Items filtered by date: Saturday, 10 March 2018

Finfinnee: Gosawwan Ispoortii Federeeshinii Atileetiksii Biyyooleessaa (“IAAF”)n qophaa'an keessaa tokko dorgommii atileetiksii mana keessatti. Dorgommiin kun akka adeemsifamuuf bu'uurri kan kaa'ame ALA bara 1985 baatii Guraandhalaa keessa ture.
Faransaayis baruma eerame kana shaampiyoonicha keessumeessiteetti. Dorgommichi naamusa gaariidhaan jalqabame xumuramusaafi koreen waldorgommiis muuxannoo argachuusaatti shaampiyoonichi akkuma kanneen biroo waggaa lamatti al tokko mana keessatti biyyoota adda addaatti akka gaggeeffamu murtaa'e.
Haaluma kanaan shaampiyoonaan atileetiksii addunyaa kan mana keessaa ALA Bitooteessa 7fi 8 bara 1987 Ameerikaa, magaalaa Indaamaapaalitti adeemsifame.
Shaampiyoonichi erga jalqabamee waggoota 31 lakkofsiseera. Waggottan kanneen keessatti yeroo 17f biyyoota adda addaatti adeemsifameera. Baranas Guraandhala 22 hanga 26 bara 2010tti Ingiliz, Barmingihaamitti adeemsifameera.
Dorgommiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti biyyoota miseensoota federeeshinii atileetiksii biyyooleessaa 215 keessaa gabate meedaaliyaa keessa kan galan biyyoota 84 qofa.
Biyyoonni gabatee meedaaliyaa keessa galan kunneen meedaaliyaa warqii 471, meetii 478, nahaasa 482 walumaa galatti meedaaliyaawwan kuma tokkoofi 431 argataniiru.
Isaan keessaa ammoo Ameerikaan meedaaliyaawwan warqii 120, meetii 79, nahaasa 73 dimshaashumatti meedaaliyaawwan 272 argachuudhaan addunyaarraa tokkoffaadha.
Ruusiyaan warqii 52, meetii 48, nahaasa 45n walumaagalatti meedaaliyaa 145n lammaffaa, Itoophiyaan ammoo meedaaliyaa warqii 27, meetii 10, nahaasa 13 dimshaashumatti meedaaliyaawwan 50n addunyaarraa sadaffaa, Afrikaarraa ammoo sadarkaa tokkoffaarratti argamti.
Dorgommii barana guyyoota afuriif adeemsifameenis Ameerikaan meedaaliyaa warqii jaha, meetii kudhaniifi nahaasa laman waliigalatti meedaaliyaawwan 18n tokkoffaa taateetti.
Itoophiyaan ammoo meedaaliyaawwan warqii afuriifi meetii tokko dimshaashatti meedaaliyaawwan shaniin addunyaarraa lammaffaa Afrikaarraa tokkoffaa ta'uun xumurteetti.
Poolaandii meedaaliyaa shaniin sadaffaa, akkasumas morkattuun Itoophiyaa Keeniyaan meedaaliyaa nahaasa tokko qofaan sadarkaa 29ffaa argachuun ishee beekameera.
Itoophiyaan meedaaliyaawwan kanneen kan argatte fiigicha meetira kuma sadiifi kuma tokkoofi 500 dubartootaan Ganzabee Dibaabaatiin, dhiiraan ammoo fiigicha meetira kuma sadiin Yoomiif Qajeelchaafi kuma tokkoofi 500n ammoo Saamu'eel Tafarraatiin.
Meetiin kan argame ammoo fiigicha meetira kuma sadiin Salamoon Baargaatiin ta'uun beekameera.
Seenaa shaampiyoonaa atileetiksii mana keessaatti Atileet Ganzabee Dibaabaa shaampiyoonaawwan arfan ALA bara 2012 irraa kaase hanga 2018 adeemsifamanitti mo'achuudhaan meedaaliyaawwan warqii shan argatteetti.
Ganzabeen shaampiyoonaawwan adeemsifamanitti meedaaliyaa baay'ee argachuudhaan Itoophiyaa qofa osoo hinta'iin Afrikaarraas atileetii duraa ishee taasisa.
Jilli atileetikisii warqiiwwan dachaa argamsise kun Wiixata darbe biyyatti yoo deebi'u Ministirri Minsteera Dargaggoofi Ispoortii Obbo Iristuu Yirdaaw, Pirezdaantiin Koree Olompikii Biyyaaleessaa Doktor Ashabbir W/Giyoorgisiifi Pirezdaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Haayilee G/Sillaasee simannaa taasisaniiruuf.
Ganzabeen wayita biyyatti deebitu akka ibsiteetti, gammachuun kun kan ishee qofaa osoo hinta'iin kan ummata yeroo hundaa meedaaliyaa warqii mi'eeffateeti jetteetti. Akkasumas, qabxiin argame kan laphee nama dhiibsisu osoo hintaane gara fuula duraatti dorgommiiwwan isaan eeggatanif kan isaan qopheessu ta'uus dubbatteetti.

