Items filtered by date: Friday, 01 December 2017

Itoophiyaan bajata bara 2010f qabatte keessaa qarshii biliyoona 230 ta'u gibira irraa sassaabuudhaaf karoorfachuushee ragaaleen ni mul'isu.

Karoora kaa'ame kana bifa guutuu ta'een milkeessuudhaaf immoo qaamni gibira sassaabuufi gibira kanfalu walitti dhihaatee hojjachuun murteessaa yemmuu ta'u, kanaanis wantoota akka rakkootti ka'an dhabamsiisuun barbaachisaadha.

Kanuma bu'uura godhachuudhaan Abbaan Taayitaa Galiiwwaniifi Gumrukii Itoophiyaa, kanfaltoota gibiraa olaanoo ta'an waliin raawwii hojii bara darbeefi karoora hojii baranaa irratti mari'ataniiru.

Rakkoowwan bara darbe abbaa taayitichaa mudatan keessaa inni guddaan sassaabdummaa kiraa ta'uu kan himan abbaa taayitichaatti Daarektarri Tajaajila Maamiltootaa Obbo Yoseef Shifarraa, rakkoolee kanneen furuu keessatti immoo galteen qaamota dhimmichi ilaalurraa argamu murteessaa ta'uu dubbataniiru.

Mariiwwan maamiltootaafi qaamota dhimmi ilaalu waliin yeroo adda addaatti taasifameen galtee argameenis rakkoolee hedduu furuun kan danda'ame ta'uusaa eeranii, hojjattootni abbaa taayitichaa hundi haaroomsa keessa akka darban taasifamuusaatiin ilaalcha tajaajilummaa horachaa dhufuusaaniis ibsaniiru.

Bara hojii eegalamettis hojjattoota haaraa eebbifaman hedduu qacaruudhaan leenjiin gahaan erga kennameefiin booda gara hojiitti bobba'uusaanii kan himan Obbo Yoseef, hojjattoota rakkoo qaban irrattis tarkaanfiin barbaachisaa ta'e fudhatamuusaa himu.

Bara bajataa eegalamettis ergama dhaabbatichaa galmaan ga'uudhaafi itti quufiinsa maamiltootaa mirkaneessuudhaaf dursi kennamee kan hojjatamu ta'uusaafi kana gochuudhaaf immoo chaartariin lammiilee bifa sirrii ta'een hojirra oolchuudhaaf, kennaa murtii itti gaafatamummaa waliin wal qabsiisuudhaan, hanqina odeeffanootiin kan ka'e tilmaama gibiraa dogongoraa hambisuudhaaf, hojii odiitii cimaa ta'e diriirsuufi tajaajila teknooloojii irratti hundaa'e kennuudhaaf karoorfamee gara hojiitti galamuu dubataniiru.

Hojmaata galii gibiraa sirrii ta'e mirkaneessuudhaaf hojiin qaama tokkon hojjatamu bu'aa fiduu kan hindandeenye ta'uu kan himan immoo Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Mogos Baalchaa, waltajjiin marichaas kanuma bu'uura taasifachuudhaan yeroo yeroon kan qophaa'u ta'uu ibsaniiru.

Leenjiiwwan itti fufiinsaan hojjattoota abbaa taayitichaatiif kennamaa turaniin ilaalchi sassaabdummaa kiraa hir'achaa jiraachuusaafi yeroo ammaa hojjattootni harki caalu miira tajaajiltummaa gonfachuusaaniif ibsaniiru.

Balballoommii Oduu

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Oduu biyya keessaa

Seena madda anniisaa elektiriikii Itoophiyaa keessatti isa jalqabaa kan ta’e hidhaan Abbaa Saamu’eel laga Aqaaqiirraa hidhame anniisa elektiriikii Meeggaa waattii 6.6 maddisiisu bara 1932 kaase ummata biyyattii fayyadaa tureera ammas fayyadaa jira. Baay’inaafi fedhii ummataa dabalaa dhufeen walqabatee lageen hedduun hidhamuun anniisa elektiriikii maddisiisaa jiru.

Waggoottan kurnan lamaan darban dura uwwisni humna ibsaa %10 gad ture yeroo ammaa %25 irra ga’eera. Ta’us ummatni biyyattii miliyoona torbaatamaa ol ta’an ammayyuu dukkana hamaa keessa jiru.

Wiixata darbe Ministeerri Bishaan, Jallisiifi Elektiriikii karoora bara 2017 ALItti uwwisa humna elektiriikii guutummaatti waliin ga’uuf baafate mata duree, “Ifa hundaaf” jedhurratti qaama dhimmi ilaallatu waliin marii taasiseera.

Baankii addunyaatti, daarektarri Itoophiyaa, Sudaaniifi Sudaan Kibbaa Aadde Kaaroliin Tarki, Itoophiyaan guddina dinagdee jabaa galmeesisuusheetiin galateeffatanii, hanqinni anniisaa elektiriikii garuu gufuu guddaa ta’uu hubachiisaniiru. Akka isaan jedhanitti sochii industiriiwwanii guddina biyyaa si’eessan dhugoomsuuf anniisaan elektiriikii murteessaadha. Hanqina anniisa elektiriikii hamaan xaxamanii tajaajila dhaabbilee fayyaa si’ataa kennuun fayyaa hawaasaa mirkaneessuun abjuudha. Bakka ibsaan hinjirrettis qulqullina barnootaa kan yaadamu miti. Baankichis kana hubatee sochii hanqina ibsaa biyyattii furuuf taasifamurratti onnatee hojjetaa jira.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Obbo Haayilamaariyaam Dassaalanyi gamasaaniin dukkana ummata biyyattii miliyoonaan lakkaa’amuu ibsuun taatee yeroo gabaabaa ta’uu dubbatu. Hanga ammaatti hurka lafaa jalaa, humna bubbee, soolaariifi lageen hidhuun anniisaa argameen miliyoonota fayyadamoo taasisuun danda’amuusaa eeranii, har’as fedhii miliyoonotaa guutuuf kutannoon hojjetamaa jira jedhu.

Kanaaf ragaan hidhaan guddicha haaromsa biyyatti kan anniisaa meegga waatii kuma 6.4 maddisiisuuf ijaaramaa jiru fudhachuun gahaa ta'uu kaasanii, bifuma walfakkaatuun madda anniisaa qilleensa faaluurraa bilisa ta’aniifi haarawuu danda’anirratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhu. Geejiba irraa eegalee dhaabbileen tajaajila ummataa guutummaatti anniisaa elektiriikiin gara fayyadamutti akka ce’anitti sochiin taasifamaa jiraachuus himu.

Madda anniisaa gabbisuu qofa osoo hintaane anniisaa maddus qixa sirriin ummata biyyattii mara biraan ga’uurratti to’annoofi hordoffii mootummaa olaanaa ta'uu Obbo Haayilamaariyaam eeranii, raabsa humna ibsaa keessatti dargaggootni biyyattii hedduun akka hirmaatan akka taasifamu ibsu.Kun ammoo dhagaa tokkoo shimbira lama akkuma jedhamuu gama tokkoo uwwisa humna ibsaa mirkaneessaa gama biraan ammoo dargaggootaaf carraa hojii uumuudha jedhu.

