Items filtered by date: Saturday, 03 February 2018
Saturday, 03 February 2018 20:39

Walmorkiin CHAN iftaan xumurama

Finfinnee: Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa kan wayita ammaa (“CHAN”) jedhamuun beekamu kan jalabame ALA bara 2009 yoo ta'u, waggoota sagal lakkofsiseera. Kan ammaa osoo hindabalatiin yeroo afuriif biyyoonni afur qopheessaniiru.
Shaampiyoonaa jalqabaa kan keessummeessite Kotidivaar yoo taatu mo'achuudhaan shaampiyoonaa  kan taatee ammoo Riippabilika Demokiraatawaa  Kongooti. Isa lammaffaa bara 2011 tan qopheessite Sudaan yoo taatu abbaa waancaa kan taate ammoo Tuniziyaadha.
Afrikaan Kibbaa ammoo waancaa sadaffaa bara 2014 tan keessummeessite yoo ta'u, Liibiyaan shaampiyoonaa turte. Waggaa lama dura bara 2016 yeroo arfaffaa kan adeemsifame Ruwaandaatti yoo ta'u, Riippabilikiin Demokraatawaa Kongoo yeroo lammaffaaf fudhateetti.
Waggaa lamatti al tokko kan adeemsifamu walmorkiin CHAN kun baranas yeroo shanaffaaf Morookoo, magaalota addaddaatti adeemsifamaa ture boru xumurama jedhamee eegama.
Walmorkii baranaa kanatti biyyoonni 16 ramaddii afuritti qoodamuun walfalmaa turanis biyyoonni 12 sadarkaa sadarkaadhaan harca'uudhaan afur qofti walmorkii keessatti hafaniiru.
Walmorkiiwwan irboo maahesaa torban kan keessa adeemsifamanitti qopheessituun waancaa Morookoon Naamiibiyaa 2-0n, Liibiyaan Kongoo 5-3n, Naayijeeriyaan Angoolaa 2-1n, Sudaan Zaambiyaa 1-0n mo'ataniiru.
Haaluma kanaan biyyoonni arfan mo'atan, Morookoon Liibiyaa 3-1n, Naayijeeriyaan Sudaan 1-0 mo'ataniiru. Bu'uura kanaan Dilbata dhufu Morokoofi Naayijeeriyaan waancaaf, Liibiyaafi Sudaan ammoo sadarkaadhaaf kan taphatan ta'a.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii

Finfinnee: Rakkoo nageenyaa dhiheenya kana magaala Waldiyaa dabalatee baha Amaaraa (Wallootti) mudateen walqabatee taphattoonniifi miseensonni garee kubbaa miilaa kilabii magaalaa Waldiyaa adda bittinnaa'uunsaanii himamaa jira.
Tapha liigii pirimeerii Itoophiyaa marsaa jalqabaa xumuruudhaaf taphni lamaa kan isa hafu kilabichi, taphoota kana adeemsisuuf rakkoon nageenyaa jiraachuusaatiin yeroo birootti akka isaaf dabarsuuf federeeshiinii kubbaa miilaa Itoophiyaa gaafachuudhaan deebii quubsaa argachuu hoji gaggeessaan kilabichaa Obbo Garramoo Kaasaa Televizyiinii Amaaraatti himaniiru.
Kanaanis federeeshiinichi taphni kilabichi taasisuu qabu yeroo biraatti akka darbuuf heeyyama kennuusaas ibsaniiru.
Akka ibsa hoji gaggeessichaatti, rakkoo nageenyaa magaalattii keessatti uumameen taphattoonniifi leenjiftootni hedduu magaalattii gadi lakkisanii bahaniiru.
Kilabichis taphattootaafi leenjistoota deebisee walitti qabuudhaan tapha liigii pirimeerii Itoophiyaa marsaa lammaffaa irratti ni hirmaata.
kilabichi tapha liigii piriimeerii Itoophiyaa torbee 12ffaa Jimmaa Abbaa Jifaar waliin taasiseen booda gara magaalaa Waldiyaatti wayita deebi'utti haalli nageenya magaalattii yaaddeessa ta'uusaatiin shaakala tokkos osoo hintaasifne adda bittinnaa'e.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Ispoortii