Balballommii Oduu

Published in Ispoortii

Finfinnee: Uumama dhala namaa keessatti dubartoonni ulfinaafi bakka olaanaa qabaachuun isaanii beekamaadha. Haa ta'u malee bakkiifi kabajni isaan qaban sababoota addaddaatiin laafaafi dhiibbaan irra qaqqabaa tureera.
Kanaanis dubartoonni cunqursaa, saamichaafi sarbamuu mirgaa hadhaawaa keessa jiraachuuf dirqamanii turan. Keessumaa dubartoonni biyyoota hinguddanne keessa jiran rakkoo kanaaf daran saaxilamoo turan.
Akkuma cunqursiifi gadi qabaan isaan irratti adeemsifamu hammaataafi hadhaawaa dhufenis dubartonni harka maratanii taa'uu hinfilanne; karaa adda addaatiin bilisuummaa isaaniitiif qabsoo taasisuuf carraaquun isaanii hinhafne.
Dubartoonni damee damee irra jiraniin hacuuccaa irra jiru cabsanii ba'uuf carraaqqii isaan taasisan bu'aa barbaadamu hinargamsiisin tureera. Ta'us waggoota 107 dura, ALA bara 1911 magaalaa guddoo Deenmaarki, Koppan Haaganitti ifatti mul'ate.
Guyyaan kun Guraandhala 29 “March 8” Guyyaa Dubartoota Addunyaa jedhamuun kan ayyaaneeffatamuudha. Guyyichatti Kilaaraa Zetiikiin qabsooftuun hangafni dubartoota ishee wajjiin warshaa uffataa keessa hojjetan qindeessitee hiriira baasuudhaan dhaadannoo “Hojii wal qixxeef miindaa walqixxee” jedhu qabattee sodaafi shakkii tokko malee waltajjiitti baate dubbatte.
Guyyaan kun guyyaa dubartoonni haqa isaaniitiif afaan isaanii guutuu gaaffii dhiheessan waan ta'ef waggoota 107n darbaniif biyyoota addunyaa maraatti ayyaaneeffamaa tureera.
Guyyaadhuma dubartoonni Addunyaa golaa bahanii dhiiroota qixa addabaabaayiirratti mul'atan kana sababeefachuudhaan gootittii ispoortii atileetiksii Koloneel Atileet Daraartuu Tulluu haasofsiisneerra.
Kilaaraan dubartootaa addunyaa warshaalee adda addaa keessa hojjetan dirreewwan qabsoorratti akkuma baaste, Atileet Daraartuunis atileetoota dubartoota Afrikaa dirreewwan atileetiksiirratti hidhata ispoortii uffachuun qaanii tokko malee akka hiriiran taasisuun seenaa yoomiyyuu hindagatamne hojjetteetti.
Daraartuun ALA bara 1984 Olompikii 25ffaaf Ispeen, Baarseelonaatti adeemsifameetti fiigicha meetira kuma 10n yeroo jalqabaaf hirmaachuudhaan Itoophiyaafis ta'u Afrikaaf meedaaliyaa warqii duraa argamsiisuun dubartoonni Afrikaa ummata addunyaa biratti cimina qaban mul'istedha.
Akkasumas, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa kan bara 1985 Kubaa, Haavaanaatti adeemsifameetti Afrikaa bakka bu'uudhaan fiigicha meetira kuma kudhaniifi kuma sadiin tokkoffaa ba'uun mo'achuusheetti waancaafi meedaaliyaa warqii argamsisteetti.
Kanumarraa ka'udhaan Gamtaan Afrikaa, Waldaan Federeeshinii Atileetiksii Afrikaafi Mootummaan Itoophiyaa badhaasa adda addaa badhaasaniiruun.
Olompikii Siidinii kan bara 1992 Awustiraaliyaatti adeemsifametti fiigicha meetira kuma kudhaniin tokkoffaa ba'uun wayita badhaafamuuf waltajjirratti baatu alaabaan Itoophiyaa ol kaatee yommuu talliftuufi faaruun ishees addunyaarratti daangaadhaa hanga daangaatti yommuu dhaga'amu imimmaan ishee dhangalaasuudhaan jaalala biyyaaf qabdus dhoksu hindandeenye.
Yeroo hundaa gammachuun fuulasheerraa kan hindhabamne Atileeti Daraartuun Olompikii Ateensi kan Girikitti bara 1996 adeemsifamettis fiigicha meetira kuma kudhaniin sadaffaa ba'uudhaan meedaaliyaa nahaasaa argamsisteetti.
Shaampiyoonaawwan atileetiksi addunyaa, dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaa, fiigicha maaraatooniifi walakkaa maaraatoonii, Taphawwan Afrikaa guutuufi shaampiyoonaa atileetiksi Afrikaarrattis Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomtee mo'annaa boonsaa galmeesisuudhaan atileeti duraati.
Bu'uuruma kanaan seenaan ishee dhaloota har'aafi gara fuula duraa biratti akka hinirraanfatamne Mootummaan Itoophiyaafi Naannoon Oromiyaa maqaasheetiin mana barumsaafi addabaabaayii moggaasaniiru.
Kana malees, mootuummaan biyyattii muudama hanga sadarkaa Koloneelaa, Kollejoonni barumsaa biyya keessaafi biyya alaa ammoo doktireeti kabajaa kennaniiruuf.
Daraartuu Tulluu ammaan tana invastimantii adda addaarratti hirmaachuudhaan lammiileeshee keessumaa dubartoota harka qaleeyyiifi baratanii hojii dhabuun rakkachaa jiran hojii qabsiisuun mataasaanii, maatiisaaniifi biyyasaanii akka gargaaran taasisaa jirti.
Daraartuun amma dorgommii dhaabdus Koree Olompikii Biyyaaleessaa Itoophiyaafi Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa keessatti hirmaachuurratti argamti. Kana malees, dhaabbilee tola ooltoota cinaa dhaabbachuudhaan hojiiwwan hawaasummaarratti hirmaachaa akka jirtuufi daa'imman, dubartootaafi manguddoota daandiirratti ba'uun gargaarsa lammiisaanii eeggatan gargaaraa akka jirtus tibbana ibsa gaazeexaa Bariisaaf kenniteen dubbatteetti.
Dubartoonni misooma biyyatiirratti hirchchuufi fayyadamuu eegaluusaanii eertee, waldaalee kanneen akka waldaa walgargaarsaa, qusannaafi liqii, waldaa gamtaa, yuuniyeeniifi kkftiin ijaaramuun dubartonni miiliyoonatti lakkaa'aman ofiifi maatiisaanii jijjiraa jiraachuusaanii himti.
Jijjirama kanaaf ammoo guyyaan dubartoota addunyaa “March 8” dubartoota biyyaa keenyaafis bu'aa buusaa jiraachuusaa addeessiteetti.
Guyyaan kun dubartoota keenyaaf bu'aalee hedduu gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin gonfachisuusaa, keessumaa atileetoonni Itoophiyaa gama dinagdeetiin baay'een isaanii iddoo olaanaa ga'uusaaniifi kunis bu'aa 'March 8' ta'uusaa ibsiti.

