Imaanaa abbootaa, dabarsaa dhalootaa Featured

12 Jun 2018

Tirriifi shaggooyyeetu walfaana hiriire. Ishkummeefi dhiichisa Shawaatu walduraa duubaan onnee ummataa ollachiise. Inni danda'uufi nama duratti bahee waan itti dhagahame agarsiisuuf onnee qabu bahee shibbisee inni ija laafu immoo iddoma taa'etti yaadaan mataa raase. Gootota Oromoo aadaafi afaan akkasumas bilisummaa ummataatiif wareegamantu irratti faarfame. Tokkummaa Oromootu aadaadhaan faayamee achitti lallabame.

Gaafa Tirriin garee shubbisaa Godina Arsii Lixaatiin dhihaatu, ijoolleen garee Shaasheefi Baatuu akkasumas kan Godina Arsii harkaafuudhee shubbise, yeroo hawwisoon Shawaa Kaabaa sirbu ijoollee Shawaa Kibba Lixaattu Shimalaan faana dhadhaadatee, wayita hawwisoon Walagga Lixaa gara waltajjiitti bahu immoo Naqamteefi Wallagga Bahaatu walcaccabsaa jara waliin ol yaa'e.

Uumamatu dhaadheffame, loontu faarfamee mortutu abaarame. Abbaa gadaatu eebbisee ummataafi aadaasaa itti urgeessee waanyoo ija jaamse.

Oromoo ganamaatu qopheessee Oromiyaa hunda keessummeessee, aadaa sabichaa kunuunsee saboota hundaaf tursiise. Aadaasaa turiisuuf ofiisaa miidhamee diina taasifamee qe'ee ari'amee lubbuus wareegame.

Ummata aadaa Oromoofi Oromummaa ganamaatiif of kenne kanatu aadaa barsiisuuf ilmaansaa waammate godinootaafi magaalota Oromiyaa hundatu guyyoota shaniif teessoosaa Gujii taasifate.

Turtii guyyoota muraasaatiin Oromiyaa xiqqoon achitti hundeeffamtee, Magaalaan Nageellees keessummootaan cinqamtee, baadhachuuf humnasheetii ol itti ta'ee diduuf immoo Oromoo itti ta'ee jaalalli jiraannaan wanti ni hanqataa tasumaa hinjiraatu. Isa kanaaf immoo fakkeenya kan taatu magaalattiinis ta'ee ummanni isheellee hunduu haa ulfaatu.

Hunduu shubbisa danda'uufi isatti dhihaatu waliin shubbisuu malee “dabareen kun kan keenyaafii kan isaaniiti” wanti jedhamu tokkos hinmul'atu. Kan shakkii qabu immoo warra gaafa sana iddoo sana ture deemee haa gaafatu.

Nama dhalatee umriisaa daa'imummaa (umrii 14) irraa eegalee aadaafi aartii sabasaatiif sodaa tokko malee falmuu eegaletu gaafas ulfina argatee, nama baargama taa'ee osoo fageenyi isa hindaangessine sabasaatiif hojjatetu beekamtii argate.

Nama yeroo jalqabaatiif seenaa goota Oromoofi Itoophiyaa akkasumas dhirsa Xaaliyaanii, Jeneraal Taaddasaa Birruu barreessee ummataaf dhiheesse gaafa sana seenaan yaadatte.

Torbeen aadaafi Artii Oromiyaa Magalaa Nageelleetti qophaa'e waa heddu dabarsee waan heddus soroorse, rakkoolee garee shibbisaa godinaataafi magaalotaatiin dhihaatetu shakkii tokko malee fudhatamee isa yeroo gababaatiif deebiinis kennamee, isa marii bal'aa fedhuuf immoo beellamni qabamee bifa kamiinis taanaan aadaafi artii Oromoo guddisuuf immoo duubatti kan hindeebine ta'uus achirratti ibsame.

Odaa kufee waggoota sadii dabarsetu dhiheenya kana godinichatti akkuma tasaa mataa ol qabatee, uumata naannawichaatti milikii itti laallatee barri kan aadaafi seenaan dharaan hatame hundi abbaaf itti galu ta'uu jaarsotatu dubbate.

Oromoo jaarraa tokkoo oliif alagaan dhiitamaa turetu ofiisaarra darbee biyyasaas bulchuufis carraa itti argatee sirna Gadaa waggoota hedduuf ukkaamamee turetu hundeesaa deeffatee Odaan kuftee kaate kana fa'a akeeku immoo bulchaa Godina Gujii, Obbo Roobaa Turceetu achitti dubbate.

Gareewwan hawwisoo godinootaafi magaalotaa sirboota aadaafi ammayyaa, walaloofi diraamaadhaan ummata bashannansiisan caalaa immoo uffannaan aadaa ummatoota magaalattiifi naannawa sanaa qalbii namoora hundaa dhormatee (qabatee) ija kaameraallee ofitti harkifate.

Iddoo agarsiisa aadaafi aartii argeera garuu, inni akka gaafa sanaa argamee kan hin beekne ta'uu ijji tiyya ragaadha.

