Items filtered by date: Monday, 05 March 2018

Finfinnee: Walmorkiin Kubbaa Miilaa Kilaboota Liigii piriimeerii Itoophiyaa kan marsaa duraa torban 15ffaa taphawwan wal qixxeessituu marsaa duraatiin tibbana adeemsifamaniiru. Walmorkiiwwan adeemsifamanitti kilaboonni sadarkaasaanirraa yoo sigigaatan kaan ammoo ol siqaniiru. 

Walmorkiiwwan adeemsifamanitti torban sadan darbaniif sadarkaa tokkoffaarra kan ture Kilabni Dadabit ammas sadarkaasaa eeggachuudhaan dursummaasaa cimsateera. Dadabit dursaa kan jiru taphni wal qixxeessituu tokko isa hafus qabxii 29n sadarkaa tokkoffaa osoo gadi hinlakkisiin cimee itti fufaa jira.
Torban darbe sadarkaa shanaffaarra kan ture kilabni Oromiyaa Jimmaa Abbaa Jifaar sadarkaa sadii fooyyeessuudhaan qabxii 25niin lammaffaadha. Jimmaa Abbaa Jifaar shaampiyoonaa kanatti kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaatti kan makame barana ta'uun isaa kan yaadatamuudha.
Torban darbe sadarkaa lammaffaarra kan ture bulchiinsa magaalaa Maqalee sigigaachuudhaan galchaan caalame qabxii 25niin sadarkaa sadaffaa irra qubateera.
Yeroo baay'ee shaampiyoonaa ta'uun kan beekamu kilabni hangaftichi Qiddus Giyoorgiis sadarkaasaa osoo gadi hinlakkisiin taphni walqixxeessituun tokko isa hafuun qabxii 23n sadarkaa arfaffaarratti argama.
Torban darbe sadarkaa sadaffaarra kan ture magaalaan Adaamaa ammaan tana qooda galchaan caalamee qabxii 23 gadi siquudhaan sadarkaa shanaffaarra qubateera.
Torban darbe sadarkaa jahaaffaadhaa hanga 13ffaarra kan turan Kilaboonni Buna Itoophiyaa, Buna Sidaamaa, Walaayittaa Dichaa, Walwaaloo Addigiraat, Hawaasaa, Raayyaa Ittisaafi Dirree Dawaa akkuma walduraa duuba jiranitti turaniiru.
Torban darbe sadarkaa maahessaarra kan ture kilabni Humna Ibsaa sadarkaa lama fooyyeessuudhaan 14ffaadha. Arbaaminci ammoo gadi sigigaachuudhaan sadarkaa 15ffaarratti argama.
Sababii taphatoonni isaa "hintaphannu" jechuudhaan bittinaa'anii tapha marsaa duraa torban 11ffaarraa kaasee shaampiyoonaadhaa ala kan ta'e kilabni Amaaraa magaalaan Waldiyaa qabxii 11n sadarkaa dhumaa 16ffaarratti argama.

Balballommii oduu

Published in Ispoortii

Finfinnee: Waancaa kubbaa miilaa dargaggoonni Afrikaa umrii 20 gadi ta'an irratti hirmaatan kan jalqabame ALA bara 1979 biyyoota afur gidduutti. Walmorkiins kan adeemsifame dhaqaafi deebiidhaan yoo ta'u, biyyi shaampiyoonaa ta'u Afrikaa bakka bu'uudhaan waancaa dargaggoota Addunyaarratti akka hirmaatu carraa argataa ture.

Walmorkiichis waggaa lamatti al tokko biyyoota adda addaatti kan adeemsifamu yoo ta'u, waggoota 39 lakkofsiseera. Waggoottan kanneen keessatti biyyoota miseensoota Konfedereeshiii Kubbaa Miilaa Afrikaa 56 keessaa shaampiyoonaa ta'uun waancaa kan argatan sagal qofa.
Naayijeeriyaan waancaa dargaggootaa kana yeroo torbaaf mo'achuudhaan tokko kan dhuunfaa godhatteetti. Yeroo lama sadarkaa lammaffaa, al sadii ammoo sadarkaa sadaffaa argachuudhaan Afrikaarraa biyya duraa ta'uu dandeesseetti.
Haaluma kanaan Naayijeeriyaan Afrikaa bakka bu'uudhaan waancaa dargaggoota Addunyaarratti yeroo 12f hirmaachuun Ardii Afrikaa keessatti seenaa olaanaa galmeessiteetti.
Naayijeeriyaan waancaa dargaggoota Adduyaarratti yeroo 12f hirmaattus yeroo lama tapha maaheesaa dhihaachuudhaan mo'amuun sadarkaa lammaffaa argachuun meedaaliyaa meetii, yeroo tokko ammoo sadaffaa ba'uun nahaasaafi dolaaraa kumaatamatti lakkaa'amu badhaafameera.
Waancaa dargaggoota Afrikaa kana Misir yeroo afur, Gaanaan al sadii fudhataniiru. Gaanaan waancaa dargaggoota Addunyaarratti Afrikaa bakka bu'uun hirmaattee yeroo tokko waancaa fudhachuun, si'a lama lammaffaa, al tokko tokkoo ammoo sadaffaafi arffafaa ta'uun ishee beekameera.
Zaambiyaa, Aljeeriyaa, Morookoo, Angoolaafi Koongoon ammoo al tokko tokko shaampiyoonaa ta'uun Afrikaa bakka bu'uun waancaa dargaggoota Addunyaa umrii 20 gadii kanarratti hirmaachuuf carraa argachuun isaanii beekameera.
Waggaa lamatti yeroo tokko kan qophaa'u Waancaan Kubbaa Miilaa Dargaggoota Afrikaa kun ALA bara 2019 yeroo 15ffaaf Niijeeritti kan adeemsifamu yoo biyyoonni Afrikaa 16 qooda fudhatu jedhamee eegama.
Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa dhiheenya kana akka addeesseetti walmorkii kanarratti hirmaachuuf miseensoonni isaa taphawwan gulaalaa gulaala duraa adeemsifachuudhaan mo'atoonni waancaaf dhihaatu jedheera.
Haaluma kanaan gareen kubbaa miilaa dargaggoota Itoophiyaas walmorkii gulaalaa gulaala duraa ji'a Bitooteessaa bara 2010 garee dargaggoota Burundii wajjiin istaadiyoomii Finfinneetti adeemsifata jedhameei eegama.
Walmorkii deebiitiin ammoo torban sadii booddee Burundii, magaalaa Bujumburaatti kan adeemsifatu yoo ta'u, garichi walumaagalatti dhaqaafi deebiitti yoo mo'ate garee dargaggoota Sudaan wajjiin taphata jechuudha.
Gareen kubbaa miilaa dargaggoota Itoophiyaa umrii 20 gadii kun ALA bara 2017 waancaa Zaambiyaatti adeemsifameerratti hirmaachuudhaa tapha marsaa durraatti mo'amuudhaan gulaalaa ala ta'un isaa kan yaadatamuudha.
Gareen dargaggootaa kun kanaan dura waancaa kanarratti yeroo afuriif qooda fudhachuudhaan yeroo lamaaf walakkaa maaheessaa yoo dhaqabu, yeroo lama ammoo sadarkaa afraffaa argachuun isaa ni yaadatama.
Waancaa dargaggoota Afrikaa 15ffaa kanarratti gareewwan 16 kan hirmaatan yoo ta'u, garee dargaggoota Itoophiyaa kanaaf hanga ammaatti leenjisaan hinramadamne. Taphatoonni garichaas hinfilamne.

