Harargeetti, horteefi sirna ittiin bulmaata Gadaa Featured

04 May 2018

Dhalli namaa tooftaa jireenya isaa naannawaa isaatiin walsimsiisee ittiin jiraatu qaba. Malli kunis Aadaa jedhamuun beekama. Aadaan mallattoo ykn eenyummaa hawaasa tokkooti. Aadaan tooftaa hawaasni tokko haala jiruufi jireenyasaa ittiin calaqqisiifatuudha.

Oromoon aadaa miidhagaa uumaa ganamaan isaaf kenname qaba. Kunis Sirna Gadaa yoo ta’u, sirna kanaan waggoota dhibba hedduuf wal harkaa fuudhuun ittiin wal bulchaa tureera. Sirni Gadaa kun madda dimokiraasii addunyaatiif bu’uura akka ta’uuf gahee guddaa gumaacheera.

Sirni Gadaa dhimma jireenya ummata Oromoo gama hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aadaa, diinagdeefi amantiiti. Sirni Gadaa sirnaafi seera Oromoon ittiin wal bulchu, kan duulee roorroo ofirraa ittisu, kan diinagdee isaa ittiin tikfatuufi dagaagfatu, akkaataa inni itti waliin jiraatuufi kan hawwiin dhala Oromoo cufa ittiin guutu ture.

Bara bulchiinsa Sirna Gadaatti, Oromoon jiruufi jireenya isaa hunda keessatti wal kabajee, badiirra of eegee hariiroo gaarii kan biroo waliin uumuudhaan jiraachaa tureera. Ummanni Oromoo aadaa boonsaa kan dhaloonni isaa hundi badiirraa of eegee naamusaafi jaalalan akka jiraatu godhu qabaachuun isaa durumarraa eegalee abbaa qaroominaa ta’uu isaa mul’isa.

Ummanni Oromoo Harargees weerartoota alagaatiin osoo hinjilbeenffatin dura yeroo dheeraaf akkuma Oromoota godinaalee Oromiyaa biroo Sirna Gadaatiin of bulchaa akka ture ragaaleen adda addaa ni mirkaneessu. Haata'u malee biyya keeyna keessatti sirnootni bittaa jaarraa tokkoo oliif aangoo wal irraa dhaalaa aadaafi duudhaan hawaasa Oromoo akka badu taasisaa ture erga barbadaa'ee as Sabaafi sablammootni biyyattii aadaa, afaaniifi seenaa isaanii eeggatanii of akka bulchaniif Heeraan mirkanaa'eera. Kanumaan walqabatee Mootummaan Bulchiinsa Naannoo Omiyaas Sirnaa Gadaa kun deebi'ee akka dagaaguuf kallattii adda addaatiin hojjechaa akka jiru ni beekama.

Sirni Gadaa Oromoo kun Hambaa Addunyaa ta`ee Galmee 'UNESCO' irratti galmaa'uudhaan eenyummaa saba kanaa addunyaa irratti beeksisuu bira dabree sirni kun qabeenya addunyaa ta'eera. Haata'u malee sirni kun Galmee 'UNESCO' qofa irratti galmaa'uun isaa qofti ga'aa waan hin taaneef qaamoleen ykn dhaabbileen itti fufiinsa adeemsa sirnichaaf hojjetan jiraachuun barbaachisaadha. Kana keessaas tokko Gumiin Abbootii Gadaa adda durummaadhaan warreen eeramaniidha. Akkuma godinaalee Oromiyaa kanneen biroo Harargee Bahaattis caasaalee Gumii Abbootii Gadaa Afran Qalloofi Humbannaa ijaarudhaan aadaan ummatni Oroomoo Harargee ittiin of bulchaa ture sirni Gadaa dimookiraasii ammayyaatiif bu'uura ta'e kan sirnoota darban keessa awwalamee ture deebi'ee akka dagaagu, aadaa, seenaa, hambaalee, afaaniifi artiin ummata Oromoo godinichaa akka dagaaguuf, safuu, duudhaa, tasgabbiifi nageenyi akkasumaas walitti dhufeenyi ummata Oromoo akkasumas sabootaafi sablammoota biyyattii jidduu jiru akka jabaatu gochuuf hojjatamaa tureera; hojjatamaas jira.

