Items filtered by date: Saturday, 18 February 2017
Saturday, 18 February 2017 01:19

Raayyaan Ittisaa tapha gulaalaa mo'ate

Walmorkii Waancaa Konfedereeshina 'Tootaalii' Kubbaa Miilaa Afrikaa ALA bara 2017 adeemsifamu tapha gulaalaa duraa kan Dilbata darbe Finfinneetti adeemsifameen Raayyaan Ittisaa kilaba Kaameerun Yoongi Ispoorti Akkaadaamii jedhamu 1-0n mo'achuu danda'eera.

Waggootan arfan darban keessatti yeroo sadii walmorkii ardii Afrikaaf kan dhiyaate Raayyaan Ittisaa, kilaba Keeniyaa E.EF.Sii Li'oopaardiis 4-1n, kilaba Misiri Al-Maaqsaan 6-1n, mo'amuun tapha marsaa duraatiin gulaalaa ala ta'uunsaa kan yaadatamuudha.

Kilabni kun Itoophiyaa bakka bu'uun walmorkii Konfedereeshina Kubbaa Miilaa Afrikaa kanaaf kan dhihaate shaampiyoonaa kilaboota Itoophiyaa bara darbee adeemsifameen lammaffaa ta'uun xumureeti. Bara kanas biyyattii bakka bu'uun walmorkii kanarratti hirmaachuuf carraa argachuunsaa beekameera.

Kilabni Yoongi ALA bara 2004 kan hundeeffame yoo ta'u, walmorkii Waancaa Konfedereeshina Kubbaa Miilaa Afrikaarratti yeroo maahessaaf kan dhihaate ALA bara 2014 ta'uus beekameera.

Kilabichi shaampiyoonaa kubbaa miilaa kilaboota biyyattii bara darbe adeemsifameen sadarkaa lammaffaa argachuudhaan yoo xumuru kan baranaa kanatti ammoo sadarkaa sadaffaarratti argama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii
Saturday, 18 February 2017 01:18

Hongikoongitti atileetonni Itoophiyaa injifatan

Dorgommii Maraatonii Hongikoongiitti Dilbata darbe adeemsifameen atileetonni Itoophiyaa korniyaa lameeniinuu injifannoo olaanaa gonfachuusaanii Waldaan Atileetiksii Biyyooleessaa “IAAF” beeksiseera.

Fiigicha kiiloo meetira 42:195 kan dubartoota jidduutti adeemsifameen atileetonni Itoophiyaa hanga sadarkaa kurnaffaatti kanneen biroo osoo of gidduu hingalchiin mo'achuunsaanii beekameera.

Haaluma kanaan Atileet Gumee Tolasaa sa'aatii 2:33.39n 1fa, Atileet Abarruu Makuriyaa sa'aatii 2:33.43n 2fa, Atileet Beetaliheem Mogos sa'aatii 2:33.48n 3fa ba'uun akkuma walduraa duuba jiranitti doolaraafi meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasa badhaafamaniiru. Dorgommii dhiirota jidduutti adeemsifameen ammoo Atileet Malaakuu Balaacheewu sa'aatii 2:10.31n xumuruudhaan 1fa ba'uun injifateera. Atileet Malaakuun dorgommii kanarratti mo'achuusaa malee sa'aatii iddoo sanaa qabamee ture sa'aatii 2:10.87 sekondii 56n fooyyessuusaa beekameera.

Malaakuun sa'aatii duraanii fooyyeessusaatti badhaasa dolaara kuma 65 badhaafamusaan ala Waldaa Atileetiksii Biyyooleessaan bonasii doolaara kuma shanii, walumaagalatti dolaara kuma 70 badhaafamusaa beekuun danda'ameera.

Dorgommii kana atileetiin Keeniyaa Juliyees Kitaar sa'aatii 2:10.34n 2fa, Addunyaa Taakkalaa ammoo sa'aatii 2:11.32n 3fa ba'uun walduraa duubaan badhaasa dolaara kuma 30fi kuma 25 badhaafamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii

Atileetota fiigicha qaxxaamura biyyaarratti hirmaatan calaluuf dorgommii adeemsifame

Faranjoonni “Kiroos Kaantirii”jedhu. Nu biratti ammoo dorgommii qaxxaamura biyyaa jedhamuun beekama. Dorgommiin qaxxaamura biyyaa fiigicha gosa atileetiksii keessaa baay'ee dadhabsiisaafi obsa kan gaafatuudha.

Dorgommichi tabbaafi irraangadee, hurufaafi marmaartii, corroqaafi bishaan ciisaa keessa utaaluun waan dorgomamuuf cimina qaamaafi qophii sammuu olaanaa barbaada. Garuu ispoortiin kun eessattiifi eenyuun akka jalqabamee beekamu baatus jaarraa 19fa keessa biyyaa Ingiliz, iddoo bashannanaatti waggaatti altokko wayita haara galfannaa adeemsifamaa turuusaa seenaan isaa ni mul'isa.

Haala kanaan suuta suuta biyyoota Awurooppaa keessatti babaldhachaa dhufuudhaan seeri ba'ee yeroo jalqabaaf Waldaa Atileetiksii Biyyooleessaa “IAAF”n gaggeefamuu kan jalqabe ALA bara 1973 irraa kaasee akka ture beekuun danda'ameera.

Bifa kanaan yeroo jalqabaaf kan adeemsifame Bitooteessa 17 bara 1973 Beeljiyeem, magaalaa Waareejitti yoo ta'u, hirmaattonnis biyyoota Awurooppaa qofa turan.

Itoophiyaan dorgommii qaxxaamura biyyaa addunyaa kanarratti kan hirmaatte waggoota jaha booddee dorgommii 9fa ALA Bara 1979 Ispeen, magaalaa Riiyaal Maadiriditti adeemsifameeni.

Dorgommii kanarratti atileetonni Itoophiyaa saddeeti hidhata ispoortii bifa magariisaa, keelloofi diimaa uffachuudhaan atileetota biyyoota biroo osoo of jidduu hingalchiin fiiguudhaa daawwattota dinqisiisaa turaniiru. Kanumarraa kan ka'e gaazexeessitoonni yeroo sana isaan hordofaa turan galaana magariisaa jechuun maqaa itti moggaasuun hanga ammaatti ittiin waamamaa jiru.

Itoophiyaan dorgommii kanarraatti hirmaachuu edda jalqabdee waggoota 37 lakkoofsisteetti. Waggootan kanneen keessatti atileetota buleeyyiin dhiiraafi dubaraan, akkasumas dargaggootaafi shamarraniin hirmaachuudhaan walumaagalatti meedaaliyaawwan 266 argatteetti.