 

Balballoommii oduu

Published in Ispoortii

Finfinnee: Addunyaarratti dorgommiin qaxxaamura biyyaa yoomiifi eessatti akka jalqabame beekamuu baatuus ka'umsi isaa Awurooppaa biyya Iskootilaandi jedhamtuutti akka ta'e seenaan ni mul'isa.

Haata'u malee, dorgommichi Waldaa Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa (“IAAF”)n adeemsifamu kan eegale ALA bara 1973 irraa kaasee akka ta'e seenaan ni addeessa.
Dorgommiin kun addunyaarratti yeroo gabaabaa keessatti babal'achaa adeemuudhaan biyyoonni adda addaa hordofuuf carraa bal'aa argataniiru.
Haaluma kanaan Itoophiyaattis ALI bara 1975 irraa kaasee qopheessummaa Federeeshinii Atileetiksii isheetiin magaalaa Finfinnee, dirree olmaa dhaabbata ispoortii Jaanmeedaatti waggaa waggaadhaan dorgommicha gaggeessaa turteetti.
Bu'uuruma kanaan baranas Dilbata darbee yeroo 35ffaaf haala miidhagaadhaan korniyaa lameeniinu guyyaa tokkoof adeemsisuudhaan xumurameera.
Dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa kanarratti Naannoolee Oromiyaa, Amaaraa Ummatoota Kibbaa, Hararii, Beenushaangul Gumuziifi Bulchinsa Magaalaa Finfinnee, kilabonniifi dhaabbileen ispoortii adda addaa hirmaataniiru.
Dorgommii kiloo meetira jahaa kan dubartoota dargaggootaafi kiloo meetira saddeet dhiiroota dargaggootaan akkasumas, korniyaa lameeniinu kiloo meetira kudhaniin, dorgommii walmakaa ulee wal harkaa fuudhuu kiiloo meetira saddeet, atileetonni hangafoonnifi kanneen dhuunfaa hirmaataniiru.
Fiigicha qaxxaamura biyyooleessaa baranaa kanarratti atileetonni biyya keessaa qofti kan hirmaatan yoo ta'u, walumaagalatti atileetonni 966 ta'an hirmaataniiru. Isaan keessaa dhiiroonni 667 yoo ta'an dubartoonni ammoo 302 dha.
Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa dorgommii baranaa kanaaf dimshaashumatti qarshii kuma 327 qopheessuun badhaaseera.
Atileetoota dorgommii kanarratti hirmaachuun sadarkaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba'an akkuma walduraa duuba jiranitti meedaaliyaan warqii, meetiifi nahaasaa maddiitti qarshii, akkasumas arfaffaadaa hanga jahaaffaa kanneen bahan ammoo qarshii qofa badhaaseera.
Sababiin dorgommiin kun itti adeemsifameef atileetoota naannoolee, kanneen bulchinsoota magaalaa, kilabootaafi gidduu galeeyyii leenjii ispoortiif carraa wal dorgommii babali'suufi.
Akkasumas, dorgommii qaxxaamura biyyaa Afrikaa kan ALA Bitooteessa 17 bara 2018 Aljeeriyaa, magaalaa Kilfi jedhamtuutti adeemsifamuuf Itoophiyaa bakka bu'uun atileetoota hirmaatan filachuufi.
Dorgommii baranaa kanarratti fiigicha kiloo meetira jahaa dubartoota dargaggootaan kilabni Gunaa qabxii 27n, kilomeetira saddeet dhiiroota dargaggootaan naannoon Amaaraa qabxii 21n shaampiyoonaa ta'uun waancaa fudhataniiru.
Fiigicha kiloo meetira saddeetii kan walmakaa ulee wal harkaa fuudhu dhiiraaf dubaraan adeemsifameetti ammoo naannoon Oromiyaa dorgomtootasaa halaalatti gatee galuudhaan abbaa waancaa ta'eera.
Akkasumas, fiigicha kiloomeetira kudhaniin dubartoota jiddutti adeemsifameetti naannoon Oromiyaa qabxii 20n, dhiiraan ammoo kilabni Poolisii Fedeeraalaa qabxii 37n tokkoffaa ta'uun waancaa fudhataniiru.