Gama madda anniisaa garaagaraa babal’isuunis hojii hojjetamaa jiruun hidhaa guddicha dabalatee hojiiwwan ijaarsa wayita xumuraman anniisaa meeggaa waatii kuma 14 ol kan maddisiisan ta’uu ibsanii, KGT 2fa keessatti sochii taasifameenis hanga ammaatti anniisaa meeggaa waatii kuma afurii ol maddisiisuun danda’amuusaa addeessu.

Haaluma walfakkaatuun Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisiifi Elektiriikii Doktar Injinar Silashii Baqqalaa akka jedhanitti, rakkoo har’aa caalaa carraafi abdiin gara fuulduraa olaanaadha. Karoora bara 2017tti dhiyeessiifi uwwisa humna ibsa biyyattii guutummaatti dhugoomsuuf yaadame keessatti bara 2010-2014tti maatii miliyoona 4.5tu fayyadamoo taasifama. Sochii uwwisa humna ibsaa dhugoomsuuf taasifamu kana dhugoomsuufis baasii doolaara Ameeriikaa biliyoona tokkoofi walakkaa yommuu gaafatu maddi baasii kanaas baankii addunyaa, dhaabbilee gargaarsaafi mootummaa Itoophiyaati.

Balballoommii Oduu

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Published in Oduu biyya keessaa

Jilli aadaa Oromoo guyyichaaf qophii taasisaa jira

Saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa guyyaa sanadni waliigaltee guddaan walqixxummaasaanii mirkaneesse itti ragga'e Sadaasa 29 bara 1987 waggoota 12n darbaniif waltajjii tokkotti dhufanii sirnoota adda addaatiin kabajataa turaniiru.

Guyyaan kun baranas mataduree, “Heddumminni heera keenyaan miidhage, haaromsa keenyaaf” jedhuun keessummeessummaa Bulchiina Mootummaa Naannoo Affaariin Magaalaa Samaratti torban har'aa sirna ho'aadhaan kabajama.

Qophii ayyaanichaaf gama Oromiyaatiin taasifamaa jirurratti Kibxata darbe waajjirasaaniitti addatti Gaazexaa Bariisaatiif ibsa kan kennan Daarektarri Dhimmoota Kominikeeshinii Waajjira Caffee Oromiyaa Obbo Habtaamuu Damisee akka jedhanitti, naannichatti milkaa'inaafi miidhagina guyyichaatiif tattaaffii cimaan taasifamaa tureera.

Qophii Oromiyaan hirmaannaaf taasisu maddiitti naannoleen oggaa ayyaanicha kabajuuf deeman naannicha qaxxaamuusaanii akka carraa guddaatti fudhachuun jaalala, aadaafi duudhaa Oromoo kanneen birootti agarsiisuuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jiraachuus beeksisaniiru.

Kanaafis magaalota keessummoonni keessa darban hundatti qophii addaa taasisuun kabajaafi jaalala ummanni Oromoo obboleewwansaa birootiif qabu kan agarsiifamu ta'uus Obbo Habtaamuun himaniiru.

Gareen aadaa Oromiyaa bakka bu'us shaakalliirra akka jiru ibsanii, Oromiyaarraa hirmaattonni baazaariifi agarsiisa daldalaa har'arraa eegalee geggeeffamurratti qooda fudhatanis garasitti qajeeluusaanii beeksisaniiru.

Muuxannoo bardheengaddaarraa argamerratti hundaa'uun gareen jilaa jaarsolii biyyaa, abbootii amantiifi Gadaa, dubartootaafi dargaggoota bakka bu'e gara Samaraa deemee aadaa, duudhaafi kkf irratti waljijjiirraa muuxannoo geggeessuusaas eeranii, kunis hariiroo ummatoota lamaanii cimsuu keessatti shoora olaanaa qabaata jedhaniiru.

Guyyaan sabootaafi sablammootaa maqaa gaarii naannichaa ijaaruu keessatti gumaacha olaanaa waan qabaatuuf ummanni magaalota naannichaa gareelee aadaa naannooleesaanii bakka bu'uun Oromiyaa qaxxaamuranii darbaniif haaluma barameen waan qabuun keessummeessee geggeessaa akka qabus waamicha taasisaniiru. Ho'ina ayyaanichaatiif akkasumas guyyaa Sirni Gadaa Oromoo Jaarmiyaa Saayinsii, Barumsaaafi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Walta'aniitti (yuneeskootti) galmaa'e waggaa 1fa sababeeffachuun sagantaaleen gara garaa boru Finfinneetti kan geggeeffamu ta'uus ibsaniiru.

Ayyaanicha sababeeffachuun naannoorraa eegalee caasaalee sadarkaa sadarkaadhaan jiraniin heeraafi bu'aaleesaarratti mariiwwan kan geggeeffaman ta'uus daarektarichi himaniiru.

Gareen Waajjira Caffeefi Biiroo Industriifi Misooma Magaalaa Oromiyaarraa babahe sadii qophiin magaalonni keessummoonni keessa qaxxaamuran taasisaa jiran maal akka fakkaatu kallattii bahaa, lixaafi kibba naannichaatti imalee mil'achaa jiraachuus addeessaniiru. Mil'annaa kanaan haalli simannaafi qophiin magaalonni ayyaanichaaf taasisaa jiran daaw'atamu ta'uus beeksisaniiru.

Bu'aa ayyaanichaa eenyuyyuu caalaa kan beeku ummatuma mataasaa waan ta'eef guyyichi guyyaa heerri abbummaa aangoosaa mirkaneessee itti ragga'e sababeeffachuun kan kabajamu ta'uusaatiin iddoo olaanaatu kennamaaf” jedhanii, kanaaf guyyicha ummanni miira olaanaadhaan eega jechuun ibsaniiru.

Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti Daarektarri Industirii Aadaafi Qindeessaan Garee Aadaa Oromoo jila ayyaana Sabootaafi Sablammootaarratti hirmaatuu Obbo, Diimaa Abarraa gamasaniin, gareen aadaa godinaalee Oromiyaa 10 keessaa babahe Magaalaa Adaamaatti qophii gochaa jiraachuu beeksisaniiru.

Gareen kun barana waan addaa qabatee dhiyaachuu baatus aadaa Oromoo waltajjicharratti dhiyeessuun shaakala gaariirra jiraachuu himanii, qophiin akkanaa aadaa Oromoo guddisuu, beeksisuufi madda galii gochuuf ni gargaara jedhaniiru.

Gareen aadaa Oromoo kun gareewwan biroo wajjin ta'uun sagantaa waggaa tokkoffaa sirni Gadaa Yuneeskootti galmaa'e sababeeffachuun boru Finfinneetti geggeeffamurratti qophiilee adda addaa ummataaf kan dhiyeessu ta'uus ibsaniiru.

