Items filtered by date: Friday, 09 February 2018
Friday, 09 February 2018 23:54

Ganzabeen sa'aatii haarawaa galmeesiste

Finfinnee: Waldaan Federeeshinoota Atileetiksii Addunyaa (IAAF) waggaa lamati all tokkokan adeemsifamu dorgommii atileetiksii mana keessaa
eedda jalqabe waggoota 33 lakkofsiseera. Waggoottan kanneen keessatti biyyoota adda addaatt yeroo 17ffaaf haala miidhagaadhaan gaggeeffameera.
Dorgommiin kunis adeemsifamaa kan ture koorniyaa lameeniinu gosawwan atileetiksii meetira 60 kaase hanga kuma sadiin. Dorgommii kanatti atileetonnii korniyaa lameeniinu mo'atan badhaasa doolaarii hedduu badhaafamu.
Akka Waldaan Federeeshinoota Atileetiksii Addunyaa mul'isuutti atileetonni dorgommii kanaaf filaman magaaloota addaddaatti duraan dursanii dorgommii gulaalaa adeemsifachuudhaan qabxii dimshaashaan atileetota caalmaa argataniidha.
Haaluma kanaan dogommii gulaalaa isa jalqabaa Sanbata darbe adeemsifameetti atileetonni Itoophiyaa koorniyaa lameeniinu injifannoo goonfataniiru.
Fiigicha meetira kuma tokkoofi 500 Jarman Magaalaa Kaarlusitti dubartoota giddutti adeemsifameetti atileeti beekamtuun Itoophiyaa Ganzabee Dibaabaa daqiiqaa 3:57.45n tokkoffaaffa ba'uun mo'ateetti. Ganzabeen fiigicha kanatti mo'achuushee malee kanaan dura sa'aatii iddoo sanaa kan ofumasheetiin qabamee ture fooyyeessuudhaan olaantummaashee mul'isteetti.
Atileeti Ganzabeen Finfinneetti wayita dorgommii kanaaf qophirra turte “ani kanan shaakalu qofaa koo miti, obbolaa koo Xirunashifi Anaa Dibaabaa waliini. Qophii gaarii waanan taasiseef qabxii gaariin galmeesisa” jechuun ibsitee turte.
Ganzabeen yeroo baay'ee gorsa hangafootashee keessumattuu Xirunash Dibaabaa waan dhaggeeffattuuf qabxii boonsaa akkanaa fiduuf akka ishee gargaarees ni dubbatti.
Dorgommii kanatti atileetonni Ingilizifi Keeniyaa lammaffaafi sadaffaa yoo ba'an quxusun ishee Anaa Dibaabaa ammoo sadarkaa 10ffaa argachuudhaan xumuruun ishee beekameera.
Haala walfakkaatuun fiigicha meetira kuma sadii kan dhiiroota gidduutti adeemsifameen Hagoos Gabra Hiwoot daqiiqaa 7:37.91n, Yoomif Qajeelchaa ammoo daqiiqaa 7:38.67n tokkoffaafi lammaffaa ta'uun mo'ataniiru. Atileetiin Morookoo Abdallaat Igudeer daqiqaa 7:39.91n sadarkaa sadaffaa argateera. Karaa biraatiin, fiigicha meetira kuma sadiin Roobi darbee Magaalaa Jarman, Dusildorfitti dhiiroota gidduutti adeemsifameen Atileet Yoomiif Qajeelchaa tokkoffaa ba'uunsaa beekameera.
Sagantaa Waldaan Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa baaseen akka mul'iseetti dorgommiiwwaan hafan guyyoota 20 keessatti adeemsifamu. Dorgommiiwwan kunneen Ispeen magaalaa Maadiriditti, Ameerikaa Bostanitti, Poolaand Torunuttifi Iskootilaandi Maalaaskaawutti adeemsifamu.

 Balballoommii Oduu

 

 

 

 

 

 