Finfinnee:  Tapha Oromiyaa Guutuu magaalaa Bishooftuutti Guraandhala 11, bara 2010 kaasee torban lamaa adeemsifamuuf qophiin xumuramaa jiraachuu Biiroon Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa  beeksise.
Taphni Oromiyaa Guutuu kun walitti dhufeenya godinaaleefi magaalotaa gama aadaafi tokkummaan kan cimsu ta’uu biirichatti Daarekterri Dhimmoota Kominikeeshiinii Obbo Huseen Zinaabuu ibsanii, taphni kun barana yeroo 24faaf kan gaggeeffamu ta'uu ibsaniiru.
Tapha Oromiyaa Guutuu kanaaf istaadiyamii haaromsuufi dirreewwan ispoortii kanneen biroos hojjechuudhaan qophichaaf haal dureen xumuramaa jiraachuus dubbataniiru.
Keessummootaafi ispoorteessitoota hirmaannaa taphichaatiif gara magaala Bishooftuu dhufaniifis iddoon ciisichaafi kanneen biroos haalaan qophaa'aa jiru.
Taphni kun gandarraa kaasee aanaa, godinaafi bulchiinsa magaalotaarratti dorgomamaa turuusaafi bu'aa dorgommii kanneenii irraa ka'uudhaanis isaan ulaagaa barbaachisu guutaniifi ga’umsa qaban calalamanii godinasaanii ykn bulchiinsa magaalaasaanii bakka bu’uun kan dorgomaniidha.
Taphni Oromiyaa Guutuu ispoorteessitoota naannicha bakka bu'anii  tapha Itoophiyaa guutuu irratti Oromiyaa bakka bu’un filachuudhaaf kan gargaaruudha jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa gabaaseera.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Ispoortii

Waliinga'iinsi barnootaa sadarkaa gadii irraa kaasee hanga dhaabbilee barnoota olaanaatti mootummaadhaan ijaaramaniin wayitii ammaa lammiilee hedduun carraa barnootaa argachaa jiru.
Naannoolee Itoophiyaan qabdu saglan keessaa lafaafi ummata bal'aa kan qabdu Oromiyaan, wayitii ammaa barattoota miiliyoona 10 ta'an barsiisaa kan jirtu yemmuu ta'u, barsiisonni kuma 200 ta'an immoo hojii dhaloota qaruu kanarratti bobbaasuushee ragaan biiroo barnoota naannichaa ni ibsa.
Sirna barnootaa keessatti gufuu guddaa ta'aa kan ture barsiisonniifi hooggansi barnootaa sadarkaadhaan jiru hojii duula garaa garaa irratti yeroosaa balleessuun hafee, ogeessi barnootaa, barnoota qofaaf ooluu erga jalqabee waggaa tokkoof deemaa. Kana ta'uusaatiinis hojii baruu barsiisuu irratti jijjiiramni dhufaa jiraachutu himama.
Hooggansi haaroomsaan booda muudames ogeessi barnootaa gara duula biraatti hirmaachuun hafee, barbaachisaa tanaan “Qaama biirootu dhufee hojii barnootaa deggaruu qaba” yaada jedhuun murteeffatee hojjachaa jira.
Haa ta'uu malee walitti bu'iinsa naannoo daangaa Oromiyaafi Somaaleetti uumameen manneen barnootaa 200 ta'an hanga ammaatti hojii baruufi barsiisuu kan hin eeggalle ta'uu hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo ni dubbatu.
Doktor Tolaan gamaggama hojii kurmaana 2faa  biirichi, godinaalee, aanaaleefi bulchiinsa magaalotaa torban darbe magaalaa Adaamaatti wayita adeemsise irratti akka jedhanitti,  hanga ammaatti manneen barnootaa 200 ol sababuma walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaafi Sumaalee gidduutti uumamee tureen hojii baruu barsiisuu hin eegalin jiru.  Barattootni naannawaa sanaa aanaaleefi magaalota isaanitti dhiyaatutti deemanii akka barataniif biiroonsaanii deggarsa barbaachisu taasisaa jiraachuu himu.
Akka ibsa Dokktar Tolaatti, daa’imman sababa kanaan buqqa’anii rakkoo nyaataatiif saaxilaman gargaaruufis qarshii miliyoona 107 Ministeera Barnootaarraa argameen midhaan nyaataa bitamee akka isaaniif raabsamu taasifameera. Barsiisotni 400 ol sababuma kanaan naannoo Somaalee Itoophiyaarraa  kan buqqa’an yemmuu ta’u, godinaalee Oromiyaa keessatti carraan hojii akka isaaniif kennamu ta'eera.
Gama biraan ammoo hoggantootni damee barnootaa sadarkaa sadarkaan jiran hojii baruu barsiisuun ala sochii siyaasaafi kanneen biroorratti yeroosaanii dabarsaa waan turaniif hojii barnootaarratti dhiibbaa uumuu danda’eera. Bara 2010 irraa eegalee garuu hojii barnootaa ala hojii siyaasaafi duula kanneen biroorratti akka hin hirmaanne waan taasifameef qulqullina barnootaarratti jijjiiramni mul’achaa dhufe salphaa akka hintaane himu Doktara Tolaan.
Istaandaardii manneen ministerrri barnootaa baaseen, manneen barnootaa naannichaa istaandaardicha hin guutne dhibbantaa 91kan turan wayitii ammaa gara dhibbantaa 85tti gadi bu'uu danda'eera jedhu.
Haa ta’u malee mirgi barsiisotaa bifa guutuu ta’een kabajamuu dhabuun keessattuu barsiisotni bifa guutuufi  walqixaan manneen barnootaarra ramadamuu dhabuun, sadarkaan guddinaa yeroofi haala barbaadamuun kennuu dhabuun, qacarriifi jijjiirraan walqabatee rakkooleen turan haalaan furamuu dhabuunsaanii hanga ammaatti kanneen hinfuramne ta’uu ibsu.
Barnootni ga’eessotaas qulqullinaan kennamuu dhabuun ga’eessotni barnooticha hordofaa turan firii isaanirraa barbaadamu argisiisuu akka hindandeenyes eeranii, fulduratti xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uusaa hubachiisu.
Walumaagalatti, haaroomsaan booda sochii Biiroon Barnoota Oromiyaa taasisaa jiru waan jajjabeeffamuu qabu waan ta'eef cimee ittaafufuun dhaamsa keenya.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Hawaasummaa

