“Waggoota sadan dhufan keessatti waan hin yaadamnetu ta'a” -Luba Bal'inaa Saarkaa Featured

07 Jul 2018

Luba Bal'inaa Saarkaa Godina Wallaggaa Lixaa, Aanaa Boojji Dirmajjii, Amuumaa Heennaatti bara 1934 dhalatan. Barumsasaanii sadarkaa tokkoffaa kutaa 1-7fatti Mana Barumsaa Boojjii Dirmajiitti baratan. Akkuma kutaa torbaffaa xumuraniin waggaa tokkoof leenjii barsiisotaa fudhatanii Najjootti waggaa sadiif barsiisaa turan.

Utuu Kutaa 8fa hinbaratin qormaata kutaa 8fa fudhatanii qabxii 75 fiduudhaan Leenjii Barsiisota Misiyoonii Adwaatti waggaa lamaaf erga leenji'anii booda Najjootti deebi'anii barsiisota baadiyyaa leenjisaa turan.

Barsiisonni huccuu, dhagaa, biyyoo, supheefi mukarraa wantoota adda addaa hojjetanii akka barsiisaniif yeroo itti himan yaadasaanii tole jedhanii fudhachuu waan didaniif isaanis leenjii barsiisotaaf kennaa turan dhaabanii gara Naqamtee deemanii kutaa 5fafi 6fa bariisaa turan. Yeoo sana barumsa 'tarmii' sadiin kennamu 'tarmii' lamatti waan xumuraniif barsiisonni mana barumsichaa 'barattootatti baacaa jira malee barsiisaa hinjiru' jedhanii daarektara mana barumsichaatti isaan himatan.

Daarektarri mana barumsichaas barattoota isaaniitiif gaaffiilee barreessii kudhan qopheesseefii wayita qoru, barattoonni daqiiqaa shan keessatti xumuran. Isa booda barattoota ala baasee gaaffiilee 20 qopheessuun wayita qoru barattoonni hundi daqiiqaa 15 keessatti hojjetanii xumuran.

Barsiisaan kunoo sirriitti barsiisee xumureerawoo maal goonu jedhee barisiisota yoo mariisisu, barumsa Ministeerri Barnootaa qopheesse yeroo malee xumuruunsaa iyyuu sirrii miti jedhanii deebisaniif.

Daarekteerichis erga kitaaba yeroo malee barsiiftee xumurtee maal hojjettaree jedhee gaafannaan kan kutaa ittaanuun barsiisa jedhanii deebisaniif. Daarekteerichis sodaatee kun hinta'u waan jedheef sababuma kanaan mana barumsichaa gadhiisanii gara Gimbii deemanii kutaa 11fa barachuu eegalan.

Barumsa jalqabanii tarmii tokko erga xumuranii booda bariisaa Amaariffa barsiisu wajjin wallolanii barumsasaanii addaan kutanii gara Naqamteetti deebi'uun torbanitti guyaa sadii Amaariffa ji'a sadiif qarshii 40n barsiisaa erga turanii booda qarshii 250n barsiisaa Macaafa Qulqulluu ta'anii mindeeffaman. Sanbataafi Dilbata ammoo gara baadiyyaa naannawa magaalaa Naqamteetti ba'anii barsiisaa turan.

Kana booda waldaansaaniirraa Finfinnee, Seminaariitti barumsaaf ergaman. Barumsa erga jalqabanii booda ammoo akka isaan ari'amaniif waldaan isaan ergite xalayaa irratti barreessite. Waggaa tokko baratanii erga galanii booda hojii barsiisummaatti ykn barumsa Seminaariitti akka deebi'an gaafachuun gara barumsaatti deebi'an.

Yeroo boqonnaa isaaniis wangeela barsiisaa turan. Bara 1969 barumsa Seminaarii xumuranii Naqamtetti deebi'anii hojjechuu jalqaban. Bara 1970-1072tti si'a 14 hidhamanii dhuma irratti du'i irratti murtaa'ee ture.

