Items filtered by date: Friday, 05 January 2018

Koreen raawwachiistuu hojii ADWUI walga'ii Mudde 3 bara 2010 irraa eegalee guyyoota 17f geggeeffateen rakkoolee gama misoomaa, hawaas-dinagdeefi siyaasaatiin biyyattii mudatan furuurratti xiyyeeffatee mari'ateera.

Kanumarratti hundaa'uunis rakkooleen siyaasaa mul’achaa jiran kallattii hundumaan sadarkaa yaaddessaarra waan gahaniif, waliigalteedhaan murtoowwan sirriin walga'icharratti darbuusaanii ilaalchisuun ittigaafatamtootni dhaabbilee biyyaalessaa afrani Roobii darbe ibsa wajjummaa kennaniiru.

Dura taa'aan Sochii Dimokraasummaa Ummatoota Itoophiyaa Kibbaa /Adda Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa (SDUIKfi ADWUI)fi Obbo Hayilamaariyam Dassaalany akka ibsanitti, waltajjii marii koree raawwachiistuun hojii guyyoota 17f adeemsifameen, rakkoolee samii gaditti biyyattii mudachaa jiran hundumaa furuuf marii bal’aafi gadi fagoo taasifameen waliigalteerra gahuun danda’ameera.

Kunis, maddi rakkoolee eessa akka ta’an adda baafachuuf marii, falmiifi gamaggamni taasifamuusaa ibsaniiru. Maddisaa, walshakkii, walamantaa dhabuufi waljibbuu ta’uus kan hubatame yoo ta’u, kana ammoo walitti dhiyeenyaan furuuf waliigalteerra gahuusaanii addeessaniiru.

Seenaa Itoophiyaan dabarsite keessatti biyya hiyyummaafi doofummaan beekamaa turte, har’a ammoo jijjiiramuun misooma itti fufiinsa qabu keessa galtee akka jirtu kan eeran ministirri muummichaa, kunis imala haaromsaa keessa gallee akka jirru kan argisiisuudha.

Wayita ammaa garuu rakkoo hamaa mudate osoo hinfuriin darbuurraan kan ka’e dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu biyyattii rakkoo hamaafi sodaachisaa keessa galcheera. Kanarraa ka’uun waltajjii marii koreen raawwachiistuu hojii tibbana gaggeessaa turerraa bu’aan eegamu argamuusaa ibsaniiru.

Dura taa'aan Sochii Dimokiraasummaa Saba Amaaraa, Obbo Dammaqaa Mokonnoon gamasaaniin akka jedhanitti, ADWUIn kanaan dura waltajjii qorannaa hojii adeemsifataa turerraa kan ammaa gama hundaan adda.

Dura taa'aan DhDUO, Obbo Lammaa Magarsaas akka dubbatanitti, waggoota kurnan lamaan darbanitti ADWUIn dhaaba sochiilee misooma kallattii hundumaan haala itti fufiinsa qabuun dhugoomsuu danda’eedha.

Hanguma gama misoomaatiin milkaa’e dogoggorootni hedduunis mudachuu eeranii, kunis keessumaa waggoota lamaan darbanitti rakkooleen siyaasa biyyattii daran akka hammaatu ta'eera jedhu.

Rakkoo kana akka dhaaba ittigaafatamummaa qabu tokkootti furuuf guyyoota kudhanii oliif mariin gaggeeffameera; ija shakkiin walilaaluufi walamantaa dhabuun bu’uurarraa furmaata akka argatan gochuun danda’amuusaa ibsaniiru.

Kunis, jalqabumaa eegalee rakkoolee jiran mara furuuf kutannoon kan seename ta'uu eeranii, kanarraa ka’uun dhimmoota wayitii biyyattiin keessa jirturratti kan mari'atame yoo ta’u, biyya milkaa’ina hawaas-dinagdeerra jirturratti rakkoon siyaasaa mudachuun bu’aawwan argaman kan dukkaneessu ta’uun ilaalameeraa jedhu. Kanaaf ammoo paartiin olaantummaan biyyattii gaggeessaa jiru murteewwan sirrii dabarsuun furuu akka qabu waliigalteerra ga'amuusaa ibsaniiru.

Dura taa'aan ABUT Doktar Dabratsiyoon Gabramikaa’elis akka jedhanitti, miseensotni raawwachiistuu hojii ADWUI wayita gamaggamaatti seenan, rakkoolee mudatan mara furuuf kutannoodhaan kan jalqabaniifi murteewwan darbanis jijjiirama kan fidaniidha. Murteewwan darban kanneenis hojiitti hiikuuf lammiileen martuu itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Gama biraatiin Ministirri Muummee Hayilamaariyam Dassaalanyi ibsa kennaniin, hoggantootni paartiilee siyaasaafi gaazexeessotootni sababa ejjennoo siyaasaa qabaniin mana hidhaa keessa turan bilisaan kan gadi lakkifaman ta'uufi kaayyoonsaas waliigaltee biyyaalessaa uumuufi dirree dimokiraasii bal'isuuf kan gargaaru ta’uusaa ibsaniiru.