Published in Ispoortii

Itoophiyaan dhimmoota bara 2030tti damee fayyaatiin galmaan gahuf akka Addunyaatti karoorfaman kanneen akka tamsa'ina dhibee HIV Eedsiifi Sombaa(TB) ittisuuf akkasumas dhibee Busaa balleessuudhaaf karoorfattee hojjechaa akka jirtu beekamaadha.
Dhibeewwan sadeen ibsaman kanneen ittisuudhaaf immoo wayitii ammaa dhaabbileen miti mootummaas ta'e biyyootni Addunyaa hundi irree tokkoon hojjechuurratti kan argaman ta'uu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni mul'isa.
Sochii olaanaa qaamota garaa garaa hirmaachisuudhaan waggoottan kurnan darban keessatti hojjatamaa tureenis bu'aawwaniifi jijjiiramootni galmaa'aa jiran hedduudha.
Akka Itoophiyaattis, lammiileen dhibee HIV Eedsii waliin jiraatan kuma 700fi kuma 22 yemmuu ta'an, biyyattii keessatti dhibeewwan du'a lammiilee hedduutiif sababa ta'an keessaayis sadarkaa 2fa irratti kan argamu ta'uu ragaalee Ministeera Fayyaa RFDI irraa hubatameera.
Gama biraatiinis biyyattiin baay'ina namoota dhibee Sombaatiin qabamaniin Addunyaa irraa sadarkaa 9fa kan argamtu yemmuu taatu, biyyoota 30 dhibeen kun dawaadhaan walbare keessatti kan argamtuudha.
Dhibeen busaas dhibeewwan yeroo ammaa fayyaa hawaasa biyyattii qoraa jiran keessatti kan ramadamuufi waggaa waggaadhaan lammiileen biyyattii miiliyoona 2 ta'an dhibee busaatiin kan qabamaniidha.
Dhibeewwan kanneen to'achuudhaaf immoo gargaarsi dhaabbileefi biyyoota Aaddunyaa akkuma jirutti ta'ee, biyyattiinis bajeta olaanaa ramaduudhaan sochii olaanaa taasisaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa ibsuurratti argama.
Tibbanuma immoo 'Dhaabbanni Global Fund' jedhamu maallaqa ittisaafi to'annoo HIV Eedsii, Busaafi Sombaatiif oolu doolaara mil. 379 kennuunsaa sochii to'annoo dhibeewwan kanneen irratti taasifamuuf tumsa ta'uusaa de'eetaan ministerichaa Doktar Kabbadaa Warquu ni dubbatu.
Akka Doktar Kabbadaan ibsanitti, yaalii yeroo dheeraa taasifamaa tureen maallaqichi kan argame yoo ta'u, kanaafis milkaa'inni biyyattiin damee fayyaa irratti galmeessisaa turte shoora olaanaa kan qabu ta'uusaati.
Maallaqa deggarsaan argame keessaa doolaarri miiliyoona 194 ittisaafi to'annoo dhibee HIV Eedsiif, miiliyoonni 46 dhibee Sombaatiif kan oolu yoo ta'u, doolaarri miiliyoona 112 immoo dhibee busaatiif akkasumas miiliyoona 27 ta'u immoo hojmaata fayyaa cimaa ta'e diriirsuudhaaf kan ooluudha, jedhu.
Itoophiyaan deggarsa biyyootaafi dhaabbilee garaa garaa irraa argachaa turte bifa guutuu ta'een hojirra oolchuusheetiin du'a haadholiifi daa'immanii hir'isuu danda'uushee kan eeran Doktar Kabbadaan, tamsa'ina dhibee HIV Eedsiifi du'a namoota dhibee kana waliin jiraataniis hir'isuun kan danda'ame ta'uu dubbatu.
Yeroo ammaa kanas namootni dhibee HIV Eedsii waliin jiraatan kuma 430 ta'aniif wal'aansi lammiilee HIV Eedsiin qabamamaniif taasifamaa jiraachuu himanii, kanaanis namoota sababa dhibee kanaatiin lubbuusaanii dhabaa turan dhibbantaa 70n hir'isuun kan danda'ameera.
Sochii ittisaafi to'annoo dhibeewwan kanniin irratti taasifameenis namoota dhibee Busaatiin lubbuusaanii dhabaa turan dhibbantaa 80n akkasumas kanneen sababa dhibee Sombaatiin du'an immoo dhibbantaa 36n hir'isuun akka danda'amellee ni eeru.
Itoophiyaan biyyoota gargaarsa dhaabbata 'Global Fund' irraa argatan keessaa ishee tokko yemmuu taatu, bara 2002 hanga 2017 qofatti doolaara biiliyoona lama ol argatteetti.
Walumaagalatti, gama damee fayyaa Addunyaatiin maniiwwan bara 2030f karoorfaman galmaan ga'uudhaafis ta'e hojmaata fayyaa cimaa ta'e diriirsuudhaaf maallaqni gargaarsaan argame kun ga'ee olaanaa kan qabaatu ta'us, sochiifi kutannoon mootummaan fayyaa hawaasasaa mirkaneessuudhaaf taasisus xiyyeeffatamuu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Hawaasummaa
Friday, 09 February 2018 23:51

Invastimantii guddina hawaasummaaf

Godina Arsii Aanaa Martii Gandaa Waatichaa Dolee keessaa abbootii warraa 200 oltu jiraatu. Naannawaan kun bu'uuraalee misoomaa akka bishaan, elektirikii, mana barnootaafi dhaabbilee wal'aansaa gahaatti hinqabu. Akka ragaan mul'isutti, hawaasni naannawichaa %84 ta'an wabii midhaan nyaataan kan of hindandeenye, %40 bishaan dhugaatii qulqulluu kan hinarganneefi, dubartoonni %40 ta'an manatti kan da'aniidha. Kanumarraa ka'uun Kaampaaniin Dhugaatii Wayinii Awaash naannawichatti hojii invastimantii irratti bobba'ee jiru cinaatti jireenya hawaasa naannawichaaf abdii guddinaa ta'uurratti argama.
Kaampaanichi gandicha keessatti kuufama bishaanii beelladootniifi hawaasni naannawichaa itti fayyadamu hojjeteera. Aaddee Soofiyaa Kadir bishaan kuufamaa kanatti uffaanaasaanii utuu miicatanii argine. Akkasaan jedhanitti, kuufamni bishaanichaa qulqullina uffanaafi dhugaatii beeyladootaaf kan gargaaru ta'us yeroo bishaan dhugaatii qulqulluu utuu hin argatin dhugaatiifis itti fayyadamaa turan.
Yeroo ammaa kaampaanichi bishaan dhugaatii qulqulluu naannawaasaanitti akka galcheef kan himan Aadde Soofiyaan, akkasumas mana barnootaa daa'immanii ijaaruudhaan daa'imman isaanii carraa barnootaa akka argatan taasiseera.
Jiraataadhuma godinichaa kan ta'an Obbo Addisuu Jaamboo gama isaaniitiin akka jedhanitti, duraan bishaan balfa garagaraa guuree ya'uufi qulqullina hinqabne dhugaatiif itti fayyadamaa turan. Daa'imman isaaniis bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuudhaan dhukkuboota garagaraatiif saaxilamaa turan. Yeroo ammaa garuu bishaan dhugaatii qulqulluu kaampaanichi galcheefitti fayyadamaa jiru. Akkasumas mana barnootaa ijaaruun, soolaariifi sunsuma amayyaa galchuufiin jireenya fooyya'aa akka jiraatan taasisaa jiraachuu dubbatu.
Naannawichatti hanqinni roobaa waan mul'atuuf gargaarsa mootummaan kennuufi deeggarsa midhaanii kaampaanichi isaaniif taasisuun jireenyasaanii geggeeffataa akka jiran himanii, haalli jireenya isaaniis kan duraaniirra fooyya'aa akka ta'es dubbatu.
Maanaajarri Misooma Hawaasummaa Kaampaanichaa Obbo Gannaa Jundii akka jedhanitti, dhaabbatichi hanga ammaatti qarshii miliyoona 1.2n ijaarsaa bishaan dhugaatii geggeessuun, naannawichatti abbootiin warraa 200 ta'an tajaajilamtootaa humna elektirikii ta'aniiru. Kana malees, hojjetootaa dhaabbatichaa naannawicha jiraataniif oyiruu qonna midhaanii kaampaanichaarratti boqqolloo omishuudhaan deeggarsa kan taasisu ta'uu dubbatu.
Kaampaanichi mana barnootaa naannawichaatti ijaaruudhaan hawaasni carraa barnootaa akka argatan taasisaa jira. Kana malees kaampaanichi fedhii tajaajila hawaasummaa garagaraa guutuuf hojjechaa jiraachuu himu.
Walumaagalatti, kaampaaniiwwan hedduun hojii invastimaatiirratti bobba'an bu'uuraalee misoomaa garagaraa ijaaruun hawaasa naannawaa fayyadamaa taasisuun hojiilee isaan irraa eegamaniidha. Kanaaf ammoo hojiin Kampaaniin Dhugaatii Wayinii Awaash Aanaa Martiitti hojjechaa jiru fakkeenya gaarii ta'a.