Guyyaa du'i itti murtaa'e Mangistuu Haylamaariyam Finfinneedhaa gara Naqamtee qonnaa Dhidheessaa daaw'achuuf dhufnaan warri waldaa 'namicha kanarratti du'i murtaa'eeraa itti nuuf mallatteessi' jedhanii gaafatan. Mangistuunis 'ani nama ajjeessuuf hindhufne' jedhee deebi'ee sokkinaan mana sirreessaatii ba'an.

Mana sirreessaatii akkuma ba'aniin Arjoofi Saassiggaatti waldaa ijaaruu jalqaban. Yeroo kana ammoo 'Lubi Bal'inaan dabballeedhaa irraa of eeggadhaafaa' jedhanii isaan rakkifnaan bara 1973 gara Finfinneetti baqatan.

Finfinneetti Waldaa Makaana Yesuusii Inxooxxootti mindeeffaman. Waldattiittis utuma jibbamanii ari'atamanii waggaa 12 geggeessan. Utuma kanaan jiranii Awustiraaliyaa deemanii Wangeela barsiisuuf yeroo qophaa'anitti guyyaa beellamasaanii ganamaan qabamanii gara buufata poolisiitti geeffamanii sa'aatii 24:00 booda gadi lakkifaman. Guyyoota muraasa booda Awustiraaliyaa deemanii ji'a tokkoof erga achi turanii booda Finfinneetti yeroo deebi'an xalayaan mana waldaan kenniteef guyyoota sadii keessatti akka bahan akkeekkachiisu itti kenname.

Manicha keessaa ba'uu dinnaan guyyoota afur booda poolisoonni sadii dhaqanii manicha keessaa akka ba'aniif akeekkachiisan. Manicha waldittii utuu hintaane Makkaana Yesuusii Itoophiyaatu anaaf kenne; kanaafuu akka keessaa hinbaane itti himan. Haaluma kanaan waldittiitti utuu hin barsiisiin manicha keessa waggaa 13 erga turanii booda waggaa ja'an dura mana ijaarratanii ba'an.

Itoophiyaa akka haadha koottan jaalladha. Maaliif akka ta'e garuu hinbeeku, kan jedhan Lubni Bal'inaan, Waaqayyo akka biyyattii eebbisuuf waggaa 25f kadhachaa akka turan eeru.

Bara 1994 Jarmanii barsiisa Wangeelaatiif dhaqanii waa'ee Itoophiyaa guyyoota sadii soomaan boo'anii kadhachaa turan. “Waaqayyo waa'ee Itoophiyaa waan tokko utuu anatti hinmul'isin gara biyyaatti hindeebi'u” jedhanii utuu kadhataa jiranii guyyaa sadaffaatti halkan sa'aatii 9:00tti mul'ata argan.

Mul'atni isaan arganis waa'ee guddina dinagdee Itoophiyaan irratti kan xiyyeeffatu ture. Akka mul'atasaaniitti, Ertiraan Itoophiyaa irraa gargar hinjirtu. Ertiraa, Tigraay, Walloon industiriidhaan; Baale, Arsiin, Shawaafi Goojjam midhaan biyyattii irra darbee biyyoota biroo ga'u danda'u akka omishan; Sidaamaan, Harar, Kafaan, Gamuugofaan, Wallaggi, Iluu Abbaa Boor buna shaayii, abaaboo, mi'eessituuwwaniifi agroo industiriidhaan maqaa argatu.

Sababuma kanaan bakki buufata xiyyaaraa sadii ni qophaa'a. Itoophiyaa dhihaa gara harka bitaatti Kaargooon dhaqee muduraaleefi muduraalee fuudhee gara biyya ormaatti geessu ni jiraata.

Akka mul'ata isaaniitti, Affaar, Shawaa Kaabaa, Wallo Kaabaafi Boorana keessatti albuudota gosa 18tu argama. Tigraay, Sidaamoo Wallaggi tokko tokkoosaanii keessatti ammoo albuudota 20 oltu argama. Albuudni boba'aa biyyattiirra darbee biyyoota biroo ga'uufi biyyoota arabaa caalu Affaar, Somaalee, Baaroo Akoobootti akka argamuufi boba'aan Itoophiyaa keessaa ba'u kan biyyoota biroo irra kan caalu ta'a.