Meedaaliyaawwan kanneen keessaa atileetota dhiiraa buleeyyii ta'aniin warqii 26, meetii 25fi nahaasa 23, dubartoota buleeyyii ta'aniin ammoo warqii 29, meetii 28fi nahaasa 24 dimshaashumatti meedaaliyaawwan 145 argachuu dandeetteetti. Dargaggoota dhiiraan warqii 22, meetii 32fi nahaasa 11, shamarraniin ammoo warqii 19, meetii 15fi nahaasa 12 ta'uu hubachuun danda'ameera.

Dorgommiin qaxxaamura biyyaa kun waggoottan 41f biyyoota adda addaatti adeemsifameera. Baranas yeroo 42fa ardii Afrikaatti qopheessummaa Ugaandaatiin magaalaa Kaampaalaatti ALA Bitootessa 27 bara 2017adeemsifama jedhamee eegama.

Itoophiyaanis dorgommii kanarratti atileetoota hirmaatan filuuf Dilbata darbe fiigicha qaxxaamura biyyaa Jaalmeedaa 34fa adeemsisteetti. Kunis, koorniyaa lameeniinuu atileetoota buleeyyiifi dargaggoota jidduutti gaggeeffameera.

Dorgommii kanarrattis kilaboota 50 irraa walumaagalatti atileetonni kuma 1fi 229 ta'an fiigicha kiiloo meetira adda addaatiin hirmaataniiru. Fiigicha kiiloo meetira 10 kan dhiirota buleeyyiin adeemsifameen Geetaanee Mollaa kilaba Raayyaa Ittisaarraa, Abaadii Haddis Naannoo Tigiraayirraafi Mogos Xi'umee Warshaa Simintoo Mosooboorraa 1fa hanga 3fa ba'uun mo'ataniiru.

Dubartoota buleeyyiin ammoo Dheeraa Diidaa Naannoo Oromiyaarraa, Balaayinash Oljirraa Baankii Daldalaa Itoophiyaarraa, Gabaayaanash Ayyaaleewu Raayyaa Ittisaarraa 1fa hanga 3fa ba'uun mo'ataniiru.

Gama biraanis fiigicha kiiloo meetira saddeetii kan dargaggootaa, dhiiraan Tafarraa Moosiisaa Oromiyaarraa, Salamoon Biragaa Ummatoota Kibbaarraa, Salamoon Birhaanuu Tiraansi Itoophiyaarraa 1fa hanga 3fa ba'uunsaanii beekameera.

Fiigicha kiiloo meetira jahaa shamarraniin adeemsifameen Latasanbat Gidaayi Tiraansi Itoophiyaarraa, Zeeyinaab Yimar Baankii Daldalaa Itoophiyaarraa, Hawwii Fayyisaa Raayyaa Ittisaarraa 1fa hanga 3fa ba'uu danda'aniiru.

Dorgommii walmakaa kiiloo meetira saddeeti adeemsifameen Naannoon Oromiyaa tokkoffaa, Manneen Sirreessaa Federaalaa lammaffaa, Baankiin Daldala Itoophiyaa sadaffaa ba'uun akkuma walduraa duuba jiranitti meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasa badhaafamaniiru.

Dorgommii kanaan atileetonni 1fa hanga 6fa ba'an meedaaliyaa malee badhaasa qarshii badhaafamuun isaanii beekameera.

Balballoomii Oduu

Tashoomaa Qadiidaatiin

 

 

 

 

 

 

 

 

Published in Ispoortii

- Eebbifamtoota godaansarraa deebi'an

Eebbifamtoota godaansarraa deebi'an

Dhalli namaa jiruuf jireenya mijataa barbaacha carraaqqii taasisu keessatti wayita

milkaa'ina dhabu tarkaanfii adda addaa fudhata. Madaala jireenyaa tasgabbii hinqabne walqixxeessuuf yaalii taasifamu keessattis gara biyya ormaatti godaanuu filannoo godhachuun kan calqqisu yoo ta’u kun ammoo balaa hamaa badiinsa lubbuu qaqqabsiisuu irra darbee madaa xiinsammuu yoomuu hindagatamne sammuu maatii keessatti uumaa jiraachuu ragaaleen garagaraa ni mul’isu.

Dhimma godaansa seeraan alaa kana ilaalchisee hubannoo dhalli namaa qabu ammayyuu gadi bu’aa ta’uufi miidhaa boru qaqqabu xiyyeeffannoo keessa galchuu dhabuu irraa kan ka’e lakkoofsi namoota balaa kanaan lubbuu isaanii dhabaniifi dhiittaan mirgaa namummaafi demokraasii biyya hambaatti qaqqabaa jiru tokko lama miti.

Godaantonni kun gara biyya isaaniitti akka deebi'aniifi biyya isaanii keessatti akka of misoomsaniif mootummaan Itoophiyaa haala mijataa uumaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Efreem Gizaaw Kibxata darbe Hoteela Geetfaamitti dubbataniiru.

Rakkoo dhiittaa mirgaafi du’a hamaa godaansa waliin walqabatee lammiilee Itoophiyaa biyyoota hambaarra gahaa ture furuuf lammiilee gara biyyaatti deebisuun biyya isaanii keessatti akka of fooyyessaniif leenjiin ogummaa marsaa tokkoffaafi lammaffaa kenname keessatti dargaggoonni hedduun carraa hojii mataa ofiifi namoota biroof banuu isaanii ni dubbatu.

Yeroo ammaattis mootummaan Itoophiyaa marsaa sadaffaaf namoota godaansarraa deebi'an 500 simachuun ogummaa konkolaachisummaa, nyaata qopheessuu, kunuunsa daa’immanii, rifeensa sirreessuu, qabannaa manaafi qulqullinaan leenjisaa ture eebbisiisuun ofitti amanamummaa akka horatan taasisee jira.

Namoota godaansarraa deebi'uun carraa kana argatan keessaa Leenjituu Jamiilaa Hasan ishee tokko wayita taatu jireenya fooyyee qabu barbaacha Magaala Ijaajjii irraa godaansaan gara biyya Yaman deemtee turte. Haalli isheetti hammaannaan du’arraa jireenya filachuun gara biyyaatti deebi'uun yeroo ammaatti ogummaa nyaata hojjechuun akka leenjiteefi hojii uummachuuf qophii xumuruu dubbatti.

Karoora hojii uummachuu qabattee jirtu kun akka milkoomuuf mootummaan qarshii liqaa akka argataniif haala mijeessaafii jiraachuu eertee, fuuldurattis ofirra dabartee carraa hojii namoota biroof uumuuf qophiirra jiraachuu himteetti.

Shamarree Tigist Shoonee godaantota kanaan dura leenji'uun hojii uummatan keessaa ishee tokko yoo taatu, Godina Jimmaa Aanaa Limmuutti dhalattee guddatte. Maatiin ishee dureeyyii akka turaniifi waldhabdee haadhaafi abbaa ishee gidduutti uumameen daran aaruu ishiirraa kan ka’e jireenya fooyyee qabu argachuuf jecha gara biyya Arabaa akka deemteefi achi geessee waan ijaan argite akka ishee gaabbisiisedha kan ibsitu.