Ogeessi dhimmoota kominikeeshinii waajjira Caffee Oromiyaa Obbo Camadaa Balaayis, ibsa bakka gareen kun itti argamurraa Bariisaaf kennaniin, kootaa Manni Marii Federeeshiniif naannoleef kenneen Oromiyaatti namoonni 110 filatamanii agarsiisa aadaatiif shaakalaa jiraachuu eeranii, kanneen keessaa baay'een namoota kanaan ayyaanicharratti agarsiisummaa aadaatiin hirmaatanii hinbeekne ta'uu beeksisaniiru.

Garee kana keessatti hojjettoonni mootummaa kan hinamatamne ta'uus eeranii, magaalota keessa darbanitti aadaa Oromoo agarsiisaa kan darban ta'uus himaniiru.

Balballoommii Oduu

Charinnat Hundeessaatiin

 

Published in Oduu biyya keessaa

Hordoftootni amantii Islaamaa guyyaan dhaloota Ergamaa Mohaammad (moowulida) nageenya biyyattiif kadhannaa gochuutiin kabajuu akka qaban Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa beeksise. Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaas hawaasni muslimaa nageenya biyyattiif akka kadhatu gaafateera. Guyyaan ayyaana moowulida bara 2010 si’a kuma tokkoofi 492faf Kaleessa kabajamee ooleera.

Pirezdaantiin mana marichaa Hajii Mohaammad Amiin Jamaal guyyaa dhaloota nabii Mohaammad bara kanaa sababeeffachuun Roobii darbe waajjirasaaniitti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, ayyanni moowulidaa akka addunyaatti qophiilee garagaraan kan kabajamu yoo ta’u, Itoophiyaa keessattis durii kaasee dhalachuu nabii Mohaammad sababeeffachuun hordoftoota amantii Islaama maraan kabajamaa har’a gaheera. Guyyaan kun ammoo karaa ergamaa Rabbii kan ta’e Mohaammadiitiin addunyaa dukanooftuu gara ifaatti waan dhufteef yaadachuuf jecha gammachuutiin kabajamaa bara kana gahuusaa ibsaniiru.

Faayidaa guyyaa ayyaana kanaa kabajuun qabus hedduu ta’uu dubbatanii, ergamichi ifa Rabbii ta’uusaa yaadachuuf, barsiisa isaanii isa gaarii ta’e sana hordoftoota amantichaa hubachiisuufi namoota harka qalleeyyii ta’an gargaaruuf, aadaafi seenaa islaamummaa cimsuun dhalootaaf dabarsuun isaan ijoodha jedhaniiru. Keessumaa ammoo wayita ammaa kana nageenyi biyyattii sadarkaa yaaddessaarra waan jiruuf hawaasni musliimaa marti ummata maraaf kadhannaa gochuutiin moowulida kabajuun isaanirraa eegamaa jedhaniiru.

Ergamaan Mohaammad dhala namaa hundaaf fakkeenya gaarii ta’uun Rabbiin kan filataman yoo ta’an, namni martuu waliiwaliisaaniif akka wal jaalatan, ormootaaf waan gaarii akka godhaniifi barsiisasaanii gaarii sana akka namoota hubachiisaniif hordoftootni musliimaa tattaaffii gochuu akka qabanis yaadachiisaniiru. Ayyaana moowulidaa wayita kabajanis kanneen rakkatan gargaaruun, warra daaran uwwisuufi dhukkubsattoota gaafachuutiin ta’uu qabas jedhaniiru.

Hordoftootni amantichaas ayyaana moowulida bara kanaa wayita kabajan nageenyi biyyattii akka dhugoomuuf cimsanii Rabbiin kadhachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Pirezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaas ergaa baga geessanii kan dabarsan yoo ta'u, hordooftonni amanatii Islaamaa naannichaafi Itoophiyaa barsiisa ergamichaa hojiitti hiikuutiin moowulida kabajuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Kana waliinis, ayyaanni moowulidaa kabajamuu kan qabu waljibbuurra waljaalachuun, tokkummaa uumuun, cubbuu duraan tureef araara gaafachuun ta'uu akka qabu dhaamaniiru.

Hawaasni muslimaa hundis nageenyi biyyatti akka kabajamuufi bakkatti deebi'uuf duwaayii gochuun kabajuu akka qaban gaafataniiru.

Published in Oduu biyya keessaa

Fiigicha meetira kuma 10n yeroo jalqabaaf Afrikaafi Itoophiyaa, olompikii Baarseeloonaatti meedaaliyaa warqii tan argamsiste gootiittiin Olompikii Koloneel Daraartuu Tulluu fuulashee gara oggansaatti garagalfachuun Dursituu Pirezdaantii Ittaantuu Federeeshinii Atileetiksi Itoophiyaa ta'uun filatamte.

Daraartuun kan filamte yaa'ii arifachisaa federeeshinichi Dilbata darbe adeemsiseen qajeelfama federeeshinichi oggantoota dubartootaa dabaluuf karoorfatee tureen ta'uun beekameera.

Haaluma kanaan naannoleen kilaboota shaniifi isaa ol qaban bakka bu'oota lamaan hirmaachuu ni danda'u qajeelfama jedhuun Naannoon Oromiyaa Koloneel Daraartuu dhiheessuun filannoo adeemsifameen sagalee guutuudhaan filatamuu ishee ibsameera.

Koloneel Daraartuun Koree Olompikii Itoophiyaaf miseensa raawwachiiftuu hojii ta'uudhaan bara darbeerraa kaasee Oromiyaa bakka bu'uun filamuun ishee kan yaadatamuudha.

Akkasumas koree gaggeesituu hojiif filannoo taasifameen Oromiyaa bakka bu'uun kan dorgoman Aadde Aziizaa Abdiifi Affaariin baka bu'uun kan dorgoman Aadde Fooziyaa Idiriis sagalee walqixaa argachuusaanitti sagalee yeroo lammaffaaf kennameen bakka buutuun Affaar Aadde Fooziyaa Idiriis filatamaniiru.

Published in Ispoortii

Finfinnee: Gosawwan ispoortii addunyaarratti jaalatamaafi hordoftoota baay'ee qaban keessaa adda dureen ispoortii atileetiksiidha. Gosa ispoortii kana keessaa taphawwan olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi dorgommiin qaxxaamura biyyaa waltajjiiwwan gurguddoo ispoortichi irratti keessummeeffamudha.

Gosawwan ispoortii atileetiksii waltajjiiwwan kanneenirratti adeemsifaman keessaa dorgommiin maaraatoonii, fiigichoonni fageenyaa meetira kuma kudhanii, kuma shaniifi kuma sadii akkasumas, dorgommiin qaxxaamura biyyaa baay'ee dhadabsiisaafi abdii nama kutachiisuudha.

Haata'u malee atileetonni ciccimoon waltajjiiwwan kanarraa biqilaniifi addunyaarratti maqaa olaanaa galmeesisan hedduudha. Keessumaa wayita dorgommiiwwan armaan olitti eeraman kunneen adeemsifamanitti qalbii hawaasa addunyaa hawataa kan turan atileetonni Keeniyaa yeroo baay'ee tartiiba galuudhaan dorgommii xumuruun beekamu.

Atileetota Keeniyaan horattee addabaabaayiiwwan addaddaarratti ishee waamsisaa turaniifi ammas waamsisaa jiran keessaa gootittiin atileetiksii Viiviyaan Jeekimii Cheeyiroot adda dureedhaan tan waamamtudha.

