Gibirri wabiifi bu'uura guddina biyyaati Featured

04 May 2018

Galiin gibiraa haala kamiinuu sassaabamu hatamuu hinqabu

Galiin gibiraa akka biyyaattis ta'e naannoleetti sadarkaa sadarkaan sassaabamu harcaatii tokko malee walittiqabuuf darbees haqarratti kan hundaa’eefi kaffalaa gibiraa kan hinrakkisne akka ta’uuf sektarri galii walitti qabu hojimaata fooyya'aa diriirsee hojjetaa jira.

Murtiin gibiraas ragaarratti hundaa’ee haqa qabeessa akka ta’u gochuuf kaffaltoota gibiraa sadarkaa “A”fi “B”n gurgurtaafi bittaa meeshaafi tajaajilarratti taasisaniif galmee herregaa akkasumas sanadoota deggarsaa akka qabatan labsiidhaan tumameera. Kaffaltoota gibiraa sadarkaa “C” ta’an kanneen galmee herragaa qabachuuf hindirqamneefi gibiraafi taaksii isaan kaffalan haqa qabeessa gochuuf gurgurtaa yeroo murtaa’eefi ragaa qaama sadaffaa irraa argamurratti hundaa’een tilmaamuun akka kaffalamu taasifama.

Kaffaltoonni gibiraa sadarkaa “C”n galmee herregaa fudhatama qabuu dhiyeeffannaan garuu bu’uuruma galmeesaaniitiin gibira itti murtaa’e akka kaffalan taasifama.

Akkaata labsii gibira galii Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.74/1995 keewwata 48 jalatti tumameen, kaffaltootni gibiraa hundi galmee herregaa qajeeltoowwan fudhatama waliigalaa (“General Accepted Accounting Principles”) eeggate qabachuun gibira sirrii ta’e akka kaffalan ni dirqamu.

Kaffaltoonni gibiraa tokko tokko gibiraafi taaksii argannoo odiitiin bira gahame, gibira yeroo lama gaafatamuun walqabsiisu. Haata’u malee kun galiin mootummaa harca’ee hafe duguugamee akka galuuf hojii hojjetamu ta’uu hubatamuu dhabuurraa ilaalcha madduudha.

Labsii Galii Gibira Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa (BMNO) 74/1995 keewwata 96fi 97 ibsutti seera cabsuun gibira kaffaluu dhabuu ykn ragaa dhoksanii gibira kaffaluu malan xiqqeessuun ykn kaffaluu diduun seeratti dhiyatanii yoo itti mirkana’ee, adabbii hanga qarshii kuma 100fi hidha cimaa waggaa 15 ta’uun adabamuu akka qaqqabsiisu kaa’ameera.

Sochii daldalaa godhamu keessattii kaffalaan gibiraa galmee herreegaa qabachuufi dhiyeeffachuu ykn maashinii gurgurtaa guyyaa bitachuu qofa galma yoo taasise, seera qabeessummaa hin mirkaneessu. Kanaafis galmeen kaffalaa gibiraa dhuga qabeessa ta’uufi dhiisuun mirkanaa’uu kan danda’u galmee herregaa sektara galii sassaabuun fudhatama qabu ta’ee yoo argame qofa.

Fakkeenyaaf, kaffaltoota gibiraa akaakuu hojii walfakkaatu irratti bobba’anii galiiwwan gara garaa argatan gibira walfakkaatuu irratti murteessuun rakkoo haqa qabeessummaati. Kunis qajeeltoo sirna bulchiinsa gibiraa dandeettii gibira kaffaluutiin kan walfaallessuudha.

Sanas ta'ee kana gibirri (taaksiin) tooftaa mootummaan seeraafi danbiirratti hundaa'ee ummataafi dhaabbileerraa galii itti argatu ykn walitti qabuudha. Maatummaan galii haala kanaan walitti qabu deebisee gaaffii misoomaa ummataatiif deebii kennuuf, akka madda bajataatti fayyadama.

Keessumaa akaakuuwwan taaksii keessaa kan dabalata qabeenyaa ('value added tax') jedhamu gibira meeshaalee dhiyeessii bu'uuraaf oolan ykn baasii fayyadamaarratti kan hundaa'e yoo ta'u, kan walitti qabamus oggaa omishni alaa gara biyyaatti galu ykn sirni bittaafi gurgurtaa raawwatamutti kan abbaa taayitaa galiiwwaniitiin sassaabamuudha.