Turtiishii biyya Arabaa keessatti dabarsiteenis hojii fooyyee qabu barbaacha wayita olii gadi soschootutti qabeenya muraasa achitti horatte akka saamamteefi poolisii baqachaa osoo jirtuu miilli ishiis akka cabeefi obboleettin ishii ishii waliin achi turte miidhaa achitti ishiirra gaheen rakkoo xiinsammuun rakkachaa akka jirtu yoo himtu isaan kaan nurraa barachuu qabu jetti.

Yeroo ammaattis karaa mootummaa gara biyyaatti deebi'uun haala mijataa isheefi hiriyyoota isheef uumameen ogummaa nyaata qopheessuun leenjitee hojii kan uummatteefi namoota kaaniifis carraa hojii akka bantedha shamarreen kun kan dubbattu.

Fuuldurattis dargaggoonni biyyittii haala mijataa mootummaan uumaa jiru hubannoo keessa galchuun biyya ofii keessatti hojjechuun duroomuufi imala haaromsaa Itoophiyaan qabatte milkoomsuuf kutannoon ka’uu akka qaban dhaamti.

Balballoommii Oduu

Waasihuun Takleetiin

Published in Oduu biyya keessaa

Giddu galeessa daldalaa addunyaa,Beejiingi

Chaayinaan waggoota muraasa dura hiyyummaa hamaa keessa turte. Gulantaa guddinaanis tarree Itoophiyaa turuushee seenaan biyyattii ni ibsa. Haa ta’u malee, humna namaa dabalatee qabeenya dacheesheerra jiru qixa sirriin fayyadamuun yeroo gabaabaa keessatti raaree hiyyummaa keessaa ba'uu dandeesseetti. Yeroo ammaa guddina dinagdeen addunyaarratti sadarkaa 2fa qabachuun addunyaa ajaa’ibsiisteetti.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Mistar Laa Yiifaan akka dubbatanitti Chaayinaatti ‘’Misoomni ummataan ummataaf,” yaadni jedhu kabaja guddaatu kennamaaf. Guddinniifi misoomni biyyattii kamiyyuu fedhii ummata biyyaarratti kan bu’uureffamedha. Guddina ariifachiisaa galmeessuun kan danda’ames fedhii ummataa dursuun ummata abbummaan misoomarratti hirmaachisuuni. Haaluma kanaan cimsanii hojjechuun ummata miliyoona 700 hiyyummaa hamaa keessaa baasuun danda’ameera. Gama galiin garaagarummaan galii lammiilee biyyattii hagas mara kan gargar faggaatu miti. Imaammatni ummata biyyattii guddina dinagdee biyyattiirraa walqixa hirmaachisu qixa sirriin diriiree jira.

Haaluma walfakkaatuun gorsaa mootummaa biyyattii kan ta’an Mistar Yaangi Ji’eechi akka jedhanitti, Chaayinaan guddachuuf jecha imaammata biyya kamiiyyuu kireeffachuuf hindirqamne, faana warra guddataniis dunuunfattee hinhordofne caalaatti falaasama mataasheen guddatte malee. Garuu ummata addunyaa waliin hojjetanii walqixa fayyadamuutti ni amanti. Gochaa olaantummaafi gadaantummaa cimsitee balaaleffatti, cophii bishaanii walitti dhufee akkuma garba guddaa uumu, mi’eessituun garagaraa akkuma walitti dhufee nyaata mi’eessu Chaayinaanis addunyaa walqixxummaan, walkabajuufi bu’aa waliin qooddachuun keessatti mirkanaa’e uumuuf ni hojjetti. Kana milkeessuufis sagantaalee garagaraa sadarkaa idila addunyaatti diriirsitee hojiitti hiikaa jirti.

Akka Mistar Yaangi jedhanitti Chaayinaan guddina dinagdee addunyaaf %30 gumaachuurra darbee bara 1950-2016tti ummata addunyaa gargaaruuf maallaqa biyyattii yuhaan biliyoona 400 gumaachiteetti. Kana malees bara 2013tti sagantaan,’The Road and Belt Initiative’ jedhamuun misooma ummatni addunyaa walqixa irraa fayyadamaa ta’u diriirsuun cinatti aadaa waliin hojjetanii waliin guddatan akka dhugoomu taasisaa jirti. Sagantaan kun biyyoota 100 oliifi dhaabbilee idila addunyaa 40 ta’an kan of keessatti hammate yommuu ta’u bu’uuraalee misooma biyyoota addunyaa kan akka daandiifaa walqabsiisuus of keessaa qaba. Haaluma kanaan, daandii guddichi biyyoota Afriikaa Bahaa walqabsiisuuf ijaaramaa jiruufi daandiin baaburaa saffisaan Eeshiyaafi Awurooppaa walqabsiisu yaada kana bu’uureffachuuni. Maallaqa doolaara Ameriikaa miliyoona 250 Chaayinaan liqiin Itoophiyaaf kennuuf murteessite qaama sagantichaati.

Kana malees, pirezdaantiin biyyattii Zyi Jiinpiing yaa’ii Amajjii darbe Jenevaatti adeemsifamerratti haasaa taasisaaniin akka ibsanitti, biyyisaanii biyya kamiyyuu waliin hojjettee karaa iftoominaafi walqixxummaan fayyadamuuf sagantaalee garagaraa diriirsaa jirti. Haaluma kanaan, waggoottan shanan dhufanitti wantoota alaa galchituuf baasii doolaara Ameeriikaa tiriliyoona saddeet, investaroota alaa hawwachuun galii doolaara Ameeriikaa biliyoona 600 akkasumas biyyoota adda addaa keessatti invastii gochuuf baasii doolaara Ameeriikaa 750 akkasumas, guddina tuuriizimii addunyaaf baasii doolaara Ameeriikaa 700 hojiirra oolchuuf ni hojjetti. Kun ammoo sadarkaa addunyaatti carraa hojii uumuu keessatti shoora guddaa taphata.

Kanaafuu, imaammatni Chaayinaa kun Itoophiyaa dabalatee biyyoota baay’ee fayyadamoo taasisa.

Xiinxallii Oduu

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Published in Oduu biyya keessaa

Doktar Nikosazanaa Dilaaminii Zuumaa

Yaa'ii Gamtaa Afrikaa 27fa bara darbe Ruwaandaa Kigaaliitti gaggeeffameen ALA bara 2018tti Gamtaa Afrikaa fooyyessuuf karoorri qabamee ture. Ka'umsuma kanaan akkaataa gamtichi itti fooyya'urratti qorannoon deggaramuun waggaa tokko keessatti akka dhiyeessaniif ergamni Pirezidaantii Ruwaandaa, Pool Kaagameef kan kennamee ture yoo ta'u, argannoon gamticha fooyyessuu danda'an Yaa'ii Gamtaa Afrikaa 28fa Amajjii 22-24/2009 Finfinneetti taa'amerratti dhiyaateera.

