Items filtered by date: Wednesday, 05 April 2017

Gochoonni misooma waliinii gufachiisan misooma jibbuurraa maddu

Misoomaan ala biyya miilla lamaan dhaabbate arguun abjuudha. Addunyaa marti kan hubatee fuulasaa ulaa misoomaatti qajeelchuun sochiirratti argama.Haa ta’u malee, hundi sochii walfakkaatu taasiseef guddina walfakkaatu galmeessa jechuu miti. Adeemsi misoomuuf taasifamu kun bakkaa bakkatti yookiin biyyaa biyyatti socho’uullee kan of keessatti hammatudha.

Heera biyya keenyaa keeyyatni 41 jalatti akka tumametti lammiin biyyattii kamuu kutaa biyyattii kamuu misoomsuufi qabeenya horachuuf mirga qaba.

Hojiirra oolmaa heera keeyyata 41fi misooma waliinii ilaalchisee namoota haasofsiisuu yaalleerra. Obbo Mulugeetaa Ayyaaloo Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaatti, Daarekteera Daarektoreetii Bulchiinsa Haqaafi seera hariiroo hawaasaatisi.

Akka isaan jedhanitti, heericha qixa sirriin hojiitti hiikuuf abbootiin qabeenya ilaalcha hawaasa naannawa fayyadanii fayyadamoo ta’uu gonfachuu qabu. Kana malees, aadaafi safuu ummata naannichaa kabajuufi utubuun miira abbaa qabeenyummaa ummataa mirkaneessuun aantummaa ummatarraa argachuuf dhama’uu qabu.

Haa ta’u malee, yeroo tokko tokko faallaa kanaan misooma diriirsuuf wayita carraaqamu argina. Gama kamiinuu misooma hirmaannaa ummataa hin qabnerraa firii eeguun rakkisaa waan ta’eef hirmaannaa ummataaf xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha.

Akka ibsasaaniitti, ummatnis misoomaan ala jireenya fooyya’aa jiraachuu waan hindandeenyeef tumsa tumsuu qaba. Hanqinni dandeettii raawwachiisummaa bakkaa bakkatti mul’atu gufuu misoomaa waan ta’eef kanarrattis ciminaan hojjechuun barbaachisaadha.

Haaluma walfakkaatuun wantoota heera keessatti tumaman hojiitti hiikuun barbaachisaadha. Kunis naannolee barbaadan keessatti misoomuufi misoomsuuf hojii jajjabeessaan jiraatus naannoo tokko tokkotti ammayyuu lagaafi sabaan namoota qooduun ni mul’ata.

Ta’us hanga biyya tokko waliin ijaaraa jirutti haalduree tokko malee waliin misoomuun barbaachisaadha. Hojiileen misoomaa hedduun lafaan kan walqabatan waan ta’eef gatii lafasaaf qonnaan bulaan beenyaa ga’aa kennuun egereesaa dhagaa hin sochoonerra dhaabuun barbaachisaadha.

Haa ta’u malee, yeroo tokko tokko rakkoo abbootiin taayitaa rakkoo bulchiinsa gaariifi sassaabdummaa kiraatiin xaxaman gama tokkoon qonnaan bulaa beenyaas lafas dhowwachuun wayita hiraarsan mul'atu.

Akkuma muki “Kan nu fixe dabaadhuma keenya” jedhe jedhamu san qonnaan bulaa kaleessa haala hinmalleen lafasaarraa buqqa’eef ittigaafatamaan eenyu akka ta’e tilmaamuun nama hin rakkisu.

Kana ammoo mootummaanis yeroowwan gara garaa irra deddeebiin ibsaa tureera. Dura taa’aan Kongirasii Biyyaalessa Oromoo, Obbo Tolasaa Tasfaayee akka jedhanitti, namni misooma jibbu hinjiru. Garuu misoomuun hiyyoomuu ta’uu hin qabu.

Walumaagalatti, sirna heericha keessatti akkuma tumamee jiru namni kamuu kutaa biyyattii fedhetti misoomsuufi misoomuuf mirga guutuu qaba. Haa ta’u malee, aadaa, safuufi fayyadamummaa ummata naannichaaf xiyyeeffannaa kennuun ni barbaachisa. Gama heeraatiinis ta’e dantaan ummatni tokko misooma naannoosaarraa argachuu malu hojiitti hiikuun barbaachisaadha.