Balballommii Oduu

 

Published in Ispoortii

BOI: Rooba Arfaasaatti fayyadamuuf qonnaan bultoonniifi gariin qonnaan bultootaa hojjechuu akka qaban Ejensiin Meetrooloojii Biyyaalessaa beeksise.
Kaaba baha biyyattii, keessattuu naannoo kibba Tigraayiifi lixa naannoo Amaaraatti roobni idileedhaan walitti dhiyaatu akka jiraatus ejensichi eerera. Dhiha biyyattiitti Beenishaanguul Gumuuz dabalatee rooba idilee kan argatan yammuu ta’u, naannoon Affaariifi Somaaleemmoo idileedhaa gadi akka argatan raagi jiru ni addeessa.
Kibbaafi kibbi dhiha biyyattii keessattuu naannoon Gujiifi Booranaa rooba idileefi idileedhaa ol kan argatan ta’a jedheera ejensichi.
Naannoleen rooba argatan ooyiruu isaanii qopheessuu akka qaban dhaamee, midhaan faca’aniifi maasirra jiraniif ammoo haala gaarii kan uumu ta’uu ibseera.
Ejensichi akka jedhutti, arfaasaa baranaatti balaan lolaa sodaatamu hinjiraatu.
Ministeerri Qonnaafi Qabeenya Uumamaa gamasaan, qonnaan bultoonni rooba argamu cimmisuun fayyadamuu akka qaban dhaamera. Haala qilleensaarratti odeeffannoon wayitawaa qonnaan bulaa qaqqabaa akka jirus eerameera.

 