Bara Dargiirraa kaasee maqaa qorannoo yakkaatiin mana sirreessaa guddicha (Maa’ikalaawwii) jedhamuun tajaajilaa ture cufamuun godambaa akka ta’u murtaa’uusaa kan himan ministirri muummichaa, kunis, maqaa qorannootiin gochootni badaa ta’an wiirticha keessatti lammiilee sababoota adda addaatiin hidhamanirratti akkaataa mirga namummaasaanii tuquun raawwatamaa waan tureef, cufamuunsaa tarkaanfii guddaadha jedhaniiru.

Balballoomii Oduu

Takkaalliny Gabayyootiin



Published in Oduu biyya keessaa

Ummatni Itoophiyaa atileeti Waamii Birraatuu bifaan wallaaluus gumaacha inni biyyattiif buuserraan kan ka'e maqaa isaanitiin kan beeku baay'eedha. Keessumattuu, hawaasni magaalaa Finfinnee hedduunsaanii kan beekan ta'uutu himama.

Tibbana dhaloonni boruu akka isaan hindaganneef mootummaan naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti daandiin Adaamaarraa gara Wanjii geessu maqaasaaniitiin moggaafameera. Kunimmoo umriisaanii guutuu guddina ispoortii atileetiksii Itoophiyaaf hojii gaarii hojjechuusaanii mul'isa jechuudha.

Atileetonni Waamiin leenjise, beekamummaa ispoortii atileetiksii argatanis hedduudha. Kunimmoo atileeti Waamiin guddina ispoortii atileetiksiif gumaachaa guddaa waan taasisaniif, yeroo kamiyyuu fakkeenyummaan akka waamaman godheera. Kana waliinis dandeettiin hojiisaanii daran kan dinqisiifamu ta'uusaa namootni caalaatti isaan beekan dubbatu.

Ispoortiiwwan aadaa keessaa taphoota korboo(giingoo), qillee (kollee), waldhaansoofi gulufa Fardaan beekamaa akka turan ilmisaanii Obbo Jaagamaa Waamii dubbataniiru. Bara 1944 gara magaalaa Finfinnee dhufuusaanii kan ibsan Obbo Jaagamaan, Raayyaa Ittisaa keessatti Shaalaqaa 33fafi Shaambalii 3fatti loltummaadhaaf mindeeffamanii akka turanis himaniiru.

Baruma sana keessa dorgommiin ispoortii atileetiksii sadarkaa shambaliitti waan jalqabameef, Waamiinis yoosuma carraa argachuu akka danda'anillee ibsaniiru. Atileeti Waamii Birraatuu yeroo dorgomaa turanitti injifannoowan boonsaa waan galmeessisaa turaniif, midiyaalee hedduun seenaasaanii barreessuun gabaasaa akka turanis yaadatu.

Haala kanaan dorgommii maraatonii, walakkaa maraatonii,fiigicha meetira kuma shaniifi kuma kudhaniin injifachuudhaan qabxii olaanaa galmeessaniiru. Akkasumas dorgommii tarkaanfii fageenya adda addaa biyya keenyatti kan jalqabeefi sadarkaa har'aarra akka ga'uuf gumaacha olaanaa kan taasisan Waamii ta'uu seenaasaanii wabeeffachuun dubbatu. Kanaanis meedaaliyaawwan 300 biyyaaf argamsiisuu kan danda'an yoo ta'u, badhaasa gaachanaafi eeboo shaniifi waancaawwan 22 ammoo dhuunfaadhaan badhaafamaniiru.

Guddina ispoortii atileetiksii biyyattiif ga'ee olaanaa kan taphachaa turan atileetiin kun jiruufi jireenyasaanii keessatti hojiiwwan gaarii hojjechuudhaan dhaloota har'aaf fakkeenya guddaa ta'aniiru. Kunimmoo dhaabilee ispoortii biyya keessaafi alaatiin beekamtii argachuun akka badhaafaman isaan taasiseera. Baruma 2009 keessallee Yunivarsiitiin Riifti Vaaliirraa doktireetii kabajaa argataniiru.

Atileeti Waamiin wayita ammaa manguddoo umrii 100 yoo ta'an, Amajjii 11 bara 2010 waggaa 101fa isaanii kabajachuuf qophiirratti akka argamanis ibsa Obbo Jaagamaarraa hubatameera.

 

Balballoomii Oduu

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii

Gosoota atileetiksii adda addaatiin dargaggoota ciccimoo filachuun leenjisuuf ji'a Amajjii keessa shaampiyoonaan atileetiksii magaalaa Finfinnee qophaa'uusaa Federeeshiniin Atileetiksi Itoophiyaa beeksise.

Ittigaafatamaan kutaa kominikeeshiniifi qunnamtii ummataa federeeshinichaa, Obbo Silashii Bisiraat Roobii darbe ibsa kennaniin akka jedhanitti, kaayyoon dorgommichaa dargaggoota ciccimmoo dorgommii kanarraa argaman filuudhaan waggoota lamaaf leenjii atileetiksi akka argatan gochuufi.

Dorgommiin kan adeemsifamu korniyaa lameeniinuu, dhiiraafi dubaraan guyyoota shaniif Amajjii 23 –28 bara 2010tti Istaadiyooma Finfinneetti fiigichoota gabaabaa, giddu galaa, tarkaanfii, utaalchaafi darbanaa dabalatee akka adeemsifamus hubachiiseera.