Balballoommii oduu

Published in Ispoortii

Natsaannat Taaddasaatiin

Leenjiin dhimma walkabajaafi waljaalala amantaarratti xiyyeeffatu kan Ministeera Dhimma Federaalaa, Tokkummaa Abbootii Amantootaafi Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa waliin ta'uun qophaa'e Magaalaa Adaamaa Galma Abba Gadaatti guyyoota sadiif kennamaa ture har'a xumurama.
Ittaanaan Hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Obbo Nuuree Qamar akka jedhanitti, ummanni Oromoo amantaa qabuun kan biroo kabajuufi kabachiisuuf durirraa kaasee hojii boonsaa hojjetaa tureera. Har'as duudhaafi aadaa waldanda'insa amantii heera biyyattiin mirkanaa'uun hojiirra oolaa jiruuf kabaja guddaa qaba. Haa ta'u malee, iddoowwan tokko tokkotti hanqinootni mul'achaa kan jiran yoo ta'u, furuuf qaamoleen marti ciminaan hojjechuu akka qaban yaadachiisu.
Ministir De'eetaa Dhimma Federaalaafi Misooma Horiisee Bulaa Obbo Awwal Waggaarii gama isaaniin akka jedhanitti, misooma, nageenyaafi sirna dimokiraasii biyyattiin eegalte itti fufsiisuuf garaagarummaa qaban hunda cinatti dhiisanii waldanda'uufi jaalalaan jiraachuun dhimma filannoo keessa galuu hinqabneedha. Garaagarummaa gama amantiin jirus akkuma kanaan dura baratameefi abbootii keenyarraa dhaalletti kunuunsinee dhaloota itti aanutti dabarsuu qabna. Hubannoo uumuu keessaattis ga'een abbootii amantii, mootummaafi uummataa olaanaadhas jedhu.
Itoophiyaan amantaalee garagaraa karaa nagaan fudhachuufi keessummeessuun biyya akka fakkeenyaatti eeramtuudha. Kanarraa ka'uun abbootiin amantii dhaloonni har'aa fakkeenyummaa kaleessa abbootiin keenya galmeessisan kunuunsuufi eeggachuun dhaloota boriitti akka dabarsaniif hordoftootasaanii sirriitti gorsuufi barsiisuu akka qaban hubachiisu. Qaamni hundi faayidaa dhuunfaasaarra kan biyyaafi ummataaf cimee hojjechuu akka qabus dhaamu.
Obbo Iluuf Waldasillaasee Ittaanaa Bareessaa Tokkummaa Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa ammoo akka jedhanitti, duudhaa kaleessa abbootiin keenya nuuf dabarsan eeggachuun waljaalalaafi kabajni amantoota gidduu jiru ammallee cimee itti fufuu qaba. Biyyattiitti bakka tokko tokkotti amantii dawoo godhachuun duudhaan amantaa kan hineeyamne raawachuun walitti bu'iinsa uumuuf yaalii gochuun ni mul'ata. Ummatni biyyattiis gocha kana balaaleffachuun nageenya naannawaasaanii mirkaneeffachuu akka qaban gorsu.
Ummanni Oromoo nageenya amansiisaan akka jiraatu, walitti dhufeenyiifi waljaalalli dhugaan akka uumamu, gara laafummaan sabootaafi sablammoota hunda wajjin jiraachuuf aadaan boonsaan inni qabu seenaafi lammiileen biyyattii kan dhugaa bahaniidha. Ummatichi garagarummaa jiru kamillee mariin furuutti kan amanu ambaasadara nageenyaati. Ummanni Oromoo muuxannoofi aadaa waldanda'iinsaafi wal jaalalaa bara dheeraa kuufataa dhufe kana fayyadamuun rakkoowwan bakka tokko tokkootti darbee darbee mul'atu furuuf dandeettii guddaa qaba. Kanaaf aadaafi duudhaa kana dhaloota har'aafis dabarsuun guddinaafi mul'ata biyyattiin qabdu mirkaneessuu keessatti ga'ee olaanaa kan qabu ta'uu dubbatu.
Haaluma walfakkaatuun dhiyeenya kana mariin dhimma nageenyaa, tokkummaafi misoomaa irratti xiyyeeffatu Godina Baalee Magaalaa Agaarfaatti adeemsifameera. Bulchaan Godinichaa Obbo Seeyfuu Ismaa'il waltajjii marichaarratti akka jedhanitti, tokkummaa waan hundaafuu bu'uura. Tokkummaan yoo jiraateedha nageenyiifi misoomni eeggamee gara fuulduraatti tarkaanfachuu kan danda'u. Kanaaf tokkummaa keenya waan hunda keessatti cimsachuu qabna jedhu.
Hirmaattonni marichaa yaada kennaniin akka dubbatanitti, tokkummaan keenya waan hunda irratti cimee itti fufuu qaba, gabrummaa waggoota 150 oliif nurra ture ofirraa buusuuf tokkummaa keenya cimsinee itti fufsiisuun injifannoowwan boonsaa galmeessuu eegalle miira waldhageeffachuufi walhubachuutiin socho'uus qabna jedhu. Sabaafi sablammoota nu keessa jiran akkuma duraatti of keessatti hammannee nageenyaafi misooma keenya cimsaa qabsoo qeerrooniifi hoggantootni keenya fidan cinaa hiriirree, jaarsa jaartii Osoo hinjenne cimnee gara fuulduraatti deemuu qabna jedhu.
"Tokkummaa keenya waan hunda irratti cimaa dhufe, nageenya keenya eeggachuufi eegsisuu irrattis adda durummaan hirmaannee ni hojjennas" jedhan. Kana malees akkuma duraa hojiilee misoomaa aanaafi magaalaa keenya guddisuuf mootummaa cinaa dhaabbachuun kan deggeran ta'uu himanii, lammiilee Oromoo sababa walitti bu'iinsa daangaa Oromiyaafi Somaalee gidduutti mudateen buqqa'aniif deggersa taasisaa jiran cimsanii kan itti fufan ta'uu Odeeffannoon Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul'isa.
Walumaagalatti, nageenya eegsisuufi mirkaneessuun gahee qaamolee nageenyaa qofa osoo hintaane gahee lammiilee hundaa ta'uun hubatamuu qaba. Hawaasnis nagaan ba'ee galuuf sodaa tokko malee hojjetee, oliifi gadi socho'ee jireenyasaa adeemsifachuu kan danda'u yoo nageenyi amansiisaan jiraateedha. Kanaafuu, martuu ambaasaddara nageenya ta'uun duudhaalee waljaalalaafi kabajaa mirkaneessuun dhimma murteessaadha.