Akka Pool Kaagaameen gabaasa argannoosaanii dhiyeessaniitti, sababiileen dadhabina ardii Afrikaa murteewwan miseensota gamtichaan murteeffamuun darban sirnaan hojiitti hiikamuu dhabuufi lammiileen Afrikaa hedduun amantaan gamticharraa qaban gadaanaa ta'uudha. Gamtaan Afrikaa dhimmoota hedduu ta'aniin qindoomina kan hinqabne ta'uusaarraan kan ka'e dhaabbilee deggarsa faayinaansii kennanirratti kan hirkateedha jechuun gabaasasaanii keessatti ibsaniiru. Kunimmoo misoomni dinagdee Afrikaa saffisa barbaadamuun akka hintarkaanfanne hudhee kan qabe ta'uurra darbee xinsammuun hoggantoota ardii Afrikaa akka miidhamu saaxileera jechuun Pool Kaagaameen argannoosaanii wabeeffachuun addeessu.

Rakkoo kana hundeedhaa maqsuufis lammiileen ardichaa marti hubannoo qabaachuu malu kan jedhan Pool Kaagaameen, jijjiiramoota ijaan mul'atan fiduuf sadarkaa gaggeessitootaafi Komishinii gamtichaatti ittigaafatamummaa isaanii iftoominaan qoqqoodanii kennuun murteessaadha. Kana gochuuf ammoo ejjennoofi kutannoon gaggeessitoota Afrikaa kan barbaachisu yoo ta'u, hojiilee durfamee hojjetamuu malanirratti xiyyeeffachuu akka qaban hubachiisu. Kun taanaan ammoo ardiin Afrikaa dhiibbaa tokko malee misoomaafi ijaarsa sirna dimokiraasii ofumaan raawwachuu kan ishee dandeessisu, akkasumas madda faayinaansii argachuuf harka ormaa akka hinilaalle kan gonfu ta'uusaa Pool Kaagaameen jala muranii hubachiisu.

Yaadota Pirezdaantiin Ruwaandaafi Walitti qabaa koree fooyya'ina Gamtaa Afrikaa, Pool Kaagaameen dhiyaatanirratti gaggeessitootni Afrikaa Ministira Muummichaa Itoophiyaa Haayilamaariyaam Dassaalany dabalatee yaa'icharratti bal'inaan mari'achuun hojiirra oolchuuf ejjennoosaanii mul'isaniiru. Kunis tokkummaafi waliigalteesaanii kan ibsuudha.

Ittaanaan Komishinara Komishinii Gamtaa Afrikaa Mistar Iraastus Mewaanaa yaadota gamticha fooyyeessuuf dhiyaatan ilaalchisee tibbanuma midiyaaleef ibsa kennanniin, ardiin Afrikaa qabeenya uumamaa hedduu kan qabdu waan ta'eef, sagantaaleefi pirojektoota misoomaa bocaman eeggattummaafi hirkattummaa tokko malee ofiin hojjechuu malu. Kunis, karoora % 75 misooma hawaas-dinagdee ofumaan sochoosuufi % 25 ammoo nagaafi tasgabbii mirkaneessuuf kan taa'e kan dhugoomsu ta'uusaa mul'isaa jechuun dubbatu.

Kun garuu ta'uu kan danda'u biyyootni miseensa gamtichaa ta'an galii argatanirraa 0.5 Gamtaa Afrikaaf kan gumaachan yoo ta'e, bajatni jiru waggaatti biliyoona 1.5 ta'a jechuudha. Kunimmoo Gamtaan Afrikaa harka dhaabbilee deggarsa faayinaansii kennanii akka hinilaalle taasisa jedhu, Mistar Iraastus. Yaadoota fooyya'insaa Pool Kaagaameetiin dhiyaatanis guutummaatti fudhachuusaanii ibsanii, kanneen biroos akka deggaran waamicha dhiyeessu.

Gama biraan ammoo Komishinarri Komishinii Gamtaa Afrikaa duraanii Doktar Nikosazanaa Dilaaminii Zuumaan yaadoota gamticha fooyyessuuf dhiyaatan kan deggaran ta'uu ibsanii, wayita hojiitti hiikamu garuu hanqina qabaachuu akka hinoolle sodaasaanii lafa kaa'aniiru. Kunis, sadarkaa lammiileerraa kaasee hanga gaggeessitoota biyyoota miseensa gamtichaatti wayita ilaalamu ilaalchi Gamtaa Afrikaaf jiru kan nama boonsisu ta'uu dhabuusaa akka sababaatti kaasu, Doktar Dilaaminiin. Qaamoleen yaada, “Gamtaan Afrikaa humnaafi aangoo waan hinqabneef hinbarbaachisu” jedhanillee waan jiraniif gufuu guddaa ta'uurra darbee humna kan nama buusuudhas jedhu. Yaada kana cabsuuf ammoo gaggeessitoonni biyyaafi hoggantoonni ardichaa ilaalcha dogoggoraa akkanaarraa walaba ta'anii lammiilee Afrikaarratti hubannoo sirrii uumuu qabu jechuun fuulleffatanii dubbatu.

Xiinxaltoonni ardichaa baay'eenis ilaalchi gadaantummaa furamuun yaadota Gamtaan Afrikaa akka fooyya'uuf Pool Kaagaameetiin dhiyaatan haalaan hojiitti kan hiikaman taanaan, bara 2063tti ardii Afrikaa jijjiiramteefi misoomaan badhaate arguun kan danda'amu ta'uusaa shakkii malee abdiisaanii ibsu.

Xiinxallii Oduu

Takkaalliny Gabayyootiin

 

 

 

 

Published in Oduu biyya keessaa

Namootni nagaa galma walga'ii keessa taa'aa turan hundi daqiiqaa muraasa keessatti yemmuu fuullisaanii tasa jijjiiramu argee, maaltu akka uumame gaafachuu barbaadus anis iddoma sana waan jiruuf wanti ana jalaa dhoksaa ta'ee isaaniif qofaatti ifa ta'e akka hinjirre ofumaa of amansiisee wanta ta'aa jiru tasgabbiidhaan hordofuu itti fufe.

Ijji namoota baay'ee imimmaaniin guutamtee bakkaa gannaa roobaaf qophaa'e fakkaata. Ammas iccitii namoota nagaadhaan taa'aa turan kanniin wanta tasa fuulasaanii jijjiire baruudhaaf bitaafi mirga ilaalus wanticha baruun naaf hinmilkoofne.

Galma walga'ichaa keessatti akka waraabbii sagaleetiif naaf mijaa'utti fuuldura taa'ee waan jiruuf iccitii gara teessoo duubaatti jiru hubachuun yeroo muraasa natti fudhate.