Viiviyaan ALA Fulbaana 11 bara 1983 Sulula Keeniyaa, iddoo Kii'eeyyuu jedhamutti dhalatte. Dorgommii atileetiksiirratti hirmaachaa turuun garee biyyaaleessaa atileetiksii Keeniyaatti kan makamte umrii 15fa isheetti ture.

Viiviyaan dorgommiiwwan atileetiksii biyyooleesaarratti Keeniyaa bakka bu'uun hirmaachuun meedaaliyaawwan 28 mormatti dirateetti. Kunneenis warqii 12, meetii sagaliifi nahaasa torbadha. Meedaaliyaawwan kunneen kan argaman dorgommiiwwan olompikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaafi dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaarratti malee kanneen mana keessaafi biyya keessatti argaman hindabalatu.

Viiviyaan shaampiyoonaa atileetiksi addunyaa ALA bara 2011 Koriyaa Kibbaa magaalaa Deeguutti adeemsifameetti fiigicha meetira kuma kudhanifi kuma shaniin tokkoffaa ba'uun meedaaliyaa warqii lama argateetti. Chaayinaa magaalaa Beejingitti ammoo fiigicha meetira kuma kudhaniin warqii argateetti.

Akkasumas, Olompikii Landanirratti fiigicha meetira kuma shaniin atileetota beekamoo Itoophiyaa Masarat Daffaariifi Xirunash Dibaabaa gidduu galuudhaan meedaaliyaa meetii argachuun ishee kan yaadatamuudha.

Olompikii Riyoo bara 2016 Biraazilitti adeemsifameetti ammoo fiigicha meetira kumaa kudhaniin Almaaz Ayyaanaatti aantee lammaffaa baatus, kuma shaniin ammoo Almaaziin ofduuba galchitee meedaaliyaa warqii fudhatteetti.

Gootittiin atileetiksii tun keessummaa Itoophiyaa ta'uudhaan dhuma torban darbee Finfinnee dhuftee fiigicha olaanaa Itoophiyaarratti argamteetti. Gaazeexaan Bariisaas atileetii tana waliin turtii taasiseera.

Akka isheen jetteetti Itoophiyaa kan dhufte yeroo jalqabaaf yoo ta'u, gara Finfinnee kan dhufte affeerraa Waajjirri Fiigicha Olaanaa Itoophiyaa dhiheesseefiin ta'uu himti. Affeerrichas gammachuu guddaadhaan fudhachuusheefi biyyoo morkattoota ishee yeroo jalqabaa ijaan arguuf carraa argachuusheetiin akka gammadde dubbatti.

Atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa hiriyyoota qofaa miti; akka obbolaatti walmararra kan jettu atileetiin tun, kunis, Afrikaanota ta'uusaanii malee ollaa ta'uun walitti dhiheenyasaanii cimsuu himti. Wantoota tokko isaan taasisan keessaas wayita dorgommiiwwanii walgargaaruu isaanii ta'uu eerti.

Yeroo baay'ee atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa Afrikaaf filamuudhaan waltajjiiwwan atileetiksii addunyaarratti walmaddii hiriiruudhaan meedaaliyaawwan hedduu gara Afrikaa akka galu taasisaniiru jetti.

Kanaafis akka agarsiisaatti Haayilee G/Sillaaseefi Poolteergaat, Daraartuu Tulluufi atileetonni Keeniyaa biroo Ardii Afrikaa bakka bu'uun meedaaliyaawwan warqii argamsiisaniiru; kana caalaa obbolummaan jiraaree jechuun gaafatti Atileet Viiviyaan.

Atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa maanaajara qabaachuusaaniifi wayita dorgommiif biyyaa alaa deeman Hoteela tokko keessa akka galan eertee, walitti dhihaachuunis, waa'ee dorgommii irratti hirmaatanii akka atileetota kilaba tokkotti waliin akka mari'ataniifi walgargaaran eerti.

Yeroo baay'ee dirreewwan atileetiksii atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa irratti hinhirmaanne miidhagina hinqabu kan jettu Viiviyaan, kun ammoo yeroo mara fiigichawwan meetira kuma kudhanii, kuma shanii maaraatoniifi kan kuma sadiitiin sadarkaa olompikiittis ta'u shaampiyoonaawwan adda addaatti meedaaliyaawwan kan galan Afrikaatti ta'uusaatiini jetti.

Yeroo baay'ee wayita dorgommii biyyooleessaaf gara biyyaa alaa deemuuf qophooftu hiriyyoota ishee kanneen akka Xirunash Dibaabaa, Masarat Daffaar, Galatee Burqaa, Ganzabee Dibaabaafi Almaaz Ayyaanaafaa ilaalcha keessa galchudhaan kan qophoftu ta'uufi, Itoophiyaanoonnis atileetota Keeniyaa ilaalacha keessa galchuun akk aqophaa'aan addeessiti.

Dhuguma Itoophiyaan biyya atileetota gootootaatti” kan jettu atileetiin tun, kanaaf ammoo ragaa kan ta'u fiigicha olaanaa Itoophiyaatti kanarratti atileetota beekamoo qofa osoo hinta'iin ummanni kuma 44 olitti shallagamu hirmaachusaanii ta'uu eerti. Qilleensi biyyattiis atileetotaaf mishaa ta'usaatti yeroo hedduu atileetonni biyyoota alaa asitti shaakalu jechuu dhaga'uusheefi biyyattii akkuma dhageesse ta'uusheefi haala gaariidhana keessummaashee akka keessummeessituus ibsiteetti.

Guyyaa Itoophiyaa seente irraa kaasee xinnaa guddaan ishee simachuudhaan kabaja isheef kennuusaaniitii ummata biyyattii galateeffattee, fuulduratti carraa yoo argatte deebitee akk adhuftu ibsiteetti.

Published in Ispoortii
Friday, 01 December 2017 22:03

Humni miidiyaalee daran cimuu qaba

Addunyaan har'a keessa jirru addunyaa odeeffannooti. Dur waanti iddoo tokkotti uumame ykn kalaqame tokko akkuma haalasaatti bakka biraa qaqqabuuf ji'oota darbees waggoota lakkoofsisa ture.

Har'a barichi bara odeeffannoo waan ta'eef sun seenaa ta'eera. Waanti fiixee addunyaa tokkotti uumamee hamma liibsuu ijaatti kallattii hundatti tamsa'ee addunyaa mara walgahaa jira.

Karaalee odeeffannoon ittiin tasamsa'u keessaa tokko ammoo miidiyaadha. Ammaan tana dameeleen miidiyaa babal'achaa dhufus xiyyeeffannaan barreeffama kanaa garuu waa'ee cimina miidiyaalee ijoo (pireesiifi elektironiksii) biyya keenyaarratti kan fuulleffateedha.

Miidiyaalee ijoon biyyattiitti argaman humna cimaa uummachuu waan hindandeenyeef ummanni ammaan tana xiyyeeffannaasaa miidiyaalee hawaasaarratti taasisaa jira.

