Items filtered by date: Friday, 03 February 2017

Kilaboota Liigii Piriimeeri Itioophiyaa 16 jidduutti adeemsifamaa kan jiru shaampiyoonaan kubbaa miilaa marsaa duraa torban 14fa Kibxata darbes magaaloota naannoolee adda addaatti itti fufee yoo oolu, kilaboonni liigicha dursaa jiran qabxii qooddatani ba'aniiru.

Walmorkiiwwan adeemsifamanitti liigicha dursaa kan jiran Qiddus Giyoorgis Kilaba Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee wajjiin 1-1n, sadarkaa lammaffaarra kan jiru Magaalaan Adaamaa Raayyaa Ittisaa wajjiin 0-0n adda ba'uun qabxii qooddatani adda ba'uu danda'aniiru. Torban kana walmorkiiwwan saddeet kan adeemsifaman yoo ta'u, Bunni Itoophiyaa Baankii Daldalaa Itoophiyaa 5-2n mo'achuudhaan sadarkaasaa fooyyeffateera.

Kilabni Magaalaa Hawaasaa Jimmaa Abbaa Bunaa 2-1n, Bunni Sidaamaa Dadabit 2-0n, Magaalaan Dirree Dawaa Kilaba Faasil Kanamaa 1-0n yoo mo'atan, Magaalaan Waldiyaafi Humni Ibsaa1-1n, Walaayitaa Dichaafi Arbaaminciin 0-0n adda ba'aniiru.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifameen kilabni Qiddus Giyoorgisiifi Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa garaagarummaa galchaan walcaalanii walqixa qabxii 26n sadarkaa 1fafi 2farratti argamu.

Akkasumas Dadabitiifi Bunni Sidaamaas galchaan walcaalanii qabxii 24, 24n sadarkaa 3fafi 4farratti argamu. Torban darbe sadarkaa torbaffaarra kan ture Bunni Itoophiyaa qabxii 23n sadarkaa lama fooyyessuudhaan gara 5fatti siiqeera.

Torban darbe sadarkaa 6farra kan ture Arbaaminci qabxii 21n ammas sadarkaasaa osoo gadi hinlakkisin achumarratti yoo argamu, Kilabni Faasil Kanamaa qabxii 20n sadarkaa lama gadi sigigaachuudhaan 7farra taa'eera.

Raayyaan Ittisaa qabxii 19n, Waldiyaan qabxii 18n, Walaayitaa Dichaa qabxii 17n, Dirree Dawaan qabxii 15n, Baankiin Daldala Itoophiyaa qabxii 13n sadarkaa 8fa hanga 12fatti argamaniiru. Humni Ibsaafi Magaalaan Hawaasaa walqixa qabxii 11,11n, Jimmaa Abbaa Bunaa qabxii 10n, Bulchinsi Magaalaa Finfinnee ammoo qabxii sagaliin sadarkaa 13fa hanga 16fa qabataniiru.

Shaampiyoonaan baranaa kan marsaa duraa xumuramuuf torban tokko qofti kan hafu yoo tahu, kilaboonni Bulchiinsa Magaalaa Hawaasaa, Jimmaa Abbaa Bunaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walmorkii marsaa 2fatti ciminaan hintaphatan taanaan liigii biyyaaleessaarraa gadi bu'uuf qarqararratti argamu.

Koreen walmorkii qopheessituu Federeeshina Kubbaa Miilaa Itoophiyaa duraan dursee sagantaa baaseen akka mul'isetti, shaampiyoonaa baranaa kanatti kilaboonni liigii biyyaalessaarraa sadarkaa 1fa hanga 3fa argatan gara Liigii Piriimeerii Itoophiyaatti ce'u waan jedhuuf jaalalaanis ta'u dirqamaan kanneen sadarkaa dhumaa argatan sadan bara 2010tti gadi bu'uunisaanii hinhafu.

Kilabni Bulchiinsa Magaalaa Hawaasaa waggoota dheeraaf Ummattoota Kibbaa bakka bu'uudhaan Shaampiyoonaa Liigii Piriimeerii Itoophiyaa keessatti kan hirmaachaa tureefi yeroo tokko shaampiyoona ta'uudhaan waancaa fudhachunsaa kan yaadatamuudha.

Kilaboonni Jimmaa Abbaa Bunaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ammoo bara tare liigii biyyaaleessaa keessa kan turaniifi barana liigii piriimeeriitti kan ce'aniidha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii
Friday, 03 February 2017 22:08

Waggoota afur booda meetii biyyatti deebite

Sirna badhaasa duraanii

:Itoophiyaan sadarkaa Addunyaatis ta'u Afrikaatti gosawwan ispoortii hedduudhaan walmorkiiwwan gara garaarratti hirmaachaa turteetti; ammas hirmaachaa jirti. Kanneen keessaa guutuu addunyaa maraarratti maqaa gaarii kan itti galmeessisteefi galmeessisaa jirtus gosa ispoortii atileetiksiitiin ta'uusaa kan beekamuudha.

Dirreewwan Olompikiis ta'u shaampiyoonaa atileetiksii addunyaatti dorgommiin atileetonni Itoophiyaa irratti hinhirmaanne dorgommii hin fakkaatu jechuun yaada jaallattoonni ispoortii kaasan akka ragaatti dhiyeessuun nidanda'ama.Yaadni kunis onnee tokkoon tokkoon jaalattoota ispoortii addunyaa keessatti yaadamuudha.

Yeroo ammaa fiigicha meetira adda addaatiin Olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaatti rikardiin shan qabame jiraachuunsaa ammoo, Itoophiyaan maqaa akkanaa akka argattuu ishee taasisee jira.

Kana malees, Sadarkaa olompikiitti dorgommii maaraatoniitiin yeroo sadi walitti aansitee mo'achuudhaan maqaan ishee warqiidhaan barreeffamee galmee olompikii keessatti kabajaan galmaa'ee jiraachuunsaas akka fakkeenyaatti kan eeramuudha.

