Items filtered by date: Friday, 07 April 2017
Friday, 07 April 2017 20:18

Badhaas: Ardaa aadaafi jilaa

Torban lamaan darban, “Boorana deemna lafa aadaafi loonii” jennee imala keenyaan magaalaa guddoo godinichaa Yaa'a Bal'oo, nuti qaamaan isin ammoo yaadaan qubachiifne. Har'as qaamaan isin dura buuneerra; isinis yaadaan gara Badhaas, ardaa aadaafi jilaa nu faanaa imalaa.

Magaalaan Yaa'a Bal'oo aadaa aadaa urgaa'uu eegalteetti. Ganamni magaalattii miidhagee aduu seeqxeen faayameera. Keessummoota jila walharkaa fuudhiinsa baallii dabaalaniifi waan aadaa achi jiru beekuuf dhufaniin ho'iteetti. Nutis kanneen jilaaf dhufan keessaa tokko turre.

Ardaan jilaa kan walharkaa fuudhiinsi baallii itti geggeeffamu, Magaalaa Yaa'a Bal'oorraa tilmaamaan naannawa kiiloomeetira 40 ni ta'a. Ganamaan kaanee konkolaataa keenyatti nam'inee gara ardaa jilaatti qajeelle.

Daandii Yaa'a Bal'oorraa Mooyaalee geessurra akka takka imalleen, daandii cirrachaa gara ardichaatti geessurra harka bitaatti maqnee deemsa keenya ittifufne. Ergaan, “Warri jilaa hoofuu”? (warri jilaaf dhuftan nagaan dhuftanii?) jedhu baanariirratti qubeewwan guguddoodhaan barreeffame nu simate.

Daandii Magaalaa Yaa'a Bal'oorraa Aanaa Areeroo geessurra imalaa jirra. Daandichi cirracha akkasuma oggaa konkolaataan irra imalu dhukeen samiitti ol aara. Naannawicha hawata tuuristootaatiif mijataa gochuun ni danda'ama ture.

Manneen citaadhaan ijaaraman keessaa aarri cuquliisni ba'u, loowwan naannawa manaa dheedan, sochii jireenya namoota naannawichaatti mul'atan hedduu kan nama hawatuudha. “Baadiyyaa biyya koo ganda dhaloota koo...” jedhee weellisaan. Aadaan Oromoo naannawichaa calaqqisu, aadaa baargamaan utuu hinboora'in aslummaasaa qabatee akka jiru kan argisiisuudha.

Daandii keenyarratti qe'ee Gadaa Hawwaxxuu kan Abbaa Gadaa baallii kennee geenyee ittigorre. Waan aadaa hawaasichaa odeeffachuufi qorachuuf adeemna waan ta'eef, qe'echatti gorree waantota tokko tokko odeeffanne.

Halkan gara barii sa'aatii 9:00tti baallii waan kennaniif adeemsa kenniisa baallii kanaa odeeffachuuf harka fuunee olseenne. Hayyoota qe'echaarraas waantota hedduu odeeffanne. Garuu maal godhu galaanummaan aadaa achii daqiiqqaawwan muraasa keessatti budduqfamee hindhumu. Hammattii odeeffannee yaadatti waraabbannee, ija keenyaan suuraa kaafannee, utuu akka dammaa qaaruu keessaa nu mi'aawuu gara Ardaa Jila guddicha, Badhaasitti qajeelle.

Imaltoonni konkolaataa keessaa “Jaal jiloo jaal jiloyyaa...ehemmoo jilaa...” jechaa faaruuwwaniifi walleewwan jilaa sirbaa qajeelle. Dirree aadaa, dirree jilaa, dirree walargee namootaa waggaa saddeetitti si'a tokkoo, Ardaa jilaa Badhaasaatti.

“Kan hundaa caalaa na dhibu” jedhe miiltoowwan keenya keessaa tokko, foddaa konkolaataa keessaan gamaafi gamanatti qubasaa eeraa, “Mee ilaalaa! Bosonni naannawa kanaa hintuqamin jira. Bosona kana warreen cilee guban utuu arganii torban tokko hinturuuyyu” jedhee afuura fudhannaan miiltoon kan biraan harkaa fuudhee, “Aadaa isaanii keessatti bosonaaf kabaja guddaa qabu” jedhee utuu afaanii hinxumurin inni jalqabaa, “Hawaasni naannawa kanaa galateeffamuu qaba” jedhe. Dhugumas nama jechisiisa.

Utuu baacnuu, utuu wellisnuu, utuu uumama naannawichaa dinqisiifannuu ardaa jilaa Badhaas geenye.

Manni abbaa gadaa,

mee kami karaanii,

jedhanii hingaafatan

ni beeka garaanii...”

Qe'een jilaa kun lafa dhowaa keessa gaarreniin marfamee argama. Sosochii abbootii Gadaatiin, hayyootaan, sirnoota aadaa sadarkaalee Gadaatiin geggeeffamaniin qe'een kun ho'aadha. Qe'echi qe'ee ulfinaa, dimokraasiin lafa bu'ee ija itti godhatee qabatamaan argamuufi sirnooti aadaa achitti geggeeffamu akkuma nama gammachiisuutti ta'ee, maqaa ispoonsaraatiin kaampaaniiwwan dhugaatii alkoolii tokko tokko qe'echatti dhiyaatanii argamuun kan nama mufachiisuudha.

Gamasii aadaatu nama hawata. Gamanaa dhugaatii alkooliitu ulfaatinaafi naatoo aadichaa xiqqeessa. Kan har'a diraaftiifi biiraan qe'ee jilaatti mataa olqabatan bor ammoo wuskiitu gofla baasee dhufa. Maaliif? yoo jettan “Ilkaan waraabessaa lafeerratti sodaatu” waan ta'eef. Maal godhu, “Kan abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa”

Utuu akka garaa kootii, qe'een kun qe'ee aadaati waan ta'eef, dhugaatiiwwaniifi nyaatawwan aadaa naannawichaas haa ta'uu kan Oromiyaa biroo dhiyeessuun jilli aadaa kun caalaatti hawatummaa akka qabaatuuf dabaaluun ni danda'ama ture. Dhugaatiiwwaan aadaa kanneen akka bookaa, daadhii, bordee, farsoo, itittuu, aannan fa'aa dhiyeessuun ni danda'ama. Yoo isa nama macheessuufi alkoolawaa ta'e malee jedhames Qunduftiinis guutte. Gama nyaataatiinis akkasuma. Kan irra miidhagsus waan ofii, waantoota aadaafi aadaadhaan walqabataniidha.

