Items filtered by date: Friday, 09 March 2018

Torban kana keessa ministiroonni dhimma alaa biyyoota sadii Itoophiyaa daawwataa jiru. Kunneenis, Reeksi Telersan kan Ameerikaa, Sargeeyi Laaviroov kan Ruusiyaafi Shek Abdullaah Binzayid Alnaahiya kan Imireetota Arabaa Walta’aniiti.

Daawwannaa ministiroota kanneenii ilaalchisuun yaadoonni faallaa gama garagaraatiin dhaga'aamaa jiru. Yaadonni kunneenis daawwannaan ministirootaa kun keessumaa kan Ministira Dhimmaa Alaa Ameerikaa haala Itoophiyaan yeroo ammaa irra jirtu hubachuun mootummaa cee'umsaa hundeessuuf kan taasifamudha kan jedhudha.

Bakka buutonni paartilee siyaasaafi ogeessoonni siyaasaa tokko tokko yaada miidiyaaleef kennaa jiru. Keessumaa bakka buutoonni paartii moormitootaa tokko tokko akka jedhanitti, mootummaan Ameerikaa kanaan dura wayita paartileen waamicha taasisaniif osoo hindhufin wayita kana dhufuun isaanii haalli biyyattuii waan isaan yaachisiseefi jedhu.

Kanaan dura Itoophiyaan hojii nageenya eegsisuu biyyoota biroorratti hirmaachuun hojii gaarii hojjechuusheetiin dhiibbaa irratti taasisuu akka hinbarbaanneefi amma garuu biyyattiin ofiifuu rakkoo keessa jiraachuusheetiin deggarsa taasisuuf akka dhufan dubbatu.

Yaadni gama mootummaa Itoophiyaatiin jiru garuu gonkumaa kanarraan faallaadha. Oduu himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Mallas Alam akka ibsanitti, angawootni biyyoota kanneenii Finfinnee seenuunsaanii haala wayitawaa biyyattiin keessa jirtu waliin tasumaa kan walqabatu miti. Dhimma siyaasaa biyyattiirratti murteessuuf aangoo kan qabu lammiileefi mootummaa Itoophiyaa qofa ta'uu cimsanii ibsu.

Daawwannaan ministiroota kanneenis dursee kan karoorafameefi hariiro siyaas-dinagdee waliinii cimsuuf yaadamee kan taasifame malee ammuma yaadamee kan taasifame waan hintaaneef gonkuma dhimma wayitii biyyattii waliin akka wal hinqabanne addeessu.

Ittigaafatamaan Waajjira Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) Obbo Shifarraa Shigguxee yaa'ii dhaabichaa ilaalchisuun wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennan, gaaffii ministiroonni kunnene kan dhufan hundeeffama mootummaarratti dhiibbaa taasisuufi” jedhee ka'eef deebii kennaniin, dhaabichi hojmaata mataasaatiin kan gaggeeffamu malee dhiibba biyya kamiitiin iyyuu kan hogganamu miti jedhaniiru.

Adeemsa ministira muummee filachuu keessattis dhaabichi ulaagaa ifaa ta'e kan qabuufi kanaan duras isumaan hojjetaa kan ture ta'uu eeranii, hojmaata kana keessatti ittigaafatamummaa kan qabu miseensoota Mana Mareefi Koree Hojii Raawwachiiftuu ADWUI qofa ta'uu himaniiru. Kanaafuu daawwannaan ministiroota kanneeniin akkuma kanaan dura aanga'oonni biyyoota addaddaa dhufanii Itopphiyaa daawwatanii deebi'aa turanitti kan ilaalamu malee hiikni biraa kennamuufii kan malu miti jechuun hubachiisu.

Dimshaashumatti, daawwannaan ministiroota dhimma alaa biyyoota sadeenii kun hariiroo biyyattiin biyyoota kaan waliin qabdu kan cimsu ta'uu isaatiin karaa kamiinuu taanaan miidhaa kan qabu miti. Keessumaa biyyattiin hariiroo siyaas-dinagdee biyyoota addunyaa waliin qabdu cimsuun ishee kan jajamuufi bu'aa olaanaa kan qabudha. Muuxannoo kanaan duraatiinis dippiloomaatonni dhufanii Itoophiyaa daawwatan dhimma siyaasa biyyattii keessa harka galfachaa hinturre; warreen ammaas waan galfataniif hinqaban. Kanaafuu daawwannaan isaanii akka carraa gaariitti fudhatamu qaba.