Itoophiyaan Olompikii MeelBoorni, kan ALA bara 1956 irraa kaastee hanga ammaatti olompikoota 13 irratti hirmaateetti. Waggootan kanneen keessatti meedaaliyaawwan 53 argachuu dandeetteetti. Isaan keessaas Warqiin 22, meetiin sagaliifi nahaasni 22 ta'uudhaan ummata keenya biratti beekamtii argachaa tureera.

Biyyattiin yeroo 12faf kan adeemsifame ALA bara 2012 Olompikii Landanirratti dorgommii atileetiksiin hirmaatte keessaa fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii dubartoota jidduutti adeemsifame keessaa tokko ta'uun isaa kan yaadatamuudha.

Seenaa olompikii Itoophiyaatti dorgommii kanaan dubartootaan meedaaliyaa nahaasaa Atileeti Sofiyaa Asaffaatiin argateetti.

Haa ta'u malee waggota shan boddee meedaaliyaan nahaasaa Sofiyaa Asaffaa argatte tun gara meetiitti geeddaramuudhaan meedaaliyaan meetii Olompikii waggoota shan booddee biyya keenya galuudhaan Sofiyaan mormatti akka diratu ta'uusaa Koreen Olompiki Itoophiyaa beeksiseera.

Koreen Olompikii Itoophiyaa kaleessa Hoteela Dirimlaayinaritti, sirna meedaliyaan meetii Sofiyaaf kennamerratti akka ibsetti, wayita dorgommiin olompikii Landan adeemsifamu 1fa ba'uun meedaaliyaa warqii tan argatte atileeti Ruusiyaa Yooliyaa Zaaraapoovaa qoricha humna namaaf kennu fudhachushee qorannoo fincaanii taasifameen koreen Olompikii biyyooleessaa bira ga'uusaatiin qaphxiin duraan galmaa'ee ture jijjiiramuusaa ibseera.

Bu'uuruma kanaan 2fa tan turte atileeti Tuniziyaa Haabibaa Gaaraabii sadarkaan ishee fooyya'uudhaan meedaaliyaa warqii yoo argatu, 3fa tan turte Soofiyaa Asaffaa ammoo 2fa ta'uun meedaaliyaa meetii yoo argataniiru. Arfaffaa tan turte atileeti Keeniyaa Miilkaa Cheemzii 3fa akka taatu gochuun meedaaliyaa nahaasaa fudhateetti.

Seenaa olompikii keessatti ALA bara 1980 Mooskootti adeemsifameetiin atileeti Isheetu Turaa dorgommii gufachisaa meetira kuma sadiin 3fa ba'uun meedaaliyaa nahaasaa argamsiisuusaa kan beekamuudha.

Meedaaliyaan meetii Sofiyaan amma argatte tunis Itoophiyaadhaaf kanaan dura meetii sagal kan ture gara kudhanitti akka guddatu ta'uusaas koreen olompikii biyyaaleessaa adeesseera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii

Lammiileen dhibee juzaamaatiif saaxilaman kunuunsa fedhu

Itoophiyaan ALA bara 1970 irraa eegaltee dhibee juzaamaa ittisuuf sagantaalee hedduu baasuun wiirtuulee addaddaatti hojjechaa turteetti. Haala kanaan bara 1983tti sirni walta'iinsa wal'aansa qorichaa kan jalqabame yemmuu ta'u, bara 1995tti yaalli fayyaa sirnaan akka kennamu godhamaa tureera.

Jalqabbiifi qabiyyeen kabaja guyyaa dhibee juzaamaa kan eegale bara 1954tti yoo ta'u, kan bu'uuresse ammoo lammii biyya Faransaayi akka ta'e ragaaleen Ministeera Hojjetaafi Hawaasummaa Itoophiyaarraa argaman nimul'isu. Yeroo sanattis kaayyoonsaa inni guddaan miidhamtoota dhibee juzaamaatiin dararfamaniifi dhiitamuu mirga namummaasaanii hawaasa idil-addunyaatti beeksisuun jijjiirama fiduufiidha. Kana malees, wayita sana dabalataan kaayyolee kanneen akka miidhamtoota dhibee juzaamaa akka namaatti kabajuu, walabaan akka jiraatan gochuu, wal'aansa fayyaa akka argatan taasisuu, leeyyoofi sodaa hir'isuu, kunuunsuufi dandamachiisuu kan jedhan ture. Ka'umsuma kanaan ALA bara 1954 irraa eegalee ji'a Amajjii dhumaa Dilbata akka biyyoolessaatti akka kabajamu ta'eera; ammas kabajamaa jira.

Itoophiyaattis Waldaan Miidhamtoota Dhibee Juzaamaa bara 1992tti erga hundeeffamee booda mootummaafi qaamolee deggarsaatiin beekamtii argachuun walta'iinsaan guyyaan kun baroota kurnan lamaan irraa jalqabee akka biyyaalessaatti Finfinneetti ittifufiinsaan kabajamaa turuusaa Dura Taa'aan waldichaa Obbo Caannaaloo Hibistuu nidubbatu. Finfinneedhaa alattis Hawaasaa, Jimmaa, Injibaaraa, Baahirdaar, Maqalee, Shaashamanneefi Haroomaayaatti kan kabajame yoo ta'u, bara kana ammoo marsaa 18faf Naannoo Amaaraa Nagaalaa Daseetti kabajamuuf qopheerratti argama jedhu Obbo Caannaaloon. Kaayyoonsaa inni guddaan miidhamtoonni dhibee juzaamaa carraafi hirmaannaa taasisaniin fayyadamoo akka ta'an gochuu, qoqqoodiinsaafi loogummaa isaanirra gahaa jiru maqsuun balaarraa akka ofqusatan taasisuu, ilaalcha dogoggoraa hawaasa keessa jiru cabsuun sirreessuu, qaamolee hubannoo hawaasaa gabbisuuf hojjetan waliin qindoominaan hojjechuu, miidhamtoota dandamachiisuun ofitti amantiin hawaasatti akka makaman gochuufi seerota dhibee kana ittisuuf akka addunyaatti, akkasumas akka biyyaalessaatti bahanii jiran hojiitti hiikamuufi dhiisuusaanii mirkaneessuuf akka ta'e Obbo Caannaaloon ibsu.Akka ibsa Obbo Caannaalootti, biyya keenyatti miidhamtoonni dhibee juzaamaa dhukkuba fayyaatiin alatti rakkoo hawaas-dinagdeefi xinsammuuf nisaaxilamu. Rakkoon kun ammoo kan nama tokkoo osoo hintaane kan guutummaa hawaasa biyyattiifi dhimma biyyaas waan ta'eef, madda dhibichaa hundeedhaa gogsuuf miidhamtoota gurmeessuun barsiisuufi furuun dhimma yeroon itti laatamuu hinmalleedha. Gama kanaan tamsa'ina dhibee kanaa to'achuuf miidhamtootaafi maatiisaaniif dhaabbileen tajaajila fayyaa kennan, manneen barnootaa, yunivarsiitonni, dhaabbileen amantii, dhaabbileen daldalaa, midiyaaleefi jaarmiyaaleen addaddaa xiyyeeffannoo addaa kennuutiin gaheesaanii bahachuu akka qaban Obbo Caannaaloon hubachiisu.

