Items filtered by date: Friday, 12 January 2018

Lubbuqabeeyyiin jireenya dhala namaatiif bu'uura

Itoophiyaan biyyoota qabeenya lubbuqabeeyyiitiin (baayoo daayivarsitii) beekaman keessaa ishee tokko ta'uushii ragaaleen ni mul'isu.

Qabeenyi gama kanaan biyyattiin qabdu kun qorattoota Addunyaatiin kan mirkanaa'e yemmuu ta'u, qorataan lammii Ruusiyaa, Raavloov qabeenya lubbuqabeeyyii biyyattii qorachuudhaan Addunyaaf dhiheesseera.

Itoophiyaan biyyoota yeroo jalqabaatiif biqiltootniifi lubbuqabeeyyiiwwan gara garaa heddumminaan itti argaman saddeet keessaa ishee tokko ta'uu kan ragaa bahe Raavloov, haalli qilleensaa mijataan, teessumni lafaafi akaakuun biyyoo gara garaa jiraachuun immoo biyyattiin qabeenya kanaan akka beekamtu taasisuusaati kan eere.

Qabeenyi biyyattiin gama kanaan qabdu akkuma jirutti ta'ee garuu, yeroo ammaa sababoota garaa garaatiin miidhaa guddaaf saaxilamuudhaan hir'achaa jiraachuu Inistitiyuutiin Qabeenya Lubbuqabeeyyii Itoophiyaa marii dhiheenya kana Magaalaa Bishooftuutti taasiserratti ibseera.

Rakkoo qabeenya kanarra gahaa jiru furuuf sochii cimaa taasisaa jiraachuu kan himu inistitiyuutichi, hojiin dhaabbata tokko qofaan hojjatamu garuu rakkoo kana furuun waan hindanda'amneef hirmaannaa qaamota adda addaa gaafataa jira.

Qabeenyi uumamaa biyyattiin qabdu eegameefi kunuunfamee dhaloota egereetiif akka darbuuf inistitiyutichi kutannoodhaan hojjachaa jiraachuu kan eeran daariktarri inistitiyutichaa, Dr Mallasaa Maariyuu, akaakuuwwan lubbuqabeeyyii kuma tokkoo ol ta'aniif eegumsi taasifamaa jiraachuu dubbatu.

Hojiin kunuunsa lubbuqabeenyii inistitiyuticha qofaan adeemsifamuu waan hindandeenyeef qaamonni qabeenya kanarratti gocha seeraan alaa maal nadhibeedhaan raawwatan to'achuurratti hudhaa ta'uus ni eeru.

Lubbuqabeeyyiin jireenya dhala namaa wajjin kallattiidhaan waan walqabataniif kunuunsiifi eegumsisaa dhimma nama hundaa ta'uu akka qabus ni ibsu.

Inistitiyutichi dhamma kanarratti hojii hubannoo uumuu bal'inaan kan hinraawwanne ta'uu kan dubbatan daarektarichi, gara fuula duraatti hawaasni bal'aan lubbuqabeeyyii akka kunuunsuufi eegu gochuuf gadi fageenyaan hojjatama jedhaniiru.

Jijjiiramni haala qilleensaa, sanyiiwwan galtuu (haaraa dhufan) balaawwan namtolcheefi seeraan ala adamfamuu bineensotaafi barbadaa'uu bosonaa sababoota guguddoo qabeenya lubbuqabeeyyii irratti miidhaa geessisaa jiran ta'uus eeraniiru.

Qabeenyi lubbuqabeeyyii bifa itti fufiinsa qabuun akka eegamuuf hawaasa qofaa osoo hintaane dhaabbileenis qindaa'anii hojjachuu akka qaban kan himan immoo Ministeera Naannawaa, Bosonaafi Jjiirama Qilleensaatti dursaa pirojektii qindaa'aa bulchiinsa lafaafi wabii nyaataa Dr. Tasfaayee Hayilee, inistitiyutichi hanga humnasaatti socho'aa jiraatus qofaasaa bu'aan fidu akka jirre dubbatu.

Qabeenya lubbuqabeeyyii kunuunsuufi eeguun akka hojii dhaabbata tokkootti ilaalamuun dogoggora ta'uus eeranii, dhaabbileefi hawaasni bal'aan hojii kanarratti adda durummaadhaan hirmaatan malee furmaanni dhufu kan hinjirre ibsu.

Akka ibsa Dr. Tasfaayeetti; dhaabbilee hedduun hojii walfakkaataafi walitti dhihaatu osoo hojjatanuu garuu qindoomina hinqaban. Dhaabbanni tokko sanyii fooyyessuuf yemmuu hojjatu inni biraa immoo sanyiiwwan buleeyyii eegee tursiisuuf hojjata. Haata'uu malee sanyii fooyyeessuufi buleeyyii tursiisuu bifa walsimateen adeemsisuun hin danda'amne.

Walumaagalatti, lafti lubbuqabeeyyii malee hinmiidhaagdu, lubbuun dhala namaas lubbuqabeenyyii malee turuu hindanda'u. Kanaafuu miidhamuun lubbuqabeeyyii miidhama dhala namaa ta'uun hubatamee wajjummaan irratti hojjechuun daran murteessaadha.

Bayyanaa Ibraahimiin

 

Published in Hawaasummaa

Babal’ina bu’uuraalee misoomaa guddina biyya tokkoo keessatti shoora guddaa taphata. Biyya keenyattis magaalaa hanga baadiyyaatti hojiin bu’uuraalee misoomaa babal’isuu xiyyeeffannaa addaatiin saffisaa jira.

Ta’us yeroo ammaa babal’ina bu’uuraalee misoomaa kunneeniin walqabatee hanqinoonni guddaan mul’ataa jiru. Daandii baasii guddaadhaan qaama tokkoon hojjetame osoo tajaajila gahaa hinkennin qaama biraatiin diigamuun gocha baratamaa ta’eera.

Biyya hiyyeetti babal’inni bu’uuraalee misooma sadarkaa daa’imaarra jiru keessatti isa qaamni tokko ijaaru qaamni tokko kan diiguu yoo ta’e ijaarsa bu’uuraalee misoomaa laamshessuun alatti qisaasama qabeenyaa guddaa dhaqqabsiisa.

