Items filtered by date: Friday, 06 October 2017

Seerri adabbii yakkamaa waa'ee baala sammuu adoochuu oggaa ibsu, baala sammuu adoochu qabatanii argamuun, bakkaa bakkatti naannessuun ykn omishuun seeraan akka nama gaafachiisuufi kan gochoota kanneenirratti hirmaatus ta'e walta'u adabbiin seera adabbii yakkamaa keeyyata 525 (1) irratti hundaa'ee adabbii akka irratti darbu tuma.

Barreeffamni maddawwan adda addaarraa qindeeffanne kunis kanumarratti kan bu'uureffateedha. Seera adabbii yakkamaa RFDI asumaan haa ilaallu.

Keeyyata 525 irratti hayyama seera qabeessa malee ykn ajaja ogeessa fayyaa ifa ta'e otoo hinqabaatiin norkotikii ykn saayikootiraapikii summaa'aa, fayyaa namaa miidhu ykn baalawwan fayyina namaatiif balaafamoo ta'an, wahiyyoowwan (elementoota), qorichoota ykn omishoota kan biqilche, omishe, qopheessee kenne, fudhate ykn gurgure hidhaa waggaa 10 hincaalleefi qarshii kuma 200 adabama jedha. Asirratti seerri adabbii yakkamaa baalichaa oggaa ibsu, "Summaa'aa"fi "Kan nama fajachu" jechuuni.

Dhimma dubbisaa jirru kanaan walqabatee tibbana mana murtii olaanaa federaalaatti dhaddachiwwan ramaddii Lidataafi Araadaa murtiiwwan kennan ilaalla.

Haaluma kanaan manni murtichaa murtii adabbii lammiilee biyya alaa (Naayijeeriyaa) sadiirratti jechuunis Chakawudii Kiristiyaan, Alosiyus Ayincheefi Asamaayis Ayinaay jedhamanirratti kan dabarse.

Abbaan alangaa federaalaa himata dhiyeesserratti akka ibsetti, lammiileen Naayijeeriyaa lamaan Caamsaa 17 bara 2009 galgala keessaa sa'aatii 3:00 oggaa ta'u, imala Biraazil, Saa'opoloorraa gara Naayijeeriyaa, Leegositti taasifamaa turerratti tiraanziitiidhaan oggaa buufata xiyyaaraa biyyoolessaa Booleetti sakatta'insi taasifamu garaafi boorsaa keessatti walumaagalatti kokeeyinii giraamii kuma sadiifi 860 qabatanii otoo naannessanii waan argamaniifi.

Lammii Naayijeeriyaa sadaffaanis tiraanziitiidhaan Biraazil, Saa'oppoloorraa kaatee gara Kiiliimaanjaarootti imalaa jirtu Caamsaa 20 bara 2009 galgala keessaa sa'aatii 3:00tti oggaa buufata xiyyaaraa biyyoolessaa Booleetti sakatta'iinsi taasifamuuf boorsaawwan shan qabatte keessatti baalli kaanaabisii giraamni kuma sagaliifi 200 waan irratti argameef adabamuunshii eerameera.

Kanaafuu manni murtichaa dhaddacha Waxabajjii 13 bara 2009 ooleen Chakawudii Kiristiyaan hidhaa cimaa waggaa sagaliitiin, Alosiyus Ayinchee ammoo hidhaa cimaa waggaa sagaliifi qarshii kuma 15 akkasumas Asamaayis Ayinaayin hidhaa cimaa waggaa sagaliifi ji'a lamaafi qarshii kuma 10 adabuunsaa ni yaadatama.

Oolmaa dhaddachaa walfakkaatuun adabamaan Abrahaam Shawaa jedhamu Caamsaa 25 bara 2008 tilmaamaan halkan keessaa naannawa sa'aatii 3:00tti Finfinnee, Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo bakka addaa Mammihiraan Safar jedhamutti otoo imalaa jiruu haala addaa agarsiiseen ija poolisoota naannawaatti argamanii keessa seena.

Miseensonni poolisii yakkaafi yakkamaa adamsanis haala Abrahaam waan shakkaniif qabanii sakatta'u. Kanaanis kiisiisaa keessaa baala kaanaabisii ulfinnisaa giraamii 277 ta'e argatu. Waa'ee baala kanaa qulqulleeffachuufis gara poolisii federaalaa damee qorannoo yakkaatti qorannoon foorinsikii akka taasifamuuf ergama.

Firiin qorannichaas baala kaanaabisii ta'uu mirkaneessa. Poolisiin adeemsa qorannoosaa qindeessee abbaa alangaa federaalaatti erga. Abbaan alangaas galmee qorannichaa ragaa ga'aa wajjin mana murtii federaalaa dhaddacha 8faf dhiyeessuun adeemsa falmiisaa ittifufa.

Dhaddachichis haala bitaa mirgaa dhaggeeffatee Ebla 13 murtii adabbii kenna. Abbaan alangaas gochichi balaa sukaneessaa hangamii akka qaqqabsiisu ibsuun murtiin kennamu cimaa akka ta'u gaafata.

Himatamtichis bulchaa maatii ta'uufi dargaggeessa amala gaarii qabu, kanaan dura gocha yakkaa kamuu raawwatee kan hinbeekne ta'uu ibsachuun adabbiin akka salphatuufiif kadhata.

Dhumarrattis dhaddachichi seera yakkaa RFDI keeyyata 32 keeyyata xiqqaa 1(a) 525 eeruun baala seera biyyattiitiin akka hin omishamne, hin naanneffamne, faayidaarra akka hin oolle kan dhorkame ta'uu ibsuudhaan, hidhaa cimaa waggaa tokkoofi qarshii 300n adabee galmee cufeera.

Galmee sadaffaatiin himatamaan Mahaammad Isaamaa jedhamuufi jiraataa Dubaay ta'e Ebla 7 bara 2009 galgala keessaa gara sa'aatii 2:00tti Finfinneerraa gara Dubaayitti imaluuf otoo jedhuu sakatta'iinsa taasifameen baala kaanaabisii giraamii 135 paantiisaa keessatti qabameera.