Gama biraan ammoo hawaasni biyyattii dhibee juzaamaa ofirraa ittisuuf mallattoolee dhibee kanaa hubachuun barbaachisaa ta'uusaa dubbatanii, buusaaleen harkaafi miilaa lallaafuun, akkasumas qubootni harkaafi miilaa onnachuu dhabuun mallattoolee gurguddoo dhibichaa yoo ta'an, wal'aansa fayyaatiin fayyuun kan danda'amu ta'uus dagatamuu hinqabu jedhu Obbo Caannaaloon. Kunimmoo ALA bara 1983 irraa eegalee lammiilee hedduu miidhaa turullee akkuma dhukkuba kamiiyyuu yaalaan ji'oota 6-12 gidduutti fayyuun kan danda'amu ta'uusaati. Kunis, juzaamaan qomoo, halluu, amantiifi saalaan osoo adda hinbaasiin dhala namaa miidhaa tureera; ammas hubaa jira jechuudha.

Akka ragaaleen tokko tokko mul'isanitti, dhibeen juzaamaa Dhaloota Kiristoos Dura bara 600 keessa kan ture yoo ta'u, baroota dheeraa kana keessatti hubannoon namootni qaban xinnoo ta'uusaatiin lammiileen rakkoolee hedduuf saaxilamaa turuusaaniirra darbee ajjeefamuun gara hallayyaatti darbatamaa turaniiru. Ta'us, bara 1873tti lammiin Noorweyi Jeeraardi Armawar jedhamu dhibeen kun baakteeriyaa 'maayikoobaakteriyeem' jedhamuun kan nama qabu ta'uusaa qorannoo taasiseen argannoosaa dhiyeessee mirkaneesseera. Kunimmoo dhibeen juzaamaa(qurcummaa) ilaalcha dogoggoraa qomoo, amantii, abaarsaafi kkfn namatti dhufa kan jedhuuf deebii gahaa argamsiisuu danda'uusaa kaa'eera jechuudha.

Takkaalliny Gabayyootiin

 

 

 

 

 

 

Published in Hawaasummaa

Dameen konistiraakshinii guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee olaanaa kan qabu yoo ta'u, sochiiwwan indastirichaas galma ga'umsa guddina hawaas-dinagdee biyyaalessaa keessatti, mana jireenyaa dhiyeessuun, bu'uuraalee misoomaafi hojii uumuu keessatti gahee olaanaa kan qabuudha. Sochiileen ijaarsawwan geggeeffamanii guddina dinagdee haala danda'amuun kan tumsu yoo ta'u, guddina ittifufiinsaaf indastirichi murteessaadha.

Itoophiyaanis damechaan guddina dinagdee jiru tumsuuf Ministeerri Konistiraakshinii bifa haaraan hundeeffamuun, gahee guddina dinagdee biyyaatti keessatti qabaatuu akka deeggaruuf sochiin eegalameera. Haaluma kanaan sektarri konistiraakshinii Ministeera Konistiraakshiniin ogganamu erga hundeffamee hojiilee konistiraakshinii biyyattiitti geggeeffaman ga'umsaan ogganuun hojiilee jajjabeessoo ta'an hojjechaa jira. Kanaanis raawwii damechaa kan baatiiwwan ja'an darbanii Koree Dhaabbii Dhimmootaa Misoomaa Magaalaafi Konistiraakshiniif dhiyaaterratti torban kana bal'inaan mari'atameera.

Akka gabaasa dhiyaateefi waltajjii marii gamaaggama gabaasichaarraa hubachuun danda'ametti, hojiileen damee konistiraakshiniirratti baatiiwwan ja'an darban hojjetaman akka ministeerichaatti jajjabeessaa ta'ee dhiyaatus, gama koreewwan dhaabbiitiin garuu hojiileen karooraan qabaman ciminaan akka hinhojjetamneedha kan ibsame. Rakkoon ijoo hanqinichaas humni namaa guutamuu dhabuu, humni namaa jirus waajjiricha gadhiisuu, ministeerichi bifa haaraan hundeeffamuurraan ka'ee gaheesaafi gahee qaamolee ittiwaamamoo addabaasuu bira darbee hojiilee ijoo ciminaan geggeessuu dhabuudha kan eerame.

Gabaasa dhiyaaterratti bal'inaan kan mari'atameefi gaaffii miseensotaa korechaarraa akka ijootti ka'an keessaa hojiileen konistiraakshinii biyyattii yeroo jedhame keessattii xumuramuu dhabuufi hanqinni qulqullinaa akka mul'atuudha. Rakkoo kana bu'uurarraa furuudhaaf xiyyeeffannaan hojjechuurrattii yaaliin taassifamaa jiru maal akka ta'e akka ibsamuuf miseensota korecharraa dhiyaateera. Akkasumas, qophii dizaayinii, kenniinsa eeyyamaa, dhiyeessii leecalloo, ragaalee seeraan alaafi kkf walqabatee ilaalchaafi gochaa sassaabdummaa kiraa damecharratti mul'aturratti wanti ibsame akka hinjirreefi ministeerichi dhimma kanarratti maal akka hojjetaa jiru ibsi akka kennamuuf dabalataan gaafatameera. Gaaffileen biroonis kan gaafataman yoo ta'u, dhimmoota kanarratti ogeessota ministeerichaatiin deebiin kennameera.