Published in ijoo-dubbii

Finfinnee: Labsiin Yeroo Ariifachiisaa hojiirra oolfamuunsaa sosochii hawaasaa lagannaa gabaafi tajaajiloota geejibaa ugguramanii turan fooyyeesuusaa Ministeerri Ittisaafi Sekirataraatiin Koomaandi Poostii ibse.
Ministirri ministeerichaa Obbo Siraaj Fageessaa jijjiiramoota labsichaan dhufanirratti Roobii darbe gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, hojiirra oolmaa labsichaan booda sosochiin hawaasaa guutummaatti ta’uu baateyyuu fooyya’uu danda’eera.
Nageenya amansiisaa biyyattii qabatamaan mirkaneessuu keessatti labsiin hatattamaa qofti furmaata hinfidu kan jedhan ministirichi, hawaasnis ta’e mootummaan gaaffilee jiran adda baasuun furmaata laachuuf of kennuu akka qaban hubachiisaniiru. Keessumattu hawaasni bal’aa gaaffiisaa adda baafachuu akka qabu kan himani Obbo Siraaj, mootummaanis gaaffilee uummataa ka’aa jiraniif xiyyeeffannoo laachuun furuu qabaa jedhaniiru.
Gaaffilee siyaasaa biyyattii keessatti ka’aa turan tasgabbeessuuf hidhamtoota hiikuun furmaata ta’ee waan argameef mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu himanii, qaamoleen karaa qaxxaamuraan aangoo qabachuuf yaalan nageenya hawaasaa booressaa turuusaanii dubbataniiru.
Kanarraa kan ka’es iddoowwan garagaraatti gaaga’amni lubbuu lammiileefi qabeenyarra gahuu dubbatanii, maqsuuf qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechaa kan jiran ta’uu himaniiru.
Akka ibsasaaniitti, jeequmsa mudachaa jiru kanaan hawaasni jireenya harkaa gara afaanii jiraachaa jiran hubamaa jiraachuusaanii ibsanii, wayita ammaa garuu fooyyee argisiiseeraa jedhaniiru. Ta’us, guutmmaa guutuutti rakkoon nageenyaa furameera jechuu akka hintaane himanii, daandiiwwan gurguddoo Amboo gara Lixaa geessaniifi Finfinnee gara Jimmaa geessan ammallee jijjiiramni kan hinargamne ta’uu addeessaniiru.

Yeroo ammaattis kutannoo qaamota nageenyaafi hawaasaan sararri daandiilee biyyattii dhibbeentaa 80-90 hojii idileetti deebi’uu danda’uusaa himaniiru.
Hojiirra oolmaa labsii kanaarratti komiin hawaasaa akka hinuumamneef hordoffiifi deggarsi barbaachisaa taasifamaa kan jiru ta’uus himanii, raawwiirratti rakkooleen yoo jiraatan garuu toora bilbilaa 011-5527003/012-5511429/012-5505523 irratti bilbiluun eeruu kennuun kan danda’amu ta’uusaa dubbataniiru.
Nageenya amansiisaa bakka turetti deebisuufis hawaasni marti Koomaandi poostii sadarkaa sadarkaan ijaaraman waliin qindoominaan hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Waasihuun Takleetiin

