Items filtered by date: Friday, 04 May 2018

Waldaan murtee kennitootaa kubbaa miilaafi taajjabdootaa kaleessarraa kaasee torban sadan dhufanif tajaajila murtee kennummaa kubbaa miilaa kamuurrattuu akka hinhirmaane ibse.

Waldichi murtee kanarra kan ga'i shaampiyoonaawwan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeeriifi liigii biyyaalessaa wayita adeemsifaman leenjistoonni, taphattoonni, dura deemtonni kilabootaafi deeggartoonni yeroo baay'ee murtee kennitoota waan reebaniif ta'uun beekameera.

Ibsa ba'erraa akka hubannetti murteen kun kan turu hanga Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa rakkincha qoratee tarkaanifii fudhatutti akka ta'es beekameera.

Keessumaa federeeshinichi murtee kennitoota kanaan dura rabamuudhaan hubaatii guddaan irra ga'ee kiisuudhaan hamilee isaanii hanga eegutti, akkasumas murtee kennitoota hundaafuu inshuraansii hanga galutti murtee hinkenninu jechuudhaan ibsa ejjennoo baasaniiru.

Marii guyyaa tokkoof adeemsifame kanarratti pirezidaantiin federeeshinichaa Obbo Junadiin Bashaafi koreen raawwachiiftuu hojiisaanii murtee kennitootnni federeelaafi gargaartonnisaanii bakka bu'oonni waldaa taajjabdoota kubbaa miilaa argamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii

Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa marsaa lammaffaan torban 22fa Sanbata, Dilbataafi Wiixata darbees magaalota naannolee adda addaatti itti fufe yoo oolu, Jimmaa Abbaa Jifaar ammas dursaa jira.

Jmmaa Abbaa Jifaar dura deemaa jiraatus sababi yeroowwan gara garaatti leenjistoonni, dura deemtonni kilabootaa, taphattoonniifi deegartoonni murtee kennitoota reebaniif hanga falli argamutti shaampiyoonichi addaan citeera.

Keessumaa kilaboonni Waldiyaafi magaalaa Faasil, Walwaaloo Addigiraat murtee kennitootaafi gargaartootasaanirratti miidhaa olaanaa godhaniin hanga fallisaa argamutti hintaphachifnu jechuudhaan mormii uumameeni.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifametti kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 39n shaampiyoonicha dursaa jira. Bulchisni magaalaa Maqallee qabxii 35n, Qiddus Giyoorgis 34n sadarkaa lammaffaafi sadaffaarratti argamu. Yeroo dheeradhaaf liigicha dursaa kan ture Dadabiit qabxii 33n afraffaadha.

Akkasumas Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa, Buni Itoophiyaafi Magaalaan Faasiil galchaan walcaalanii wal qixa, qabxii 33n akkuma walduraa duba jiranitti sadarkaa shanaffaadhaa hanga torbaffaarratti jiru qabataniiru.

Magaalaan Hawaasaa qabxii 30n, Waldiyaafi Bunni Siidaamaa qooda galchaatiin walcaalanii qabxii 27n, Raayyaan Ittisaafi Arbaa Minci galchaan waldursuun qabxii 23n, Humni Ibsaa qabxii 22n sadarkaa saddeetaffaadhaa hanga 13ffaarratti argamu.

Akkasumas bulchisni Magaalaa Waldiyaafi Walwaaloo Addigiraat garaa garummaa galchaan wal caaluudhaa qabxii 20n, Dirre Dawaan qabxii 19n gara liigii biyyaalessaatti gadi sigigaachuf qarqararratti argamu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii
Friday, 04 May 2018 22:04

Dorgommiin liigii daayimandii

Dorgommiin Liigii Daayimandii waggaa waggaadhaan magaalota biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa, Isiyaafi Afrikaa 14n adda addaatti haala miidhagaadhaan adeemsifama.

Liigiin Daayimandii kun kan adeemsifamu Waldaa Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa (“IAAF”) yoo ta'u, atileetonni addunyaarratti maqaa olaanaa qaban martuu akaakuuwwan ispoortii atileetiksii adda addaatiin hirmaatu.

Dorgommicha kubbaaniyoonni, dhaabbileen ispoortii dureeyyonni Awurooppaafi Isiyaa doolaara miiliyoona heedduutti lakkaa'amuun ispoonsara waan taasisaniifi waldichi atileetota mo'ataniif badhaasa cimaa waan kennuuf dorgommicha hawataa taasisa.