Taaksiin qabeenya dabalataa kan safaramu, kaffalaan taaksii gibira qabeenya dabalataa maamilootasaarraa walitti qabu oggaa kaffalu maallaqa meeshaa dheedhii omishaaf ykn tajaajila kennuuf akka galteetti fayyadameef kaffale hir'isuun galii taasisa. Adeemsi kun hanga omishasaa ykn tajaajilasaa dumaatti akka ittifufuudha sanadoonni taaksii qabeenya dabalataarratti qophaa'an kan ibsan.

Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaatti, daarektarri ittaanaan damee barumsaafi kominikeeshinii Obbo Hayiluu Addunyaafi ibsa tibbana miidiyaaleef kennaniin ji'oota saddeet darbanitti walduraa duubaan galii idileefi mana qoheessaarraa walitti qabuuf karoorfameen dhibbantaa 102fi 83.3 milkeessuun yoo danda'amellee kan taaksii qabeenya dabalataa garuu gadaandaadha.

Yeroo eerame kana keessatti naannichatti qarshii biliyoona 1.45 sassaabuuf karoorfamee qarshii biliyoona 1.3 qofti akka sassaabame eeruun, kunis karoora keessaa dhibbantaa 77.6 akka ta'eefi galii qabeenya dabalataatiin walqabatee raawwichi gadaanaadha jedhameera.

Kaffalaan gibiraa gurgurtaa raawwateef nagayee kennaa akka hinjirreefi bitataafi fayyadamaanis muuxannoo nagayee gaafachuu kan hingabbifanne ta'uu ibsu, daarektarichi. To'annoofi hordoffiin gama abbaa taayitichaatiin taasifamaa tures laafaa ta'uu qorannoodhaan mirkanaa'uusaa ni eeru.

Otoo tilmaamni galii guyyaa xumura bara 2009tti geggeeffamee raawwii baranaatiif hingumaachine ta'ee haala raawwii taaksii qabeenya dabalataarratti mul'ataa jiruutiin galiin naannichaa %102 ta'uu hindanda'u ture” jechuun, kufaatiin sassaabbii galii taaksii qabeenya dabalataarratti mul'ate daran guddaafi iddoo olaanaa kan qabu ta'uu ibsu.

Gibirri bu'aa daldalaa taaksii qabeenya dabalataarratti waan hundaa'uuf gaaffiilee, “Galiin taaksii qabeenya dabalataa maaliif akka gadi bu'e, haala kanaan yoo ittifufe galii bara dhufuurratti dhiibbaan akkamii qaba?” jedhan qorannoodhaan ilaalamuusaa beeksisaniiru. Kanaanis gadu bu'uun galii taaksii qabeenya dabalataa galii bara dhufuurratti dhiibbaa olaanaa qabaata jedhu Obbo Hayiluun.

Kan gadi buuses kaffalaan gibiraa galmaa'aa taaksii qabeenya dabalataafi galmee herregaa qabachuuf dirqame harki caalaan gurgurtaasaa kamuu nagayeefi nagayee qofaan raawwachuu dhabuufaan qorannoon geggeeffame kan mirkaneesse ta'uu Obbo Hayluun ni dubbatu.

Kunis hiikaawwan guguddoo sadii qaba jedhanii, isaanis, tokkoffaa, “Kaffalaan gibiraa tokko guyyaa taaksii qabeenya dabalataatiif galmaa'ee eegalee, gatii ittiin gurguratu akka vaatii of keessatti qabaatu taasiseet qopheeffata. Guyyaa kanarraa eegalee gatiin ittiin tajaajila kennus ta'e omishasaa gurgururratti taaksii qabeenya dabalataa %15 keessa galchuun qopheeffata” jedhu.

Haala kanaan, galmaa'aan taaksii qabeenya dabalataa yoo nagayee mure mootummaaf galcha. Yoo nagayee hinmurre ammoo saanduqa ofiitti galfata. Taaksii qabeenya dabalataa kan kaffalu daldalaa otoo hintaane fayyadamaa dhumaati.