Fagoo osoo hindeemiin Finfinnee keessatti daandii irra deddeebiin qotamee suphamu tajaajila hawaasummaarratti dhiibbaa uumaa jiru ilaalu qofti gahaadha. Akkuma 'Dhukkubsatanii wal’aanamuurraa dursanii of eeggachuu wayya' jedhamu san ijaaranii diiguun deebisanii suphuurraa dursanii wal hubatanii hojjechuun barbaachisaadha.

Tibbana dhimma kanarratti Ejensiin Qindeessa Bu’uuraalee Misoomaa Federaalaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii taasisee ture. Maricharratti dhimmootni babal’ina bu’uuraalee misoomaatti gufuu ta’an hedduun ka’aniiru. Eeggaataan daarektarri olaanaan ejensichaa, Obbo Solomoon Gabramadiin qindoominaan hojjechuu dhabuun babal’ina bu’uuraalee misoomaa quucarsaafi gufachiisaa jira.

Labsiin 857/2006 ba’e akka ibsutti dhaabbileen misoomaa mootummaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa gaggeessan kamuu ejensicharraa eeyyama fudhachuu qabu. Ejensichis dhaabbilee ulaagaa guutaniif eeyyama kenna.

Haaluma kanaan dhaabbileen misoomaa itti waamamnisaanii ejensichaaf ta’an Itiyoo-telekom, korporeeshinii daandii baaburaa, abbaa taayitaa daandiiwwanii, humnaafi tajaajila ibsaafi dhaabbata buufatoota xayyaara Itoophiyaati.

Dhaabbileen kunneen eeyyama ijaarsa bu’uuraalee misooma kan fudhatan ejensicharraati. Ejensichi eeyyama ijaarsa kennuu qofa osoo hintaane ijaarsa dhaabbileen kunneen taasisan ni to’ata ni hordofas.

Abbaa taayitaa daandiiwwaniirraa namootni yaada kaasan akka jedhanitti maastar pilaaniin dhibuunsaa ijaarsa daandiirratti gufuu guddaa ta’aa jira. Kunis wayita daandii hojjetan ujummoon bishaaniis ta’e sararri teelee qixa kamiin akka awwaalame wanti ibsu waan hinjirreef wayita ujummoon cabee akkasumas sararri telee cite dhaabbilee kunneen waliin waldhabbii uumamu danuudha.

Waldhabbii qofa osoo hintaane baasii dabalataan baasuun wayita suphan yookiin beenyaa kaffalanis ni jira. Caalaatti daandiiwwan biyyattii kanaan dura ijaaraman pilaanii ammayyaatiin waan hintaaneef rakkoon kun dabala deema.

Ejensicharraa haala kenniinsa eeyyama ijaarsa bu’uuraalee misoomaa ilaalchisee ibsa kan kennan Aadde Tsaggaa Fayyisaa akka jedhanitti, maastar pilaanii ilaalchisee komiin dhaabbilee misoomaa biraa ka’u sirrii ta’us hanga maastar pilaaniin qophaa’utti dhaabbatni bu’uuraalee misoomaa ijaaru kamuu abbootii gaheen waliigaltee qabaachuusaa ragaa dhiyeessuu qaba.

Bu’uuraaleen misoomaa ijaaraman kunneenis eegumsa naannawaarratti bifa dhiibbaa hinuumneen ta’uu qaba. Dabalataanis mashinootaafi humna namaa gahaa qabaachuun ulaagaalee eeyyama ijaarsaaf fudhachuuf gargaaran keessaa isaan tokko.

Walumaagalatti, guddina biyyi keenya eegalte gara caalutti ceesisuu keessatti babal’inni bu’uuraalee misoomaa haalaan barbaachisa. Ta’us qindoominaan hojjechuu dhabuurraa kan ka’e isa inni tokko ijaare inni kaan diigaa wayita diigu arguu gocha baratamaa ta’aa dhufeera. Kanaan booda garuu dhaabbatni kamuu hirmaannaa abbootii gaheen ala ijaarsa bu’uuraalee misoomaa akka hindandeenye qajeelfamni ba’eera.

Qindoominaan hojjechuu dhabuun bu'uuraalee misoomaa miidhagoo akkanaa miidha

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Published in Oduu biyya keessaa
Friday, 12 January 2018 22:57

Tokkoomuun dhimmoota hundaaf bu'uura

Jirbiin waliigaltee arba hiiti akkuma jedhame waliigalteen milkaa’inaaf bu’uura. Ummatni Oromoo ummata guddaa, gaanfa Afirikaati.

Itoophiyaa keessatti baay’inaan sadarkaa duraarra jira. Haa ta’u malee, ummatni kun baay’inasaarra kan darbe dhiibbaan siyaasaafi dinagdee uumaa jiru sadarkaa barbaadameen miti.

Kanaafis sababni tokkummaa dhabuusaati. Ummatni kun rakkoo kana waliin dhalate osoo hintaane summii gitoonni bittaa darban ummata kana qoodanii bituuf akka isaaniif ta’utti facaasaa turanirraa madda.

Injifannoon ummatni Oromoo kaleessa diinotasaarratti galmeessaa ture meeshaa waraanaa ammayyaatiin osoo hintaane tokkummaasaatiini. Summiin yeroo sana ummata jabaa kana gidduutti faca’e akka ijoolleen ilmaan abbaa tokkoo waliif hingalle, ija shakkiitiin wal ilaalan taasiseera.

Kanumarraa ka’uun godinaan, aanaafi gandaan walqooduurra darbee ilaalchi lagaan walqooduu dagaaguu danda’e. Walqoqqoodiinsi kun ummata jabaa kana humna dhowwuun alagaaf humna jabaa uumaa ture. Ministirri muummee Itoophiyaa duraanii, Obba Mallas Zeenaawwii jeequmsa Oromiyaa keessatti mudatee ture ilaalchisanii, “Ummatni Oromoo ummata guddaadha.

Ummatni kun jeequmsaaf kanaan loltuu Itoophiyaa miti loltuun Afrikaayyuu dhaabuu hindanda’u,” jedhanii turan. Kun kan mul’isu ummatichi tokkummaan kanaan humna guddaa qabaachuu mul’isa.

