkuma isheen biddiqoo kana uffattee teessutti horii Ateeteef qophaa’e sana itti dhiyeessa, horiin ni qalama. Kana booda waan qalame sana iddoo hunda irraa muranii affeelanii duraan dursa Haadha Ateeteef kennu.
Isheenis mataasheefi gudeedasheerra erga keessee booda ni facaafatti; ni nyaattis. Erga isheen nyaattee booda dubartoonnis quphananii nyaatu. Kun hundi erga ta’ee booda dubartoonnis Oboofi Cooratti walqoodanii, Marqaaf dhiyaatu, xuwween marqaa ibidda irra kaa’ama.
Isaanis walsaamanii daakuufi bishaan itti naqanii marqu. Warri kaan immoo mana keessaa oliifi gadi deemanii akka ayyaanichi dhalatuuf kadhatu ykn jeekkaru. Daakuun marqamus dubartoota sanaan qophaa’a.
Akka aadaatti dubartoonnii waamamanii gargaarsaaf waa qabatanii dhufan sun yeroo balbala dura ga’an ni ililchu malee waan biraa hindubbatan. Yeroo marqaan bilchaatee ibidda irraa bu’uuf jedhu immoo hundinuu ni ililchu. Akkas jedhaniis weeddisu;
Maaram yaa mudaayehoo
Facaasaan urgaayewoo...
Marqaan sun erga ba’ee booda haadha Ateeteetti dura kennama. Isheenis erga facaafattee booda maatii isheef kenniti. Kana booda dubartootni martuu nyaachuu danda’u, nyaatanii erga maaddiin ka’uuf jedhee immoo maaddolee weeddisu.
Yaa maaddolee maaddiin waraana tolchewoo
Sarro waraana dhori yaa waaq jedhewoo…
jechuudhaan wal harkaa fuudhanii weeddisanii maaddii eebbisu. Dubartiin sun dhala argachuuf facaafatti yoo ta’es akkas jedhanii dalagu:
Ammoo tarii ammallee tarii,
Jalduu biiroo ta’i,
Qomaa dugdaatti baadhu,
Oolchaa ilmaa nyaadhu,
Amma tarii ammallee da’i… jechuudhaan ho’isanii dalagu. Kana maraa erga raawwatanii booda dubartoonni gara mana isaanitti galu.
Bulanii qorxrii galchuuf jecha deebi’anii dhufu. Erga dubartoonni galanii immoo warri dhiiraa eebbaaf dhufu. Isaan Abbaafi Haadha Ateetee aannan qabee guutuu qabachiisanii eebbisu.
Isaan dura garuu nyaatanii dhuganii jeekkaru. Isaan immoo ayyaana abbaa waamanii jeekkaru. Ayyaana abbaa dura yaabee… jechuudhaan jeekkaru.
Adaraa yaalafaa;
Siifan lafallafa…jedhanii waljalaa qabanii jeekkaru. Erga kana hundaa jedhanii jeekkaranii immoo sirna eebbaatu raawwata. Akkasiin eebbisu:
Ateeteen ateetee bulchaa bu’ee haa ta’u /haa milkaa’u
Namaan dagaagaa
Horiin dagaagaa… jedhanii erga eebbisanii booda gara mana isaaniitti galu. Ateeteen gaafa guyyaa lammaffaa raawwata waan ta’eef dubartoonni immoo bulanii ganama ka’anii qorxii galchuu deemna jedhanii deebi’anii dhufu.
Qorxii jechuun meeshaa farsoon ykn wanti dhugamu itti naqamudha. Guyyoota lamaan kana keessatti dhugamaa ture deebisanii galchuunis ayyana qaba jechuudha. Guyyaa kanas akkana jedhanii dalagu:
Ilmoodha yaa Waaqa abbaakoo sin waama dhageessaa,
Ilmoodha yaa Waaq abbaa koo,
Ilmoodha maal nama hingoone
Haxaayii nama ciratee
Haasoftee nama himattee…jedhanii waaqa kadhatanii qorxii bakka isaatti deebisu. Guyyaa dhumaa kanas namoonni shan dubartoonni lamaafi dhiironni sadi haadha Ateeteefi abbaa manaa guutuu qabachiisanii Ateeteen isinii haa dhaga’u jedhanii eebbisu. Isaan immoo lafa taa’anii Ameen jechuudhaan sagalee ol kaasanii dhageessisu, kun ayyaana ateetee isa xumuraati jechuudha.
Kana booda haati ateetees kaatee mana ishee keessa deemuu dandeessi jechuudha.