Haala kanaan ministeerichi haaraa hundeeffamuun walqabatee ogeessonni hedduun baatiiwwan ja'aan darban keessatti hojii kan eegalan ta'uufi yeroo ammaas hojiiwwan biroo caalaa gurmaa'ina hojii ministeerichaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa akka jiruudha kan ibsame. Ta'us ka'umsi rakkoo leecalloofi yeroon xumuramuu dhabuu hojiilee konistiraakshinii rakkoo malaammaaltummaa ogeessotaan walqabatee jiru ta'uu eerameera. Kanumaan walqabatee mana maree indastirii konistiraakshinii hundeessuuf wixineen dambii qopheeffameera. Kanas qaamolee dhimmi ilaallatuuf dhiyaateera jedhu ogeessonni damichaa.

Meeshaaleen konistiraakshinii bal'inaan biyyattii akka galaniif sirnaan to'achuun gara hojiitti seenuuf dambii meeshaalee konistiraakshiniirratti wixineen qophaa'e raggaasifamuuf akka ta'e eerameera. Inni biraan, qajeelfama hojmaata odiitii konistiraakshinii, kan beekumsaa maahaandisummaa gaafatu, kan dizaayiniifi pirojektoota odiitii godhurratti yaada walitti qabuun wixineensaa raggaasifamee wayita hojiitti seenamu rakkoolee duubatti harkifannaa pirojektootaa, dabaluu maallaqa ijaarsaa yookaan qulqullina dhabuu dizaayinii, pirojektii, kontiraaktaraa, gorsaa, to'ataafi hojjechiisaatti waan adeemamuuf hojmaatasaarratti xiyyeffatamee hojjetamaa jira kan jedhu tuqameera.

Kenniinsa eeyyamaa, ragaalee sobaa, ilaalchaafi gocha sassaabdumma kiraan walqabatee deebii ogeessotaan kennameen gochaaleefi ilaalchi sassaabdummaa kiraa jira jechuurra darbee gara hojii qabatamaatti wanti seename hinturre. Kenniinsa eeyyamaafi ragaalee sobaan walqabatanii rakkoolee jiran adda baasuun qaamolee kuma tokkoofi 600 ta'anirratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf oggantoota olaanoof dhiyaateera. Kanaanis kanneen 500 ta'an adda baasuun gama Komishinii Ittisaafi Farraa Malaammaltummaa Federaalaafi Poolisii Federaalaatiin Waajjira Ministira Muummeef dhiyaatee murteen kennameera. Murtichis hojiitti reefu seenamaa jiraadha kan jedhame. Innis kanneen sadarkaa 1-3 jiraniifi yeroofi qulqullinarratti rakkoo uuman seeraan akka gaafatamaniifi sadarkaa afurii olirra kanneen jiran faayillisaanii calalamuun sadarkaa amma jiraniin eeyyamnisanii haareffamee akka kennamuuf murtaa'eera.

Gabaasa dhiyaateerrattis gama Ministiraa Konistiraakshiniitiin Injinar Ayishaa Mahaammadiin gaaffilee ka'an birorrattis deebiin kennameera. Kanaafis wantootaa sirreeffamuu qaban gama miseensota korechaatiin kennamerratti ciminaan hojjechuun bu'aa argamsiisuuf akka hojjetanis ibsaniiru. Walittiqabaa korechaa Obbo Furii Dilgaasaatiin yaaddeebii kennameenis, karoorri baatiiwwan ja'a keessatti qabaman baatii ja'an qabaman keessatti xumuramuu qabu. Rakkooleen bulchiinsa gaariifi sassaabdummaa kiraa ittisuurratti bu'aan inni baatiiwwan ja'a keessatti argamsiise adda ba'ee qabatamaan taa'uu akka qabuufi yoo xiqqaate rakkoolee kanneen guutummaatti dhabamsiisuu baatamus, tokko jedhamee eegalamuu akka qabu yaaddeebiin kennameera. Kana malees kutattummaan kan barbaachisu ta'uu eeruun, teknolojiiwwan ijaarsaa gama fooyyessuutiin kan hafu ta'uu, sagantaa dhaabbilee qorannoo, dhaabbilee barnoota olaanoofi walitti hidhamiinsa indastiriifi dhaabbilee barnootaa cimsuun barbaachisaa akka ta'e ibsaniiru. Kanaaf dhimmootaa akka hanqinaattii eeramanirratti hirmaannaa cimaa kan gaafatu ta'uu hubachiifameera.

Dabalaa Taaddasaatiin

Published in Dinagdee

Yaa’ii biyyoota miseensa Baankii Bu’uuraalee Misooma Eeshiyaa ta’anii

Itoophiyaan rakkoo bulchiinsa gaariifi kiraa sassaabdummaatiin xaxamtee baroota dheeraaf raaree hiyyummaa keessa daakkaraa turte. Waggoottan muraasaa as hiyyummaa seenaa taasisuun daandii guddinaarraa saffisaan imalaa jiraachuun hawaasa addunyaa biraa simannaa ho’aa gonfachaa jirti. Kanarraa kan ka’e yeroo ammaa dhaabbileen idila addunyaa kumaatamaan lakka’aman biyyattii keessatti misoomarratti bobba’anii kan argaman yoo ta'u, baay’een isaanii ammoo investii gochuuf fedhii qaban daran mul’isaa jiru. Haaluma kanaan guddina dinagdee saffisaa galmeessaa jirturraa kan ka'e walitti dhufeenyi biyyoota waliin qabdus dabalaa jira.