Hayyootni, abbootiin gadaa, jaarsoliin, dargaggoonniifi artistoonni Oromoo tokkummaafi waliigaltee jedhame kana arguuf ifaaja guddaa taasisaa turan. Angafa aartii Oromoo kan ta’e dooktarri Kabajaa Artisti Alii Birraa, “Namamoo Rabbumaa kan seera jallisee, haati keenya takka maaltu addaan nu baase?” jechuun tokkummaa Oromoo labsaa tureera.

Ifaajji gama maraan taasifame ummata naannichaa golee arfan jiran walitti fidee tokkummeesseera. Dhimma kana ilaalchisee paartiileen morkattootaa tokkummaan barana argame seenaa qabsoo Oromoo keessatti isa olaanaadha.

Akka paartiileen morkattootaa Oromoo kunneen jedhanitti dur yommuu godina tokkorra rakkoon ga’u godinaaleen biroo callisaan ilaalaa turan. Amma garuu ilaalchi kun seenaa ta’uun walii birmachuufi waliif dhukkubsachuun bifa addaatiin taasifamaa jira.

Tokkummaa argame kana gara fuulduraatti tarkaanfachiisuufis qaamolee biyya keessaas ta’e biyya alaa waliin qindoominaan kan hojjetan ta’a. Dhimma Oromoorratti garaagarummaa siyaasaa tokko malee hojjechuufis fedhii guutuu qabu.

Amma barri bara itti garaagarummaa ilaalcha siyaasaatiin wal gaarerfatan miti. Caalaattuu, walhubatanii yeroo itti waliin hojjetaniidha. Warraaqsa siyaasaa amma uumameenis ummatni Oromoo kana kan barbaadu.

Akka paartiileen kunneen jedhanitti gamaafi gamana dhaabatanii dhagaa walitti darbachuun qabsoo Oromoo boodatti harkisaa turuu hunduu hubateera. Amma garuu akka kana duraa hojii walitti bishaan dhangalaasuu caalaa paartii Oromoof waan gaarii hojjete tumsaa, kan faallaa kanaa socho’uu ammoo yeroo itti sirreessaa deemaniidha.

Hundaa ol qaamolee hawaasaa gara garaa waliin hojjechuuf carraaqqii guddaa taasisu. Kaleessi seenaa waan ta'eef irraa barachaa har’i ammoo carraa ta’uu hubatamee kan irratti hojjetaniidha. Gara garummaan paartiilee maqaa Oromootiin socho'aa jiran jidduu tures daran dhiphachaa dhufeera.

Walumaagalatti, tokkummaan yeroo ammaa argame seenaa qabsoo Oromoo keessatti isa olaanaadha. Tokkummaa kana caalaatti kan fide miidhaa sababa walitti bu'iinsa daangaatiin qaqqabeedha. Tikkummaan kun walii birmannaa ummanni Oromoo daangaa hanga daangaatti taasiseen mirkanaa'eera.

Kanaafuu, tokkoomuun dhimmoota hundaaf bu'uura ta'uun hubatamee miirri eegalame kun dhimmoota hundarratti caalaatti cimee ittifufuu qaba.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Published in Yaada

Doktar Nagaasoo Gidaadaa bara 1987 hanga 1993tti pirezidaantii Mootummaa Rippaabiliikii Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa (RFDI) jalqabaa turan. Isaan hayyuu oggaa heerri RFDI ragga'u qooda guddaa fudhataniidha.

Gaazexaan Bariisaas tibbana mana jireenyaasaaniitti argamee dhimmoota gara garaa keessumaa dhimma heera biyyattiifi walitti bu'iinsa daangaa Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuun isaan wajjin gaafdeebii geggeesseera.

Akka Doktar Nagaasoon jedhanitti, keeyyatoota heera biyyattii hundarratti namni hundi waliif hingalle. Kanneen hojiirra hinoolle akkasumas sirreeffamuu qabaniiifi qabxiileen yeroo heerichi qophaa'e irraanfataman jiru.

Biyya sabaafi sablammii hedduu qabutti sirna dimokraasii isa kamiin wayya kan jedhurratti heera Itoophiyaa sakatta'een ture kan jedhan Doktar Nagaasoon, keeyyattoota heerichaa tokko tokkorratti waldhabdeen akka jiru, keeyyattoonni hundumtuu irratti waliif hingalles akka jiraniifi yeroo heerricha qopheessinitti qabxiileen irraanfataman kan jiran ta'uu dubbatu.

Keeyyatoonni heerichaa sirreeffamuu qaban akka jiran eeranii, heerri tokko yoo ummata harka caalaadhaan fudhatame malee mootummaa heera sanarratti hundaa'ee ijaarame mootummaa heera sana irratti hundaa'ee ijaarame fudhachuu hin danda'u. Kanaafuu keeyyattoota heera biyyattiirratti walii hingalamin jiranirratti waliigalteen akka uumamamuuf hojjetamuutu irra jira. Qabxiileen yeroo heerichi qophaa'u irraanfatamanis utuu xiyyeeffannaa argatanii sirrii ta'uu himu.

Yeroo heerri amma hojiirra jiru qophaa'etti paartiileen mormitootaafi dhaabbileen irratti hinargamne akka jiranillee addeessanii, deggertoonnisaaniis adeemsa heericha qopheessuufi mirkaneessuu keessatti qooda hinfudhanne jedhu.

Wixineen heerichaa qopheessuuf gaaffiileen 73 qophaa'anii ummatni akka irratti mari'atu ta'uu kan eeranii, gaaffilee dhiyaatanis “Sirna federaalizimii moo sirna durii tokkummaa wayya? Waa'ee hiree ofii ofiin murteeffachuu ummataa heera keessa galuu qaba moo hinqabu? Lafti kan dhuunfaa haata'u moo kan mootummaa ta'ee haa turuu”fi kan kana fakkaatan ta'uu himu.

Akka Doktar Nagaasoon jedhanitti, ummatni wixinee heeraarratti hinmari'anne. Wixineen heeraa kan qophaa'e gaaffiilee 73 ummatni irratti mari'aterratti hundaa'uudhaani. Nama meeqatu mari'ate jennee yoo ilaalle fakkeenyaaf gandi tokko namoota kuma tokko yoo qabaate kana keessaa kan gaaffiilee dhiyaatan irratti mari'atan namoota 200 hincaalan. Kun ammoo ummatni bal'aan akka irratti hinhirmaanne kan agarsiisuudha. Kun hanqina qophii heerichaarratti ture keessaa isa tokkodha.