Published in Hawaasummaa

Namni kamiyyuu nagaan bahee galuuf, hojjatee jiruufi jireenya ofiifi maatiisaa geggeessuu kan danda'u yoo nageenyi jiraateedha. Nageenyi bu'ura waan hundaati. Bakka nageenyi hin jirretti nagaan ba'anii galuun, honii ofii sirnaan geggeessuun yaaddoo keessa gala. Wayitii ammaa rakkoo nageenyaa iddoowwan tokko tokkotti mul'atan irraa kan ka'e hanga Labsiin Yeroo Hatattamaa labsamutti ga'eera. Haala amma jiru kanaan labsicha hojirra oolchuun rakkoo nageenyaa mudate kana hundeerraa ni fura yaadni jedhu deggarsa hawaasa biyyattii guutummaa biraa waan argate hin fakkaatu.

Rakkoo nageenyaa yeroo ammaa iddoowwan tokko tokkotti mul'achaa jiru furuu keessatti ga'een mootummaa olaanaa ta'us tumsi hawaasa murteessaa ta'uu abbootiin amantaa ni ibsu.
Pirezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheek Muhaammad Shariif Hasan akka jedhanitti, Itoophiyaan fakkeenya nageenyaafi tasgabbii biyyoota Afrikaati. Waggoota muraasaa as garuu haalli kun jijjiiramaa dhufeera. Biyyi aadaa wal danda'uu, walkabajuufi nagaan waliin jiraachuutiin fakkeenummaa qabdu kun rakkoolee mariidhaan furamuu danda'aniin dheebuu nageenyaa keessa galuu akka hinqabneefi kanaaf immoo hawaasni marti keessattuu abootiin amantaa waa'ee nageenyaa irratti hordoftootasaanii barsiisuu akka qaban ibsu.
Namani waaqaafi guyyaa qiyaamaa (guyyaa dhumaatti) amane hundi nageenya biyyattiitiif waardiyyaa dhaabbachuu akka qabu kan himan pirezdaantichi, mufiifi komiiwwan jiran kunniin hundeedhaan furamuu baannaan turtii keessa gara rakkoo hamaatti ce'uu kan danda'u ta'uu dubbatu.
Ummannis ta'e dargaggoonni gaaffii qaban kamiyyuu qaama barbaadeef dhiheessuun mirgasaa ta'uu kan himan immoo Imaamni Masjiida guddicha Anuwaar, Haaj Xuhaa Muhaammad Haruun, gaaffiin dhihaatu hundi garuu bifa nagaa ta'eefi balaa lubbuufi qabeenya irraan hin geessifneen ta'uu akka qabu dubbatu.
Mootummaas taanaan gaaffii dargaggoonni dhiheessaa jiraniif deebii quubsaafi hatattamaa kennuu akka qabu himanii, sababoota garaa garaatiin nageenyi wayita boora'us kan miidhamu qaama gaaffii gaafatuufi deebii kennuudha. Nageenyiifi tasgabiin akka uumamuufi akkasumas waliigaltee biyyaaleessaa uumuudhaaf jalqabbiin mootummaan sirreeffamtoota seeraa sababa siyaasaatiin hidhaman hiikuu eegale cimee itti fufuu akka qabuufi hawaasni biyyattiis tattaaffii nageenya amansiisaa mirkaneessuudhaaf eegalame cinaa dhaabbachuu akka qabu yaadachiisu.
Waa'ee nageenyaa haasa'uufi nageenyi akka mirkanaa'u socho'uunis bakkuma nageenyi jirutti waan ta'eefi rakkoon nageenyaa iddoo tokko tokkotti mul'achaa jiru kun osoo iddoo hunda ga'ee biyyattii hin liqimsine fala barbaaduun dhimma yeroon kennamuufii hin qabneedha. Gaaffilee ummatni kaasaa jiruufis deebii quubsaafi hatattamaa kennamuufii qaba.
Biyya sirna dimokraasii ijaaraa jirtu keessatti hawaasa gaafataa ta'e uumuun waan eeggamu ta'us, gaaffii hawaasaas duula abidda dhaabsuutiin osoo hin taane, karaa furmaata waaraa argachuu danda'uun deebisuun barbaachisa.
Gaaffiifi komii ummataatiif deebii hatattamaa kennuun hafee humnaan dhaabuuf yaaluun immoo balaa caaluuf kan nama saaxilu ta'uu biyyoota Afrikaa hedduu irraa baruumsa fudhachuun gahaadha. Biyya bulchuunis yoo nageenyi jiraate qofa waan ta'eef qaamni biyya bulchu sababoota rakkoo nageenyaa ta'an sirritti adda baasee furmaata waaraa kennuuf socho'uu qaba.
Walumaagalatti, jiruufi jireenya dhala namaatiif waan hundaa kan dursu nageenyi, sochii qaama tokko qofaan mirkanaa'u waan hintaaneef tumsi hawaasa hundaa murteessaadha. Keessattuu abbootiin amantaa nageenya mirkaneessuu keessatti itti gaafatamummaa dachaa qaaabu.

