Items filtered by date: Friday, 10 February 2017

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa walga'ii idilee 16fa bara 2fa Kibxata darbe gaggeesseen wixinee labsii dargaggoota biyyattiif carraa hojii banu erga sakatta'ee booda sagalee guutuun raggaasise. Kaayyoonsaa inni guddaanis dargaggootaaf carraa hojii uumuutiin dinagdee biyyattii fooyyessuu yoo ta'u, kana fiixaan baasuufis maallaqni biliyoona 10 akka ramadamu murteeffamuunsaa ibsameera.

Gargaaraan Waajjira Ministeera Muummee Obbo Amanu'eel Abrahaa walga'ii kanarratti argamuun barbaachisummaa labsichaa mana marichaaf ibsa taasisaniin, biyyattiin imaammatawwan, karoorawwan tarsiimawaafi paakeejiiwwan hundagaleessa ta'an qopheessuutiin fayyadamummaa hawaasa maraa mirkaneessuuf tattaaffii hedduu taasisaa turteetti; ammas gochuurratti argamti. Dinagdee biyyaa keessattis maniiwwan qabamanii jiran galmaan gahuuf hirmaannaan dargaggootaa kallattiidhumaan murteessaa ta'uusaa Obbo Amanu'eel ibsanii, mootummaanis sadarkaa hundatti kana dhugoomsuuf haala itti fufiinsa qabuun galiisaanii guddisuuf sochii gochaa tureera jedhu.

Haa ta'u malee, guutummaa biyyattiitti fayyadamummaan dargaggootaa hangi tokko mirkanaa'uunsaa akkuma jirutti ta'ee fedhiin jiru daran dabalaa deemuufi gufuuwwan duraan turan furamuu dhabuunsaanii itti quufinsa dargaggootaa haalaan fiduu akka hindandeenye Obbo Amanu'eel mana marichaaf ibsaniiru. Mootummaan kanuma hubachuun guutummaa biyyattii keessatti dargaggoonni gurmaa'anii haala itti galii dinagdeesaanii fooyyessuu danda'an mijeessuuf tattaaffii gochaa jiraachuusaa Obbo Amanu'eel eeranii, kunis humna omishtummaa isaanii sirnaan fayyadamuun rakkoolee hawaas-dinagdeesaanii akka furatan tumsa jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun miseensonni mana marichaa tokko tokkos labsichi akka fooyya'uuf yaada kaasaniin, labsiin dargaggoota bayyanachiisuuf bahe kun qaamolee garagaraan hogganamuurra boordiitiin buluutu irraa eegama jedhaniyyuu mormii malee wixineen labsii dargaggootaaf carraa hojii banuuf dhiyaate labsii 995/2009 ta'ee hojiirra akka oolu raggaasifameera. Gama kanaanis maallaqni ramadame sirnaan hojiirra akka ooluufi qaamoleen itti gaafatamummaan kennameefii kutannoon hojiitti hiikuu akka qabanis ibsanii, duulli carraa hojii uumuu magaalaafi baadiyyaatti ittifufuu akka qabus hubachiisaniiru.

Bifuma walfakkaatuun wixineewwan labsii misooma dinagdee biyyattii deggaruuf waliigaltee Baankii Misooma Afrikaafi Chaayinaatiin ji'a Amajjii keessa raawwataman ja'a dhiyaachuun guyyuma kana raggaasifamaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Oduu biyya keessaa

hamaatiin dararamaa jiru

Aadde Fooziyaa Amiin

Misoomni tokko gaggeeffamuuf wayita yaadamu dursa mariin hawaasa hirmaachisaa ta’e gaggeeffamuun erga irratti waliigalameen booda haaldureewwan jiraattota naannawichaaf barbaachisoo ta’an guutamuu malu. Akkasumas, beenyaan barbaachisaafi madaalawaa ta’e buqqaatota qe’ee isaanii lakkisaniif ni taasifama.

Haa ta’uutii misooma warshaa Sukkaaraa Arjoo Dhidheessaatti gaggeeffamaa jiru keessatti wanti qaqqabaa jiru imaammata jiruun kan walfaallessu ta’uu isaarraa kan ka’e balaan uummata naannicharraa buqqa’an mudachaa jiru kan nama gaddisiisu akka ta’e Koreen Abbagaar Ummataa beeksisee jira.

Qonnaan bultoota Ganda Odaa Arbaa lafasaaniirraa buqqa’an 373 qabeenyi isaanii seeraan osoo hinlakkaa'amiin, beenyaan osoo hinkanfalamiiniif akkasumas, lafti bakka bu’insaan osoo isaaniif hinlaatamiin bishaan hidhame ol dacha’uun mana isaanii waan diigeef mana maleeyyii ta’uun dunkaana keessa waggaa lamaaf jiraachaa akka jiraniifi namoonni kuma tokkoofi 600 ol balaa hamaa keessa akka jiran Walittiqabduun Koree Abbagaar Ummataa Aadde Fooziyaa Amiin himuun dhimmichi furmaata hatattamaa barbaada jedhaniiru.