Dabalaa Taaddasaatiin

Published in Hawaasummaa

Jeeqamuun madaallii uumamaa irraa caalaatti kan dhaqqabu gocha dhala namaatiin. Bosona mancaasuun, aara summa’aafi dhangala’oo warshaalee garaagaraa keessaa gara naannawaatti yaa’anii akkasumas balfi gogaan to’annoo malee gara naannawaatti gad dhiifamu gochoota dhala namaa, madaallii uumamaa jeeqan keessaa isaan muraasa. Jeeqamuu madaallii uumamaan hongeefi dhibeewwan mudatan akkuma biyyoota biroo Itoophiyaas gatii guddaa kaffalchiiseera. Hongeen bara darbe biyyattiitti mudateefi lammiilee miliyoonaan lakkaa'aman beelaaf saaxile akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
Yeroo ammaa rakkoo kana maqsuuf sochii garaagaraatu taasifamaa jira. Tibbanas dhimma kana ilaalchisee Instituutiin Qorannoo Bosonaafi Naannawaa Itoophiyaa qaama dhimmi ilaallatu hunda waliin Bishooftuutti marii taasisee ture. Daarekteerri Ittaanaa Instituutichaa Dooktar Ageenaa Aanjiloo akka jedhanitti, jeequmsa madaallii uumamaan qaamolee bishaaniis ta’e lafarratti rakkoon dhaqqabaa jiru yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Keessumattuu, naannolee gammoojjii biyyattii keessatti sababa jijjiirama haala qilleensaan sanyiiwwan mukeen hedduu badaa jiru. Kana malees, haroowwan tokko tokko badiirraa ga’uun alatti kanneen faalamaaf saaxilamanis ni jiru. Rakkoon mudataa jiru kun Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa ijaarsarra jiruufis yaaddoo ta’uun hubatamee tarkaanfiin qorannoon deggerame fudhatamaa jira.
Hanga ammaatti faalama qilleensaa ittisuun alatti lafa lolaan dhiqame hedduu bosonoomsuun magariisa uwwisuun danda’ameera. Wantoota faalama naannawaa dhaqqabsiisuun madaallii uumamaa jeeqan xiqqeessuufis hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetameera. Ta’us ammayyuu hojii hedduutu hafa jedhu.
Mnisteera Naannawaa, Bosonaafi Jijjiirama Haala Qilleensaatti Ogeessa Bosonaa kan ta'an Doktar Tafarraa Mangistuu gama isaaniitiin akka jedhanitti, Itoophiyaa baay’ina bosonaafi haala qilleensaa mijata qabduun ofirra darbuun biyyoota ollaafuu kan geessudha. Ta’us hojii gahaa hojjechuu dhabuun jijjiirama haala qilleensaafi jeequmsa madaallii uumamaan dararamaa jirti. Yeroo ammaa misooma bosanaa qorannoon deggerame diriirsuun lafa bosonni dura irraa bade magariisa akka uffatu ta'aa jira. Hojiin misooma bosonaa cimee kan itti fufu taanaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa maqsuun alatti biyyattiin bu’aalee bosonaarraa galii guddaa kan argattu ta'uu dubbatu.
Doktar Alamaayyoo Nagaasaa Instituuticha bakka bu’anii waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru. Waraqaa qorannoo dhiyeessaniin akka jedhanitti, misoomni bosonaa qaamma bishaana’oo madaalli uumamaa eeguun alatti guddina dinagdeef shoora olaanaa qaba. Ta’us bakkeewwan hedduutti keessumaa naannoolee gammoojjiitti bosana ciruun qonnaaf oolchuun bal’inaan itti fufee jira. Amma garuu dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa xiqqeessuufi dhiqama biyyoos maqsuuf mukeen yeroo gabaabaatti ga’uun omishaafi dinagdee qonnaan bultootaa utuban dhaabamaa jiru.
Gama biraan ammoo meeshaa biyya Sudaanirraa bitame fayyadamuun omisha Ixaanaarraa galii guddaan akka argamu taasisaa jira kan jedhan Doktar Alamaayyoon, bifuma wal fakkaatuun sanyiiwwan leemmanii dhabamanii yeroo gabaabaa keessatti gabaaf dhiyaatan biyyoota garaagaraarra fiduun biyya keessatti madaqsuuf sochii taasifameen bu’aan jajjabeessaan argamaa jira.
Walumaa galatti, madaallii uumamaa sababa gocha dhala namaan jeeqamaa jiru maqsuuf sochiiwwan garaagaraa taasifamaa jiran cimanii akka itti fufan taasisuun rakkoolee gama kanaan dhaqqaban ittisuurra darbee dinagdee biyyattii guddisuu keessattis gahee olaanaa qabaata.