Akka hayyoonni damichaa jedhanittis, miidiyaalee ciccimoon yoo uumamman walitti bu'iinsotaafi dhimmoota biroorratti naannawawwan gara garaarraa ragaalee funaanuun hawaasicha rakkoolee hinbarbaachisnerraa eeguuf akka humna argatan taasisa.

Kutaa barnoota gaazexeessummaafi kominikeeshinii Yunivarsitii Finfinneetti barsiisummaan waggoota dheeraaf kan tajaajilan Doktar Gabramadihin Sim'oon akka jedhanitti, ogeessonniifi dhaabbileen miidiyaa biyyattiitti argaman gama miiraafi fedhii ummataa qabatanii socho'uutiin hanqinoota qabu.

Iddoowwan tokko tokkotti oggaa walitti bu'iinsonni uumamuuf jedhan mallattooleen ni mul'atu. Kanaafuu dhaabbileen miidiyaa caasaalee qabanitti gargaaramuun walitti bu'iinsotaafi mallattoolee biroo dursanii akka beekaniif humansaanii cimsuu qabu.

Odeeffannoowwan dursanii argachuunsaaniis ummanniifi mootummaan rakkoolee hawaasicha jidduu jiru dursanii akka hiikaniifi of eeggannaa akka taasisan gochuusaarrayyuu hanga imaammata mootummaa jijjiirsisuutti akka isaan geessisu eeru.

Kana malees miidiyaaleen ummata dadammaqsuufi odeeffannoo sirrii dhiyeessuudhaan lubbuu namaa sababa jeequmsaatiin baduuf jedhuufi qabeenya barbadaa'u baraaruuf ittigaafatamummaa akka qaban ibsu.

Itoophiyaa dabalatee biyyoota danuutti sababiin hammaachuu walitti bu'iinsaa inni guddaan ummanni odeeffannoo siriifi dhuga qabeessa argachuu dhabuu ta'uu hayyichi eeranii, qaawwawwan kanneen guutuufis keessumaa humna miidiyaalee cimsuun akka barbaachisu himu.

Miidiyaaleen ammaan tana biyyattiitti argaman waan humna cimaa uumuu hindandeenyeefi odeeffannoo sirrii dursanii ummata biraan waan hingeenyeef ummanni miidiyaalee hawaasaarratti akka xiyyeeffatu ta'eera jedhu.

Miidiyaaleen kunniin qaama isaan hordofu kan argataniif waan miidiyaan ijoon ykn ummataa odeeffannoo dhokseera jedhanii waan yaadaniif miidiyaaleen hawaasaa odeeffannoowwan dhugaas ta'e dhara dafanii kan waliin gahan ta'u ibsu.

Kanaafuu miidiyaaleen ejjennoo cimaa akka qabaataniifi gama fedhii odeeffannoo ummataa guutuutiin waan irraa eegamu akka bahatan gochuun akka barbaachisu eeru.

Biyyattiitti keessumaa oggaa walitti bu'iinsonni uumaman miidiyaaleen ittigaafatamummaasaanii sirnaan bahachuu qabu kan jedhan ammoo Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa gaazexeessummaafi kominikeeshinii, gargaaraa pireofesaraa Makuriyaa Makaashaati.

Ummata dursanii odeeffannoowwan sirrii qindeessuufi walitti bu'iinsichi gara toora nagaatti akka dhufu gochuu akka danda'aniifis dhimmoota balballoomsuu, qaamolee ilaalchawwan adda addaa qaban mariisisuurratti xiyyeeffachuun irraa eegama jedhu.

Ogeessonni miidiyaalee keessumaa oggaa waa'ee walitti bu'iinsaa gabaasan odeeffannoowwan ummataafi ummata walitti hinbuusne, madaalawaafi nageenya buusan dhiyeessuu akka qaban hubachiisu.

Akka ogeessaattis, lammiilee naannawa walitti bu'iinsi itti uumameetti argaman mariisisuufi yaadasaanii iftoominaan akka dhiyeessaniif eddii waltajiiwwan dhiyeessanii booda gochuun yaadawwan tokko isaan taasisan cimsuun walamantaa fiduu danda'u jedhu.

Miidiyaaleen mootummaas ta'an dhuunfaafi ogeessonni naamusaafi qajeelfama gaazexeessummaa hordofanii akka hojjetaniifi dhiibbaa gochuu akka danda'aniif humnasaanii cimsuun akka barbaachisu hayyichi dubbatu.

Gulaaltonni dhimmoota gadifageessanii yaadaniifi ilaalan jiraachuunis odeeffannoowwan gadilakkifaman dhiibbaa sirriis ta'e gadhee gadifageenyaan yaadanii ittigaafatamummaan akka hojjetan isaan dandeessisa.

Charinnat Hundeessaatiin

Published in Yaada

Jilli aadaa Oromiyaa ayyaanicharratti agarsiisaswwan adda addaa qabatee dhiyaachuun dinqisiifannaa addaa gonfataa tureera

Biyyi keenyi waggoota hedduuf gita sirna bittaa jalatti buluun seenaa, afaan, aadaafi duudhaan saa awwaalamee hiyyummaafi doofummaa bara dheeraa keessatti kufee maqaa hiyyummaatiin waamamaa kan ture ta’uun yaadannoo yeroo dhiyoofi hunda keenyaati.

Haata’uutii, qabsoo hadhaawaa saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa godhaniin sirna gita bittaa nafxanyaa fonqolchuun walqixxummaan saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa akka dhufuuf wareegamni qaaliin erga ta’een booda injifannoowwan guguddoon galmaa’aniiru.

Hirmaannaa saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaan sanadni waliigaltee guddaan walqixxummaa sabootaa, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa gama hundaan gaaffii eenyummaa, mirga ofiin ofbulchuu, seenaa, afaan, amantii, aadaafi duudhaa saboota, sablammootaafi uummaattoota Itoophiyaa mirkaneessuu danda’u wixinee qopheessuun heera Itoophiyaa ta’ee Sadaasa 29 bara 1987 kan mirkanaa’eefi gaaffiin saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa deebii guutuu akka argatu taasifameera. Kanaaf, har’a heerri keenya erga mirkanaa’e waggaa 23 keessa kan jiru yoo ta’u, waggoota darbanitti injifannoowwan hedduun galmaa’aniiru.

Manni Maree Federeeshinii Rippablikii Dimokraatawaa Itoophiyaa Ebla 21 bara 1998 walgahii Idilee 2fa taa’een Sadaasa 29 guyyaa heerri itti mirkanaa’e ta’ee akka kabajamu murteessuun Guyyaan Saboota Sablammmootaafi Ummattoota Itoophiya waggaa waggaan kabajamaa jira.

Murteen kun yeroo darbus, saboonni, sablammoonniifi ummattoonni biyyittii aarsaa kaffaluun heera mirkaneeffataniifi mirga heericharraa argatanitti fayyadamuun biyya saboonni sablammoonniifi ummattoonni jaalalaafi tokkummaan keessa waliin jiraatan akka ta’u guyyaa itti mirkanaa’e yaadachuun kaayyoo ijoo kabaja ayyaanicha waggoota darban bifa ho’aafi itti fufiinsa qabuun naannolee adda addaatti kabajamaa tureeti.