Atileetoonni dorgommii kanarratti hirmaachuudhaan tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba'an badhaasa maallaqaas ni argatu kan jedhan Obbo Silashiin, tokkoffaa kan ba'an qarshii kuma shan, lammaffaan kuma afuriifi 500, sadaffaan ammoo kuma sadii akka badhaafaman ibsaniiru.

 

Published in Ispoortii

Maallaqni misooma gara garaaf sadarkaa ministeeraarraa hanga aanoleetti dhangala’u hojiilee misooma hawaasaafi hojii gara garaa gaggeessituuf kan oolu yoo ta’u, kanaan dura hubannoon hawaasaa gadi aanaa ta’uusaarraa kan ka'e hojiirra oolmaan baajatichaa haala karoorfameen ala qisaasa'aa ture.

Yeroo ammaa aanolee biyyattii kuma 10fi 23 keessatti hojiirra oolmaa baajataa iftoominaafi ittigaafatamummaa akka qabaatu taasisuuf hojii raawwatameen namoonni kuma 51fi 150 akka biyyaatti leenjicha fudhachuu isaanii ragaan gabaasa Ministeera Maallaqaafi Misooma Dinagdee Federaalaarraa arganne ni mul’isa.

Leenjii kennamaa ture kanaan dhaabbilee barnootaa, waajiraalee, buufataalee fayyaa, wiirtuu leenjii qonnaan bulaa gara garaa keessatti baajatni waggaa hojiilee misoomaa gara garaatiif ramadame hawaasa bal’aaf ifa taasifamuu kan eegale yoo ta’u, hanqinaaleen sochicha gufachiisan hedduudha.

Hangi baajataa aanaa tokkoof ramadame gabatee wiirtuulee gara garaa keessatti ibsa baajataaf qophaa'e irratti kan maxxanfamu ta’us raawwiin baajatichaa odiitii ta’ee hawaasaaf maxxanfamuu dhabuunsaa iftoomina akka hinqabaanne kan mul’isu waan ta’eef fooyya'uu kan qaba.

Marii marsaa 7ffaa Finfinnee galma Ministeera Maallaqaafi Walta’iinsa Dinagdeetti qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin tibbana gaggeeffame irratti Daariktariin Bulchiinsa To’annoo Baasii Mootummaa mana hojichaa Obbo Damissuu Lammaa akka jedhanitti, baajatni misooma gara garaaf qabamu qabeenya uummataa waan ta’eef of eeggannoon hojiirra ooluu qaba.

Iftoominaafi itti gaafatamummaa hawaasni baajata ramadameefirratti qabu qabatmaan mirkaneessuuf hawaasni abbaa qabeenyichaa ta’ee gaafachuufi dhugaa jiru baruuf mirga qaba kan jedhan Obbo Damissuun, firiin odiitii hawaasaaf ifa ta’uu dhabuunsaa akka hanqinaatti kan ka’udha.

Baajata aanaa tokkoof ramadamee jiru karaa ifaa ta’een hawaasa hubachiisuuf gabatee beeksisaa odiitii hammate aanoolee kuma 10fi 23 keessatti dhaabuuf bara baajataa 2009 karoorfamuu kan himan Obbo Damissuun, wayita ammaa gabateewwan ibsituu baajataa kuma torbaafi sadii ykn dhibbeentaan 98.2 bu’aa odiitii dabalataan akka ibsan taasifameera. Kuni ta’us baajata misooma gara garaaf hawaasa bal’aaf dhangala’e hojiitti osoo hinseeniin dura marii hawaasaa gaggeessuun barbaachisaa ta’uufi hojiin gama kanaan raawwatame ol’aanaadha.

Marii hawaasaa baajata dura taasifamuu qabu gaggeessuuf bara baajataa 2009 aanolee biyyittii 358 ykn dhibbeentaa 35 karrorri qabamee hojiitti seenamuu Daariktarri Kominikeeshinii ministeerichaa obbo Hajii Ibsaa.

Hojiin hubannoo uumuu hawaasaaf kennamaa jiru quubsaa miti kan jedhan Obbo Hajiin, xiyyeeffannoo itti kennuun karaa hawaasa hunda hirmaachisaa ta’een hojjechuuf haal dureen hojii xumurameera. Hanga kuni hintaanetti hawaasni taaksiifi gibira barbaachisaa kaffalaa jiru mirgi abbummaasaa hinmirkanaa'u. Qabeenya uummataa imaanaan fuune qabatamaan misooma hawaasaaf oolchuu dhabuun balaa sirnichaati jedhu.

Namoonni maalndhibdeen qabeenya hawaasaa seeraan ala qisaasessan ija hawaasaa jalaa dhokachuu hindanda'an kan jedhan Obbo Hajiin, namoota baajata qabame seeraan ala qisaasessan hordofuun adabbii seeraa madaalawaa irratti fudhatamaa jiraachuufi hojiin kun fuuldurattis cimee kan itti fufu ta'a.