Bayyanaa Ibraahimii

Published in Hawaasummaa

Guddina dinagdee saffisaafi itti fufiinsa qabu qabatamaan lafa qabsiisuuf sosochiin damee manufaakcheriingiin taasifamu murteessaa ta’uusaa kan falmisiisu miti. Biyyootni guddatan kanneen akka Ameerikaa, Chaayinaa, Hindii, Awustiraaliyaa, Faransaayiifi kkf. yeroo gabaabaa keessatti damee kanaan fayyadamtummaa isaanii mirkaneessuu danda’uusaanii ragaaleen ni mul’isu. Kunimmoo biyyootni kunneen damee manufaakcheriingiirratti kutannoon hojjechuun bu’aa qabeessummaasaanii mirkaneessuurra darbee maqaa biyyasaanii addunyaatti beeksisuu danda’uudha, kan hubatamu.
Itoophiyaanis sosochii damee manufaakcheriingiin eegalte cimsuuf dargaggoota hojidhabeeyyii garagaraa gurmeessuun omisha garagaraarrtti bobbaasuurratti akka argamti. Daariktirri olaanaa Ejensii Misooma Indastirii Manufaakcheriingii Xixiqqaafi Giddugaleessaa Federaalaa Obbo Asfaawu Abbabaas kanuma kan dhugoomsan yoo ta’u, wayita ammaa beekamtii omishtootni omisha isaaniirraa argatan daran fooyyeessuuf walitti hidhamiinsi gabaa uumamaa akka jiru eeru.
Egzibiishiniifi baazaariin yeroodhaa yerootti qophaa’anillee omisha biyya ofiitti akka fayyadamaniif kan gargaaru yoo ta’u, galiin omishtootaa caalaatti akka guddatuufis bu’uura kan kaa’udha.
Yeroo ammaa adeemsa ejensichi hordofaa jiruun baazaariifi egzibiishiniin omishoota addaddaa argisiisu waggaa waggaan kan gaggeeffamu yoo ta’u, keessumaa walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamaniif gahee gudaa kan bahatuudha. Walitti hidhamiinsa gabaa uumuurraan galiin birrii mil. 1.8 ni argama jedhamee kan eegamuudha.
Kana waliinis galii alergiirraa argamu fooyyessuuf bu’aalee gogaafi huccuu gara biyya alaatti erguun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus ibsanii, hudhaalee damicha gara boodaatti harkisaa jiran keessaa rakkoon qulqullinaa isa tokko waan ta’eef, furuuf xiiqiin hojjetamaa jiraa jedhu.
Damee kanaan Itoophiyaa keessatti sochiileen taasifamaa jiran jajjabeessaa ta’anis ammallee hojii bal’aan biyyattii kan eeggatu ta’uusaa kan himan daariktarichi, ilaalchi lammiileen bu’aa omisha biyyasaaniif qaban akka fooyya’uuf tooftaalee addaddaatiin hojiin hubannoo uumuu xiyyeeffatamuu qaba.
Akkuma, “Sa’aa abbaan gaanfa cabse ormi ija jaamsa” jedhamu lammiileen biyyattii marti bu’aalee omishasaanii tuffachuurra kabaja kennuutiin fayyadamuu akka qaban gorsu. Kunimmoo omishtootni biyya keessaa baasii barbaachisaa hintaaneefi miira ofitti amanamummaa isaanii caalaatti akka cimsataniif kan gargaaru ta’uusaati jechuudha.
Bakka Bu’aan Dariktera Kominkeeshinii Ejensichaa Obbo Ashannaafii Mallasaas yaada kennaniin, egzibiishiniifi baazaariin tibbana qophaa’e Guraandhala 21-30/2010tti kan turu yoo ta’u, mata duree, “Omisha biyya kootiin nan boona” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uudha, kan himani.
Omishaaleen dhiyaatan kunneen lammiilee biyyattii hojidhabeeyyii turaniin wayita dhiyaatu hedduu kan nama gammachiisu yoo ta’u, bu’aa omisha isaanii qooddachuun isaaniis jaalalaafi kabaja biyya ofiif qaban kan agarsiisudha.
Damichi ce’umsa gara indastiriitti taasifamaa jiru milkeessuufis sosochii mootummaa qofa eeguun gahaa akka hintaane kan himan Obbo Ashannaafiin, hirmaannaan lammiilee hundaa shoora olaanaa waan tapahatuuf jajjabeeffamuu qabuu jedhu.
Kanaan durallee hojii hojjetameen bu’aaleen omishaa gara biyyoota Sudaan, Israa’eel, Awurooppaafi Ameerikaatti ergamaa turuusaanii himanii, galiin guddaa irraa argamuu danada’uusaas addeessu. Kunimmoo ilaalcha biyyoonni alaa omishaalee biyyttiirratti qaban akka fooyya’u gochuurra darbee beekamtiifi fudhatamummaansaa akka cimuuf haala mijataa uumeeraa jechuun ibsu.
Qophii egzibiishiniifi baazaarii magaalaa Finfinnee galma ejensichaa keessatti gaggeeffamu kanas adda kan isa taasisu, hirmaannaa miidhamtoota qaamaa dhibbentaa 1 kan of keessatti hammate ta’uusaati. Kanaan boodas sosochii miidhamtoonni qaamaa hojii ogummaa keessatti qaban fooyyessuuf kan hojjetamu ta’uu eeranii, jalqabbii jiru kana jajjabeessuun miira kaka’umsaa isaan biroo keessatti kan uumu waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu qabas jedhu.
Walumaagalatti, rakkoo hojidhabdummaa biyya keenyaa furuuf dameen manufaakcheeriingii shoora olaanaa kan taphachaa jiru yoo ta’u, bu’aalee omisha biyya keessaatti fayyadamuun baasii hinmallerraa ofiifi biyyas baraaruuf kan gargaarudha; murteessaa ta’uus ifatti kan mul’isuudha.

