Xiyyeeffannoo Kora 3fa Qorannoo Oromoo Featured

20 Apr 2018

Ummatni Oromoo aadaa, aartiifi seenaa akka cirrachaa hammaaramee hindhumne qaba. Isaan kunneen ammoo afaanumaan ibsamaa har’a kan gahan waan ta’eef, dhiibbaa sirna mootota darbanirraa kan ka’e hanga walakkeessa jaarraa 19fatti sadarkaa guddinaa barbaadamerra gahuu hindandeenye.

Dhiibbaa aadaa, afaan, seenaafi aartii Oromoorra waggoota hedduuf gahaa turan jala dhaabachuun hayyuuleen kanneen akka Shek Bakrii Saaphaaloo, Onesmoos Nasiib (Abbaa Gammachiis), Jeneraal Taaddasaa Birruufi kkf lafeefi lubbuusaanii kennuun gumaacha guddaa taasisaniiru; laphee ummata Oromoo keessaa yoomillee hin dagataman.

Barootni baroota dabarsu. Adeemsa kana keessatti ammoo aadaan, seenaan, aartiifi duudhaalee dagatamuu waan danda’aniif, yeroo yerootti qoratamanii labata ittaanuuf darbuu qabu.

Kun yoo hintaane dhimmi jiraachuu ummata tokkoo gaaffii keessa gala. Kanumarratti hojjechuuf waggoota sadii dura “Inistitiyuutiin Qorannoo Oromoo” Yunivarsiitii Jimmaatiin kan hundaa’e yoo ta’u, xiyyeeffannoonsaa inni guddaan seenaa, afaan, aadaa, aartiifi duudhaalee ummata Oromoorratti qorannoowwan gara garaa adeemsisuun akka guddatan ykn dagaagan gochuu, lammiilee biyyattii beeksisuuf hubannoo uumuu, akkasumas haala labata dhufuuf tursiisuun danda’amurratti kallattii kaa’uudha.

Inistitiyuutiin qorannoo Oromoo baranas si’a sadaffaaf kora addunyaa 3fa qopheessummaa Yunivarsiitii Wallaggaatiin Ebla 5 hanga 7 bara 2010tti kan gaggeesse yoo ta’u, hayyuuleen Oromoo biyya keessaafi alaa jiraatan, pirezidaantonniifi barsiisotni yunivarsiitiiwwan addaddaa, artistootni, abbootiin Gadaa, maatiin qabsaa’ota duraaniifi hoggantootni mootummaa olaanaa irratti argamaniiru.

Kora ykn konfiransii kanarratti waraqaaleen qorannoo 40 kan dhiyaatan yoo ta’u, bal’inaan mariin irratti gaggeeffamuun kallattiin gara fuulduraa kaa’ameera.

PirezidaantiinYunivarsiitii Wallaggaa, Doktar Eebbaa Miijanaa korri qorannoo Oromoo maalirratti xiyyeeffachuu akka qabu kan ibsan yoo ta’u, carraawwaniifi danqaalee afaan, aadaa, aartiifi seenaa Oromoo qaburratti qorannoowwan gara garaa adeemsisuun ergama kora kanaati jedhu.

Kanaan booda ammoo bu’aalee qorannoowwanirraa argamaniin keessumaa danqaalee mul’atanirratti furmaata kennaa deemuun dhimma hubatamuu qabu ta'uus ni eeru.

Fakkeenyaaf, Afaan Oromoo afaanota biyyoota Afrikaa keessatti dubbataman keessaa afaan Arabaafi Siwaahiliitti aanee 3fa ta’ee osoo jiruu hedduu osoo hinbeekamiin har’a gaheera jedhu. Seenaa kana jijjiiruun ammoo gahee tokko tokkoo ummata Oromoo yoo ta’u, beektotni irra jireessaan qorachuun, qeequun, kallattii kaa’uufi hubachiisuu akka qaban dubbatu.

Keessumaa ammoo afaan, aartiin, aadaafi duudhaaleen Oromoo baroota dheeraaf dhiibamaa turan barri dhufeefii jira jedhanii, Afaan Oromoo afaan hojii mootummaan naannoo Oromiyaa ta’uurra darbee kan federaalaa akka ta’uuf imaammata afaaniirratti ciminaan hojjetamuu akka qabu hubachiisu.

Yunivarsiitiin Wallaggaas ejjennoo, “Afaan Oromoo afaan federaalaa ta’uu qaba” jedhu fudhachuun barnoota Afaan Oromoo dameewwan gara garaatiin barsiisuurratti akka argamu ibsu. Kana waliinis afaan qorannoo, joornaaliin itti maxxanfamuufi korriwwan addaddaa ittiin gaggeeffamu taasisuurratti argamaa jedhu.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa, Pirofesar Fiqiree Lammeessaas akka ibsanitti, jiruufi jireenya hawaasaa keessatti afaan, seenaan, aadaan, aartiifi duudhaan wantoota murteessoodha.

Isaan kunneen eenyummaa ykn maalummaa saba tokkoo sirnaan kan calaqqisiisanidha jechuun seenaa koloneeffattoota ardii Afrikaa yaadachiisu.

Meeshaalee koloneeffattootni qabatanii dhufan keessaa tokko afaan isaaniiti. Afaansanii kanas lammiilee Afrikaarratti fe’uun akka isaan afaan abbaafi haadhasaanii gadi xiqqeessanii ilaalan godhan. Adeemsa keessas aadaa, afaan, seenaafi duudhaasaanii dhiisanii kan koloneeffattootaa duukaa bu’uu danda’aniiru” jechuun ragaalee seenaa wabeeffatanii kaasu.

Kunimmoo tokkummaa Afrikaanotaa diiguu akka danda’es ni dubbatu. Kanaaf korri kun hundaa ol Afaan Oromoo guddisuuf yeroo kamuu caalaa hojjechuu akka qabus yaadachiisu.

Kana malees, “Aartiin soorata qalbiifi dhageettiiti. Mil’uu egereellee kan keessatti horatani. Yoo aartii qabnuun bor ilaalle malee kaleessa eessa turre, boru eessa feena, har’a sadarkaa kamirra jirra?” gaaffilee jedhan deebisuun akka hindanda’amne himu. Aartii Oromoo babal’ifachaa jiru daraaree boru ija gaarii akka godhatuuf aramaa jalaa buqqisuun barbaachisaa ta’uu ibsu.

Walumaagalatti, korichi seenaa, aadaa, aartiifi duudhaa Oromoo guddisuuf xiyyeefatee kan hojjetu yoo ta’u, qorannoowwan qeeqaa baay’inaan dhiyaataniiru.

Kunimmoo bifa ga’umsa qabuufi qulqullinaan hojjechuurratti kan bu’uureffate waan ta’eef, imaammata hawaas-dinagdeefi siyaasaa biyyattiin qabdu kan utubuudha. Kanaaf, carraawwan jirutti fayyadamuuf danqaawwan mul’achaa jiran hatattamaan furuun murteessaa ta’uu hubachiifameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001819063
Har'a/TodayHar'a/Today4978
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3589
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week9643
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1819063

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.