Ardaan jilaa kana fakkaata. Naannawa Galma Abbaa Gadaattis dhiyaannee, sochii jiru ijaafi hubannaan sakatta'uu eegalle. Abbaan Gadaa baallii fuudhee hawaasatti hinmul'atu. Galma keessa taa'a. Hayyoonni garagaraa harka fuudhu; “Baallii nagaan fuutanii” jedhanii. Wanti hunduu nagumaan geggeeffama. Qe'ee dimokraasii.

Egaa waan aadaa jilaa, hundumaa yeroo muraasaa keessatti odeessanii xumuruun akka nama xaafii funaanuuti. Tokko lama keessaa qabachuu malee soranii hinfixan. Waan aadaa Oromoo Booranaa qotanillee hedduuu gadi fagoodha. Hangama gadi fagaata yoo jettan anaafuu iccitiidha. Horaa bulaa! Deebanaa!

Dabalaa Taaddasaatiin

Published in Yaada

Artisti Yashii Raggaasaa

Sirbashii, “Baaleewoo karaan...”, akkasumas tapha Abbaa Jaamboo, Faanaa Birodikaastiingi Korporeetiin darbaa jirurratti Haadha Jaamboo taatee hojjetaa kan jirtu Artisti Yashii Raggaasaa ammaan tana dhukkubsattee sireerra jirti.

Artisti Yashiin gaafdeebii Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin bakka siree qabattee ciistee jirtu Hospitaala Xiqur Anbassaatti taasifteen akka jettutti, yeroo ammaa dhibee ji'oota sagaliif irra tureen dhukkubsataa jirti.

Dhukkuba amma ishee ciibseen akkuma tasaa qabamuushii kan eertu Artisti Yashiin, kanaafis dhaabbilee wal'aansaa dhuunfaatti kaffaltiin gaafatamte humnashii gararraa waan ta'eef kan mootummmaatti wal'aanamaa jiraachuushii sagaleeshii dadhabaadhaan dubbatti.

Yashiin ammaan tana dhukkuba siisti kan garaa keessaa baqaqfamee bahuu dabalatee dhibeewwan sadiin qabamtee dhukkubsachaa jiraachuushii dubbattee, kanaafis dinqisiifattoonniifi lammiin marti Waaqa kadhachaafi waan barbaachisuun ishee bira akka dhaabatan imimmaan dhangalaasaa gaafatteetti.

Ummanni Oromoofi abbootiin qabeenyaa Oromootiin kana naa godhaa jechuu waanin hindandeenyeef waan yaadaniin na duukaa hiriiraa kan jettu Artisti Yashiin, humnisii waan hindandeenyeef bakka wal'aansa gaarii itti argattu deemuu akka hindandeenye eerti.

“Qabeenyin horadhe ummata kiyya qofa” kan jettu Artisti Yashiin, bara Dargiirraa jalqabdee umriishii waggaa 13tti warrashii biraa bahuun waggoota 31f hojiilee aartii adda addaatiin ummatashii jaalatu tajaajilaa akka turteefi jirtu dubbatti.

Ummanni Oromoos inni kaan keessumaa sirbashii Baalee hoo karaa..., tapha Abbaa Jaamboo waggoota 19f otoo addaan hincitiin tamsa'aa jiruun, akkasumas diraamaa Amaariffaa, “Daanaa”fi fiilmiiwwan “Kaabbortuu” jedhamu fa'iin akka sirriitti ishii beeku ibsitee, ammas hojii aartii ummataaf dhiyeessuuf jalqabde waan jiruuf fayyitee gara hojiishiitti deebi'uuf gargaarsa lammiishii akka barbaadduudha kan dubbattu.

Artisti Yashiin, “Ummanni akka na jaalatuufi kabaju nan beeka. Eddii namni du'ee booda saanduuqa bituufi 'taskaara' qopheessuuf oliifi gadi fiiguun bu'aa waan hinqabneef otoo lubbuudhaan jirruu walgargaaruun barbaachisaadha. Kan narra gahe nama biraarra gahuu hinbarbaadu” jetti.

Artistii Oromoof hangafa ta'uushii kan eertu Yashiin, "Gama artii Oromoo guddisuutiin waantin hinhojjenne hinjiru. Ogummaa kootiin hanga adda waraanaa Zaalaanbassaafi Shiraarootti duuleera. Beelaafi hiyyummaarrattis hojjedheera. Haalli na mudate eddiin dhukkubsadhee ciisee haamilee koo daran waan na tuqameef aartiitti waanin deebi'u natti hinfaakkaatu. Guyyoota 20f mana kana ciiseera”.

“Qaamni dhukkubsachuu koo dhagahee ummata koo biraan naa gahe hinjiru. Ummanni koo otoo dhagahee akka naa birmatu nanbeeka” jetti. Artisti Yashii Raggaasaa ammaan tana dhukkubsattee ciistu argachuuf lakkoofsa bilbilaashii 0911 683573tti fayydamuun ni danda'ama.

Charinnat Hundeessaatiin

 

Published in Aadaafi-Artii

Artisti Lammaa Guyyaa

Haala qabatamaa ummama namaa keessa jiruun tokko sararee qotee dilbii galchuu yoo fedhu, inni biraan ammoo daldalee qarshii horachuutu isaaf ta’a. Kaan ammoo geeraree, sirbee nama bohaarsuun guddina aadaafi aartii ummata irraa dhalatee dhalootaa dhalootatti akka darbu taasisuun kennaasaa ganamaa ta’ee mul'ata.

Hojiin artii akka waligalaatti, muuziqaan immoo qofaasaatti kennaa uumamaan gonfatamutti dabalamee barumsaan gabbataa deema. Namni dhalatee gara addunyaa kanaatti yoo dhufu carraafi dandeettii addaddaa qabateeti.

