Raafamni dinagdee tarkaanfii dabalataa fedha

07 Jul 2018

Waggoota kurnan darbaniif dinagdeen biyyattii giddugaleessaan dhibbantaa 10.1n guddachaa turuusaa mootummaan irra deddeebiidhaan ibsaa turuunsaa kan yaadatamudha.

Jijjiiramni gama hawaas-dinagdee, siyaasaafi bifa gara garaatiin biyyattii keessatti mul'atan immoo guddina si'ataa waggoota darbanitti galmaa'aniif ragaadha.

Haa ta'uu malee, yeroo ammaa biyyattiin hanqina sharafa alaarraa kan ka'e kuufama liqii alaafi rakkoolee faayinaansii guddaa keessa galuu dandeesseetti. Kunimmoo guddina biyyattii dhibbantaa kudhanii oliin galmaa'aa ture gaaffii keessa galcheera.

Guddinni waggootan darban biyyattii keessatti galmaa'aa ture yeroo gabaabaa keessatti hanqina sharafa alaatiif harka kennuun fayya dhabeessummaa guddina galmaa'aa turee ta'uusaa ammoo ikonomistoonni ni ibsu.

Guddinni galmaa'aa ture haqa qabeessaafi hunda kan dhuunfate osoo ta'ee yeroo gabaabaa keessatti rakkoo faayinaansii uumameen hinraafamu ture kan jedhan Yunivarsiitii Finfinneetti ogeessi Ikonomiksii Pirofesar Alamaayyoo Gadaa, guddinni ture namoota muraasa ykn dhaabbilee muraasaan kan galmaa'e malee lammiilee biyyattii hunda kan dhuunfate akka hinturre agarsiisaa, jedhu.

Babal'inni dhaabbilee barnootaa, keellaawwan fayyaa, daandii, humna ibsaa, ijaarsotni gamoofi kanneen biroo baay'inaan waggoota kurnan lamaan darbanitti ijaaramuun dhugaa eenyullee waakkachuu hindandeenye ta'uu kan himan Pirofesar Alamaayyoon, ta'us hedduunsaanii liqiidhaan kan ijaaraman waan ta'eef akka guddina fayya qabeessaatti kan fudhataman miti.

Liqiin biyya alaa irraa fudhatamu hedduu tuulamaafi humna biyyattiin kanfaluu dandeessuu ol ta'aa jiraachuusaafi kunis dhaloota boru dhufus idaa ykn liqii dhaalchisuu ta'uusaatiin furmaatni hayyoota hunda hirmaachise kaa'amuu akka qabu ibsu.

Bakka guddinni hunda dhuunfateefi jiruufi jireenya lammiilee biyyattii irratti jijjiirama hin agararsiifnetti carraan walitti bu'iinsaafi dhabamuun nageenyaa ittiin uumamus bal'aa waan ta'eef, of eeggannoo guddaatiin raawwatamuu akka qabus ni eeru.

Rakkoon malaammaltummaa olaanaa ta'e jiraachuun, hojdhabdummaa hanga mootummaan ibsuun ol baay'achuufi garaagarummaan meeshalee biyyattiin ala ergituufi alaa galfattu gidduu jiru bal'achaa dhufuun dhimmoota guguddoo xiyyeeffannoo fedhan ta'uu kan himan immoo Ogeessi Ikonomiksiifi Pirezidaantiin Mana Maree Daldalaa Afrikaa, Obbo Kibur Gannaa, olaantummaan mootummaan biyyattii dinagdee biyyaa irratti qabus rakkoolee amma faayinaansii irratti mul'achaa jiruuf sababa ta'uu dubbatu.

Giddinni biyya tokkoo itti fufiinsa akka qabaatuuf hirmaannaan dhaabbilee dhuunfaa murteessaa ta'uufi mootummaan dinagdee biyyaa irratti abbootii qabeenyaa dhuunfaa bal'inaan hirmaachisuudhaan rakkoo mul'achaa jiruuf furmaata kaa'uu akka qabus ni yaadachiisu.

Maallaqa liqiin argameen pirojektoota gurguddoo hedduu eegaluudhaan osoo ijaarsichi hinxumuramiin dhalli liqichaa qofti baay'achaa jiraachuun wantoota guddina biyyattii miidhaa jiran keessaa isa tokko yemmuu ta'u, warshaaleen sukkaaraa hedduunsaanis rakkoo kanaaf saaxilamuudhaan biyyattii fayyaduu dhiisanii miidhaa kan jiran ta'uu eeru.

Gama biraatiin immoo hanqina sharafa alaa mul'achaa jiru kana furuuf immoo omishtummaa dabaluun dhimma yeroon kennamuufi hinqabne ta'uusaafi kun immoo meeshaalee alaa galan hir'isuun isaan alatti ergaman dabaluudhaan ta'uu akka qabu dubbatu. Kunimmoo guddina biyyattii liqiifi gargaarsa biyyoota alaa irratti hirkatee ture hirkattummaa jalaa baasuudhaaf filannoo jalqabaa ta'uusaati jechuudha.

Walumaagalatti, rakkoo sharafa alaa yeroo ammaa biyyaattii mudate furuuf dhaabbilee misooma mootummaa hedduu gabaaf dhiheessuun qofti furmaata ta'uu hin danda'u. Waan ta'eefis tarkaanfiileen dabalataa qoratamiinii hayyootaan dhiyaachuu qabu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001642550
Har'a/TodayHar'a/Today3538
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4955
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1642550

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.