 Waaqshuum Fiqaaduutiin

 

 

Published in Dinagdee

Ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa Bitootessa 24 bara 2003 ifatti eegale. Ijaarsa hidhaa kanaa xumuruuf qarshiin barbaachisu biliyoona 80 yommuu ta’u, hanga ammaatti qarshiin ummatarraa walitti qabame biliyoona 10 qofa. Hidhichi wayita xumuramu fedhii humna ibsaa biyyattii guutuun alatti humna ibsaa biyyoota addunyaaf dhiyeessuun sharafa alaa argachuuf kan oolu ta’a. Dhiyeessiin humna ibsaa gabaa addunyaaf taasifamu kun hariiroo biyyattiin biyyoota addunyaa waliin qabdu jabeessuu keessattis shoora guddaa taphata.
Torban darbe Waajjirri Qindeessa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidhaa Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gaazexeessitoonni ijaarsa hidhichaa akka daawwatan taasiseera. Hoji Gaggeessaa Olaanaa ijaarsa hidhichaa Injinar Simmany Baqqalaa sirna daawwannichaarratti akka jedhanitti, biyyi keenya akkuma biyyoota kaanii hiyyummaa keessaa ba’uuf tarsimoowwan diriirsite keessaa ijaarsi hidhaa haaromsaa isa tokkodha. Ijaarsi hidhichaa yeroo ammaa namoota kuma kudhanii ol ta’aniif carraa hojii uumuu danda’eera. Wayita xumuramus miliyoonotaaf carraa hojii uumuun alatti guddina dinagdee biyyattii daran kan saffisiisuu ta’a. Gama dippiloomaasiins dhiyeessaa humna ibsaa ardii Afiriikaa qaxxaamuru taasisuuf qophiin xumurameera.
Hidhichi guddinaan Afiriikaarraa sadarkaa duraa addunyaarraa sadarkaa 6fa ta’uusaatiin qalbii hawaasa idila addunyaa hawwataa jira jedhu Injinar Simmanyoon. Haaluma kanaan bulchitoonni, ambaasaaddaroonniifi namootni bebbeekamoon addunyaa hidhicha daawwataniiru; ammas daawwachaa jiru. Kana malees, miidiyaaleen addunyaa bebbekamoon 400 ta’an hidhicha daawwataniiru. Maallaqni sababa daawwannaan argamuun argamus diinagdee biyyattii guddisuurra darbee dhaggeettii biyyattiin addunyaa biratti qabdu daran olkaasee jira. Hojii dippiloomaasiifis haala mijataa uumee jira. Deggersa maallaqaa doolaara Ameeriikaa kuma 150 gamtaan Afiriikaa tibbana ijaarsa hidhichaaf taasise bu’aa ifaaja akkasii keessaa argamu ta’uu ni eeru.
Obbo Tsaggaa’ee Shumburee Waajjirri Qindeessa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti, Qindeessaa Sochiifi Hirmaannaa Ummataati. Akka isaan jedhanitti, ummatni biyyattii qabaatee ykn irraa hafee osoo hin taane soorata ittiin lubbuusaa jiraachisurraa muree hidhicha ijaaraa jira. Kunis rakkoo har’a isa mudatu akka salphaatti lakkaa’ee jireenya bor hojjetee itti ce’u abdiin eeggachaa jira. Hunda ol hirmaannaan namoota galii gadaanaa qabanii daran kan nama boonsuufi mul’ata boriif kan nama kakaasudha. Hirmaannaan namootni kophee qulqulleessaniifi qulqullina naannawaa irratti bobba’an taasisaa jiran olaanaadha.Gama dippiloomaasiins namoota biyyoota adda addaarraa affeeruun hubannoo uumuurratti sochiin taasifame hedduudha.
Ijaarsa hidhicharratti ogeessota 200 ol ta’anitu biyyoota garaagaraarraa hirmaate jira. Namootni hirmaatan kunneen ce’umsa tekinooloojii saffisiisuun alatti hariiroo biyyi keenya biyyoota addunyaa waliin taasisaa jirtu dhugoomsuuf shoora guddaa taphatu. Hidhichi ummata Itoophiyaa qofa osoo hin taane Afiriikaa dabalatee biyyoota addunyaa mara fayyadamaa taasisa. Sudaaniifi Misiris akka kanaan duraa hangi bishaanii waqtiilee irratti hundaa'uun kan ol ba’uufi gad bu’u osoo hin taanee waggaa guutuu hanga bishaanii walfakkaataa akka argataniif gargaara. Haroo nam-tolcheen hojjetamaa jirus tuuriistoota hedduu biyyoota addunyaarraa hawwatuun shoorrii dinagdeefi dippiloomaasiisaa guddaadha.
Walumaagalatti, ijaarsi hidhi guddichaa wayita xumuramee tajaajila kennuu eegalu carraa hojii bal’aa uumuun alatti guddina dinagdee eegalame daran saffisiisaa. Gama biraatiin annisaa elektiriikaa biyyoota addunyaatti gurguruun galii sharafa alaa kan argamsiisuufi hariiroo biyyattiin biyyoota alaa waliin qabdu daran kan cimsuudha.