Haaluma kanaan abbaan qabeenyaa biliyoonaa lammii Naayijeeriyaa Aliikoo Daangootee jedhamu kanaan dura warshaa simintoo doolaara Ameerikaa 600n Itoophiyaa keessatti hundeessuun simintoo qulqullinnisaa olaanaa ta’e omishaa jira. Kun ammoo hojidhabdummaa furuun alatti guddina dingdee ariifachiisuu keessatti shoora guddaa taphachaa jira jechuudha. Invastarri kun tibbana wayita gara Itoophiyaa dhufee turetti marii Muummee Ministeera biyyittii Obbo Haayilamaariyaam Dassaalany waliin taasiseen akka dubbatetti, misooma simiintoo alatti damee qonnaafi omisha shukkaaraarratti bobba’uuf fedhii guutuu qaba.

Kana malees, michuu gaarii Itoophiyaa kan taate Chaayinaan Itoophiyaa keessatti dameewwan garaagaraatti bobbaatee jirti. Yeroo dhiyoo as Chaayinaa dabalatees biyyootni Eeshiyaa baay’eensaanii Itoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii guddaa agarsiisaa jiru. Akka tamsaasni Raadiyoo Jarman ‘Dochewelee’n tibbana gabaasetti Itoophiyaan miseensa Baankii Bu’uuraalee Misoomaa Eeshiyaa akka taatuuf biyyootni miseensa baankichaa hawwii qaban mul’isaniiru.

Baankiin kun namoota biyyoota Eeshiyaa, Awurooppaafi Ameerikaa Kibbaa keessaa walitti dhufaniin kan hundaa’e ta’uunsaa biyyoota maallaqa mootummaan bu’uuraalee misoomaa babal’isan kanneen akka Itoophiyaaf faayidaan argamsiisu baay’ee guddaadha. Kunis, kaayyoon baankichaa maallaqa bu’uuraalee misoomaa babal’isuuf oolu bifa liqaanis ta’e gargaarsaan waan gumachuufi. Hogganaan Koomishinii Dinagdee Afrikaa duraanii Mister Kaarlos Loopeez akka jedhanitti, barana biyyootni akka Sudaan, Itoophiyaa, Ayeerlaandiifi Kanaadaa miseensa baankichaa ta’uuf haalduree xumuraniiru. Baankichi olaantummaa Chaayinaan gaggeeffama jedhamee dubbatamus Itoophiyaan michuu Chaayinaa waan taateef simannaan Chaayinaarraa gonfatte olaanaadha.

Gorsaan Imaammata Industirii Muummee Ministeera Itoophiyaa Doktar Arqabee Iqubaayi gamasaaniin, biyyi ijaarsa bu’uuraalee misoomaaf bajata mootummaa %60 fayyadamtu baankii kana keessatti qoodi fudhachuu maltu hangam akka ta’e ammaaf ibsamuu baatus miseensa baankichaa ta’uun guddina Itoophiyaaf madda maallaqaa ta’ee guddina jalqabame caalaatti saffisiisuuf shoora guddaa akka taphatu hubachiisaniiru.

Walumaagalatti, yeroo ammaa nageenya biyyattii keessa jiruufi guddina dinagdee saffisaan galma’aa jiruun walqabatee lakkoofsi hawaasaafi dhaabbilee idila addunyaa biyyattii waliin hojjechuu fedhanii dabalaa jira. Gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeen dhiibbaa biyyi kun addunyaarratti uumaa jirtu daran kan nama boonsudha. Dhiibbaa imaammata biyyoota Dhihaa kireeffachuun biyya bulchuu moggaatti dhiisuun imaammata ofiitti cichuun guddina hinyaadamne galmeessuun boriyyuu qalbii hawaasa addunyaa harkisuun kan itti fufudha.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

 

 

 

 

 

 

 

Published in Dinagdee

Ilaalcha duubatti hafaa hawaasa keessaa madduun namoonni tokko tokko makammaaksa dhagaa tokkoon sinbira lama jedhutti kan fayyadaman yoo ta’u, yaadichi bineensota qabeenya uumamaafi hawata tuuristii galii guddaa biyyaaf argamsiisaniif ilaalcha gadi bu’aa qabaachuun kan mammaakamu akka ta'e mammaakamu akka ta'e abbaan taayitichaa dubbatan.

Abbaa Taayitaa Qabeenya Bineensota Bosonaa Itoophiyaa ibseera.

Abbaa Taayitichatti Daariktara Waliigalaa kan ta’an Obbo Daawud Muummee ibsa Kibxata darbe galma waajirichaatti gaazexeessitootaaf kennanirratti akka dubbatanitti kanaan dura bineensonni bosonaa biyyittii xiyyeeffannoo dhabuurraa kan ka’e balaaf saaxilamoo akka turanidha kan himan.

Rakkoo ilaalchaa namoota keessa kanaan dura tureen bineensota gurguddaa ajjeesuun akka gootummaatti ilaalamaa waan tureef lakkoofsi bineensota gosa garagaraa balaa kanaan dhumanii tokko lama akka hintaane daariktrichi dubbataniiru. Ilaalcha boodatti hafaa gama kanaan jiru maqsuufis bakkeewwan paarkiileen gurguddoo biyyittii itti argaman irratti xiyyeeffannoo taasisuun rakkinicha furuuf hojiin gama mootummaan hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uu Obbo Daawud himaniiran.

Sadarkaa biyyaatti bakkeewwan bineensonni heddumminaan itti argamaniifi hanga ammaa xiyyeeffannoo hin argatatiin hafan sakatta’uun paarkiilee dabalataa hundeessuuf haalaan hojjetamaa jiraachuu Obbo Daawud yoo himan isaan kana keessaa Naannoon Beenishaangul Gumuuz isa tokko akka ta’e himaniiru.

Babal’achuun paarkiilee kun galii addaa biyyittiin sharafa alaa irraa argattu ol guddisuurra darbee carraa hojii hoji dhabdootaaf kan banu akka ta’edha Obbo Daawud kan himan.

Xiyyeeffannoo mootummaan bineensota bosonaaf kennuu eegaleen yeroo ammaa iskaawtota nageenya bineensotaa hordofan leenjisuun paarkiilee keessatti eegichaaf kan bobbaasee jiru yoo ta’u galiin gama tuuristootaan argamaa jirus jajjabeessaa ta’uu daariktarichi dabalanii mul'isaniiru.