Warshaan misooma sukkaaraaf bakkichatti hundaa'e kun faayidaa ummataa kan hingiddugaleeffanne ta’uusaarraa kan ka’e daa’imman 33 Ganda Odaa Arbaa keessatti dhibeelee daddarboo gargaraaf saaxilamuuniifi nyaata madaalamaa dhabuun akka du’aniif sababa ta’uu Aadde Fooziyaan himanii, dhimmichi qaama dhimmisaa ilaallaturraa deebii hatattamaa kan hinarganne yoo ta’e egereen qonnaan bultoota kanaa gaaffii keessa jiraachuu ibsu.

Jiraattonni yeroo ammaa qe’ee isaaniirraa buqqa’anii mana pilaastikaan ijaarame keessa jiraatan gandoota Naxroo, Cehoo Cuulloofi Baalakee dabalatee qonnaan bultootni 220 lafa bakka bu’iinsaafi beenyaa osoo hinargatiin waggaa lamaaf kan turan yoo ta’u bu’uuraalee misoomaa kan akka buufata fayyaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, barnootaafi daandiin kan hinguutamneefii akka ta’e Itti Gaafatamaa Olaanaan Waajjira Abbagaar Ummataa Obbo Qana’aa Sonaa ibsa tibbana waajjirasaaniitti gaazexeessitootaaf kennan irratti dubbataniiru.

Haalichi hammaachuun lubbuu qonnaan bultootaafi maatii irratti balaan qaqqabsiisaa jiru oolee bulee dabalaaa akka jiru Obbo Qana’aan himanii, bishaan jallisiif hidhame guutuun midhaan ooyruurraa akka dhabamsiiseefi naachi achi keessaa yaa’uun namoota afuriifi beeyladoota manaa 64 kan nyaate yoo ta’u qaamni pirojekticha abbummaan gaggeessu xiyyeeffaannoofi quuqama lammiilee kanaaf qabu agarsiisaa akka hinjirredha kan dubbatan.

Misoomni faayidaa ummataaf hindhaabbanneefi fayyadamtummaa jiraattotta naannawichaa hinmirkaneessine misooma osoo hintaane abaarsadha kan jedhan ammoo Oromiyaatti Hogganaan Dhaabbata Abbagaar Ummataa Luba Balaay Mokonnon gamasaaniin, bakka qonnaan bultoonni kun itti qubatanii jiran qaamaan dhaquun daawwannaa gaggeessaniin akka mirkaneessanitti dhalli namaa qe’eesaarrratti irbaata bineensaa ta’uurra darbee dhalliisaafi qabeenyisaa dhibeelee daddarboof saaxilamuufi hanqina bishaaniitiin dararamaa jiraachuu ibsu.

Kanamalees carraan hojii dursaa jirattota naannawicharraa buqqa’aniif osoo hinlaatamiin hafuuniifi ijaarsi misooma kanaa osoo hineegaliin hubannoo hawaasaa uumuu osoo qabanii hojiin akkafeeteedhaan itti seename kun dhumaatii lubbuufi qabeenya hedduuf sababa ta’ee waan jiruuf rakkoon hamaa kanaa olii hawaasa kana gaaga’uu danda’u osoo hindhufiin qaamni dhimmisaa ilaallatu deebii hatattamaafi quubsaa ta’e hawaasaaf kennuun irraa akka eegamu hubachiisu.

Namoota qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii jiraniifis beenyaan tilmaama sirrii qabeenya isaanii waliin walmadaalu kennamuufii akka qabu akkasumas bu’uuraaleen misoomaa barbaachisoo ta’an kan akka mana jireenyaa, daandii, mana yaalaa, mana barumsaa, riqichaafi kkf guutamuufiin barbaachisaafi kan yeroon itti kennamuu hinqabne akka ta’e Lubni Balaay himanii, carraa hojii uumuu ilaalchisee akkaataa labsiin investimantii kaa'uun fayyadamtummaan buqqaatotaa mirkanaa'uun irra jiraata jedhu.

Published in Oduu biyya keessaa

Guddina si’ataa waggoota kurnan lamaan darbanirraa eegalee biyyattii keessatti galmaa’aa jiruuf tumsi qaamotni garaa garaa olaanaadha.

Keesattuu hiyyummaafi boodatti hafummaan biyyattii keessatti waggoota dheeraadhaaf hundeesaa gadi fageeffateen walqabatee sochiin kana keessaa bahuuf taasifamu mootummaa biyyattii qofaan kan milkaa'u hinturre.

Kanaaf imaaammanniifi tarsiimoon mootummaadhaan bahu hawaasa biyyattiifi dhaabbilee dhimmoota walfakkaatanirratti hojjachuuf dantaa qabaniin deegaramee bu’aalee galmaa’aa jiraniif sababa ta’uu danda’aniiru.

Hojii qindoomina mootummaafi dhaabbilee gargaarsaa biyyattii keessatti hojjataniin keessattuu hawaasa baadiyyaafi qonnaan bulaa irratti bu’ureffachuudhaan jiruufi jireenyasaanii fooyyeessuuf sochii cimaa taasisaa jiru. Imaammata baadiyyaa hojirra oolaa jiruunis hawaasni baadiyyaa yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoo guddaa kan argate ta’uusaatiif ragaadha.