Hanqinni rakkoo iftoominaa baajatarratti calaqqisaa jiru neetwoorkii sassaabdota kiraa akka babal’atuuf sababa ta’aa jiraachuu himanii, hidhata kana ciruudhaaf sochiin eegalame hawaasa bal’aan deeggaramuu qaba. Hawaasni osoo beela'uu gibiraafi taaksii barbaachisaa kaffalaa jiru qabeenyisaa wayita hattootaan saamamu hincallisu. Dhugaaf hojjechuun kutannoo siyaasaa kan gaafatuufi miira itti gaafatamummaa kan nama keessatti uumudha.

Sochiifi hordoffii hawaasni baajata ramadameeruufiirratti taasisu akka cimuuf deeggarsi sabquunnamtiilee murteessaa akka ta’e kan himan Obbo Hajiin, kanaafuu dadammaqiinsi walirraa hincinne gaggeeffamuutu irra jiraata.

Mariin guyyoota lamaaf gaggeeffame kanarrattis qaamota dhimmisaa ilaallatu sadrkaa naannoorraa hanga aanaaleetti jiran irratti kan hirmaatan yoo ta’u, iftoomina gama kanaan aggaamame dhugoomsuuf kutannoon hojjechuutu irraa eegama.

Walumaagalatti, rakkoo iftoominaa baajata hawaasaa waliin walqabtee ka’u furuuf hojiin hubannoo uumuu mana hojichaan eegalamee jiru cimee itti fufuu kan qabu yoo ta’u, baajata ramadame ibsuun alatti odiitii baajataa xumurarratti abba qabeenya baajatichaa kan ta’e hawaasa bal’aaf ifa taasisuun mirga abbaa qabeenyummaa mirkaneessuudha.

Waasihuun Takleetiin

Published in Dinagdee

Maatiin, ollaan, naannoofi biyyoonni sababoota adda addaatiin walitti bu'uu malu. Walitti bu'iinsi kamiyyuu faruu mariifi araara buusuudhaan furamuu danda'a. Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantiifi abbootiin gadaa walitti bu'iinsa uumame kamiyyuu mariidhaan furuun araara buusuudhaan beekamu.

Maanguddoonni kunneen dhugaafi haqaan waan hojjetaniifi hawaasa biratti kabaja olaanaa waan qabaniif gorsisaanii lafa hinbu'u. Mootummaanis walitti bu'iinsa hawaasaafi hawaasa, naannoofi naannoo biyyaafi biyya gidduutti sababii kimiiniyyuu uumame karaa nagaafi mariidhaan furuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Sababa walitti bu'iinsa daangaa Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa gidduutti ji'oota muraasa dura uumameen lammiilee hedduun lubbuu dhabaniiru, qaamnisaanii hir'ateera, qe'ee ofiirraa buqqa'aniiru, qabeenyi isaaniis barbadaa'eera. Sababa rakkoo kanaatiin manneen barnootaafi yuunivarsitiiwwan biyyattii hedduu keessatti hojiin baruu barsiisuu yeroof akka gufatu ta'ee ture.

Walitti bu'iinsa daangaa naannolee lameen gidduutti uumame kun mariidhaan fuuruun araara (nageenya) buusuun dhimma yeroon kennamuuf miti.

Bataskaanni Kaatolikii Itoophiyaa Yaa'ii Idilee 34fa tibbana adeemsifteen mootummaan walitti bu'iinsa naannawawwan biyyattii adda addaatti uumame karaa nagaatiin furuun araara buusuu akka qabuufi abbootiin amantiis loogii tokko malee olaantummaan seeraa akka mirkanaa'uuf sagaleesaanii dhageessisuu akka qaban waamicha dhiyeessiteetti.

Phaaphaasiin bataskaanattii, Abuna Birhaanayasuus haala nageenyaa Itoophiyaa yeyoorratti ibsa kennaniin akka jedhanitti, walitti bu'iinsi naannawawwan biyyattii adda addaatti uumame tokkummaa ummataa balaa guddaarra waan buusuuf mootummaan nageenya mirkaneessuuf ittigaafatamummaa qaba.

Qaamoleen mootummaas adda addummaa kamiyyuu duubatti dhiisuun ummataafi biyyattii balaa irraa baraaruuf hojjechuu akka qabaniifi adda addummaa keessoo yoo qabaatanillee amala walitti bu'iinsaa qabatee ummata bira akka hingeenyeef of eeggannoo cimaa taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Qaamoleen mootummaa garaa garummaa kamiyyuu mariidhaan hiikuuf waltajjii marii qopheessuudhaan biyyattii kufaatiirraa, ummata ammoo du'aafi godaansarraa baraaruu akka qaban kan yaadachiisan phaaphaasichi, gaaffiiwwan yeroofi seeraan keessummeessuu dhabuudhaan balaan lubbuu namaa irra ga'u, dirreewwan ispoortii bakka jeequmsaa ta'uufi dhaabbileen barnootaa wiirtuu jeequmsaa, lubbuun lammiilee itti darbuufi qabeenyi itti barbadaa'u ta'uun kan nama gaddisiisuudha.

Keessumaa lubbuun namaa maaliin iyyuu hinmadaalamne sababa jeequmsaatiin darbuunsaa tasumaa fudhatama kan hinqabne ta'uu ibsaniiru.

