Faaruu looniifi akaakuuwwansaa Featured

17 Mar 2018
Oromoon haaloota addaddaa keessatti loon isaa faarsa Oromoon haaloota addaddaa keessatti loon isaa faarsa

Kutaa 1fa

Oromoon looniif iddoo olaanaa qaba. Loon akka dhalasaatti waan ilaaluufis jaalalaafi kabaja addaa qabaaf. Jaalalasaa kanas faaruu yeroowwan gara garaatti faarsuun mul'isa. Oromoon loon horsiisu iddoofi yeroo itti faarsu qaba.
Yoomessa raawwii faaruu loonii (keessumaa kan Godina Baalee, Aanaa Laga Hidhaa) ilaalchisuun Waraqaa Qorannoo Digrii lammaffaa guuttachuuf Bayyanaa Laggasaa Hagayya bara 2008 yunvarsiitii Finfinneef dhiheesse keessaa akka gaazexaa keenyaaf ta'utti qindeessineerra.
Akka waraqaan qorannichaa ibsutti, yoomessi qabiyyeewwan faaruu loonii bakkeewwan adda addaa kan qoodamu yoo ta’u, kanneen keessaas, faaruu loonii wayitii qonnaa, sa’a elman, bishaan obaasan, jabbileefi loon urursan, aannan raasan, loon bobbaasan kan faarsu kaasuun ni danda'ama.
1 Faaruu loonii wayitii qonnaa
Qonni jiruufi jireenya dhala namaatiif murteessaa yoo ta’u, hojichi bifa aadaafi hammayyaatiin kan geggeeffamuudha. Kan ammayyaa maashina hojechaaf qophaa'een yoo ta’u, kan aadaa ammoo sangootaan raawwatama.
Sangoonni jajjabinaafi si’aayinaan akka qotaniif maqaa adda addaa kanneen akka Daalee, Gurraa, Shaanqoo, Muxaafaa...jedhanii moggaasuun akkanaan faarsu.
Akka jedhee sangaa qotiyyoonii
Akka jedhee sangaa qotiyyoonii
Fardaafi harree gorboo itti ijaartaa (bakka itti sooraman qopheessitaafi akka jechuuti.
Ana badaatti maaliif nadhaantaa
Itti ejjadheetan buqqisa daarii
Achan sirraa fageessa chiggaarii
Yoon gabbadhe birriitti nalaaltaa
Yoon huuqqadhe badaatti nadhaantaa
Yoon dadhabe qacceedhaan nafaayixaa
Kiyya galanni kana faan deebi’aa.
Qoricha qotiinsaa akkamitti quufanii
Akkamitti dhaadanii daarii buqqisanii Oolanii haagalanii galanni kan isaanii
Warri loonii kooree kosii jala qotaa
Kosiin garbuu magarsaa
Kosiin midhaan jiigsaa
Kosiin marga magarsaa
Yaa warra loonii warra loonii
Looni looni areera jaarsaa
Looni looni areera jaartii
Yaa handarii ganamaa yaatu hoo
Qawween ambaa kan namaa hintaatu hoo
Loowwan ammaa kan durii hincaaltu hoo
Horaa, horaa yaaloon wayyoo
Loon qotilee wayyaa
Qotiyyoo qottuu wayyaa
Beenu mee kuullee kiyyaa
Margaan sigahuu wayyaa
Margaan sigahuu wayyaa
Walumaagalatti qonni jiruufi jireenya namaa keessatti hariiroo hawaasummaa kan uumu ta’uu yoo mul’isu, kunis qonnarratti guuza yookiin daboo walkadhachuun waliif qotuun ni jira. Gama biraatiin bakka sangaa bu’uudhaan komii sangoonni qotiinsaa namarraa qaban faaruu armaan olii kanarraa hubatameera.
2. Faaruu loonii waytii ayidaa
Midhaan haamamee, tuulamee, ooyiruutti guuramee sangootaan yoo ayidamu (siribsiisamu) sangoonni ni faarsamu. Sababiinsaas midhaan dafanii akka irra deemanii bulleessaniifi callaan akka barakatuufi.
Wayita ayidaa kana midhaan akka bullaahuuf manshiifi sorfaan yoo urgufamu ruqoofi callaa adda baasuuf ammoo laayidaatti fayyadamuun bubbeetti kennu. Midhaan baay'inaan kan ayidamu baatii Amajjiifi Guraandhala keessa. Hojii kana keessatti Oromoon sangaa/ loonsaa akka armaan gadiitti faarsa.
Looni yaa loonishee looni yaaloonishee
Loontu maal hintaane
Waan loonii maaltu badaa ta’e
Kotteen shinii ta’aa, kan bunaan dhuganii
Gaafni fal’aana ta’aa, kan marqaan nyaatanii
Erbeen latii ta’aa, kan irra bulanii
Foon irbaata ta’aa, kan ittiin bulanii
Faltiin qoraan ta’aa, kan ittiin bilcheessanii
Looni yaaloonishee, afaaniin huuba guurii
Kotteen barakaa guurii
Looni yaa loonishee dibatan miidhagsoo
Looni yaaloonishee dhugaan qabbaneessoo
Gurrolee yaadalluu tolaa
Dallaan loonii maagarri kuulaa
Sin faarsaa roga gali yaa gurroolee
Gurroolee kotteen xiyyoo fakkaatu shimdhahii Kottee keetiin nanshii yaa loonii