Dhaabbilee sochii mootummaan biyyattii jiruufi jireenya ummata biyyattii fooyyeessuuf taasisaa jiru keessatti ga’ee olaanaa taphachaa jiran keessaa inni tokko immoo dhaabbata Namootni Namootaaf jedhamuudha.Dhaabbatichi erga biyya keenyatti hundaa'ee duula hiyyummaa dhabamsiisuu irratti hirmaachuu eegalee waggoota 35 kan lakkoofsise yemmuu ta’u, sochii hanga ammaatti taasiseenis lammiilee biyyattii keessattuu naannawa baadiyyaatti argaman miiliyoonota fayyadamoo taasisuusaa ragaaleen ni mul’isu.

Dhiheenya kana immoo projektii tokko Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Jalduutti kan eegale dhaabbatichi, misomma qindaa’aa baadiyyaa kanaan aanichatti jiraattonni gandoota torbaa kuma 50 tahan kallattiidhaan fayyadamoo ta'uusaanii daarektarri pirojektichaa Obbo Yilmaa Taayyee ni dubbatu.

Pirojektichaaf qarshiin miiliyoonni 25.8 ramadamuusaa kan eeran Obbo Yilmaan, kunis dhiheessa bishaan dhugaatii, fayyaa, eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaafi hojiilee hawaasummaa kanneen walfakkaataniif kan oolu ta’uu ibsu.

Pirojektii misooma qindaa’aa baadiyyaa Jalduu kana dabalatee wayitii ammaa dhaabbatichi pirojektota 13 kutaalee biyyattii garagaraatti hojiirra oolchaa jiraachuusaafi kunis ergama hundeessaa dhaabbatichaa kan turan Kaarli Henzi Bam “hanga hiyyummaan Itoophiyaa keessaa dhabamutti biyyoota birootti hojii hineegallu” jedhu sana galmaan gahuuf sochii cimaa keessa kan isaan galche ta’uu dubbatu.

Dhaabbatichi faayidaafi jijjiirama dhala namaatiif kan kutate ta’uu kan himan immoo bulchaa Aanaa Jalduu, Obbo Raggaasaa Addunyaa, aanichis carraa kana argatee rakkoolee guguddoo kanneen akka lolaafi harama biyyoofaa ittisuuf ummanniis tattaaffii dhaabbatichaa tumsuu qaba jedhan.Aanichi lafa olka’aa irratti kan argamu ta’uusaatiin biyyoo gabbataan lolaadhaan dhiqamaa kan jiru ta’uu kan himan Obbo Raggaasaan, misooma sululaafi kunuunsa biyyoo hojjatamaa jiruufis pirojektiin kun tumsa olaanaa kan qabu ta’uu dubbatu.

Dhaabbanni Namootni Namootaaf jedhamu kun hanga ammaatti manneen barnootaa 400 caalaniifi pirojektota bishaanii kuma lamaa ol akkasumas giddugala daa’imman itti guddataniifi hojiilee hawaasummaa hedduu irratti hirmaachaa kan tureedha.

Walumaagalatti, jijjiiramaafi faayidaa hawaasa baadiyyaatiif hojii fakkeenyummaa qabu hojjetaa kan jiru dhaabbatichi, hojiinsaa kun immoo onnee ummata baadiyyaa keessaa yoomillee kan hinbadne waan ta'eef jaarmiyaa ummataa fakkeenyummaan eeramuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Hawaasummaa

Kittaannaan dubartootaaf balaa malee falaa miti

Dubartootni biyya keenyaa waggoota dheeraadhaaf rakkoolee hawaasummaa garagaraa keessa kan turan yemmuu ta’u, ammaan tanas guutummaatti rakkoolee kanniin jalaa bahuu hindandeenye.

Dhaqna qabaan dubartootaa rakkoo yeroo dheeraaf dubartoota balaa garaa garaatiif saaxilaa ture yemmuu ta’u, dubartootni kunniin isaan dhaqna hinqabamneen walbira qabamanii yemmuu ilaalaman wayitii da’umsaatti ciniinsuun irra turuufi rakkoolee birootiif caalaatti kan saaxilaman ta’uu ragaaleen ni mul’isu.

Ijoollee dubaraa umriin isaanii heerumaaf osoo hinga’in heerumsiisuunis barsiifatawwan boodatti hafoo yeroo ammaa dubartoota miidhaa jiran keessaa isa tokko yemuu ta’u, sochiiwwan waggoota muraasa darban keessatti taasifamaniin hamma tokko xiqqaatus rakkinichi ammas iddoowwan tokko tokkotti bal’inaan kan mul’atu ta’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii ni ibsa.

Ministeerichi barsiifatawwan boodatti hafoo dubartootaafi daa’immanirratti dhiibbaa geessisaa jiran hundeedhaan haala furuun itti danda’amurratti qaamota dhimmichi ilaalu waliin Magaalaa Hawaasaatti dhiheenya kana mari'atee ture.

Waggoota kurnan lamaan darbanitti hirmaannaan dubartootaa damee hundarratti guddachuu irra darbee guddina biyyaa irraayyis fayyadamoo ta’uusaanii kan himan ministir de'eetaa ministeerichaa, Aadde Alamituu Umadi.

Akka isaan jedhanitti, sagantaalee kunuunsaafi eegumsa daa’immanii hedduu hojirra oolchuudhaan daa’immaniif faayidaa akka kennaniifis hojiileen danuun hojjatamaniiru.