Dhimmicha kan hordofe Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti, Dhaddachi Ramaddii Araadaas ragaa abbaa alangaa qorachuufi hir'isa adabbii dhiyaate yaada keessa galchuun Waxabajjii 27 bara 2009 hidhaa cimaa waggaa afuriifi qarshii kuma 10 adabeera.

Ta'us baalli sammuu adoochu summii qofa otoo hintaane qorichis kan irraa hojjetamuudha. Kanaafuu, seera adabbii yakkamaarratti gaalee, “hayyama seera qabeessa” otoo hinqabaatiin jedhu kan galeef.

Miidhaa baalli sammuu adoochu nama dhuunfaa, maatiifi hawaasarraan gahu sukanneessaa ta'uu kan hubatu waan ta'eef gocha iddoowwan hundatti bal'inaan baratamaa dhufe kana dhaabsisuuf wajjummaan socho'uufi ittisuun dirqama ta'a.

Charinnat Hundeessaatiin



Published in Siyaasa

Taphni waancaa kubbaa miilaa magaalaa Finfinnee 12fan Fulbaana 28 hanga Onkoloolessa 12 bara 2010tti kan adeemsifamu ta'uu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Federeeshinichi ibsa Kibxata darbe gaazexeessitootaaf kenneen, kilaboonni Liigii Piriimeerii Itoophiyaa keessatti hirmaatan saddeet ramaddii lamatti qoodamuudhaan taphicharratti hirmaatu.

Kilaboota kanneen keessaa jaha kan magaalaa Finfinnee yoo ta'an lama ammoo kanneen Naannoo Oromiyaarraa affeeraman ta'u federeeshinichi addeesseera.

Hirmaattonnis Magaalaa Finfinneerraa Buna Itoophiyaa, Qiddus Giyoorgis, Dadabiit, Raayyaa Ittisaa, Humna Ibsaafi Kilaba Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee yoo ta'an, kilaboonni Bulchiinsa Magaalaa Adaamaafi Jimmaa ammoo Oromiyaarraa ta'uun beekameera.

Akka carraan taphichaaf ba'e mul'isutti kilaboonni hagafootaa kanneen deggartoota baay'ee qaban Bunni Itoophiyaafi Qiddus Giyoorgis abbaa garee ta'uun filatamaniiru.

Haaluma kanaan ramaddii tokkoffaa keessatti Buna Itoophiyaa, Magaalaa Jimmaa, Dadabiitiifi Bulchinsi Magaalaa Finfinnee, ramaddii lammaffaa keessatti ammoo Qiddus Giyoorgis, Magaalaa Adaamaa, Humna Ibsaafi Raayyaan Ittisaa akka argaman federeeshinichi addeesseera.

Akka ibsa federeeshinichaatti kilaboonni kanaan dura naannoleerraa hirmaachuun shaampiiyoonaa ta'an maqaa malee waancaa fudhachuu hindanda'an seerri jedhu barana jijjiraamuudhaan mo'annaan waancaa fudhachuu akka danda'anitti fooyya'uun isaa beekameera.

Walmorkiin kan adeemsifamu Istaadiyemii Finfinneetti yoo ta'u, gatiin tikeeta ittin galanii tiriibuniin qarshii 150, bitaafi mirgi qarshii 100, Kamaan Anisheen qarshi 50, Kaatangaan qarshii 20fi Mismaar taraan ammoo qarshii 10 ta'usaa federeeshinichi ibseera.

Walmorkii waancaa kubbaa miilaa Magaalaa Finfinnee “City Cup” kun bara 1998 kilaboota Magaalaa finfinnee jiddutti jalqabamuun isaa kan yaadatamuudha.

 

Published in Ispoortii

Waggaa waggaadhaan Xaaliyaan magaalaa, Tireentootti kan adeemsifamu dorgommiin atileetiksi biyyooleesaa Jiiroo Alsaas jedhamu ALA bara 1945tti jalqabame.

Dorgommicharrattis atileetota dhirootaa qofatu hirmaata. Kan baranaa dabalate yeroo 72f adeemsifameera. Baranas Dilbata darbe haala miidhagaadhaan adeemsifameera.

Dorgommii kanarratti atileetoonni injifatan badhaasa olaanaa waan badhaafamaniif atileetoonni addunyaarratti beekaman marti falmii cimaa taasisaniiru.

Fiigicha kiloo meetira 10 kan daandiirratti adeemsifame kanatti atileetoonni Itoophiyaa kanneen biyyoota biroo osoo of jiddu hingalchin tartiibaan tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba'uun mo'ataniiru.

Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa 16ffaa Ingiliz, magaalaa Landanitti adeemsifameetti fiigicha meetira kuma shaniin Moo Faaraah mo'achuun kan dinqisifatame Muktaar Idiriis ammas tokkoffaa ba'uun olaantummaa goonfateera.

Muktaar tokkoffaa kan ba'e dorgommicha daqiiqaa 28:54n yoo ta'u dorgomichas yeroo sadaffaaf mo'achuun isaa beekameera.

Akkasumas, Atileet Xilaahuun Haayilee daqiiqaa 28:55n lammaffaa yoo ba'u, Atileet Hasan Haajii ammoo daqiiqaa 29:13n sadaffaa ba'uun Itoophiyaan olaantummaa akka argattu taasisaniiru.

Muktaar wayita dorgommii kana xumuru akka ibseetti, “dorgommii kanaaf shaakala olaanaa gochun injifannoo koof na gargaareera. Dandeettiin koos yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufudhaan shaampiyoonaa addunyaa ta'uun jireenya koo geeddareera” jedheera.

Guyyaa dorgommiin kun itti adeemsifame sana lammiileen Itoophiyaa kan achi jiraniifi ummanni magaalattii daandii bitaa mirga dhaabachuun atileetoota keenyaaf hamilee kennaniiru.

Tashomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii

Biyyoota seenaa atileetiksii addunyaarratti maqaa gaarii qaban keessaa Itoophiyaan adda durummaan eeramti. Keessumattuu waggootan kurnan shanan darban keessa maqaan biyyattii irra deddeebiidhaan waltajiiwwan addaa addaarratti kabajaan ka'aa tureera.