Abbootiin amantiis meeshaa nageenyaafi araaraa ta'uudhaan naannawa isaaniittis ta'e sadarkaa biyyaatti sagaleesaanii dhageessisuudhaan olaantummaan seeraa akka mirkanaa'uuf, mirgi namaa akka kabajamuuf, sodaa tokko malee humnoota farra nageenyaa balaaleffachuu qabu jedhaniiru.

Qaamoleen hawaasaafi mootummaa adda addaas loogiifi sodaa tokko malee kan balaaleffatamuu qabu ifachuudhaan, kan dhiifama gaaafachuun irra jiru akka gaafatu, kan dhiifama gochuu qabu akka dhiisuuf araarri haqa bu'uureffate akka bu'uuf ittigaafatamummaa irraa eegamu bahaachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Farreen nageenyaa qaawwa uumametti fayyadamuudhaan afaaniifi hidda sanyii hordofanii ummata walitti buusuuf socho'an mootummaan utuu isaan rakkoo kanaa olii ummata irratti hinqaqqabsiisin ogummaadhaan tokkummaa ummataa eeguu akka qabus hubachiisaniiru.

Walumaagalatti, walitti bu'iinsi akka hinuumamneef dursanii hojjechuufi erga uumamee ammoo battalumatti mariifi haqa irratti hundaa'anii furmaata akka argatu taasisuun dhimma ijoo qaamoleen mootummaa, hawaasaa, abbootiin amantiifi Gadaa qindoominaan irratti hojjechuu qabaniidha.

Published in Yaada

Biyya kamittuu paartiileen siyaasaa haa hafuutii namootni dhuunfaanuu ilaalcha walfakkaatu hinqaban. Garuu ilaalcha ofii qabatanii waan tokko nama taasisurratti waliin hojjechuun ammoo qaroomina.

Garaagarummaan ilaalchaa paartiilee morkattootaafi paartii biyya bulchu gidduutti uumamuun taatee addaa miti. Biyya keenya keessattis ilaalchi gama kanaan calaqqisu kanuma. Biyyattiin baroota dheeraaf sirna abbootii irreetiin bulaa turte. Sirni dimokraasii paartii hedduu keessummeessu eddii eegalees waggoota 27 hincaalu.

Ijaarsi sirna federaalizimii eegalame kun bu’aa ba’ii hedduu ce’eeti kan as ga’e. Adeemsa kana keessattis hirmaannaan paartiilee siyaasaa takka ol ka’aa takka ammoo gad bu’aa adeema.

Filannoon waliigalaa bara 2002 taasifame paartiilee hedduu hirmaachisus paartiileen morkattootaa ummata bakka bu’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa seenaan hinturre.

Kunis guutummaatti paartii biyya bulchuun waan injifatamaniifi. Ta’us paartiileen morkattootaa filannoon taasifame haqa qabeessa miti yaada jedhuun injifatamuusaanii amananii hinfudhanne.

Gama kamiinuu dhimma biyyaa keessatti hirmaannaan paartiilee siyaasaa daran murteessaadha. Yaadni kun yaada biyyaa, paartii biyya bulchuufi hawaasa addunyaa ta’uunsaa hubatamuu qaba.

Kunis Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa paartii biyya bulchu qofaan dhuunfatamuunsaa ijaarsa sirna dimokraasii biyyattiin taasisaa jirtu haala barbaadameen dhugoomsuurratti dhiibbaa akka qabu yaadonni hawaasa biraa dhiyaachaa turaniiru.

Bu’uuruma kanaan hirmaannaa paartiilee morkattootaa cimsuuf sochiin taasifamaa jiru bu’aa qabeessa ta’aa jira. Kunis waliin hojjechuurratti haala falmii yookiin marii ilaalchisee yeroowwan gara garaatti erga yaadaan walrigaa turanii booda waliin mari’achuurratti waliif galaniiru.

Dhumarrattis ittigaafatamaan waajjira ADWUI, Obbo Shifarraa Shigguxee dhiyeenya kana paartiin biyya bulchu, paartiilee marii kanarraa boodatti deebi’an kamiinuu waliin marii taasisuuf fedhii guutuu akka qabu ibsuunsaanii ni yaadatama.

Dhimmi kun irra caalaatti paartii Madrakii Tokkummaa Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa (Madarak) waan ilaallatuuf ejjennoo paartichaa baruuf irratti ittigaafatamaa quunnamtii ummataa Obbo Xilaahuun Indashaawu gaafannee turre.

Akka isaan jedhanitti, paartiin biyya bulchu yaada ofii gad buuse malee yaada paartiilee morkattootaa fudhachuuf fedhii waan hinqabneef marii kana keessatti hirmaachuu hinbarbaadan.

Ta’us paartiin biyya bulchu yaada paartiilee morkattootaa qixa sirriin keessummeessuuf fedhii qabaachuusaa xalayaan isaan beeksifnaan kan hirmaatan ta’u. Garuu haala ammaa jiruun mariin taasifamuu eegale mariidha jedhanii kan fudhatan miti.

Egaa, “Namni mana tokko ijaaru citaa wal hinsaamumu,” jedhama mitiiree. Ilaalcha siyaasaatiin garaagarummaan jiraatuuf biyyi hojjechuufii yaadame tokko waan ta’eef xiyyeeffannaan irratti yaaduu gaafata.