Hojiiwwan garagaraa bal'inaan hojjatamaa turanis garuu rakkooleen kunniin ammas iddoowwan tokko tokkotti bal'inaan kan mul'atan ta'uus ni ibsu.

Rakkoolee dubartootaafi daa’imman irra gahaa jiran kanneen hundeedhaan furuuf sochii taasufamu keessatti shoora olaanaa kan taphatan abbootii amantii, abbootii Gadaafi ijaaramoota hawaasa garagaraa ta’uu himanii, qooda fudhattoonni kunniin sochiiwwan tanaan dura dhimma kanarratti taasisaa jiran daran cimsuu akka qaban ibsu.

Iddoowwan tokko tokkotti barsiifatoonni miidhaa dubartootarraan gahan kunniin hir’achuu dhiisanii dabalaa akka jiran kan himan immoo ministeerichatti Qindeessituu Garee Hubannoo Uumuufi Sosochii kan ta'an Dubree Maahdar Bitaawu. Gochichi naannolee akka Gaambeellaafi Somaalee Itoophiyaatti bifa jijjiirrataa ammas babal’achaa jiraachuu dubbatu.

Walumaagalatti, addunyaa har'aa keessatti tasumaa fudhatama kan hinqabne barsiifatawwan boodatti hafoo kanneen hundeedhaan balleessuun dhimma yeroon gaafatuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Hawaasummaa
Friday, 10 February 2017 20:25

Ijaarsa buufata elektirikii Gannaalee Dawaa

Wiirtuu ijaarsa tajaajila elektirikii Gannaalee Dawaa lakkoofsa sadii

Misoomni biyyattii ittifufiinsa akka qabaatu gochuuf dhiyeessa humna elektirikii fooyyessuun dhimma murteessaa ta'uun kan mormisiisu miti. Sababiinsaas humni elektirikii haalaan diriire sirna dinagdee qonnaan durfamaa gara indastiriitti ce'u akka cimuuf gahee olaanaa qaba waan ta'eef.

Kanumarraa ka'uun mootummaan KGT 2fa keessatti dhiyeessa tajaajila humna elektirikii guddisuuf pirojektota addaddaa bocee hojjechaa kan jiru yoo ta'u, ijaarsi buufata tajaajila elektirikii Gannaalee Dawaa lakkoofsa III hojjetamaa jirus asuma keessatti kan eeramuudha.

Ijaarsi buufatichaa maallaqa liqiidhaan baankii Chaayinaa, 'Impoorti Ekispoorti' jedhamurraa argameen adeemsifamaa kan jiru yoo ta'u, bara dhufu raawwatama jedhamee eegama. Maallaqni liqiidhaan argame kun labsii 2000/2009 ta'ee Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiin raggaasifameera.

Buufatichi humna elektirikii meegaa waatii 275 kan maddisiisu waan ta'eef fedhii humna elektirikii biyyattii guutuurra darbee tajaajila humna ibsaa gara biyyoota ollaatti gurguruuf karoorfame kan tumsu ta'uu sanadoonni adda addaa ni ibsu.

Humna elektirikii buufatichi maddisiisurraa wiirtuu Yirgaalamii hanga Walaayittaa Sooddootti jiruuf kiiloo vooltii 400 akkasumas indastirii paarkii Hawaasaatiif kan dhiyaatu ta'uunis ibsameera. Pirojekticha raawwachiisuuf doolaarri miliyoona 249, kuma 323fi 75 kan ramadameera.

Gama biraatiin maallaqni liqiidhaan argame kun dhallisaa baay'ee xiqqoo ta'uurra darbee waggoota 20 keessatti kan deebi'u waan ta'eef dinagdeerratti dhiibbaa kan hinuumneefi tooftaa liqii biyyattiin hordoftu waliin kan walsimatu ta'uu sanadoonni labsii liqichaa wajjin dhiyaatan ni eeru.

Maallaqni liqiidhaan argame kun sirnaan pirojekticha qofaaf ooluusaa Ministeerri Walta'iinsa Dinagdee akka to'atu Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa hubachiiseera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Dinagdee

Damee maanufaakchariingiif mootummaan xiyyeeffannaa kenneen abbootii qabeenyaa amecharratti bobba'aniifi interpiraayizoota maayikiroofi xixiqaan (IMX) gurmaa'aniif deeggarsa addaa gochuun ce'umsa dinagdee qonnarraa gara industiriitti taasifamuuf tumsa akka taasisan deeggarsa gochuurratti argama.

Keessumaa interpiraayizoota gara industiriiti akka ceesisuuf deeggarsa taasisuufi addatti ammoo meeshaalee kaappitaalaa dhiyeessuun damecha jajjabbeessuurrati argama. Interpiraayizoonni, faayinaansii meeshaalee kaappitaalaa mootummaarraa argataniin jijjiiramaafi bu'aqabeessa ta'uusaanii ilaalchisee tibbana baazaariifi egzibiishinii industiriiwwan maanufaakchariingii giddugaleessaafi gadaanoo biyyaaleessaarratti interpiraayizoota Naannoo Oromiyaarraa hirmaatan dubbifne keessaa ogeettii dizaayinii uffataa kan ta'an Aadde Fiqirtee Hayiluu isaan tokko. Isaanis waldaa IMXn gurmaa'uun omisha uffannaafi boorsaawwan garagaraa omishuun gabaaf dhiyeessu.

