Items filtered by date: Friday, 06 April 2018

Finfinnee: Addunyaarratti ispoortiin ammayyaa osoo hinjalqabamin ummata  biratti hordofamaa kan ture ispoortii aadaa ta'u seenaan ni mul'isa. Ispoortichi yoomiifi eessatti akka jalqabame beekamuu  baatus sochii dhalli namaa jireenyasaa guyyuu geggeeffachuuf taasisu wajjin kan uumameedha jedhama.
Akka seenaan muldhisutti dhaloota Kiristoos dura jaarraa jahaffaafi torbaffaa dura naannawawwan adda addaatti sadarkaa maatiitti, gandaafi naannawaatti gageefamaa ture jedhama. Daloota Kiristoos booddees mootiiwwan yeroowwan adda addaatti  uumamaniin itti fufusaatu himama.
Biyya keenyattis  mootonni yeroo sanaa wayita duulaa deebi'an qondaaltonniifi loltonnisaanii gaaddisa masaraa mootichaa jalatti walarguudhaan yeroo aara galfannaasaanii hordofaa turaniirru.
Haata'uu malee koreen ispoortii aadaa Itoophiyaa waggoota 1940n keessa hundeeffamee ispoortiin aadaa gaggeeffamaa tureera.
Korichi yeroo gabaabaa keessatti qabxii gaarii galmeessisuudhaan guutummaa biyyaatti ummata sadarkaa sadarkaadhaan waan hirmaachiseef bara 1970 federeeshiniin ispoortii aadaa akka hundeeffamu taasifame.
Federeeshinichis seera ispoortichi ittiin gaggeeffamu baasuudhaan guutummaatti waggaa waggaadhaan  shaampiyoonaa ispoortii aadaa gandaa qabee hangaa biyyaalessaatti gaggeessaa jira.
Shaampiyoonaan kun baranas yeroo 12faf ji'a dhufu keessa naannoo Beenushaangul Gumuzitti qopheessummaa Ministeera Dargaggootaafi Ispoortii Federaalaatiin ni gegeeffama jedhamee eegama.
Qophii kanaaf  Biiroon Dhargaggootaaf Ispoortii Bulchinsa magaalaa Finfinnee shaampiyoonaa ispoortii aadaa torban tokkof dirree Dhaabbata Ispoortii Jaanmeedaatti gaggeessuudhaan Dilbata darbe xumureera.
Yeroo 8faf kan qohaa'ee shaampiyoonaa Magaalaa Finfinnee kanarratti korniyaalee lameeniinuu ispoorteessitoonni 216 kan hirmaatan yoo ta'u, isaan keessaa dubartoonni 147fi dhiironni 69 ta'uun beekameera.
Shaampiyoonichi adeemsifamaa kan ture akaakuuwwan ispoortii wadhaansoo, qillee, korboo, gulufa fardaafi sharxii, saddeeqa abbaa boolla 12f 18, shaa, buubiifi xiyyaa ta'usaati.
Tapha kanatti  kutaaleen magaalaa torba akaakuuwwan ispoortii sagaliin kan hirmaatan yoo ta'u, Eekkaan walumaagalatti waancaawwan 19 fudhachuudhaan olaantummaan xumureera.
Kutaan magaalaa Kolfee Qaraaniyoo waancaawwan lamaan sadarkaa lammaffaa yoo argatu, kanneen hafan shanan ammoo meedaaliyaafi badhaasa waraqaa hirmaannaa keessummoota harkaa fudhataniiru.
Tapha guutuu ispoortii aadaa kana ilaalchisuudhaan gaazeexaan Bariisaa ittigaafatamaa Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Bulchinsa Magaalaa Finfinnee, Obbo Nigaatu Daanyaachawu haasofsiseera.
Ittigaafatamaan kun akka ibsanitti, tapha kanarratti kutaaleen magaalattii kurnanuu akka hirmaatan duraan durfamee itti himamus dhumarratti kutaaleen magaalaa Gullalee, Nifaasilki Laaftoofi Addis Katamaa qooda hinfudhanne.
Bu'uura ispoortii ammayyaa kan ta'e ispoortii aadaa kanaaf eenyuyyuu taanaan xiyyeeffannaa kennuufiin hirmaachuu qaba  jedhanii, sabababiin hirmaachuu dhabuu kutaalee magaalaa kanneeniis kan qoratamu ta'uu eeru.
Ispoortiin aadaa bu'uura ispoortii ammayyaa qofa osoo hinta'in hambaa biyyaatti kan jedhan ittigaafatamaan kun, mootummaan akkuma ispoortiiwwan biroo bajata ramaduudhaan gaggeessaa jira jedhu.
Haata'u malee qaamoleen dhimmi ilaallatu hambaa kanaaf xiyyeeffannaa gahaa kennuu dhabuun ispoortichi akka laafu gochuusaaniitti qeeqaniiru.