Published in Oduu biyya keessaa

Finfinnee: Adeemsi Muummicha Ministeeraa filachuu akkaataa hojmaata ADWUItiin bifa dhokataa hintaaneen torbe dhufu keessa kan gaggeeffamu ta’uu Waajjirri ADWUI ibse.
Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Shifarraa Shugguxee Roobii darbe waajjirasaaniitti Gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, Koreen raawwachiistuu hojii ADWUI Bitootessa 2 bara 2010 irraa eegalee raawwii hojiilee ji’oota jahaa dhaabaafi mootummaa gamaggamuuf walgahii adeemsisa. Kanaanis, dhimmoota nageenyaarratti bal’inaan marii’achuun kallattii kaa’uurra darbee hanqinoota hoggansaa guuttachuuf filannoon miseensotaa gaggeeffamuun Mana Maree dhaabichaaf dhiyaachuun kan raggaasifaman ta’uu ibsaniiru.
Erga miseensotni koree raawwachiistuu hojii ADWUI filamanii boodas walgahiin Mana Maree dhaabichaa kan gaggeeffamu waan ta’eef, akkaatuma hojmaataafi dambiiwwan duraanii hordofuun filannoon hoggantoota olaanaa ni adeemsifamaa jedhaniiru.
Dura taa’aan ADWUIs wayituma kana kan filamu yoo ta’u, haala iftoomina qabuufi dur barameen hogganaa dhaabicha sirnaan gaggeessee tarkaanfachiisuutu filamaa jechuun dubbatniiru. Sababa filannoon kun tureefis rakkoo nageenyaan walqabatee jiru ta’uusaa eeranii, waldhabdeen paartilee arfan(DHDUO, WDSA, ABUTfi WDUK) gidduutti waan uumameef mitii jedhaniiru. Rakkooleen tokko tokko garuu kan jiran ta’uu himanii, ilaalcha aangoo walsaamuuf taasifamu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Kunimmoo dogoggora ta’uusa irratti kan waliigalame waan ta’eef, filannoo dura taa’aa dhaabichaa bakka buusuuf taasifamurratti rakkoon mudatu hinjiruu jedhaniiru; yoo mudates hojmaata taa’ee jiruun kan furamu ta’uus ibsaniiru.
Akka heerri biyyattii keewwatni 73/2 ibsutti, paartiin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa keessaa teessoo caalmaa qabu ykn qaban mootummaa hundeessuufi muummicha ministeera filachuu danada’a/u. ADWUIn ammoo akka paartii tokkootti mootummaa hundeessee biyya bulchaa waan jiruuf, hogganaa biyyattii gaggeessuuf dandeettiifi gahumsa qabu iftoominaan filachuuf qophiin xumuramuusaa eeraniiru.
Adeemsa filannoo keessattis harki mootummoota alaa kan hinseenne ta’uus himanii, ADWUIn hojii biyya gaggeessuufi misoomsuu akkasumas sirna ijaarsa dimokiraasii jajjabeessuuf gahumsaafi muuxannoo olaanaa kan qabu ta’uusaallee addeessaniiru.
Sirna mootummaa misoomawaa ADWUIn waggoota kurnan lamaan darban keessatti hordofaa ture kana ciminaan haaressuun guddinaafi qaroomina biyyattii galmaan gahuufis kutannoon kan hojjetan ta’uu hubachiisaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Oduu biyya keessaa