Sochiin hirmaannaa paartiilee siyaasaa cimsuuf taasifamaa jiru akka jalqabaatti sochii egeree biyyaaf abdii uumuudha. Kunis paartiin ijaarameefi ilaalchi siyaasaa har’a jiru bor kufuufi diigamuunsaa waan hinoolle ta’us biyyi garuu bara baraan jiraata.

Hundaa ol garaagarummaa jiru dhiphisuun gara waan tokko nama taasisuutti dhufuun qaroomina. Ijaarsa sirna dimokraasii dagaagsuun alatti sirna paartii hedduu cimsuuf daran gargaara.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Published in Siyaasa

Sirnoota darban keessa hacuuccaafi sarbamuun eenyummaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa ture dhala namaa qofarratti kan daangahe hinturre. Hacuuccaan maqaa magaalotaa jijjiiruu, duudhaa, seenaafi afaanirrattis xiyyeeffate sirnoota kanneeniin raawwatameera.

Biyyattiitti nama dabalatee maqaa magaalotaafi iddoowwanii saboonni duudhaa, aadaa safuu ilaalcha keessa galchuun moggaafatan dhabamsiisuun akka gocha gaariitti qabatamee raawwatamaa tureera.

Waanti gaariifi seena qabeessi dhiyeenya kana Magaalaa Adaamaatti raawwatame garuu fakkeenyummaan kan eeramuudha.

Magaalattiin maqaashii dur irraa mulqamee ture sirnuma kana keessa kan deebifatte yoo ta'u Adaamaan kutaalee magaalaa, gandoota, daandiiwwaniifi addababayiif maqaa Oromoon ittiin waamaa ture deebisuudhaan gochi seena qabeessi raawwatameera.

Ogeettiin Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Aadde Maartaa Gammachuu dhimmicha ilaalchisuun Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, magaalattiin kutaalee magaalaa jaha jechuunis Boolee, Abbaa Gadaa, Lugoo, Dambalaa, Bokkuufi Daabee jedhamuun moggaafamteetti.

Gandoota 14 duraan lakkoofsaan waamamaa turaniifis duudhaa ganamaarratti hundaa'uun maqaan Gooroo, Migira, Gaara Luboo, Dhaddacha Araaraa, Dagaagaafi kkfn kan mogga'eera.

Ittigaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Obbo Mi'eessaa Elemaas, seenaafi aadaa ummata Oromoo bu'uura godhachuun moggaasni maqaa addababayiiwwanii, daandii, kutaalee magaalaafi gandootaa geggeeffamuu eeru.

Maqaa gootota Oromoo qabsoo Oromoo bakka guddaan gahuuf wareegama guddaa kanfalaniitiin daandiifi addababayiin moggaafameera jedhu.

Kunis wareegama kanfalameef beekamtii kennuufi dhaloonni haaraan wareegama kanfalamerraa gootummaa barri kun barbaadu dhaalee Oromoofi Oromiyaa gara fuulduraatti akka tarkaanfachiisu yaadamee kan raawwatameedha.

Haaluma kanaan karaa guddaan Finfinnee kaasee gara bahaatti magaalattii qaxxaamuru Daandii Abbaa Gadaa, addababayiin Maayaa jedhamaa ture Addababayii Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu, karaan gara Wanjii geessu Daandii Atileet Waamii Birraatuu, kan gara Asallaa Geessuufi Tiqur Abbaay jedhamaa ture Daandii Dhibbaalaa Maammoo Mazaxamir, akkasumas addababayonni biroon maqaa Jeneraal Waaqoo Guutuu, Koloneel Abdiisaa Aagaatiin, daandiiwwann biroon Elemoo Qilxuu, Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa, Karrayyuufi Siinqee jedhaman moggaafamaniiru.

Daandii haaraan magaalattiitti ijaarame maqaa Pirezidantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii, Obbo Alamaayyoo Atoomsaatiin mogga'eera.

Moggaasichi namoota lubbuudhaan jiraniifi hinjirre kan of keessaa qabu yoo ta'u, kunis warra lubbuudhaan jiraniif yaadannoo, kanneen gootota wareegamaniif seenaa akkasumas dhaloota haaraadhaaf amaanaadha jedhamee qabame. Daandiileefi addababayonni moggaafaman kunniin daandii Abbaa Gadaarratti waliti deebi'u.

Kunis kan agarsiisu gama tokkoon hojiilee misoomaa karaa biraatiin ammoo eenyummaa dagatame deebisuuf qindoomina jiru kan agarsiisuudha. Sosochiin kun gara fuulduraattis cimee kan ittifuu qaba. Daandiin Karrayyuufi Siinqee jedhus moggaafameera.

Walumaagalatti hojiin seenaa badde bakkatti deebisuu Magaalaa Adaamaatti eegalame daran kan nama boonsisuudha. Moggaasa kana maddiitti magaalattiin wiirtuu aadaafi duudhaan Oromoo daran keessatti calaqqisu akka taatuuf ammas xiyyeeffannaan hojjechuu barbaachisa. Magaalonni naannichaa biroonis gocha Adaamaa fakkeenyummaan fudhachuu qabu.