Balballoomii Oduu

Published in Ispoortii

Finfinnee: Shaampiyoonaan Kubbaa Harkaa Dargaggoota Afrikaa qopheessummaa Federeeshinii Kubbaa Harkaa Biyyooleessaatiin waggaa waggaadhaan biyyoota Afrikaa adda addaatti gaggeeffama.
Shaampiyoonichi kan gaggeefamu korniyaa lameeniinuu yoo ta’u, sadarkaa  dargaggoota umrii 20 gadiifi dargaggoota guddatoota umrii 17 gadii ta'an gidduutti  kan adeemsifamuudha.
Federeeshinichi dursee walmorkii biyyoota miseensotaa Zooniiwwan Afrikaa afran jechuun Afrikaa Bahaa, Lixaa,  Kibbaafi Kaabaatti kan gaggeeffamu yoo ta'u, walmorkii kanarratti 1fa bahuun shaampiyoonaa kan ta’e shaampiyoonicharratti kan hirmaatudha. Lammaffaadhaa hanga arfaffaa kanneen bahanis shaampiyoonaa  Afrikaarratti hirmaachuuf carraa argatu jechuudha.
Haaluma kanaan shaapiyoonaan zoonii  Afrikaa Bahaa  barana Caamsaa 12-20 bara 2010tti magaalaa guddoo Ugaandaa, Kaampaalaatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, biyyoonni sadarkaa tokkoffaadhaa hanga arfaffaa bahan zoonicha bakka bu'uun hirmaatu.
Itoophiyaanis shaampiyoonaa kanarratti garee lamaan kan hirmaattu yoo ta'u, qophii kanaaf Federeeshiniin Kubbaa Harkaa leenjistoota afur filuudhaan taphatoota akka walitti qabaniifi shaakalsiisan gochaa jira. Itti gaafatamaan Waajjira Federeeshina Kubbaa Harkaa  Itoophiyaa Obbo Mollaa Tafarraa gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Shaampiyoonaa zoonii Afrikaa Bahaarratti Itoophiyaan garee lamaan hirmaatti. Dargaggoota umrii 20 gadiifi umrii 18 gadiitiin jechuudha. Garee dargaggoota umrii 20 gadiif leenjisaan kilabii kubbaa harkaa Raayyaa Ittisaa Obbo Mohaammad Ahmadiifi gargaaraasaanii leenjisaa kilaba Poolisii Federaalaa Obbo Tasfaayee Mulugeetaa filuusaanii himaniiru.
Akkasumas kanneen umrii 18 gadiif ammoo leenjisaa kilaba kubbaa harkaa  kutaa magaalaa Qirqoos Obbo Mulugeetaa Girmaafi leenjisaa kilabii kubbaa harkaa kilabii magaalaa Maqalee Obbo Amaanu'eel Siyyum gargaaraasaanii gochuun filusaanii addeessaniiru.
 Gareewwan lameeniifuu taphatoonni 14,14 akka filaman kan dubbatan Obbo Mollaan, isaanis  kan filaman kilaboota liigii piriimeerii Kubbaa Harkaa Itoophiyaarraa ta’uu ibsaniiru.  
Taphatoonni filamanis ji'a Eblarraa kaasanii dorgommichaaf qophii kan godhan ta’uu himanii, kana raawwachiisuuf hir’inni bajetaa waan jiruuf  federeeshinichi rakkina keessa  galeeraa jedhaniiru.
Ta’us,  federeeshinichi harkasaa maratee hinteenye kan jedhanii, Ministeerri Dargaggootaafi Ispoortii Federaalaa, akkasumas Koreen Olompikii Biyyaaleesaa Itoophiyaa akka furaniif xalayaadhaan gaafatamanii deebiin eegamaa akka jiru addeessaniiru. Kallattii garagaraanis dhaabbilee maallaqa kennuu danda’an gaafachaa kan jiran ta’uus dubbatanii, deebii gaarii argachuuf abdii qabaachuusaanii ibsaniiru.
Itoophiyaan ALI bara 2006tti shaampiyoonaa kubbaa harkaa dargaggoota Zoonii Afrikaa  shanii qopheessuunshee kan yaadatamuudha.