Wixinee heerichaa namoota 29 ta'anii qopheessan paarlaamaa ce'umsaatiif dhiyeessuusaaniis eeranii, paarlaamichi wixinee heerichaa dhiyaateefiirratti walfalmee mirkaneessuuf yaa'iin akka qophaa'u taasisea. Namootni aanaalee 547 dhufan yaa'icharratti argamuun wixinee heerichaa mirkaneessuu irratti qooda fudhataniiru. Paarlaamaan ce'umsaafi namoonni aanaaleerraa filatamanii dhufan dhimmoota hundarratti waliigaluun qabxiilee lama irratti walfalmaniiru. Qabxiileen kunniinis waa'ee hiree ofii ofiin murteeffachuufi waa'ee lafaati kan uummataa moo kan mootummaa haa ta'u kan jedhurratti ture.

Akka Doktar Nagaasoon jedhanitti, dhimmoota alaabaa, afaanii, federaalizimii, lafaa, hiree ofii ofiin murteeffachuu irratti ammayyuu falmiin ni jira. Kanaafuu ummatni bal'aan gaafatamee heera kanarratti mari'atamee furmaanni utuu itti kennamee gaariidha yaada jedhu qabu.

Keeyyattootni heerichaa hojiirra hinoolle kanneen akka keeyyata 49(5) waa'ee faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa argachuu qabdi jedhuufi keeyyanni waa'ee mirga namummaa ibsufaan waggoota 23f utuu hojiirra hinoolin jiraachuus ni eeru.

Keeyyati 30 waa'een walitti qabamuufi hiriira ba'uu, keeyyatini 31 abbaan barbaade yaada barbaade qabaatee ijaaramuu ni danda'a jedhu, keeyyatni 38 waa'ee filannnoo ibsu, keeyyatoonni 50 hanga 52tti jiraniifi waa'ee federaalizimii ibsan haalaan hojiirra oolaa akka hinjirre qeequ.

Heera irratti waldhabdeen jiraachuu ni mala. Heera mootummaa irratti waldhabdeen yeroo uumamu kan sirreessu Mana Maree Federeeshiniiti jenne yeroo heerichi ba'u. Miseensonni mana marichaa kan babahan paartiidhuma tokko keessaa waan ta'eef waldhabdee uumamu akka paartichaaf ta'utti murteessu. Kun sirrii miti jedhu.

Heera akka Macaafa Qulqulluufi Quraanaa hinjijjiiramu jechuurra ummatni bal'aan, hayyootni, abbootiin amantiifi paartiileen biyya keessaafi biyya alaa jiran hundi irratti mari'atanii fooyyessuu akka barbaachisu dubbatu.

Heera kan baasu Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataa waan ta'eef keeyyatoota heerichaa sirriitti otoo hojiirra hinooliin turaniifis manni marichaa gaafatamuu qaba. Mana marii miseensonni harka caalu Oromoo ta'anitti waa'een faayidaa addaa Oromiyaa utuu hojiirra hinoolin waggoota 23 lakkoofsisuun sirrii miti” jedhu.

Waa'ee faayidaa addaa Oromiyaarratti manni marii ministirotaa wixinee qopheessee paarlaamaaf dhiyeesse keessatti wantoonni galuun irra jiraatu tokko tokko galaniiru. Garuu yaada ummatni Oromoo irratti mari'ateeraa jedhurratti gaaffiin qaba”.

Heerri kan jedhu naannoo Oromiyaatiif bulchiinsi Finfinnee jedha malee waa'ee nama dhuunfaa Oromoo tokko waan jedhu hinqabu. Lafti Oromoota Finfinnee keessaa haa kennamu kan jedhu waa'ee nama dhuunfaati malee naannoo Oromiyaa bakka hinbu'u”.

Sirna federaalaatiin bulla, giddugaleessi sirna federaalaa kun Finfinneedha erga jennee itti waliigaluu qabna. Finfinneen kan hunda keenyaati jennee erga irratti walii gallee Finfinneen kan hunda keenyaa ta'uu qabdi. Finfinneen dur lafa Oromoo waan turteef kan Oromoo ta'uutu irra jira waanti jedhamu sirrii miti. Namootni dhuunfaa mootummaa federaalaafi bulchiinsa Finfinnee keessa hojjetan daldalaafi hojiilee gara garaatiin dhufanis jiru. Mirgisaanii akka heerri eyyamutti kabajamuu qaba. Finfinneen kan Oromiyaa waan taateef fudhachuutu nurra jira inni jedhamu anaaf rakkoo qaba jedhu Doktar Nagaasoon.

Namootni Finfinnee keessa jiraataniifi naannoleen nutis waa'ee Oromiyaafi Finfinneerratti murteessuu qabna jedhan jiru. Kun sirrii miti. Finfinneen handhuura Oromiyaa waan taateef faayidaa Oromiyaan Finfinnee irraa argachuu qabdu heeraan taa'eera. Faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa argachuu qabdu kabajamuun lammiilee biroo keessatti sodaa uumuu hinqabu. Mirgi namummaafi dimokraasii nama kamiiyyuu akka kabajamuuf heeraan tumameera. Mirgi ummata Finfinnee keessa jiraatuu eegamuu qaba. Erga mirgoonni kunniin hundumaafuu kabajamanii waanti sodaa fidu hinjiru.”

Gama biraatiin bu'uura keeyyata 30n lammiin kamuu mana keessattis ta'e alatti walga'ee yaadasaa ibsachuuf mirga qaba kan jedhan Doktar Nagaasoon, garuu yeroo yaadasaa dhiyeeffatu akkama barbaadetti karaa qaamni, lubbuu akkasumas qabeenyi lammii biraa, ummataafi mootummaa hintuqamneen ta'uu qaba. Mirgi kun karaa mootummaatiin sirriitti kabajamuu qaba jedhu.

Akka Doktar Nagaasoon jedhanitti, qaamni hiriira ba'ee yaadasaa dhiyeeffachuu barbaadu dursee guyyaa, bakka, dhimmaafi nama hammanaa qabatee akka ba'u poolisii naannawa sanaatti beeksisuu qaba. Poolisiinis sa'aatii 48 keessatti haala jiru xiinxalee deebii kennuu qaba. Deebii poolisiin kennu kun dhowwuu ykn eeyyamuu miti. Dirqamni poolisii nageenya namoota ba'anii eeguufis ta'e yakka uumamuu danda'u ittisuuf humna qopheeffachuudha.