Kanaan dura galiin tuuristoota irraa argamaa ture haala nageenyaa waliin walqabatee gadi kan bu’ee ture yoo ta’u, yeroo ammaatti haalaan sochii gaariirratti akka argamudha Obbo Daawud kan dubbatan.

Keessumattuu nageenya bineensota bosonaa qabatamaan mirkaneessuufi daldala seeraan alaa bineensotaafi bu’aalee bineensotaa irratti raawwatamu to’achuufis hordoffiin barbaachisaa ta’e buufataalee xiyyaaraa akka Afrikaatti daddabarsa kanaaf ijoo ta’an irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jiru daarektarichi himuun buufataaleen xiyyaaraa daldalli seeraan alaa itti gaggeeffama jedhamanii adda bahan buufata xiyyaaraa Itoophiyaa Boolee, kan Keeniyaa Joomoo Keeniyaataafi kan Afrikaa Kibbaa Johaanisbargiiti.

Waasihuun Takleetiin

Published in Oduu biyya keessaa

-Ministira Hojjetaafi Hawaasummaa

Dhalli namaa yeroo kamuu dhibeewwan addaddaa kanneen akka HIV/AIDS, kaansarii, busaa, dhibee onnee, dhiibbaa dhiigaa, juzaamaa kkf, akkasumas balaawwan uumamaafi namtolcheetiif saaxilamuunsaa mudannoo guyyuu keessa nama mudatu akka ta'e ragaalee hedduun nimul'isu.

Keessumaa ammoo biyyoota guddachaa jiran keessatti Itoophiyaa dabalatee hubannoo hawaasni qabu baay'ee gadaanaa ta'uusaa irraan kan ka'e rakkooleen sababoota dhibeefi balaa garagaraatiin mudatan yaaddessaa akka ta'an taasisaniiru. Ka'umsuma kanaan Itoophiyaa keessatti juzaamaa ilaalchisee hubannoon hawaasni qabu baay'ee gadaanaa waan ta'eef, lammiileen dhukkuba kanaaf saaxilaman xinsammuutiin hubamuurra darbanii miidhamni qaamaa bal'inaan irra gahaa akka jiru Ministeerri Hojjetaafi Hawaasummaa biyyattii beeksiseera.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Taaddalach Daalachoo Roobii darbe kabaja Guyyaa Juzaamaa biyyaalessaa sababeeffachuun waajjirasaaniitti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, sirnoota darban keessatti namoota dhibee juzaamaatiif saaxilamanirratti qoqqoodinsaafi loogii raawwatamaa ture seerri dhorkatu hojiitti hiikamaa hinturre. Kunimmoo namoota dhibee kanaan qabamanirratti dhiibbaa hangamii geessisaa akka ture kan mul'isu yoo ta'u, jarreen kunneen rakkoo ulfaataa keessa darbuusaanii kan ifatti argisiisuudha jedhaniiru. Haa ta'u malee rakkoolee gama hubannoon jiran furuuf mootummaan baroota muraasa darban keessa tarkaanfii fudhachaa kan ture ta'ullee juzaamarratti hangas mara hubannoon hawaasaa kan hingabbanne ta'uusaa Aadde Taaddalach eeranii, kanaanis qoqqoodinsiifi loogummaan namoota kanarra gahaa jiru jireenya hawaas-dinagdeerratti dhiibbaa hamaa geessisaa jira jedhaniiru.

Akka ibsa Aadde Taaddalachitti, dhibee juzaamaa ilaalchisee wayita ammaa mootummaan paakeejiiwwaniifi karoora tarsiima'aa baasee bal'inaan hubannoo hawaasaa gabbisuuf sochii walirraa hincitne taasisuurratti argama. Kanuma fiixaan baasuufis barana guyyaan dhibee juzaamaa akka addunyaatti si'a 63fa, akka biyyaalessatti ammoo si'a 18faf mata duree, 'Labata sababa juzaamaatiin miidhama qaamaaf hinsaaxilamne haa uumnu' jedhuun Amajjii 27-28/2009 Naannoo Amaaraa Magaalaa Daseetti kan kabajamu ta'uu ibsaniiru. Kaayyoonsaa inni guddaanis hubannoo hawaasni dhibee kanarratti qabu jijjiiruun qoodinsaafi loogii gahaa jiru haalaan xiqqeessuu akka ta'e Aadde Taaddalach eeranii, lammiilee juzaamaaf saaxilaman misooma dinagdee keessatti akka nama kamiiyyuu gaheesaanii akka bahatan gochuudha jedhaniiru. Kanaafis rakkoo kana maqsuuf qaamoleen hunduu tumsuu akka qabanis Aadde Taaddalach dhaamaniiru.

Dura Ta'aan Waldaa Miidhamtoota Juzaamaa Biyyaalessaa Obbo Caannaaloo Hibistuus yaaduma walfakkaatu kaasanii, maalummaan dhibee juzaamaa osoo hinbeekamiin dura qomootiin, abaarsaafi kkfn nidaddarba jedhamee waan amanamaa tureef lammiilee hedduun wal'aansa argachaa hinturre. Kunimmoo keessumaa harkaafi miilli namoota kanaa haalaan waan miidhamuuf mirgi namummaa, kabajnisaaniifi jireenyi hawaas-dinagdeesaanii jeeqamaa ta'uurra darbee rakkoo xinsammuutiin daran hubamaa turaniiru. Juzaamaan sadarkaa dhukkubaatti sirnaan beekamaa waan hinturreef amalootasaafi karaa daddarbasaa hubachuu dhabuutiin qoqqoodinsiifi loogummaan gama hawaasaan gahaa jiru salphaa miti jedhaniiru. Kanaafis, dhibeen kun qomootiin waan hindaddarbineef xiyyeeffannoo argachuu qaba jedhanii, lakkoofsa lammiilee dhibee kanaan qabamanii daran hir'isuuf martuu tumsuun akka irraa eegamu Obbo Caannaaloon hubachiisaniiru.