Kanaafuu atileetonni ardii tanarratti akaakuuwwan atileetiksii adda addaatiin beekaman badhaasicha hammaarrachuuf waan hirmaatanif daaw'ataan ispoortii, Waldaan Federeeshina Atileetiksi Addunyaafi kubbaaniyoonni akkasumas dhaabbileen ispoonsara godhan guyyaa dorgommichi itti jalqabamu hawwii olaanaadhaan eegaa jiru.

Waldaan Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa kun dargommii liigii Daayimandii baranaa kanaaf walumaagalatti korniyaawwan lameeniinuu atileetota mo'ataniif doolaara miiliyoona 3.2 badhaasuuf qophaa'eera.

Dorgommiin liigii Daayimandii kun kan barana dabalate yeroo torbaffaaf adeemsifama. Sagantaan federeeshinichaa akka mul'isutti dorgommiin kun iftaan magaalaa guddoo Doohaa, Kuwaataritti jalqabama jedhamee eegama.

Guyyaa dorgommiin kun itti jalqabamu kana fiigichi atileetonni Itoophiyaa irratti qooda fudhatan ni gaggeefama jedhameera. Haaluma kanaan fiigicha meetira kuma 1fi 500 dubaraan atileet Habtaam Alamuu, Gudafaay Tsaggaayee, Basuu Saadoofi Almaaz Tashaala ni hirmaatu.

Atileet Habtaam Alamuu, kan Morookoo Raabaabee Araafaay, kan Afrikaa Kibbaa Kaastaar Seeminiyaafi atileetii Keeniyaa Neelii Jeepkosaskaayiif garanumaa babdiin kennameera. Dorgommiidhuma kanaan atileet Tolasaa Tareessaa dhiiraan Itoophiyaa bakka bu'uun kophaasaa ni hirmaata.

Itoophiyaannonni korniyaawwan lameeniinuu fiigicha meetira kuma sadiin kan hirmaatan yoo ta'u, abdiin isaan mo'achuuf qaban olaanaa ta'uu federeeshinichi ibsaa jira. Walumaa galatti dorgommii Dohaa kanatti akaakuuwwan atileetiksii 15 ni adeemsifamu.

Dorgommiin iftaan jalqabamu kun Hagayaa 10n bara 2010 Magaalaa guddoo Beeljiyeem,Biraaseelsitti xumurama jedhameera.

Tashaoomaa Qadiidaatiin

Balballoomii Oduu

Published in Ispoortii

Oromiyaan galaana atileetotaati. Atileetiksiin aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromooti.

Seenaa biyyattii keessatti atileetonni Oromiyaa keessaa burqan yeroo atileetota gootota duriifi hangafiota Abbabaa Biqilaa, Maammoo Waldee, Daraartuu Tulluu, Faaxumaa Roobaafaa irraa kaasee hanga Xirunash Dibaabaa, Ganzabee Dibaabaa, Almaaz Ayyaanaa, Maaree Dibaabaafaatti kallacha injifannoo Oromoo qofa osoo hin ta'in biyyaafi ardii Afrikaafis miira dammaqinaafi mallattoo injifannoo ta'anii itti fufaa jiru.

Oromummaan haala kamiyyuu keessatti dorgomanii injifachuu akka ta'eefi rakkoo fedheefiyyuu jilbifachuun akka hinbarbaachifne, Oromummaan faajjii (aasxaa) injifannoo akka ta'e dhalootas, addunyaas, firaafi diinas barsiisaa jiru.

Oromiyaan galaana atileetotaa taatee akka ittifuftu gochuuf rakkoowwan sochii atileetiksii sadarkaa hundatti xaxanii qaban hiikuun dirqama. Sababiinsaa kufaatiin atileetiksiirraatti dhufu kufaatii eenyummaa keenyarratti dhufu waan ta'uuf.

Kanaafuu mirgaafi faayidaa atileetota Oromoo waltajjiifi sadarkaalee hundarratti kabachiisuuf Federeeshiniin Atileetiksii Oromiyaa sochiiwwan babaldhaa gochaa jira.