Inni tokko carroomee barumsaan deggaramee dandeettii uumamaan kennameef gabbifatee sadarkaa qaroominaa guddaarra yoo ga'u, inni kaan immoo dandeettii uumamaan argate qabatee hamma dhumaatti dhama’ee milkaayeefis ta’e otoo hinmilkaayiniif addunyaa kanarraa darba.

Deemsa milkaa'ina jireenyaa keessatti, dandeettii uumamaan namaa kenname dhamaatiidhaan gabbifachuu yaaluun hojii murteessaa galmaan nama ga'uudha. Namoonni milkaa’anii dinqisiifannaa ummataa argatan ni kabajamu, hojiinsaaniis baraa baraan ni yaadatama.

Yaadannoon inni kaan lapheetti yeroof nama wajjin jiraatee namichi ennaa darbu kan wajjin darbu yoo ta’u, inni qoratamee barreeffamaan deeggaramee taa’e garuu dhalootarraa dhalootatti darbuun yaadannoo bara baraa ta’uun itti fufa. Bu'aansaas xiinxalamee faayidaa hawaasaatiif oola. Inni hojicha raawwates ittiiin yaadatamee beekamtummaa argata.

Dhimma kana gadifageenyaan kan hubatan Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Wiirtuun Aadaa Biyyaalessaa 'torbee aadaa' dhiyeenya kana Godina Harargee Lixaa, Magaalaa Baddeessaatti adeemifamerratti artistoota Oromoo hangafoota lamaaf beekamtii kennaniiru.

Nutis beekamtii artistoota kanneeniif kennamerratti odeeffannoo dabalataa barbaaduuf Giddugala Aadaa Oromootti gorree dursaa garee ogbarruufi tiyaatiraa kan ta'an Obbo Mootummaa Asaffaa dubbisneerra.

Isaanis sirna kenniinsa beekamtii Wiirtuu Aadaa Biyyaalessaafi Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa qopheessan kanarratti Artisti Doktar Lammaa Guyyaafi Artisti Laggasaa Abdiif waraqaan ragaafi badhaasonni adda addaa akka kennameefiidha kan himan.

Sirna bakka piezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa, miseensonni kaabinee naannichaafi keessummoonni adda addaa hedduun argamanitti geggeeffame kanarratti, seenaan artistoota kanneeniifi waraqaaleen qo'annoo lama kanneen hojii artistoota kanneenirratti xiyyeeffatan dhiyaachuusaaniiti kan himan.

Akka ibsa Obbo Mootummaatti, Wiirtuun Aadaa Biyyaalessaa waraqaa ragaafi 'kaabbaa' kan badhaase yoo ta'u, Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjin ta'uun tokko tokkoosaaniif qarshii kuma shantama, shantama walumatti qarshii kuma 200 akkasuma bullukkoo badhaasaniiru.

Kanaan dura beekamtiin hangi tokko kennamaa kan ture muuziqaa qofarratti xiyyeeffachuuni kan jedhan Obbo Mootummaan, amma garuu dameelee ogummaa artii adda addaa keessa galchuun kan raawwatame ta'uu addeessu. Artistoonni kunniin yaada ummataarratti hundaa'uun kan filataman ta'uus ni eeru.

Torbee aadaa kanarratti, dorgommiin gareelee hawwisoo godinaalee 12 akkasumas magaalota naannawa Finfinneetti argaman jidduutti adeemsisamee gareelee godinaaleefi magaalotaa kanneen 1fa hanga 3fa bahaniif badhaasni kennamuusaas dursaan garee kun nidubbatu.

Akaakuun dorgommichaas sirboota misoomaa, aadaafi ammayyaa, walaloo, diraamaafi baacoo ta'uu kan eeran Obbo Mootummaan, matadureelee jahan kanneen keessaas kanneen tokkoffaa hanga sadaffaa bahaniif qofa qofaatti badhaasni kennameera jedhu.

Beekamtiifi badhaasni haala kanaan kenname miira dorgommii uumuun guddina aartiifi aadaa Oromootiif daran kan gumaachu ta'uu Obbo Mootummaan ni ibsu. Sagantaa walfakkaataan bardheengaddaa Magaalaa Fiicheetti adeemsisamee akka ture ni yaadachiisu. Sagantaalee kanneen maddiitti eebbi Galma Abbaa Gadaa Odaa Bultumis raawwatamuusaa Obbo Mootummaan himaniiru.

Nutis kan dhama'eef beekamtii kennuun inni beekamticha fudhate caalaatti onnatee hojiisaa akka ittifufuuf, kan of dagatee bakkuma jiru dhaabateef ammoo dammaqsituu waan ta'eef adeemsi akkanaa damee artii qofarratti otoo hintaane bakkuma hundattuu otoo muuxaneeffamee misha jenna.

Charinnat Hundeessaatiin



Published in Aadaafi-Artii

Obbo Aandu’aalam Wubisheet

Sirnoota Itoophiyaan kanaan dura dabarsite keessaa laga Abbayyaa hidhuuf hawwiinsaa jiraatus hojiitti hiikuun waan ulfaateef baroota hedduuf abjuu hinmilkoofne ta’ee tureera. Haata’uutii sirna ammaa kana keessa abjuu kaleessa fagootti sodaatamaa ture qabatamaan mirkaneessuuf hirmaannaa dargaggoonni sabaafi sablammiilee taasisaa jiraniin bu’aa quufsaan galmaa'aa jira.

Dhimma kana ilaalchisuun tibba kana hojjetoonni Biiroo Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Galma Tiyaatira Haagar Fiqiritti marii paanaalii gaggeessaniin miirri dargaggoonni hidha haaromsichaa milkeessuuf qaban olaanaa ta'uu kan agarsiisu ture.

Dargaggoonni abdii egeree biyyaa ta’an miira ho’aan hidha haaromsichaa milkeessuu keessatti salphaa miti kan jedhan Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Ogeeesa sirna Galii Sassaabbiifi Dadammaqiinsa Hawaasaa Hidhichaa Obbo Aandu’aalam Wubisheet yoo ta’an, ijaarsa hidhichaa yeroo ammaa dhibbantaa 57 irra gahe keessatti shoorri dargaggootaa olaanaadha jedhu.