Dhibeewwan wayitii ammaa akka Addunyaatti lubbuu namaa dhabamsiisuudhaan beekkaman hunda dursee sadarkaa duraatti kan argamu balaa tiraafikaa ta'uu ragaaleen ni ibsu.
Biyyoota balaa tiraafikaatiin lubbuu lammiilee hedduu dhaban keessaa immoo Itoophiyaan ishee tokko ta'uu ragaan dhaabbata fayyaa Addunyaa in ibsa. Keessattuu rakkoon kun magaalota gurguddoo biyyattii keessatti kan hammaatu ta'uutu himama.
Teessoo mootummaa biyyattiifi dhaabbilee idil Aaddunyaa hedduu kan taate magaalaa Finfinnee qofatti, waggaa waggaadhaan  namootni kuma tokkoofi 700 ta'an sababa balaa tiraafiikiitiin  lubbuusaanii kan dhaban ta'uu ragaan Ejensii Manajimentii Tiraafiikii bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ni ibsa.
Rakkoolee tiraafikiin walqabatanii magaalattiitti mul'atan ittifufiinsaan hiikuudhaaf sochii cimaa taasisaa kan jiru ejensichi, yeroo ammaa kana immoo daandii magaalattii irratti sararri geejjiba ummataa qofaaatti akka bahuuf haal duree hunda xumuruusaa ibsa.
Sarara konkolaattota geejjiba ummataa qofaaf adda bahan kanarra konkolaattotni biroon adeemuu kan hin dandeenye ta'uu kan himan ittaanaan Hojigaggeessaa ejensichaa Injinar Jireenyaa Hirphaa, balaa tiraafikaa hir'isuun alatti barfannaa yeroo hojii xiqqeessuudhaafis kan gargaaru ta'uu dubbatu.
Akka ibsa Inginarichaatti, kaayyoon guddaan daandii magaalattii irratti sararri konkolaattota geejjiba ummataa akka adda bahu taasifameef namooni konkolaataa xixiqqoo manaa irra gara baasiifi mini baasiitti akka dhufaniif yemmuu ta'u, kun immoo faalama qilleensaa konkolaattota manaa 50n dhufuu danda'u gara konkolaataa tokkootti gadi xiqqeessuudhaafis kan fayyaduudha.
Konkolaattotni dhunfaa konkolaattota ummataa waliin yoo wal bira qabaman ariitiidhaan waan fiiganiif carraan balaaf saaxilamuusaanii olaanaadha. Konkolaataan ariitiidhaan fiigu immoo balaa isa irra gahu duwwaa osoo hin taane, carraan qaama biraa irratti balaa geessisuusaas bal'aadha. Kanaafuu hojii daandii magaalattii irratti sararri konkolaattota geejjiba ummataa akka adda bahu taasisuu kun ji'oota tokkoofi lamaan dhufan keessatti gara hojiitti  galuuf haalduree hundinuu xumuramuusaa dubbatu.
Daarikterri Opereeshiinii ejensichatti Obbo Ashuu Sintaayyoo akka jedhanitti, yeroo projektiin haaraa kun hojirra oolutti ariitiin konkolaattota geejjibaa ummataa dhibbantaa 60 kan dabalu ta'a. Konkolaattooni biroon sararicha seenuu kan hindandeenye yoo ta'u, konkolaattonni geejjiba ummataa ta'an garuu sararichaan alas  bahanii imaluu kan danda'an ta'uu ibsu.
Pirojectichaaf baasiin dabalataa osoo hin barbaachifne daandima dura turanirratti sarara qofaadhaan akka adda bahu ta'uunsaafi kunis barreeffama baasiifi taaksii (bus and taxi only) jedhamu kan qabaatu ta'uu himu.
Pirojectichaaf erga sochiin eegalamee waggaa tokko darbuusaa kan himan Obbo Ashuun, hanga ammaatti qorannoowwan garaa garaafi diizaayinii fooyya'aa filachuu irratti yeroo dheeraa dabarsuusaanii dubbatu.
Rakkoo seektara geejjibaa keessatti mul'achaa jiuuf sarrarri konkolaattota geejjiba ummataa qofaatti bahuunsaa hamma tokko aara galfii yemmuu ta'u, bal'ina rakkoo kanaatiin yoo wal bira qabamu garuu hojiin caalu kan eeggamu ta'uusaa agarsiisa. Gama birootiin immoo taaksiin sarara isaaniif adda bahe qofaa osoo hin taane akka barbaadanitti seenaa bahuu waan danda'aniif konkolaattota biroo irratti dhiibbaa biroo fiduun waan hin hafne fakkaata.
Walumaa galatti, kaayyoo guddaan geejjibaa ummata iddoo tokko irraa gara birootti geessuu waan ta'eef, geejjiba ummata hedduu tajaajiluuf dursa kennuun dirqamaafi waanuma ta'uu qabuudha. Haa ta'uu malee, hojiiwwan biroo rakkina kana furuu danda'anis bifuma wal fakkaatuun itti fufuu qabu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Hawaasummaa