Nus sochiiwwan atileetiksii naannoo Oromiyaa keessatti taasifamaa jiran ilaalchisuudhaan dhiheenya kana qaamolee dhimmichi ilaallatu Magaalaa Bushooftuutti haasofsisnee turre.

Dhimuma kana pirezidaantiin federeeshinichaa, Obbo Daanyaachawu Shifarraa akka ibsanitti, Guddina atileetiksii Oromiyaafi biyyaattii dagaagsuuf, ilaalchaafi gochawwan sassaadummaa kiraa federeeshinnoota atileetiksii sadarkaalee gara garraa jiran biratti mul'atan karaa gurmaa'een irratti qabsaa'uun sirreessuu qabna jedhu.

Hunda caalaa jedhu pirezidaantichi, atileetiksiin aadaafi duudhaa, eenyuummaa Oromoo ta'ee akka ittifufu gochuu keessatti atileetonni Oromiyaa sadarkaa sadarkaan gufu tokko malee kilaboota naannichaa keessatti hirmaachisuun abdiiwwan biyyattii boru akkaa ta'an gochuun ni barbaachisa.

Oromiyaatti kilaboonni 20n waggoota saddeet dura ijaaramuusaanii kan ibsan Obbo Daanyaachawu, kilaboota kanneen keessaa kan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaafi Walisoo yoo diigaman, kanneen hafan hirmaachaa jiru.

Keessumaa kilaboonni atileetiksii magaalota Adaamaafi Asallaa, Intarpiraayizii Daandii Oromiyaafi Dhaabbata Bosonaa Bineensaa Oromiyaa, magaalota Lagaxaafoo Lagadaadhii, Buraayyuu, Sabbataafi kkf ciccimoota jechuun eeraniiru.

Oromiyaa keessatti atileetota baayi'ee horachaa jirra kan jedhan pirezidaantichi atileetota heddu horachuu qofa osoo hinta'in atileetii naamusa gaariidhaan ijaarame horachun barbaachisaa akka ta'e addeessu.

Akka isaan jedhanitti, shaampiyoonaawwan kanaan dura gaggeeffamanitti Oromiyaa olaantummaadhaan xumuraa ture. Haata'u malee dhiheenya kana shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaa 47fatti naannichi tokkoffaa ba'uu osoo danda'uu lammaffaa ta'uunsaa rakkinni akka jiru agarsiisa.

Gareen rakkoo kana qoratus hundaa'uu qaba jedhanii, garichis kan hundaa'u Federeeshinii Atileetiksi Oromiyyaa dabalate waldaalee Leenjistoota Atileetiksifi Atileetota Oromiyaarraa akka ta'u himaniiru.

Leenjisaan kilaba atileetiksii Magaalaa Adaamaa, Obbo Habtaamuu Girmaa gamasaaniin, leenjisaafi maaneejara jechuun atileetii tokko waggaa 16tti gara ispoortii atileetikii yoo fidu haala maraanuu amala isaa beekuun barbaachisaadha jedha.

Leenjisaan kilaba atileetiksii Dhaabbata Bosonaafi Bineensaa Oromiyaa, Obbo Birihaanu Mokonnin gamasaaniitiin, “Leenjistoonni tokko ta'anii hojjechuurra waltuffatu. Tokko ta'amee hinhojjetamu taanaan qabxiin eegamu hinjiraatu” jedhu.

Kilaboonni Oromiyaan hundeesses qaama dhimmi ilaallatuun hordofamuufi deggaramuu akka qabanis eeranii, ogeesonnis hojii kiyya jedhanii xiyyeeffannaan hojjechuun qabxiin ummanni eegu galmeessisuuf tattaafachuu akka qaban ibsu.

Leenjistoonni garee biyyaalessaa Koloneel Huseen Shaboofi Komaandar Toleeraa Dinqaa guddina atileetkisii naannichaatiif akkasumas Oromiyaan madda atileetikii taatee akka itti fuftu gochuuf qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin hojjechuuf qophii ta'uusaanii beeksisaniiru.

Balballoommii Oduu

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii

Ulfaatina kaasuun akaakuuwwan ispoortii taphicharratti dhiyaatan keessaa tokko

Taphni Oromiyaa guutuu yeroo 24faf Magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa jira. Taphicharraatti godinaaleefi magaalota Oromiyaarraa ispoorteessitoonni kuma shanii ol korniyaa lameeniinu akaakuuwwan ispoortii 18 hirmaachaa jiru.