Qubsumaafi Hortee (Hidda Latiinsa) Oromoo Harargee

Gosoota Oromoo ilmaan Baareentummaa ta’anii Harargee keessa jiraatan keessaa ilmaan Anniyyaa (Humbannaa) tokko yoo ta’u, akkasuma guutuu Harargee Lixaa qabatanii kan argaman Ilmaan Murawwaa (Ituu) jedhamuun beekamu.Gosoonni kun dhuma jaarraa kudha lammaffaa duraa jalqabanii seera gadaa tokkoon Odaa Bultum jalatti waggoota dhibba hedduuf of bulchaa turuu isaanii seenaan ni ibsa.

Marawwaa (Ituu)n ilmaan lama qaba. Isaanis afran mana Ituufi shanan mana Baabboo yoo ta’u, ilmaan afran mana Ituu immoo Adaayyoo, Arroojjii, Waayyeefi Baayee yoo ta’an, ilmaan shanan mana Baabboo immoo Baabboo, Algaa, Galaan, Warraafi Gaamoodha.

Anniyyaa (Humbannas) ilmaan lama qaba. Isaanis sadan Sadachaafi Afran Kodhelleedha. Ilmaan sadan Sadachaa Baabboo, Malkaafi Danbee yoo ta’u, kan Afran Kodheellee immoo Biduu, Annaa, Maccaafi Kooyyeedha. Ilmaan Afran Qalloo immoo afran ilmaan Qalloo yemmuu ta’u, isaanis Oborraa, Baabbile, Daga fi Alaa jedhamu.

Haaluma kanaan ilmaan afran Qalloo keessaa Oborraan ilmaan afur qaba. Isaanis Dagaa, Akkichuu, Biliifi Dooranii yoo ta’u, ilmaan Baabbilee immoo Areelee, Heeban, Hawwiyyaafi Giriidha. Ilmaan Dagaa immoo Noolee, Jaarsoofi Huumee yemmuu ta’u, ilmaan Alaa’s Abbaadhoo, Abbayyii, Gutayyuu, Arrojjii, Nuunnuu, Goollo, Galaan, Buubbuu, Kaakkoo, Eree, Diiramuufi Meettaadha.

Ilmaan Oborraa keessaa Dagaan ilmaan sadi qaba. Isaanis Yaasaa, Booraniifi Mangaadhaa yoo ta’an, kan Akkichuu immoo Xaayeefi Gorbeedha. Kan Bilii Kuraafi Hinee yemmuu ta’u, ilmaan Dooranii immoo Yaasaa, Guutaa, Guttayyuufi Abbichuudha.

Ilmaan Baabbilee yemmuu ilaallu immoo Areeleen ilma tokko qaba. Innis Dooyyoo jedhama. Dooyyoos akkasuma ilma tokko qaba. Innis Hagaloodha. Ilmaan Heeban immoo Fagaroo, Goonaafi Baabboodha. Hawwiyyaanis ilmaan lama qaba. Isaanis Gundhabeefi Karaalee yoo ta’an, kan Girii immoo Waalee, Waajaroofi Lubaayaadha. Hagaloon ilma tokko qaba. Innis Maayaa yoo ta’u, Maayaan ilmaan torba qaba. Isaanis Alii, Usmaan, Boonayaa, Dooranii, Hagaloo,Tudhaafi Miyyiidha.

Ilmaan Daga keessaa Nooleen isa tokko yemmuu ta’u, innis ilmaan sadi qaba. Isaanis Haleelee, Muchaafi Ormoodha. Ilmaan Jaarsoo immoo Oromoo, Dawwaaroo, Dhangaa, Walaabuu, Warrasayfi Ogaa yemmuu ta’an, ilmaan Huumee’s kudha lama yoo ta’u, isaanis Sirgaalaa, Duudaa, WarraDaay, Badii, Oboo, Asaboo, Ibsoo, Onaayaa, Alii, Noolee, Guyyeefi Busadha.