Balballoomii Oduu

Published in Ispoortii

Misoomni biyya tokko keessatti mirkanaa'e kan jedhamu jiruufi jireenyi ummata biyyattii jijjiramuun tajaajila hawaas-dinagdeerraa walqixa fayyadamuunsasaanii yoo mirkanaa'eedha.
Misooma mirkaneessuuf ummanni biyyattii ilaalcha, “Dhimmi misoomaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti” jedhu qabatee kutannoofi ejjennoodhaan yoo hojii keessa galee qofa. Adeemsa misoomaaf taasifamu keessatti ummanni dhimmicha amantaa guutuun fudhatee ilaalcha ofiisaa gochuu yoo baate milkaa'uu hindanda'u.
Hawaasni misoomaan badhaadhe uumamuu kan danda'us ilaalcha misoomawaa irratti walta'insi biyyaalessaa yoo uumame, akkasumas eegumsaafi kabaja yoo argate qofa.
Mootummaan, bu'uurri ilaalcha misoomawaa ummataa hundee akka gudhatuuf ciminaan hojjechuu qaba. Olaantummaa ilaalcha misoomawaa uumuuf ammoo shoora olaanaa kan taphatu sochiilee misoomaa milkaa'ina qabuudha.
Gama Itoophiyaatti yoo deebines bu'uura misooma biyyaatiif  dhaloonni har'aa jechuun dargaggoonni ga'ee olaanaa  taphatu. Dhaloonni kun abdii boru akka ta'uuf qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiraniifi hawaasni marti eegumsa gochuun qaba.
Biiroon     Dargaggootaafi Ispoortii Bulchinsa Magaalaa Finfinneefi  waldaafi liigiin  dargaggoota magaalichaa walta'insaan hubannoo dargaggootaa gabbisuuf torbe darbe keessa guyyoota sadiif Wiirtuu Ispoortii Jaanmeedaatti marii taasiseera.
Waltajjii marii kanarratti aanaalee Magaalaa Finfinnee 116 keessaa dargaggoonni kumaa shanii ol koorniyaa lameeniinuu hirmaataniiru.
Ittigaafatamaan Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Finfinnee, Obbo Nigaatuu Daanyaachoo waltajjiicharratti dargaggootaaf qajeelcha hojii kan kennan yoo ta'u, biyya takkaaf bu'uurri misoomaa ummata ishee ta'uu ibsaniiru.
Misooma har'aa kanas kan dhaloota har'aatti dabarsanii kennan abbootiifi obbolaan keenya naamusa gaariidhaan wantoota hawaasa miidhurraa fagaachuudhaani. Kana males, dhibeewwan 'HIV/AIDS', barsiifata boodatti hafaafi  araada adda addaarraa fagaachuudhaan misooma biyyattii keessatti qoodasaanii bahachuu akka qaban gorsaniiru.
Dargaggoota magaalichaatiif bakka baratanitti, hojjetaniifi jiraatan maratti hubannoo kennuudhaan hojii dadammaqinsaan hojjechuun gahee hundaatii jedhu.
Biiroonsaanii Ministeeraa  Eegumsa Fayyaa Federaalaafi Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee wajjin sagantaalee addaddaa qopheessuudhaan, qorannoon dhiigaa akka taasifamuufi hawaasnis  dhukkubicharraa akka of eegu taasisuusaati kan addeessan.
Misooma biyyaa keenyaa si'eessuuf lubbuu dargaggootaa dhukkuboota daddarbaniifi kan biroorraa baraaruu qabna kan jedhan Obbo Nigaatuun, hawaasni dhimma kanarratti duula taasisuu akka qabu yaadachiisu.
Shamaree Yeshimabeet Abaatee barattuu Kolleejjii Teknikiifi Ogummaa Inxooxoo kan waggaa sadaffaati. Hubannoo qabdu akka ibsitetti, dargaggoonni dhukkuba bara kanaan qofa osoo hinta'iin dhibeewwan biroorraa akka of eegan dadammaqsuun murteessaadha.
Kunimmoo qaama tokko qofaan kan galma gahu osoo hintaane, qindoomina mootummaa, dhaabilee fayyaa, maatiiwwan isaanii, manneen barnootaafi hawaasni maraan galma gahuu danda'aa jetti.
Dargaggeessa umurii waggaa 17fi barataa kutaa saddeetii kan ta'e Biruuk Takkaalliny gamasaatiin akka ibsetti, dhukkuboota daddarbaniifi araada addaddaarraa of baraaruun barbaachisaadha.
Rakkoon kun baldhinaan kan manneen barnootaa keessatti kan jedhu dargaggoon kun, mooraawwan manneen barnootaa keessatti giroosariiwwaniifi suuqiiwwan jimaafi shishaan itti qaamamuufi xuuxamu waan jiraniif dargaggoonni amala gadheef akkuma salphaatti saaxilamuu kan danda'an ta'uu addeessa. Kana furuuf ammoo maatiinis ta'e hawaasni hordoffiifi to'annoo walirraa hincitne gochuu qabuu jedha.
Kana waliinis maatiin, hoggansi manneen barnootaafi hawaasni naannoo haala itti fufiinsa qabuun dargaggoota rakkoo keessa seenanii jiran baraaruu akka qaban eereera.
Walumaagalatti, dargaggootni misooma biyyaa keessatti gahee olaanaa waan qabaniif, qaamoleen sadarkaa hundarra jiran xiyyeeffannootiin isaanirratti hojjechuun barbaachisaadha. Hawaasni martis dargaggoota humna omishaa ta'anirratti invasti gochuun filannoo hinqabu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Hawaasummaa