Published in Oduu biyya keessaa

Babal’achuun hojidhabdummaa rakkoolee hawaasummaa lammiilee qaqqabsiisuun alatti guddina dinagdee biyyattii ariifataafi itti fufiinsa qabu lafa qabsiisuuf hudhaa ta’uunsaa kan hubatamuudha.
Keessumattuu rakkooleen hojidhabddummaa biyyoota Afrikaa caalaatti hubaa kan jiru yemmuu ta’u, jiruufi jireenya dargaggootaa qormaata keessa galchuurra darbee godaansa seeraan alaa hammeessaa akka jiru ragaaleen ni mul’isu. Itoophiyaa keessattis rakkoon kun haalaan calaqqisaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa sosochii mootummaan taasisaa jiruun garuu bu’aaleen galmaa’aa jiran jajjabeessaadha.
Rakkoolee hojidhabdummaa dargaggootaa Magaalaa Finfinnee furuuf tattaaffiin taasifamaa jiruun dargaggoonni hedduu ijaarsa daandii hojjechuuf dhagaa kobilii diriirsuu(koblestone) irratti bobba’an miira ofitti amanamummaa horachuurra darbee jiruufi jireenyasaanii fooyyeffachuu danda’uunsaanii akka fakkeenyaatti kan ka’uudha.
Dargaggoota hojidhabeeyyii akka magaalichaatti jiran sakatta’uun leenjiin hojii ogummaa garagaraa kennamaa kan jiru yoo ta’u, leenjichi ogummaa dargaggoonni itti of jijjiiruu danda’an kan taasisedha.
Dargaggoonni filatamuun leenjii dhagaa koobilii diriirsuurratti bobba’an hedduunsaanii ogummaa kanaan dura hinqabne horachuun hojii akka ummatan ta’uu kan himan Ittaanaa Diinii Mana Barumsaa Teeknikaafi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Taklaayi Gabrayohaannisidha. Itoophiyaa keessatti aadaan hojii ummachuu laafaa ta’uu kan himani Obbo Taklaayi, yeroo ammaa sosochii mootummaan taasisaa jiruun dargaggoonni hedduu fayyadamoo ta’aa jiruu, jedhu.
Dargaggoonni leenjii fudhatan kunneen madaallii gahumsa ogummaa fudhachuun hojiitti akka bobba’aniif xiyyeeffannoon hedduu kennamee irratti hojjetamaa akka jiru kan himanii, kanneen ogummichatti laafanii argaman ogummaasaanii akka fooyyeffataniif dabalataan leenjii akka argatan taasifameeraa jedhu. Kunimmoo humna dargaggootaa leenjiirratti fixuuf osoo hintaane hojii qulqullina qabu akka hojjetaniif kan yaadame ta’uu dubbatu. Leenjichi yeroo qabame keessatti dhumuu dhabuunsaa leenjitoota biratti komii akka kaase himanii, gahumsi leenjitootaa osoo hinbilchaatiin ragaa kennuun waan hindanda’amneefidhaa jechuun sababeessu. Leenjii ogummaa isaaniif kennamaa jiruttis dargaggoonni kan gammadan yoo ta’u, miira ofitti amanamummaa isaan keessatti uumuusaas ibsu.
Dargaggoota leenjicha fudhatan keessaa Alii Birhaanuu isa tokko yoo ta’u, leenjichi miira eeggatummaa jalaa akka bahaniif karaa saaquusaa ibseera.
Dargaggoo Aliin barnootasaa kutaa kudhan erga xumureen booda hojii dhabee yeroo dheeraaf akka taa’e yoo himu, deggarsa argateen ogummaa dhagaa koobilii diriirsuu barachuusaatti gammadee jira. Xumura leenjichaattis liqaa mootummaan kennutti fayyadamuuf hiriyyootasaa waliin gurmaa’uun jireenyasaa fooyyessuuf qophii xumureera.
Hojiin ogummaa miira ofitti amanamummaa kan nama gonfachiisuufi miira hirkattummaa ammoo kan dhabamsiisu waan ta’eef, jajjabaachuu mala kan jedhu dargaggoon kun, kanneen hafanis ogummicha barachuurratti xiyyeeffachuu akka qabanidha, kan dubbate.
Kanaan dura aadaa hojii ummachuu wallaaluun dargaggoota hedduu araada hintaaneef saaxiluu kan hime dargaggoo Aliin, yeroo ammaatti ogummaa argatan kanaan fayyadamtummaasaanii ijaan arguu danda’uusaanii eereera.
Walumaagalatti, leenjiin ogummaa dargaggoota hoji dhabeeyyii magaalaa Finfinneef kennamaa ture miira ofitti amanamummaa dargaggootaa kan cimsuurra darbee tulluu hiyyummaa kan diigu waan ta’eef, sosochii gama kanaan taasifamu itti fufiinsaan cimsuun barbaachisaadha.