Boodarratti hidhii xuuxuu sagaleen gaddaa namoota galmicha keessatti argamanii yemmuu cimu lafaa ol ka'ee gara duubaatti yemmuu ilaalu namootni balaa konkolaataatiin miilasaaniifi qaamota garagaraa dhaban ba'aadhaan gara waltajjichaatti hiriiraan ol seenaa jiru.

Sababootaafi furmaata balaa tiraafikii irratti kan mari'atu sagantaan tokko dhaabbata 'Makiba Film production' fi qaamota dhimmi ilaaluun qophaa'e Kibxata Finfinnee Hoteela Giyoonitti qophaa'eerrattiidha taajjabbiin armaan olii kan uumame.

Ministir Deetaan Ministeera Geejibaa Obbo Abdiisaa Yaadataa saganticharratti haasawa taasisaniin, rakkoolee damee geejibaa furuudhaaf sochiiwwan taasifamaniin yeroo ammaa babal'inni daandiiwwanii haala gaariin adeemaa jiraachuu himanii, haalli mijataan bu'ura geejibaa kun garuu balaa tiraafikii ittisuun hafee inumaa akka dabaluuf sababa ta'aa jiraachuu dubbataniiru.

Yeroo ammaa balaan tiraafikii kun sadarkaa yaaddeessaa ta'erra ga'uu kan eeran Obbo

Abdiisaan, namni barumsaan hinjijjiiramne waan hinjirreef hojiin hubannoo uumuu bal'inaan kan barbaachisu ta'uu ibsaniiru.

Sababni guddaan balaa tiraafikiifi maddi furmaataas namuma akka ta'e kan ibsan Obbo Abdiisaan yeroon ilmi namaa wanta ofiisaatiin uumeen deebi'ee lubbuusaa dhabu akka gabaabbatuuf hawaasni biyyattii hundi irree tokkoon socho'uu akka qabus dubbataniiru.

Gaggeessaa Hojii Ittaanaan Dhaabbata 'Makiba Film Production' Obbo Masfin Ayyalaa gamasaaniitiin, yeroo ammaa rakkoo guddaa ummata biyyattii kan ta'e balaa tiraafikii hir'isuudhaaf dhaabbatichi tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu himanii, dokumantarii filmii dhimma kanarratti hawaasaaf hubannoo uumu qopheessanii hawaasaaf dhiheessuudhaaf qorachiisaa kan jiran ta'uus dubbataniiru.

Finfinnee qofatti waggaa waggaadhaan namootni kuma tokkoofi 700 ta'an balaa tiraafikiitiin lubbuusaanii kan dhaban ta'uu ragaaleen ni mul'isu.

Balballoommii Oduu

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Oduu biyya keessaa

Wiirtuu qorannoo misooma saayinsii hawwaa Inxooxxootti saatalaayitii haala qilleensaa to'atu

Biyya kamuu keessatti guddina, misoomaafi badhaadhina gonfachuun kan danda'amu lammiileen bu'aa saayinsiifi teknolojiitti fayyadamuun dandeettii ofmisoomsuufi ammayyeessuu yoo horataniidha. Ka'umsuma kanaan Waldaan Misooma Saayinsii Hawaa Itoophiyaa mul'ata, “Hawaasa saayinsiin badhaadhe” jedhu qabatee yeroo gabaabaa keessatti hojiilee danuu hojjechaa akka tureefi ammas hojjechaa jiraachuusaa ragaaleen waldicharraa argaman ibsaniiru.

Kunimmoo dhaabbileen mootummaafi kanneen biroo misooma teknolojii walittifufiinsa qabu fiduuf waldaa kana waliin hojii eegaluunsaanii waltajjii biyyoolessaarratti biyyattiin damichaan beekamummaa akka argattu ishee taasisuu danda'uusaa hubatameera.

Hogganaan waldichaa Obbo Abinnat Izraa Kibxata darbe sochii waldichi taasisaa jiru ilaalchisee kutaa qophii Gaazexaa Bariisaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, waldaa misooma saayinsii hawaa biyyattii asiin dura akka dhaabbata misoomaatti hundeessuuf irra deddeebiin gaafatamaa kan ture yoo ta'u, mootummaan deebii itti kennuun akka qaama KGT 2fatti karoorfamu taasiseera. Kunimmoo hiyyummaa guutummaa biyyattii keessaa dhabamsiisuun kan danda'amu damee kanaan ala akka ta'uu hindandeenye kan hubachiisuudha jedhu, Obbo Abinnati. Kanaan ammoo rakkoolee hawaas-dinagdee qo'annoofi qorannoo waldichaan adeemsifamuun gama danda'ameen furamaa kan jiru ta'uusaa mul'isa jechuudha.

Haa ta'u malee Itoophiyaatti Waldaan Misooma Saayinsii Hawaa bara 1996tti wayita hundeeffamu hubannoon waan hinturreef qaamolee hedduun shakkuurraa kan ka'e hojii abjuu jechuun qeeqaa turuusaanii Obbo Abinnat yaadatanii, suuta suuta garuu jijjiirama dhufeen Wiirtuun Qorannoo Hawaa Inxooxxoo hundeeffamuun hojii eegale jedhu. Yeroo ammaa kanas wiirtuu kanatti damee qo'annoofi qorannootiin barattoota biyya keessaa digrii 2fafi 3fan barsiisuurra darbee barattoota biyyoota Afrikaa hedduurraa dhufan fudhachuurratti argama jechuun dubbatu.

Yeroo gabaabaa keessattis gama teknolojii hawaatiin ulaagaa waldaa astiroonoomii biyyoolessaa mara guutuun miseensa ta'uunshee biyyoota Afrikaa Bahaaf teessoo Misooma Saayinsii Hawaa akka taatu gochuurra darbee beekamtiifi deggarsa hawaasa idil-addunyaa akka argattu godheera jechuun ibsu. Lammiileen waldaa kana keessatti hirmaannaa taasisuun miseensa ta'uu fedhan yeroodhaa yerootti dabalaa deemuun caalaatti damee kun mootummaatiin xiyyeeffannootiin akka gurmaa'u mul'isee jira jedhu, Obbo Abinnati.

Aadde Beezaa Tasfaayee ammoo waldichatti Ogeettii Olaanaa Misooma Saayinsii Hawaati. Akka isaan ibsanitti, misooma saayinsii hawaa keessatti teknolojiin saatalaayitii hawaasa addunyaa mandara tokko taasisuun misooma itti fufiinsa qabu fiduuf shoora olaanaa qaba. Haala kanaan guutummaa Itoophiyaatti saatalaayitiin walquunnamsiistuu naannawaa networkiifi telekominikeeshiniin hingeenyetti odeeffannoo amansiisaafi qabatamaa ta'e dhiyeessee karaa mobaayilii, Tvfi Raadiyootiin dabarsuutiin gaheesaanii bahachaa kan jiran ta'uu Aadde Beezaan ibsu.