Balballoommii Oduu

Takkaalliny Gabayyootiin

 

 

 

 

 

Published in Oduu biyya keessaa

Wayita Pirezedaantichi maashinoota haaraa bitamaniiran daawwachaa jiran

Dhaabbanni Birihaaninnaa Salaam dhaabbata hojii maxxansaalee gara garaa irratti bobba'ee jiru wayita ta’u hundeeffama isaa bara 1914 irraa eegalee dameewwan siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee biyyaa wiirtuu godhachuun kan hojjetaa jiruufi namoota hedduuf carraa hojii banuurra darbee sadarkaa biyyaatti aantummaa isaa karaa garagaraan agarsiisaa kan jiruudha.

Kanaan dura maxxansaalee kanneen akka kitaabaafi gaazexaalee maxxansuun ogbarruu biyyittii biyya keessaafi alatti gama maraan beeksisaa kan ture akka ta’eefi naga'ee, lootariifi maxxansaalee iccitii adda addaa maxansuunis hojii hawaas-dinagdee biyyattii saffisiisaa tureera. Fuuldurattis daran ciminaan hojjechuun bu’aa gama kanaan eegamu ol guddisuun maxxansaalee dabalataa eegaluuf sosochiirra jira.

Sosochii dhaabbatni kun itti jiru cimsuufis bara kana gamoo haaraa abbaa darbii torbaa ijaaruun kan eebbisiise yoo ta’u sirna eebbaa kanarrattis Pirezedaantiin Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Doktar Mulaatuu Tashoomaa argamuun haasawa taasisaniin dhaabbatichi gama siyaasa, diinagdeefi hawaasummaan aantummaa lammiifi biyyasaaf qabu mul’isuutti jira jedhaniiru.

Keesumattuu ilaalcha biyyoonni biroo waa’ee Itoophiyaa ilaalchisee qaban irratti ijaarsa yaadaa taasisuuf maxxansaalee afaan Ingiliziifi Arabaan kan raawwataa jiru yoo ta’u biyya keessatti ammoo Afaan Oromoofi Amaariffaan taasisaa jiraachuu Pirezidaantichi himanii yeroo ammaattis maxxansaalee dabalataa adda addaa oomishuun baasii humnaa olii Itoophiyaan baasaa jirtu hambisuu akka danda'u himaniiru.

Maxxansaaleen iccitii kanaan dura biyya alaatti maxxanfamaa jiran nageenya biyyaafis ta’e baasii humnaa olii hambisuuf biyya keessatti akka oomishamaniif dameen kun cimuu akka qabu kan himan ammoo De'etaa Ministeera Waajjira Kominikeeshinii Federaalaa Aadde Fireehiwoot Ayyaalew yoo ta'an fuuldurattis dhaabbatichi maxxansaalee kan akka lootarii atattamaa, waraqaa eenyummaa biyyaalessaa, paaspoortiifi maallaqa biyyittii maxxansiisuuf jecha meeshaalee teknolojii ammayyaan deeggaramuun bu’a qabeessummaa isaa mirkaneessuuf hojjechuutu irra jiraata jedhaniiru.

Bara kanas eebba gamoo haaraa abbaa darbii torbaa ijaaramee sababeeffachuun hundeeffamasaa waggaa 95fa wayita kabajate kanatti Hojii Gaggeessaan Dhaabbata Birihaaninnaa Salaam Obbo Takkaa Abaadii haasaa taasisaniin dhaabbatichi yeroorraa yerootti meeshaalee teknolojii haaraan deeggaramuun hojii maxxansaalee gara garaa raawwachaa turus hanga barbaadame akka hintarkaanfanne mul'isaniiru.

Rakkoolee gama kanaan mudachuun mul’ata dhaabbatichaa booddeetti harkisaa jiran furuufis meeshaalee maxxansaa ammayyaa haaraa bituun tajaajila addaa qulqullina irratti hundaa'e kennuuf akkasumas baankota gara garaaf cheekii maqaan hojjetu maxxansiisuuf maashina barbaachisu dhaabuun hojii kan eegaleefi sosochiirra kan jiru ta’uu Obbo Takkaan himanii, humna nama baratee damichaaf barbaachisoo ta’anis simachuun leenjiin barbaachisaa kennamaa jira jedhaniiru.

Fuuldurattis dhaabbatichi rakkoo maxxansaalee gara garaa Itoophiyaa keessatti mudatan teknolojii ammayyaan deeggaramuun yeroon, qulqullinaafi lakkoofsaan fooyyessuun baasii humnaa olii biyyittiin baasaa turte hambisuufi carraa hojii dargaggootaaf banuun aantummaa biyyittii mirkaneessuutu irraa eegamas jedhaniiru.

Balballoommii Oduu

Waasihuun Takleetiin

 

Published in Oduu biyya keessaa

Aadde Fiqirtee Haayiluu ogeettii dizaayinii uffannaati. Isaanis waldaa IMXn gurmaa'uun omisha uffannaafi borsaawwan garagaraa oomishuun gabaaf dhiyeessu. Isaanis idileedhaan kan omishan cinaatti ajajaan kan hojjetaniifi yeroo ammaa waldootii guddatoo ta'an keessaa tokko. Interpiraayizichi isaaniin kan ogganamu yoo ta'u Waldaa Aksiyoonaa Daldala Faayinaansii Meeshaalere Kaappitaalaa Oromiyaarraa deegarsaa meeshaalee omishaa argachuu akka danda'an baazaariifi egzibiishinii industiriiwwan manufaakchariingii giddugaleessaafi xixiqqaa biyyaaleessaarratti wayita hirmaatan Gaazexaa Bariisaaf eeraniiru.

Akka ibsasaaniitti duraan omishaasaanii maashinoota lama qofaan akka hojjetaa turaniifi kunis yeroosaanii qisaasessaa akka ture ibsu. Darbee darbees manatti harkasaaniitiin hojjetaanii hojiisaanii akka tarkaanfachiisan, yeroo biraa ammoo bakka biraattii kaffaltiidhaan hojjechiisaa akka turan dubbatu. Erga deeggarsa meeshaalee kaappitaalaatiin maashinoota dabalataa argatanii, “Amma waan hundaa naaf salphiseera. Yeroo koos akka gaariitti fayyadamaan jira” jedhu. Duraan maashinoota muraasaan waan hojjetaniifis galiinsaanii gadaanaa ta'uu eeruun, amma garuu galiinsaanii akka fooyya'eedha kan himan.