Waasihuun Takleetiin

Published in Hawaasummaa

Gochi daa'imman hojii humnaan olii irratti hirmaachisuu biyyoota guddachaa jiran keessatti yeroo ammaa dhimma yaaddessaa yemmuu ta'u, rakkoon kun Itoophiyaattis ni mul'ata.
Damee hojii daa'imman hedduminaan irratti hirmaachaa jiraniifi qisaasama humnaatiif isaan saaxilaa jiran keessaa hedduun hojiiwwan al idilee kanneen akka hojiiwwan mana keessaa, hojii warshaaleefi indaastiriiwwanii, misooma qonnaa gurguddaa, qotiinsa albuudaa, konistraakshiiniifi dhaabbilee tajaajila kennan keessatti raawwatamaniidha.
Qisaasama humnaa daa'imman irra gahaa jiru ittisuudhaaf sagantaan haaraa qophaa'aa jiraachuu Ministerri Dhimma Hojjataaafi Hawaasummaa ni ibsa.
Biyyattiitti daa'imman hojii humnaa isaaniitii oliirratti bobbaasuun bal'inaan ni mul'ata. Rakkoo gama kanaan jiru furuuf sagantaa haaraan qophaa'uusaa marii torban darbe qaamota dhimmi ilaalu waliin Finfinnetti adeemsifamerratti ibsameera.
Gochi qisaasama humna daa'immanii biyyattiitti bal'inaan kan mul'atu ta'uu kan himan ministerichatti Ogeessi Ogeessa Iddoo Hojii Obbo Masfin Yilmaa, dhuma bara 2016tti qisaasama humna daa'immanii guutumaatti biyyattii keessaa dhabamsiisuudhaaf sagantaa haaraan qophaa'uusaa dubbatu.
Akka ibsa ogeessichaatti, sagantaan haaraa kun hojii humnaan olii daa'immaniin raawwatamaa jiran ni hir'isa, daddabarsa daa'immanii biyya keessaafi gara biyya alaatti taasifamu kan dhaabuufi daa'imman mirga umrii daa'immummaasaaniitti barumsarratti akka dabarsaniif qaban ni kabajsiisa.
Sochii daa'imman biyyattii hojii humnaa olii irratti bobba'an kuma 13 ta'an rakkoo kana keessaa baasuuf taasifameen daa'imman kuma torba baraaruun danda'ameera. Kanaanis hojjechiiftotaafi maatii daa'immaniitiif hojiin hubannoo uumuu bal'inaan erga kennameen booda hawaasatti dabalamanii waan umriinsaanii isaaniif eyyamu qofarratti akka bobba'an taasifameera.
Daa'imman hundi hojiiwwan umriinsaanii isaaniif eyyamuun ala irratti kan hirmaatan yoo ta'e egereesaanii irratti dhiibbaa guddaa kan geessisu ta'uu kan himan immoo, dhaabbata 'World Vision'tti bakka bu'aa damee Itoophiyaa Obbo Saamu'el Sugaamooti. Daa'imman umurii daa'imummaasaanii hunda ol barumsarratti dabarsuu kan qaban ta'uu dubbatu.
Dhimmi daa'imman hojiiwwan humna isaaniitii olii irratti bobba'anii hojjechiisuu utuu yeroon itti hinkennamin karaa guutuu ta'een furamuu kan qabu ta'uu kan himan immoo hirmaataa waltajjichaa Obbo Bafiqaaduu Tasammaati. Akka isaan jedhanitti, mootummaan seerota mirga daa'immanii kabajsiisuuf bahan hojiitti hiikuu irratti cimee hojjachuu qaba. Sochii mootummaan mirga daa'immanii kabajsiisuuf taasisu akkuma jirutti ta'ee, hirmaannaan qaamota garaa garaas murteessaa ta'uu himu. Daa'imman gosoota hojii ulfaataa irratti hirmaachaa jiraniifi qisaasama humnaatiif saaxilaamaa jiran sa'aatii dheeraa kan hojjetan ta'us kanfaltiin isaanii garuu gadaanaadha. Haalli hojii irratti balaaf saaxilamuu isaaniis bal'aadha. Daa'imman kunneen carraa baruumsaas waan hin arganneef hiriyyootasaanii waliin dorgomuu hin danda'an. Kanaan wal qabatee keessumaa rakkoon shamarranirra gahu dachaa yemmuu ta'u, hojjechiiftotaafi qaamota garaa garaatiin gudeeddamuudhaafis carraan jiru bal'aadha.
Walumaagalatti, guddinaafi jijjiirama biyyattii keessatti mul'achaa jiran itti fufsiisuun kan danda'amu, daa'imman abdii abdii biyyattii borii ta'an eeganiifi kunuunsanii guddisuun kan danda'amu yoo ta'eedha. Kanaafuu hojiin mirga daa'immanii eeguufi eegsisuu akkasumas faayidaa isaanii kabjchiisuu gahee qaamota hundaa ta'uu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Hawaasummaa