Waasihuun Takleetiin

Published in Dinagdee

Dhaabbilee misoomaa mootummaa waggoottan hedduuf tajaajila garaa garaa kennaa turaniifi kennaa jiran gurguudhaan gara dhaabbilee dhuunfaa biyya keessaafi alaatti dabarsuun erga eegalamee bubbuleera. Kanaanis dhaabbileen misoomaa gurguddoon hedduu bobaa mootummaafi ummataa jalaa bahuudhaan gara dhaabbilee idil-addunyaatti kan gurguramanis hedduudha.
Bara bajataa barana eegalame qofatti gurgurtaa dhaabbilee misooma mootummaa irraa qarshii biiliyoona tokkoo ol kan argate Ministeerri Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa, sochii dhaabbilee misoomaa dabarsanii qaama biraatti gurgurtaan dabarsuu cimsee itti fufeera. Dhaabbileen kunniin yeroo hedduu erga caalbaasiin gurgurtaa itti baheen boodas dafanii qaama bitatu kan hinarganne yemmuu ta'u, darbee darbee immoo liqiin gurguramanis jiru.
Yeroo ammaas si'a hedduuf caalbaasiin itti bahus qaamni bitatu dafee kan hinargamne Warshaan Biqila Asallaa, turtii dheeraan booda abbaa argateera.
Mootummaan warshicha caalbaasii biyya keessaatiin akka itti gurguruuf gaafachaa kan ture Federeeshiniin Qonnaa Oromiyaa, gaafiisaatiif deebii mootummaa dhabus Warshaa Biqila Asallaa Birrii biliyoona tokkoofi mil. 300n bitachuu irraa garuu wanti isa ittise hinturre.
Qonnaan bultoonni Arsiifi Baalee tanaan dura omisha garbuu biqilaaf oolu warshichaaf dhiyeessaa turanis bitachuudhaaf qaamni isaan caalaa itti dhihaatu kan hinjirre ta'uusaa ibsuudhaan mootummaan caalbaasii biyya keessaatiin akka isaanitti gurguruuf gaafachaa turanis deebiin argatan faallaasaati. Ta'us, caalbaasii idil-addunyaa mootummaan federaalaa baaserratti hirmaatanii injifachuudhaan warshicha dhuunfachuunsaanii immoo waan hinoolle ta'eera.
Warshichaaf omisha garbuu %80 ol qonnaan bultoonni Baaleefi Arsii dhiyeessaa turuusaanii kan himan Hogganaan Biiroo Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Daanyaachoo Shifarraa, warshaa biqilaa kana gara warshaa biiraatti ceesisuuf qonnaan bultootni sheerii xixiqqaa bitachuu akka qaban dubbatu.
Federeeshinichi qonnaa gara indastiriitti ceesisuuf warshaa nyaata madaalawaa guyyaatti kuntaala kuma 1 omishu Birrii mil. 50 oliin ijaarsisaa jiraachuu kan himan immoo Federeeshinii Qonna Oromiyaatti Hogganaan Qajeelcha Faayinaansii, Bittaa, Gurgurtaafi Bulchiinsa Qabeenyaa Obbo Daani’eel Charinnatidha. Waldaaleen hojii gamtaa deggarsaafi tumsa barbaachisu argannaan gara indastiriitti ce'uu akka danda'aniifis fakkeenya kan ta'uu danda'udhas jedhu.
Qonnaan bultootni waggoota dheeraadhaaf galtee warshichaaf ta'u dhiheessuudhaan warshicha sooraa turan dhumarratti mootummaan erga gurgurtaaf caalbaasii biyyooleessaa baaseen booda, caalbaasii keessaatiin akka isaanitti gurguruuf gaafachaa turanis deebii mootummaa dhabaniiru. Garuu warshicha dhuunfachurraa wanti isaan hambise kan hinjirre ta'uunsaa waldaaleen hojii gamtaa humna cimaa horachaa jiraachuusaanii kan agarsiisuudha.
Mootummaan gama tokkoon babal'ina waldaalee hojii gamtaafi yuuniyeenotaa cimsuuf kan hojjechaa jiru ta'uu kan mul'isu yoo ta'u, gama kaaniin immoo yuuneenota humna horatanii gara warshaaleefi indastiriitti ce'uu barbaadaniif deebii armaan olii kennuun waan walfaalleessu fakkaata.
Osoo humnisaaniiyyuu hanqatee mootummaan yuuneenota kanneen jajjabeessuudhaaf gatii gurgurtaadhaaf akka biyyooleessaatti baherraa hir'isee isaaniif dabarsuu qaba ture.
Walumaagalatti, dhaabbileen misoomaa bobaa mootummaafi ummataa jalaa bahanii gara qaama birootti gurgurtaadhaan dabarfaman kanniin keessatti dursi dhaabbilee biyya keessaatiif, keessattuu waldaalee hojii gamtaafi yuuneenotaaf kennuutu barbaachisa; murteessaadhas.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Dinagdee

Finfinnee: Tajaajila Daandii Qilleensa biyyattii saffisiisuun fedhii maamiltootaa guutuuf Sagantaan Tajaajila Qunnamtii Odeeffannoo(TQO) hojiirra oolfamaa jiraachuu Daandiin Qilleensa Itoophiyaa beeksise. 

Gaggeessaan hojii dhaabbatichaa Obbo Tawaldee Gabramaariyaam kaleessa galma Akkadaamii Aveeshinii Itoophiyaatti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, Daandiin Qilleensa biyyattii fedhii maamiltootasaa sirnaan eeguufi caalaatti bifa ammayyaawaan keessummeessuuf dhaabbata ‘Microsoft For Africa’ jedhamu waliin hidhata uumee hojjechaa jira. Kanaanis, yeroo ammaa leenjiin TQO ogeessotaaf kan kenname yoo ta’u, kunimmoo gahumsa ogeessotaa kan cimsuudha jedhaniiru.
Ogeessota Daandii Qilleensaa leenjii fudhatan kunneen ammoo injinaroota beekumsaafi muuxannoo softiweerii qabaniin leenji’aa waan turaniif, gahumsasaanii sirriitti kan gabbisu ta’uusaa himaniiru.
Leenjiin gahumsa ogummaa TQO softweeriirratti ogeessotaafi leenjitootaaf kennamaa ture kun walta’iinsa Daandii Qilleensa Itoophiyaafi Dhaabbata ‘Microsoft For Africa’tiin kan qophaa’e ta’uu eeranii, kunis, kenniinsa tajaajilaa saffisaafi hawwataa diriirsuurra darbee dandeettii itti fayyadama tajaajila quunnamtii odeeffannoo maaykiroosooftii kan gabbisuudhaa jedhaniiru.
Sochiin TQO maaykiroosooftiin ogeessota leenjisuu kun bara darbes hojiirra ooluusaa kan dubbatan Obbo Tawaldeen, leenjitoonni 500 ta’an leenjii ijaarsa dandeettii fudhachuun dhaabbilee mootummaafi dhuunfaa keessatti carraa hojii argachuu danda’aniiru.
Dhaabbatni ‘Microsoft for Africa’ jedhamu kun tajaajilli leenjii damee kanaa Afrikaa Kibbaafi Misir keessatti eegaluun ogeeyyota hedduutti gahumsa kan hore yoo ta’u, Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa garagaraa keessatti dameesaa babal’isuun ogeessota gahumsa TQO maaykiroosooftiin bilchaate horachuurratti kan argamu ta’uusaas hubatameera.
Leenjitoonni kunneen barnoota dhaabbilee garagaraa keessatti argataniin cinatti ogummaa dabalataa horataniin rakkoo kenniinsa tajaajilaafi qulqullina hojiirratti mudachaa ture maqsuu danda’uusaanii Obbo Tawaldeen himaniiru.

Waasihuun Takleetiin

Published in Oduu biyya keessaa

Ardiin Afrikaa guddina gama hundaatiin kan biyyoota Awurooppaafi Esshiyaa waliin yemmuu wal bira qabamee ilaallamu boodatti hafaadha. Ummanni ardichaa hedduun haala jiruufi jireenya boodatti hafaa keessa kan jiran yoo ta'u, sochii yeroo ammaa taasifamaa jiruun garuu ardii dukkanooftuun kun gara ardii abdii qabduutti tarkaanfachaa jirti.

