Waaltina Afaan Oromoo

06 Apr 2018

Afaan Oromoo afaanota addunyaa kanarratti namoota baay’eedhaan dubbataman keessaa isa tokkoofi afaanota guguddoo jedhamanii warra kaa’aman keessatti akka ramadamu qorannooleen adda addaa ni ibsu.
Nutis kamuma ka'umsa godhachuun odeeffannoo Koree Waaltinaa Afaan Oromoo biraa arganne akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra.
‘Gragg’ (1976) Afaan Oromoo afaan saba guddaa akka ta’eefi Itoophiyaa keessatti bal’inaan akka dubbatamu haala ittaanuun ibsa; “Those Oromo language is spoken over a large area extending from Wallo in the north Kenya in south, and from Wallega in the west to Harar in the east.”
Kana jechuun Afaan Oromoo Itoophiyaa keessatti bahaa hanga lixaatti, akkasumas kaabaa hanga kibbaatti afaan bal’inaan dubbatamuudha jechuudha. Gabaabumatti, Afaan Oromoo afaanota gaanfa Afrikaa keessatti bal’inaan dubbataman keessaa isa tokko yoo ta’u, sadarkaa 3fa (Iswaahliifi Hawusaatti aanee) irrattis akka argamu ragaaleen ni mul’isu.
Dabalataanis, Afaan Oromoo Itoophiyaa keessatti kan dubbatamu qofa osoo hinta’iin biyyoota gaanfa Afrikaa kanneen akka Keeniyaa, Sumaaliyaa, Taanzaaniyaafi kkf keessatti akka dubbatamu ragaaaleen hedduun ni ibsu. Haata’u malee, afaan kun baroota dheeraaf hacuuccaa sirna gita bittootaa jala waan tureef afaan qorannoofi qo’annoo, hojii, barnootaa, sabqunnamtiifi ogbarruu otoo hinta’iin tureera.
Haala faffaca’een dhokatee gumbii ykn dagoogoo hawaasasaa keessa turee afoolaan qofa dhalootaa dhalootatti darbaa tureera. Haalli kun immoo garaagarummaan loogaa afaanicha keessatti mul’atu akka babal’atu gochuun guddinaafi waaltina Afaan Oromoorratti dhiibbaa guddaa geessisaa akka ture ifa.
Akka saayinsiin xiinqooqaa jedhutti afaan kamiyyuu keessatti garaagarummaan loogaa ni mul’ata. Afaan tokko uumamaan loogawwan garaagaraa ni qaba. Kunis kan ta’u sababoota adda addaatiin akka ta’e hayyoonni xiinqooqaa ni eeru.
Akka ‘Holmes’ (1992) ibsutti, garaagarummaan loogaa afaan tokko keessatti karaa lamaan uumamuu danda’a. Tokkoffaan looga sababa teessuma lafaatiin uumamu yoo ta’u, innis looga naannoo ('Geographical dialect') jedhamuun kan beekamuudha. Loogni akkanaa kan uumamu, namoonni afaan tokko dubbatan haala taa’umsa lafaafi sababoota adda addaatiin walirraa fagaatanii kan jiraatan yoo ta’eedha.
Sabni Oromoos kallattii afraniinuu fageenya adda addaarra waan jiruuf Afaan Oromoo keessa loogawwan sababoota akkanaatiin uumaman bal’inaan ni mul’atu. Fakkeenyaaf: damma, hojii, mi’a, kaleessa, koo, (Oromoo Maccaafi Lixaa biratti baay’inaan); dayma, dalagaa, meeshaa, kaleeysa, kiyya (Oromoo bahaa, keessattuu Oromoo Ituufi Afran Qalloo biratti baay’inaan) garaagarummaa loogaa mul’atu agarsiisuun ni danda’ama.  
Inni lammaffaan garaagarummaa loogaa hawaasa gidduutti mul’atuudha. Kun immoo looga hawaasaa ('social dialect') jedhama. Loogni akkanaa kan uumamu sadarkaafi gita hojii namoonni qaban  jechuunis korniyaa, umurii, sadarkaalee barnootaa, jireenyaa, aangoo, amantii, ogummaafi kkf irraa kan ka’eedha.