Barbaachisumaan kabaja ayyaanichaas, ayyaanota baroota darban keessa kabajamanirraa saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa waliigalteen biyya tokkummaa dimokraatawaa taate uumuun qabeenya waliiniisaaniis cimsachuu ilaalchisee bu’aawwan guguddoon galmaa’aniiru. Kana malees, hubannoo heerarratti qaban sadarkaa biyyaafi naannoleetti waltajjiiwwan adda addaa gaggeeffamaniin sirna dimokraatawaa lafa qabsiisuuf bu’uurri heera ta’uufi wabiin heeraas lammiilee biyyittii hundaa ta’uu hubannoon akka uumamu taasifamaa tureera.

Akkasumas, kaayyoon ayyaanichaa inni ijoon biyyi keenya daandii haaromsaarra imaluun injifannoo galmeessiteef saboonniifi sablammoonni biyyittii injifannoo argataniin fayyadamummaasaanii mirkaneessaa Karoora Guddinaafi Tiraanisfoormeeshinii Marsaa 2fa qabameefi hidha haaromsaa guddichaa galmaan gahuuf kakuu haaraafi sochiiwwan adda addaa taasifamaniin deeggaramee haala ho’aadhaan akka kabajamuuf gumaachiifi deeggarsi naannoo keenyaas isa guddaafi olaanaa ture.

Akkasumas, biyyoonni sirna federaalawaa hordofan kanneen akka Kanaadaa, Amaarikaa, Jarman, Ruusiyaa, Hindi, Awustraaliyaa, Biraazil, Siwiizarlaandi, Beeljiyeem, Afrikaa Kibbaafi Naayjeeraan Itoophiyaan sirna federaalizimii akka hordoftuuf fakkeenya yoo ta’an, sirni federaalizimii sirna saboonniifi sablammoonni hedduun walta’iinsaafi heddumminarratti hundaa’uun tokkummaafi eenyummaan isaanii kan itti dagaaguufi tokkummaa heddummina waliin itti fufsiisaniidha.

Keessattuu, biyyoonni akka Ugaandaa, Naayjeeriyaafi Afrikaa Kibbaa sirna kana furmaata rakkoo ayidooloojii jiru godhachuun sirna bittaa booddee walqixxumaa saboota, sablammootaafi ummattootaa mirkaneessuun biyyoota fakkeenyummaa gaarii qabaniifi Itoophiyaafis fakkeenya ta’aniidha.

Haata’u malee, kabaja ayyaanichaatiin walqabatee nageenya amansiisaa, bulchiinsa gaariifi hojiiwwan misoomaa adda addaarraatti ummata bal’aa keessumaa dargaggootaa bu’a qabeessa taasisuurratti hojiin guddaan kan hafu waan ta’eef ciminaan irratti karoorfamee hojjetamuu kan qabu yoo ta’u, hojiiwwan kanneen ciminaafi itti fufiinsaan hojjechuun kan danda’amu yoo ta’e mootummaafi dhaaba cimaa uumuun misooma hawaas-dinagdee si'aayaa mirkaneessuun farreen nageenyaa dadhabsiisuun carraa misooma naannichaa jijjiiruun kan danda’amu ta’uu hubachuun nama hinrakkisu.

Waggoota darban keessa, guyyaan saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa Mootummoota Naannolee saglan dabalatee bulchiinsota magaalaa lamatti waggaa waggaadhaan sirna adda ta’een akka kabajamu Manni Maree Federeshinii Ebla 21 bara 1998 erga murteessee as ayyaanichi eessa eessatti kabajame? Dhaadannoo ykn Hoggannoon qabate maal ture? Gaaffii jedhuuf gabaabsee isin yaadachiisuun barbaada:

  • Bara 1999 qopheessummaa Mana Maree Federeeshiniitiin dhaadannoo, ‘Kakuun Heera Keenyaa Mallattoo Waliin Jiraachuu Keenyaati’ jedhuun yeroo jalqabaatiif magaalaa gudditti Itoophiyaafi Oromiyaa, Finfinneetti kabajame.

  • Bara 2000 immoo Ayyaana Barkumee biyyittii waliin walqabsiisuun dhaadannoo, ‘Garaagarummaan keenya miidhagina keenya; Miidhaginni Keenya Tokkummaa Keenya’ jedhuun Naannoo Ummattoota Kibbaa Magaalaa Hawaasaatti kabajame.

  • Bara 2001 dhaadannoo, ‘Tokkummaa Dimokiraasummaa Keenyaa Cimsuun Misooma Keenya Itti Haa Fufsiifnu’ jedhuun Oromiyaa, Magaalaa Adaamaatti kabajame.

  • Ittifufinsaan bara 2002 ‘Waldanda’uun Tokkummaa Diimokiraasiifi Misoomaatiif’ dhaadannoo jedhuun Naannolee ollaa Itoophiyaa Bahaa (Oromiyaa, Affaar, Harar, Somaalee Itoophiyaafi Dirree Dhawaadhaan) magaalaa Dirree Dhawaatti kabajame.

  • Haaluma walfakkaatuun, bara 2003 konfiraansii Federaaliizimii addunyaa biyyi keenya marsaa 5faf qopheessite waliin walqabsiisuun maatduree, ‘Harka Walqabannee Haaromsa Itoophiyaa Sadarkaa Duubatti Hindeebinerraan Ni Geenya’ jedhuun Finfinneetti kabajame.

  • Bara 2004 dhaadannoo, ‘Heerri Keenya Heddummina Keenyaaf; Tokkummaafi Haaromsa Keenyaaf’ jedhuun Naannoo Tigraay, Magaalaa Maqaleetti kabajame.

  • Bara 2005 immoo ‘Mul’ata Mallasiin Heera Mootummaa keenyaaf Haaromsa Keenyaaf’ dhaadannoo jedhuun Naannoo Amaaraa, Magaalaa Baahirdaaritti kabajame.

  • Bara 2006 marsaa mataduree, ‘Heerri Mootummaa Keenya Haaromsa Keenyaaf’ jedhuun Naannoo Soomalee Itoophiyaa, Magaalaa Jijjigaatti kabajame

  • Bara 2007 dhaadannoo, ‘Heera Keenyaan Kan Miidhage Itoophiyummaan Keenya Haaromsa Keenyaaf’ jedhuun Naannoo Beeniishaangul, Gumuz Magaalaa Asoosaatti kabajame.

  • Bara 2008 ‘Hirmaannaan Sabootaa, Sablammootaafi Ummattootaa Guddinaafi Tiraanisfoormeeshinii Olaanaaf’ dhaadannoo jedhuun Naannoo Gaambeellaa, Magaalaa Gaambeellaatti kabajame.