Walqunnamtii ummattoota ardichaa cimsuuf babal'inni daandii lafarraa iddoo olaanaa qabata. Ajandaa bara 2063 galmaan ga'uudhaaf nageenya daandiiwwan ardichaa mirkaneessuufi sochii daandiidhaan ardicha walqunnamsiisuuf eegalame cimee itti fufuu qaba.
Bara 2063tti ardii Afrikaa daandii lafarraatiin walqunnamsiisuudhaaf kan karoorfame yemmuu ta'u, kanaanis ummata ardichaa gama hawaas diinagdeetiin walittihidhuuf karoorfamee hojjatamaa jira.
Yaa'ii Waldaa Suphaa Daandii Afrikaa haala daandiiwwan ardichaa itti fooyyeessuun danda'amurratti xiyyeeffatu dhiheenya kana Finfinnetti adeemsifameerratti babal'inni daandii ardichaa laafaa ta'uudha kan himame.
Pirezdaantiin waldichaa Obbo Rashiid Muhaammed akka jedhanitti, babal'inni daandiiwwan Afrikaa guddina waliigala ardichaatiif ga'ee olaanaa waan qabuuf ijaarsaafi suphaa daandiiwwaniitiif xiyyeeffannoo olaanaan kennamuufii qaba. Hanqinni daandiifi kanneen jiranis sirnaan suphamuu dhabuuurraa kan ka'e qonnaan bulaan ardichaa hedduun midhaan omishate yeroodhaan gara gabaatti geessuu dhabuudhaan kisaaraaf saaxilamaa kan jiru ta'uu ibsu.
Qonnaan bulaafi horsiisee bulaan ardichaa daandii omishaafi beeylada isaa gara gabaatti ittiin geeffatu dhabuun immoo isaan qofaaf osoo hin taane guddina biyya tokkoo irrattis dhiibbaan dhiibbaa olaanaa qabaata. Bakka daandiin mijataafi iddoo hundatti argamu hin jirretti hiyyummaa keessaa bahuun abjuu ta'uusaafi kanaafis dhimmi ijaarsaafi babal'ina daandii akkasumas suphaa Afrikaa ajandaa duraa ta'uu akka qabu himu.
Ministirri Geejjibaa Itoophiyaa Obbo Ahmad Shidee gama isaaniitiin akka jedhanitti, daandiin karoora biyyi tokka baafatte galmaan ga'uu keessatti gahee olaanaa qabaata. Kanaafuu Afrikaan daandii nageenyisaa mirkanaa'e diriirsuufi daandiiwwan dura turaniif immoo eeggumsi cimaan akka taasifamuuf hojjachuu akka qabdu dubbatu.
Akka ibsa ministirichaatti; walqunnamtiin salphaafi mijataa ta'e gama hawaasummaafi diinagdeetiin biyyoota ardichaa gidduu jiru akka cimuuf ijaarsi daandiifi suphaan yeroo yeroon taasifamuufi qaba. Kunis balaa konkolaataa hir'isuu keessatti ga'ee olaanaa akka qabu dubbatu.
Guddina Itoophiyaa keessatti galmaa'aa jiruufis shoorri dameen geejjibaa olaanaa waan ta'eef cimee kan itti fufu ta'a. Itoophiyaan daandii biyyoota akka; Keeniyaa, Sudaan, Suudaan Kibbaa, Jibuutiifi Somaaliyaa waliin walqunnamsiisu kan qabdu yemmuu ta'u, sochii biyyoota gaanfa Afrikaafi Baha Afrikaa daandiidhaan walitti hidhuuf taasifamuufis giddugala taatee kan tajaajiltu ta'uu eeru.
Walumaagalatti, yaa'iin waldichaa kan baranaa dabalatee yeroo 2ffaaf Itoophiyatti kan qophaa'e yoo ta'u, sochii biyyattiin babal'ina daandii irratti taasisaa jirtu biyyoota ardichaa biroodhaaf fakkeenya gaarii ta'a.

Bayyanaa Ibraahimiin

Monday, 05 March 2018 19:27

Tajaajila istaafiingii daldala alergiif

Geejibni Galaanaafi Lojistiksii Itoophiyaa wiirtuu daldalaa alaafi keessaa biyyatti ta'uun kan tajaajilaa jiruudha. Dhaabbatichi tajaajila buufata meeshaalee alergii fichisiisaa jiran keessaa buufatiifi terminaalli Aqaaqii, Galaaniifi Mojoo isaan ijoodha. Tibba darbee buufataalee kanatti daawwannaa qaamoleen kominikeeshiniifi miidiyaa taasisaniin sochiifi hojii buufataaleen kunneen sharafa biyyattiin alattii baastuufi daldala si'eessuu keessatti gumaachaa jiru hubateera.