Waaqshuum Fiqaaduutiin



Published in Siyaasa

Hariiroo biyyi keenya biyyoota addunyaa waliin qabdu yeroodhaa gara yerootti guddataa jira. Haala qilleensa mijaawaafi teessuma lafaatiin biyyattii cinatti kallattiin argamashee sochii dinagdeefi siyaasaaf murteessaa ta’uusaa barbaachisummaa biyyattii addunyaarratti olaanaa taasiseera.

Haa ta’u malee, raafamni siyaasaa biyyoota ollaashee yeroo tokko ho’ee yeroo kaan qabbanaa’u biyyattiirratti dhiibbaa hin uumu jechuu miti. Biyyootni biyya keenya waliin hojjechuuf fedhii qaban akkuma biyyootni misooma biyyattii ija hamaan ilaalan ni jiru. Ammaaf garuu xiyyeeffannaan barreeffama kanaa Gamtaa Awurooppaa wajjin kan walqabatu waan ta'eef achuma fuulleffanna.

Akkuma beekamu jeequmsa biyya keenya keessatti ka’ee tureen walqabatee paartiileen dorgomoon tokko tokko “Mootummaan ummata miidhaa jira” jechuun dhaabbileefi biyyootni addunyaa kamiyyuu haariiroofis ta’e gargaarsaaf fuulasaanii gara Itoophiyaatti akka hin deebisne watwaataa turaniiru.

Haaluma kanaan, Gamtaan Awurooppaa gara jalqabaatti yaada kana kan simate fakkaatus dhumarratti biyya keenyarraa of qusachuurra waliin hojjechuu filateera. Torban darbe gamtaan kun gara biyya keenyaa dhufuun Ministira Muummee, Hayilamaaram Dassaalanyi waliin dhimmoota gara garaarratti marii taasisuun aantummaa biyya keenyaaf qabu ifatti dhugoomseera.

Akka Obbo Haylamaaram jedhanitti mariachi kan xiyyeeffate sanada qindoominaan dhimmoota shoroorkeessummaa ittisuu, misooma dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, tasgabbiifi nageenya naannolee, daldalaafi investimantii guddisuu ilaalchisee bara darbee gamtichaafi biyya keenya gidduutti mallattaa’ee akkaataa ittiin hojiitti hiikanirratti.

Biyyi keenyas dhimmoota kanarratti kutannoon hojjechuun gara qabatamaatti fiduuf tattaaffii guddaa taasifti. Gama biroonis gargaarsi misooma gamtaan kun gama barnootaafi fayyaa hawaasaa mirkaneessuuf taasisu guddaa ta’uun cinatti fooamii daldalaa biyyi keenya yeroo ittaanuttis Beljiyeem, Biraazelesitti qopheesituufis gumaatni gamtichaa olaanaa ta’a.

Pireezidaantii ittaantuun gamtichaa Aadde Federiikaa Mogorooniis gamtichi biyya keenya waalii dhimmoota gara garaarratti hojjechuuf fedhii guddaa qaba jedhu. Rakkoo nageenya ollootasheen walqabatee gargaarsa biyyi keenya baqattootaaf taasiftuufi waliin marii mootummaan paartiilee siyaasaa waliin eegale cimee akka itti fufuuf gamtaan kun deggarsa barbaachisu taasisuun olola kaleessa,”Gamtaan Awuroopppaa Itoophiyaarraa fuula deebifateera” jedhu ifatti fashaleessu.

Daayirektarri Olaanaan Dhimmoota Awurooppaa, Obbo Kaasaa Gabrayohaannis dabalataan akka jedhanitti, gamtichi barana godaansaan walqabatee rakkoo hamaa keessa turus kanaan danqamee biyya keenya deggaruurraa boodatti hindeebine. Haaluma kanaan deggarsi barana biyya keenyaaf taasises olaanaadha. Ammas taanaan haala deggarsi kun itti fufuufi dhimmoota gara garaarratti waliin hojjechuuf fedhii gamtichi maricharratti argisiise olaanaadha.

Walumaagalatti, fedhii Gamtaan Aurooppaa dhimmoota gara garaatti biyya keenya waliin hojjechuuf qabu kan lalisaa deemu malee kan cooligaa miti. Tattaaffii biyyi keenya nageenya gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf taasisaa jirtuufi baqattoota lubbuusaanii oolfachuuf garashee dhufaniif da’oo ta’uunshee qalbii gamtichaa daran hawwateera.