 

 

Ga'ee dubartootaa: 

 

Sirna Gadaa sirna dimokraatawaa ummanni Oromoo jaarraa heduuf ittiin wal bulchaa ture yoo ta'u, kana keessatti kutaaleen hawaasaa hundi ga'e mataasaanii qabu. Daa'immanii kaasee hanga maanguddootaatti ittigaafatamummaa ba'aatan ni qabu. Sirnicha keessatti wantoota akka ciminaatti ka'an keessaas hirmaachisummaan kun isa ijoodha.
Qaama hawaasa bal'aa kan ta'an dubartoonnis sirna Gadaa keessatti iddoo olaanaa kan qaban yoo ta'u, fudhatamummaan isaan qabanis kan jajamudha. Bara mirgi dubartootaa kabajamuu dhabee miidhaan dubartoota hedduurraa ga'aa tures sirnichi dubartootaaf iddoo kennuun jajamaa akka tures hayyoonni seenaa ni ibsa.
Sirni Gadaa sababoota addaddaatiin laafee kan ture ta'us, godinaalee Oromiyaa hunda keessatti adeemsifamaa ture. Hunda caalaa garuu Booranaafi Gujiitti dhiibbaa garagaraa dandamachuun ammallee miidhagina isaa akkuma eegatti jira.
Sirna Gadaa Oromoo Booranaa keessatti dubartootni gahee addaa qabu. Gahee isaan qaban keessaa yeroo jilaa galma ijaaru, ijoollee maqaa baasu, guyyaa dhibaayyuu bahan talboo ykn (aannan ititee) dhirsaaf geessu, sirboota aadaa adda addaa sirbuun jila ho’isuu, nyaata aadaa kanneen akka buna qalaa, kochee gubaa fooniifi kan kana fakkaatan akka qopheessanii barreeffamni ragaalee addaddaarraa qindeessine kan mul'isu.
Akkasumas yeroo soriyaa ykn horii jilaaf qalan nyaata ni qopheessu. Karaa biraa hirmaannaa dubartootaa malee hojiin aadaa jilaa gonkumaa kan hingeggeeffamneedha. Kana jechuun abbaan warraa jila aadaa geggeessuuf mana dubartiin keessa jirtuuf haadha manaa isaa walii eebbifatee jilaaf ba’a. Kun ammoo walqixxummaa dhiiraafi dubartoonni sirna Gadaa keessatti qaban kan mul’isuudha.
Dubartoonni akkuma dhiiraatti obaa ykn horii bishaan obaasuu ni deemuu. Dubartoonni yommuu dhiirri horoofi lichoo qabatanii jilaaf bahan isaan immoo saqaafi siiqqee qabatanii aadaa ni geggeessu.
Karaa biraatiin ammoo qaallitti ykn niitiin qaalluu akkuma dhirsaatti ulfinafi kabajaa qabdi. Hojiilee adda addaa keessatti qaallittiin hinhirmaattu, kun kan ta’u danda’uuf sababa kabajaa isheetiif jecha mana ishii ijaaruu, bishaan waraabuu, qodaa aannanii qorasaafi dubartoota biraatu hojjetaaf. Kun kan ibsu kabajaafi jaalala isheef qabaniidha.
Akka aadaa Oromoo Booranaatti, dubartoonnii faayidaa adda addaa yommuu qooddatan dursi isaaniif kennamuu qaba. Kun ammoo hirmaannaan dubartootaa sirna gadaa keessatti cimaa ta’uu isaa kan agarsisuudha. Yeroo qoraa gaaddisaa (walgayii) adda addaa geggeessan yoo dubartoonni jiraatan dursi isaaniif kennama, dubartoonni dhiiraan walitti yoo bu’an iddoo ragaan hin jirretti ragaa biraa itti hinbarbaadan. Himannaadhuma ishee irratti hundaa’uudhaan murtee murteessuuf. Kun ammo dhiira miidhuuf osoo hintaane deggarsa addaa dubartiif taasisuu agarsiisa.
Dubaartoonni yeroo gadamoojjiin (abbaan isaanii) mataa buufatan uffata aadaa uffachuudhaan karra abbaa isaanii duraa dhaabbatanii sirna buufattoo akka geggeeffamu ni taasisu. Yeroo kanatti dubartoonni heeruman loon aadaa qabatanii dhufuun ofii isaanillee loon qabatanii galu. Moggaasni maqaa loon kana “biriiti” jedhamuun waamama.
Walumaagalatti, sirni gadaa osoo seeronniifi heeronni dubartoota fayyadan akka idil addunyaatti hinba'in iyyuu walqixxummaa dubartootaa keessummeessaa kan turedha. Osoo addunyaan guyyaa dubartootaa (March 8) kabajamuu hineegalin kan tureefi cimina sirnichaa kan agarsiisuu ta'uusaatiin jajamuu kan qabudha.

Saamraawiit Girmaatiin 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435357
Har'a/TodayHar'a/Today3317
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week10577
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month96934
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435357

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.