Addunyaa tokkittii dhalli namaafi uumamamni gara garaa irra jiraatu kana keessa walcaalmaafi garaagarummaan jiru guddaa waan ta’eef wayita yaadaan xiinxalamu garaagarummaan kun maal irraa madde gaaffii jedhu nama keessatti uumuunsaa hin oolu.
Garaagarummaan kun biyyoota gidduutti qofa osoo hintaane namoota naannawaa tokko jiraatan gidduuttillee waan m ul'atuuf uumaan walcaalchisee waan arjoome namatti fakkaachuunsaa hin oolu.
Kaan sooressa, kaan hiyyeessa waanyaatee bulu hinqabne, kaan teeknooloojii ammayyaa daran fagaatetti fayyadamuun addunyaa haaraa keessa kan jiraatan fakkaatu. Keessumattuu guddinni biyyoota Awrooppaa hedduu gaaffii nama keessatti uuma. Babal’achuun barnoota teeknikaaf ogummaa iccitii guddina biyyoota dureeyyii akka ta'e hayyoonni tokko tokko ragaa bahu.
Ministir Deetaan Barnootaa Obbo Tashoomee Lammaa akka jedhanitti, babal’achuun barnoota teeknikaaf ogummaa iccitii guddina biyyoota dureeyyii duuba jiruudha. Biyyoonni akka Chaayinaa hiyyumaa gadadoo keessaa bahanii sadarkaa ammaa irra jiran kanarra akka gahan kan taasise babal’achuu barnoota teeknikaaf ogummaati jedhu.
Itoophiyaanis sochii gama kanaan jiru cimsuuf haalduree barbaachisoo ta’an guutachuun ciminaan hojjetaa jirti kan jedhan Obbo Tashoomaan, sochiin eegalme teeknooloojiin yoo deggarame guddina hawwamu milkeessuun ni danda'ama. Damee barnootaa kana babal’isuun miira hirkattuummaafi rakkoo hojidhabdummaa dargaggoota furuun guddina dinagdee hawaasaafi biyyattii fooyyessuuf kan gargaaru ta'uu himu.
Barnoota teeknikaaf ogummaa babal’isuu qofa osoo hintaane qulqullina isaa mirkaneessuun barbaachisaa waan ta'eef teeknooloojii ammayyaan deeggaruun barbaachisaa waan ta'eef teeknooloojii biyyoota guddatanii waraabnee itti fayyadamuu qabna. Ogummaan ni baratamaa, ni dhaalama akkasumas kan duraan ture ammoo ammayyoomsuun qulqullina barnoota teeknikaafi ogummaa biyyattii fooyyessuuf hojiin raawwatamaa jiru jajjabeessaa ta'uu dubbatu.
Dameen barnootaa kun wiirtuu lafee dugdaa biyyaattii ta'uu kan himan Obbo Tashoomaan, rakkoo ilaalchaa gama kanaan jiru cabsuun fayyadamtummaa hawaasaafi biyyaa mirkaneessuudha. Dameen barnootaa kun dargaggoota hojidhabeeyyii hedduuf carraa hojii banuun gara abbaa qabeenyummaatti akka ce'an taasisaa jiraachuu himu.
Hojiin teeknikaaf ogummaan fedhiifi of kennanii hojjechuu barbaada kan jedhan Obbo Tashoomaan, dameen barnootaa kun biyyattiitti babal’achuu erga eegalee as namoota hedduu fayyadamoo kan taasise ta’uyyuu hubannoo namoonni damichaaf qaban fooyya'uu dhabuusaatiin bu’a qabeessummaan isaa sadarkaa barbaadamerra hingeenye. Kanaafuu damee ogummaa riqicha qaroominaa ta’e kanarratti xiyyeeffannaan hojjechuun bu’aan qulqullinaarratti xiyyeeffate hojiirra ooluu qaba jedhu.
Ollaa ofii ilaalanii of fooyyessuun jijjiirama kan jedhan Obbo Tashoomaan, of kennanii hojjechuu dhabuun deegaafi hirkattummaa babal’isuu waan ta’eef barnootni teeknikaaf ogummaa filannoo jalqabaa taasifachuun ammayyummaadha jedhu.
Walumaagalatti, iccitiin biyyoota guddatanii duuba jiru barnoota teeknikaaf ogummaa teeknooloojii ammayyaan deggarame babal'isuu isaaniiti. Kanaafuu Itoophiyaanis imala guddina dinagdeeshee milkeessuuf qulqullinaafi bu'aa damee barnoota teekinikaafi ogummaa irraa argamu daran fooyyessuurratti xiyyeeffattee hojjechuutu irraa eegama.