Finfinnee: Aaddee Wayinasheet Mogas, qorannoo kaansarii duraa, kaansarii fiixee gadameessfi harmaa guyyaa dubartootaa addunyaa sababeeffachuun Roobii Hospitaalaa Xiqur Ambassaatti geggeeffamerratti, dubartootaa sakatta'amuuf dhufan keessaa isaan tokko. Akkasaan jedhanitti, dubartoonnii qorannoo duraa kaansarii taasisuun, salphaatti kaansarii ittisuun akka danda'amufi yeroon yoo wal'aansa argatan kan fayyuun danda'amuudha. Dubartoonni hedduun iccitii ofii dhokfachuuf jechaa qoratamuuf sodaa akka qabaniifi dursanii of beekuun hinmul'atu jedhan.
Aadde wayinasheet akka jedhanitti, hubannoon hawaasaa keessattu kan dubartootaa gahaa akka hintaaneefi namoonni muraasni yoo eegalan hunduu wal ilaalee qoratamuu akka danda'u himan. Isaanis dubartootaaf fakkeenya ta'uun qorannoo duraa akka geggeessan kakasuuf kan hojjetan ta'u dubbatan.
Akkaasumas Aadde Dureettii Taaddasaa, dubartootaa qoratamuuf hospitaalichatti argaman keessaa isaan biroodha. Akkasaan jedhanitti, dubartoonni carraa akkanaatti gargaaramuun yoo of beekan jijjiramni dhuunfaa dhufuu danda'a. Kanaaf dubartoota biroo fayyadamtoota taasisuuf kaka'umsa uumuu qabna.
Aaddee Dureettiin akka jedhanitti, hubannoon qorannoo kaansarii duraarratti jiru gaha miti. Wayita duulli akkanaa jiraatu sodaa uumamuu maluufi dhibichi miidhaa geessisuun yoo walbira madaalamu dursanii ittisuurratti sochiin jiru gaariidha. Hanqina jiru guutuuf ammoo guyyaa dubartootaa sababeeffachuun duulli geggeeffamaa jiru gumaacha olaana qaba jedhan.
Guyyaa dubartoota addunyaa sabbeeffachuudhaan Hopitaalaa Yaadannoo Maahatama Gaandiifi Xiquur Anbassaatti guyyuma kana daawwannaan geggeeffameera. Daawwannaa kanarratti Ministirri Dhimmi Dubartootaafi Daa’immanii Aadde Dammitu Hambisaa akka jedhanitti, haala kanaan duraa caalaa qorannoo duraa kaansariifi arjoomni dhiigaa kan geggeeffamu ta’u himan.
Guyyaa dubartoota addunyaa sababeeffachuudhaan hubannoo dubartootaa gabbisuun fayyaasaniitiif akka tattaafatan gochuuf kan kaayyeffate ta'uu himaniiru. Sagantichi kan jalqabaa utuu hintaane ittifufiinsaan kan hojjetamu ta’uu ibsanii, dubartoonni gara dhaabbilee fayyaa deemuun sakatta'aa kaansarii fiixee gadameessaafi harmaa akka taasisan hubachiisaniiru.
Hubannoo hawaasaa gabbisuudhaan kaka’umsi uumamee qorannoo duraa kaansarii yoo taasisaniifi ofiisaanii yoo beekan kaansariin dhibee fayyamuun danda’amuu jedhanii, haadholiin yeroo yeroodhaan qoratamuu akka qaban dhaamaniiru.
Kanumaan walqabee haadholiin da’umsaarratti, kanneen biroon ammoo balaa garagaraatiin dhiigni kan itti hir’atu waan ta’eef, kutaan hawaasaa hunduu guyyaa dubartootaa kana sababeeffachuudhaan arjooma dhiiga akka taasisan gaafataniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Eegumsa Fayyaa Doktar Kabbadaa Warquu gamasaaniitiin, guyyichatti ittisaafi to'annoo kaansarii ilaalchisee qorannoo kaansarii duraa, kaansarii harmaafi fiixee gadameessaa taasisuun hubannoo hawaasaa cimsuuf akka ta'e himaniiru. Baay’inni namoota taajilichatti maayii ba’anii fooyya’aa akka jiru eeranii, hubannoon hawaasa ammayyu fooyya’uu qaba jedhan.
Akka biyyaalessaatti qorannoon duraa kaansarii, dhaabbilee fayyaa 200 ol ta’anitti kennamaa akka jiru kan himan Doktar Kabbadaan, hubannoon hawaasaa ammayyuu gadaanaa waan ta’eef, kanneen tajaajila qorannoo duraatti dhimmi ba’an ammayyu muraasaa jedhan. Akka karoora qabameetti giddugalli tokko aanaa tokkotti akka jiraatu taasisuuf yaadamullee waliing’iinsisaa gadaanaadha jedhaniiru.
Guyyaan dubartootaa addunyaa akka addunyaatti yeroo 107ffaaf, akka biyyaatti ammoo 42ffaan kalessaa kabajameera.