Aadde Fiqirteen idileedhaan uffannafi boorsaawwan omishan cinaatti namoonni akkaataa ajajchiifataniin omishawwan huccuu hojjetu. Yeroo ammaas waldootii damee manufaakchariingiirratti bobba'an keessaa guddatoo jedhamuusaanii himu. Interpiraayizichi isaaniin kan ogganamu yoo ta'u, Waldaa Aksiyoonaa Daldala Faayinaansii Meeshaalee Kaappitaalaa Oromiyaarraa deegarsa meeshaalee omishaa argachuu akka danda'an eeru.

Akka ibsasaaniitti duraan omishasaanii maashinoota lama qofaan hojjechuun yeroosaanii qisaasessaa akka turan ibsu. Innis maashinii huccuu ittiin hodhan muraasa waan ta'eef omisha yeroodhaan gabaaf dhiyeessuurratti dhiibbaa akka uumaa tureedha kan ibsan.

Wayita sana omishisaanii yeroon gabaa akka dhaqqabuuf manatti harkaan, yeroo biraa ammoo kaffaltiidhaan hojjechiisaa akka turan dubbatu. Erga deeggarsa meeshaalee kaappitaalaatiin maashinoota dabalataa argatanii as yeroonsaanii qisaasa'uun hafee omishisaaniis yeroon gabaaf dhiyaachuu waan eegaleef “Amma waan hundaa naaf salphiseera” jedhu.

Aadde Fiqirteen akka ibsanitti duraan maashinoota muraasaan waan hojjetaniif galiinsaanii gadaanaa ture. Yeroo ammaa ammoo galiinsaanii akka fooyya'eedha kan himan. Kunis sababa deeggarsa maashiniiwwan uffannaa tokko guutummaatti hodhee baasu sagal liqiidhaan argatanitiin akka ta'e eeru.

Maashinoota liqiidhaan argatan kunneen qarshii kuma 100 olitti kan tilmaamu yoo ta'u, yeroo ammaa walakkaa ol liqiisaa kaffalanii xumuranii maashina kana dhuunfachuuf kaffaltii muraasni akka isaanirratti hafeedha Gaazexaa Bariisaatti kan himan.

Waldaa Aksiyoonaa Daldalaa Faayinaansii Meeshaalee Kaappitaalaa Oromiyaarraa, Obbo Pheexiroos Tafarii gamasaaniin, waldichi kan dhaabbate seektara maanufaakchariingii deeggaruufi interpiraayizoonni hanqina meeshaaleetiin hojiinsaanii akka higufanne deeggaruuf akka ta'e himu.

Waldaan aksiyoonaa kun erga hundeeffamee waggaa lama otoo hinguutiin akka Oromiyaatti waldaalee 225 oliif meeshaalee kaappitaalaa 706 dhiyeesseera. Yeroo ammaas waldaaleen IMX jalqabduu keessattuu, barattoota yunivarsitiirraa eebbifamanii seektara maanufaakcharingii, agiroo pirosesiingii, hodhaa huccuurratti gurmaa'aniif maashina dhiyeessaa akka jiran dubbatu. Akkasumas, waldaalee buleeyyii seektaricharratti bobba'aniif deeggarsa maashinii taasisuun, interpiraayizoonni hedduun jireenyaanis ta'e galiidhaan fooyya'aa akka jiran ibsu.

Waldichi waldaalee IMX meeshaalee dhiyeessuun dura qorannoo bu'uuraalee misoomaa qabaachuu, waarummaa (ittifufummaa) karoora bizinasiisaanii, leecalloowwan omishaa naannawa itti hundeeffaman jiraachuun erga xiinxalamee booda akka ta'e kan eeraan Obbo Pheexiroos, waldaaleen meeshaalee kana fudhatan yeroo ammaa carraa hojii kanneen hojii hinqabneef uumaa jiru. Jijjiirama qabatamaa argisiisaa akka jiranis ni dubbatu.

Walumaagala, interpiraayizoota damee maanufaakchariingiirratti bobba'aniif deeggarsa meeshaalee kaappitaalaa taasisuun bu'uura ce'umsa gara industiriitti taasifamu tottolchuuti. Biyyattiin damee maanufaakchariingii jajjabeessuun carraa hojii bal'aa uumuufis kan tumsuudha.

Kanaaf, egeree biyyattii dinagdee industiriin durfamuun badhaatuu taasisuuf jalqabbii jiru caalaatti tarkaanfachiisuuf hunduu ciminaan tumsuu qaba.

Dabalaa Taaddasaatiin

Damee maanufakchariingii tumsuun egeree biyyattii har'a bu'uuressuudha

Jiraattonni hojiirra oolmaa sanadichaatiif kutattummaan akka socho'aniidha kan eeran

Amajjii 24 bara 2009 waaree dura Galmi Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee jiraattota, qaamolee oggansaa gara garaafi bakka buutota amantiilee sanada sosochii ummataa bara 2009 magaalattiirratti mariyachuuf walitti qabamaniin guutamee ture.

Galma guddaafi miidhagaa bulchiinsa magaalattii kana keessatti dhaadannooleen, "Jechaan osoo hintaane gochaan jijjiirama ni fidna!, Abbaan furmaata rakkoo magaalaa keenyaa numa!, Gabaasa sobaa hambisuun haaromsa magaalaa keenyaa ni mirkaneessina!" jedhaniifi kanneen biroon maxxanfamaniiru.