Dargaggoonni humna biyyaati. Humna hojiitis. Dargaggummaan umrii waan hundaa hubachaa, jireenya egereetiif itti hojjetaniifi biyya ijaaraniidha. Humnaafi dhiigni dargaggummaa kan irraa calaqqisuufi umrii ga'eessaa kan qaban Ministirri Muummee Itoophiyaa haaraan Doktar Abiyyi Ahmad, ittigaafatamummaa itti kennameef kophaasaanii waan ba'achuu hindandeenyeef, humna ho'aa biyyattiin qabdummoo humna dargaggootaatiif waamicha dhiyyeessaniiru.
Doktar Abiyyi, Wiixata wayitaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti dhiyaatanii kakuu seenaniifi haasawa taasisanitti, yeroowwan fuulduraa jiranitti dargaggootaaf hojii uumuu qofa utuu hintaane darggoota abbootii qabeenyaa ta'an horachuuf akka hojjetaniidha kan dubbatan.
Itoophiyaan kan dargaggootaa waan taateef, waggoonni fuuldura jiran hunda caalaa kan dargaggootaati. Ijaarsa biyyaa keessatti adda durummaadhaan hirmaachuu akka qabanis dhaaman.
Gaaffiin dargaggootaa fayyadamummaa dinagdee walqixaa ta'e argachuu qofa utuu hintaane, gaaffii dimokraasiifi haqaati. Fayyadamummaa dinagdee, haqa hawaasummaafi hirmaannaan siyaasaa keessatti, hirmaannaa lammiilee hundaa guddisuuf hanqinni akka tureedha kan eeran.
Biyyattiin guddina dinagdee gaarii galmeessisaa jiraattullee, guddinichi sadarkaa barbaadamuun fedhii dhaloota dargaggeessaa kan gammachiisu hinturre. Kunis hawaasa aariif akka saaxile kan amanan ta'uu ibsuun, hirmaannaa dargaggootaatiin alatti biyyi eessayyu ga'uu akka hindandeenye dubbatan.
Itoophiyaan dargaggootasheetiif abdiidha malee biyya abdii kutachiistu akka hintaane waan danda'amu mara gochuufis waadaa akka seenan himan. Yeroowwan dhufanitti dargaggootaaf carraa hojii uumuu qofa utuu hintaane, dargaggoota abbootii qabeenyaa baay'inaan akka horatamaniif kan hojjetan ta'uudha kan eeran.
Kanaafis ilaalchota gufuu ta'aniifi hojmaata loogdummaa of keessaa qaban dhabamsiisuudhaan sirni hawaas-dinagdee haqa qabeessaa akka jiraatuuf mootummaan haala mijataa kan uumu ta'uu ibsu.
Dhugaan irraanfatamuu hinqabane garuu jedhu Doktar Abiyyi, biyyasaatiif hojiifi tattaffisaatiin qabeenyaa horachuu kan danda'u dargaggeessuma mataasaati.
Gama biraatiin, dubartoonni bu'aa bayii baay'ee keessa darbuudhaan dhaloota horuudhaan har'a kan ga'ame yoo ta'u, fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuufi biyya guddina gama hundaan itti tarkaanfataa jirtuuf gaheesanii akka bahataniif hojiileen gara garaa hojjetamaa jiraatullee, kanneen hojjetamanirra kanneen hinhojjetamne akka heddummatan dubbatu. Kanaaf, fuulduratti dubartoonni guddinaafi badhaadhina akkasumas siyaasa biyyattiif gaheessanii akka bahatan abdii qaban himan.
Eenyummaan biyyattii dubartoota lammiilee Itoophiyaa ta'aniin alatti akkasumaan waan ta'eef, beekamtii dubartoota dhowwachuun ijaarsa biyyaa mirkaneessuun hindanda'amu jedhan.
Mootummaan mirgaafi walqixxummaa dubartootaatiif kan dhaabbatu, oolmaa dubartootaaf jedhee utuu hintaane hunda keenyaaf jedhameeti jedhan. Biyyi gartokkee qaamashee irraanfatte biyya ta'uu waan hindandeenyeef, hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa  hundagaleessaaf kutatummaan kan hojjetan ta'uu waadaa seenan.
Walumaagalatti, humni dargaggummaa kan darbuufi dhumuudha. Humna ganamaa kanatti dhimma ba'uudhaan jijjiiramaa waliinii, biyyaafi ofiitiif tattafachuun murteessaadha. Biyya guutuu taatee ijaaruuf, kaan duubatti irraanfachuun utuu hintaane kan hunda hammate yoo ta'e bareeda. Kanaaf, dubartoonnis ijaarsa biyyaafi guddina ittaanuuf gumaachuuf walcina hiriiruun murteessaa ta'a.

Dabalaa Taaddasaatiin

Published in Hawaasummaa

Seenaa biyya keenyaa keessatti kan jalqabaa kan ta’e sirni aangoo karaa nagaatiin walharkaa fuudhuu taasifameera.
Sirna kanaanis ummanni biyya keenyaa hundiifi qaamoleen diyaaspooraa biyya keessaafi biyyoota adda addaa jirru gammachuun onneerraa burqe nutti dhagayameera.
Adeemsi aangoo karaa nagaatiin walii dabarsuu kunis lammiilee keenya keessatti abdii uumeera. Adeemsi kun biyyoota Afrikaatifillee akka muuxannoo guddaatti fudhatamee hojiirra ooluu kan qabudha.
Carraa kanaan muummicha ministiraa FDRI duraanii kabajamoo Obbo Hayilamaariyaam Dassalany yeroo bulchiinsasaanii keessatti Guddina Dinagdee gama hundaan akka biyya keenyatti galmeessisaniifi sirni walharkaa fuudhinsa aangoos karaa nagaatiin akka raawwatamuuf gahee olaanaa taphataniif kabaja isaaniif qabnu ibsaa muummicha ministiraa haaraa, kabajamoo Dr. Abiyyi Ahmadiifis bara hojii gaarii akka ta’uuf hawwuun hawaasni biyya keenyaa hundi nageenyaafi misooma biyyasaaniif isaanii akka bahan ni gaafanna.
Kabajamoon ministiraa muummee Dr. Abiyyi Ahmad haasawa sirna aangoo walharkaa fuudhinsaa irratti taasisan keessatti keessumaa hawaasa Diyaaspooraaf ergaa dabarsaniin diyaaspooraan Itiyoophiyaa iddoo deeme hundatti baadhatee kan deemu eenyummaafi kabaja Itoophiyyummaa isaa gara hojiitti hiikuun gara biyyasaatti deebi’ee biyyasaa misoomsuun cinaatti hojii hojjechaa jiru kamiyyuu keessatti qaawwa jiru guutuuf yeroo kamiyyuu caalaa cimnee hojjechuu qabna.
Diyaaspooraan qabeenyaafi beekumsasaa qindeessee biyyi keenya sadarkaa olaanaatti akka ceetuuf gaheen qabu guddaa ta’uu ibsuun ergaan isaan dabarsan humna kan nuuf ta’e ta’uufi kanas guutummaatti fudhannee hojiirra oolmaa isaatiif gara kuteenyaan kan sochoonu ta’uu ibsina.
Dhumarrattis baroota Karooraa Guddinaafi Tiraansfoormeeshinii hafan addunyaanis ta’e hawaasni keenya waan nurraa eeganii ol bu’aa quufsaa ta’e galmeessisuun fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa yeroo itti qophoofne ta’uu ibsina.
Beektonni, dargaggoonni, dubartoonni, abbootiin amantii, qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni walumaagalatti ummanni biyyatti tokkummaa, jaalalaafi walkabaja lammiileetiin biyyi keenya sadarkaa olaanatti akka ceetuuf gahee keenya kan baanu ta’ee irra deebinee waadaa galla.
Haaromsa biyya keenyaa dhugoomsuuf bara dheeraaf kan ture aadaa walkabajaafi waliin jireenyaa keenya cimsuun harka walqabannee nageenya, misoomaafi ijaarsa sirna dimokraasii biyya keenyaa mirkaneessuuf haa tumsinu.
Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaa

Published in Hawaasummaa

Finfinnee: Ga'eessa umrii 42 kan ta'an Doktar Abiyyi Ahmad ministira muummee Itoophiyaa ta'anii biyyaafi ummata Itoophiyaa tajaajluuf Wiixata darbe paarlaamaatti dhiyaatanii sagalee guutuudhaan moggaafamuunsaanii ni yaadatama.
Gaazexaan Bariisaa ministira muummee ta'anii muudamuu Doktar Abiyyi kanarratti hayyuu seenaafi siyaasaa kan ta'an, pirezdaantii duraanii Mootummaa RFDI, Doktar Nagaasoo Gidaadaa miira itti dhagahame hubachuuf haasofsiiseera. Ibsi isaan kennanis akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Anis akkuma nama tokkootti ministira muummee ta'uu Doktar Abiyyitti daran gammadeera. Oromoon bakka kana qabachuusaatti gammadeera. Yoo seenaa ilaalle Oromoon warra Yajjuutii eegalee kun ta'ee hinbeeku. Oromoodha jedhamanii yaadamaa kan turan Jeneraal Tafarii Bantiidha. Isaanis waggaa tokkoofi walakkaa qofaaf pirezdaantummaan biyya kan bulchan.
Dur nama tokkotu mataa biyyaa ta'a ture. Amma garuu sirna kana keessa mootii tokko wanti jedhamu hinjiru. Ta'us ummata tokko keessaa namoonni taayitaa hirataniis haa ta'uu utuu hinhiratiin pirezdaantiin pirotokoliidhaan daran olaanaadha. Kan ittaanu afyaa'iidha. Sadaffaan ministira muummeedha.
Oggaa akka jiddugaleessaatti ilaalamu ammoo Finfinnee jiddugaleessa biyyaati. Kantiibaa magaalaa kanaa ta'uunis iddoo cimaadha. Kanaaf taayitaawwan guguddoo kanneen kan qabate Oromoodha.
Waan labsame hojiirra oolchuurratti ittigaafatamaa murteessaan ministira muummeedha. Namni keenya ministira muummee ta'uunsaa yoo qofaasaa murteessuu baateyyuu isatu ittigaafatama.
Kanaaf Doktar Abiyyi taayitaa guddaa kana qabachuun seenaa Oromoo keessatti waan guddaadha. Akkuma lammii Oromoo tokkootti anis gammadeera;carraa kana argachuu keenyaan. Haa ta'u malee waan dhaabni jiruuf waantota hunda isaan qofatu murteessa jechu miti. Wajjummaan murteessu.
Mootummaa isaan ogganan qofatu biyya kana jijjiira jechuu waan hintaaneef milkaa'ina karoorasaaniitiif ummanni hirmaatee walgargaaruu qabna.
Haasaa Wiixata darbe Doktar Abiyyi taasisan gama hundaanuu yoo ilaalame biyya kanatti taasifamee hinbeeku. Haasaansaanii haalaan qofa otoo hintaane qabiyyeedhaanis adda. Haasaansaanii jijjiiramoonni heddu biyya kanatti akka dhafan kan abdachiisuudha. Kanattis daran gammadeera. Kan jedhame kana hojiirra oolchuuf tattaafachuun barbaachisaadha. Isaanis raawwiisaa cimanii akka hordofan ni abdanna, ni ammanna.