Guddina biyya tokkoo keessatti qaamota ga'ee olaanaa bahatan keessaa tokko waldaalee hojii gamtaati. Waldaaleen kunneen jiraataa magaalaatiif wantoota barbaachisan gatii madaalawaan kan dhiheessan yoo ta'an, qonnaan bulaa baadiyyaatiifis galtee qonnaa gatii madaalawaan dhiheessuuf kan filataman isaanuma.
Itoophiyyaatti waldaalee hojii gamtaa erga jalqabee waggoota 60n dura yemmuu ta'u, bifa ammaa kanaan qindaa'eefi guddina biyyaa keessatti shoora olaanaa taphachuu kan danda'e garuu waggoota muraasaa asidha.
Dhuma bara KGT2fatti daldala biyya keessaa irraa dhibbantaan 55 waldaalee hojii gamtaatiin akka argamuuf karoorfamee hojitti galamuu Ejensiin Waldaalee Hojii Gamtaa Federeelaa ni ibsa.
Daaw'annaa dirree yuuneenota hojiisaaniitiin moodela ta'anii dhiyeenya Godina Guraageetti taasifameen, wayitii ammaa waldaaleen hojii gamtaa sadarkaa warshaa dhaabuu irra ga'uunsaanii hubatameera.
Keessattuu godinichatti Waldaan Yuunenii Admaas sadarkaa warshaa zayitii  dhaabee omisha eegaluu irra ga'uusaatiin ga'een damee kanaa utubaa dinagdee biyyaa ta'aa jiraachuun mirkaneessa.
Sagantaa daaw'annichaarratti haasawa kan taasisan daarikterri ejensichaa, Obbo Usmaan Suruur, dhuma bara KGT 2fatti  daldala biyya keessatti taasifamurraa dhibbantaan 55 waldaalee hojii gamtaatiin akka qabamuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu himu. Omishoota alaatti ergaman keessaa immoo dhibbantaan 40 waldaalee hojii gamtaatiin akka uwwifamuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatu.
Kanaan booda waldaalee lakkoofsa qofaan baay'isu irraa gara isaan kanaan dura ijaraaman cimsuutti ce'amuu kan himan Obbo Usmaan, ofiin akka of bulchan, teknolojii hammayyaatti akka fayyadamaniifi kaappitaala ofii akka guddifatan gochuun hojii itti fufiinsaan hojjatamu ta'uu ibsu.
Waggaa waggaadhaan doolaarri Ameerikaa miiliyoona 350 ta'u bittaa zayitii nyaataatiif kan bahu ta'uusaafi jalqabbiin yuuneeniin Admaas warshaa zayitii ijaaruun eegale kun sharafa olaanaa biyyattiin baasaa jirtu hir'isuu keessattis ga'eesaa kan taphatu ta'uu dubbatu.
Warshaan zayitii yuuneenii qonnaan bultoota Guraageetiin ijaarame kun guyyatti zayitii liitira kuma sadiifi 500 omishaa jiraachuu  kan himan immoo ittaanaan hoji gaggeessaa yuuneenichaa, Obbo Biiniyaam Fiqreeti. Warshichi wayita humnasaa guuutuun omishuu eegalutti immoo guyyatti liitira kuma shan omishuu kan danda'u ta'uu himu.
Yeroo ammaa waldaalee hojii gamtaa bitattootaa naannawa sanaatti argamaniif omishasaanii dhiheessaa kan jiran ta'uu himanii, yeroo muraasaan booda bal'inaan gara gabaa guddaatti kan galan ta'uu dubbatu.
Yuuneenichi wayitii ammaa miseensota kuma 45 kan of jalaa qabu akka ta'eefi yeroorraa yeroottis fayyadamummaan miseensotaa mirkanaa'aa jiraachuu ibsu.
Yuuneenichi yuuneenota birootiif fakkeenyummaadhaan kan eeramu ta'uu kan himan immoo Ministira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Doktar Iyaasuu Barihee, muuxannoo kana fudhatanii iddoowwan birootti babal'isuun hojii xiyyeeffannoon hojjatamuu qabu akka ta'e dubbatu.
Sochii gama wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu keessatti waldaleen hojii gamtaa shoora olaanaa kan qaban ta'uu eeranii, kanaaf immoo rakkoolee damee kana mudatan hordofaa furuun murteessaa ta'uu ibsu.
Yeroo ammaatti miseensotni waldaaleefi yuuneenotaa waliigalatti miiliyoona 17 kan ga'e yemmuu ta'u, qabeenyi waliigalasaaniis biiliyoona 32 akka ta'e ragaan ejensichaa ni mul'isa.
Walumaagalatti, bu'aa qabeessummaan waldaalee hojii gamtaa ifatti mirkanaa'aa jiraachuusaatiin, guddina biyyaa keessattis ga'ee olaanaa taphachaa jiru. Rakkoowwan imala damee kanaa gufachiisan hordofaa furuun immoo ga'ee dhimmamtootaa ta'a.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Dinagdee