Dargaggoonni biyyittii lagaan sanyItoophiyaan eegalame keessatti adda durummaan hirmaachaa jiraachuun isaanii jajjabeessaadha ta'uus ni eeru. Ijaarsu hidhichaa ammaan tana dhibbaentaa 57 irra gahuunsaa miira nidandeenyaa kaleessa uumamaa ture akka mirkanaahu kan taasisuudha jedhu.

Akka Magaalaa Finfinneettis hawaasa mararraa galiin hidhichaaf sassaabame qarshii miliyoona 700 olidha kan jedhan Obbo Aandu’aalam hirmaannaa dargaggoonni achi keessatti taasisaa turan jajjabeessaa waan ta’eef ammallee itti fufuu akka ibsu.

Bara teknolojiin hinjirretti weerartoota kan biyyaa baase humna tokkummaa Itoophiyaa waan ta’eef hidha haaromsaa eegalame dhibbantaa 57 irra gahe kana fiixaan baasuun gahee dargaggoota ammaati kan jedhan ammoo Hojjettuu Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Finfinnee kan ta’an Aadde Taaddalach Kaasaayeeti.

Kaleessa guddaa turre har’as guddummaa keenya tokkummaa keenyaan agarsiisuun hidhahaaromsichaa milkeessuu qabna kan jedhan Aadde Taaddalach olaantummaa kaleessa biyyittiin qabdu agarsiisuu qabna.

Dargaggoonni biyyattii bor jireenya fooyya'aa jiraachuu akka qabaniif fiixaan bahinsi ijaarsa hidha haaromsaa murteessaadha kan jedhan Aadde Taaddelch milkaahinasaatiif hirmaannaan dargaggootaa laafuu hinqabu jedhu.

Yeroo ammaa dargaggoonni Magaalaa Finfinnee hidha haaromsichaa cina hiriiruun hirmaannaa taasisaa jiru kan jedhan Adde Taaddalachi miirri tokkummaa dargaggoota kanaan calqqisaa jiru imala Itoophiyaa haaraa ijaaruuf taasifamaa jiru milkeessuu keessatti adda duree ta'uu himu.

Hidhi haaromsichaa milkaahuun Itoophiyaa kaleessa hiyyummaan beekamtu seenaashii jijjiira kan jedhan Aadde Taaddalach, yoo tokkummaan hojjetan tulluun hiyyummaa hindiigamne akka hinjirreedha eeran.

Dargaggeessi utubaa biyyaati, borus iftaanis biyyaaf waardiyyaa kan dhaabbatuudha kan jedhan Aade Taaddalach shira humnooonni badii hidhahaaromsichaa gufachiisuuf xaxaa jiran maseensuuf adda durummaan qabsaahuu qabu jedhu.

Walumaaagalatti dargaggoonni biyyittii abdii boruu Itoophiyaa waan ta’aniif hidha haaromsaa eegalamee yeroo ammaatti dhibbeentaa 57 irra gahe haala ho’aa ta’een itti fufsiisuun Itoophiyaa sarara hiyyummaa keessaa baasuuf tokkummaafi qindoominaan hojjechuun murteessaadha.

Waasihuun Takleetiin

Published in Dinagdee

Kutaa 2fa

Dubbistoota keenya kutaa jalqabaa gaafdeebii weellisaa Oromoo Artisti Darajjee Zamaduu wajjin taasifne maxxansa keenya torbaniitiin isin dubbisiisuun keenya ni yaadaama. Kutaa lammaafi inni xumuraas kunooti.

Bariisaa: Ati hoo walaloofi yedaloo namoota biroorraa hinfudhannee?

Artisti Darajjee: Lakki hinfudhanne. Garuu kan Artisti Bitawu Warquu sirbuuf yaaleen ture. Walaloodhumasaa xinnoo jijjiiree, “Mee biyya kee ilaali, daaw'adhu Oromiyaa daaw'adhu, seenaa biyya keetii, sirna Gadaa keetii abbaafi ayyoo kee gaafadhu” kan jedhu. Sirba kana xumuree Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti kenneen ture. Kanaan achi walaloos ta'e yedaloo kanuma koottin fayyadama.

Bariisaa: Sirboota kee keessaa kan caalaatti ummata wajjin wal si barsiise kami?

Artisti Darajjee: Kan caalaatti ummataan wal na barsiise sirba koo, “Jorroo sherre maalii dhala gaarii..., Nooruu yaa buddeena warqee koo, koo yaa kaalolee, Horuu yaa bunaafi fa'i”.

Bariisaa: Sirbi kee miidhagaan, “Jorroo sherre maalii” jedhu dirree kamitti waraabame? Shubbistoonni sun hoo eenyu?

Artisti Darajjee: Sirbichi Sulultatti waraabame. Kan waa'elchanis shubbistootuma Mana Tiyaatiraa Agar Fiqiritti argamaniidha. Shubbistoonni sun marti har'a Ameerikaa jiru. Ana qofa kan asitti hafe. Sirbi Oromoo yeroo sana dhiyaachaa ture xiqqaatus hammi ta'e duudhaafi aadaasaa akka guuttatu ta'ee dhiyaachaa ture. Miidhaginni sirba kanaas kanumarraa kan maddeedha.

Bariisaa: Sirbi kun yoom maxxanfame?

Artisti Darajjee: Sirbichi bara 1980 maxxanfame. Weellistuu Ilfinash Qannoo wajjinis sirba, “Koo yaa koololee kara gaaftokkoo walaggarraa yaaddoo koo” isheen ammoo “Koo yaa koololaa amala koo beekamaa warra nattoo dheekkamaa” jechuun walharkaa fuunee sirbine maxxansiisneerra.

Bariisaa: Sirbi kee nooruu yaa buddeenaa jedhu maal ibsuuf yeroo sana weellifame?