Waaqshauum Fiqaaduutiin

 

Published in Dinagdee

Finfinnee: Ji'oottan lamaan darban jijjiiramni jiraatus ijaarsi istaadiyeemii Wallaggaa caalaatti harkifachuu akka qabu Biiroon Dhimma Dargaggoof Ispoortii Oromiyaa beeksise.
Jilli Hogganaa biirichaan hogganamu tibbana istaadiyeemicha daawwateera. Hogganaan biirichaa Obbo Mootummaa Tamasgeen akka jedhanitti, harkifannaa ijaarsa irraan kan ka'ee hawaasni naannoo Oromiyaa yeroo adda addaa gaaffii kaasaa tureera.
Jiillichi daawwannaa istaadiyeemii erga gaggeessee booda jijjirama ji'a lammaan darban madaalanii jiru. Bu'uuruma kanaan jijjiramni ji'oota lammaan darban jiru gaarii yoo ta'ees, guyyaa jedhamee keessatti ijaarsa xumuruun walharkaa fuudhiinsa gaggeessuuf ijaarsi bishaan Oromiiyaa xiyyeeffannoofi quuqmina addaan hojjechuu akka qabuu beeksiisaniiru.
Hojiiwwan boodatti haafaniifi haarkifatan irratti miira yeroo hinqabneen hojjatamuu akka qabuus ibssaanii Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaatu gabaase.

 

Published in Oduu biyya keessaa

Makaanasalaam: Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaatti Pirojektoota baasii qarshii mil. 185 ta’aniin ijaaramaa jiran keessaa, pirojektiin bishaan dhugaatii birrii mil. 15niin ijaarame xumuramuun kaleessa eebbifameera.
Gaggeessaan hojii pirojektichaa Obbo Adaanee Nugusee sagantaa eebba pirojektichaarratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, dhaabbatni ‘menschen for menschens’ ykn namootni namootaaf jedhamu biyyattii keessatti tajaajila addaddaa kennuun rakkoolee hawaas-dinagdee furaa turuusaa himanii, pirojektiin bishaan dhugaatii Walloo Kibbaatti eebbifame kunis qaamuma hojii misooma dhaabbatichaa ta’uu dubbataniiru.
Pirojektiin Godina Walloo Kibbaa Aanaa Wagiddii naannawaa Lamii Roobititti eebbifame kun waggootan 30n dhufaniif kan tajaajilu yoo ta’u, hawaasni naannawichaa kuma 6 ol ta’aniif tajaajila ni kenna jedhameeti eegama.
Dhaabbatni namootni namootaaf jedhamu kun godinichatti aanaalee lama(Wagiddiifi Booranaa) keessatti qarshii mil. 185 ta’u ramaduun hojiilee kanneen akka eegumsa naannawaa, fayyaafi damee barnootaa, akkasumas fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuurratti hojjetaa kan jiru yoo ta’u, kanaanis rakkooleen hawaas-dinagdee furamaa jiraachuu ibsaniiru.
Maallaqni ramadame kunis pirojektii bishaan dhugaatii cinatti suphaafi ijaarsa daandii baadiyyaaf ooluun hojjetamaa jiraachuu hubatameera. Kana waliinis lafa jallisii hektaara 75 qopheessuun kuduraafi fuduraalee oomishuuf xumurarra gahee jira.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Oduu biyya keessaa

Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa bara bajataa 2010f mootummaa federaalaaf bajata dabalataa qarshii biliyoona 14 raggaasise. Manni marichaa bajaticha kan raggaasise walga’iisaa Kibxata darbeetiini.
Bara bajataa 2010f bajata ragga’e qarshii biliyoona dhibba sadiifi biliyoona 20.8 keessaa of eeggannoof kan qabame %2 dandamannaa balaa ummamaaf ooleera.
Bajanni dabalataa kun balaa uumamaafi namtolchee ittisuufi dandamachuu, kaffaltii fandii marmaartuu dargaggootaa hafeef, simannaa yuunvarsiitota haaraa 11 guddisuufi cee’umsa televiizyinii diijiitaalaf oola.
Bajanni ragga’e kun qarshii biliyoona 14n keessaa biliyoonni tokko fandii marmaartuu dargaggootaaf, miiliyoonni 500 simannaa yuunvarsiitota haaraa 11 guddisuuf, biliyoonni 300 televiizyinii diijiitaalaa babal’isuu, bittaa meeshaafi kaffaltii hafeef kan oolu. Qarshiin biliyoonni shan deggarsaafi deebisanii dhaabuu lammiilee balaa tasaafi namtolcheen miidhamaniif, biliyoonni 7.2 galmoota bara bajataa 2010 raawwachiisuuf waajjiraalee hanqinni bajataa mudate faayinaansii gochuuf qabame.
Bajatichis galii taaksiifi kaappitaalarraa argamu qarshii biliyoona 14n akka uwwifamu FBCtu gabaase.