  • Bara 2009 ‘Heerri Keenya, Tokkummaa Dimokraatawaafi Haaromsa Keenyaaf’ dhaadannoo jedhuun Naannoo Ummatoota Hararii, Magaalaa Hararitti kan kabajame yoo ta’u, barana marsaa 12faf ayyaanni saboota, sablamootafi ummattoota Itoophiyaa qopheessummaa Mootummaa Naannoo Affaariin Magaalaa Samaraatti dhaadannoo, ‘Heddumminni Heera Keenyaan Miidhage, Haaromsa Keenyaaf’ jedhuun kan kabajamu ta’a.

Sirni Federaalawaa biyyi keenya yeroo ammaa hordofaa jirtu dhimmoota gara garaatiin qoramaa kan jiru ta’ullee, heerri Riippaabilikii Dimokraatawaa Itoophiyaa Sadaasa 29 bara 1987 mirkanaa’e seenaa biyya keenyaa keessatti heera heddummina sirnaan keessumeesse jedhamee fudhatamuu danda’a.

Akkuma warqiin ibiddaan qoramu, sirni kunis yeroowwa adda addaatti rakkoolee bulchiinsa gaarii, maxxantummaa, sassaabdummaa kiraa, malaammaltummaafi kabajamuun olaantummaa seeraa dhabamuutiin walqabataniin qoramaa akka ture ni yaadatama.

Qormaatileen kunniin hammi tokko biyyoota sirna federaalizimii hordofan biroos kan qunnamaa ture ta’us, haala qabatamaa biyya keenyaatiin garuu rakkoolee armaan olitti tuqamaniif madda kan ta’an hedduun isaanii rakkoo namtolchee waan ta’aniif rakkoolee kanneen of irraa qolachuuf qabsoo cimaa ummata hirmaachise kan gaafatu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.

Gama biraatiin, ayyaanni kun guyyaa sabooti, sablammootiifi ummattooti biyyitti itti walargan qofa osoo hintaane guyyaa bu’aalee misoomaa isaanii walitti gurguratan, tajaajiloota qaban itti beeksifataniifi aadaafi duudhaasaanii obbolaawwan isaanii saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii ayyaanichaaf walitti qabamaniif waltajjii itti agarsiifatan ta’ees tajaajilaa jira. Kana malees, guyyaan kun hawata tuurizimii biyya keenyaa ta’uun madda galii biyyaas ta’aa jira.

Akka waliigalaatti, ayyaanota darban irratti baay’inni ummata ayyaanicha kabajaa ture dabaluu irra darbee, manneen barnootaa dhaabbilee olaanaa dabalatee bakka hundatti ayyaanichi uffannaawwaniifi faayawwan aadaa gara garaatiin miidhagee waggoota 11 darbaniif kabajamaa tureera.

Naannoo ayyaanichi itti kabajamuttis hojiiwwan misoomaafi milkaa’ina karooraa keessatti shoora olaanaa taphachuun hojiiwwan bu’uuralee misoomaa naannichaaf bu’aa olaanaa kan buuseefi miira walitti dhufeenya saboota, sablammootaafi ummattoota biyyitti daran kan cimsee ta’uunsaa bu’aalee isaan muraasa.

Qophiiwwan ayyaanichaa bara baraan naannolee biyyattii gara garaatti kabajamaa ture keessatti naannoon keenya gahee bakka bu’iinsa hinqabne taphachuun qophiiwwan ayyaanichaa jalqabaa hanga dhumaatti saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii kallattii maraan Naannoo Oromiyaa keessa qaxxaamuran yaaddoo tokko malee akka imalan hojii nageenya kabachiisuu hojjechuu dabalatee, magaalota naannoo keenyaa keessatti simannaa barbaachisu taasisuun maqaa naannichaa roga gaariin ijaaraa turreerra.

Baranas bifuma walfakkaatuun sadarkaa naannootti koreewwan gara garaa dhaabuun sochiiwwan adda addaa taasifamaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa hojiiwwan kabaja ayyaanichaatiif barbaachisan hundi xumuramanii sirni kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 12fa Sadaasa 29 bara 2010 kabajamu eegamaa jira jechuun Daayirektoreetiin Dhimmoota Kominikeeshinii Waajjira Caffee Oromiyaa beeksiseera.

Kutaa qophiitiin qindaa'e

Published in Siyaasa

Itoophiyaan biyya seenaan, afaan, aadaafi duudhaan sabootaaf, sablammiileefi ummatashii awwaalamee hiyyummaafi boodatti hafummaan man'ee irratti ijaattatee turte ta'uun yaadannoo yeroo dhiyooti.

Qabsoo hadhaawaa saboonni, sablammoonniifi ummattoonni biyyattii irree tokkoon taasaniin sirnoonni cunqursoon hundeedhaa fonqochamuun bakkasaaniitti sirni duudhaalee, afaan, amantiileefi saboota ija tokkoon ilaalu dhugoomuu erga eegalee as gama hundaan jijjiiramoonni hedduun galmaa'ajiiru.

Saboonni, sablammoonniifi ummattoonni sirna gama hundaan walqixxummaasaanii mirkaneesse kana sanada waliigaltee heera jedhamuun mirkaneeffatanii gaaffii eenyummaa, mirga ofiin ofbulchuu, seenaa, afaan, amantii, aadaafi duudhaa ofii mirkaneeffachuufi gonfachuu danda'aniiru.

Kunis heera Sadaasa 29 bara 1987 ragga'een mirkanaa'eera. Har'a heerichi eddii mirkanaa'ee kunoo waggoonni 23 lakkaa'amaniiru. Waggoota kanneen keessatti injifannoowwan hedduunis galmaa’aniiru.

Bu'uura murtii Manni Maree Federeeshinii Ebla 21 bara 1998 dabarseen guyyaan heerri walqixxummaa sabootaa mirkaneesse itti ragga'e (Sadaasni 29) Guyyaan Saboota, Sablammmootaafi Ummattoota Itoophiya ta'ee wagguma waggaan qophiilee adda addaatiin waa'elchamee kabajamaa jira.

Guyyichaan dahachuun Itoophiyaan biyya saboonni sablammoonniifi ummattoonni jaalalaafi tokkummaan wajjummaan keessa jiraatan itti mirkanaa'e ta'uu yaadachuun kaayyoo ijoo ayyaana sabootaa haala ho’aafi ittifufiinsaan naannolee adda addaatti kabajamaa tureeti.

Ayyaanota baroota darban kabajamanirraa saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa waliigalteen biyya tokkummaa dimokraatawaa taate uumuu, qabeenya waliiniisaaniis cimsachuu ilaalchisee bu’aawwan guguddoon galmaa’uu danda'aniiru.

Waltajjiilee sadarkaa biyyaafi naannoleetti gaggeeffamaniin bu’uurri injfannoowwan galmaa'anii heericha ta'uufi wabiin heerichaa ammoo lammiileedhuma biyyittii ta’uurratti hubannoon akka uumamu taasifamaa tureera.

Injifannoowwan heerichaan argaman dhandhamachaa biyyi keenyaafi ummannishii daandii haaromsaarra imaluun ammas fayyadamummaasaanii caalaatti mirkaneeffachuuf yeroo kamuu caalaa tattaafachuu qabu.