Artisti Darajjee: Dur maanguddoonni daboo oolanii galanii galgala walitti qabamanii taa'anii, “Nooruu yaa buddeenaa warqee koo sumaaf yoon geesse nafseen koo” jedhu. Kun hiika mataasaa qaba. Buddeen jechuun kan nyaatan qofa miti. Hojiin kee buddeen keeti jechuudha. Buddeenni aadaa Oromoo keessatti iddoo cimaa qaba. Ilmi ebeluu buddeena argateera jedhama mitiiree!

Bariisaa: Sirboonni kee maal maalirratti xiyyeeffatu?

Artisti Darajjee: Sirboonni koo baay'een akkuma eenyumtu hubatu caalaatti dinagdeerratti xiyyeeffatu.

Bariisaa: Sirboonni kunniin akka dhalootatti darbaniif maaltu yaadame?

Artsiti Darajjee: Ani walittiqabee kaa'uu hindandeenye. Garuu hojii ani hanga har'aatti hojjedhe ilmi koo walitti qabaa jira.

Bariisaa: Maaliif waltajjiirraa fagaatte mee? Hamma dandeettii kee hojjedheera jettee yaaddaa?

Artsiti Darajjee: Waltajjiirraa fagaachuu kootiif akka sababa guddaatti kan eeramu yakka koppii raayitii wajjin walqabatee raawwatamuudha. Haallitti sirbi durii Oromoo itti hiikamus sababa biraati. Fakkeenyaaf geerarsi Oromoof aadaadha. Geerarsi aadaa Oromootiif hundeedha. Geerarsaan gammachuu, gaddi, gorsiifi kkfn ni ibsama. Kun jajjabeeffamuurra akka laafu taasifamuun sirrii miti; dhimmichi dhimma aadaa waan ta'eef.

Ani akka artistoota biroo ofmul'isuu hinfedhu. Maatiis guddisaan ture. Akka weellisaa sagalee gaarii qabu tokkootti hinhojjenne. Sirba Oromoorratti kana caalaa hojjedhee beeksisuutu narra ture.

Bariisaa: Guddina aadaa Oromoo akkamitti hubatta?

Artsiti Darajjee: Yeroo hamaa durii sana keessa dabarree aadaan Oromoo haala amma jiruun guddachaa dhufuunsaa daran na gammachiisa. Ijoolleen duubaa dhufaniifi dhufaa jiran aadaa Oromoo babal'isaa jiru.

Miidiyaan Oromoo babal'achuun guddinichaaf carraa guddaa uumeera. Akka baay'ina ummata Oromoofi bal'ina aadaa ummatichaatti gahaadha jedhamuu baatus haaluma gaariirra jira. Tattaaffiin dargaggoonni aadaasaanii guddisuuf taasisaa jiranis kan jajamuudha. Utuma dhiibbaan koppii raayitii jiruu har'a namoonni ittiin ofguddisaa jiru. Guddinni aadaa Oromoo sirba qofaan utuu hintaane uffannaa aadaatiinis kan ibsamu waan ta'eef kunis sadarkaa gaariirra jira. Uffannaan aadaa Oromoo ennaa sirbaa wajjin mul'atu daran namatti tola. Kan akkanaa biyyuma kamiyyuu hinjiru.

Bariisaa: Artisti Darajjeen dhiyeenyatti waan ummataaf dhiyeessu qabaa?

Artisti Darajjeen: Egaa ani kana booda hinqotu hinaramu. Hojii koo muuziqaadhuma. Sirba haaraa baasaan jira. Kan koo qofa mitii kan namoota biroos nanhojjedha. Waanuma gaarii tokko qabadhee ummatatti dhiyaachuuf qophiirran jira.

Bariisaa: Walaloon sirbaa ati qopheessite meeqa ta'u?

Artisti Darajjee: Hangana jedhee lakkaa'uu baadhus 100 akka caalan nanbeeka.

Bariisaa: Artisti Darajjeen ijoollee meeqa qaba?

Artisti Darajjee: Ijoollee laman qaba (dhiiraafi dubara). Niyyaafi Seenaasaa Darajjee jedhamu. Isheen dubaraa dizaayinara. Inni dhiiraa ammoo barana yunivarsitiidhaa eebbifama. Niyyaa jechuun Afaanuma Oromootiin 'iddoo yaaddeen si haa gahu' jechuudha.

Bariisaa: Dargaggoonni duudhaafi aadaasaanii eeguurratti maal gochuu qabu?

Artisti Darajjee: Aadaa kunuunsuufi eeguun kan dargaggoota qofa otoo hintaane kan lammii hundaati. Oggaa sirbi dhiyaatu aadaarratti of eeggannaa cimaa gochuun barbaachisaadha. Miidiyaaleenis dhimma aadaatiif xiyyeeffannaa kennuu qabu. Kanaafis miidiyaaleefi artistoonni Oromoo otoo waltajjii wayii uummatanii natti tola.

Bariisaa: Si'ana sirboonni tokko tokko riitimii Oromoofi Afaan Oromoo itti makamee aafaanota birootiin diyaachaa jiruutii kana akkamitti ilaalta?

Artisti Darajjee: Kun gama tokkoon aadaa ummatichaa beeksisuuf gaariidha jedhanii fudhachuun ni danda'ama. Isaan akka ummanni fudhatuuf kana godhaniiru ta'a. Gama biraatiin garuu, maal taanaan walitti makuun barbaachise kan jedhu akka gaafiitti ka'uu mala. Otoo aadaa, seenaafi afaan ofdanda'e qabnuu sirrii miti yaada jedhun qaba.

Adeemsi akkanaa aadaafi duudhaa Oromoo boora'ee akka badu taasisa waan ta'eef, walkeessa makanii sirbuun kun sirraa'uu qaba. Kun safuun Oromoos akka badu taasisa. Safuufi aadaa Oromoo dhaloota jalaa dhufu barsiisuurratti xiyyeeffachuu qabna malee walitti makuu kanarratti qaama mootummaa dhimmi ilaallatuun to'annoo gochuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Beekamtiin bu'aa hojii kanaaf argatte jiraa?

Artisti Darajjee: Beekamtiin argadhe hinjiru. Bulchiinsi Mootummaa Naannoo yeroo tokko Adaamaatti artistoota Oromoo walittiqabee namoota durii qabanii guddina aadaa Oromootiif gumaachaniif beekamtiifi kabaja kennuuf maqaa keenya fudhatee ture. Waadaas nuu galee ture. Garuu waadaan seename sun otoo hinraawwatamin hafe.