Dagaaguu kiraa sassaabdummaan walqabatee qisaasamni qabeenya mootummaafi  ummataa yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira.  Qisaasama maallaqaa kanaafis sababni guddaan sirna qabiinsa herragaa qixa sirriin hojiitti hiikuu dhabuun waajjiraalee tokko tokko keessatti baasiifi galii adda baasanii beekuun rakkisaa akka ture ragaan Mana Hojii Muummicha Odiitera Oromiyaa irraa argame ni dhugoomsa. Rakkoo kanaaf sababani guddaan sirna qabiinsa herregaa cimaa ta’e diriirsuu dhabuudha.
 Ragaan Boordii Ogeessota Herregaa Itoophiyaarraa argame akka ibsutti, sirni qabiinsa herregaa biyyattii sadarkaa gadaanaarra jiraachuusaarraa kan ka’e hojiin herregaa biyyattii hedduun  sadarkaa hojii herrega addunyaa kan guutu miti. Ogeessonni herregaa yuunivarsiitiiwwan biyyattiirraa eebbifaman hedduun ga’umsa kan qaban ta'us raawwiirratti garuu hanqinoota qabu. Bu’uuruma kanaan waajjiraalee mootummaa tokko tokko keessatti baasiifi galii haala barbaadameen wal simsiisanii hojjechuurratti hanqina guddaatu mul’ata.
Baasiifi galiin waajjira tokkoo qixa sirriin wal simuu baannaan gochi kiraa sassaabdummaa dagaaguunsaa waan hin oolledha. Kunis baasiifi galiin qixa sirriin galmaa’ee hin teenye odiitii gochuufis daran rakkisaa taasisuun alatti, waajjiraalee baasii dabalataaf saaxila. Baasiifi galii  tokko tokkoon funaananii galmeessuun yeroo dheeraa waan gaafatuuf hojiiwwan biroorratti gufuu guddaa ta’uun hojmaata tirachiisa. Kun ammoo gama biraan rakkoo bulchiinsa gaariif ka’umsa ta’a. Kenniinsa tajaajilaas kan quncarsu ta’a.
Viiksan Muuree Durataa’aa Federeeshinii Ogeessota Herregaa Paan Afiriikaati. Akka isaan jedhanitti, gibiraafi taaksii mootummaa qixa sirriin sassaabuu keessatti qoodni ogeeyyota herregaa olaanaadha. Ogeeyyonni kunneen galii sassaabamu tumsuu  qofa osoo hin taane kaayyoo barbaadameef akka ooluufis shoorri isaan qaban olaanaadha. Biyya qabiinsi sirna herregaa laafaa ta’e keessatti guddina eeguun rakkisaadha. Gochi kun babal’ina bu’uuraalee misoomaa adda durummaan ni huba. Rakkoon akkasii kun biyyoota Afiriikaa hedduu keessatti bal’inaan calaqqisa.
Duula kiraa sassaabdummaa Itoophiyaan taasisaa jirturratti wantoota gufuu ta’an keessaa tokko haala sirna qabiinsa herregaati. Odiitera Ittaan Mana Hojii Muummicha Oromiyaa, Obbo Amantee Machaaluus akka jedhanitti, haalli qabiinsa herregaa waajjiiraalee hedduu laafaadha.Waajjiraalee Oromiyaa hedduu keessatti galmeen baasiifi galii jiraatus qixa sirriin itti waa’ee ba’aa hin jiran. Kanarraa kan ka’e wayita odiitii taasisan waajjiraalee hedduu keessatti rakkoon walsimuu dhabuu baasiifi galii kan mul'atu ta'uu himu.
Oromiyaatu akka fakkeenyaatti ka’e malee rakkoon kun waajjiraalee mootummaa sadarkaa federaalaatti argama keessattis  kan argamu ta'uu ragaan odiitera olaanaa federaalaarraa argame ni ibsa. Rakkoo kun  keessumaa dhaabbileen barnootaa olaanaa ce’umsa tekinooloojiifi egeree biyyaaf abdataman keessatti bal’inaan mul’achuunsa daran yaaddessaafi xiyyeeffannaa guddaa kan barbaadu ta’uu hubachiisa.
Walumaagalatti, baasiifi galiin waajjira tokkoo adda ba’ee qixa sirriin hojiirraa hin oolu taanaan rakkoon kiraa sassaabdummaa hundee dheereffachuun guddina biyyaa qancarsuuf carraa guddaa waan argatuuf rakkoo kana furuun dhimma xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetamuu qabuudha.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Published in Dinagdee

