"Aartiin eertuu kaleessaafi har'aati" -MM, Doktar Abiyyi Ahmad Featured

07 Jul 2018

Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad eddii ji'oota sadan darbaniitii waltajjiilee adda addaarratti kutaalee hawaasaa gara garaa mariisisaa turaniiru. Dhiyeenya kanas ogeessota aartii wajjin waajjirasaaniitti mari'ataniiru.

Waltajjii marii kanarratti artistoonni dameelee adda addaarratti argaman 500 caalan qooda fudhataniiru. Kutaan qophii gaazexaa keenyaas qabxiilee isaan waltajjicharratti kaasan keessaa cuunfee akka armaan gadiitti dubbistootaaf dhiyeesseerra.

Otoo aartiin qoodasaa baheera ta'ee biyya kanatti lammiin lammiisaa nyaachuuf hinqophaa'u ture. Itoophiyaan qabeenya hedduu qabdu waan aartiidhaan hindeggaramneef haala barbaachisuun hojiirra hinoolle. Biyyattiinis hinrakkattu ture. Amalli aartii kan ishee uumu qofa otoo hintaane ummata beekee itti fayyadamus ni barbaaddi.

Mootummaan, ogeessonniifi ummanni as keessatti qooda qabu. Ummanni aartii fayyadamuufi dinqisiifachuu hindandeenye qaroomaa miti, hinguddanne; hinjijjiiramnes. Nuits akkasuma jechuudha. Dhaloota har'aa kan uume aartii duraaniiti.

Dhaloonni kun ammoo isa ittaanu akka hinajjeefneef qophii ta'uun barbaachisaadha. Aartiin maalinni, maaliif gatiin kennameef? Aartiin kalaqa sammuu miirawwan namummaa barumsaan qaramaniiniidha. Miira dhokataa bocuufi dabarsuun kan danda'amu aartii qofaani. Namoonni, hawaasni addaddaa, raawwiin hubannaa miidhagina addunyaa ibsu aartiidha. Miidhaginni addunyaa aartii malee hinmul'atu.

Miidhangina addunyaa hubannee, beeknee, gammachuudhaan jiraachuu kan nu dandeessisu yoo aartii fayyadamne qofa. Iddoo aartiin jiru 'jennata Veegaasi', iddoon aartiin hinjirre garuu faallaa kanaa ta'uu danda'a. Kunis, iddoo bosonni guutuun jiruu jechuudha. Aartiin haala kana jijjiiruuf ga'umsa qaba.

Raawwiin eenyummaa namaa dhugoomsu aartiidha. Waantonni qaama keenyaan hubannu garuu ammoo miironni ibsuu kan hindandeenye daran danuudha.

Rifannee maaliif akka rifanne ibsuu dadhabuu keenya. Aartiin kanneen hunda ibsuuf ga'umsa qaba. Ga'umsa akkanaa dinagdeen, siyaasniifi hawaasummaan hinqaban. Artistiin tokko daqiiqaawwan 5 keessatti boochisuus ta'e kofalchiisuu danda'a.

Nuti, al tokko harka rukuchiisuuf baay'ee akka rakkannu ni beektu. Kennaa uumamaan argattan kun artistoota bira darbee ummata jijjiiruuf ga'umsa olaanaa qaba. Kanaaf kennaan artistoota bira jiru kun haala kamiin faayidaa ummataatiif ooluu danda'a jedhu ilaaluu barbaachisa.

Aartiin miira hawaasaa, rukuttaa onnee, fedhii, gaabbii, gaddiifi gammachuun kan ittiin ibsamuudha. Hawaasni meeshaa kana baasee itt ifayyadamuu danda'e gammachuurraa gara gammachuu olaanaatti ce'uu danda'a. Kan fayyadamuu hindandeenye ammoo otuma gammachuun harkasaa jiruu gadda keessa galuu danda'a. Kana fayyadamuun nama dhuunfaafis ta'e biyyaaf bu'aa guddaa qabaata.

Biyya keenyattis ta'ee biyyoota birootti yeroo rakkinaatti mootummaan ykn paartiin aartiitti hinfayyadamne hinjiru. Oggaa rakkatu hawwisoo jedhee fayyadamee oggaa ittitole dagata. Oggaa mo'atu aartiin jaarmiyaa guddaadha. Eddii mo'atee booda ni dagata. Kun ta'uu hinqabu.

Aartiin duudhaa qabeenya yeroo mara barbaadamuudha. Qabeenya hawaasummaati. Qabeenya kana haala sharafuun danda'amurratti hubannoon waliigalaa hinjiru. Karaa salphaan keessoo namaa ittiin hubachuu dandeenyu aartiidha. Namni yoo qirqirsan (kilkilan) malee hinkolfu. Garuu namni kennaasaa qabu tokko doyaarra dhaabatee kumoota kofalchiisuu danda'a.