Dirreewwan olompikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaa mana keessaafi alaatti, dorgommiiwwan qaxxaamura addunyaatti atileetoonni Itoophiyaa kanneen biroo osoo of jidduu hingalchiin tartiibaan tokkoffaadhaa hanga sadaffaatti wayita galan hawaasa addunyaa biratti ulfinaan simatamaa turaniiru.

Haaluma kanaan biyyaattiin Olompikii Roomirraa kaastee hanga Riyootti, shaampiyoonaawwan adda addaafi dorgommii qaxxaamura biyyaatti walumaagalatti korniyaa lameeniin meedaaliyaawwan 434 argachuu dandeesseetti.

Haata'u malee, ispoortiin biyyattiin addunyaarratti ittiin beekamtu kun ammaan tana laafaa dhufuudhaan meedaaliyaawwan kanaan dura argamaa turan hir'achaa dhufeera. “Maddi rakkinichaa maali?” jechuudhaan qaamni dhimmi kun kallattiidhaan ilaallatu Kibxata darbe marii taasiseera.

Marii galma Hoteela Itoophiyaatti adeemsifame kanarraatti Koreen Raawwachiftuu Hojii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa,bakka bu'oota federeeshina atileetiksii magaalaa Finfinneefi Dirree Dawaa dabalatee naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Ummatoota Kibbaa, Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Hararii, Tigiraayi, Affaar akkasumas, waldaaleen ispoortiichaafi leenjistoonni kilaboota atileetiksii adda addaafi murtee kennitoonni atileetiksi argamaniiru.

Pirezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Kumaalaa Hayilee Gabarasillaasee marii kana haasawaan wayita banu, ispoortii atileetiksii keenya bakkasaatti deebisuuf dhimmisaa hunda keenya ilaallata jedheera.

Ispoortiin atileetiksii ambaasaaddara Itoophiyaati kan jedhe Haayileen, laafina ammaan tana mul'atuf qaama tokkotti quba qabuurra hundi keenya tokko ta'uudhaan ispoortichi bakkasaatti akka deebi'u gochuun malchisaa ta'uu addeesseera.

Koreen haarawaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa hojiisaa erga jalqabee ji'oota saddeet ta'usaa kan ibse pirezidaantichi, ji'oota kanneen keessatti rakkinoota federeeshinii duriirraa isatti darbe hiikuudhaan hojii baay'ee isarraa egamu hojjechuu akka hindandeenye dubbateera.

Kabajamoo Obbo Dubee Jiloo gamasaaniitiin, rakkinni ispoortii atileetiksii Itoophiyaa rakkina caasaati jedhu. Federeshinicha dabalatee kilaboonni atileetiksii biyyattii ummattuummaaf osoo hinta'iin dhaabbilee addaddaa jalatti gurmaa'uudhaan bajata mootummaatiin kan bulan ta'uu ibsu.

Ispoortii atileetiksii kan hordofan ijoollee ummataati; Kanaafuu ispoortiinis kan ummataati kan jedhan Obbo Duubeen, kan ummataa taasisuudhaan bajata mataasaatiin akka of bulchu gochuuf yaaliin taasifamaa jiraachusaa ibsaniiru.

Bakka bu'oonni naannooleefi kilabootaa tokko tokko akka jedhanitti, rakkoon ispoortichaa iddowwan leenjii ispoortii, meeshaalee ispoortii, bajata ga'aa, ogeesoota ispoortii baay'i'naan horachuu dhabuurraa akka ta'e addeessaniiru. Kanaafu atileetoota ciccimoo horachuuf rakkoo olaanaan isaan quunnamu himaniiru.

Leenjistonni garee atileetiksii biyyaaleessaa ammoo akka jedhanitti, burqaan atileetiksii biyyaaleessaa naannoolee waan ta'aniif burqaan kun gognaan atileetiksiin biyyattii waan hinjirreef falli barbaadamu qaba jechuun dhaamaniiru.

Balballoommii Oduu

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii
Friday, 06 October 2017 20:13

Gatiin Obbo Dinquu Oromoo biratti meeqa?

Sochiilee misooma biyya tokkoo keessatti tattaaffii mootummaan taasisuun cinatti hirmaannaan hawaasa bal'aafi abbootii qabeenyaa dhuunfaa murteessaadha.

Guddina si'ataa waggoota muraasa irraa eegalee biyyattii keessatti galmaa'aa jiu keessattis ga'een abbootii qabeenya dhuunfaa olaanaa akka ture ni himama.

Keessattuu gama waliin ga'iinsa barnootaa keessatti hirmaannaan abbootii qabeenya dhuunfaa olaanaa yemmuu ta'u, gama dhaabbilee barnoota olaanoo babal'isuufi dargaggoota hedduuf carraa hojiifi barumsaa uumuu keessattis ga'ee bakka bu'ummaa hinqabne taasisaa jiru.

Abbootii qabeenyaa wayitii ammaa hojiilee misoomaa mootummaadhaan qofa fiixaan bahuu hindandeenye keessatti bal'inaan hirmaachaa jiraniifi rakkoolee hawaasa hedduu dura dhaabbachaa jiran keessaa immoo Obbo Dinquu Dayyaas isaan tokko.

Mana barnoota Naafyaad irraa eegaluun yerorraa yerootti hirmaannaa misooma biyyaa keessattti dameewwan garaa garaatiin hirmaachuun isaanii cimsee kan itti fufe abbaan qabeenyaa kun, wayitii ammaa manneen barnoota Naafyaad, Yunivarsitii Rifti Vaalii, Riizortii Soodaree, Hospitaala Waliigala Rifti Vaalii, Maaykiroo Faayinaansii hundeessuudhaan rakkoolee hawaasaa hedduuf abdii ta'aniiru.

Wayita hawaasni rakkoolee akka beelaafi kanneen birootiif saaxilamanitti dursanii sagaleesaanii dhaggeessisuudhaan kan beekkaman Obbo Dinquun, hongee bara darbe biyyattii muudatee tureen namoota beelaaf saaxilamaniif gargaarsa guddaa taasisuunsaanii ni yaadatama.