Humna isaa ilaalee yoo battala sanatti humna nageenya eegumsaa gahaa hinqabu yoo ta'e naaf obsaa jedhee guyyaan akka dheeratuufiif qaama hiriira ba'uuf gaaffii dhiyeesse waliin walitti dhufeenyaan hojjeta. Poolisiin sa'aatii 48 keesatti xalayaadhaan deebii yoo kennuu baate sa'aatii 72tti hiriira ba'uun ni danda'ama. Seerri kun qaamolee mootummaa birattis ta'e hiriira ba'an biratti sirriitti hojiirra ooluu qaba jedhu.

Lafumaa ka'anii har'uma hiriira nagaa bahuun rakkoodha. Hiriira nagaa ba'uun yaada ofii ibsachuun, karaa nagaatiin ta'uu qaba. Dhagaa darbachuufi qabeenya barbadeessuuf ta'uu hinqabu. Qaamni hiriira sana qindeessus jiraachuu qaba.

Sababa walitti bu'iinsa daangaa Oromiyaafi Somaaleetiin lammiileen kuma 600 ta'an qe'ee ofiiirraa buqqa'aniiru. Kun erga ta'ee ji'oonni lakkaa'amaniiru. Ummatni biyyattii gochicha ba'ee balaaleffaachuu qaba ture. Sochii Mootummaan Federaalaa dhimma kanarratti taasises laafaadha. Rakkoon kun kan uumame mootummaan waan bara 1997 daangaa naannolee lameenii ilaachisuun murteeffame hojiirra ooluu dhabuusaatiin waan ta'eef kun ammas itti yaadamuu qaba. Warra seeraan ala socho'aniifi rakkoo kun akka uumamu taasisuu keessaa harka qabanis seera jala oolchuu akka qabu dubbatu.

Waggaa lamaan kana keessatti namoonni baay'een hidhamaniiru. Isa duras kan hidhamaniifi hanga yoonaatti murtii hinargatin mana sirreessaa keessa jiran jiru. Ani balleessaniiru hinballeessine jechuu hindanda'u. Ani waantin beeku mootummaan kun akka isaaf ta'utti seera tuma. Murtees dafee hinkennu. Haalli kun jijjiramuu qaba.

Doktar Nagaasoon ibsa ADWUIn tibbana kennerratti nuuf kennaniin, “Ummata Oromoo heddu ajjeefame, qaamni hir'ate, qabeenyisaa manca'eefi buqqa'ee baqatee kaampii keessatti rakkataa jira, kan lakkoofsaan kuma 600 caaluuf aanga'oonni sababa ta'an ittigaafatamanii tarkaanfiin adabaa irratti fudhatamuu qaba.”

Rakkoolee armaan olitti eeraman furuuf paartiin biyya bulchaa jir paartiilee siyaasaa ummataafi hayyoota biyya keessaafi alaa mariisisuun daran barbaachisaadha jechuun yaadasaanii goolabaniiru.

Natsaannat Taaddasaafi Charinnat Hundeessaatiin

 

Published in Siyaasa

Itoophiyaa hiyyummaafi boodatti hafummaa keessaa ba’uuf tattaafachaa jirtutti baajanni waggaa waggaadhaan ramadamuufi qabeenyi biroon sirnaan ogganamuufi hojii hojiirra ooluun daran murteessaadha.

Maallaqa biyyattiin sabbata haadha hiyyeessaarraa eegalee bifa gibiraatiin sassaabdee deebiftee bu’uuraalee misoomaa ittiin babal'isuuf ramaddu sirnaan hojiirra oolchuun dirqama ta'us, babal'achuu sassaabdummaa kiraatiin walqabatee qisaasamni maallaqaafi qabeenyaa waajjiraalee mootummaa fooyya'uu gaafata.

Gabaasni odiitii gama kanaan akka biyyaattis ta'e naannoleetti yeroo adda addaa qaamolee dhimmi ilaallatuuf dhiyaatanis dhugaadhuma olitti eerre kan jabeessuudha.

Fakkeenyaaf, Manni Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa gabaasasaa raawwii hojiisaa Caffee Oromiyaa baatii Adoolessaa darbe dhiyeesseen qisaamni qabeenya mootummaafi ummataarratti raawwatamu xiyyeeffannaa guddaa akka barbaaduu hubachiiseera.

Odiitarri ittaanaan mana hojichaa, Obbo Amantee Machaaluu tibbana akka jedhanitti, manni hojiisaanii aangoo seeraan kennameef irratti hundaa'uun sirna ittifaayyadama bajtaa, raawwiifi karoora hojii, dhimmoota faayinaansii, hojmaata malaanmaltummaan walqabatanirratti hojjetee argannoosaa qaamaa dhimmi ilaaluuf yoo dhiyeessellee tarkaanfiin sirreessaa fudhatamu laafaadha.

Manni hojichaa odiitii geggeesseen hanqinoota kaffaltii danbiifi qajeelfamarratti osoo hinhundaa’in raawwatamu, maallaqa hangaa ol kaffalamu, kaffaltii raawwatameef ragaan dhiyaatu dhabamuu, bittaan meeshaalee qajeelfamaan ala raawwatamuu, pirojektotaafi sassaabbii gibiraa fa'iin walqabatanirratti argannoo irra gahe qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeesseera.

Waajjiraaleen dhimmi ilaallatuufi qaamni gabaasichi dhyaateef garuu argannoo odiitii manni hojichaa ragaa qabatamaa wajjin qindeessee yoo dhiyeessellee ammayyuu tarkaanfiin sirreessaa fudhatamaa jiru ifatti hinmul'atu.

Kana malees sirna qabiinsaafi ittifayyadama meeshaaleerratti hanqinoonni hedduun jiru. Meeshaaleen bitaman hedduun sadarkaasaanii kan eeggatan miti. Haalli bittaas sassaabdummaa kiraatiif kan saaxilamaadha.

Waajjiraalee hedduu keessa sanadoonni baay’inaafi akaakuu meeshaalee ibsan hinjiran. Meeshaaleen bitamaniifi ergifaman akkasumas mankuusawwan keessa jiran hedduun galmee hinqaban.