Ilmaan Alaa keessaa Abbaadhoon isa tokko yemmuu ta’u, Abbaadhoon ilmaan sadi qaba. Isaanis Tuulama, Sirbaafi Kuraadha. Ilmaan Abbayyii immoo kodhallee, Amuumaa, Diiramuufi Sobaale yoo ta’an, kan Gutayyuu’s Yaasaa, Kuutaayee fi Gutayyuudha. Ilmaan Arroojjiin immoo ilmaan torba qaba. Ilmaan Arrooojjii kunis Sadeen Obootiifi afran Jamjam jedhamuun bakka lamatti qoodamu. Sadeen Oboo jalatti Bachoo, Balaalofi Doogu yoo ta’an, Afran Jamjam immoo Diimaa, Bonee, Waayyuufi Abbaadhoodha. Ilmaan Nuunnuu afur yoo ta’an, isaanis Baabboo, Jiddaa, Itayyaafi Biliidaadha. Kan Goollo immoo Maaruu, Hurratiifi Jiddaadha. Akkasuma Ilmaan Galaan Dambee, Iluufi Morowwaa yemmuu ta’an, kan Buubbuu immoo Aliimoo, Diramuufi Kutaayyeedha. Ilmaan Kaakoo immoo Hariroo, Dullachaa, Dhangaafi Adaanoo yoo ta’an, kan Eree Dooguu, Baaduufi Buraaqsaadha. Kan Diiramuu immoo Oyloo, Corroqoo, Abuunnifi Xubuu yoo ta’an, kan Meettaa Ariyaa, Buunnii, Daada, Ooyloo, Maaru, Hariroofi kuraa jedhamu.

Bara Ittiin Bulmaata Sirna Gadaa Raabaafi Doorii Oromoo Harargee

Bara sirna Gadaa kana keessatti abbootii Gadaa lakkoofsan heddu ta’anitu teessoo isaanii Odaa Bultum taasifachuun Oromoo Harargee bulchaa turan keessaa akka fakkeenyatti Abbaa Gadaa Jaarraa Mardiidaa (1193-1200), Roobaa Dhungataa (1201-1208), Roobaa Gaamoo (1209-1216), Roobaa Gobeellee (1217-1224), Dooyyoo Daarimuu (1225-1232)fi Harhar Hargaya (1232-1241) ksnneen eeramaniidha.

Haa ta’u malee lakkoofsi manaafi horii heddummaachaa dhufuu isaatiin gosoonni Oromoo Harargee kun lafa babal'ifachuuf gargar fagaatanii qubachuu eegalan. Akkaataa kanaan Oromoon Harargee afran Qalloofi Anniyyaa (Humbannaa) gara Bahaatti godaananii lafa bal’aa qabatanii jiraachuu eegalan. Iddoon qubatanii jiraatan kunis Odaa Bultum irraa baay’ee waan fagaateef sababa fageenya kanaan seeraafi bokkuu tokko jalatti buluun baay’ee ulfaataa dhufe. Rakkoo kana furuudhaaf gosoota Oromoo gara Bahaatti socho’anii qubatan keessaa tokko kan ta’e Oromoon Afran Qalloo jaarraa 18ffaa keessa konfidereshinii Afran Qalloo jedhamu hundeessun Sirna Gadaa mataa isaanii uummatanii ittiin of bulchuu jalqaban.