 

Published in Oduu biyya keessaa

Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ambaasaaddar Saamiyaa Zakkaariyaa walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa gochuun muude.
Manni marichaa walga’iisaa dheengaddaatiin muudama Ministira Muummee Haaylamaariyaam Dassaalanyiin dhiyaateef; walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyoolessaa, itti aanaa walitti qabaafi miseensota boordii torba raggaasiseera.
Haaluma kanaan Ambaasaaddar Saamiyaa Zakkaariyaa walitti qabduu, obbo Damoozee Maammee itti aanaa walitti qabaa ta’uun muudamaniiru.
Ambaasaaddar Saamiyaan bara 1972 amma 1998 Istaatiistiiksii Giddugaleessaa Itoophiyaatti dursummaa gareerraa kaasee amma itti aantuu hoji raawwachiistummaatti hojjetaniiru.
1998 kaasee amma 2009tti ammoo Istaatiistiiksii Giddugaleessaa Itoophiyaatti daareektara olaantummaan hojjechaa turaniiru. 2009 kaaseemmoo Naayjeeriyaatti ambaasaaddara Ityoophiyaa ta’uun tajaajilaa jiraachuusaanii FBC irraa odeeffanneerra.

 

Published in Oduu biyya keessaa

Caffeen Oromiyaa abbaa aangoo ol’aanaa Mootummaa Naannichaa itti gaafatamummaa guddaan Heeraafi Uummataan itti kennamee dha. Caffeen ijaarsa sirna dimokiraasii dagaagsuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, misooma ariifachiisaafi ummanni sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamu fiduu keessatti gaheen qabu guddaadha.
Hojiileen seera tumuu, hojii bakka bu'ummaa ummataa raawwachuu, dandeettii raawwachiisummaa manneen maree ummataa cimsuuf deeggeruufi hojiin hordoffiifi to'annoo hojiilee muummeyyii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
Aangoofi hojii Caffeedhaaf Heeraafi Labsiidhaan kennameef inni guddaan seera imaammataa mootummaan baase hojiirra oolchuu dandeessisu tumuudha. Caffeen seera tuma yoo jedhamu, seerota haarawaa tumuu, seerota turan fooyyessuu ykn haquu, waliigalteewwan adda addaa raggaasisuufi murteewwan adda addaa dabarsuu ni dabalata.
Hojiilee mummeeyyii Caffichaa keessaa inni biroon hojii bakka bu’uummaa uummataati. Kaayyoon isaas miseensonni Caffee uummata isaan filate jidduutti argamuun mari’achiisuun rakkoolee uummata isaan filatee dhiyeenyatti hordofuudhaan sadarkaa sadarkaadhaan haalawwan waliigalaa fala argatan taasisan mijeessuufidha. Caffeenis, hojii bakka bu’ummaa raawwachuu wajjin wal qabatee miseensonni Caffichaa uummata bakka isaan buufate wajjiin karooraan wal arguuf mirga akka qabu hubannoo keessa galchuun miseensonni Caffee uummata isaan filate wajjin akka qunnaman haalawwan mijeessaa tureera.
Akkasumas, Miseensonni Caffee idileedhaan haalawwan uummata isaan filate wajjin itti wal-argan mijeessuu ilaalchisee Dambii Lak. 3/2001 Keewwata 60 fi 61 jalatti yeroo itti wal-arganiifi adeemsa kana keessatti immoo gaheen Caffee maal akka ta’e ifaan tumeera.
Waan kana ta’eef, akkaataa Dambii Lak. 3/2001, Keewwata 61, Keewwata Xiqqaa 1 fi 2tti Caffeen dhimma barbaachisaadha jedhee itti amanerratti miseensonni uummataan wal arganii, yaada walitti qabanii akka dhiyeessaniif sagantaa qopheessuunis haata’u bakka bu’oonni kaka’umsa isaaniitiin barbaachisaadha jedhanii dhimma itti amanan irratti uummata isaan filate wajjin mari’achuufi yeroo deeman tooftaalee:
* Uummata isaan filate akka mijaa’ina isaatti walitti qabuu,
* Qaamolee mootummaafi miti-mootummaa adda addaa dubbisuu,
* Iyyannoowwan, eeruuwwaniifi yaadota ogeessa adda addaa walitti qabuu,
* Qo’annoofi taajjabbii adda addaa gochuu,
* Rakkoolee ka’an ilaalchisee sadarkaa sadarkaadhaan qaamolee dhimmi ilaaluu wajjin hiikuuf yaalii gochuun kan ittiin fayyadaman ta’a. /Dambii Lak. 3/2001, Keewwata 61 Keewwata Xiqqaa 3/
Caffeen dandeettii raawwachisummaa qaamilee isaa cimsuuf hordoffiifi deeggarsa barbaachiisu ni taasisa. Kunis, migoota miseensonni Caffichaa qaban keessaa inni tokko ijaarsa dandeettiifi odeeffannoo aangoofi hojiilee isaanii sirnaan raawwachuu isaan dandeessisu argachuuudha. Akkasumas, hojiiwwan Caffeen hojjatu keessaa, Manneen Maree Aanaaleefi Gandootaa akkasumas Manneen Maree Magaalotaa dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuu, deeggarsa barbaachisaa ta’e kennuu, raawwii hojiisaanii hordofuufi haala aangoo isaaniitiin walitti hin buuneen bu’aa hordoffii irratti hundaa’ee yaada furmaataa dhiyeessuudha. Kanarraa ka'uunis, Caffeen baroota dabarse keessatti bakka bu’oonni uummataa - Caffee irraa kaasee Manneen Maree Uummataa - aangoofi gahee seeraan kennameef gahumsaan bahachuu akka danda’an hojii dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuurratti xiyyeeffatanii hojjetaa turaniiru.