Finfinnee: Ejensiin Carraa Hojii Uumuufi Wabii Nyaataa Magaalotaa  raawwii karoora hojiisaa bara 2010 kan ji'oota ja'an darbanii keessumaa gama carraa hojii uumuufi wabii nyaata magaalotaa mirkaneessuutiin raawwate irratti Wiixataa hanga Roobiitti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin magaalaa Adaamaatti mari'ateera. Hojiilee raawwatamaniin lammiilee hedduun fayyadamoo ta'aa jiraachuu ibseera.
Ejensichatti, Daarektarri Qophii, Hordoffiifi To'annoo Karoora Tarsiimowaa Durbee Manan Mallas akka jedhanitti, ejensichi magaalotatti carraa hojii bal'aa uumuun rakkoo  hojidhabdummaafi hiyyummaa hir'isuufi wabii nyaataa mirkaneessuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Hojiilee gama kanaan raawwatamaa jiranis fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuurra darbee ilaacha hojii dhuunfaa uummachuu akka gabbifatan taasisuudhaan misooma industirii biyyattiif bu'uura buusaa kan jiru ta'uu himu.
Baatiiwwan ja'an darbanitti dameelee hojii maanifaakchariingii, konistiraakshinii, qonna magaalaa, tajaajilaa, daldalaafi pirojektoota mootummaa gurgoddoodhaan lammiilee kuma 918fi 222f carraa hojii uumuuf kan karoorfame yoo ta'u, kana keessaa lammiilee kuma 809fi 993f carraa hojii dhaabbataafi yeroo uumuun danda'eera. Lammiilee kuma  964fi 570f ammoo leenjii hubannoo gabbisuu fudhataniiru jedhu.  
Baatiiwwan ja'an darbanitti sagantaa wabii nyaataa magaalota 11 keessatti hojiirra oolaa jiruun lammiileen kuma 210fi 743 hojiilee misooma magariisaa magaalotaa, misooma sulula magaalotaa qindaa'aa, qabiinsaafi dhabamsiisa balfa gogaa magaalotaa irratti  hirmaachuun carraa hojii akka argatan ta'eera kan jedhan daarektarittiin, lammiilee sadarkaa hiyyummaa gadaanaa keessa jiran akkasumas hojjechuuf humna hinqabneefi nama isaan gargaaru hinqabne kuma 40fi 142 kallattiidhaan deggersa seeftineetii hawaasummaa akka argatan ta'eera. Lammiilee haala rakkisoo keessa jiran 800f ammoo leenjii dandeettiifi xiinsammuu akka argatan ta'eera jedhu.
Walitti hidhamiinsa gabaa uumuudhaaf agarsiifniifi baazaariin magaalota naannolee adda addaa keessatti akka qophaa'u taasisuudhaan  intarpiraayizoonni omishaalee isaanii akka beeksifatan ta'eera kan jedhan daarektarittiin, akkasumas tajaajila qarshii liqii, bakka omishaafi gurgurtaa akka argatan taasisuudhaan hojiin fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuu raawwatamaa jiraachuu eeru.
Daarekteerri ejensichaa Obbo Zannabaa Kuumoo akka jedhanitti, intarpiraayizoonni qabeenya horatan sheedota gadlakkisuu dhiisuun, hanqinni qarshii liqaa, bakka oomishaafi gurgurtaa akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa rakkoolee ijoo damicharratti mul'ataniifi gara fuulduraatti xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaban ta'uu ibsu.
Ministir Deetaan Ministeera Misooma Magaalaafi Manneenii Aadde Hiruut Biraasaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, tarsiimoo misooma intarpiraayizootaa maaykiroofi xixiqqaaa milkeessuun misoomaafi guddina dinagdee si'ataafi itti fufiinsa qabu akka jiraatu taasisuudhaan imala haaromsa biyyattii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Magaalota keessatti lammiileef carraa hojii bal'aa uumuufi wabii nyaataa mirkaneessuunis hojii mootummaan xiyyeeffaannaadhaan irratti hojjechaa jiru ta'uu himanii, ilaacha hojii uummachuufi qusannoo cimsuudhaan fayyadamummaafi hirmaannaa dubartootaafi dargagootaa mirkaneessuuf barana  hojii fooyya'aan raawwatameera jedhu.
Baatiiwwan ja'an darbanitti pirojektoota gurguddoo mootummaatiin lammiilee kuma 900f carraa hojii uumuuf kan karoorfame yoo ta'u, kana keessaa lammiilee kuma 800f carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumuun danda'ameera kan jedhan Aadde Hiruut, kunis raawwii bara darbe yeroo walfakkaataa waliin yoo madaalamu %13 caamaa kan agarsiise ta'uu himu.
Mootummaan Federaalaa fayyadamummaa dargaggootaa daran cimsuuf qarshii biliyoona 10 kan ramade ta'uu himanii, hangaa Onkoloolessa 30 bara 2010tti qarshii biiliyoona 5.1 naannoleedhaaf raabsameera. Qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran baajatichi kaayyoo barbaadameef akka oolchan yaadachiisaniiru.