Kana malees, yeroo dhiyootii kaasee jijiirama haala qilleensaa hubachuun ummataafi mootummaa beeksisuu, hojii daldala elektirooniksiifi daangaa qilleensa biyyattii to'achuu, akkasumas balaarraa baraaruutiin deggarsa guddaa taasisaa jira jedhu.

Gama biraan ammoo tajaajiloota kanneen akka sirna aveeshinii saffisiisuu, kaartaawwan addaddaa qopheessuu, irra lafaafi keessa qabeenya bishaanii safaruutiin misoomni qonnaa, albuudaafi inarjii akkasumas kanneen biroo saffisa barbaadamaniin socho'uun akka bu'aa buusan gochaa tureera; ammas gochuurratti akka argamu ibsu. Kunis, wayita ilaalamu biyyattii keessatti bu'aan misooma saayinsii hawaatiin argamu shakkiirraa kan ka'e akka abjuutti ilaalamaa ture guutummaatti kan jijjiireefi ofirratti hundaa'uu biyyattii qabatamaatti kan mul'iseedha jedhu.

Kana waliinis misooma saayinsii hawaa gama saatalaayitiitiin sochiifi bu'aan argamaa jiru hawataa ta'uusaatiin hariiroon biyyoota Afrikaafi addunyaa waliin qabdu daran akka guddatu godheera. Kunis, misoomni saayinsiifi teknolojii hawaa caalaatti gabbataa akka deemu gochuurra darbee ilaalcha dogoggoraa boodatti hafummaa biyyatti faarsu cabsuu danda'eera; kan ittifufu ta'uusaa ibsa argamerraa hubachuun danda'ameera.

Ta'us, misoomni saayinsii hawaa gama kominikeeshinii saatalaayitiin jiru rakkoolee kanneen akka siistama odeeffannoo lafaafi itti fayyadamasaa karoorsuu, diriirsuufi ammayyeessuutiin, jijjiirama haala qilleensaa beeksisuu, kallattii albuudonni jiran mul'isuufi kanneen birootiin hojiileen hojjetamaa turan quubsaa akka hintaane lameenuu itti amanu. Kunimmoo muuxannoo dheeraa kan gaafatu waan ta'eef ejjennootiin kan itti deemamuudha jedhaniiru.

Kanaan boodas sochiileen misooma saayinsii hawaatiin taasifamaa jiran itti fufuun waggoota shanan dhufan booda biyyattiin deggarsa biyyootaa argames argamuudhaa baates saatalaayitii Kominikeeshinii dhuunfaashee gara hawaatti ergitee abuuruuf karoorsitee jirti. Gaaffiifi shakkiin xiinxaltoota baay'ee garuu kun dhuguma milkaa'uu danda'aa laata? kan jedhuudha.

Xiinxallii Oduu

Takkaalliny Gabayyootiin

 

 

 

 

Published in Oduu biyya keessaa

Hirmaattota waltajjii Magaalaa Sabbataa keessaa

Ummanni biyya keenyaa sirnoota bulchiinsa mootummaa adda addaa keessummeessaa turaniiru. Isa kaan dhiisnee kanuma yeroo dhiyoo yoo ilaallellee sirna abbaa lafaa, Dargii akkasumas sirna kan ammaa eeruun ni danda'ama.

Ammaan tana biyya bulchaa kan jiru, ADWUIn akkuma gama nageenyaafi misoomaatiin hojiilee lakkaa'amuu danda'an hojjete gama raawwachiisummaatiin hanqinni guddaan keessoosaa akka jiruudha kan himamu.

Addichifi mootummaan isaan ogganamus dhugaa kana hubachuun yeroowwan gara garaatti malawwan furmaataa adda addaa dhahaa turaniiru. Kanaan haaromsi addichi bara 1993/94 akkasumas haaromsi gadifagoon waggoota 15 booda ammaan tana adeemsifamaa jiru fakkeenyummaan kan eeramuudha.

Waltajjiin haaromsa gadifagoo Hagayya darbe sadarkaa ADWUIfi mootummaa Federaalaatti eegalamee hanga gadiitti adeemsifamaa jiru naannoleefi bulchiinsota maagaalaattis haala dhimmamtoota mara hirmaachiseen adeemsifamaa kan jiru yoo ta'u, naannoleen akka Oromiyaafaan ammoo adeemsicha xumuranii waltajjiin waliigalaa geggeeffamaa ture Dilbata darbe goolabameera.

Gaazexaan Bariisaas odeeffannoo waltajjiilee Bulchiinsa Magaalaa Sabbaataarraa argateefi burqaalee oduu adda addaarraa fudhate akka armaan gadiitti cuunfuun dubbistootasaatiif dhiyeesseera.

Waltajjii Magaalaa Sabbataatti taa'ame kan ogganan Ittaantuun Pirezidaantii Akkaadaamii Leenjii Oggansaafi miseensa raawwachiistuu hojii Dhaabbata Dimokiraasummaa Ummata Oromoo Aadde Asteer Maammoo akka ibsanitti, kaayyoon waltajjii kanaa haaromsa gadifagootiin jijjiirama dhufuu malan milkeessuudha. Sochiin haaromsaa kun hirmaannaa ummataatiin ala milkaa'uu akka hindandeenye dhaabbannisaaniifi mootummaan waliin ta'uudhaan hawaasa bira akka ga'uuf kan qophaa'e ta'uus ni addeessu. Kanaafis waltajjichi dhaabichaaf daran murteessaafi seenaqabeessa ta'uu eeru. Kunis, akka waliigalaatti keessumaa Oromiyaas ta'e akka biyyattiitti dhaabni biyya bulchaa jiru karaa qaxxaamuraarra jiraachuusaanii eeru. Qaxxaamura jechuun gara fuulduraatti, bitaa mirgatti, jidduutti dhaabachuufi duubatti deebi'uu kan of keessaa qabuudha jedhaniiru. “Kanaaf ammaan tana karaa qaxxaamuraa jidduurra jirra” jechuun Aadde Asteer ni ibsu.

Ittifufuunis, waggoota 25n darbanitti dhaabniifi mootummaan isaan ogganamu hojiilee misoomaa, bulchiinsa gaariifi ijaarsa sirna dimokraasii hojjetaa tureera jedhanii, bu'aa galmaa'e caalaatti cimsuuf sochiin haaromsaa kun akka barbaachise dubbatu. Haaromsa gadi fagoo kanaan ADWUI qofa otoo hintaane ummannis toora sirnichaa sirriitti hubachuun qaama haaromsichaa ta'uu akka qabus waamicha dhiyeessu.

Yaada ka'umsa mariitiif ta'u kan dhiyeessan Ogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa, Dr. Darajjee Guutaa gamasaaniin, maniin haaromsichaa inni ijoon hanqinaalee mudataa turan hiikaa ciminoota ammoo caalaatti cimsuun ummata wajjin taa'amee guddina dhufuu eegale haala duubatti deebi'uu hindandeenyeen hojjechuuf kan gargaaruudha. Kanaafis hariiroon mootummaafi ummataa iddoo olaanaa akka qabu hubatamuu qaba jedhu.

