Omisha biyya keessaatti fayyadamuun bu’aa caaluuf

05 Mar 2018

Guddina dinagdee saffisaafi itti fufiinsa qabu qabatamaan lafa qabsiisuuf sosochiin damee manufaakcheriingiin taasifamu murteessaa ta’uusaa kan falmisiisu miti. Biyyootni guddatan kanneen akka Ameerikaa, Chaayinaa, Hindii, Awustiraaliyaa, Faransaayiifi kkf. yeroo gabaabaa keessatti damee kanaan fayyadamtummaa isaanii mirkaneessuu danda’uusaanii ragaaleen ni mul’isu. Kunimmoo biyyootni kunneen damee manufaakcheriingiirratti kutannoon hojjechuun bu’aa qabeessummaasaanii mirkaneessuurra darbee maqaa biyyasaanii addunyaatti beeksisuu danda’uudha, kan hubatamu.
Itoophiyaanis sosochii damee manufaakcheriingiin eegalte cimsuuf dargaggoota hojidhabeeyyii garagaraa gurmeessuun omisha garagaraarrtti bobbaasuurratti akka argamti. Daariktirri olaanaa Ejensii Misooma Indastirii Manufaakcheriingii Xixiqqaafi Giddugaleessaa Federaalaa Obbo Asfaawu Abbabaas kanuma kan dhugoomsan yoo ta’u, wayita ammaa beekamtii omishtootni omisha isaaniirraa argatan daran fooyyeessuuf walitti hidhamiinsi gabaa uumamaa akka jiru eeru.
Egzibiishiniifi baazaariin yeroodhaa yerootti qophaa’anillee omisha biyya ofiitti akka fayyadamaniif kan gargaaru yoo ta’u, galiin omishtootaa caalaatti akka guddatuufis bu’uura kan kaa’udha.
Yeroo ammaa adeemsa ejensichi hordofaa jiruun baazaariifi egzibiishiniin omishoota addaddaa argisiisu waggaa waggaan kan gaggeeffamu yoo ta’u, keessumaa walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamaniif gahee gudaa kan bahatuudha. Walitti hidhamiinsa gabaa uumuurraan galiin birrii mil. 1.8 ni argama jedhamee kan eegamuudha.
Kana waliinis galii alergiirraa argamu fooyyessuuf bu’aalee gogaafi huccuu gara biyya alaatti erguun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus ibsanii, hudhaalee damicha gara boodaatti harkisaa jiran keessaa rakkoon qulqullinaa isa tokko waan ta’eef, furuuf xiiqiin hojjetamaa jiraa jedhu.
Damee kanaan Itoophiyaa keessatti sochiileen taasifamaa jiran jajjabeessaa ta’anis ammallee hojii bal’aan biyyattii kan eeggatu ta’uusaa kan himan daariktarichi, ilaalchi lammiileen bu’aa omisha biyyasaaniif qaban akka fooyya’uuf tooftaalee addaddaatiin hojiin hubannoo uumuu xiyyeeffatamuu qaba.
Akkuma, “Sa’aa abbaan gaanfa cabse ormi ija jaamsa” jedhamu lammiileen biyyattii marti bu’aalee omishasaanii tuffachuurra kabaja kennuutiin fayyadamuu akka qaban gorsu. Kunimmoo omishtootni biyya keessaa baasii barbaachisaa hintaaneefi miira ofitti amanamummaa isaanii caalaatti akka cimsataniif kan gargaaru ta’uusaati jechuudha.
Bakka Bu’aan Dariktera Kominkeeshinii Ejensichaa Obbo Ashannaafii Mallasaas yaada kennaniin, egzibiishiniifi baazaariin tibbana qophaa’e Guraandhala 21-30/2010tti kan turu yoo ta’u, mata duree, “Omisha biyya kootiin nan boona” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uudha, kan himani.
Omishaaleen dhiyaatan kunneen lammiilee biyyattii hojidhabeeyyii turaniin wayita dhiyaatu hedduu kan nama gammachiisu yoo ta’u, bu’aa omisha isaanii qooddachuun isaaniis jaalalaafi kabaja biyya ofiif qaban kan agarsiisudha.
Damichi ce’umsa gara indastiriitti taasifamaa jiru milkeessuufis sosochii mootummaa qofa eeguun gahaa akka hintaane kan himan Obbo Ashannaafiin, hirmaannaan lammiilee hundaa shoora olaanaa waan tapahatuuf jajjabeeffamuu qabuu jedhu.
Kanaan durallee hojii hojjetameen bu’aaleen omishaa gara biyyoota Sudaan, Israa’eel, Awurooppaafi Ameerikaatti ergamaa turuusaanii himanii, galiin guddaa irraa argamuu danada’uusaas addeessu. Kunimmoo ilaalcha biyyoonni alaa omishaalee biyyttiirratti qaban akka fooyya’u gochuurra darbee beekamtiifi fudhatamummaansaa akka cimuuf haala mijataa uumeeraa jechuun ibsu.
Qophii egzibiishiniifi baazaarii magaalaa Finfinnee galma ejensichaa keessatti gaggeeffamu kanas adda kan isa taasisu, hirmaannaa miidhamtoota qaamaa dhibbentaa 1 kan of keessatti hammate ta’uusaati. Kanaan boodas sosochii miidhamtoonni qaamaa hojii ogummaa keessatti qaban fooyyessuuf kan hojjetamu ta’uu eeranii, jalqabbii jiru kana jajjabeessuun miira kaka’umsaa isaan biroo keessatti kan uumu waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu qabas jedhu.
Walumaagalatti, rakkoo hojidhabdummaa biyya keenyaa furuuf dameen manufaakcheeriingii shoora olaanaa kan taphachaa jiru yoo ta’u, bu’aalee omisha biyya keessaatti fayyadamuun baasii hinmallerraa ofiifi biyyas baraaruuf kan gargaarudha; murteessaa ta’uus ifatti kan mul’isuudha.

Waasihuun Takleetiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435930
Har'a/TodayHar'a/Today3890
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week11150
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month97507
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435930

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.