Sababiin taphichi itti adeemsifamuuf dargaggoota naannichaa kanneen halaala turan gaaddisa ispoortii kanaa jalatti dirree tokkorratti waltti qabuudhaan obbolummaan, tokkummaa, jaalalliifi firummaan jiddusaaniitti akka cimu gochuu maddiitti aadaa godinaaleesaanii akka waljijiiraniifi.

Taphni baranaa kun guyyoota 13f addemsifamuudhaan iftaan xumurama jedhamee eegama. Taphicharraa dargaggoonni ciccimoon naannichaafi biyya keenya gara fuula duraatti ardiiwwan mararratti beeksisan argamaniiru.

Keessumaa dorgommiiwwan atileetiksi, Paaraalompikiifi akaakuuwwan ispoortii Maarshaal Artiitiin dargaggoonni dandeettii cimaa qaban godinaaleefi magaalota adda addaarraa argamaniiru.

Naannichi akkuma burqaa atileetota biyya keenyaa ta'e akaakuuwwan ispoortiiwwan birootinis dargaggoota abdii boruu ta'an horachuusaa taphicha kanarraa hubachuun ni danda'ama.

Taphawwan hanga Roobii darbeetti adeemsifamanitti dorgommiiwwan hedduun xumuramaniiru. Dorgommiiwwan xumuraman keessaa Paaraalompikiin tokko yoo ta'u, Magaalaan Asallaa walumaagalatti waancaawwan jaha argachuudhaan dursaa jira. Godinni Arsiifi magaalaan Sabbataa waancaawwan afur, afur argachuudhaan lammaffaafi sadaffaadha.

Dorgommii atileetiksiitiin ammoo diviziyoona tokkoffaarraa walumaagalatti korniyaa lameeniinuu Godina Arsii qabxii 171 tokkoffaa ta'uun waancaafi meedaaliyaa warqii argateera. Magaalaan Laga Xaafoo qabxii 168n, Magaalaan Asallaa qabxii136 lammaffaafi sadaffaa ta'uun meetiifi nahaasa badhaafamaniiru.

Diviziyoona lammaffaarraa ammoo Magaalaan Dukam qabxii 206n shaampiyoona ta'uun waancaafi meedaaliyaa warqii yoo argatu, Magaalaan Bishooftuu qabxii 143, Magaalaan Mojoo qabxii 131n lammaffaafi sadaffaa ta'un akkuma walduraa duba jiranitti meedaaliyaa meetiifi nahaasaa badhaafamaniiru.

Akkasumas dorgommii Cheeziitiin diviziyoona tokkoffaa dhiiraan magaalaan Adaamaa, dubaraan Bishooftuun, diviziyoona lammaffaarraa dhiiraan magaalaan Baalee Roobee shaampiyoona ta'uun waancaa badhaafamaniiru.

Dorgommii Wushuutiin ammoo dhiiraan magaalaan Asallaa, dubaraan magaalaan Adaamaa abbaa waancaa ta'aniiru. Taphni guutuu Oromiiyaa kan dirreewwan ispoortii adda addaa Magaalaa Bishooftuutti haala miira hawaasaa magaalattiifi naannawasheetti argamanii hawachuun adeemsifamaa ture kun iftaan xumurama jedhamee eegama.

Balballoommii oduu

Tashoomaa Qadiidaatiin

Published in Ispoortii

DhDUOn dhaabbilee haadholii afran ADWUI keessaa isa tokko yoo ta’u, aantummaa uummatasaaf qabu mirkaneessuuf hojjechaa kan ture yoo ta'u, jijjiirama barbaadamu yeroo gabaabaa keessatti galmeessisuu irratti duubatti harkifannaan calaqqisaa tureera. Kunis ummatni fayyadamummaansaa jalaa hubames golee afaraniin qabsootti akka seenu taasiseera.

Dhimma kana ilaalchisuun gaafdeebii Gaazeexaan Bariisaa, Ittigaafatamtuu Waajjira Giddugaleessaa DhDUO Aadde Adaanach Abeebee waliin addaatti taasise akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessineerra.

Bariisaa: DhDUO kaleessaafi har’aa akkamiin ibsitu?