Charinnat Hundeessaatiin

Published in Dinagdee

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa muudama Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Bitooteessa 24 bara 2010 erga raggaasisee booda dhimmoota siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaarratti haasaa taasisaniiru.
Haasaa Doktar Abiyyi taasisan keessaa gama dinagdeetiin kallattii hoggansa mootummaa isaanii hanga tokko kan ibsan yoo ta’u, nutis akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Biyyi keenya waggoota kurnan lamaan darban keessa guddina saffisaa galmeessisuu isheerraa kan ka’e gama hiyyummaa hir’isuun, ijaarsa bu’uuraalee misoomaan, misooma humna namaafi kkfniin bu’aawwan dhufan  ifatti kan mul’atan ta'uu kaasu.
Gama kanaan mootummaan qaala’ina gabaafi gatii sharafa alaa tasgabbeessuuf, rakkoolee damee faayinaansii furuuf, waliin gahiinsa tajaajila faayinaansii dinagdeef dhiyaachaa jiru bal’isuuf, argannoo sharafa alaa, qusannoofi invastimantii jajjabeessuuf, carraa hojii uumuuf, waggaatti galii tokkoon tokkoon lammiilee guddisuuf, akkasumas hiyyummaa hir’isuuf tarkaanfileen addaddaa, fakkeenyaaf, imaammata hordofamaa jiru fooyyeessuun danda’ameera jedhu.
Gama biraan ammoo waggoota darban keessa guddinni dinagdee biyyattii dameewwan hunda keessatti hudhaa ta’ee kan mul’ate yoo ta’u, isaan keessaa gurguddoon sirni daldalaa haala barbaadameen guddachuu dhabuu, dhiyeessiifi fedhiin sharafa alaa walmadaaluu dhabuu, jireenyi qaala’uu, liqiin biyya alaa walirra tuulamuu, qusannoo biyya keessaafi invastimantii gidduutti garaagarummaan bal’aachaa deemuufaa akka fakkeenyaatti ka’aniiru.
Rakkoolee kanneen furuuf hojiileen damee qonnaa keessatti hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’aniyyuu haalaan teknoloojiitiin waan hindeggaramneef,  akka biyyaatti bu’aawwan dinagdeerraa dhamdhamachuu mallu  hinarganne kan jedhan Dr. Abiyyi, haalota darbanirratti yaada keenya hidhuu dhiisnee xiiqiitiin hojjechuun murteessaa ta’uu yaadachiisu.
Rakkoolee misooma dinagdee biyyattirratti mul’achaa jiran furuuf ammoo raawwii KGT 2fa hanga ammaatti jiru gamaggamuun barbaachisaa ta’uu dubbatanii, kanaanis imaammataafi tarsiimoo damee kanaa fooyyeessuun guddina dinagdee ariifataa itti fufsiisuuf tattaaffiin walirraa hincitne kan taasifamuudha. Yeroo KGT 2fa hafe jechuun waggoota lamaafi walakkaa keessattis karoora sagantaalee misooma dinagdee haala saffisa qabuun milkeessuuf tattaaffiin olaanaan kan godhamu ta’uus  ibsameera.
Kana fiixaan baasuuf ammoo lammiileen Itoophiyaa marti kan biyya keessa jiraniifi biyyoota alaa jiraachaa jiran akka qaama tokkootti waliin hojjechuu qabu jedhanii, keessumaa namootni biyya alaa jiraachaa jiran beekumsaafi muuxannoo isaanii qabachuun misooma dinagdee biyyasaaniirratti hirmaachuu akka danda’an waamichi dhiyaateera. Mootummaanis hirmaannaasaanii guddisuuf duubatti kan hinjenne ta’uun ibsameera.
Akka ibsa Doktar Abiyyiitti, sochiilee misoomaa biyyattii keessatti dhaabbileen misoomaa hanga har’aatti deggarsa taasisaa kan turaniifi ammas gochaa jiran  yoo ta’u, quuqama misooma Itoophiyaaf gaheensaanii olaanaa ture. Kanaan boodas deggarsa kamiinuu ummataafi mootummaa biyyattii cina kan hiriiran ta’uu abdii qaban eeraniiru.
Gama Hidha Guddicha Haaromsaa ilaalchisees dinagdee biyyattii fooyyessuu  keessatti qooda guddaa kan bahatu waan ta’eef, ejjennoofi kutannoo uumameen badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf halkaniifi guyyaa hojjechuun murteessaa ta’uus ibsameera.
Walumaagalatti, gama dinagdeetiin haasaa Doktar Abiyyi taasisan baay’ee dimshaasha ta’eyyuu lammiileen biyyattii marti loogii malee misooma dinagdeetiin fayyadamummaa isaanii haala walqixaan mirkaneeffachuutiin akka badhaadhan hawwaniiru. Kana dhugoomsuuf ammoo qonnaan bultootni, barsiisotni, hojjettootni mootummaafi miti mootummaa, qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiraniifi kkf damee irratti bobba’anirratti yeroo kamuu caalaa cimanii hojjechuun  kallattii kaa’amedha.

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Dinagdee
Friday, 06 April 2018 20:05

Waa'ee hidha guddichaa hanga tokko

Ijaarsisaa Bitootessa 24 bara 2003 kan eegalame Hidhi Guddicha Haaromsa Itoophiyaa hirmaannaa ho'aa ummata Itoophiyaa guutuutiin adeemsifamaa jira.
Waggaa torbaffaan ijaarsi hidhichaa itti jalqabame Wiixata darbe qophiilee adda addaatiin Naannoo Beenishaangul Gumuz, Aanaa Guubaatti sirnoota gara garaatiin kabajameera.
Hidha guddina dinagdee biyyattii ni s'ieessa jedhamee abdatame kana kontiraaktarri Xaaliyaanii Saaliinii Impireejiloo hojjetaa kan jiru yoo ta'u, hojiilee makaanikaalii elektiroo ammoo Korporeeshinii Sibiilotaafi Injinariingii Itoophiyaatu raawwataa jira.
Hidhi guddichaa kun oggaa ijaarsisaa xumurame humna elektirkii meegaa waatii kuma jahaafi 450 kan maddisiisu yoo ta'u, maallaqni  ijaarsasaatiif barbaachisus qarshii biliyoona 80 (doolaara Ameerikaa biliyoona 4.8)dha.
Hidhichi yunitiiwwan  maddisiisa humnaa kan qabu yoo ta'u, tokko tokkoon yuniitii meegaa waatii 375 hanga 400 burqisiisa. Ol ka'inni hidha muummee meetira 145, dheerinni kiiloo meetira 1.8, furdinnisaa gara jalaa meetira 130 yoo ta'u,  fiixeensaa ykn kutaan irra keessaa meetira 11. Hidhichi meetir kuubii biliyoona 74, bal'inni iddoo hidhichi qabatu iskuweer kiiloo meetira kuma tokkoofi 680. ijaarsa hidhicharratti hojjettoota kuma sagalii hirmaataa jira. Lammiileen biyyoota 30 keessaa bobba'an 260 qooda fudhataa jiru. Maashinoonni ijaarsaa kuma lamaafi 300 hojicha si'eessaa jiru.
Ijaarsa hidhichaa ammaan tana harka 65 irra gahe kanaaf qarshiin biliyoonni 12.8 ummatarraa waadaa seenameera. Hidhicha hutaaleen hawaasaafi miidiyaaleen alaa hedduun akka daaw'ataniidha ragaan Waajjira Mana Marii Biyyaalessaa Waltaasisaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Guddichaa Itoophiyaarraa argaman  kan  mul'isani.