Sirni Gadaa ilmaan Afran Qalloo hundeeffatanii ittiin bulaa turan kun Raabaa Doorii jedhama. Teessoon Gadaa Raabaa Doorii afran qalloos Mooraa Fugug bakka Buluuloo jedhamtutti yemmuu ta’u, Buluuloon aanaa Qarsaa naannoo Magaalaa Waatar jedhamtu cinaatti argamti. Korri caffee gadaa Raabaa Doorii kunis walgahii isaa waggaa saddeet, saddeetiin iddoo kanatti gaggeeffataa tureera. Hirmaattonni kora caffee gadaa Raabaa Dooriis dhiibbaa tokko malee bilisaan yaada isaanii dabarfatu. Korri yaa’ii caffee kun gosa hunda walqixxummaan hirmaachisee nageenyaafi tasgabbii ummataa kabachiisaa tureera. Kanamalees, sababa bishaan dhugaatiifi lafa margaatiin walitti bu’iinsa gosa jidduutti uumamaa ture furmaata laachudhaan nageenya ummata jidduutti buusaa tureera. Sirni Gadaa kun aadaa, duudhaa, afaan, seenaafi amantiin saba Oromoo akka hin banne eegee dhaloota irraa dhalootatti akka dabru taasisuun guddina aadaafi eenyummaa Oromootiif gaheen gumaaachaa ture ol’aanaadha.

Akkasuma gosoonni Afran Qalloo hundi bulchiinsa Raabaa Doorii kan mataa ofii qabaachaa turan. Bulchiinsi kunis kora caffee Raabaa Doorii gosaatiin kan hogganamuudha. Korri gosaa kan rakkoolee xixiqqoo gosa jidduutti uumamtu furmaata laachuun nageenya hawaasaa eegsisu Raaba jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, rakkoole gurguddoo gosa jidduutti uumamtu ilaaluuf kan aangoo qabu kora caffee gadaa Doorii jedhama. Bulchiinsa gadaa Afran Qalloo keessatti qaamni aangoo guddaa qabu immoo Caffee Gadaati. Karaa biraatiin Raabni bulchiinsa Gadaa yoo ta’u, Dooriin immoo waraana Gadaati. Hojiin (gaheen) waraana doorii diina ummata irraa ittisee nageenya hawaasaa Oromoo eeguudha. Ajajaan waraana Doorii Abbaa Duulaa yemmuu ta’u, qaamni waraana labsuuf aangoo qabu Caffee Raabaa Dooriiti. Hoggantoonni Sirna Gadaa Raabaa Doorii karaa dimookiraasiitin ummataan filamanii waggaa saddeet, saddeetiin aangoo waliif dabarsaa biyya bulchaa turaniiru.

Gama birootiin immoo gosti Oromoo Anniyyaa jaarraa 18fa irraa eegalee Caffee Gadaatiin of bulchaa turuu isaanii seenaan manguddoota Oromoo irraa argame ni ibsa. Teessoon Caffee Gadaa Oromoo Anniyyaa Diida Anniyyaa ykn Burqaa Tirtiraa jedhama. Miseensonni hoggansa kora Caffee Gadaa Raabaafi Doorii akka ittaanutti dhiyaataniiru. Isaanis Abbaa Fugug (Abbaa Gadaa) Piresidaantii, Abbaa Bokkuu (Piresidaantii Ittaanaa), Abbaa Caffee (walitti qabaa koraa) Caffee, Abbaa Dubbii (Kan dubbii ykn dhimmoota uumaman akka murtii argataniif kora Caffeetiif dhiyeessuudha.

Abbaa Seeraa (innis nama heeraafi seera sirriitti beekuufi akkasumas heeraafi seera kana kora caffeetiif kan ibsuu yoo ta’u, abbaan Alangaa (dhimmoota uumameef murtii gitu kora Caffeetiif kan himuudha. Abbaan Duulaa immoo ajajaa waraanaati. Akkasuma Abbaan sa’aa immoo qabeenya isaanii kan to’atuudha. Hoggansi kora caffee kun aadaa, seenaa, afaaniifi safuu beekuufi akka hin tuqamne eeguuf dirqama guddaa kan qabuudha.

Walumaagalatti, sirni ittiin bulmaata sirna Gadaafi hortee ummata Oromoo Harargee muraasa keessa kan fudhanne kana fakkaata. Yeroo biraa haalota aadaafi duudhaa ummata godinichaa calaqqisiisan isin biraan ga'uuf yaalla jedha barreeffama kana qindeessee Gaazexaa Bariisaatiif kan erge Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Godina Harargee Bahaati.

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001296973
Har'a/TodayHar'a/Today3875
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday4284
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week12462
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1296973

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.