Hambaalee kunuunsuun guddina turizimiif Featured

29 Jun 2018

Turizimiin idustirii addunyaa isa guddaa yoo ta'u, yeroo ammaa biyyoota guddataa jiran keessattillee daran babaldhachaa jira.

Dameen kun industirii aara dhabeessa jedhamuun kan beekamuudha. Sababiinsaa industiriiwwan kaan aarawwaan goggogaafi balfawwan gara garaa naannawa summeessan kan gadi lakkisan yoo ta'an, turizimiin garuu kana hundarraa bilisa waan ta'eefi.

Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa harka caalaan garuu hawatawwan turizimii uumamaa namtolcheefi afuuraa qabatanillee guddina damichaaf xiyyeeffannoo gahaa kennuun waan hinmisoomsineef faayidaa irraa argachuu malan argachaa hinjiran.

Kanaafis akka sababii guddaatti kan eeraman bu'uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, bishaan, bilbilaafi ibsaa haalaan diriirfamuu dhabuu, qabeenya turizimii sirriitti kunuunsuufi beekisiisu dhabuun, akkasumas damicha keessatti humni namaa leenji'ee dhabuun warreen ijoodha.

Fakkeenyaaf, Itoophiyaa qabeenyawwan hawata turizimii uumamaafi namaan hojjetaman kanneen akka gaara Raas Daashan, Sameeniifi Baalee, Sulula Qiinxamaa meetira 120 gadi bu'ee jiru kan akka naannwaa Danaakil, Holqa Soof Umar, Burqaawwan ho'aa, akaakuuwwan sinbiraafi bineensota biyya keenya qofatti argamaniin kan badhaateedha.

Kana malees dachee hangaafi dhala namaa yookaan Luusiifi bunni itti argaman waan taateefi hawwata turizimiif baay'ee mijooftuudha.

Akkasumas Iddowwan hawwataa kanneen akka Masara Abbaa Jifaar, Laallibalaa, Masara Atsee Faasiil, Siidaa Aksum, Gamoo Sheh Huseeniifi kkfn biyyaa badhaadhamteedha jechuudha.

Kanumarraa kan ka'e dameen kun sharafa biyyaa alaa biyyattiin argattu keessaa adda dureedhaan argamsiisaa jiraachunsaas kan nama mamsiisu miti.

Hambaaleen biyyattii kun kunuunfamanii qabamuudhaan dhalootaa gara dhalootaatti akka ce'an mootummaafi ummanni eegumsa guddaa gochuufi qabu. Dhiheenya kana miseensonni bakka bu'oota ummataa, koreen dhaabbii dhimmoota aadaafi turizimii daawwannaa dirree Lixa Itoophiyaatti godheen naannolee hambaawwan kunniin itti argaman ilaaluudhaan gabaasa dhiheesseera.

Gabaasa korichaa kan dhiheessan Itti aantuu korichaa Aaddee Dammituu Tufaa akka ibsanitti, hambaalee biyyattiin ittiin boontuu keessaa tokko naannoo Oromiyaa, magaalaa Jimmaarraa kiiloo meetira sagal kan fagaatuufi Mootii Abbaa Jifaariin kan ijaarame Masaraa Abbaa Jifaaridha.

Abbaan Jifaar ALI bara 1852-1925 kan keessa turan Masaraan kun waggaa 148 lakkoobsiseera. Umrii dheeraa kan lakkoobsise hambaan kun ammaan tana abbaa dhabuudhaan jijjigaa jira.

Hawaasni naannichaa akka suphamu qaama dhimmichi ilaalatu gaafachaa jira. Haa ta'u malee qaamoleen dhimmichi ilaallatu yeroo baay'ee bajanni hinjiru jechuudhaan iyya ummataa dhagahuu hindandeenye.

Meeshaaleen mootichi yeroo sana itti fayyadamanis magaala keessatti iddoo daawwanaaf hintolleetti kutaa tokko keessatti walitti qabamuudhaan hojii ala ta'aa jiru. Hojjetaan biiroo waan hinqabneef iddoo daawwanaa kana mana jireenyaa godhachuusaas gabaasa Aadde Dammituun dhiheessanirraa hubachuun danda'ameera.