Meeshaalee dhaabbataafi dhumeeyyii jiran sirriitti addaan baasanii beekuun rakkisaasha. Kun ammmoo abbaan fedhe qabeenya barbaade akka saamuuf karra kan saaquudha.

Keessumaa, Oromiyaatti konkolaattonni danuun waan ragaa hinqabneef qabeenyichi kan eenyuu akka ta'e hanga addaan baasuun nama rakkisutti rakkoon mudataa jira. Suphaa konkolaataatiin walqabatees hanqinoonni jiru. Suphaan konkolaataa qaama seeraan caalbaasii mo’ateen kan raawwatamu osoo hintaane namni fedhe qarshii fedheen bakka fedhetti suphisiisa. Kunis qisaasama maallaqaatiif sababa guddaa ta’aa jira.

Raawwiifi qulqullina pirojektota guguddoo naannicha keessatti hojjetamaa jiraniin walqabatees komii guddaan hawaasa bira jira. Odiitii taasifameenis ijaarsa pirojektotarratti hanqinoonni jiru.

Galii sassaabuurratti madda galii qorannoon deggaranii karoorsuufi galii duguuganii sassaaburratti rakkoo guddaatu jira. Kaffaltoota gibiraa hordofuufi to’achuun daran laafaadha. Sassaabbii gibiraa wanti walxaxaa taasisu kaffaltoonni gibiraa hedduun galmee qabaachuu dhabuudha.

Waajjiraalee naannicha hunda keessa rakkoon jiraatus kan Abbaa Taayitaa Daandiiwwan, Biiroo Bishaanii, Albuudaafi Inarjii, Biiroo Eegumsa Fayyaa, Ejensii Bittaa, bulchiinsa qorichaaafi to’annoo meeshaalee wal'aansaa, Abbaa Taayita Galiiwwanii, Biiroo Maallaqaafi Walta'insa Dinagdee ni eeramu.

walumaa galatti, yaadni odiitii digadee biyyattii baraaruuf sadarkaa gadaanaarra jiraachuu isa kan mul’isu waan ta’eef hooggantoonni manneen hojii mootuummaa xiyyeeffannoo kennuun qabeenyi muraasa qabnu haala dinagdaawaafi si’aawaa ta’een tajaajila ummataatiif oolchuun irraa eegama. Waajjiraaleefi dhimmi ilaallatuufi qaamni gabaasni argannoon odiitii dhiyaateefis tarkaanfii sirreessaa fudhachuu qabu.

Published in ijoo-dubbii

Ummatoota lammeen biratti jaarsummaan aadaa bakka olaanaa qaba

Itoophiyaan biyya saboonniifi sablammoonni 76 keessatti argamaniifi naannolee sagal qabdu yoo taatu, daangaa bulchiinsaa sababa godhachuun naannolee gidduutti walitti bu’insi takka takka ni oggaa uumamu mul'a.

Kun ta’us walitti bu’insa uumameen balaa hamaan osoo hinqaqqabiin mala aadaatiin dhimmicha gadi fageenyaan ilaalanii karaa salphaa ta’een furuuf yeroo kan fudhatu ta’ee argamee hinbeeku.

Sababnisaas saboonni waldaangessan hedduunsaanii gaa’elaan, afaaniin, aadaadhaan waan walmakanii jiraniif rakkoo uumame jaalalaan hiikuun alatti filannoon biraa hinjiru. Darbees sosochii hawaas dinagdee saboota gidduutti uumamu kanarraa hunduu fayyadamaa waan ta’eef waldhabdeen uumame dafee akka dhaabatuuf shoorri jaarsolii biyyaa guddaadha.

Jaarsi biyyaa akka Oromiyaattis ta’e akka Beenishaangul Gumuzitti kabaja waan qabuuf murtee jaarsi biyyaa dabarse hojiirra oola. Haaluma kanaan Oromoofi ummatoonni Benishaangul Gumuz kallattii lixaatiin kan waldaangessan yoo ta’u, sosochii hawaasummaatiin kan walitti hidhamaniidha.

Keessumaa odeeffannoon kitaaba, “Ethinography of Ethiopia” jedhamurraa arganne, dur Oromoonni jirbii gabaa Benishaangul Gumuziif yoo dhiyeessan warreen Benishaangul Gumuz ammoo warqee dhiyeessuun soosochii hawaas dinagdee isaaniirratti walutubuun as gahaniiru.

Yeroo tokko tokko dhimmuma faaydaa daldalarraa argamu kana wajjin walqabatee wayita walitti bu’insi mudatu jaarsi biyyaa naannolee lamaan keessaa babahan walitti dhufanii araarri akka bu’u gochaa turan, jirus.

Adeemsa kanaan sababa waldhabdeetiin dhiigni namaa akka hindhangalaane, lubbuun akka hinbaane, qaamni akka hin hir’anneef jaarsi jidduu galee mala furmaataa kenna, araaras buusa.

Araara barbaadame buusuufi walitti dhufeenya naannoolee lamaanii mijataa taasisuuf jaarsoliin naannoolerraa filataman kunneen sangaa qalmaa biftisaa adii lama qopheessu.

Sangoonni qalmaaf dhiyaatan kunneen bifti isaanii adii kan ta’eef ilaalcha qulqullummaa, muudaa hinqabneefi mallattoo dhiifamaafi nagaa buusuuti jedhamee waan yaadamuufi.

Sangoonni qophaa'an lamaan keessaa tokko Oromiyaarraa inni biraammoo Benishaangul Gumuziin kan dhiyaatu yoo ta’u, daangaa bulchiinsaa naannolee lamaanii irratti bakka ummatni walitti qabametti waleebbisanii qalmicha raawwatu.

Qalmi sangootaa namoota kabaja hawaasaa qaban naannolee lamaan keessaa filatamaniin erga raawwatee dhiiga sangoota kanneenii warabuun gabatee mijuutti walitti maku.

Walittimakamuun dhiiga kanaa ergaa, “Saboonni lamaan dhiigaan tokko. Kana booda waldhabdeen isaan gidduutti hinuumamu” jedhu of keessaa qaba.