Charinnat Hundeessaatiin



 

Published in Aadaafi-Artii

Sirnoota darban keessa hacuuccaafi sarbamuun eenyummaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa ture dhala namaa qofarratti kan daangahe hinturre. Hacuuccaan maqaa magaalotaa jijjiiruu, duudhaa, seenaafi afaanirrattis xiyyeeffate sirnoota kanneeniin raawwatameera.

Biyyattiitti nama dabalatee maqaa magaalotaafi iddoowwanii saboonni duudhaa, aadaa safuu ilaalcha keessa galchuun moggaafatan dhabamsiisuun akka gocha gaariitti qabatamee raawwatamaa tureera.

Waanti gaariifi seena qabeessi dhiyeenya kana Magaalaa Adaamaatti raawwatame garuu fakkeenyummaan kan eeramuudha.

Magaalattiin maqaashii dur irraa mulqamee ture sirnuma kana keessa kan deebifatte yoo ta'u Adaamaan kutaalee magaalaa, gandoota, daandiiwwaniifi addababayiif maqaa Oromoon ittiin waamaa ture deebisuudhaan gochi seena qabeessi raawwatameera.

Ogeettiin Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Aadde Maartaa Gammachuu dhimmicha ilaalchisuun Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, magaalattiin kutaalee magaalaa jaha jechuunis Boolee, Abbaa Gadaa, Lugoo, Dambalaa, Bokkuufi Daabee jedhamuun moggaafamteetti.

Gandoota 14 duraan lakkoofsaan waamamaa turaniifis duudhaa ganamaarratti hundaa'uun maqaan Gooroo, Migira, Gaara Luboo, Dhaddacha Araaraa, Dagaagaafi kkfn kan mogga'eera.

Ittigaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Obbo Mi'eessaa Elemaas, seenaafi aadaa ummata Oromoo bu'uura godhachuun moggaasni maqaa addababayiiwwanii, daandii, kutaalee magaalaafi gandootaa geggeeffamuu eeru.

Maqaa gootota Oromoo qabsoo Oromoo bakka guddaan gahuuf wareegama guddaa kanfalaniitiin daandiifi addababayiin moggaafameera jedhu.

Kunis wareegama kanfalameef beekamtii kennuufi dhaloonni haaraan wareegama kanfalamerraa gootummaa barri kun barbaadu dhaalee Oromoofi Oromiyaa gara fuulduraatti akka tarkaanfachiisu yaadamee kan raawwatameedha.

Haaluma kanaan karaa guddaan Finfinnee kaasee gara bahaatti magaalattii qaxxaamuru Daandii Abbaa Gadaa, addababayiin Maayaa jedhamaa ture Addababayii Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu, karaan gara Wanjii geessu Daandii Atileet Waamii Birraatuu, kan gara Asallaa Geessuufi Tiqur Abbaay jedhamaa ture Daandii Dhibbaalaa Maammoo Mazaxamir, akkasumas addababayonni biroon maqaa Jeneraal Waaqoo Guutuu, Koloneel Abdiisaa Aagaatiin, daandiiwwann biroon Elemoo Qilxuu, Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa, Karrayyuufi Siinqee jedhaman moggaafamaniiru.

Daandii haaraan magaalattiitti ijaarame maqaa Pirezidantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii, Obbo Alamaayyoo Atoomsaatiin mogga'eera.

Moggaasichi namoota lubbuudhaan jiraniifi hinjirre kan of keessaa qabu yoo ta'u, kunis warra lubbuudhaan jiraniif yaadannoo, kanneen gootota wareegamaniif seenaa akkasumas dhaloota haaraadhaaf amaanaadha jedhamee qabame. Daandiileefi addababayonni moggaafaman kunniin daandii Abbaa Gadaarratti waliti deebi'u.

Kunis kan agarsiisu gama tokkoon hojiilee misoomaa karaa biraatiin ammoo eenyummaa dagatame deebisuuf qindoomina jiru kan agarsiisuudha. Sosochiin kun gara fuulduraattis cimee kan ittifuu qaba. Daandiin Karrayyuufi Siinqee jedhus moggaafameera.

Walumaagalatti hojiin seenaa badde bakkatti deebisuu Magaalaa Adaamaatti eegalame daran kan nama boonsisuudha. Moggaasa kana maddiitti magaalattiin wiirtuu aadaafi duudhaan Oromoo daran keessatti calaqqisu akka taatuuf ammas xiyyeeffannaan hojjechuu barbaachisa. Magaalonni naannichaa biroonis gocha Adaamaa fakkeenyummaan fudhachuu qabu.

Charinnat Hundeessaatiin



Published in Aadaafi-Artii

Guddina si'aayaa waggoota 26n darbanitti biyya keenyatti galmaa'een gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin jireenya hawaasichaa qofa otoo hintaane maqaa ummata addunyaa biratti ittiin beekamaa turre foyyesseera.

Naannawawwan biyya keenyaa hundatti keessumaa guddina abbaa dijiitii lamaa haaromsa waggoota 15 as adeemsifameen galmaa'een jireenyi ummataa sadarkaa qabatamaadhaan fooyya'eera.