Bariisaa: Mudannoon addaa yoo jiraate? Keessumaa kan Ertiraatti ta'e sana.

Artisti Darajjee: Mudannichi akkana. Yeroo tokko Ertiraatti waltajjiirratti weedduu lolaa 'hawwaa hawwaa' jedhamu dhiyeessaan jira. Ummanni achitti argame gammachuusaa ibsachuuf qarshii na badhaasaa ture. Qarshii haala kanaan argame dhuunfaatti fudhachuun dhorkaadha waan ta'eef koreetu walittiqabee fuudha. Sirba koo dhiyeessee oggaa waltajjiirraa bu'u warri koree na waaman.

“Garaatu na dhukkube” jedhee qarshiin badhaafame fudhadhee bahe. Miseensi koree tokko fiigichaan na hordofee na wajjin baanaan "na dhukkubeeraa natti hindhufin" jedheen of biraa deebise. Isa booda qarshicha keessaa hanga tokko hambifadhee isa hafe korichatti deebise.

Kan biraan Artisti Bitawu Warquu (kan amma lubbuun hinjirre) wajjin walqabateedha. Otoo Artistichi waltajjii tokkorratti sirbasaa “Na hirraanfattee jaalala...heellemaa...” jedhu dhiyeessaa jiruu namichi tokko qarshii 100 badhaasa (addasaatti maxxansa). Bitawus otuma sirbuu qarshicha suuta jedhee fuudhee arraba jala keewwatee sirbe yoomiyyuu hindagadhu.

Bariisaa: Waanti si gaddisiise jiraa?

Artisti Darajjee: Waantota baay'ee na gaddisiisan keessaa tokko artistoota (kanneen akka Salamoon Dannaqaafaa) guddina aadaa Oromootiif waa hedduu gumaachuu danda'an umriisaanii malee du'aan dhabuu keenya.

Bariisaa: Artiin Oromoo eessa gahee arguuf hawwita?

Artisti Darajjee: Ani badee! Akkuma artistoota Indiyaa taanee argamuudha hawwiin koo. Artistoonni Indiyaa aadaasaanii beeksisuudhaan addunyaarraa adda durummaan eeramu. Isaan aadaansaanii otoo hinbadin eeganii har'aan gahaniiru.

Keenyas badee ka'eeti deebi'ee lalisaa kan jiru. Mootummoonni duraanii otoo hanga har'aatti turaniiru ta'ee mee aadaa Oromoo har'a hinjiru ture. Aadaan Oromoo ka'aa jiru kun akkuma kan Indiyaanotaafi Biraaziilotaa addunyaarratti beekamee akka mul'atuudha hawwiin koo.

Bariisaa: Arsisti Darajjeen maal hojjetaa jira?

Artisti Darajjee: Muuziqaadhuman hojjetaa jira. Soorama bahuuf waggaa tokkotu na hafa.

Bariisaa: Dhaloota jalaa dhufaa jiru maal gorsita?

Artisti Darajjee: Ani kanin isaan gorsu namoota sirba isinii qindeessina jedhanii qarshii irraa nyaachuuf tattaafatanirraa akka of eeganiidha. Haala kanaan dargaggoonni waan qaban gurguranii rakkataa jiran hedduu waan ta'aniif dhimma kanarratti sirriitti dammaqanii of eeguu qabu. Ani hamma dandeettii koo ogummaa kootiin nangargaara, nangorsas; waa'ee afaaniifi aadaa koorratti. Ammas kana gochuuf qophiidha.

Bariisaa: Waltajjiin hangafoonni jalaa dhuftootaaf muuxannoo itti qoodan jiraa?

Artisti Darajjee: Hanga har'aatti waltajjiin akkanaa hijiru. Garuu dhimma kanarratti eddiin soorama bahee hojjehuuf karooran qaba. Hangasitti waltajjiileedhuma jiranirratti muuxannoo qoodaa ittifufa. Ani waltajjii tokkorratti muuxannoo waggoota 38 qaba waanin ta'eef gama kanaan waan guddaan hojjedha jedheen yaada.

 Charinnat Hundeessaatiin

Published in Aadaafi-Artii

“Artisti Darajjee Zamaduu bara 1976 irraa eegaleen beeka. Artistii kana kanneen biroorraa adda kan taasisu dandeettii walaloofi yadaloosaati. Walaloon inni Afaan Oromootiin barreesse yoo gara afaan biraatti hiikame mana rukuta”.

“Darajjeen sagaleedhaan weellisuu qofa otoo hintaane shubbisarrattis kennaa guddaa qaba. Artisti Darajjeen nama naamusa olaanaa qabuudha. Keessumaa yeroo beellamaa kabajuudhaan daran beekama. Inni araada kamirraayyuu fagoodha. Namaafis kabaja guddaa qaba” jechuun waa'ee Artisti Darajjee Zamaduu kan nutti himan hiriyootasaa waggoota dheeraaf waliin hojjetaniidha.

Artisti Darajjee sirbootasaa sagaleesaa kiiloleedhaan ummataaf dhiyeessaa ture kanneen akka, “Nooruu yaa buddeenaa warqee koo, horuun yaa bunaa fayyuun baranumaa, jorroo sherre maalii dhala gaarii dhiphuun na deesse haati koo, koo yaa koololee” jedhaniifi kkfn ummata Oromoo biratti beekama.

Abbaasaa Obbo Zamaduu Basha'oofi haadhasaa Aadde Jiituu Miinjoorraa bara 1947 Oromiyaa Lixaa, Aanaa Anfilloo, bakka addaa Shabal jedhamutti dhalatee kan guddate Artisti Darajjeen, akkuma ijoollee baadiyyaa kamuu hojii qonnaa maatiisaa gargaaraa tureera. Jabbiilees tikseera.

Barumsas hanga kutaa 7fatti bakkuma dhalootasaatti hordofaa otoo jiruu fedhii aartii kessoosaa jiruun fudhatame. Kanumaanis ijoollummaarraa eegalee jaalala sirbaa keessoosaatii kulkulaa turteen fudhatamee hanga har'aatti waltajjii sirbaarratti hafe.