Haaromsa gadifagoo adeemsifame keessatti ummanni gaheesaa hubachuun irraa eegama. Hawaasni abbaa sirnichaa ta'uusaa hubatee guddina galmaa'aa jiru keessaa fayyadamaa ta'uuf hariiiroon mootummaa wajjin qabu daran cimuu qaba. Mootummaan hanqinoota mul'atanirraa ka'ee ummatasaa araarfachuu akka qabu hubatee sochii cimaa taasisaa jira jedhu Dr. Darajjeen. Tattaaffii ummanniifi mootummaan taasisaniin waggoota 15 darbanitti hojiilee ummata wajjin hojjetamaniin bu'aalee hedduun galmaa'aniiru. Kanaanis baadiyyaatti omishaafi omishtummaan dachaadhaan dabaluun qonnaan bultoonni hedduun miliyenaroota ta'uu danda'aniiru jedhu.

Sirna kana keessaa naannawawwan akka Sabbataafaa akka mandaraatti ilaalamaa turan gama hundaan guddina ajaa'ibsiisaa galmeessisaniiru. Tajaajiloonni geejibaafi hawaasummaas iddoowwan maratti babal'ataniiru. Aadaafi seenaan ummata Oromoo jaarraa tokkoo oliif cunqurfamaafi ukkaamamaa ture guddataa jira.

Hanqinaalee ofii haa qabaataniyyuu malee bu'uuraaleen misoomaa kanneen akka bishaanii, bilbilaa, daandiifi ibsaa faa jijjiiramoota qabatamoon galmaa'anidha.

Gama ijaarsa sirna dimokraasiitiinis jijjiiramoonni jiru. Ummanni abbaa aangoo ta'uusaa beekeera. Hanqina qabaatus gama bulchiinsa gaariifi nageenya mirkaneessuutiinis bu'aa olaanaan galmaa'eera. Bu'aaleen kunniinis toora misoomaafi ijaarsa sirna dimokraasii hordofaa jirruun akkasumas humnoonni misoomaa sadan jechuunis mootummaan, ummanniifi abbootiin qabeenyaa wajjummaan hojjechuurraa kan dhufeedha. Hawaasa gaafataa uumuunis danda'ameera jedhu.

Bu'aaleen hedduu yoo galmaa'anillee waantonni adeemsa kana qoraa turanis heddumminaan jiru kan jedhan Dr. Darajjeen, gaaffii ummataa deebisuurratti hanqinni akka mul'ate himu. Gaaffiilee dimokraasiifi bulchiinsa gaarii haala barbaadameen hiikuufi diriirsuu dadhabuun akka hanqinaatti kan fudhatamuudha jedhu.

Rakkoolee kanneeniif ammoo sababiin oggansi sadarkaa sadarkaadhaan jiru dhimma kana akka hanqinaatti fudhachuun hiikuuf tattaafachuu dhabuudha. Miira haaromsa gadi fagoo kanaan hariiroo ummataafi mootummaa jidduu ture bakkatti deebisuuf kan hojjetamu ta'uunis eerameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa, Obbo Laggasaa Nagawoo gamasaaniin milkaa'ina haaromsichaatiif ummanni magaalattii tumsa barbaachisu maraan mootummaa maddii akka hiriiru gaafataniiru.

Dogoggorootaafi hanqinoota uumamuu malan hunda haala ammayyaafi tasgabbaa'an sirreessuuf tattaafachuu akka barbaachisus ni dubbatu. Waltajjiilee marii garagaraarraa malee yaadonni akka galteetti gargaaran hedduun kan argaman ta'uu beeksisu.

Haaluma walfakkaatuun waltajjii xumura haaromsaa Magaalaa Shaashamanneetti taa'amerratti kan argaman Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa sosochiin haaromsaa ummata naannichaa hirmaachisuun oggansaa hanga hojjettoota mootummaatti sadarkaa sadarkaan geggeeffame bu'aa akka ta'e beeksisaniiru.

Akka ibsasaaniitti, mariilee adeemsifamaniin gaafiilee bulchiinsa gaariirratti waliigaltee wajjummaarra gahamuusaas kan eeran yoo ta'u, kallattiin furmaataas kaa'ameera.

Waltajjii Magaalaa Adaamaa jiraattota magaalattiifi Godina Shawaa Bahaa hirmaachiserratti kan argaman Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi miseensi koree raawwachiistuu hojii ADWUI Obbo Dirribaa Kumaa akka jedhanitti, waltajjiileen haaromsaa geggeeffaman madda komii ummataafi furmaatasaa addaan baasuuf kan gargaareedha.

Gama carraa hojii uumuutiin, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuutiin, misooma industiriitiin, bu'uuraalee misoomaatiin ijaarsa sirna dimokraasiifi haqaatiin hojiileen hedduu yoo hojjetamanillee boonsaa akka hintaanes eeraniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Aadde Adaanachi Abeebees gamasaaniin, ummata rakkoo bulchiinsa gaariitiin miidhame kiisuuf humna guutuudhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Konfiransii xumura haaromsaa qaamolee hawaasa Godina Shawaa Kaabaa hirmaachisuun Magaalaa Fiicheetti ta'amerratti, ummanni akkuma injifannoowwan gama hundaan waggoota 15n darbanitti galmaa'aniif gumaachaa ture hanqinoonni haaromsa gadi fageenyaan addaan bahan akka furamaniif hirmaannaasaa cimsee ittifufuu qaba kan jedhan ammoo Afyaa'ii Caffee Oromiyaa, Obbo Isheetuu Daseeti.

Jiraattonni waltajjiilee adda addarratti hirmaatanis haaromsi sadarkaalee mootummaafi dhaabaatti geggeeffame oggantootaafi raawwattoota ummata hiraarsaa turan akka addaan bahanii beekaman kan taasise ta'uu himanii, oggantoota jijjiiruufi bakkaa kaasuu qofti furmaata akka hintaanes dubbataniiru. Milkaa'ina haaromsichaatiif gumaacha kan taasisan ta'uus beeksisaniiru.

Keessumaa jiraattonni Magaalaa Sabbataa rakkooleen bishaan dhugaatii, humna ibsaa, kafaltiin beenyaa namoota sababa investimantiitiin lafa ofiirraa buqqa'aniif raawwatamu ga'aa ta'uu dhabuu, gabaasni sobaa, kenniinsi qabiyyee abbummaa lafaa, rakkoon hojii dhabummaa dargaggootaa, dhimmi guddinaafi xiyyeeffannaa afaaniifi aadaa Oromoo, mana jireenyaa, hanqinni ga'umsa oggansaa, kantiibonni ammaa amma jijijjiiramuufi kkfn dhimmoota furamuu qaban ta'uu addeessaniiru.