Kana malees, jalqabbii marii mootummaan paartiilee dorgomtootaa waliin taasisuuf carraaqaa jirus gamticha biratti xiyyeeffannaa guddaa argateera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Published in Siyaasa

Itoophiyaan bulchiinsa sirna dimokraatawaa ammaa kana osoo hinargiin baroota dheeraaf mirgi namummaafi dimokraasii lammiilee dhiitamaa sirna bittaa nama nyaataa hedduu dabarsiteetti.

Sirnoota darban keessa qajeelfamaafi labsii mootichi ykn sirni abbaa irree baaseen alatti mormuufi falmii taasisuun dhorkaa ta’ee tureera.

Kana malees labsiin karaa mootichaa ummataaf darbu yoo jiraate dibbee rukuchuun hojiitti akka hiikamu taasifamaa turuusaatiin baroota dheeraaf sagaleen ummataa akka ukkaamfamu ta’eera.

Kun ta’us qabsoon diddaa ummataa hammaachaa dhufuusaatiin fakkeenyummaa Biriteeniin bara mooticha Hayilasillaasee (Onkoloolessa 19 bara 1924) seera paarlaamaatiin akka bultuuf yaaliin jalqabaa taasifame.

Yaaliin taasifame kun maqaaf malee dhiitamuu mirgaa namummaafi mirga dimokraasii hambisuu kan hindandeenye akka ture kan dubbatan barreessaa akkasumas, Itoophiyaatti Ogeessa Inistitiyuutii Qorannoo Tarsiimoofi Hariiroo Alaa, Onno Melaakuu Mulaalami.

Bakka itti olaantummaan saba tokkoo, afaan tokkoofi amantii tokkoo lallabamutti waa’ee dimokraasii dubbachuu mitiitii jechi isaayyuu osoo hinbeekamiin baroota lakkoofsiseera kan jedhan barreessichi, hammaachuu qabsoo diddaa ummataatiin sirnoonni balaafamoon sun dhabamsiifamuusaanii eeru.

Barri itti dibbee rukuchuun labsii dabarsaniif dhiittaan mirgaa darbee si'ana ummatni aara galfachuun bakka bu’aasaa filachuun mirgasaa kabachiifatee dimokraasii reefu biqilu kana dhandhamaafi guddisaa akka jiru dubbatu.

Sirna dimokraasii kana keessattis bakka bu’aan ummataa seerota mana hojichaa bareechee beekee gaaffiin ummataa akka deebihuuf hojjechuu qaba kan jedhan barreessichi, isaanis kanuma cimsuuf mataduree, “Paarlaamaa, Seenaa, Dimokraasiifi Dippiloomaasii” jedhuun kitaaba barreessuusaanii himu.

Sirna eebba kitaabasaanii Guraandhala bara 2009 Galma Muuziyeemii Itoophiyaatti bakka qaamonni mootummaa gara garaa argamanitti raawwatamerratti akka jedhanitti, kitaabichi namoota mana maree keessa hojjetan, paartiilee siyaasaa, ogeessota siyaasaa maraaf akka cuuphataattifayyada.

Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataarraa sirnicharratti kan argaman Obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, kitaabichi falmii paartiilee siyaasaa gidduutti taasifamu kallattii qabsiisuu keessatti shoora olaanaa qabaata. Miseensota manneen maree sadarkaalee adda addaatti argamaniifis wabiidha.

Kitaabichi ogeessota seeraatiin, barreessitootaan akkasumas mana maree keessaa babahaniin kan deeggarame waan ta'eef namoonni marti waa’ee paarlaamaa, mirgaa, dimokraasiifi dippiloomaasii akka beekaniif ni gargaara jedhu.

Keessumaa namoonni gahumsaafi bilchina siyaasaa isaanii guddifachuun falmii taasisuu fedhan marti kitaaba kana dubbisuu akka qaban kan himan Obbo Tasfaayeen, fuulduratti rakkoolee kanaan dura mudachaa turan maqsuuf kitaabichi wabii ta'uu eeru.

Walumaagalatti mirgaafi dirqama namni tokko Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa keessatti qabu beekuuf, falmii paartiilee siyaasaa keessatti qooda fudhachuuf, filachuuf, mormuuf qajeelfamootaafi seerota barraahan beekuun barbaachisaa waan ta'eef kitaaba maalummaa Paarlaamaa, Seenaa, Dimokraasiifi Dippiloomaasii seenessu kun ammoo ka'umsa waan ta'uuf ittifayyadamuun gamnummaadha.

Waasihuun Takleetiin

Published in Siyaasa

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000610222
Har'a/TodayHar'a/Today5554
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday2754
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week15738
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month56953
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days610222

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.