Akkasaan jedhanitti deeggarsa maashiniiwwan uffannaa tokko guutummaatti hodhee baasuu sagal liqiidhaan argatanis yeroo ammaa walakkaadhaa ol liqiisaa kaffalanii akka xumuran himu.

Waldaa Aksiyoonaa Daldalaa Faayinansii Meeshaalee Kaappitaalaa Oromiyaatti Ogeessaa kan ta'an Obbo Pheexiroos Tafarii ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, waldichi kan dhaabbate sektara manufaakchariingii deeggaruufi interpiraayizoonni hanqina meeshaaleetiin hojiinsaanii hudhaa akka hingodhanne deeggaruuf akka ta'e himaniiru. Yeroo ammaas waldaaleen IMX jalqabduu keessattuu, barattoota yunivarsitiirraa eebbifamaanii sektara manufaakcharingii, agiroo pirosesiingiifi hodhaa huccuurratti gurmaa'aniif maashina dhiyeessaa akka jiran dubbataniiru. Akkasumas, waldaalee buleeyyii sektaricharratti bobba'aniif deeggarsa maashinii akka taasisan dubbataniiru.

Waldichi waldaalee IMXf meeshaalee dhiyeessuuf qorannoo bu'uuraalee misoomaa qabaachuu, waarummaa karooraa bizinasiisaani, leecalloowwan omishaa naannawaa itti hundeeffaman jirachuun erga mirkanaa'eefi xiinxalameen booda akka ta'e kan eeran Obbo Pheexiroos, waldaaleen meeshaalee kan fudhatan yeroo ammaa carraa hojiisaan kanneen hojii hinqabneef uumaa jiru jedhaniiru. Kana malees jijjiirama qabatamaa argisiisaa akka jiran dubbataniiru.

Waldaan aksiyoonaa kun erga hundeeffamee waggaa lama kan hinguutne keessatti waldaalee 225 oliif meeshaalee kaappitaalaa 706 akka Oromiyaatti kan dhiyeesse ta'uu ragaan waldicharraa arganne ni mul'isa.

Balballoommii Oduu

Dabalaa Taaddasaatiin

Published in Oduu biyya keessaa

Dubartoonni biyya keenyaa waggoota dheeraadhaaf rakkoolee hawaasummaa garaa garaa keessa kan turan yoo ta’u, ammaan tanas guutummatti rakkoolee kana jalaa bahuu hindandeenye.

Dhaqna qabaan dubartootaa rakkoo yeroo dheeraaf dubartoota balaa garaagaraatiif saaxilaa ture yemmuu ta’u, dubartoonni kunniin isaan dhaqna hinqabamneen wal bira qabamanii yemmuu ilaalaman wayitii da’umsaatti ciniinsuun irra turuufi rakkoolee birootiif caalatti kan saaxilaman ta’uus ragaaleen ni mul’isu.

Dubartoota umriin isaanii heerumaaf osoo hinga’in heerumsiisuunis aadaalee boodatti hafaa yeroo ammaa dubartoota miidhaa jiran keessaa isa tokko yemuu ta’u, sochiiwwan waggoota muraasa darban keessatti taasifamaniin hamma tokko xiqqaatus rakkinichi ammas iddoowwan tokko tokkotti bal’inaan kan mul’atu ta’uu Ministerri Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii ni ibsa.

Ministerichi barmaatileen boodatti hafoo dubartootaafi daa’immanirratti dhiibbaa geessisaa jiran hundeedhaa haala furuun itti danda’amu irratti qaamota dhimmichi ilaalu waliin Magaala Hawaasaatti Wiixataa eegalee mari’achaa jira.

Ministerichatti Deetaa Dame Dubartootaa kan ta’an Aadde Alamituu Umad waltajjiicharrati haasawa taasisaniin, waggoottan kurnan lamaan darbanitti hirmaannaan dubartootaa dame hundarratti guddachuu irra darbee guddina biyyaa irraayis fayyadamoo ta’uu himanii, sagantaalee kunuunsaafi eegumsa daa’immanii hedduu hojirra oolchuudhaan daa’immaniif faayidaa akka kennaniifis hojiiwwan hedduu hojjatamaa turuusaanii dubbataniiru. Haa ta’u malee rakkoolee kanneen guutummaatti ittisuun ammas kan hindanda’amne ta’uus ibsaniiru.

Rakkoolee dubartootaafi daa’imman irra gahaa jiran kanneen furuu keessatti shoora olaanaa kan taphatan abbootii amantii, abbootii Gadaafi ijaaramoota hawaasa garaagaraa ta’uu himanii, waltajjichis qindoominni qaamota kanneenii akka cimuufi aadaalee boodatti hafoo kanneen irratti injifannoo boonsaa galmeessisuudhaaf kan gargaaru ta’uu dubataniiru.

Ministerichatti Qindeessituu Garee Hubannoo Uumuufi Sosochii kan taate Durbee Maahdar Bitaawu gamasheetiin, iddoowwan tokko tokkotti barmaatileen miidhaa dubartootarraan gahan kunniin hir’achuu irra dabalaa akka jiran himanii, keessattuu akka ragaan dhiheenya kana bahe ibsutti naannolee akka Gaambeellaafi Somaalee keessatti rakkooleen kunniin bifa jijjiirataa ammas babal’achaa jiraachuusaanii dubbatu.

Itoophiyaan bara 2025tti kittaanaa dubartootaafi heeruma umrii malee guutumatti dhabamsiisuudhaaf waliigaltee Landani mallatteessunshee ni yaadatama.

Balballoomii Oduu

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Oduu biyya keessaa
Page 1 of 2

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000476037
Har'a/TodayHar'a/Today425
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1368
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week8803
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month22138
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days476037

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.