Artistoonni qabeenya uumamaa, barumsaafi muuxannoodhaan argatan ida'uun guddina waliigalaa Itoophiyaatiif hinoolchinu taanaan akka gaariitti wal ajjeessuu dandeenya malee wajjummaan guddachuu hindandeenyu. Yoo aartiin gumaachashee bahatte qofa hawaasni kan jijjiiramu. Ifti mul'achuu kan danda'u, yoo aartiin haalota adda addaatiin hojiishii hojjetteedha.

Aartiin iddoowwan lamatti qoodamee ilaalama. Isaanis, addunyaa uumamaafi addunyaa hawaasummaa kanneen jedhamaniidha. Dhimmoonni kunniin aartii wajjin hidhata cimaa waan qabaniif sirriitti hubachuu barbaachisa. Addunyaa uumamaa kan jedhamu dhalli namaa waan oggaa dhalatu argate, bareefi wajjin jiraatuudha. Dhimma kana namoonni tokko tokko ogummaa Waaqaa jedhu, garuu achuma keessayyuu ogummaan waan jiruufi.

Addunyaan hawaasummaa garuu dhalli namaa oggaa wajjummaan jiraatu ollaafi naannawarraa barataa, yaada qooddachaa, falaasamaa fooyyessuun ykn balleessuun kan ibsamuudha. Yeroo baay'ee aartiin bu'aa addunyaa hawaasaati jedhama.

Aartiin akaakuu kanaa addunyaa uumamaa arguufis ni gargaara jedhani yaadu. Aartiin bu'aa addunyaa hawaasaati. Sirna sirbaa, walaloo, ijaarama tiyaatiraa Itoophiyaa yoo fudhanne addunyaa uumamaa keessatti argu hindandeenyu.

Haallitti nuti gammachuufi gadda ibsannu iddoo biraa hinjiru. Fakkeenyaaf, biyyoonni danuutti mataa raasuun hiika sirrii miti jedhu qaba. Yeroo tokko lammiin Ameerikaa tokko biyya Hindii deemee dubartii wayii gaa'elaaf gaafate. Isheenis mataa ittiraafte. Innis haala kanatti gaddee boo'ee deeme. Hiika mataa raasuutu adda adda ta'e malee isheenis tole jechuushii ture. Waanti hawaasa keessaa bahe tokko kan walfaallessu ta'uu danda'a.

Lammiileen Itoophiyaa oggaa kolfinu ykn fajajnu maal jechaati? Kun oggaa Chaayinoota bira dhaqu hiika biraa qabaachu mala. Aariin addunyaawwan lamaan keessatti argamu addunyaa hawaasummaatiin uumamee maalummaa addunyaa baasee kan mul'isuudha.

Addunyaa uumamaa baasee agarsiisuuf waanti hanga aartii dandeettii qabu hinjiru. Tulluun, lagni oggaa ija ogummaatiin ilaalamu bifa addaa qabaata. Dhimmoonni kunniin ija falaasamaatiin oggaa ilaalaman akka Aristootil jedhutti, "Addunyaa hir'uun guutuu taatee akka mul'attuuf aartiin gumaacha olaanaa qabaatti".

Addunyaan takkaa guutuu taatee hinbeektu. Guutuu taasisee kan agarsiisu aartiidha. Yeroon rakkinaa darbee gammachuun akka dhufu agarsiisuu kan danda'u aartiidha.

Kaleessi aartiin ala hinjirtu. Namoota baay'eetti seenaa aartiidhaan ala yaaduun ni danda'ama jedhu. Garuu hindanda'amu. Yoo hinbarreeffamne, hinwaraabamne taanaan fakkii hinkaafamne taanaan seenaan hinjiru. Tarii afoolaan darba yaadni jedhu yoo jiraate, wanti afaaniin darbu gara dhumaatti guutummaatti jijjiiramee argama. Afoolli akka jirutti qabamee hinbu'u. Kan darbu waan barreeffame, waraabameefi kaafamee yoo bu'uurasaa otoo gadi hindhiisiin fulla'uu kan danda'u.

Seenaan aartiidha, kaleessas. Eertuun boruu aartiidha. Addunyaa hir'uun kan guuttu aartiidha jedhamee amanamuu qaba. Aartii wantoota hinguutamiin kanneen akka kaameeraafi waraqaafaa wajjin yoo walitti fidne aartiin ni du'a.