Qooddiiwwan hawaasaa gara garaa kanneen keessatti ittifayyadamni afaaniis garaagara. Haalonni gara garaa afaanitti fayyadaman kun immoo uumama loogaatiif sababa ta’a jechuudha.
Gabaabumatti garaagarummaan loogawwan afaan tokkoo sadarkaawwan gara garaatti mul’ata. Kan Afaan Oromoos haala armaan gadiitiin ilaaluun ni danda’ama.
Garaagarummaa loogaa afaan tokko gidduutti mul’atan kanneen sirriitti qormaataan adda baasuun guddina afaaniifis ta’e waaltina afaan tokkoo mirkaneessuu keessatti gaheen inni qabu daran olaanaadha.
Waaltinni afaanii adeemsa. Altokkotti ykn bara tokko keessatti kan raawwatu miti. Afaan tokkoofi hawaasni afaanicha dubbatu ni jiru taanaan waaltinni afaaniis yoomiyyuu ni jiraata. Afaanota du’anirraa kan hafe afaanonni marti kan jijjiiraman waan ta’eef hojiin waaltessuu ittifufinsa qabaachuu qaba (Milor;1999, Mokonnon; 2002).
Keessumaa Afaan Oromoo yeroo dheeraaf hacuuccaa jala ture haala addaatiin xiyyeeffannaan kennameefii bal`inaafi gadi fageenyaan  ittifufinsaan qorachuufi waaltessuun daran murteessaadha.
Qorannoo afaanii keessatti hojiin waaltina afaanii bakka olaanaa qaba. Hojiin waaltina afaanii guddina afaan tokkoo saffisiisuufis ta’ee afaanicha afaan saayinsiifi teknolojii taasisuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabuufi.
Waggoota digdamman darban keessa koree waaltinaatiin hojiin waaltina Afaan Oromoorratti hojjetamaa ture hanga tokko jajjabeessaa ta’us bu’aan argame fedhii ummata keenyaa guutuurratti gahaadha jechuun hindanda’amu.
Akka caasaattis xiyyeeffannaan Waaltina Afaan Oromootiif kennamaa ture laafaadha. Haa ta’uutii Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo ammaa dhimma kanaaf xiyyeeffannaa olaanaa kennuun Giddugala Aadaa Oromoo keessatti Muummee Moggaasaafi Waaltina Afaan Oromoo haala haaraan caasesseera.
Kaayyoon kanaa inni guddaanis  garaagarummaa loogawwan Afaan Oromoo gidduutti mul’atan haala saayinsaawaadhaan qorachuun  waaltina afaanichaa sadarkaa olaanaatti guddisuun afaanicha afaan saayinsiifi teknolojii taasisuudha.
Koreen Waaltina Afaan Oromoo dhuma bara 1985 irraa kaasee biirolee adda addaa jalatti gurmaa’uun (Biiroo Aadaafi Ispoortii, Biiroo Aadaafi Beeksisaa, Komishinii Aadaafi Tuurizimii, Biiroo Gurmaa’insa Ummataa, Dargaggoofi Ispoortii, bara 1998 irraa eegalee immoo Aadaafi Tuurizimii, yeroo ammaa immoo Giddugala Aadaa Oromoo jalatti gurmaa’uun) dhimma waaltina Afaan Oromoo irratti  hojii guddaa hojjechaa tureera.
Korichi dhaabbilee mootummaafi mitmootummaa adda addaa (Yunivarsiitii Finfinnee, Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa, Dhaabbata Raadiyoofi Televizninii Itoophiyaa Damee Afaan Oromoo, Dhaabbata Raadiyoo Faanaa Damee Afaan Oromoo, Dhaabbata Raadiyoofi Televizninii Oromiyaa) irraa walitti bahuun kan gurmaa’e yoo ta’u,  jechoota ummata keenya keessa jiran, keessattuu jechoota dagatamanii turan ifa baasuun, akkasumas jechoota saayinsiifi teknolojiidhaaf tajaajilan moggaasuun faayidaa hawaasaatiif  akka oolan taasisaa tureera.