Balballoommii Oduu
Natsaannat Taaddasaatiin

Published in Oduu biyya keessaa

Finfinnee: Hojii eegumsa naannawaa raawwataniin gabbinni ooyiruusaanii fooyya'usaatiin oomishaafi oomishtummaan isaanii dabalaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa Burqaa Oruu Itoophiyaaf ibsaniiru. Godinichatti lafa heektaara kuma 265 irratti hojiin eegumsa naannawaa hojjetama ajira.
Waajjirri Qonnaafi Qabeenya Uumamaa gamasaatiin godinichatti hojiin misooma sululaafi eegumsa naannawaa qonnaa bultoota miliyoona walakkaa ol hirmaachise hojjetamaa akka jiru ibseera.
Qonnaan bultoonni yaadasaanii BOIf kennan tokko tokko akka jedhanitti, hojii misooma sululaafi eegumsa naannawaa waggoottan darban hojjetaniin bu'aan argatan misoomicha akka cimsan isaan kakaasuusaa ibsaniiru.
Aanaa Dandiitti jiraataa, ganda Takkattaa Horaa Bulchii kan ta'aan Qonnaan BU;aa Caalii Mul'ataa, waggaa ja'aa as gandisaanii bakka dheedicha horii banaa hambisuun hojii eegumsa qabeenya uumamaa hojjetaa turuu eeranii, kanaanis laftisaanii miidhamee ture dandamachuun gabbinni biyyoo dabalaa dhufuusaa addeeessaniiru. Kanaanis kuduraafi muduraa addaddaa oomishuun dhabuun waggaatti galii qarshii kuma 30 ol argataa akka jiran himaniiru.
Hojii eegumsa qabeenya naannawaa waggoota ja'aaf hojjetaniin jireenyisaanii fooyya'uu kan himan ammoo aanaa Ambootti jiraataa Ganda Biijii Biilloo Qonnaan Bulaa Baay'isaa Gurmeessaa yoo ta'an, hojii bishaaniifi biyyoo ittisuu heektaara tokkorratti hojjetaniin gabbinnisaa dabaluusaatiin oomisha boqqolloo kanaan dura kuntaala 40 argatan gara kuntaala 80tti guddachuusaa addeessaniiru.
Ittigaafatamaa Ittaanaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Biraanuu Mixaafaa akka jedhanitti, bara kana ji'oota bonaatti aanaalee godinichaa 22tti Amajjii 15 irraa kaasee hojiin kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaa raawwatamaa jira. Hojii hanga walakeessa ji'a Guraandhalaatti turuunis lafa heektaara kuma 265 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Dabalataanis, lafti nyaatamaa heektara kuma 45 akka dandamatu taasisuuf hojiilee bishaan akka xuuxamu gochuu hojjechuurra darbee, namaafi horiitiin akka hinmiidhamne taasisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Godinichatti waggoottan ja'aan darbanitti lafa heektaara kuma 878fi 702 irratti hojiin ittisa biyyoofi bishaanii kan hojjetame yoo ta'u, lafa heektaara kuma 250 irratti margi kaloo soorata horiif oolu hojjetamuusaa Obbo Biraanuun dubbataniiru.