Taaksiiwwan sadarkaalee adda addaatti daldalaan yeroo bittaa raawwatu waa omishasaatiif ykn tajaajila argachuuf kaffalu dhumarratti fayyadamaa (ummata) irraa kan sassaabamee galmaa'aa taaksii qabeenya dabalataatiif deebi'a jedhu.

Taaksiin qabeenya dabalataa buusii fayyadamtootarraa sassaabamu kun kaffalaan gibiraa nagayee hinmuru taanaan galii kana ofumasaatiif kan hambifatu ta'uus ni eeru.

Gibira ykn taaksii sassaabuuf heeraan aangoon kan kenname akkuma biyya kamiituu mootummaa qofaafi. Aangoo heeraan nootummaa qofaaf kenname kana cabsuudhaan daldaltoonni nagayee hinmurre taaksii kana sassaabachaa akka jiraniidha ibsi oggantoota kanneenii kan eeru.

Otoo silaa nagayeen itti muramee taaksiin qabeenya dabalataa sirnaan sassaabamee mootummaaf galee mootummaan ammoo gaafii misoomaa bal'inaan jiru deebisuuf hinrakkatu jechuudha. Kan mul'ataa jiru garuu faallaa kanaati. Galiin mootummaan hojii misoomaa ittiin babal'isutu harka nama dhuunfaa galaa jira jechuudha.

Kanaaf dhimmoota kanneen yoo ilaalle raawwiin gadi bu'uusaa qofa otoo hintaane adeemsichi balaa guddaa kan qabu ta'uudha Caffee Oromiyaatti walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Bajataafi Baasii Mootummaa, Obbo Yilmaa Wayyeessaa Gaazexaa Bariisaatti kan himan.

Akka isaan jedhanitit, gama sassaabbii taaksii qabeenya dabalataatiin rakkoo guddaatu jira. Meeshaa gurgurtaa galmeessuutti seeraan ala fayyadamuunis ni mul'ata. Nagayee kutuurrattis hanqinni jira.

Kun gaalii naannoorrattis ta'e biyyaarratti rakkoo guddaa uuma. Haqas ni dabsa. Galii mootummaa bakka bu'anii walitti qaban ofiisaaniif hambifatu malee mootummaaf galee deebi'ee hojii misoomaa ummanni gaafatuuf oolaa hinjiru.

Dabni naannawa kanatti raawwatamu murtii galii dhuma waggaatti taasifamuufi guddina dinagdee biyyaarratti dhiibbaa uuma. Gama kanaan ummatas ta'e mootummaa hatuun gocha ifaan mul'ataa jiruudha. To'annoofi hordoffiin jirus qaawwa qaba.

Namoota rakkoo kana uumaa jiran akka gaafataman gochuurrattis hojii hojjetamaa jiru rakkoo qaba kan jedhu Obbo Yilmaan, beeksisni, “Nagayeen citu malee hinkaffaliinaa” jedhu girgiddaadhuma qofarratti hafuusaa ibsu. Namni barates hinbarannes nagayee waan fayyadameefi biteef nagayee gaafachuu dhabuun rakkoo kanaaf ulaa akka baneedha kan ibsan.

Daldalaan of jaalachuurraa kan ka'e waan kansaa hintaane of harkatti hambifatee itti fayyadamuun hanna. Kanaafis kan qaawwa bane rifoormiin daldalaa lafa qabachuu dhabuusaati. Biyyoota qaroomanitti gatiin waa hundaa maxxanfamee kaa'ama. Kan mootummaaf galuu malus daldalaan ofumaa beeksiseet galcha.

Biyya keenyatti garuu daldaltoonni tokko tokko galii argatan dhoksuuf tattaafatu. Maallaqa amanamummaan funaanee akka mootummaaf galchuuf itti kennamellee ni dhoksu. Kun ammoo lammiilee haqummaa dhabsiisa. Inni tokko dirqama kennameef fudhatee seeraan yoo hojjetu, inni kaan ammoo ni dhoksa.

Kun ammoo daldaltoota jidduutti dhiibbaa uuma waan ta'eef daldalaan maallaqa sassaabe amanamummaan mootummaaf galchee guddinaafi misooma biyyaa keessatti hirmaachuu qaba.

Charinnat Hundeessaatiin

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001296959
Har'a/TodayHar'a/Today3861
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday4284
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week12448
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1296959

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.