Waasihuun Takleetiin

Published in Dinagdee
Saturday, 10 March 2018 00:18

Dippilomaasii dinagdee milkaa'aa

Ergamni Ministeera Dhimmaa Alaa Itoophiyaa hariiroo dippilomaasi cimsuudha. Kunis, hariiroo biyyattiin biyyoota alaa waliin qabdu gama hundaan fooyya'uun milkaa'aa akka adeemu gochuudha. Imaammataafi tarsiimoon hariiroo dippilomaasii alaa biyyattis kan bu'uureffatu dippilomaasummaa dinagdeerratti. Kunimmoo biyyattiin dinagdeeshee guddisuudhaaf invastarootaa hawachuun, saayinsiifi teknolojii ceesisuu, hawata turizimii cimsuufi omishaalee baasiitiif gabaa barbaaduudha. Tibba darbes bu'aalee argamaa jiran ilaalchisee Dubbi Himaaan Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Mallas Alam ibsa kennanirra hubachuun kan danda'amu.
Akka ibsasaaniitti, Itoophiyaan biyyoota alaa waliin hariiroon qabduu dabalaa dhufeera. Keessattuu, gama hariiroo dippilomaasii dinagdeerratti hundaa'een yoo ilaalamu baatiiwwan ja'an darbanitti hojiileen hojjetaman milkaa'aa turan. Kunis, kallattiin invastimantii alaa hawachuun, invastaroonni biyya alaa biyyattiitti hojiilee invastimantiirratti akka bobba'an taasifameera.
Haaluma kanaan invastaroota olaanoo kaappitaala doolaara mil.500 hanga biliyoona tokko galmeessisan 39 daawwannaa invastimantii duraa biyyattiitti kan geggeessan ta'uu dubbatan. Kanneen keessas kubbaaniyoonni muraasni boqonnaa hojiitti seenuuf haalduree guuttachaa jiru jedhan.
Kubbaaniyoota kanneeniin dameeleen invastimantii xiyyeeffannaa argatan, damee qonna, agroo-piroosasiingii, manufaakchariingii, industirii 'awutomootiivii', ijaarsa bu'uuraalee misoomaa, humnaafi annisaa maddisiisuu, albuuda, hoteelaafi tuuriizimii, akkasumas damee fayyarrattidha. Akkaatuma kanaan karoora invastaroota olaanoo hawachuuf qabames %100 ol ta'uun milkaa'aa akka tureedha kan dubbatan. Kanneen keessaas kubbaaniyoonni alaa 158 eeyyama invastimantii argachuun gara hojiitti seenuun mirkanaa'aa ta'uu himan.
Kanumaan walqabatee, invastaroota kaappitaala olaanaa galmeessisan hawachuun cinatti, inavstaroonni xixiqqaafi giddugaleessaa 537 biyyattii akka daawwataniifi qorannoo bu'a qabeessummaa invastimantii geggeessusaanii dubbatu.
Biyyoonni kunneenis baay'inaan biyyoota Eeshiyaafi Awurooppaa akka ta'an eeranii, kanneen keessaa kubbaniyoonni Chaayinaa sadarkaa jalqabaarratti kan eeramaniidha jedhu.
Imaammati alaa biyyattii hariiroo dippilomaasii dinagdeerratti hundaa'e kun biyyattin carraa invastimantii argachuun dinagdeeshee guddisuurra darbee abbootii qabeenyaafis carraa gaariidha. Kunis, abbootiin qabeenyaa biyya keessaa kanneen biyya alaa waliin baatiiwwan ja'an darbanitti shariikummaan akka hojjetan deggarsi taasifamuudha kan himan. Haaluma kanaan kubbaaniyoota biyya keessaa 41f walitti hidhamiinsi gabaa taasifamuu eeran.
Akka Obbo Mallasitti, kubbaaniyoonni alaa keessumaa dandeettii olaanaa waan qabaniif, carraa hojii bal'aa uumuu kan danda'anidha. Kunimmoo sharafa alaa argamsiisuudhaan dinagdeen biyyattii akka tarkaanfatuuf gumaacha olaanaa kan qabaatudha.
Kana malees, dinagdee biyyattii cimsuuf, hariiroo dippilomaasummaa dinagdeerratti hundaa'e keessatti omisha industiriiwwaniitiif gabaa biyya alaa barbaaduun tokko akka ta'e ibsu. Yeroo ammaa kubbaaniyoonni garagaraa biyyattiitti omishaalee garagaraa omishanii daldalaa alaarratti bobba'aniif gama gabaa barbaaduutiin, omishaalee baasii toonii kuma 32fi 620 kanneen doolaara Ameerikaa miliyoona shaniifi kuma 327fi 132 baasan gabaa argachuusaanii dubbatu. Omishaaleen gabaaf dhiyaatan kunneen ammoo quyyisa, buna, omisha ilillii, gogaafi kal'ee, albuudaafi foon ta'uudha kan ibsan.
Walumaagalatti, Itoophiyaan hariiroo dippilomaasii dinagdeerratti hundaa'een guddina dinagdeesheef kan barbaachisu invastimantii alaarratti hojjechuun bu'aa gaariin argamaa jira. Kunimmoo biyyattiin haalota invastimantiif mijaa'oo ta'an qabaachuurraan kan ka'e, invastaroonni alaa hedduun ijasaanii gara biyyattiitti deebisaa jiru. Kana faanas carraaleen bal'aan kan argaman yoo ta'u, hojii uumuu, sharafa alaa argamsiisuun isaan invastimantii kana faana hordofanii dhufaniidha. Kanaaf, bu'aa argamaa jiruun yoo walbira qabamee ilaalamu imaammati alaa biyyattii dippilomaasii dinagdeerratti hundaa'ee milkaa'adha.

Dabalaa Taaddasaatiin

Published in Dinagdee

Finfinnee: Lammilee Oromoo Somaalee Itoophiyaa irraa buqqaa'an keessaa dargaggoonni 537 Bulchiinsa Magaala Bishooftuutti simatamuusaanii Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii magaalichaa ibse.
Sirna simannaa kanarratti Abba Gadaa Tuulamaafi Walitti Qabaan Gumii Abbootti Gadaa Obbo Bayyanaa Sanbatoo, gara biyya abbootii gadaafi bakkee irreechaatti baga nagaan dhuftan jedhanii, isin ijoollee keenya gara mana keessanii dhuftani waan ta’ee akka abbaafi haadhatti isin bira dhabbachuun isin gargaarra jechuun ibsaniiru.
Kantiibaan Magaala Bishooftuu Aadde Gannat Abdallaa gamasaaniin akka jedhanitti, ummata Oromoo sababa Oromummaasaaniif qe’eefi qabeenya isaaniiraa buqqa’an simachuuf bulchiinsi magaalaalichaa hojii bal’aa hojjechaa tureera. Magalaa Bishooftuu bakka itti hojjetanii of jijjiiran waan taateef jabatanii akka hojjetaniif dargaggoota kanaaf dhaamaniiru.
Ajajaan Poolisii magaala Bishooftuu Komaandar Shifarraa Guutuu aadaa boonsaa, wal jaalachuu, wal kabajuufi jaalala hojii ummani Harargee qabu magaala Bishooftuutti calaqqisiisu akka qaban dargaggoota kanaaf dhaamaniiru.
Simatamtoonni tokko tokkos yaada kennaniin, Magalaa Bishooftuu dhufuun kan isaan gammachiise ta’uu himuun, hojiilee bara kana ummata Oromoo buqqa’an simachuuf mootummaan naannoo Oromiyaafi Bulchiinsi Magaala Bishooftuu godhan galateeffataniiru.