Sanadiin ergaawwan dhaadannoo kanneen of keessaa qabuufi sosochii ummataa bara 2009 irratti xiyyeeffate Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetiin qophaa'ee kan dhiyaate yoo ta'u, jiraattonnis eddii sanadicharratti baal'inaan mariyatanii booda raggaasisaniiru. Nutis qabiyyee sanadichaa bal'aa keessaa cuunfinee haala ittaanuun dubbistoota keenyaaf dhiyeessineerra.

Sanadachi duudhalee nagaan waliin jiraachuu hawaasa ahaalatti dagaagsuufi tokkummaa ummataa cimsuun danda'amurratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, hirmaannaafi qooda fudhannaa ummanni misooma keessatti qabu dachaan dabaluuf anniisaa guddaa akka ta'uudha kan eerame.

Karoorri sosochii ummataa kun Karoora Guddinaafi Tiraanisformeeshinii marsaa lammaffaa biyyattiin baafatte, imala hiyyummaa mo’achuu, nageenya, heeraafi duudhaalee waliin jireenya hawaasaa irratti ummanni hubannoo argatee haaromsa magaalattii milkeessuu akka ta'es himameera.

Haaluma kanaan hojiilee guguddoo baroota darban Shaashamanneetti raawwataman akka ka’umsa ijootti qabachuun haaromsa magaalattii ittifufsiisuuf hojiin hubannoo ummataa gama hundaan cimsuu barbachisaa ta'uunisaa hubatameera.

Baroota darbanitti riiformiidhaan walqabatee gama kominikeeshiiniitiin odeeffannoo wayitawaafi qulqulluu ummata biraan gahuun ummanni guddina, misooma, nageenyaafi ijaarsa sirna dimokraasii keessatti akka hirmaatu gochuun bu’aaleen jajjabeessoon yoo galma'anillee gama biyya badhaate, jireenyaaf mijattuufi dimokraasiin ittidagaage uumuurratti hojiilee baay’een akka hafaniidha sanadichi kan eere.

Hojii kominikeeshiniifi miidiyaa dhaabbileefi damee hawaasa hunda keessatti hojjachuun ummanni magaalattii marti yaada, gaaffii, sodaafi mamii qabuuf waltajjii marii uumuun rakkoo kamiifuu ummatichi abbaa furmaataa akka ta’uu gochuun barbaachisaa ta'uuni eerameera.

Dhaabbileefi waajjiraalee mootummaa keessatti miira tajajiltummaa ummataa cimsuufi sosochii uumuun hojii kominikeeshiniifi miidiyaa bal’inaan hojjachuun barbaachisaa ta'uun amanameera.

Dhaabbilee amantii keessatti duudhaa waliin jireenya amantiilee, sabootaafi sablammootaa kabajuufi kabachiisuuf sosochii ummataa uumuuf hojii kominikeeshiniifi miidiyaa bal’inaan raawwachuun murteessaaadha.

Dhaabbilee barnootaa keessatti dhaloota biyyaaf yaadu, biyya ofii jaalatu, duudhaa waliin jireenya amantiilee, sabootaafi sablammootaa kabajuufi kabachiisu, lammii amalaafi naamusa gaarii qabu, amanamaa beekumsa argateen biyyaaf hojjachuuf of qopheessu, sassaabdummaa kiraa jibbufi mariitti amanu uumuuf hojii bal'aan gama kominikeeshiiniifi miidiyaatiin raawwatamuu qaba.

Ijaarsa gandaa gadii keessatti, duudhaa waliin jireenya sabootaafi sablammootaa kabajuufi kabachiisuu, nageenya eeggatu, nama amalaafi naamusa gaarii hinqabne sirreessu, misooma naannoosaa keessatti qooda fudhatu, sassabdummaa kiraa jibbu, mariitti amanu, rakkoo naannawasaa kamuu keessatti abbaa furmaataa ta’ee socho’u uumuurratti xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabuudha sandachi kan eere.

Rakkoo kamuu keessatti ummanni abbaa furmaataa ta’ee akka socho’u gochuun sochii misoomaa, nageenyaa, ijaarsa sirna dimokraasiifi bulchiinsa gaarii sirreessuu keessatti hirmaannaafi qooda fudhannaansaa dachaan akka dabalu gochuun barbaachisaa ta'uus eera.

Akka sanadichaatti, ilaalchoota gufachiisoo amantii dawoo godhatanii socho’an dhadhabsiisuu, duudhaalee waliin jireenyaa amantiilee dagaagsuuf, manneen amantii keessattis hojiin kominikeeshiniifi miidiyaa hojjetamuu qaba.

Magaalattiin misoomaafi nageenya ittifufiinsa qabu galmeessuun, fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu cinaatti hojii misoomaa hirmaannaa ummataatiin sadarkaa naannoofi biyyaatti fakkeenya gaarii ta’uu dandeesseerti. Yeroo ammaas muuxannoo kana qindeessuun hojii kana sadarkaa olaanaatti ceesisuun nidanda’ama jedha sanadichi.

Ummanni magaalaa shaashaamannee baroottan kana keessa humna, beekumsaafi maallaqasaa walitti qindeessuun hojiiwwan misooma gara garaa keessatti qooda fudhachuun ummata fakeenyummaa gaarii qabu ta'uunis eerameera.