Charinnat Hundeessaatiin

Published in Dinagdee

Finfinnee: Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmad si’a duraatiif Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf haasaa taasisaniin, waldhabdee Itoophiyaafi Eertiraa waggoota hedduu lakkoofsise mariitiin furuuf kutannoon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Lammiileen Itoophiyaafi Eertiraa faayidaatiin kan walitti hidhaman qofaa osoo hintaane hariiroo seenaa baroota dheeraa kan qabaniifi dhiigan kan walitti firooman ta’uusaanii dubbatanii, walitti dhufeenya biyyoota lameenii deebisuuf tattaaffii walirraa hincitne kan godhan ta’uus haasaa isaanii keessatti tuqaniiru. Mootummaan Eertiraas ejjennoo walfakkaatu qabachuu akka qabus waamicha dhiyeessanii turan. Dhimma kana ilaalchisee xiinxaltootni siyaasaa ni dubbatu.
Mootummoota Walta’aniitti Doktar Qonxanxaniyoos Barihetayi Gorsaa Qorannoo Imaammata Afrikaati. Akka isaan jedhanitti, sababni guddaan waldhabdee Itoophiyaafi Eertiraa dhimma Baadimmeeti. Kunis, Eertiraan lafti Baadimmee seeraan ala Itoophiyaatiin hanga har’aatti qabamee waan jiruuf biyyattiif  deebinaan walitti bu’iinsi biyyoota lameenii waggoota hedduu lakkoofsise kan raawwatuudha jechuun ejjennoo qabatu.
Mootummaan Itoophiyaa garuu Baadimmeen kan Eertiraa akka hintaaneetti ibsuun hawaasni laficharra jiraachaa jiran Itoophiyaanota ta’uusaanii akka ragaatti kaasu.  Kunimmoo yoo ilaalamu madda waldhabdee biyyoota lameenii ta’uun walfalmisiisaa kan tureefi jiru dhimma Baadimmee ta’uusaati jechuudha.
Akka ibsa Doktar Qonxanxaniyoositti, waldhabdeen Itoophiyaafi Eertiraa hiikamuu dhabuunsaa hariiroo seenaa ummattoota biyyoota lameenii miidhuurra darbee sochii dinagdees gonkumaa akka dhaabatu godheera. Kunimmoo Itoophiyaan keessumaa sochii daldalaa si’eessuuf buufata doonii Jibuutii, Barbaraa haalaan akka hinfayyadamneef gufuu ta’uusaa ibsu. Kana malees, waggoota baay’eef daangaa biyyattii eeguuf jecha loltootni Itoophiyaa Baadimmee buufatanii jiran hedduu waan ta’aniif, fayyummaasaaniifis ta’e hawaasa naannawichaaf gaarii akka hintaane eeru.
Kanaaf, Itoophiyaan tooftaa nageenyiifi araarri itti bu’u barbaaduu qabdii jedhanii, haasaa Doktar Abiyyiin taasisan ejjennoo gaarii ta’uu dubbatu. Kana gochuuf ammoo mootummaan Itoophiyaa filannoo lama qaba.
Tokkoffaan, Eertiraan waldhabdee jiru karaa nagaatiin akka furamuuf marii’achuu kan hinfeene yoo ta’e, qorannootiin filmaata biraa barbaaduun murteessaadha jedhu. Kana jechuun ammoo filannoowwan gama hawaasummaan, dinagdeefi siyaasaan jiran hojiirra oolchuutiin furmaata waaraa fiduun kan danda’amuudha jedhu.
Lammaffaan ammoo Eertiraan dirqamaan lafa Baadimmee Itoophiyaarraa fudhachuu kan barbaaddu yoo ta’eefi dur mootummaan Itoophiyaas kennuuf waliigaltee taasiseera yoo ta’e fala barbaaduun barbaachisaa ta’uusaa eeru. Kunis, Baadimmeen kan Eertiraatti taanaan ummati laficharra jiraachaa jiru eenyu akka ta’an adda baasuudha. Dhugaan jiru garuu ummati Baadimmee Itoophiyaanota waan ta’aniif, lafti Baadimmees kan keenya ta’uusaa  mirkaneessuun rakkisaa mitii jedhu. Kana ammoo Manni Murtii Waliigalaa Addunyaa kaartaa Xaaliyaaniifi Biritaaniyaan hojjetamanirratti hundaa’uun lafichi kan Itoophiyaa ta’uu murteessuusaa ibsu.
Waamichi Doktar Abiyyi taasisan fudhatama kan qabu ta’ullee Mootummaa Eertiraa garuu deebii quubsaa qabatee dhiyaachuusaaf garuu shakkii akka qaban ibsu. Kanaaf, gama kanaan mootummaan Itoophiyaa hanga har’aatti imaammata ifaan ifatti  ummataan beekamuu waan hinqabneef, qopheessuun ykn icciitiin yoo jiraate ammoo haaressuun waldhabdee biyyoota lameenii furuun gaariidha, jedhu.
Yunivarsiitii Finfinneetti Doktar Taarraqany Adeeboo Qorataa siyaasaa yoo ta’an, keessumaa yunivarsiitichatti akkaataa walitti bu’iinsi hiikamuu danda’urratti yeroo dheeraaf barsiisaa turaniiru. Akka isaan ibsanitti, biyya kamuu keessatti sirni mootummaa wayita jijjiiramu ykn aangawotni mootummaa si’a geggeeddaraman hariiroo biyyoota ollaas ta’e alaa waliin qaban fooyyessuu barbaadu. Kunimmoo misooma kamiifuu nageenyi bu’uura ta’uusaa kan mul’isuudha.
Haalli wayita ammaa Itoophiyaa keessa jirullee gaarii waan hintaaneef, mootummaan keessaafi alaan hariiroo biyyattii fooyyessuun dirqamasaati jedhanii, dhimma Eertiraarratti haasaan Doktar Abiyyi taasisanis sirrii ta’uusaa dubbatu. Kunimmoo Itoophiyaan waldhabdee biyyoota lameenii hiikuuf mariin furmaata ta’uusaa hoggansa Obbo Isaayyaas Afawarqi hubachiisuudha, jedhu.
Ministirri Muummee duraanii Obbo Haayilamaariyaam Dassaalanyis akkuma Doktar Abiyyi Eertiraa waliin haalduree tokko malee marii taasisuuf yaada dhiyeessanillee milkaa’uu akka hindandeenye yaadatanii, ammas itti fufiinsaan tattaaffii gochuun murteessaadha. Mootummaan Eertiraas waldhabdee jiran mariitiin furuutu qaroomina malee waraanni furmaata ta’uu hindanda’uu  jechuun gorsu.
Jaarraa 21fa kana keessa waldhabdeewwan uumaman hundumaa mariitiin qofa hiikuun qaroomina ta’uusaa ogeessotni siyaasaa irratti waliigalu. Itoophiyaafi Eertiraanis hariiroo seenaa ummattootni biyyoota lameenii waliin qaban deebisuuf mariif marii qofatti dhimma bahuu akka qaban xiinxala kennamerraa hubatameera. Kun milkoofnaan ammoo faayidaan hawaas-dinagdeefi siyaasa biyyoota lameenii kan cimu ta’uusaati, kan hubatamu.