Gaazexaa Bariisaas akkuma kanaan dura fuula kanarratti seena artistoota Oromoo guddina aadaafi Afaan Oromoo keessatti gumaacha olaanaa arjooman dhiyeessaa ture maxxansa kanaanis gaafdeebii Artistii Oromoo hangaftichaafi beekamaa, Darajjee Zamaduu wajjin taasise akka armaan gadiitti isin dubbisiisa.

Bariisaa: Umrii dargaggummaa akkamiin dabarsite?

Artisti Darajjee: Umrii koo dargaggummaa sagantaalee adda addaarratti weedduu jaalalaa sirbuunin dabarse. Kanaanis dinqisiifattoota baay'ee horachaan dhufe. Keessumaa bara 1967 yeroo mootummaan Hayilasillaasee kufee Dargiin aangoo qabatetti weedduu lolaa sirbaan ture.

Bariisaa: Sirba yeroo sana sirbaa turte ni yaadattaa?

Arsisti Darajjee: Eeyyen nan yaadadha. Sirban yeroo sana sirbaa ture keessaa, “Hoyaa hoyii lolaa...dargaggeessa foolii tolaa, Awwaaressee xaxxaaxessee kormi saafaa lole”faa jedhu sirbaa ummata dadammaqsaa tureera. Iddoo hojiileen adda addaa raawwatamaa turanittis sirbaan ture.

Bariisaa: Sirba akka ittifuftuuf eenyutu karaa sii bane mee?

Artisti Darajjee: Nama yeroo sana aanaan ittidhaladhe bulchaa turetu sagaleefi fedhii koo jaalateefi hubatee namootaan walna qunnamsiisuun karaa naa bane.

Bariisaa: Umrii dargaggummaatti jireenyi kee jaalalaa akkam ture?

Artisi Darajjee: Otoon Anfilloo, Muggii jiruu mucayyoo tokko wajjin waljaalanne. Sirba baasuus dhimmuma kanaan walqabsiiseen eegale. Mucayyoon Musliima, ani Kiristaana taanus jaalalaan garmalee walii maraanne.

Walqabannee baduufis waanti nuti hingodhiin hinjiru. Sana booda waallee harkarraa qabaachuu baannus walhaafuunu jennee mariyanne. Yeroo kun ta'u nuti lamaanuu waan dinagdeedhaan of hindandeenyeef warruma keenya jala turre. Kanumaan jaarsa itti ergannaan warrishii didan.

Kan yaadne ta'uu didnaan qawwee dimotforii jedhamu kanin adamoof ittifayyadamaa ture qabadhee walfudhannee badnus halkan tokko qofa bullee qabamne. Maatiinshii intala waljaalalaan walii maraanne otuma isheen didduu dirqiidhaan ilma sooressaatti heerumsiisan.

Ishiin garuu isa qabeenya qaburra anuma filatte. Sababuma jaalalaa kanaan mana hidhaa galee takka hidhameera. Sirba quuqqaa koo naa ibsu tokko kan, “Jaalalli kiyyoo sansalataa ittan ergadhe waraqataa muddaa jaalalaa rakkoo sana fuudhuun yaadem yeroo sanaa”.

Jaalala fiigsaa yeroo duraa dubbii nan fixem yeroo duraa, isheen walfuudhuuf dubbii fixee haasaa warrashiif, gabbara warrashiif xaaxaan lixee. Naqadhee fuudhuuf horii hinqabuu butee baqachuuf na qabuu, matta'aa kennuuf deegaa qullaa, maafan du'a idaatti galee, daanyaan horiidhaan dubbii fixaa, anoo horii hinqabuu eessan lixaa” jedhu baaseen maraachise. (Oggaa walaloo sirbaa kana sagaleesaa kiiloleedhaan xuxxuruursu dhugumaan garaa nama booressa).

Dur akka har'aa jaalalaan walfuudhuun hindanda'amu, gabbaraafi horiidhaan malee. Sirbi kun haalaan jaalatamee tokko tokkoo onnee dargaggoo keessa gale. Kanaanis Anfilloo keessatti akkuma mootiin ta'e jechuun nin danda'a.

Bariisaa: Sirna quuqqaa sanatu artessummaaf karaa sii bane jechuudhaa?

Artisti Darajjee: Eeyyekaa. Isumatu ka'umsa naa ta'ee Anfilloorraa Dambi Doolloo, Dambi Doolloorraa Naqamte, Namqamterraa ammoo Finfinnee kan na fide.

Bariisaa: Yeroo sanatti sirbi kee ummataaf dhiyaachuuf carraa argateeraa?

Artisti Darajjee: Lakki, Hindhiyaanne. Ummataaf waltajjiidhumarratti dhiyaachaa ture. Sirbi haadha leellisu kan, “Dhiphuun na deesse haati koo nan jaaldhan ture akka lubbuu koo. Otoon jaaladhuu marartiidhaan olaadhaa dubbii ittibarbaadan” jedhus ummataaf dhiyaatee daran jaalatameera. Otoo akka yeroo ijoollummaa kootti itti fufee har'a eessaafi eessa gaheera.

Bariisaa: Sirbi kee akkamiin qalbii ummata Oromoo hawachuu danda'e? Haalli ture hoo akkamitti ibsama?

Aristi Darajjee: Sirbi koo bal'inaan gurra ummata Oromoo seenuu kan jalqabe eddiin gara Naqamtee dhufeeyyi. Yeroon gara Naqamtee dhufe magaalattii keessa haalli gaariin hinturre. Sababuma kanaan Abbitoo Kabbadaa, Ilfinash Qannoo, Tarfaasaa Mitikkuu, Amantii Dooyyoofaan keessaa baqataniiru.

Anis achi baay'ee hojjechuu waanin hindandeenyeef dafeetuman Finfinnee deeme. Oromummaan daran cimaa ture. Miirri kun dargaggoota mara keessatti uumamee ture. Keessumaa Weellisaa Zarihun Wadaajoo sirbasaa, “Koottaa aramaa aramnaa midhaan keenya keessaa” jedhuun hidhame.