Ummata odeeffannoo wayitaawaa yeroofi saffisa barbaadamuun argatee, hirmaannaa beekumsa irratti hundaa’een, hiyyummaa hadheeffatee jibbu, aadaa hojii gabbifatee guddina misoomaa, nageenya amansiisaa, ijaarsa sirna dimokraasiifi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti qoodnisaa dabale akkasumas maqaa naannichaa roga gaariin ijaaruu keessatti tumsu horachuu.

Maqaa gaarii magaalaa shaashamannee roga gaariirratti ijaaruu, raayyaa kominikeesiniifi miidiyaa bifa haaraadhaan ijaaruufi cimsuu.Rakkoo ilaalcha gufachiisoo amantaa dawoo godhachuun socho’an dadhabsiisuuf hojii miidiyaafi kominikeeshinii manneen amantaa keessatti hojjachuudha jedha sanadichi.

Akkasumas manneen barnoota keessatti ilaalchota gufachiisoo nageenyaafi barnoota dadhabsiisuun lammii naamusa gaarii gonfatee biyyaaf yaadu akka uumamu hojii kominikeeshiniifi miidiyaa bal’inaan hojjachuu.

Dhaabbileefi manneen hojii mootummaa keessatti miira tajaajilummaa ummataa uumuuf rakkoolee ilaalchaafi gocha sassabdummaa kiraa dadhabsiisuu riformii lafa qabsiisuu hojii kominikeeshiniifi miidiyaa bal’inaan hojjachuun ittiquufiinsa hawaasaa mirkaneessuunis akka kallattiitti qabameera.

Ijaarsa gandaa gadii keessatti duudhaalee waliin jireenya ummataa cimsuun ilaalchaafi gocha sassaabdummaa kiraa dadhabsiisuun ilaalcha misoomawaafi dimokraatawaa dagaagsuun hojiiwwan misoomaa hundarratti ummanni akka hirmaatu gochuun duudhaalee hirmaannaa ummata Magaalaa Shaashamannee iddootti deebisuufi ni hojjetama.

Qaamoleen misoomaa qoochoo sadan (dameelee mootummaa, dhaabaafi ummataa) karaa guutuu ta’een akka socho’an gochuun hojii hunda raayyaafi raayyaa qofaan raawwachuu akka ta’e waan hubatameef sochicha bu’aa qabeessa taasisuuf dhimmoonni ittaanan xiyyeeffannaa cimaa argatu.

Isaanis, ijaarama tokko-shanee, gumii addadurootaa, raayyaa jijjiiramaa, kominikeetaroota manneen hojii kilaastaraan ijaaruu, fooramii miidiyaa hundeessuu, kominikeetaroota gandaafi ijaarsa gandaa gadii odeeffannoo ummataa kennuurratti ilaalchaan akka raayyoman gochaan akka raawwatamu tasisuudha.

Raayyaa kominikeeshinii ilaalcha qulqulluu, kutannoo, kaka'umsaafi dandeettii qabaatee dhimmoota murteessoo biyyaa, naannoofi magaalaarratti ilaalcha biyyaalessaa uumu, ilaalchota gufachiisoo dadhabsiisuufi maqaa gaarii biyyaa, naannoofi magaalattii roga gaariin ijaaruu akka hojii ijootti qabamuusaa sanadicharratti eerameera.

Qabiyyee sanadichaa hafeefi yaada ummataa maxxansa keenya biraarratti isin dubbisiisna.

Charinnat Hundeessaatiin

Published in Yaada

Ministirri muummeen wayita egzibiishinicha bananitti

Waldaaleen hojii gamtaa ce'umsa dinagdee agroo-indastiriif gumaacha guddaa taasisaa akka jiran Ministirri Muummeen Mootummaa RFDI ibsan.

Obbo Hayilamaariyaam Dassaalany kaleessa agarsiisaafi baazaarii Waldaalee Hojii Gamtaa wiirtuu Egzibiishinii Finfinneetti eegalamerratti haasawa taasisaniin, baroota darbanirraa kaasee deggarsa mootummaatiin lammiilee hedduun waldaalee hojii gamtaatiin gurmaa'uun jireenya hawaas-dinagdee isaanii fooyyeffataa jiru jedhaniiru.

Waldaaleen kunniin fayyadamummaa miseensotasaanii mirkaneessuu qofaan osoo hindaangeffamiin karaa qindaa'een galii dinagdee hawaasa bal'aa utubuuf shoora bahachaa kan turaniifi dhaabbilee aantummaa ummataa gochaan mul'isaniidha jedhaniiru.

Bu'aan waldaaleen kunneen misooma dinagdee biyyaakeessatti fidaa jiran hawataa waan ta'eef muuxannoo damicharraa argameen caalaatti babal'isuun imala haaromsaa si'eessuu qabna jedhaniiru. Akka biyyaatti hojiilee waldaalee kanneenii bal'inaan sochoosuuf qaamoleen sadarkaa sadarkaan jiran hirmaannaa guddaa taasisuusaanii Obbo Hayilamaariyaam yaadachiisanii, kana caalaatti cimuun dirqama mootummaafi dhimmamtootaa ta'aus eeraniiru. Tooftaalee waldaaleen kunneen itti jabaatan sakatta'uun imaammatoonniifi seeronni fooyya'aa akka jiranis eeraniiru.