Gaafa keetiin manshii yaa gurroolee
Roorrisaa ilma dhalchi yaagurroolee
Roorroo mitii makaraa
Makarri gahuu ga’e yaa gurroolee
Margaan sigahuu ga’ee
Maddaan siigahuu ga’ee
Huruursii makar galchii
Huruursanii makar galchanii
Roorrisanii ilma dhalchanii
Roorrisan malee makara hingalchanii
Roorrisan malee ilma hindhalchanii
Sin faarsaa dhaggeeffadhu
Kotteedhaan calla gaggeeffadhu
Mee tumii lama, mee tumii lama
Kotteedhaan mooyyee qabdaa
Harkaan muktumaa qabdaa
Gaafti kee malkataa
Kottee kee barakataa
Kottee kee barakataa
Gateettii duuba gootee
Eegee shurrubbaa gootee
Maala kee bullukkoo gootee
Takkatuu shimii dhahii
Sin faarsaa hin gammadinii
Sin abaaruu hinbooyinii
Morma jala sidhahanii
Afaan sihidhanii yaa loonii
Bonni hinjiruu bonni illee fagaatee
Lama bullaan arfaasaan dhihaatee
Loowwan maal hintaanee
Loowwan gaafa shunee
Isin bannaan bannee
Isin gallaan gallee
Looni yaa loonishee
Kan siqabu boonee
Kan sidhabe boo’ee
Kan sidhabe boo’ee
Horaa yaa loon wayyoo
Qotiyyoon faaruu feetii
Qottuun gargaarsa feetii
Roqoon waan kaan keetii
Callaan waan abbaa keetii
Hori yaa loon wayyaa
Xallaashiin xalaxalee
Callaan gootaraatti galee
Makariin gahuu gahee
Margaan sigahuu gahee
Faaruun armaan olii kun hawaasummaa, abdii, jiruufi dinagdee namoota gidduu garaagarummaa jiru kan agarsiisu ta’ee sangoonni si’aayinaafi dammaqinaan akka ayidan taasisa.
3. Faaruu loonii wayitii saani elmamu
Saani takka aannan kennuuf dhaluu qabdi. Saani dhalte tun guyyaa tokkotti wayitii lama elmemti. Kunis ganamaafi galgala sa’aatii tokkoo hanga sa’atii lamaatti.
Jabbii qabaattee harkuu taatee wayitii elman wanti faarsaniif akka aannan gadi dhiistuufi akka waytii elman dhaabbattu maqaa sa’aa harboo, gurree, daalee... jechuun maqaa dhahuun kan faarsan yoo ta’u, sa’a gaadi’uun elemtuutti elmu. Saani akka dhalteen hamma torban lamaatti aannan elmamu silga jedhama. Silgi kan dhugamu maanguddoota, ollaa, nama wayitii to’ee/bishaan loon san obaasan waamanii eebbifafachuuni. Faaruun loonii waytii sa’a elmanii akka kan armaan gadiiti.
Gurree kiyyaa gurri gindoo gahaa
Aannan malee bunni cittoo ta’aa
Looni yaaloonii nuuf kenni aannanii
Mee nugammachiisii shaa godhii aannan gadhiisii.
Suma qabatanii deeman godaansattii
Ammas itti fufaa daandii horsiisatti.
Waa’een loonii dubbatamee hindhumuu
Aannan nu’unsiisanii dhadhaa nu dibsiisanii
Loowwan burqaa keenyaa
Bu’uura jireenyaa bu’uura jireenyaa
Bakka filanneefii loon keenya horsiifannaa
Isaan horsiifachaa walumaan jiraachaa
Aannan keenya unachaa dhadhaa keenya dibachaa
Ganama elmachaa galgala raafachaa
Ollaa bitaa mirgaa aannan unachiisnaa
Marqa marqinee dhadhaa xuqachiifnaa
Yaaburree yaadaalee ofachaa bobba’aa dhalaa galaa
Jedhanii faarsanii ollaan walii galaa
Loon horsiisuun keenya bu’uura jireenyaa
Baay’ee itti abdannaa kuni aadaa keenyaa
Looni hoo kan kaloo kuchisiisu
Aannan malee bunni hinunsiisu
Yoo gadabii galu reephisa hoo
Loowwan gumaa bade deebise hoo
Saawwan lafee cabde deebisa hoo
yaa daalachoo daale hoo daale hoo
Akka jaldootti qarree saare hoo
Gosa lammii tiyya yaa dale hoo
Muxaan adiin buburraaqee galee
Itti gadidhiisi haa elmamu malee
Itti gadidhiisaa haa elmamu malee.
Walumaagalatti faaruu wayitii sa’a elmanii keessatti wantoonni mul’atan duudhaa hawaasaa kan ibsuudha.
Ittifufa
Oromoon haaloota addaddaa keessatti loon isaa faarsa

Saamraawiit Girmaatiin 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001603581
Har'a/TodayHar'a/Today3582
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday6809
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week11786
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month91623
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1603581

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.