Bara Dargii keessa sirbi hundi ni qoratama ykn saansur ta'a ture. Yoo Afaan Oromootiin sirbama ta'e walaloon sirbichaa gara Amaariffaatti hiikamee akka qoratamu taasifamaa ture. Keessumaa walalicha keessa waa'een Oromummaa jiraannaan qorannaa cimaatu taasifama ture. Yeroo sana raadiyoon Itoophiyaa Afaan Oromootiin sa'aatii tokko qofaaf tamsa'aa ture daran hawatamaa turte.

Gaazexeessitoonni buufaticha keessa hojjetaa turan sirboota ergaawwan adda addaa qaban itti makanii dhiyeessuun ummata dadammqsaa turan. “Otoo aadaa qabnuu aadaa keenya dhabnee, otoo seera qabnuu seera dhabnee akka baala mukaa gargar facaanee hanfee” jedhufaan onnee namoota hedduu raasaa ture.

Bariisaa: Eddii Finfinnee dhuftee haalli akkam ture?

Artisti Darajjee: Akkan dhufeen Abbitoo Kabbadaa wajjin walagarre. Naannawawwan hineeknetti isa argachuu kootti guddoon gammade. Innis gammachuudhaan na simatee gara Ministeera Aadaa na geesse.

Dhuma bara 1970tti Mana Yitaatira Agar Fiqiriif weellisummaaf saddeet taanee dorgomne. Weellistoota Oromoo keessaa kanneen akka Hayiluu Disaasaafi Bitawu Warquu turaniiru. Qormaataafis dhiyaadhee sirba aadaafi geerarsaan tokkoffaa bahee darbe. Walaloo barreessuufi yadaloof akka turus natti himame.

Achittis weellisuuf sirba, “Nooruu yaa buddeenaa warqee koo sumaaf yoona geesse nafsiin koo” jedhu qabsiifadhe. “Nooruu yaa buddeenaa warqee koo sumaaf yoona geesse nafseen koo. Buddeen dhirsa dhiiraa, buddin fayyisaa koo, buddeen maal tuffatu maxinoo cuffatuu, farsoosaa unatuu” dhiyeesse. Walaloon nooruu yaa buddeenaa jedhu kan ummataatti. Walaloon sirba kanaa akka qoratamuuf Amaariffatti ni hiikame. Dandeettii cimaa akkan qabus ni hubatame.

Sirbi, “Horuun yaa bunaa fayyuun baranumaa, utubaa jireenyaa fayyuun baranumaa, gabaa biyya keenyaa yaa bunaa, si wajjin moonee, hamaa diina keenyaa, maqaan kee guddaadha hoo gabaa addunyaarratti... baddee hinbadduu abdi biyya kootii, si keessaan buqqisa muujjaafi qoraattii...” jedhus baaseen baruma sana waltajjiirratti ummataaf dhiyaate.

Bara 1972 eddii sirbi kun bahuunsaa dhagahamee booda gaazexeessitoonni Raadiyoo Itoophiyaa keessa hojjetaa turan jidduudhaa tokko yaada, “Istuudiyootti sagantaa nan qabsiisaatii sirbichi haa waraabamu” jedhu naa dhiyeesse. Sirbichis waraabamee karaa raadiyoos tamsa'uu eegale. Bal'inaanis gurra ummataa seenuuf carraa argate sirbichi.

Bariisaa: Sochiin ati artii keessatti gochaa turte akkamiin ibsama?

Artisti Darajjee: Gareelee hawwisoo adda addaa keessa socho'aa tureera. Durataa'aa hawwisoo Muggiis ta'eera. Anfilloodhaa filatameen Dambi Doolloo deemees takka hojjedheera. Bara 1979 keessa gara Hawwisoo Guddattuu Aadaa Wallaggaa Naqamtetti argamuttin ce'e.

Bariisaa: Amalliifi jaalalli hojiirratti qabdu hoo?

Artisti Darajjee: Hojii baay'een jaaladha. Hojii kamuus nan hojjedha. Namaan walii galee naamusaan jiraachaan ture. Aradaan kamiinuu qabamee hinbeeku.

Bariisaa: Sana booda deebiin ummataa akkam ture?

Artisti Darajjee: Deebiin sirbicharratti ummata biraa kennamaa ture daran olaanaafi cimaa ture. Keessumaa namni tokko kan gatii bunaa oliifi gadi jedhuun waan itti dhagahame oggaa ibsu gaafa gatiin bunaa ol ka'e, “Horuun yaa bunaa fayyuun baanuma jedhe Darajjee Zamaduu” jechuun ibse. Gaaf kaan yeroo gatiin bunaa gadi bu'e ammoo “Horuu yaa bunaa baduun baranumaa” jechuun ibsaa akka ture dhagaheera. Kuniifi kkfn deebii sirbicharratti ummata biraa kennamaa ture agarsiisa jedheen yaada.

Bariisaa: Walaloon sirbaa ati weellistoota birootiif kennite jiraa?

Artisti Darajjee: Eeyyen ni ira. Sirbi Xilaahun Gassasaa, “Ani sin yaadaa yaa jaalallee koo, atis na yaaddaa magaallee koo, goosuu lagarraa maal sodaanna shoolee koo koottu walbarraa, oggaa si duubaa yaa shereeree koo guutuudha onneen koo, oggaan si argu maaltu onnee koo buta shaggee koo, yaa ishi afaan dammaa jaalala keetiin baay'ee naa gamaa, jaal'ee akka namaa yaaduma keetiin laafeen raafamaa” jedhu kan kooti. Sirba kana lafa waggaa tokkootiif waltajjiirratti sirbeera. Walaloofi yadaloon sirba kanaas kanuma kooti. Ilfinash Qannoofi Samiiraa Abdulsalaam fa'iifis sirboota baay'ee kenneera.

Bariisaa: Ati hoo walaloofi yadaloo namoota biroorraa hinfudhannee?

Ittifufa

Charinnat Hundeessaatiin

 

Published in Aadaafi-Artii

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000412358
Har'a/TodayHar'a/Today523
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday2175
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week7339
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month26707
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days412358

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.