Mootummaan Itoophiyaas akka qilleensa kaabaa, kibbaa, bahaafi lixaa walitti dhufee bubbee ta'ee qilxuu guddaa buqqisee mataan lafa keessa dhaabuutti ni geeddarama. Rakkinni waggaa 300 ummata biyyattii irraa ni kaafama. Biyyoonni Afirikaa tokko ta'anii paaspoortii tokkoon akka deeman, daandii haaraan Baatuudhaa hanga Keeniyaatti ni ijaarama.

Daandichi bishaaniifi lafa gogaarra ba'a. Konkolaataan daandicharra deemus lafa gogaarra akka konkolaataatti lafa bishaanii irra akka dooniitti ni deema. Itoophiyaa, Keeniyaa, Taanzaaniyaafi ugaandaan biyyoota boba'aa erganiidha. Daandichi karaa boba'aafi paarkii biyyoolessaa ta'a.

Daandiin Finfinnee keessaa ba'us ardii Afrikaa hunda bira ni ga'a. Gamoowwan dhedheeroonis magaalattii keessatti ni ijaaramu. Qonnaan bulaan bilbila kiisiisaa keessaa fuudhee akka itti fayyadamu Lubni Bal'inaan waggoota 16 dura mul'ataan arganiiru.

Mul'atichi waggoota 30 keessatti kan raawwatamu yoo ta'u, waggoonni 10 duraa yeroo miixuu, rakkinaafi gidiraati. Waggootni 10 ittaanan yeroo jijjiiramaafi ce'umsaati (bara olkaafamuu Itoophiyaati). Barri olkaafamuu kun xumuramuuf waggaa sadiitu hafa.

Waggoota sadan dhufan keessatti waan hin yaadamnetu ta'a. Dhaabbileen amantii walitti dabalamanii nagaa fidu. Mootummaan ni araarama. Biyya keessa nagaatu jiraata. Hojiilee guguddoonis ni raawwatamu. Oggantoonni Waaqayyoon sodaatanis biyyattii ni bulchu. Waggootni 10 dhumaa ammoo bara ol ol kaafamuu Itoophiyaati.

Lubni Bal'inaan mul'ata kana waggaa 16 dura kan argan yoo ta'u, kitaabni Mul'ata isaanii kun mataduree “Bara Olkaafamuu Itoophiyaa” jechuun bara 1998 Afaan Oromoofi Amaariffaan maxxanfamee gabaarra jira. Waa'ee geeddaramuu mootummaa Itoophiyaa kitaabicharratti barreessuu baatanis waltajjiilee argatanirratti barsiisaa akka turan dubbatu.

Dhibaa'ina keenyaaf malee addunyaa irraa biyyi akka Itoophiyaa qileessaafi lafa gaarii qabu hinjiru. Sabni keenya garuu hanga yoonaatti hojiitti hindamaqne. Yoo xiqqaate sa'aatii 10:00 hojjechuutu nurraa eegama” jedhu.

Hojii bal'isanee hojjechuuf sammuu keenyas bal'isuu qabna. Nama hojii of taasisuuf of qopheessuu qabna. Biyyattii keessa namni hojiitti fiigu hinjiru. Waanti nuti hujjennus nurraa hafee nama biraa akka ga'utti hojjechuu qabna. Barattoonnis hunda caalaa barumsasaaniitti cimuu qabu” jedhan. Kana malees hojiin gurmaa'anii hojjetan bu'aa olaanaa kan qabu ta'uu gaafdeebii Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin eeraniiru.

Walumaagalatti, bu'aa ba'ii jireenyaa Lubni Bal'inaan keessa darban, mul'atni isaaniifi gorsisaanii miira jabaatanii hojjechuu nama keessatti hora. Kanaafuu aadaa hojii keenyaa fooyyessuudhaan hundumtuu ofirra darbee biyyaaf bu'aa buusuu akka danda'utti hojjechuu qaba.

Natsaannat Taaddasaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001642458
Har'a/TodayHar'a/Today3446
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4863
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1642458

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.