Dhiigaan tokko ta’anii gargar bahuun, ija hamaadhaan walilaaluun akka aadaa jaarsa biyyaatti dogoggora waan ta’eef jiruufi jireenya tasgabbii qabu akka gaggeessaniif kan aggaamameedha.

Eddii qalmichi raawwatamee dhiignis walitti makamee booda foon affeelanii gabatee tokkotti dhiyeessanii wajummaan nyaachuun waleebbisanii araara buusanii galu.

Guyyaa araarri bu’erraa kaasee gadoo qabachuun hindandahamu. Waliif yaaduu, waliin nyaachuu, waliin dhuguu, gaddaafi gammachuu waliin hirmaachuun ittifufa.

Gochi aadaa akkasii barootaaf hojiirra oolaa kan ture yoo ta’u, guddina saayinsiifi teknolojii waliin walqabatee ilaalchi dur ture bakka dhabaa jira.

Dhaloonni haaraan biyyittiif abdii boruu ta’anis jaalalaafi nageenya naannolee lamaan gidduu jiru kana itti fufsiisuuf aadaa abbootii keenyaa dhaaluu qabu.

Waasihuun Takleetiin



Published in Aadaafi-Artii

Itoophiyaatti ayyaanonni amantii waggaa wagaadhaan kabajaman duudhaa gama amantiitiin qabaniin gamatti duudhaa hawataa aadaadhaan walqabatanirraa ka'uun wayita ayyaanota kanneeniitti daaw'attoonni heddu as yaa'u.

Ayyaanota duudhaa kanaan badhaadhan keessaa tokko ayyaana cuupaati. Jalabultiin ayyaanichaa hordoftoota amantii Ortodoksii biratti kataraa jedhamee beekama.

Itoophiyaatti taabota baatanii ayyaana cuuphaa kabajuun kan eegalame bara mootummaa Atsee Gabramasqal (bara 1486-1500) akka ta'e himama.

Oggaa taabonni gara laga cuuphaa geeffamuufi deebifamu hordoftoonni amantichaa uffannaawwan gara garaatiin miidhaganii dhiironni shubbisaan dubartoonni ililleedhaan waa'elchu.

Cuuphaan kan kabajamu cuuphamuu Yesuus Kiristoos Laga Hordaanositti raawwatame yaadachuuf yoo ta'u, hordoftooni amantichaa duudhaasaa eeggatanii bishaan facaafachuun kabaju.

Ayyaanni cuuphaa sirna amantii maddiitti dhuudhaalee aadaas kan of keessatti qabateedha. Ayyaana kanarratti saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa taphawwansaanii daran miidhagu afaanota adda addaatiin ni dhiyeessu.

Namoonni ayyaanicha kabajamuuf deeman walbeekanis beekuu baatanis gaafa sana wajjummaan taphatu, burraaqu, shubbisu.

Kanaan walqabatees ayyaanichi dargaggoota walkaadhimmachuu barbaadaniifis carraa gaarii ni uuma. Umanni ayyaana kana sanyiifi halluu otoo addaan hinbaasin tokkummaadhaan kabaju. Kanaafuu ayyaanichi ummata walitti dhiyeessa, aadaa walgargaarsaas ni guddisa.

Ayyaana cuuphaa kabajuuf lammiileen biyyoota adda addaa, dippiloomaatoonni, ambaasaaddaroonniifi qondaaltonni mootummaa olaanaan akkasumas abbootiin amantiifi amantoonni ni argamu.

Ayyaanni kun naannawawwan biyyattii hundatti yoo kabajamellee mogaalota Gondar, Laallibalaa, Maqalee, Aksuumiifi Finfinneetti sirna addaatiin iddoowwan qophaa'eefitti sirna ho'aadhaan ayyaaneffama.

Ayyaanonni amantii biyya keenyatti kabajaman akkuma irranatti eeruun yaalame aadaa waljaalalaa, tokkummaa, nageenyaa, walgargaaruufi walutubuu ummatootaa kan cimsan waan ta'eef lammiileen biyyattii duudhaa kana caalaatti cimsanii eeguun akka dhalootatti ce'u gochuu qabu.

 

Published in Aadaafi-Artii

Taphni Guutuu Oromiyaa maqaa ammaa kana moggaafachuun dura Shaampiyoonaa Ispoortii Oromiyaa jedhamuun bara 1986 irraa kaasee waggoottan baay'eedhaaf adeemsifamaa tureera; hanga har'aattis adeemsifamaa jira. Maqaan kunis Mana Maree Ispoortii Oromiyaatiin jijjiiramuu akka danda'edha, kan hubatamu.

Tapha kanarratti Godinaaleefi Bulchiinsonni Magaalootaa sochi ispoortii taasisan keessatti walitti dhufeenya, jaalalaafi tokkummaa, akkasumas aadaafi duudhaa isaanii walirraa barachuufi wal-barsiisuu kaayyoo godhachuun waldorgomaa turaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Biiroon Dhimma Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaas immaamataafi tarsiimmoo gama ispoortiin qabame daran milkeessuuf, “Oromiyaan burqaa qofa miti galaana atileetotaa ni taati”dhaadannoo jedhuun taphoota Guutuu Oromiyaa jedhamu kana gandaa kaasee hanga sadarkaa naannootti waggaa waggaadhaan adeemsisaa kan turaniifi jiraniidha. Taphichi baranas yeroo 24faf Amajjii 20 bara 2010 Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti kan adeemsifamu ta'uu Biiroon Dhimma Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa ibseera.

Ittaanaan Ogganaa biirichaa Obbo Fissahaa G/Mikaa'eel tibbana ibsa kennaniin, taphiwwan Guutuu Oromiyaa baranaa kanarratti bulchiinsonni magaalootaafi Godinaaleen martuu hirmaachuuf qophii olaanaa taasisaa turuusaanii himaniiru.

Qophii kanaafs godinaaleefi bulchiinsonni magaalotaa ispoorteessitoota ciccimoo qabatanii gosawwan ispoortii ittiin hirmaataniin sadarkaa sadarkaadhaan dorgommaa akka turan ibsanii, tapha kanarratti waliigalaan bulchiinsota magaalotaa 18fi godinaaleen Oromiyaa 20 ta'an hirmaachuun kan dorgomaniidhaa jedhaniiru.