Xiinxallii Oduu
Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Oduu biyya keessaa

Finfinnee: Mootummaan Ameerikaa ('USA') Doktar Abiyyi Ahmad Ministira Muummee RFDI ta’uun muudamuusaaniitti gammachuun simachuusaa ibse.
Kun kan ibsame Wiixata akkuma Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa muudama Doktar Abiyyi raggaasiseen fuula weebsaayitii Imbaasii Ameerikaa Finfinneetti argamurratti.  Kanaanis Doktar Abiyyiif ergaa baga gammaddee kan dabarsan yoo ta’u, gara fulduraatti haala fedhii mootummaa Ameerikaafi Itoophiyaan gidduugaleeffaterratti yeroo kamuu caalaa walitti dhiyeenyaan kan hojjetan ta’uunis ibsameera.
ADWUIn rakkoolee siyaasaa biyyattii mudate furuuf hojiilee bal’aa hojjechaa kan ture yoo ta’u, jijjiirama bu’uuraa fiduuf Obbo Hayilamaariyaam Dassaalany fedhiin aangoo gadi lakkisuunsaanii jajjabeessaa a'uufi caalaatti baramuu akka qabus ibsa kennamerraa hubatameera.
Mootummaan Ameerikaa ministira muummee haaraa muudame haala gaariin kan simate yoo ta’u, itti fufiinsaan rifoormiiwwan siyaas-dinagdee eegalamanii jiran milkeeessuuf mootummaa biyyattii cinaa kan hiriiru ta’uus beeksiseera.
Barreessaa olaanaan Gamtaa Awurooppaa Mistar Neevaan Baayan karaa toora weebsaayitiisaaniin akka ibsanitti, Doktar Abiyyi Ahmad ministira muummee biyyattii ta’uun muudamuusaaniitti gammadaniiru. Gamtaan Awurooppaas hoggansa Doktar Abiyyiifi mootummaasaanii deggaruuf kutannoon kan hojjetan ta’uu eeraniiru.
Kanaan boodallee sirna aangoo walii dabarsuu karaa nagayaan akka ta’uuf itti fufiinsaan kan hojjetan ta’uus ibsuun, barri hojii Doktar Abiyyi kan milkaa’inaa akka ta’uuf hawwii qaban maqaa Gamtaa Awurooppaatiin ibsaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Oduu biyya keessaa
Page 1 of 3

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001641890
Har'a/TodayHar'a/Today2878
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4295
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1641890

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.