Balballoommii oduu
Dabalaa Taaddasaatiin

Published in Oduu biyya keessaa

Finfinnee: Tibbana Ministirootni biyyoota sadii(Sargeeyi Laaviroov kan Ruusiyaa, Shek Abdullaah Binzayid Alnaahiya kan Imireetota Arabaa Walta’aniifi Reeksi Telersan kan Ameerikaa) shirka duraanii olitti Itoophiyaa waliin hariiroo siyaas-dinagdee cimsachuuf daawwannaa taasisaa jiru. Biyyootni sadeen kunneen tibba tokkotti haala dur hinbaramneen daawwannaaf gara Itoophiyaa dhufuunsaanii haala kamiin ibsamuu danda’a kan jedhurratti ogeessotni siyaasaa yaadolee garagaraa kennaa akka jiran, miidiyaaleerraa hubachuun danda’ameera.
Akka yaadolee ogeessota kanaatti, ministirootni biyyoota sadeenii si’a takkatti gara Itoophiyaa dhufuunsaanii gama tokkoon abdii akka qabu, gama biraan ammoo kan duriirraa homaa jijjiirama kan hinqabne ta’uusaa hubatameera. Wayita ammaa haala biyyattiin keessa jirturratti yaada bilchaataa dhiyeessuuf kan karoorfamedha jechuun yaada kan dhiyeessanis jiru. Gariin ammoo ministirootni biyyoota sadeenii si’a tokkotti daawwannaaf Finfinnee kan dhufan hariiroosaanii cimsachuufidha malee waa’ee dhimma waliigaltee siyaasa biyyattii keessa kan seenani mitii jechuun falmu; kan isaan affeeru akka hintaanes ni kaasu.
Daawwannaa ministirootaa ilaachisuun Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Obbo Mallas Alam Kibxata darbe Gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, angawootni biyyoota kanneenii Finfinnee seenuunsaanii haala wayitawaa biyyattiin keessa jirtu waliin kan walqabatu miti. Kunimmoo waa’ee hawaas-dinagdeefi siyaasa Itoophiyaarratti murteessuu kan danda’u lammiilee Itoophiyaa qofaadha malee angawoota olaanaa biyyoota alaa akka hintaane kan mul’isuudha jedhu.
Ministiroon Hajaa Alaa Ameerikaa (USA), Ruusiyaafi Imireetoota Arabaa Walta’anii daawwannaa hojiif gara Itoophiyaa dhufuunsaanii hiika guddaa qabaachuusaa garuu ifatti kaasaniiru. Kunis, rakkooleen nageenyaa amma mul’achaa jiran kan hiikamuu qabaniin waan ta’eef, hariiroon biyya keenya waliin qaban xiyyeeffannoo guddaa qabaachuusaanii kan ibsuudha jedhaniiru. Kanaaf, angawootni kunneen dhimma siyaasa biyyattii keessa kallachumaan kan seenanidha jechuun yaadoleen ka’aa jiran sirrii akka hintaane dubbatanii, dhimma biyyattii keessatti raawwatamaa jiraniif guddifachaa hinbarbaadnuu jedhaniiru.
Akka ibsa Obbo Mallasitti, dhimmi daawwannaa biyyoota sadeenii haala tokkoon kan ilaalamu osoo hintaane, qofa qofaatti kan ibsamuu danda’uudha. Hariiroon Itoophiyaan Imireetota Arabaa Walta’anii waliin qabdu seenaa yeroo dheeraa kan qabudha jedhanii, biyyootni lameen gama hawaasummaafi dinagdeetiin waliin hojjechaa turaniiru; ammas caalaatti waliin hojjechuuf fedhii guddaa qabu. Kunimmoo ciminaan kan itti fufuudha.
Daawwannaa Ministira Haajaa Alaa Ruusiyaa ilaalchisees Obbo Mallas yaada kan kennan yoo ta’u, karoorri kun durumaan kan qabame ta’uusaa himaniiru. Hariiroon biyyoota lameeniis waggoota 120 kan lakkoofsise waan ta’eef, keessumaa dhimmoota hawaasummaafi dinagdeerratti kallattii waliin hojjetanirratti kan marii’atamuudha jedhaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Reeksi Telersanis gara Itoophiyaa dhufuunsaanii dhimma keessoo biyyattiirratti kan xiyyeeffatu osoo hintaane walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Ameerikaa daran murteessaa waan ta’eefidha jechuun dubbataniiru. Kunis, Itoophiyaan nagaafi tasgabbii biyyoota gaanfa Afrikaa eegsisuuf ergama Mootummoota Walta’anii fudhachuun adda durummaan kan waamamtu waan taateef, caalaatti biyyoota Lixaaf kan barbaachistu ta’uushee eeraniiru. Reeki Telersanis hariiroo duraanii caalaatti cimsuuf gara Finfinnee dhufan malee mootummaan ce’umsaa akka hundaa’uuf dhiibbaa kan taasisan miti jedhanii, yoo yaadames fudhatama akka hinqabne tuqaniiru.

 

Balballoommii Oduu
Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Oduu biyya keessaa

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001435356
Har'a/TodayHar'a/Today3316
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday5618
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week10576
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month96933
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1435356

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.