Tapha Guutuu Oromiyaa baranaas kan keessummeessu bulchiinsi magaalaa Bishooftuus qophii barbaachisaa maraa xumuruudhaan keessummootashee simachuuf guyyicha hawwiidhaan eegaa akka jirtu hubachuun danda'ameera.

Manni Maree Ispoortii Oromiyaas shaampiyoonicha sadarkaa sadarkaan gaggeessuuf bajeta qarshi mil. lamaa ol ramaduusaa kan ibsan Obbo Fissahaan milkaa'inasaaf hordoffiin walirraa hincitne taasifamaa jiraa jedhaniiru. Kaayyoon tapha kanaas Tapha Guutuu Itoophiyaa 6fa barana ji'a Bitooteessaa qopheesummaa naannoo Tigiraayiin; Maqaleetti adeemsifamurratti taphattoota ciccimoo Oromiyaa bakka bu'uun hirmaatan filuuf ta'uusaas beekameera.

Taphni Guutuu Oromiyaa kun bara 1986 yeroo jalqabaaf magaalaa Jimmaatti kan adeemsifame yoo ta'u, hirmaatonni godinaalee Oromiyaa 12 irraa bobba'aniifi atileetonni 500 ta'an gosoota ispoortii shaniin waldorgomuusaanii kan yaadatamuudha. Jimmis ofumaan qopheessuun bara sana shaampiyoonaa ta'ee ture.

Balballoommii Oduu

Tashoomaa Qadiidaatiin

 

 

Published in Ispoortii

Filannoon pirezidaantummaafi koree raawwachiiftu hojii adeemsifamuuf karoorfame gaaffii, Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Addunyaa(FIFA)n dhiheesseen yeroo arfaffaaf dheerachuusaa Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksise.

Guyyaa filannoon itti adeemsifamu Amajjii 5 bara 2010 Naannoo Affaar, magaalaa Samaraatti taasifama jedhamee beellamni qabamus gara Guraandhala 24 bara 2010tti kan darbe ta'uusaa federeeshinichi addeesseera.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Addunyaa(FIFA) tibbana xalayaa Federeeshina Kubbaa Miilaa Itoophiyaaf barreesseen akka ibsetti, filannoo dura federeeshinichi adeemsa isaarratti dhimmoota qoratu waan qabuufi guyyichatti bakka bu'oonni 'FIFA'fi 'CAF' sababa waancaa kubbaa miilaa Afrikaa adeemsifamaa jiruuf argamuu waan hindandeenyeef guyyaan qabame akka dheeratu gaafateera.

Filannoon pirezidaantummaafi koree raawwachiiftuu federeeshichaa adeemsifamuun kan isarra ture Sadaasa 1 bara 2010 ta'uu kan beekamuudha. Ta'us, yaa'ii mana maree federeeshinchaarratti gaaffii miseensonni dhiyeessaniin filannichi Mudde 16 bara 2010 akka adeemsifamu murtaa'us Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ammoo gara Amajjii 5 bara 2010 dabarsuunsaa kan yaadatamuudha.

Guyyaan filannoon itti adeemsifamu akkaataa kanaan ammas si'a arfaffaaf fagaachuunsaa jaalattoota kubbaa miilaa, miseensotaa mana maree federeeshinichaafi kilabootaa biyyattii gaddisiisuu akka danda'e hubatameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii

Filannoo pirezidaantummaafi koree raawwachiiftuu hojii Federeeshina Kubbaa Miilaa Itoophiyaaf dorgomaa kan jiran kaadhimamtonni naannoo Oromiyaa seerri federeeshichaa jijjiiramuu akka qabu ibsani. Kaadhimamtootnni kunneen kana kan ibsani wayita karoora hojiisaanii miidiyaaleef ibsa kennanittidha.

Pirezidaantummaaf dorgomaa kan jiran Obbo Isaayyaas Jirraa karoorasaanii akka ibsanitti, seerri Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ittin hojjechaa jiru guddina kubbaa miilaa biyyattiirratti dhiibbaa olaanaa waan uumeef geddaramu qaba. Kunis, seera Federeeshinii Kubbaa Miilaa Addunyaa(FIFA)fi Konfedereeshina Kubbaa Miilaa Afrikaa(CAF) baasaniin alatti sochiin kubbaa miilaa taasifamaa jiraa jedhanii, kunimmoo seerota kanneen waliin waan walfaallessuuf jijjiiramuu akka qabu ibsaniiru.

Isaanis waggootan 23n darbaniif sochiwwan adda addaa koree kubbaa miilaa Oromiyaa keessatti taasisaa turuusaanii yaadatnii, muuxannoo olaanaa qabaachusaanitti pirezidaantummaadhaan gaggeesuuf dorgomaa jiraachusaanii himaniiru.

Akka ibsa kaadhimamaa kanaatti, seenaa kubbaa miilaa Afrikaa keessatti Itoophiyaan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa akka jalqabamu adda dureedhaan ga'ee olaanaa taphattus ammaan tana maqaadhaaf malee kubbaa miilaarraa edda fagaattee oolee buleera. Biyyoonni kaleessa wayita gareen kubbaa miilaa biyyattii taphatu jajaa turan har'a ammoo Itoophiyaan duubatti deebi'uudhaan faallaasaa teessee ilaalaa jirtii, jedhaniiru. Kunimmoo dhaloota har'aa waliin bakka kaleessaatti deebisuuf ciminaan hojjechuun murteessaa ta'uusaa mul'isaa, jedhaniiru.

Rakkoolee gurmaa'ina ispoortii kubbaa miilaa keessatti mul'ataniin kan ka'e kufaatii garee kubbaa miilaa biyyaaleessaaf qaamni abbummaadhaan itti gaafatamu waan hinjirreef seerri haaraa bahu akka falaatti kan fudhatamu ta'uusaa himaniiru.

Koree raawwachiiftuu hojiif Oromiyaa bakka bu'uun kan dorgoman Doktar Haayilee Ittichaafi Obbo Kamaal Huseen gamasaaniin, kufaatii ispoortii kubbaa miilaa Itoophiyaa baraaruuf walta'iinsaan hojjechuun barbaachisaa ta'uu eeraniiru. Furuufis nuffii malee kan hojjetan ta'uusaaniis ibsaniiru.

 

Published in Ispoortii
Page 1 of 2

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001468317
Har'a/TodayHar'a/Today4606
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday8253
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week43537
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1468317

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.