Waldaaleen hojii gamtaa qonnaafi sirna gabaa ammayyessuun sirna bittaafi gurgurtaa madaalawaa uumuufi kallattii danda'ame maraan hojmaatasaanii fooyyessuu akka qaban Obbo Hayilamaariyaam ibsaniiru. Omishasaanii hundarratti duudhaa ida'uun gabaa alaatiif dhiyeessuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Sagantaan agarsiisaafi baazaarii 4fan Waldaalee Hojii Gamtaa Biyyaalessaa hanga Roobii dhufuutti kan adeemsifamu yoo ta'u, waldaaleen liqiifi qusannoo maallaqaafi yuneenonni 370 hirmaataa jiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Oduu biyya keessaa
Friday, 10 February 2017 19:02

Naamusaan nama waliin jiraatan

Akkuma ummata addunyaa kamuu ummanni Oromoo ummata naamusa, duudhaafi safuu qabuudha. Aadaafi duudhaan ummata kanaa akka galaanaa waraabamee kan hindhumne ta'ullee barreeffama kanaan waa'ee naamusasaa gabaabsinee isin dubbisiifna.

Naamusni waan guddaadha. Naamusa gaariifi safuu qabaachuun jireenya hawaasummaa keessatti iddoo olaanaa nama gonfachiisa. Naamusa jechuun seera, aadaa, duudhaafi hawaasummaa ummata wajjin jiraatanii kabajuudha.

Namni naamusa gaarii qabu hinsobu, hinhatu, sobaan hinkakatu, waadaa gale hindiigu, hinhamatu, afaan tola, safuu qaba, seeraafi safuu hawaasaa kabaja, bakka gaariitti argama, dhugaadhaan jiraata, hamaa hinhojjetu, hangafootaafi maanguddoota ni kabaja, jecha hamaa ni lagata, machaa'ee of hinwallaalu.

Hawaasa waliin jiraannu keessatti naamusni waan murteessaadha. Hawaasni waliin jiraatu wantoota baay'ee waliin qaba. Hamaafi tolaa, gaariifi yaraa walfaana hirmaachuun wajjummaan hawaasummaa gaarii qabatee jiraata. Kanaaf ammoo naamusni gaariin daran barbaachisaadha.

Namni of danda'ee qofaasaa hawaasaan ala jiraatu hinjiru. Dhalli namaa uumamaan hawaasummaa fedha. Akkuma namni namaaf qoricha ta'e ollaanis ollaaf qoricha. “Ollaafi dugdaan lafaa ka'u” jedhama mitiiree. Namni dhuunfaan waan hawaasaaf gumaachu qaba. Akka dhuunfaasaatti waan gaariifi tolaa hawaasa fayyadu hojjechuu qaba. Waan hamaa hojjetee hawaasasa miidhuu hinqabu. Naamusa hawaasasaas eeguufi kabajuu qaba.

Hawaasnis waan nama dhuunfaaf gumaachu ni qaba. Lamaanuu walmalee hintolan. Eenyuyyuu duudhaa hawaasaa keessaa bahee jiraachuu hindanda'u. Hawaasni tokko hawaasummaasaa keessatti waan gamtaa kan ta'e, waantota danuu waliin qaba. Seera ittiin walto'atu, amantii waliin hordofu, akkaataa itti walgargaaruufi waliin jiraatu qaba. Akkasumas safuu waliif qaba. Kunniin hundi ammoo naamusa ofii qabu.

Hawaasni tokko guutuu ta'uuf hariiroo cimaafi gaarii qabaachuu qaba. Kun ammoo kan ta'u naamusni gaariin yoo hawaasa sana keessa jiraateedha. Hawaasni hawaasummaa gaarii hinqabne jiruu hinqabu.

Hawaasummaa gaariin hinjiru taanaan walsobuu, walganuu, walhamachuu, tokkummaa dhabuu, hammeenya walirratti yaaduufi walitti hinaafuutu jiraata. Hawaasni akkanaa ammoo kabaja hinqabu; rakkoo ofii furachuu hindanda'u; jaalalaafi gammachuu waliin hinqabaatu, waljibba, waanuma salphaadhaan dafee kufa.

Naamusni gaariin madda gammachuuti. Burqaa jaalala hawaasa bal'aati. Akkasumas furtuufi riqicha hawaasa tokkooti. Akeeka badhaadhinaafi gammachuu dhala namaati. Hawaasni naamusa gaarii waliif qabu dhugaa, jaalala, namummaafi kabaja akkasumas gaarummaa aadaa godhata. Rakkatu walgargaaruu qaba, dhukkubsatu walgaafachuufi walwal'aanuu qaba. Kan walitti mufate ykn wallole araaramuu qaba. Hawaasummaafi naamusa gaarii kan jedhamus isuma kana.

Maddi: Kitaaba WAAQEFFANNAA

Charinnat Hundeessaatiin

Published in Aadaafi-Artii
Page 1 of 3

Miidiyaa Hawaasummaarratti

Lakkooftuu dubbistootaa

0000268555
Har'a/TodayHar'a/Today1702
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1726
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4838
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month22008
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days268555

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.