Yunivarsiitiin Rifti Vaalii akka dhaabbata barnoota olaanaa dhuunfaatti barattootarraa qarshii funaanuudhaan barsiisuu qofa osoo hintaane, harka qalleeyyiif carraa barumsa tolaa kennuu akka hojii idileesaatti hojiirra oolchaa kan jiru yemmuu ta'u, barattoota wayita ammaa yunivarsitichatti barachaa jiran keessaa kuma shanii ol kan ta'an tolaan barachaa jiraachuus ragaan arganne ni mul'isa.

Dhaabbata abdii ummataa ta'eefi abbaa qabeenyaa aantummaa ummataa cimaa qabu kanarratti ji'oota jahaan dura duulli maqa balleessaa garaa garaa irratti dhihaachaa turuunsaa ni yaadatama.

Duulli kijibaa kunis abbaan qabeenyaa kun biyya gadi lakkisee baduu irraa kaasee hanga kaampaanotni isaa hundi hojii dhaabanitti odeeffamaa kan ture yemmuu ta'u, kanaanis tajaajilli inni kanaan dura ummataaf kennaa tures akka waan lammata hindeebinetti ka'aa ture.

Haa ta'uu malee, dhaabbilee abbaa qabeenyaa kanaan hundeeffaman hunda of jalatti hammatee kan bulchu kaampaaniin Soorummaa, ololli odeeffamaa jiru kan dhugarraa fagaate ta'uusaa yeroo sanatti ibsuunsaas waan dagatamuu miti.

Kaampaniin Soorummaa dhaabbilee akka Yunivarsitii Rifti Vaalii, manneen barnoota Naafyaad, OBS, Riizoortii Soodaree, Hospitaala Waliigalaa Rifti Vaaliifi Maayikiroo Faayinaansii kan of keessatti hammateedha.

Abbaan qabeenyaa yeroo sana akka waan biyya gadi lakkisanii badaniitti odeeffamaa tureefi dhaabbileensaanii abdii hiyyeessaa ta'an akka waan hojii dhaabaniitti dubbatamaa ture yeroo ummannisaa rakkoo keessa galutti aantummaa baratameen sagaleesaanii dhaggeessisaa jiru.

Ummata Oromoo daanga Somaalee irraa buqqa'ee rakkoodhaaf saaxilameen akkuma durii harka arjummaasaanii diriirsaniiru. Dhaabbileen akka waan tajaajila dhaabaniitti odeeffamaa turan kanneen akka Mana Barumsaa Naafyaadiifi Yunivarsiitiin Rifti Vaalii immoo daa'immaniifi dargaggoota sababa walitti bu'iinsa daangaa Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa gidduutti mudateen qe'eesaanii irraa buqqa'aniif “koottaa isin barsiifnaa” jechaa jiru.

Dabalataanis dhiheenya kana dargaggoota magaalaa Adaamaa gurmaa'anif iskaavetara Ameerikaa, miliyoona 10n bitanii kennaniiru. Kanaafis kantiibaan magaalattii Aadde Adaanach Abeebee galateeffataniiru.

Nama tokko ta'ee abdii miiliyoonotaa kan ta'an Obbo Dinquun, gatiin isaan ummata Oromoo biratti qaban shallaggii waan qabu hinfakkaatu.

Walumaagalatti, namni qabeenyaafi beekkumsa qabuun yeroo hunda ummata isaa bira dhaabbatu, kan yeroo hunda rakkoo sabaatiif dursee owwaatuufi bakka hinyaadamne hundatti dursee argamu galatni inni sabasaa iraa argatu daangaa hinqabu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Yaada

Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa ittigaafatamummaa olaanaan ummataafi biyyaa irra jiru Wixata dhufu, Fulbaana 29 bara 2010 hojiisaa idilee eegala. Akka heera, keeyyata 58/2 irratti ibsametti, yeroon hojii mana marichaa torban dhumaa baatii Fulbaanaa irraa eegalee hanga Waxabajjii 30tti. Jidduuttis yeroo manni marichaa murteessutti boqonnaa ji'a tokkoo ni qabaata.

Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa bara hojiisaatti hojiilee daran heddu qaba. Dhimmi biyyaa mana marichaa hinilaallanne tokkollee hinjiru.

Tarreeffamnisaas heericha, keeyyata 55 jalatti ibsameera. Kanneen keessaa muraasni kunooti. Dhimmoonni lafaafi qabeenya uumamaa akkasumas dhimmi ittifayyadama lageeniifi haroowwan naannolee lamaa ol walitti hidhanii hordofuun qooda hojii mana marichaati. Waljijjiirraa daldalaafi hariiroowwan daldalaa naannolee jidduu jiru ni ilaala. Raawwii mirgoota siyaasaafi dhimmoota filannoodhaan walqabatan heericharratti tumamanii hordofuun ittigaafatamummaa mana marichaati.

Ittigaafatamummaa kana hojiirra oolchuuf tattaaffiin kan eegalamu barri haaraan seenee Wixata dhumaa baatii Fulbaanaa irratti. Kunis akka baranaatti Wixata dhufu, Fulbaana 29 bara 2010 ta'a jechuudha. Haasaan pirezidaantiin biyyattii sirna baniinsaa kanarratti taasisan barichatti qajeelfama waliigalaa biyyaafi ummataa ta'ee tajaajila.

Haasawa kallattii imala guddinaa agarsiisuudhas. Haasaan sirna baniinsaarratti taasifamu haasaawwan baricha keessa sadarkaa kamittuu taasifaman ni caala. Haasaan akka dhagaa golee ykn utubaatti ilaalamu kun haasoftoota biroofis ta'e dameelee hojii mootummaatiif akka wabiitti kan tajaajiluudha.

Haasaa guddaa waan ta'eef of eeggannaa cimaadhaan kan qophaa'u ta'uunsaa hinshakkisiisu. Dubbiilee ijoon dhimmoota biyyaafi ummataa keessa galu jedhamees eegama. Keessumaa dhimmoonni ittaananii tarreeffaman otoo xiyyeeffanaa argatanii gaariidha.