Aadde Adaanach: DhDUOn dhaaba aantummaa ummataa qabatamaan mirkaneessuuf dhaabateedha. Fayyadamtummaa ummataa gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin jiran qabatamaan mirkaneessuuf hojjetaa tureera. Bu’aawwan argamanis salphaa miti. Haata'u malee miira itti gaafatamummaafi hirmaannaa hawaasaa mirkaneessuun hojjechuu dhabuun, rakkoo bulchiinsa gaariifi sassaabdummaa kiraa rakkoolee gurguddoo hojii dhaabichaa keessatti mul'achaa turaniidha. Dhaabichi yeroo ammaa qabsoo ummata bal’aatiin injifannoowwan guguddoo galmeessisaa jira. Deggarsa hawaasaa humna godhachuun fayyadamummaafi aantummaa ummataa mirkaneessuuf hojjechaa jira.

Bariisaa: Kanaan dura sochii dhaabichaa maaltu duubatti harkisaa ture?

Aadde Adaanach: Hooggantootni dhaabicha geggeessaafi keessa hojjechaa turan miira aantummaa ummataa qabuun sosocho’aa hin turre. Faaydaa ummataa mirkaneessuuf dhabachuurra faaydaa dhuunfaa isaaniif dursa kennaa turan. Gochi kun babal’achaa dhufuusaatiin qabsoo cimaan ummata biraa akka ka’uuf sababa ta’eera.

Bariisaa: Rakkoolee uummata qabsoof kakaasan furuuf dhaabichi tarkaanfii akkamii fudhachaa jira?

Aadde Adaanach: Haaromsa gad fagoo taasifamaa jiruun yeroo ammaa komiin hawaasa biraa ka’aa ture deebii argachaa jira. Hooggantoota aantummaafi quuqama ummataa hinqabne sakatta’uun tarkaanfiin sirreessaa irratti fudhatamaa jira.

Bariisaa: Tarkaanfii haaromsa gadi fagootiin fudhatamaa jiruufi amantaan hawaasni dhaabicharraa qabu maal fakkaata?

Aadde Adaanach: Amantaa hawaasni dhaabicharratti qabu daran dabalaa jira. Keessumattuu sochii dhaabichi rakkoolee sassaabdummaa kiraa, saamicha lafaa akkasumas faaydaa lammiilee ukkaamfamee ture furuuf taasisaa jiru daran jajjabeessaadha.

Bariisaa: Bu’aaleen galmaa'aa jiran akkamitti argaman?

Aadde Adaanachi: Bu'aaleen galmaa'aa jiran kan argaman qabsoo hawaasaa golee afraniin taasifamaniini. Gochi sassaabdummaa kiraa babal’achuunsaa hawaasni qabsoo walirraa hincinne akka taasisuu akkasumas dhaabichi dhaabbatee adeemsasaa akka sakatta'uuf sababa ta'eera.

Dhaabichi dhaaba ummata Oromoof dhaabate ta’uusaa qabatamaan mul'isaa jira. Sochiin haaromsa taasifamaa jirus karaa iftoomina qabuun hanga dakaatti kan ittifufu ta'a.

Bariisaa: Fayyadamtummaa hawaasaa qabatamaan mirkaneessuuf kutannoon hooggantoota sadarkaa sadrkaan jiranii maal fakkaata?

Aadde Adaanachi: Kutannoo hooggantoonni dhaabichaa sadarkaa godinaaleefi aanaaleee fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf taasisaa jiranii laafaa waan ta'eef haaromsichi hanga gandaatti jijjiirama barbaachisu akka argamsiisuuf dhaabichi hojjechaa jira. Ummata bakka buuneef qabatmaan hin hojjennu taanaan ummatni abbaa aangoo ta’e nubaachuu hindanda'u.

Bariisaa: Hooggantoota dhaabichaas ta’e kanneen ummata bal’aa bakka bu’anii hojjechaa jiranirraa maaltu eegama? Kaleessarraa maal barachuu qabu?

Aadde Adaanachi: Ummatni kaleessa miira tokkummaatiin kallattii afraniin mirgasaa kabachiifachuuf qabsaa'aa ture har’as yoo miidhame obsi inni nuuf qabu xiqqaadha. Taa’umsi irra teenyee hojjennu kun kan ummataati. Ummataaf of kenninee hanga hinhojjeeneetti lammiif quuqamuu hindandeenyu. Murteewwan darban mara keessatti hawaasa bal’aa hirmaachisuun abbummaasaa mirkaneessuufi iftoomina babal’isuu waan ta’eef dhimma kanarratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabna.