 

 

Published in Oduu biyya keessaa

Finfinnee: Labsii Yeroo Ariifachiisaa si'a lammaffaaf labsamee jiru keessatti sakatta’iinsi manneen jireenyaafi dhaabbilee addaddaa keessatti akka taasifamuuf yoo barbaachise ulaagaaleen hojiirra ooluu qaban bahuusaanii Abbaan Alangee Federaalaa beeksise.
Abbaan Alangee Federaalaa Obbo Geetaachoo Ambaayee qajeelfamoota labsiichaa ilaalchisee tibbana waajjirasaaniitti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, labsiin si’a lammaffaaf labsame kun kutaalee biyyattii hunda keessatti hojiirra kan oolu yoo ta’u, manneen jireenyaa dhuunfaafi dhaabbilee tokko tokkorratti sakatta’iinsi kan taasifamuudha. Wayita kanatti Koomaandi Poostiin sadarkaa sadarkaan hundeeffamee jiru ulaagaalee barbaachisan hundaa guutuu akka qabu ibsaniiru.
Ulaagaalee taa’an keessaas, qaamoleen nageenyaa sakatta’iinsa taasisan marti waraqaa eenyummaasaanii ibsuufi eeyyama koomaandi poostii kan qaban, manneeniifi dhaabbilee sakatta’aman ifaan ifatti beeksisuu, abbootiin manaa ykn abbootiin dhaabbilee adeemsa sakatta’iinsaa jalqabaa hanga dhumaatti akka hordofan gochuu, taajjabbiif hawaasa naannawaa affeeruufi qaamolee nageenya hawaasaa eegsisan hammachuu akka qabu hubachiisanii, ulaagaalee bahanii alatti qaamni kamuu manneen jireenyaafi dhaabbilee addaddaa kamuu sakatta’uuf mirga akka hinqabne yaadachiisaniiru.
Kanaa alatti qaamni eenyummaansaa hinbeekamne tokko lammiilee biyyattii ykn hawaasa naannawaa doorsisuun qabeenyaasaanii kan saamu, kan miidhuufi lubbuusaanii kan dabarsu yoo ta’e hatattamaan koomaandi poostii dhiyeenya jirutti gabaasuu akka qaban beeksisaniiru.
Labsiin Yeroo Hatattamaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan ragga’uun hojiirra oolaa jiru kun qaamolee nageenyaafi koomaandi poostiitiin galma gahuu waan hindandeenyeef, hawaasni marti tumsa gochuu qabaa jedhaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Oduu biyya keessaa

Finfinnee: Naannoo Amaaraatti, Paarkii Industirii Agiroo-Piroosasiingii Bureefi Naannoo Sabaafi Sablammoota Ummatoota Kibbaatti Paarkiin Industirii Qonnaa Qindaa'aa Yirgaalam, abbootiin qabeenyaa hojii itti eegaluuf gaafachaa jiraachuu qondaaltonni naannolee lamaanii ibsan.
Geggeessaan Hojii Paarkii Industirii Agiroo Pirosasiingii Buree Obbo Daanyaachoo Asratsi, gaazexaa Bariisaaf galma miliniyemiitti ibsa kennaniin akka jedhanitti, ijaarsi Paarkii Agiroo-Industirii Buree bara 2009 kan eegale yoo ta'uu, ijaarsi boqonnaa jalqabaa paarkichaa saffisaan geggeeffamaa jira. Ijaarsa geggeeffamaa jiru cinaatti, abbootii qabeenyaa biyyaa keessaafi alaatti kireessuun isaanis hojiitti seenuuf haaldureewwan barbaachisaa xumuraa akka jiran eeraniiru. Waggoota lama keessatti xumurama jedhamee kan eegamu ijaarsi boqonnaa jalqabaa paarkichaa, waggaa ittaanu gara omishaatti ni seenama jedhamee kan abdatamu ta'uus ibsaniiru.
Ogeessa Bulchiinsa, Kilaastariifi Oppireeshinii Paarkotaa, Koorporeeshinii Misoomaa Industirii Paarkii Naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummatootaa Kibbaa Obbo Asfawu Shallamaa ammoo, ijaarsa Paarkii Industirii Qonnaa Qindaa'aa Yirgaalam ilaalchisee ibsa nuuf kennaniin ijaarsi paarkichaa %50 ol darbuu himaniiru. Kun boqonnaa jalqabaatiin yoo ta'u, ijaarsisaa boqonnaa lammaffaatti ce'uu eeraniiru. Paarkichatti dameewwan filataman ja'arratti bobba'uun abbootiin qabeenyaa hojjechuu akka danda'aniitti ijaarsisaa saffisaan geggeeffamaa akka jiru ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa paarkichatti hojjechuuf gaafatan akka jiran himanii, isaanis yeroo muraasa booda hojii kan eegalan ta'uu dubbataniiru. Akka naanncihaaattii paarkiiwwan industirii afur ijaaruuf kan karoorfame yoo ta'u, qorannoon bu'a qabeessummaasaanii geggeeffamaa akka jirus himaniiru. Yeroo ammaa Paarkii Industirii Qonnaa Qindaa'aa Yirgaalam, xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachu eeraniiru.

Dabalaa Taaddasaatiin

Published in Oduu biyya keessaa
Page 1 of 2

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435353
Har'a/TodayHar'a/Today3313
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week10573
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month96930
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435353

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.