  1. Sirna federaalaa eegsisuu

Heerichi mootummaan biyya keenyaa caaseffama federaalawaa dimokraatawaa kan hordofuufi moggaasnisaas, “Rippablikii Federaalawaa Dimokraatawaa” kan jedhamu ta'uu boqonnaa tokko, keeyyata tokko jalatti tumeera.

Heerichi biyyattiif gararraa seera kamuu waan ta'eef seerri kamuu, hojmaanni barsiifataa, akkasumas murtiin qaama mootummaa ykn abbaa aangoo yoo kan heericha faallessu ta'e fudhatama akka hinqabaanne keeyyata gararrummaa heerichaa ibsu, keeyyata 9 irratti eerameera.

Lammiin kamuu, qaamni mootummaa, dhaabbileen siyaasaa, waldaaleen biroofi aanga'oonnisaanii heericha kabajuufi kabachiisuuf heerichaaf bitamoo ta'uuf ittigaafatamummaa akka qaban tumameera.

Karaa kamiinuu caasaa sirna federaalawaa dimokraatawaa jigsuun hindanda'amu. Sirna federaalaa eeguufi eegsisuun heericha kabajuufi kabachiisuu jechuudha. Humna mootummaa federaalaatii ol ta'uu baatus iddoowwan takko tokkotti walitti bu'iinsonni sababoota adda addaa ka'umsa godhatan mul'ataa jiru.

Federaalizimiin ka'umsa walitti bu'iinsaa ta'uu akka hindandeenye ummatatti haala ittifufiinsa qabuun beeksisuutu nurra jiraata. Naannolee jidduutti walitti bu'iinsi akka hinuumamneef dursinee hojjechuu qabna.

Eddii uumamaniis mootummaan federaalaa jidduu seenee walitti bu'iinsicha dhaabsisuudhaan ittigaafatamummaasaa bahachuu qaba. Naannoleen tooftaa ofiitiin 'dhaabsisu' jedhamee yeroo fudhachuu hinbarbaachisu.

Sababa federaalizimiitiin irra ce'amaa kan jiru heericha waan ta'eef heericha eeguufi kabachiisuuf filmaata kamuu fayyadamuu qabna.

  1. Sirna dimokraasii cimsuu

Moggaasni caasaan mootummaa Rippablikii Federaalawaa Dimokraatawaa jedhama. Kanaafuu sirna federaalichaa eegsisuu maddiitti sirna dimokraasii cimsanii ittifufsiisuun murteessaadha. Kana jechuunis daangaa siyaasaa bal'isuudhaan mormitoonni sirnaan akka socho'an taasisuu dabalata.

Paartiileen filannoodhaan barcuma argachuu akka danda'aniifi humna akka godhatan gochuu, paartiileen ejjennoo walfakkaatoo qaban addummaasaanii walunachiisanii adda uummachuun akka qabsaa'an utubuun, dirreen filannoofi adeemsisaa ifaafi amanamaa akka ta'u gochuufaan daran barbaachisoodha.

Adeemsi hojmaata dimokraasii yoo rakkoo qabaate sirni federaalichaas rakkoof akka hinsaaxilamneef adeemsa dimokraasii keenya cimsaa deemuu qabna.

  1. Balaawwan sirnichaarratti kutattummaan hojjechuu

Balaawwan sirnichaa hundi biyya keenya kufaatiif kan saaxilan yoo ta'anillee keessumaa sassaabdummaa kiraa irreessaa cimsataa waan dhufeef xiyyeeffannaa duraa kennamuufii qaba. Haalli kenniinsa tajaajilaas ammayyuu sirraa'uu qaba. Sassaabdummaa kiraarratti kutattummaan qabsaa'uufi hojjechuun mootummaarraayis ummatarraayis ni eegama.

Charinnat Hundeessaatiin

Published in Yaada

Itoophiyaan biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa nagaafi tasgabbii qabduudha. Ofirra darbitees nageenya biyyoota birootiif waardiyyummaa dhaabchaa jirtuudha. Keessumaa jeequmsa Sudaan Kibbaafi Somaaliyaa tasgabbeessuun nageenyi waaraan naannawichatti akka dhufuuf gumaachi taasisaa jirtu akka fakkeenyaatti kan eeramuudha. Kunimmoo biyyattiin nageenya biyyootaa ollaasheetiifi naannawichaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaa qabdu kan argisiisuudha.

Itoophiyaan sochii hawaasdinagdeefi siyaasaa naannawichaa keessatti gumaacha qabdu kana baranas biyyoota ollaasheetiif xiyyeeffannaa addaa akka kennituudha karoorri Ministeera Dhimma Alaa kan mul'isu. Kunis hojiilee gama dippilomaasummaatiin hojjetaman keesatti biyyoota ollaatiif xiyyeeffannaa addaa kennitee kan hojjettu ta'uudha dubbii himaan ministiraa, Obbo Mallas Alam tibbana kan dubbatan.

Akka isaan jedhanitti, ergamni ministeerichaa hojiiwwan dippilomaasii milkeessuufi gama kanaan hojiileen biyyattiin bara darbe hojjetaa turtes milkaa'aafi bu'aa qabeessa.

Barana Itoophiyaan gama dioppilomaasii gamlameeniifi gama hedduutiin sochiin taasiftu cimee akka ittifufuuf qophii barbaachisaan taasifameera. Biyya kamittuu ka'umsiifi ga'umsi faayidaa dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa kan kabachiisuudha. Kanaaf faayidaa biyyaalessaa ummataafi mootummaa dhimmi kabachiisuu xiyyeeffannaa ijoo baranaati jedhan.

Keessattuu, hariiroon gamlameenii biyyoota biroo waliin qabdu akka cimuufi sadarkaa fooyya'aarra akka ga'u gochuudha. Kana malees, hawannaa invastimantii guddisuudha jedhu. Itoophiyaan sochii misoomaa olaanaa kan geggeessaa jirtu yoo ta'u, sochii kana kan deeggaru ammoo invastimantiin barbaachisaa waan ta'eef, hojiin invastimantii biyya keessatti hawachuu kan ministeerichaati.