Ummanni naannawa sanaa bal'inaan jiraatu immoo Booranaafi Gujii ta'uusaatiin namni ykn Oromoon jara kanneen caalaa aadaasaaniitiin boonaniifi carraa argame hundaan aadaa uffannaa, nyaataafi kanneen biroo agarsiisuuf yaalii walirraa hincitne taasisan hinjiran

Kun immoo aadaan ykn Oromoon iddoo tokkoo isa biroo caala jechuu osoo hintaane, sochii carraa argame hundaan aadaasaa beeksisuufi agarsiisuuf taasisuufi yeroo rakkoo kamillee wareegama kamuu kanfalee aadaafi aartiisaa tursisuudhaan yemmuu ilaalamu ta'uunsaa hubatamuu qaba.

Idoowwan heddutti sirnoota gara garaatiin wantoota aadaa naannawa sanaa calaqqisiisan kanneen akka aadaa uffannaa akka sirreeffataniif kadhannaan malee namni ofiisaatii itti yaadee kan godhee argamu xiqqoodha.

Kan gaafas achitti mul'atu garuu namni tokko uffata aadaa malee naannawa sanatti akka hinargamne qajeelfamni guddaan kan kaa'ame fakkaata.

Kan ta'e garuu, qajeelfama seeraa osoo hintaane kan uumamaati. Sammuusaaniitu itti amane. Seenaa ganamaatti isaan biratti hinirraanfatamne.

Isaan carraa galma seenuu argatan dhiisii kanneen waraqaa seensaa dhabanii sagantaan eegalee hanga xumuramutti ala dhaabbatanii aduufi roobni irratti wal jijjiirus hedduunsaanii wayyaa aadaatiin warreen faayamaniidha.

Inumayyuu ummata Booranaafi Gujii hedduuf haalli uffannaa wayyaa aadaa kun yeroo sirni tokko qophaa'u qofa soo hintaane, jiruufi jireenya guyyaa guyyaasaanii waliin darbees immoo dhiigasaanii waliin kan wal fudhateedha.

Hanqinni bajataa waajjiraalee aadaafi turizimii, kanarraa kan maddu immoo gareewwan hawwisoos hanga barbaadametti hojjachuuf hanqina maallaqaa qabaachuunsaanii, iddoowwan aadaaleen gara garaa fakkeenyaaf Godina Booranaatti ardaan jilaa abbootii qabeenyaatiif kennamuusaatiin iddoon jilli itti bahamu dhabamuun ummanni rakkachaa jiraachuufi aadaawwan tokko tokko hammeyyeessuuf jecha balleeffamaa jiraachuun dhimmoota marii paanaalii sagantichaa irratti ka'an keessaa isaan guguddoo turan.

Aadaan Oromoo eenyummaa Oromoo irraa gargar bahee kan hinilaalamne ta'uu kan himan hoogganaa ittaanaan Biiroo Aadaafi turiizimii Oromiyaa. Dr. Tashoomaa Kabbadaa, aadaafi aartii Oromoo kunuunsuufi dhaloota egereetiif dabarsuun hojii biiroo tokkoo osoo hintaane kan ummata bal'aa ta'uu dubbatu.

Yeroo ammaa aadaan Oromoo ummatasaa bira darbee guuutuu addunyaa birattis beekamtii argachaa kan jiru ta'uusaafi hojiin aadaalee ummatichaa bifa guutuu ta'een beeksisuu garuu kana caalaa cimuu kan qabu ta'uu ibsu.

Aadaa kunuunsanii dhaloota egereetiif dabarsuun akkuma jirutti ta'ee madda galii taasisuufis hojjatamaa jiraachuu kan himan Dr. Tashoomaan, gaafa aadaafi turiizimiin madda galii cimaa argate immoo rakkooleen hanqina bajataan walqabatanii akka hudhaatti ka'aa jiranis furmaata waaraa kan argatan ta'uu dubbatu.

Ummanni Oromoo aadaa boonsaa ijaaf midhaagu dhageettiif tolu duudhaafi safuu eegsisu diina booji'ee Oromoomsuufi kan ofii taasisu, kan ittiin buluufi kan ittiin walbulchu, kan walole araarse kan walajjeeseef gumaa fixu, mirga namaa bira darbee mirga uumamaas kabachiisu eenyuree abbaan dabaree kan itti nuufufsiisu?

Ummanni aadaa qabaa aadaan immoo safuu qabaa. Aadaa ofii kunuunsee dabarsuuf immoo hunduu dirqama qabaa, imaanaa abbootii sirnaan akkuma isaan nuun ga'aniin nutis yoo dabarsinee itti gaafatamummaa seenaa jalaatis dursineeti kan baane.

Walumaagalatti, dhiichifni, shubbisni, tirriifi shaggooyyeen hangafoota Oromoofi madda seenaa Oromootaatti Oromootaan dhihaachaa ture, bal'inaa aadaafi aartii Oromoo agarsiisuu bira darbee aadaan saba kanaa qorannoo saayinsaawaatiin osoo qoratamee kan waraabamee hindhimne ta'uusaa mirkaneessa.

Kanaaf immoo qaamni ittigaafatamummaa kallattii qabus ta'ee sabni hundi aadaa imaanaa abbootii kana sirnaan qabee isa dhufuuf dabarsuun dirqama sabummaati.

Gama biraatiin immoo garaa garummaa gosoota shubbisaa godinootaafi magaalota Oromiyaa gidduutti tokkummaa yoomillee hindiigamnetu mul'ata.

Bayyanaa Ibraahimiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001817136
Har'a/TodayHar'a/Today3051
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3589
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week7716
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1817136

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.