Falaasamni biroo dhalli namaa abbaa aartii ta'uusaati. Agarsiistuu guddinaatisi. Miironni keessoo kanneen akka boo'uu, kolfuu, dadammaqsuu kan danda'u aartiin ala hinjiru. Aartiin agarsiistuu guddina keessoo sammuuti. Dhaabbilee amantiifi jiimii ispoortii otoo hinhafiin iddoon aartiin qabu olaanaadha.

Saayinsiin bu'aa aartiiti. Gamoon, xiyyaarriifi kilaashiinis bu'aa dhuma aartiiti. Kalaqxoonni waan hojjetan beeku. Aartiin ijaarsa hawaasaafi miidhaginaafis ni oola. Aartiin faayidaa hawaasaatiif ykn dantaa biraatiif jecha hojjetamuu qaba. Aartiin ofiisheetiifuu miidhagina wayii qabdi. Maniishii (goal) kana qofaafuu gabbachuufi ajaa'ibsiifamuu qabdi.

Aartiin ibsituu miiraa kanneen akka gammachuu, gaddaa, abdii, aarii, gaabbii, jaalalaa, hawwiifi jibbaati. Dhalli namaa keessumaa dhiironni waa dhaggeeffatanii hubachuurratti hanqina qabu. Dubartoonni waan raadiyoodhaan dhagahan hubachuu danda'u.

Dhiironni garuu otoo hinargiin argu qofaan walakkaa dubartii hubachuu hindanda'an. Dandeettiin waa hubachuu dubartootaa daran olaanaadha. Dubartoonni haala namaa ilaalanii hubachuu danda'u. Dhiironni garuu kana gochuuf daran rakkatu. Dubartoonni miira ofii dhokfachuu danda'u. Gadditus gaddashii dhokfattee waan gammadde fakkaachuuf kennaa guddaa qabdi. Gammaddees waa tokko ogganuu dandeessi.

Dhiirri itti himamu malee miira sana dubbisee, hubachuuf ni rakkata. Dubartoonni waan fagootti ta'u hubachuus ni danda'u. Haadholiin harma kootti natti dhagahamee mucaan koo hin nyaannee, hindhugnee laata jechuun yaadu. Dhiironni garuu kennaa akkanaa hinqaban.

Dubartoonni abjuudhaanillee miira namaa beekuu danda'u. Doktar Abiyyis dhimma kana haadhasaanii wajjin walqabsiisuun oggaa ibsan, “Yeroo waraana Baadimmee namoota du'an ilaalchisuun maatiitti ergamaa ture. Haadha kootiifis waa'een koofi obboleessa koo guddifteerratti ergaan waraqaadhaan qaqqabe. Ani Baadimmeen jira. Abiyyi hinduune jettee tarsaafte; otoo ani hinbeekiin du'a Abiyyi isin beekuu hindandeessan" jechuun akka deebisan eeran.

Kennaa kana baasuufi babal'isuu kan qabu aartiidha. Yoo kun ta'e salphaadhumatti ummata barsiisuun ni danda'ama. Namni si'anaa mijaa'ina barre keessaa kan baheedha. Amalli namaa oggaa namni lagatti kufe dafee bishaanitti utaalee keessaa baasuudha. Amalli keenya kana. Aartiin qananii barre keessaa baanee gara yaada haaraatti tarkaanfachiisuuf humna qabdi.

Amalli nama si'anaa garuu lubbuu baraaruurra mobaayiliidhaan waraabnee namaaf erguudha kan mul'ataa jiru. Itoophiyaan jibbaan, sanyummaadhaan, amantiidhaan oggaa qircaa taatu attamitti badaa akka jirtu ibsuurra haalatti abdii kana keessaa bahamu agarsiisuun hojii aartii ta'uu qaba.

Mana gubataa jiru suura kaasanii erguun hojii ogeeyyii aartii miti. Hojiin ogeessota aartii mana gubataa jirutti bishaan otoo naqamee akka dhaamu himuufi agarsiisuudha. Hojiin aartii isa mul'ataa jiruufi namni biraa arguu hindandeenye baasanii agarsiisuufi ibsuudha.

Dhaloonni amma jiru namni boombiidhaan madaa'ee otoo naa birmadhaa jedhuu isa kaasuurra dhaabatee feesbuukiif waraaba.

Dhiphinni nama kanaa akkamitti akka gabaasuudha malee, akkamitti akka baraaru miti. Adeemsi kun jijjiiramuu qaba. Hojiin aartii kanafaa toora qabsiisuudha. Akkuma yeroo hunda rakkoon jiru yeroo mara furmaanni jira. Rakkoon jiru haala kamiin gara furmaataatti deemna kan jedhu beekuurratti xiyyeeffachuun ni barbaachisa.

Ittifufa

Charinnat Hundeessaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001642422
Har'a/TodayHar'a/Today3410
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4827
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1642422

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.