Haaluma kanaan jechoota moggaafaman barruulee Wiirtuu Jildii 1 -11  irratti maxxansiisuun ummata bira akka gahan taasifamaniiru. Jechoonni moggaafaman kunniinis waaltinaafi guddina afaanichaatiifis ta’e sirna baruufi barsiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa turaniiru. Koreen kun rakkoolee walxaxoofi harcaatii guddaa haa qabaatu malee jijjiiramni guddinaafi waaltina Afaan Oromoo  irratti fide salphaa miti.
Maalummaa waaltinaa
Maalummaa waaltinaa ilaalchisee hayyoonni adda addaa hiika mataa isaanii kennaniiru. Kanneen keessaa muraasa isaan akkaataa itti aanuun haa ilaallu.
Waaltina jechuun looga waliigalaa tokkoon hojjechuuf tarkaanfii hawaasa tokkoon fudhatamuudha (Crystal; 1987)
Loogawwan afaan tokkoo keessaa looga waliigalaa tokkoon hojjechuuf adeemsa itti yaadamee hawaasichaan raawwatamuudha (Hudson; 1980).
Afaan waaltessuun loogawwan afaanichaa mara keessaa isa caalaatti ummanni itti waliigalu filachuun hojiirra oolchuudha (Fasol; 1984).
Afaan waaltessuun loogawwan afaan sun qabu keessaa tokko filachuun haala walfakkaataa ta’eefi ummaticha biratti fudhatama qabuun faayidaarra oolchuudha (Asher; 1994).
Adeemsa ittiin warri aangoo qaban akkaataa afaan tokko itti sagaleeffamu, barreeffamu, hawaasa biratti fudhatamuuf haala caasluga afaanichaa irratti murteessan ilaallata. Qaamni kun caasluga jechootasaa, akkaataa sagaleessuufi barreessuu kan ittiin idiloomsaniidha.
 Hiika hayyoota armaan oliirraa akka hubannutti, afaan waaltessuu jechuun afaan looga gara garaa qabaatee garuu immoo kan saba tokkoon dubbatamu haala garaagarummaa hinfinneen akka sabni sun itti fayyadamuuf haala mijeessuudha.
Karaa birootiin yoo ibsamu, afaan waaltessuun loogawwan afaan sun qabu keessaa tokko filachuun haala walfakkaataa ta’eefi ummaticha biratti fudhatama qabuun faayidaarra oolchuudha. Akka 'Wardhough'(1992) jedhutti; Afaan tokko waalta’e kan jedhamus yoo afaanichatti seeraan itti fayyadamuun danda’ameedha. Akka yaada hayyuu kanaatti, waaltinni yeroo kan fudhatuufi guddina caaslugaa, qubeessaafi kkf waliin kan walqabatudha.
 Barbaachisummaa waaltina afaanii
Afaan waaltessuun faayidaa hedduu qaba. Tokkummaa ummata afaanichaan waliigaluu cimsuuf, eenyummaa isaanii calaqqisiisuuf, amantiifi aadaa isaanii gabbisuuf, guddisuufi kkf afaan waaltessuun dhimma ijoodha. Yaada kanaan walqabatee 'Wardhough' waaltinni afaanii tokkummaafi jaalala hawaasa afaanicha dubbatuu cimsuu keessattis gahee olaanaa qabaachuu isaa ibsa.
Waaltinni afaanii sadarkaa guddina afaan tokkoo saffisiisuufis ta’ee afaanicha afaan saayinsiifi teknolojii taasisuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabuufi. Kana malees waaltinni afaanii guddina afaan tokkootiif daran murteessaadha. Sirna baruufi barsiisuu keessattis gaheensaa olaanaadha.
Akkaataa waaltina afaanii
Afaan karaa gurguddaa lamaan waalta’uu danda’a: Karaa alidilee (informal)fi idilee (formal) ta’eeni. (Stewart; 1976). Karaa alidileetiin afaan waaltessuu jechuun osoo itti hin yaadamiin hawaasni afaanichaan waliigalu jiruu isaa guyyaa guyyaa keessatti itti fayyadamuun afaanicha kan waaltessudha.