 

Published in Oduu biyya keessaa

Fimfinnee: Sirni Gabaa Daandii Qilleensaa Qeenxee Afrikaa hojiirra ooluun Itoophiyaan dabalatee biyyootaa Afrikaaf faayida qabeessa akka ta'e Abbaan Taayitaa Sivil Aviyeeshinii Itoophiyaa ibse.
Daarektara Olaanaa Abbaataayitichaa Koloneel Wasanyellee Hunenyaa, ibsa gaazexeessitootaaf kaleessa galma abbaa taayitichaatti kennaniin, sirni gabaa daandii qilleensaa qeenxee Afrikaa ALA bara 1969 dureewwan biyyootaa Afrikaatiin Ayivorikosti,  Magaalaa Yamosukuruutti waliigalteerraa kan ga'ame ta'uu yadachiisaniiru. Qorannoowwan garagaraa taasifamuus,  sababootaa garagaraatiin waggota dheeraaf utuu hojiirra hinoolfamiin turuu eeraniiru. Waliigalteen magaalaa Yamosukuruutti geggeeffamee kunis gabaa daandii qilleensaa Afrikaa hojjetoota Afrikaaf akka ta'uu dureewwan biyyootaan murteeffamuu kan dubbatan Kolonel Wasanyellee, waggoota lamaan darbanitti Itoophiyaa dabalalatee biyyoonni 11 fedhiidhaan hojiirra oolchaniiru.  Boodas biyyoonni 22 hojiirra oolchuu ibsaniiru.
Akkasaan jedhanitti, sirnichi hojjetoonni qilleensaa haala gabaan murteessuun akka balaliisaan kan dandeessisuufi kanneen akka daandii qilleensaa Itoophiyaatiif waliingahiinsa gabaa kan banuudha. Biyyoonni daandii qilleensaa guguddaa qaban sirnicha kan morman ta'ullee, akkuma biyyoota 22, biyyoonni biroonissirna kanatti akka makaman abdii qaban eeraniiru. Sirni gabaa kun miidhaasaarra faayidaannis biyyoota birootiif qabaatu akka caaluuf kan eeran daariktarichi, xiyyaaronni garasaaniitti wayita balali'anitti hojiileen daandichi uumuufi fayyadamtoonni daandii qilleensaas biyyarraa garaa biyyaatti akka fedhisaaniitti kan balali'an ta'uu himaniiru. Daandileen qilleensaa hundinuu carraa balali'uu wayita qabaatanittis dorgommiin gatii fooyya'aan akka jiraatu kan taasisuudha.
Kana malees Koloneel Wasanyellee akka jedhanitti, Hojjetoonni daandiilee qilleensaa Afrikaa %80 lammiilee biyya alaatiin kan qabamee jiru yoo ta'u, qooda gabaa hojjetootaas madaalawaa kan taasisu ta'uu himaniiru. Kanaaf sirni kun hojiira ooluun hundaafuu faayida qabeessa ta'uu cinaatti biyyoota daandii qilleensaa xixiqqaa qabaniif muuxannoo waljijjiirra akka ta'u dubbataniiru.

Dabalaa Taddasaatiin

Published in Oduu biyya keessaa
Page 1 of 3

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000907811
Har'a/TodayHar'a/Today282
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1236
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week8603
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month30699
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days907811

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.