Omishaafi omishtummaa baadiyyaatti galmaa'een qonnaan bultoota dureeyyii miliyoonotaan lakkaa'aman horachuun danda'ameera. Magaalotatti jijjiiramni misooma manneenii, intarpiraayizoota maakroofi xixiqqaa fa'iin galmaa'e jireenya harka qal'eeyyii hedduu utubeera. Milkaa'inni gama barnootaafi fayyaatiin galmaa'es jireenya lammiilee fooyyessuu keessatti qoodasaa bahataa jira.

Milkaa'inoonni irranatti tarreessine galmaa'uu kan danda'an imaammanni sirriin waan bocameefi nageenyi qabsoo cimaadhaan argame duguugamee misoomarra waan ooleefi.

Kun utuu kanaan jiruu walitti bu'iinsonni naannawawwan adda addaatti mul'ataa turan toora misoomaafi nageenyaa biyyattiin qabattee arreedaa jirtu kan quucarsuudha. Haalitti hoggansi walitti bu'iinsotaafi addummaa mul'ataa turan qabaa tures raafamaati kan ture.

Aadaan qajeelfamaan waldubbisuu yeroodhaa gara yerootti laafaa dhufuun ejjennoo tokko qabachuu dadhabuu bira darbamee kan inni tokko ijaare inni biraan diiguun hubatamaa tureera. Gochoonni akkasii biyyattiin karaa qxxaamuraarra akka dhaabatu taasisaa turaniiru. Hoggansi siyaasaa marti kan dhaabataniif garuu sagantaadhuma tokko raawwachiisuufi.

Rakkoolee ija babaasanii mul'atan kanneen gadifageenyaan kan qorate koreen raawwachiistuu hojii ADWUI tibbana walga'ii taa'een dhimmoota kanneen gadifageenyaan qoratee kallattii kaa'eera. Hanqinoota mul'ataa turaniifis hoggansi gararraa ittigaafatamummaa akka fudhatu ibsameera.

Korichi sadarkaa haaromsi gadifagoon irra jiru, rakkoolee buleeyyiifi wayitii biyyattiitti mul'ataa jiran tokko tokkoon ilaalee addaan baasuun ka'umsaafi furmaatasaarratti tokkummaa yaadaafi walamantaa uumeera. Rakkoolee dhabamsiisuuf kutattummaafi cimina jirurratti waliigaluusaa mirkaneesseera; kallattiis kaa'eera.

Kanaanis yeroo daran gabaabaa ta'e keessatti nageenya mirkaneessuufi ummanni gara jireenya tasgabbaa'aatti akka deebi'uuf ciminaan akka hojjetu mirkaneesseera.

Sochiilee nageenyaafi sochii ummataa jeeqan kamuu ummatuma wajjin ta'ee to'annoo jala oolchuuf mootummaan ittigaafatamummaa guutuu fudhatee akka raawwachiisus murteesseera.

Dhimmi olaantummaa seeraa mirkaneessuus hanga libsuu ijaatiifillee gaafii keessa galuu akka hinqabneefi sarbama seeraa gama kanaan mul'atan to'achuudhaan seeraafi nageenya haala amansiisaa ta'een mirkanaa'uu akka qabu kallattii kaa'eera.

Duutiifi qe'ee ofiirraa buqqa'uun sababoota daangaatiinis ta'e kanneen birootiin mudatan guutummaatti dhaabsisuuf murteesseera. Akkasumas lammiilee sababa walitti bu'iinsa daangaa naannoo Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaatiin qe'ee isaaniirraa buqqa'an haala jireenyaa tasgabbaa'aatti akka deebi'aniif haalli akka mijaa'u ibsameera.

Hojiilee riifoormii caasaan mootummaa gaafiilee ummataatiif deebii hatattamaa kennuu akka danda'an gochuuf eegalaman bu'aa qabeeyyii taasisuufi waantonni sirraa'uu qaban sirraa'anii hojii keessa akka galan murteesseera.

Walumaagalatti dhimmoonni xiyyeeffannoo cimaa barbaadaniifi korichaan addaan bahan saddeettanuu dafaniii akka hojiitti hiikamaniif nageenyaafi misooma mirkaneessuu waan ta'eef ciminaafi kutattummaa irratti ni hojjetama. Ummannis kallattiim korichi kaa'e harcaatii tokko malee si'aayinaan akka hojiirra ooluuf deegarsa barbaachisu gochuu qaba.



Published in ijoo-dubbii

Yunivarsiitii Arsiitti barattootni ogummaa gaazexeessummaatiin waggaa 3fa barachaa jiran Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa daaw'ataniiru.

Wayita daawwii taasisanittis hojiileen miidiyaa maxxansaa qabatamaatti maal akka fakkaatuufi barnoota tiyooriitiin barachaa turan waliin hangam walkkaatu hubachuu danda’aniiru.

Dhaabbatichis barattoota 22 yunivarsiiticharraa dhufan simachuun hojmaatni dhaabbatichaa imaammataafi qajeelfamootaa heera biyyattii waliin haala kamiin hojjetamaa akka jiru ibsuufii danda’eera.

Kanarraa ka’uun barattootni kunneen hubannoo miidiyaa maxxansaa caalatti kan gabbifatan ta’uu beekameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Oduu biyya keessaa
Page 1 of 2

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001468315
Har'a/TodayHar'a/Today4604
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday8253
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week43535
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1468315

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.