Godinaalee Oromiyaa 20fi magaalota 10 keessatti konfiransiin haaromsaa Dilbata darbe haala milkaa’aan xumuramuusaa ammoo kan ibse Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaati.

Biirichi ibsa xumura konfiransii haaromsaa ilaalchisuun Dilbatuma darbe kenneen, haaromsa gadi fagoo ummataa gaggeeffameen hudhaaleefi gufuuwwan qunnaman maqsuun hojiilee misoomaa, nageenyaafi dimokiraasii milkaa’inaan ittifufsiisuuf murteessaadha jechuun ibseera. Konfiransicharratti hirmaattonni sadarkaa hundatti karaa iftoominaafi dammaqinaan hirmaachuusaaniifi hudhaaleefi gufuuwwan mul’atan adda baasanii kaasuun kallattii furmaataarratti akka mariyatameedha kan ibsame.

Akka ibsichaatti, haaromsi gadi fagoo gaggeessitoota mootummaafi dhaabaa olaanoorraa eegalee hanga ummataatti sadarkaa sadarkaadhaan gaggeessuun hudhaalee sassaabdummaa kiraa, dhiphummaa, oftuulummaa, gosummaa, naannummaa, mankaraaressummaa amantiifi kkf adda baasuun kallattii dadhabsiisuufi maqsuun danda’aamurratti waliigalameera.

Kana malees tarkaanfiilee sirreeffamaa qaamolee imaanaa ummataa dagatanii fedhiifi faayidaa ofiitiif angoo ummataa fayyadamaa turanirratti tarkaanfiileen sirreessaa fudhatamaa turuunsaas marii hawaasaa kanarratti ibsamuunsaas eerameera.

Haaromsa kanaan xiiqiin rakkoolee kiraa sassaabdummaafi rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuuf uumame cimsanii ittifufsiisuun hudhaaleefi gufuuwwan mul’atan furuuf kaka’umsa amma uumameen deemuun barbaachisaadha jedhameera.

Charinnat Hundeessaatiin

Published in Siyaasa

Guddina biyya okkoo qabatamaan mirkaneessuu keessatti misoomni warshaalee garagaraa shoora isa olaanaa kan taphatu yoo ta’u, wayita misoomni kun raawwatutti fayyadamummaan namoota misooma warshichaaf jecha qe’eerraa buqqa’anii akkaataa labsiin mootummaa kaahuun hojiirra ooluu qaba.

Haata’uutii, misooma warshaa shukkaaraafi hidha humna ibsaa Itoophiyaa keessatti bakkeewwan saditti jechuunis Arjoo Dhidheessaa, Gibeefi Xaanaa Balasitti gaggeeffamaa jiran akkaataa labsiin mootummaa kaahuun fayyadamummaa namoota qe’eerraa buqqa’anii mirkaneessuuf jecha sosochiin qaamota dhimmisaa ilaallatuun taasifamaa jiru daran gadi bu’aadha.

Komii buqqaatota biraa ka’aa jiru adda baasuuf koreen dhaabbata Abbagaar keessaa babbahe kallattiilee sadaniinuu bobbahuun akka taajjabetti misoomichi dhugumaanuu fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojiin hojjete gadi bu’aafi hawaasa kan hinhirmaachisne ta’uu Walitti qabaan Abbagaar Aadde Fooziyaa Amiin ibsa tibbana gaazexeessitootaaf kennan irratti yoo dubbatan yeroo ammaatti kaffaltiin beenyaas ta’e bakka bu’insi lafaa buqqaatotaaf taasifame madaalawaa miti.

Misoomni tokko wayita gaggeeffamu dursa hojii hubannoo uumuu, bu’uuraalee misoomaa hawaasa qe’eerraa buqqa’eef guutuu akkasumas beenyaa barbaachisaafi madaalawaa ta’e kennuufi carraa hojii jiraattota naannawaa sanaaf dursa kennuun kan irraa eegamu akka ta’e Aadde Fooziyaan yoo dubbatan iddoowwan misoomni armaan olii gaggeeffamaa jiru kanatti waanti raawwatamaa jiru qajeelfama jiru kan faallessuudha.

Hawaasni Arjoo Dhidheessaa misoomichaaf jecha qe’eerraa buqqa’e waggoota lamaaf mana pilaastikii keessa jiraachaa akka jiru, bishaanii naachaan nyaatamaafi dhibeelee tatamsa’oon daa’imasaa dhabaa jiraachuu Ittigaafatamaan Dhaabbata Abbagaar Federaalaa Obbo Qana’aa Sonaa himanii, yeroo ammaattis namoonni afuriifi beeladoonni 60 ol naachaan yoo nyataman, daa’imman 30 ol ammoo dhibeelee tatamsa’oon lubbuusaanii akka dhaban eeru.

Hidha laga Gibee 3fatti waanti raawwatamaa jiru hawaasa qe’eerraa buqqa’e fayyaduu osoo maluu balaa bishaaniin, bineensaan, dhibeelee daddarboon, akkasumas midhaan ooyiruurra jiru haruun jiruufi jireenya ummataa jeeqaa akka jiru, bineensonni hawata tuuristii bakkichatti argamanis dhumaafi miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu kan dubbatan ammoo Ittigaafatamaa Dhaabbata Abbagaar Oromiyaa Luba Balaay Mokonnoni. Hawaasichaaf dafanii qaqqabuun murteessaadha jedhu.

Buqqaatota Xaanaa Balas ilaalchisuun beenyaan kaffalame madaalawaa kan hintaaneefi lafti bakka bu’insaan kennames mana jireenyaa qonnaan bultootaarraa sa’aatii sagal kan fagaatu yoo ta’u, yeroo ammaas qonnaan bulaan sa’aatii sagal guutuu harqootaafi gindoo baatee deemee hojjechuun waan itti ulfaateef hojii nuffaa akka jiru kan himan Naannoo Amaaraatti Bakka bu’aa Dhaabbata Abbagaar Obbo Gaashaanah Daseeti.

Keessumaa buqqaatonni hedduun beenyaa akka hinarganneefi hiyyuma keessatti kufaa akka jiranis ni eeru. Qaamotni pirojekticha gaggeessaa jiran dhimma kana ilaalchisuun furmaata akka kennaniif gaafatamanis walwalitti qabachuun alatti quuqamni lammii dhumaa jiruuf taasisaa jiran tokkollee akka hinjirre ibsanbiiru.

Walumaagalatti, komiin buqqaatotarraa ka’aa jiru qabatamaa waan ta'eef misooma pirojektii hawaasa buqqisu gaggeessuun dura hawaasa misoomsuun akka hojii ijootti fudhatamuu qaba.

Waasihuun Takleetiin

Published in Yaada
Page 1 of 2

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000804569
Har'a/TodayHar'a/Today2638
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3718
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week7172
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month44109
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days804569

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.