Umrii dheeraa kan lakkoobsise Masaraan kun kan ijaarame mukaafi biyyoodhaan yoo ta'u, kutaaleen isaa wayita daawwatamu jiguudhaaf waan sosocho'uuf turistonni biyya alaafi keessaa ariitiin daawwatanii akka ba'an ni addeessu.

Gama biraatiin ammoo Godina Iluu Abbaa Booraa, magaalaa Goreetti bara 1901 kan ijaarame Masaraan Ingiliz 'Qonsilaa' jedhamus yeroo baay'eedhaaf osoo hinsuphamiin hojii ala waan ta'eef ummanni naannichaa iyyataa jiraachuusaanii ibsu.

Naannoo kanattis hojjettoonni mana jireenyaa waan hinqabneef biiroowwan akka mana jireenyaatti tajaajilu. Haalli kun ammoo hambaaleen kunuunfamuu qaban kunuunfamaa waan hinjirreef diigamaa jiruu jedhu. Naannoo Ummatoota Kibbaa, Boongaatti bara 840 kan ijaarame Masjiiinni Tongooruu Darasoolaafi bara 1882 kan ijaarame Bataskaanni Andiraanchaa Madaanalam turistoota biyya keessaafi alaatiin daawatamaa jiranis kunuunsamaa waan hinjirreef diigamuurratti akka argaman ni ibsu.

Kafaan iddoo bunaan beekamtu taatuyyuu kan jedhan Aadde Dammituun, naannawa kana turistoonni hedduun daawwannaaf dhaqanis haala mijaawaan waan hnijirreef galiin turistootarraa argamuu qabu ture baay'ee xiqqaa ta'uusaati kan himan.

Aadaafi turizimiin dinagdee biyyattii keessatti iddoo olaanaa qaba kan jedhu korichi, mootummaan damee kanaaf xiyyeeffannaa olaanaa kennuu akka qabus addeesseera.

Korichi gabaasa Ministeera Aadaafi Turizimii ji'oota sagalis, keessumattuu dameewwan giddugaleessa aadaa, tiyaatira biyyaalessaa, mana kitaabaa biyyaaleessaafi dhaabilee adda addaa ministeericha jalatti argaman daaw'achuudhaan qaama ciminaafi dadhabbina isaaniirratti marii taasisuun kallattii kaa'eera.

Minstirri Aadaafi Turizimii Aadde Fooziyaa Amiin gamasaanitiin akka dubbatanitti, hambaalee biyyattiin qabduuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun barbaachisaadha. Akka hinbadneefis ykn hindiigamneef yeroo yerootti bajata ramaduun haaressuufi suphuun dirqama mootummaa ta'uu ibsu.Lammiileen biyyattiis faayidaa hambaaleen qabanirratti hubannoosaanii akka gabbifataniif ni hojjetamaa jedhu.

Darikterri Abbaa Taayitaa Eegumsa Qabeenyaafi Hambaalee Obbo Yoonaas Dastaa gamasaaniitiin akka ibsanitti, godambaawwan biyyattii hedduun biiroowwan Aadaafi Turizimiitiin gaggeeffamaa jiru. Ta'us, haareffamuu dhabuutiin baay'eensaanii diigamamaa akka jiran dubbatu. Si'a haareffamanis qabiyyee isaanii osoo gadi hinlakkisiin hojjetamaa hinjiranii jedhu. Kunimmoo sirrii waan hintaaneef hatattamaan deebii kan barbaadu ta'uus eeru.

Kanaafuu, hambaaleen biyyattin qabdu qabeenya guddaa waan ta'eef, mootummaan xiyyeeffannootiin hojjechuu qaba. Dhaloota dhufuufis wabii waan ta'eef hunduu gaheesaa bahachuu qaba.

Tashoomaa Qadiidaatiin

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001642499
Har'a/TodayHar'a/Today3487
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4904
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1642499

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.