Kabaja ayyaanichaatiin walqabatee nageenyi amansiisaan, bulchiinsi gaariifi hojiiwwan misoomaa adda addaarraatti ummata bal’aa keessumaa dargaggoota bu’aa qabeessa taasisuurratti hojii guddaan waan hafeef ciminaan irratti hojjechuun murteessaadha.

Hojiiwwan kanneen ciminaafi itti fufiinsaan hojjetamnaan mootummaafi ummanni walta'anii sassaabdummaa kiraafi ilaalchasaa laamshessaa misooma hawaas-dinagdee si'aayaa mirkaneessuun carraa egeree biyyattii abdachiisaa gochuun ni danda'ama.

Akkuma warqiin ibiddaan qoramu, sirni kunis yeroowwan adda addaatti rakkoolee bulchiinsa gaarii, maxxantummaa, sassaabdummaa kiraa, malaammaltummaafi olaantummaan seeraa kabajamuu dhabamuutiin qoramaa tureera.

 

Kanaaf guyyaan sabooti, sablammootiifi ummattooti biyyitti itti walargan qofa osoo hintaane guyyaa bu’aalee misoomaa isaanii walitti gurguratan, tajaajiloota qaban itti beeksifataniifi aadaafi duudhaasaanii obbolaawwan isaanii wajjin waltajjii itti agarsiifatan ta’ees tajaajilaa jira.

Waltajjii kanarratti aadaa ofii agarsiisuun akkuma jirutti ta'ee waa'ee nageenya waaraa, duudhaaleen waljaalalaafi walkabaja sabootaa, sablammootaafi ummatoota Itoophiyaarratti xiyyeeffannaan ergaa dabarsuufi lallabamuu qabu.

Published in ijoo-dubbii
Friday, 01 December 2017 21:57

Dhaabbilee dhuunfaafi wabii hawaasummaa

Wabii hawaasummaa ummata hunda biraan ga'uudhaaf kutannoon siyaasaa murteessaa yemmuu ta'u, biyya tokko keessatti misooma hawaasummaa kamiyyuu mirkaneessuudhaafis wabiin hawaasummaa dursa kan dhufudha.

Dhalli namaa gaafa humna qabuuufi hojjachuu danda'u hojjatee yeroo umriinsaa gara jaarsummaafi waa hojjachuu dadhabuutti ce'e soorama isa barbaachisa. Namni warshaaleefi dhaabbilee garaa garaa keessatti osoo dalaguu hojirratti miidhaan irra ga'es wabii hawaasummaa barbaada.

Yeroo dheeraadhaaf hojjattoota mootummaa qofarratti rarra'ee hojjatamaa kan ture wabiin hawaasummaa, wayitii ammaa kana garuu hojjattoota dhaabbilee dhuunfaa birattis hojirra ooluunsaa hamma tokko waliin ga'iinsi akka dabalu taasiseera.

Haa ta'uu malee dhaabbilee dhuunfaa hunda barbaadanii galmeessuu irratti hanqinni jiraachuu Ejensiin Wabii Hawaasumnmaa Dhaabbilee Dhuunfaa ni ibsa.

Daarikterri ejensichaa Obbo Tsaggaayee Gabramika'el akka jedhanitti, ejensichi babal'inna wabii hawaasummaa dhaabbiilee dhuunfaa dabaluudhaaf hojjachaa jiraachu sagantaa qaamota dhimmichi ilaalu waliin marii torban darbe taa'amerratti duddataniiru. Raawwiin ejensichaa yeroorraa gara yerootti fooya'aa jiraachuufi kunis qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin qindoomanii hojjachuufi galtee achirraa argamu bifa guutuu ta'een hojjitti hiikuun akka ta'e ibsu.

Dhaabbileen dhuunfaa gara daldalaafi hojiitti galan dabalaa jiraachuu eeranii, isaan hunda faana bu'anii galmeessuun walqabatee hanqinni ni mul'ata. Kunis keessumaa dhaabbileen daldalaa xixiqqoon bakka heddutti gara hojiitti waan galaniif isaan kana hunda faana bu'anii galmeessuun kan ulfaatu ta'uu dubbatu.

Sababa kanaanis dhaabbilee dhuunfaas ta'e hojjattoota dhaabbilee dhuunfaa keessa hojjatan hunda galmeessuun kan hin danda'amne ta'uusaafi yeroo ittaanutti garuu bifa gurmaa'aa ta'een raawwii gama kanaan jiru fooyyeessuudhaaf kan hojjatan ta'uu ibsu.

Dhaabbileen faddaaltotaafi ejensiiwwan qaama sadaffaadhaan hojiitti nama qacarsiisan hedduun bifa seera qabeessa ta'een faayida hojjattootni argachuu qaban kennaa kan hin jirre ta'uu kan himan immoo hirmaataa sagantichaa kan turan Obbo Asnaaqe Abaatee, hojjataa mindaansaa 3000 ta'e irraa soorama qofaadhaaf qarshii 800 irraa muraa jiraachuusaanii dubbatu.

Keessattuu ejensootni qaama sadaffaa ta'anii nama qacarsiisan kunniin hojiiwwan akka qulqullinaafi waardiyyaa waan ta'eef hojjattootni kunniin mirgasaanii kabajsiifachuudhaafi kan isaan rakkisu ta'uusaatiin, mootummaan lammiilee humnasaanii baasanii wabiin hawaasummaa bifa sirrii ta'een isaaniif hin kabajamne kanniiniif birmachuu akka qabu gaafatu.

Qaala'iinsa jiruu yeroorraa gara yerootti dabalaa jiruun wal qabatee namootni soorama bahan hedduun rakkoo hamaa keessa jiraachuu kan himan immoo, sooramarratti kan argaman Obbo Tasfaayee Yordaanos, jiruun yeroo isaan hojii irra turaniifi amma jiru tasumaa kan walin madaalle ta'uusaa ibsu.

Namni tokko hojii dhaabee soorma bahus battalumatti kaffaltiin sooramaa kan gadi hin lakkifamneef ta'uunsaas rakkoo gama biraa ta'uu kan himan Obbo Tasfaayeen, seerichi kan jedhu namni tokko ji'a kana hojii dhaabnaan ji'a ittaanutti kaffaltiin sooramaa akka kaffalamuuf kan heeyyamamu waan ta'eef, rakkooleen raawwachiistummaadhaan walqabatanii jiran kunniin hatattamaan furamuu kan qaban ta'uu dubbatu.

Ejensichi ji'oottan sadan darban qofatti dhaabbilee dhuunfaa irraa qarshii biiliyoona 1.6 walitti kan qabe yemmuu ta'u, kanarraayyis bu'aa qarshii miiliyoona 54 argateera.

Dhaabbilee kuma ja'aafi 92fi hojjattootni kuma 40fi 25 ta'an immoo ji'oota sadan darbanitti galmeeffamuusaanii ragaan ejensichaarraa argame ni mul'isa.

Walumaagalatti, waliin ga'iinsa wabii hawaasummaa dhaabbilee hunda keessatti mirkaneessuun hojii xiyyeeffannoo guddaa barbaaduudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Hawaasummaa
Page 1 of 2

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000803733
Har'a/TodayHar'a/Today1802
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3718
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week6336
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month43273
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days803733

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.