Kanaaf kallattiilee xiyyeeffaannaa invastimantii ta'anii jiraniin hojiileen hawata invastimantii kan hojjetaman ta'uudha kan himan. Keessumaa, invastimantii manufaachariingiifi qonnaarratti akka xiyyeeffatamuudha kan ibsan. Akkasumas, gama ce'umsa teknolojiitiin teknolojiiwwan biyyoota sadarkaan guddinasaanii Itoophiyaan qixa tureefi yeroo ammaa guddina dinagdee fooyya'aa galmeessisan kanneen akka Kooriyaa, Chaayinaa, Turkii, Biraaziilfaa gargaaramuuf kan hojjetamuudha jedhu. Teknolojiiwwan biyyoota kanneenirraa biyyattiin barbaaddu teknolojiiwwan industiriiwwan ammayyeessaniifi jireenya hawaasaa foyyeessan walmadaalchisuun ittifayyadamuuf xiyyeeffannaan kannameera jedhan.

Dabalataan, Itoophiyaan lammiilee biyya alaa jiraatan miliyoona lamatti dhiyaatan kan qabdu yoo ta'u, xiyyeeffannaan baranaas hirmaannaa diyaaspooraa guddisuun isa tokko akka ta'eedha kan himan.

Akkasuma biyyattiin hariiroon biyyoota alaa waliin qabaattu walitti dhufeenya siyaasaa qofa waan hintaaneef, dippilomaasummaan dinagdee Itoophiyaaf wiirtuu ta'ee kan ittifufuudha jedhan.

Akka Obbo Mallasitti, hiriyaa filachuun danda'amus ollaa filachuun waan hindanda'amneef, xiyyeeffannaan biyyatti inni biraan biyyoota ollaati jedhu. Itoophiyaan naannawichatti qofaashee kan tasgabboofteefi misoomte taatee ittifufuu hindandeessu. Somaaliyaan hunkuramtee, siyaasi Sudaan Kibbaa boora'ee, rakkooleen keessoo biyyattii hinfuramin utuu jiruu, Itoophiyaan odola nageenyaa taatee qofaashee itti fufuu waan hindandeenyeef, gama dimokraasii, misoomaafi nageenyaan taasiftuuf haala mijataa uumuuf xiyyeeffanaan hariiroo biyyoota ollaatiif kennameera.

Kana jechuunis Sudaan Kibbaa nagaa akka taatuuf gaaddisa 'IGAD' jalatti hojiilee bal'aan hojjetamaa akka jiran, nageenya Somaaliyaa mirkaneessuu keessatti gahee ijoo kan qabu ijaarsa hawaas-dinagdee biyyattii deebisanii dhaabuu keessattis yaaliin gama Itoophiyaatiin eegalame akka jiru eeran.

Kanaaf hariiroon gama hundaa olloota waliin taasifamu nageenyiifi tasgabbiin akka jiraatu gochuuf qofa utuu hintaane, Itoophiyaan guddina dinagdeefi ijaarsa sirna dimokraasii galmeessisaa jirtu ittifufsiisuuf murteessaa akka ta'eedha kan himan.

Walumaagala, Itoophiyaan Gaanfa Afrikaatti gahee isheen gama hundaan qabaataa jirtu murteessaadha. Faayidaa mataasheetiifis ta'e, kan biyyoota ollaasheetiif gumaachisheen qabdu olaanaadha. Kunimmoo barana xiyyeeffannaa argatee socho'amaa jiraachuun naannawichatti gumaachi biyyattiin gama hawaas-dinagdeefi siyaasaatiin qabaattuufi faayidaa biyyaalessaa ummataafi mootummaa mirkaneessuuf tarsiimoo ijoodha.

Dabalaa Taaddasaatiin

Published in Siyaasa

Gaafiileen misoomaafi bulchiinsa gaarii deebi'aa yoo jiraatanillee quufsaa akka hintaaneedha jiraattonni Godinaalee Wallagga Bahaafi Lixaa konfaransii ummataa tibbana taa'anirratti kan ibsan.

Jiraattonni kunniin konfaransii ummataa Magaalaa Naqamteefi Gimbiitti tibbana taa'amerratti akka jedhanitti, gaafii misoomaafi bulchiinsa gaarii hawaasaa deebisuuf tattaaffiin taasifamaa yoo jiraatellee ittiquufiinsa barbaadamu argataa akka hinjirreedha kan eeran.

Jiraattonni Magaalaa Naqamteefi Godina Wallagga Bahaa nageenya naannawasaanii eeguudhaan misooma ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf akka hojjetan konfaransii kutaalee hawaasaa adda addaa hirmaachiserratti Dilbata darbe dubbataniiru.

Konfaransicharratti jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantii, bakka buutonni qonnaan bultootaa, dargaggootaafi dubartootaa hirmaataniiru.

Hirmaattota kannneen keessaa jaarsi biyyaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Obbo Xahaa Maammoo yaada kennenniin, waggoota darbanitti ijaarsi bu'uuraalee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan raawwatamaniiru. “Misooma naannawichaa caalaatti si'eessuuf mootummaa maddii dhaabannee nageenya keenya eeguu qabna” jedhaniiru.

Farreen nageenyaa daangaa Oromiyaafi Somaaleetti walitti bu'iinsi akka uumamu taasisan addaan baasanii seeratti akka dhiyaataniifi lammiileen buqqa'an akka deebi'anii akka bayyanataniif mootummaan tattaaffii eegale cimsee itti fufuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Magaalaa Naqamteetti, jiraattuun Ganda 05 Aadde Ristee Cammir gamasaaniin akka jedhanitti, gabaa looniirratti, lafaan walqabatee, daldala daandiirraatiin akkasumas raawwii hojii uumuu dargaggootaarrattiifi bulchiinsa mana gandaa mootummaarratti rakkoon bulchiinsa gaarii hidda gadifageeffateetu jira jedhaniiru.