Finfinnee, Kutaa Bulchiinsa Aqaaqii Qaallittiitti kan argamu buufanni kun tajaajila kuusaa meeshaalee alarraa ergamaniif kennuu cinaatti, bifa haaraan tajaajila istaafiingii kennuu eegaleera. Istaafiingiin konteenaroota meeshaalee alergiif barbaachisan mijeessuun maammiltootaaf dhiyeessuudha. Tajaajilli kun duraan buufata Jibuuti jirutti kan kennamaa tureefi sharafa alaatiin kan kaffalamee dhimma itti ba'amaa ture ta'uu, Dhaabbata Loojistikiifi Geejiba Galaanaa Itoophiyaatti Hojigeggeessaan Terminaalaafi Buufataa Damee Aqaaqii Obbo Wandee Taaddagee ni dubbatu. Akkasaan jedhanitti, terminaaliin kun tajaajila buufataafi terminaalaa kan eegalee Finfinnee naannawaa Laga Harreerraa gara Aqaaqiitti erga jijjiirameeti. Mankuusaa hektaara 12rra buufateefi meeshaalee buufataafi terminaalaa toonii sadii hanga 45 fe'an kan qabuudha. Buufatichi konteenaroota kuma lama keessumsiisu kan danda'u ta'uus himu.
Baatiiwwan saddeet keessattis meeshaalee galii konteenaroota kuma 13fi 594 kan keessumsiifaman yoo ta'u, konteenaroonni 530 tajaajila istaafiingiin kennamuu eeru. Yeroo ammaas tajaajila alergiitiif kan oolan konteenaroonni gaaffii maamiltootaatiin qopheeffama akka jiran himanii, tajaajila istaafiingii kennuun terminaalaotaafi buufataalee damee biraarra jiranirra buufaticha kan adda taasisu ta'u ibsu. Kanaan dura meeshaaleefi konteenaroonni kan walqunnamsiisfaman buufata jibuutiirratti ta'uu kan eeran Obbo Wandeen, kunis hojmaataa sirrii akka hintaanne amanna jedhu. Sababni isaas, meeshaaleen konteenarootaan dhufan, deebi'anii duwwaa kan gara Jibuutiitti geejibsiifamaniidha. Akksumas meeshaaleen alergii utuu hinsamsamiin sharaadhaan fe'amanii gara jibuutii gejiibamu. Kunimmoo baasii hedduu kan gaafatuufi alergitootaafis mijataa akka hintaaneedha kan dubbatan.
Erga taajaajilli kun buufataa Aqaaqiitti eegalameetii konteenaroonni buufatichaa keessa kan jiran yoo ta'e, tajaajila istaafiingiitiif oolfamu. Kan hinjiraanne yoo ta'e ammoo buufatalee damee jiranirraa fichisiisuun tajaajila istaafingiif oolchuun maamiltootaaf dhiyeessu. Utuu Jibuutiirra ta'ee, tajaajila kanaaf konteenara tokkotti doolaaraa 17tu kaffalamu ta'uu ibsanii, buufata kanatti garuu qarshii 940 qofa kan kaffalchiifamu ta'uu himu.
Akka ibsa Obbo Wandeetti, buufatichi tajaajila kanaan maamiltootaa tajaajiluudhaaf qindoominaan, haala si'ataafi baasi hir'isuun hojjechaa jiraatullee, maamiltoonni hedduun tajaajila kanatti maayii ba'aa akka hinjirani. Alergitoonni hedduun buufaticharratti tajaajila istaafiingiitti dhimma ba'uurratti hanqinni akka jiru eeranii, tajaajila dhiyeenyatti argamu kanaaf, baasii xiqqoon akka gargaaraman waamicha dhiyeessu.
Buufatichi waldaalee gurmaa'anii tajaajila istaafiingiif konteenaroota dhiquufi samsuudhaan maamiltoota dhaabbatichaaf dhiyeessaa jiru. Waldaalee gurmaa'anii hojii kanarratti bobba'an keessaa Walittiqabaa Waldaa Shariikaa Fe'uufi Buusuu Hasan Geetaachoo, Baahiluufi Hiriyootasaa, Obbo Daawit Bagaashaa akka jedhanitti, waldichi gurmaa'uun tajaajila kennu erga eegalee waggaafi ji'a torba keessatti kaffaltii tajaajila qarshii mil.15 argateera. Kana keessaas qarshii miliyoonni 1.3 kaffaltii alergiirraa kan argate ta'uu himu. Baatiiwwan torba keessattis konteenaroota 450 samsuun fe'uu eeranii, yeroo ammaas konteenaroota 40 fe'uudhaaf qophii taasisaa akka jiran dubbatu. Buufata kanatti tajaajilli istaafiingii kan kennamu, maqaan biyyaa akka hinbannetti, maammiltoonnis akka hinmufanneetti of eeggannoofi qulqullinaan kan hojjetaniidha.
Haaluma kanaan namoonni 240 ol gurmaa'uun carraa hojii akka argatan dubbatu. Tajaajila istaafiingii kan kennanis midhaanota akka maashoo, saliixiifi buna ta'uu eeru. Addatti ammoo bunnii wayita samsamu ofeeggannoo olaanaadhaaniidha jedhu.
Akka Obbo Daawwit jedhanitti, hubannoofi tajaajilli kun biyya keessatti madaqfamuu dhabuurran kan ka'eedha malee, hanqinni yoo jiraatellee hojjetaan tajaajila kenne waan beekamuuf haalli ittiin ittigafatamaa taasisan akka jiru hubachuun dand'ameera. Hanga ammaattii maamilli tajaajila kennamerratti komii dhiyeesse akka hinjirre dubbatu. Kanaanis, carraan hojii gama kanaan uumameefiin hedduu fayyadamaa akka ta'anillee dabalanii eeru.
Kaampaanonni manufaakchariingii alergiirratti xiyyeeffatanii biyyattiitti baay'achaa jiraachuun, yeroo ammaa xiyyeeffannaan kan kennameefii jiruu istaafiingii konteenaraati kan jedhan Geggeesaan hojii Damee Tajaajila Shiippingii Dhaabbata Loojistikiifi Geejiba Galaanaa Itoophiyaa Kaapiteen Tafarraa Badhaasaati. Kanaaf, kaampaaniiwwan kanneeniif wayita meeshaalee isaanii alatti ergan tajaajila istaafiingiitiin akka fayyadamaniif hojjetamaa jira. Kunimmoo deggarsaa addaa kan qabu yoo ta'u, kampaanii alergiirratti bobba'eef konteenara baasii zeeroodhaan dhiyaataafi. Yeroo yeroodhaanis akkaatuma baay'ina meeshaalee biyyattiitiin ofhaaromsaafi dandeettiin barbaachisu ijaaramaa akka jiru dubbatu.
Walumagalatti, tajaajilaa damee kanaan kennaman keessaa istaafiingiin reefu madaqfamaa jira. Maamiltoonni hedduunsaanii tajaajila kanatti dhimmaa ba'aa akka hinjirre hubachuun danda'a,eera. Tajaajilli kun ammoo giddugaleessa biyyattiitti eegaluun, baasii maamiltoonni baasan kan hambisuudha. Kanaaf tajaajila kanatti maayii ba'uudhaan baasii hir'isuun, guddina dinagdee waliigalaaf gumaacha kan taasisuudha.

Dabalaa Taaddasaatiin

Page 1 of 3

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435352
Har'a/TodayHar'a/Today3312
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week10572
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month96929
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435352

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.