Hojiiwwan mummeeyyii Caffeen hojjetaman keessaa hojiin hordoffiifi to’annoo isa tokko. Hojiin hordoffiifi to’annoo kunis gama lamaan koreewwan dhaabbii Caffeen gaggeeffama. Inni tokko kurmaana kurmaanaan karooraafi raawwii seektaraalee mootummaa gamaaggamuu yoo ta’u, inni lamaffaan ammoo hojii daawwannaa dirreen qabatamaan dhugaa lafarra jiruufi komii hawaasaa sadarkaan jiru dhageeffachuun qaama dhimmi ilaalu wajjin rakkoolee jiraniif fala kaa’udha. Kaayyoo muummeen Caffeen qaamolee mootummaa hordofuufi to’atuuf:
* Qabeenyi uummataafi Mootummaa qajeelloon hojiirra ooluu,
* Hojiileen seeraafi sirna bu’uura godhatanii raawwatamaa jiraachuu,
* Kallattiin misoomaa haqa qabeessaafi ariifataan jiraachuu,
* Dimokraasiifi bulchiinsi gaariin diriiruu,
* Mirgi lammiiwwanii, nagaafi tasgabbiin kabajamuu,
* Akkasumas, qaamolee mootummaa gidduu qindoominni hojimaataa jiraachuu mirkaneessuudha.
Qaamoleen mootummaa Caffeen hordofuu fi to’atu:
* Qaamolee mootummaa naannichaa,
* Damee qaamolee mootummaa gajallaafi
* Qaamolee keessoo Caffichaati
Bu’uuruma kanaan, koreewwan Dhaabbii Caffee gabaasa raawwii hojii manneen hojii isaaniin hordofamaniifi to’ataman irraa dhiyaatu erga gamaaggamanii booda hojiiwwan raawwataman jedhaman sun qabatamaadhaan akka gabaafamee sanaan sadarkaa dakaatti raawwatamuufi dhiisuu isaanii, jijjiiramni mul’ate maal akka fakkaatu, rakkooleen jiran maala akka ta’an ilaaluuf daawwannaa hojii taasisuun hordoffiifi to’annoo ni gaggeessu.
Hojiin hordoffiifi to’annoo kun kan raawwatamu, gabaasa Caffeedhaaf walgahicha irratti kallattiidhaan dhiyaatuun yookiin kurmaana kurmaanaan koreewwan dhaabbii Caffeef dhiyaatuun qofa miti. Eeruuwwaniifi iyyannoowwan koreewwan dhaabbii Caffichaaf qajeelfaman irratti hundaa’uun hordoffiifi to’annoon ni adeemsisa.
Dabalataanis, hojiin hordoffiifi to’annoo akka Caffeetti gabaasoota qaamolee mootummaa walgahii gaggeessu irratti raawwatamu akkuma jirutti ta’ee Koreewwan Dhaabbii Caffee raawwii hojii qaamolee kanaa kurmaana kurmaanaan fudhachuun ni gamaaggamu; bu’aa gamaaggama isaaniis Koree Qindeessituu Caffichaatiif dhiyeessuun Koreen kallattii kan kaa’uuf ta’a. Koreewwan dhaabbiis, manneen hojii mootummaa akkaataa kallattii koreen qindeessituun kaa’eetti hojii isaanii hojjachuu isaanii hordoffiifi to’annaa gaggeessaniin mirkaneeffatu. Manni hojii akkaataa kallattii kaa’ameen hin sochoone, hojiisaa hin raawwanne yoo jiraatees:
* Waajjirichi rakkoo jedhame akka beekuufi rakkoo uumees akka sirreessuuf Caffeen kallattii ni kaa'a. Qajeelfamas ni kenna, sirreessuusaatis ni mirkaneeffata;
* Rakkoo bu’uuraa ta’uudhaan kan hin fooyyofne yoo ta’eefi rakkichi sababa abbaa taayitaa ykn nama dhuunfaa dhaabbaticha keessa jiruun kan raawwatame yoo ta’ee akka haalasaatti akeekkachiisa kennuudhaan karaa Pireezidaantii Naannichaatiin tarkaanfii ni fudhachiisa;
* Rakkoon kan uumame karaa pireezidaantii naannichaa ykn qaamolee mootummaa kallattiidhaan Caffeetti waamamaniin yoo ta’e, Caffeen kallattiidhaan tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata.
Haata’uutii, Caffeenis ta’e koreewwan dhaabbii hordoffiifi to’annoo yeroo adeemsisu, dhimmoota waliigalaa irratti malee hojii guyyaa guyyaan manneen hojii hojjatan irratti xiyyeeffachuun ta’uu hin qabu; hordoffiifi too'annoon adeemsifamu haala bilisummaa isaanii eeggateen ta’uu qaba.
Bu’uuruma kanaan, hojii hordoffiifi to’annoo bara kanaa marsaa lamaan gaggeessuuf karoorfame keessaa, marsaa jalqabaa dhuma kurmaana 2ffaa kanatti gaggeessuun kan danda’ame yoo ta’u, godinaalee Oromiyaa 20 keessa godinaalee 16 garee 8tiin koreewwan dhaabbii Caffeen yoo gaggeeffamu, magaalota naannichaa 7, aanalee 32fi gandoota baadiyyaa 78 qaamaan bira gahuun qaamolee hawaasaa adda addaa sadarkaan jiran 28,770 (kuma digdamii saddeetiifi dhibba torbaafi torbaatama) marsiisuun danda’ameera.
Godinaaleen ilaalamanis godina Shawaa Bahaa, Arsii, Baalee, Arsii Lixaa, Booranaa, Gujii Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa, Jimmaa, Bunnoo Baddalee, Iluu Abbaa Boor, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Horroo Gudduruu Wallaggaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Lixaafi Godina Addaa Finfinnee Naannawaa Finfinneeti.