Miseensi raawwachiistuu hojii ADWUIfi sadarkaa ministiraatti waltaasisaan dhaabbilee dimokraatawoo, Ambaasaaddar Dagifee Bulaa akka ibsanitti, ummanni Oromoo tokkummaasaa cimsachuun nageenyasaatiif waardiyyaa dhaabachuu qaba. Akkasumas misooma naannoosaa si'eessuufi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuudhaan hiyyummaa keessaa bahuuf tattaafachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ummatoonni Oromoofi Naannoo Somaalee Itoophiyaa sanyii tokkorraa kan maddan, haala jireenyaa walfakkaataa kan qabaniifi afaaniif aadaa waldhaale kan qaban ta'uus eeraniiru. Rakkinichi kan uumame sassaabsota kiraatiin waan ta'eef yeroo gabaabaa keessatti iddootti deebi'a jedhaniiru.

Ummatoota lamaan jidduu jibbi bu'uuraa waan hinjirreef diinotasaanii wajjummaan seeratti dabarsanii kennuudhaan waldanda'uu, waljaalachuufi walkabajuun nageenyaan waliin jiraachuu kan ittifufan ta'uu mirkaneessaniiru.

Konfaransii ummataa Magaalaa Gimbiitti, adeemsifamerrattis kutaaleen hawaasaa aanaalee 20fi bulchiinsota magaalaa Godina Wallagga Lixaa keessaa babahan hirmaataniiru.

Jiraattonni akka jedhanitti, eddii mootummaan haaromsa gadifagoo geggeessuu eegalee as gama nageenyaa, misoomaafi bulchiinsa gaariitiin jalqabbiiwwan gaariin yoo mul'atanillee sadarkaa barbaadnurra hingeenye jedhaniiru. Waajjiraalee tokko tokkotti beellama dheeressuufi abbootii dhimmaa deddeebisuun, ibsaan addaan ciccituun rakkoolee cimoo ta'uu bakka buutonni jiraattota aanaalee Najjoofi Ganjii ibsaniiru.

Sochiin dargaggoota hojiitti galchuuf taasifamu harkifachuufi babal'achuu dhabuun daandii dhimma jiraattota biraa akka komiitti ka'e yoo ta'u, qabsoon sassaabdummaa kiraa cimee akka ittifufus gaafataniiru.

Waltajjii marichaa kan ogganan waajjira DhDUO Godina Wallagga Lixaatti, ittigaafatamaan damee ijaarsa baadiyyaa Obbo Boggaalaa Shuumaa tattaaffii mootummaan haaromsa gadifagoodhaa as taasiseen dameelee hundarratti jijjiiramni dhufuu ibsaniiru. Gama kenniinsa tajaajilaatiin ittiquufiina hawaasaa caalaatti mirkaneessuuf haaromsi gadi fagoon jabaatee ittifufa jedhaniiru jechuun kan gabaase BOIdha.

Charinnat Hundeessaatiin

Published in Siyaasa
Friday, 06 October 2017 20:09

Walii abboomamnee nagaa keenya haa gabbifnu

Bara mootii gonfoo keessa mootii Abbaa Jifaar ilmisanii alaa ol seennaan, kursii isaaniirraa ol ka'anii, “Nooruu ilma koo” jennaan namoonni yeroo kana isaan waliin turan, “Maali Abbaa Jifaar ilma keessaniif nooruu kaatuu? jedhaniin. Isaanis “Eeyyee! Yaa fira koo, ulfinni manaa ka'a. Isin martuu kana hubachuu qabdu jedhanii deebisan jedhama.

Eeyyee, deebiin mootii Abbaa Jifaar kun kaleessa qofa utuu hinta'iin har'as boris sirriifi bara tarkaanfatuudha. Jechamni kun akka biyyaattis ta'e naannoofi maatiitti yoo fudhatame dhugaa guddaa of keessaa qaba. Fakkeenyaaf Oromoon maatii tokko ykn qomoo tokko. Maatiin kun ykn qomoon kun utuu nama biraarraa kabaja hineeggatin dura ofirraa, walirraa kabaja argachuu qaba.

Kanaafuu walkabajuufi walii abboomamuun akkanumas nagaan ummanni Oromoo Irreecha dheengaddaa irratti mul'ise baay'ee kan nama ajaa'ibsiisuufi kan nama gammachiisuudha. Maddi nagaa kanaa kabaja ummanni Oromoo waliif taasiserraa kan maddeedha. Kan kana na jechisiise Irreecha baranaarratti haala haaraadhaan nagaqabeessummaan ayyaanichaa kan mirkanaa'e foolleewwan ilmaan sabichaa keessaa babahaniifi leenjii abbootii Gadaatiin kennameefiin ta'uusaati.

Dargaggoonni biroo marti seeraafi sirna irreeffannaatiif akkanumas abbootii Gadaafi foolleewwaniif kabaja kennuun nagaadhaan irreeffatanii sirbanii, shubbisanii gara mana ofiitti deebi'aniiru.

Gocha kanas alnaamusummaa bara darbe abbootii Gadaa harkaa maayikii fudhatanii miira hintaaneen fedhii ofii ibsachuuf yaalmeefi sababa kanaanis lubbuu lammiilee haala suukaneessaadhaan darbeen walcinaatti yoo ilaalamu kan baranaa kan jajamuufi leellifamuu qabuudha.

Gama Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiinis Irreechi dirree ayyaanni itti kabajamuufi uumaaf galanni itti galfamu ta'uu qaba jechuun sochiin siyaasaa kamuu akka hintaasifamneefi hidhattoonnis naannawa ayyaanichi itti kabajamurraa akka fagaatan taasisuudhaan qophiin taasise akkasumas gochi inni hojiidhaan mul'ise abboommii ummatichaafi abbootii Gadaatiif qabu kan itti mul'iseedha.

Gama biraatiin garuu namoonni tasgabbii ayyaanichaa booressuuf jalqabarraa kaasee kaayyoo qaban faallaa kallattii mootummaan naannichaa kaa'een ala dhaadannoofi mallattoo siyaasasaanii mul'isuu dhageessisuuf yaalii akka taasisan hubachuun danda'ameera.

Gochi duudhaa ayyaana Irreechaatiin ala ta'e akkanaa akka hinlammeeffamneefis abbootiin Gadaa caalaatti cimanii hojjechuu qabu. Dirreen Irreechaa dirree uumaaf galanni itti galfamu malee dirree dorgommii siyaasaa waan hintaaneef.