Haata’u malee, seenaa afaanotaa keessatti afaan adeemsa kana qofaan waalta’e hinjiru. Adeemsa keessa ofii isaatiin waalta’uun yeroo barbaadametti afaanicha afaan saayinsiifi teeknooloojii taasisuu hindanda’u. Akkaataa kanaan waaltina afaanii eeguunis rakkisaadha. Waaltinni idilee garuu qorannoo saayinsaawaa irratti hundaa’uun itti yaadamee karoorfamuun kan raawwatudha.
Mokonnon (2002)fi Addunyaa (2005) Crystal (1987) wabeeffachuun akka ibsanitti, waaltinni afaanii karaa idilee ta’een ykn itti yaadamee gaggeeffamu maleenyaa (approaches) lamaan raawwatamuu danda’a.
Isaanis;
A. Maleenyaa ibsaa (descriptive approach)
B. Maleenyaa ajajaa (prescriptive approach)
Ibsuun waaltessuu jechuun, haala itti fayyadama afaanichaa warra dhimma itti bahan  barsiisuudha. Maleenyaa ibsaan haala waaltina afaan tokkoo keessatti ga’ee taphachuu danda’uun jechootaafi caasaa afaanichaa qorachuun ibsuu ta’a. Maleenyaan kun filannoo hawaasichaa dhiyeessuun filachuun mirga isaa ta’uu mirkaneessuun wal qabata. Haala qabatamaa jiru irraa ka’uun maleenyaa kanatti kan gargaaraman koree waaltinaati.
Haata’u malee, namni amala isaatiin naannoo ofiif waan looguuf, haala kana keessatti waaltinni afaan tokkoo harkifachuu danda’a. Yeroo ammaa hojiin waaltina Afaan Oromoo sadarkaa kanarra hindabarre.
Koreen waaltinaas filannoo dhiyeessuun ala fudhatama filannoo sanaatiif to’annaan inni taasisaa jiru laafaadha. Kun ammoo karaa biraatiin korichumtuu filannoo dhiyeessuun dhaaba dhabuu jechootaafi caasaa afaanichaatiif qabata ta’aa akka jiru hayyoonni   afaanii ragaalee adda adda wabeeffachuun ni ibsu.
Adeemsi inni lammaffaan ammoo, maleenyaa ajajaati. Akka hayyoota yaada maleenyaa deeggeraniitti, loogawwaniifi caasaa afaan tokkoo ogeessaan qorachuun hojii isa dursaati. Sana booda, afaanichi yeroo barbaadame keessatti afaan saayinsiifi teknolojii akka ta’utti gama jechaatiinis ta’e caasaatiin haala waalta’e tokko uumuun akka ittiin hojjetamuuf haala mijeessuudha.
Kana jechuun manneen barnootaa, waajjiraalee mootummaa, manneen daldalaa keessatti barsiistonni, barreessitoonni kkf afaan waaltinaaf qophaa’e sanaan akka fayyadaman dhiibbaa geessisuudha. Isa kanas to’annaa walirraa hincinne taasisuun mirkaneeffachuudha. Gama birootiin Mokonnon Crystal (1987) wabeeffachuun akka ibsutti, maleenya ajajaatiin afaan waaltessuun “Seerri isaa kana” jechuun kaa’uudha jedha.
Seerri kunis kan irratti raawwatamu warra afaanicha fayyadamanitti. Hayyoonni kunneen itti dabalanii akka ibsanitti, afaan waaltessuuf karaa filatamaa kan ta’u, fayyadamtoota afaanichaaf gorsaafi odeeffannoo gahaa kennuudha. Garuu immoo hojiin waaltinaa akka galma gahuuf maleenya ajajaatti fayyadamuun filatamaa akka ta’e cimsanii ni ibsu.
Ittifufa

Charinnat Hundeessaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001641908
Har'a/TodayHar'a/Today2896
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4313
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1641908

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.