Hojii hordoffiifi to'annoo dirree kanaan ciminaalee, hanqinaalee fi bu’aawwan gurguddoo adda baasuun danda'ameera.
Ciminaalee gurguddoon daawwannaa hojii dirree kanaan argamaan keessaa:
* Rakkoolee hamaa bulchiinsa gaarii ta’uun sadarkaa adda addaatti qaamolee hawaasaan ka’aa turan akka fooyya’an ta’uusaa,
* Gaaffiiwwaniifi komiiwwan hojii dhabeeyyii naannicha keessatti bal’inaan ture fooyyeessuun, dargaggoota ogummaa adda addaan yuunibarsiitiifi koollejjii garaagararraa eebbifamaniif carraa hojii uumuuf sochiin ture fooyyee kan qabu ta’u,
* Rakkoolee invaastimantii wajjin walqabataaniifi gaaffiifi komii hawaasaa ta’uun rakkoolee bulchiinsa gaarii ta’uun bara dheeraa lakkoofsisan bu’uura seeraan tarkaanfii barbaachisaan akka fudhatamu taasifamuu,
* Barsiisotaa, hojjattootaafi jiraattoota magaalaaf lafti mana jireenyaa akka kennamuuf sochiin taasifamaa kan tureefi ta’aa kan jiru ta’u.
* Kenninsi tajaajilaa kanneen akka tajaajila haqaa, hawaasummaa sadarkaan jiru fooyya’iinsa kan qabuufi miirrii tajaajiltummaa siiviil sarvaantii biratti mul’achaa dhufuu,
* Haaromsa gadi fagoon jijjiramni akka naannootti jiru hojii boonsaa ta’uufi
* Gaaffiiwwaniifi komiiwwan hawaasaaf hoggansaa hanga raawwataatti gurra kennuun jalqabamuusaati.
Haata’uutii, jijjirama bu’uura sadarkaa hundaatti fiduun, gaaffiifi komii hawaasichaaf yeroon sadarkaa hundaatti hiikuu irratti ammallee hanqinaaleen kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa:
* Rakkoolee bulchiinsa gaarii jedhamuun haaromsa dura maree sadarkaa adda addaatti godhameen kanneen adda bahaan kanneen akka piroojektii buleeyyii, rakkoo ibsaa, daandiifi bishaan dhugaatii ammallee sadarkaa yaadameen hiikamaa kan hin jirreefi godinaalee, magaalotaafi aanaalee ilaalaman biratti gaaffiifi komii hawaasaa ta’aa kan jiru ta’uu,
* Hojii dhabeeyyii hojiitti galchuu wajjiin walqabatee, gurmeessuu, calallii taasisuuniifi yeroon fandiifi bakka hojiif barbaachisu adda baasuun hojiitti galchuu irratti komiin kan jiru ta’uu,
* Rakkoo mana jireenyaa furuuf qajeelfama mootummaan naannoo baasee godinaalee, magaalotaafi aanaalee hunda biratti haala walfakkaatuufi qaama dhimmi ilaalu fayyadamaa taasisuu irratti bifa walfakkaatuun hojjechuufi hogganuu irratti hacaatiin kan jiruufi komiin kan dhaga’amu ta’uu,
* Kenninsa tajaajila hawaasni argachuu qabu karaa haqa qabeessa ta’een argachuurratti ammallee rakkooleen kan jiran ta’uu. Fkn, tajaajilaan walqabatee rakkooleen qaamolee mootummaa kanneen akka Manneen Murtii, Poolisii, Bulchiinsa Manneen Sirreessaafi Abbaa Taayitaa Geejjibaa keessatti mul’atu bu’uuraan kan hin hiikamne ta’uu,
* Haaromsa gadi fagoo ilaalchisee sadarkaa hundatti karaa guutuu ta’een, bifa walfakkaatuun gaggeeffamuu dhabuufi hoggantoonni quuqama ummataa hin qabne ammaallee darbee darbee kan jiran ta’uu.
Akka waliigalaatti, hojii hordoffiifi too’annoo daawwannaa dirreetiin adeemsifame kanarraa bu’aalee argaman;
* Gabaasa raawwii hojii walakkaa waggaa seektaraaleen mootummaa dhiyeessan hojiiwwan hojjatamaniifi hin hojjatamin qabatamaan mirkaneessuun, dhimmoota dogoggoraa gabaasa keessatti hammataman sirrssuun duub deebii kennuun itti dhiyeenyaan akka hordofamaniif kan gargaare ta’uu,
* Ammallee rakkoolee bulchiinsa gaarii ta’uun dhimmoonni hawaasa mufachiisaa jiran xiyyeeffannoo addaa akka argatan carraa kan uumee fi waltajjii guddaa ta’uun kan nu fayyadde ta’uu;
* Rakkoolee gabaasa sobaa armaan dura kallattii garaagaraan seektaraalee mootummaa caasaalee gubbaa hanga dakaatti turan, hambisuun gaaffiiwwaniifi komiiwwan qaamolee hawaasaa garaagaraa kallattii kaasuun dhageettii akka argatuufi dhugaan hawaasaa akka dubbatamuu gochuun sirni itti gaafatamummaa akka hojiirra oolu fi iftoominni akka uumamu karaa kan saaqe ta’uu;
* Karoorri fi raawwiin hojii mootummaa walakkaa waggaa maalirraa akka jiruufi itti fayyadamni baajata bara 2010 sirnaan hojiirra oolaa jiraachuu isaa addaa baasuun kan itti danda’ame dha.

 

Published in Hawaasummaa
Page 1 of 3

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001821812
Har'a/TodayHar'a/Today2407
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5320
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week12392
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1821812

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.