Maalumaafuu obsaafi kabaja taasifameen gochi gama maraanuu ayyaana Irreechaa dheengaddaaratti taasifame kan tokkummaa, waldhaggeeffachuufi walkabajuu ummata Oromoo ifatti mul'iseedha.

Duudhaan akkanaa nagaa mirkaneessuun gaarii ofii mul'isanii akka addunyaan daaw'atuufi dinqisiifatu taasisuu galii naannoofi biyyaa gabbisuudhaan, bu'aa dinagdee biyyaatiif qooda guddaa qaba.

Yoo kun ta'uu baate ergama warra addaan nu facaasanii yaad-sammuu keenya cabsanii akka qaanofneetti akka jiraannu fedhanii kan guunnu ta'e, sirni irreeffannaa gara waltajjii walsaamuu, maayikii walharkaa butuu, ulfina abbootii Gadaa xinneessuu keessa seenna. Kanaan ammoo kan gammadan warra gaarii sabichaa hinfeene, warra sirni federaalizimiii akka dhabamu barbaadan, warra aadaafi eenyummaa sabootaa, sablammootaafi ummatootaatti qucarsuufi dhabamsiisuu barbaadan qofa.

Isaan kana gammachiisuun ammoo ergama ummata Oromoo miti. Ummanni Oromoo ummata walqixxummaa sabaafi sablammiitti amanuudha. Ummata aadaasaa kabajatee, mul'isee kan warra biroos ilaalee dinqisiifatuudha. Duudhaa gaarii isaa kana biyya irra darbee addunyaatti mul'isuuf sochiisaa kamuu keessatti nagaadhaaf adda durummaan hojjechuudhaani.

Nagaan ammoo kan uumamu jalqaba walkabajuun, walii abboomamuun aadaa sirnaafi duudhaa ofii haala abbootiin duraan ittiin gaggeeffataa turan utuu hinhaphisiin hojjiirra oolchuudhaani. Lammaffaarratti aadaa, sirnaafi duudhaa warra birootiifis kabaja barbaachisu kennuudhaani. Kanaafuu walii abboomamnee nagaa keenya haa gabbifnu.

Published in ijoo-dubbii

Barsiisaan gahumsa qabu qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba

Itoophiyaatti waggoota muraasa dura waliingahiinsa manneen barnootaa qaqqabamaa taasisuufi lammiileen umriinsaanii barumsaaf ga'e carraa barnootaa akka argatan gochuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa kan ture yoo ta'u, yeroo ammaa ammoo qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhimma ijoo ta'ee irratti hojjetamaa jira.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuun hojii itti fufiinsaan hojjetamuu qabuudha. Gahumsaafi dandeettii barsiisotaa fooyyessuufi meeshaalee qulqullina barnootaa guutuun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Ministeerri Barnootaas sadarkaa barumsa barsiisotaa guddisuufi dandeettiisaanii fooyyessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Barsiisotni sadarkaa barumsasaanii akka fooyyeffataniif carraa barumsaafi leenjii bal'inaan kennaa jira.

Ministeerichi ibsa dhiyeenya kana gaazexeessitootaaf kenneen akka jedhetti, barsiisonni qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabaniif ga'umsaafi dandeettiisaanii leenjiifi barumsaan guddisuuf hojjetamaa jira.

Leenjiin Fulbaana 8 hanga 15 bara 2009tti barsiisota dhaabbilee barnootaa mootummaatiif kennamaa tures hojiilee qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran keessaa isa tokko. Leenjichi hojiin baruu barsiisuu baranaa dadammaqinaafi kaka'umsa cimaan akka jalqabamuuf kan gargaare ta'uu himu.

Ga'umsaafi sadarkaa barsiisotaa guddisuun qulqullina barnootaa fooyyessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf hojichi bal'inaan raawwatamaa kan jiruufi gara fuulduraattis itti fufiinsaan kan hojjetamu ta'a. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf barsiisaan hojiisaa jaalatee hojjechuu qaba akka ibsa ministeerichaatti.

Dhaabbileen barnoota olaanaa biyyattii humna namaa industiriiwwan geggeessanii kan omishan yoo ta'u, dhaabbileen teknikiifi ogummaa ammoo humna namaa industiriiwwan sochoosanii dhiyeessaa jiru. Humna nama baratee kana qulqullinaafi baay'inaan omishuun imala haaromsa biyyattii dhugoomsuu akka ta'es ibsameera.

Ministeerichi waggoota muraasa dura waliingahiinsa manneen barnootaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa akka ture ibsee, yeroo ammaa garuu qulqullina barnootaa mirkaneessuu dhimma ijoo taasifatee irratti hojjetamaa akka jiruudha kan eere.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiin sadarkaa barumsa barsiisotaa fooyyessuufi kenniinsi barnootaa teknolojiidhaan akka deggaramu taasisuu itti fufiinsaan kan raawwatamu ta'a jedheera. Kana malees faayidaalee barsiisonni argachuu qaban guutuu akka guutamuufi mana jireenyaa akka argatan taasifamaa jira jedha ministeerichi.

Ejensiin Barnootaafi Leenjii Teknikiifi Ogummaa Federaalaa ibsa torban darbe gaazexeessitootaaf kenneen akka jedhetti, qulqullina barumsaafi leenjii dhaabbileen barnootaafi leenjii teknikiifi ogummaa kennan fooyyessuun lammiilee ga'umsaafi dandeettii qaban horachuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Walumaagalatti, barsiisaan ga'umsa qabu barattoota ga'umsa qaban waan omishuuf hojiin ga'umsaafi sadarkaa ga'umsa barsiisotaa guddisuuf taasifamaa jiru ququllina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf cimee ittifufuu qaba. Barattoonnis baratanii qabxii olaanaa galmeessisuun sadarkaa biyyaattis ta'e ardiifi addunyaatti dorgomaa ta'uuf cimanii barachuufi qo'achuutu irraa eegama.

Natsaannat Taadasaatiin

 

Published in Hawaasummaa
Page 1 of 2

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000619794
Har'a/TodayHar'a/Today3366
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday2978
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week25310
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month66525
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days619794

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.