Kanaan dura dhimma maastarpilaanii waliin walqabatee rakkoo uumameen miidhaan qaqqabe barsiisaadha. Ummatni maastar pilaanicha hinbarbaannu jedhee gamaafi gamanaa waan ka'eef akka haqamu ta'eera. Dhimma hawaasaa furuuf hanga kaanetti miira kutannoo siyaasaa haqa hawaasaaf dhaabate qabaachuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Fuulduratti gahumsa hooggantootaafi hudhaalee hooggansa keessatti mudatan furuuf waanti karoorfame jiraa?

Aadde Adaanachi: Gahumsa hooggantootaa sadarkaa sadarkaan cimsuuf leenjiin kennamaa jira. Kun ammoo hudhaalee jiran waliin furaa aantummaafi fayyadamummaa hawaasaa qabatamaan mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa taphata.

Bariisaa: Sochii warraaqsa dinagdeefi haaromsa gadi fagoo Oromiyaa keessatti eegalame milkeessuuf shoorri hooggantoota caasaalee garagaraafi hawaasaa maal ta’uu qaba jettu?

Aadde Adaanachi: Hoggantootni caasaalee gara garaa imaanaafi ittgaafatamummaa kennameef haqummaafi si’oominaan milkeessuuf hawaasa abbaa aangoo ta’e waliin hidhata uumuun hojjechuun isaanirraa kan eegamu yoo ta’u, hawaasni fayyadamummaasaa mirkaneeffachuuf socho’us hordoffii barbaachisaa taasisaa dhaabasaa waliin hiriiruutu irraa eegama.

Bariisaa: Yeroo keessan aarsaa gochuun gaafdeebii nuwaliin taasistaniif guddaa isin galeteeffanna.

Aadde Adaanachi: Isinillee sochii DhDUOn yeroo ammaa taasisaa jiru dubbistootaaf nuuf gahuuf deggarsa ogummaa nuuf taasistaniif galatoomaa.

Waasihuun Takleetiin

Aadde Adaanach Abeebee

Published in Siyaasa

Barnoota ga'eessotaarratti hunduu dhimmamuu qaba

Utuu barnoonni ammayyaa hinbabal'atiniin dura, abboonni keenya barnoota ga'aa hinarganne. Akka har'aas haalliifi sirni ture barnootaaf mijataa waan hintaaneef, barnoota ga'aa hinarganne. Kanneen jalqabanii utuu galma hinga'in addaan kutan, kanneen gara mana barumsaatti miillisaanii hinargaamnes hedduudha.

Kun utuu kanaan jiruu garuu nuti hinbaranne jedhanii ijoolleensaanii mana barnootaatti erguu hindhiifne. Mi'a barnootaa waan beekaniif akka barataniif carraa argame hundaan deggeruu akka baratan taasisaniiru.

Yeroo sana, abbootiin utuu hinbaratiin lammiilee har'a carraa barumsaa bal'aa argatan kanneen utubaa waan turaniif, carraan har'a argame bu'aa qabsoosaanii keessa qooda akka qabaataniif barnoonni ga'eessotaa akka babal'atuuf mootummaan xiyyeeffannaa kennee sochii erga eegalee oolee buleera.

Barnoonni bu'uuraa akkuma waan hundaa ta'e, ga'eessonni hinbaratiin lammii barate horatan carraa kanatti gargaaraamanii barnoota isaan darbe kan bu'uura dubbisuufi barreessuu ta'uuf akka argatan, barnoonni kun naannolee hundatti babal'achuun ga'eessota hedduu kanneen hubachuu, barreessuufi dubbisuu danda'an horatamaa jiru.

Yeroo lammiilee hundaa barnoonni akka ga'uuf tattafatamaa jiru kanatti, carraa barnootaa walgitiinsa qabu babal'isuudhaan lammiileen miliyoona saddeetii ol Oromiyaatti barnoota hordofaa jiru.

Oromiyaatti lammiileen hundi carraa barnootaa akka argataniif sochiin gama hundaan taasifamaa jiru bal'aa yoo ta'elle, qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni hedduun carraa barnootaa argachaa hinjiran. Isaanis carraa barnoota ga'eessotaa gochaarratti xiyyeeffatee argachuurratti raawwiin jiru gadaanaa ta'uudha gabaasni raawwii karooraa ji'a ja'aa naannichaa walga'ii caffee torbaffaarratti dhiyaate kan mul'isu.

Pirizidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa akka jedhanitti, ga'eessota kanneeniif xiyyeffannaa kennuun barbaachisaa ta'uudha kan hubachiisan. Innis sochii hawaas-dinagdee naannichaa keessatti geggeeffamaa jiruun ga'eessota dubbisuufi barreessuu hindandeenye qabachuun guddina dinagdee akkasumas qonna ammayyessuun akka hindanda'amneedha kan eeran.

Kanaaf barnoota ga'eessotaa babal'isuudhaan qonnaan bulaa hinbaranne barsiisuun yoo xiqqaate barreessuu yookaan dubbisuu akka danda'an gochuu barbaachisa jedhan. Kanaafis tumsi qaamolee hundaa bakka olaanaa qabaata.

Hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo ibsa cafficharratti kennaniin akka jedhanitti, Oromiyaa keessa ga'eessonni miliyoona 7.7 barreessuufi dubbisuu hindanda'an. Kana jechuun namoota barreessuufi dubbisuu hindandeenye qabannee waa'ee misoomaa, nageenyaa, fayyaa sadarkaa barbaadamuun ga'uun rakkisaa akka ta'e ibsu.

Akka biirichaatti barumsicha sadarkaa barbaadamuun ga'uuf rakkoo kan ta'e dhimmamni seektaroota naannochaa hojichaaf mijaa'oo ta'an gahaa waan hintaaneefi bakka ga'eessonni baay'inaan argamanitti bakki itti barsiisan mijataa waan hintaaneef sadarkaa barbaadameen ga'uu akka hindandeenyeedha kan ibsan.

Rakkoo kana bu'uurarraa furuufis biriichi wixinee seektarootaa akka fayyaa, qonnaafi barnoonni leenjii teknikiifi ogummaafi seektaroonni biroon akka hojii kanarratti hirmaataniif dirqisiisu qophaa'uudha kan ibsan.

Dabalataanis, baasii barnoota ga'eessotaatiif barbaachisu akka ramadan kan taasisuudha jedhan. Fakkeenyaaf qonna keessatti giddugala leenjii qonnaan bultootaa, fayyaa keessatti ammoo ekisteenshiniin fayyaa bakka leenjii waan qabaniif wixineen kun yoo hojiirra oole ga'eessonni miliyoona 7.7 yeroo gabaaba keessatti barnoota bu'uuraa akka argatan gochuuf ciminaan irratti hojjetamaa jira jedhan.

Walumaagalatti, barnoota gocharratti xiyyeeffate ga'eessotaan ga'uun bu'uura waan hundaati. Ga'eessonni hedduun kanneen barnootaa ammayyaa hinarganne, barnoota bu'uura dandeettii barreessuufi dubbisuu akka qabaatan isaan taasisu akka argatan gochuun barbaachisaadha.

Kunis dandeettii waa barreessuufi dubbisuu yoo qabaatan rakkoo isaan mudatu yookaan maatiisaanii qunnamu keessaa baasuu danda'a. Kana malees, meeshaalee qonnaa kanneen qajeelfama dubbifamu qaban dubbisanii hubachuun sirnaan akka itti gargaaramaniif barnoonni ga'eessotaa gochaan deeggaramee murteessaadha.

Kanaaf seektaroonni barnoota kana salphaatti dhaqqabsiisuu danda'an kanneen akka seektara fayyaa, qonnaafi kanneen biroon dhimmamanii lammiilee barreessuufi dubbisuu hindandeenye ga'oomsuuf ciminaan hojjechuu feesisa.

Dabalaa Taaddasaatiin

 

Published in Hawaasummaa

Galiin gibiraa haala kamiinuu sassaabamu hatamuu hinqabu

Galiin gibiraa akka biyyaattis ta'e naannoleetti sadarkaa sadarkaan sassaabamu harcaatii tokko malee walittiqabuuf darbees haqarratti kan hundaa’eefi kaffalaa gibiraa kan hinrakkisne akka ta’uuf sektarri galii walitti qabu hojimaata fooyya'aa diriirsee hojjetaa jira.

Murtiin gibiraas ragaarratti hundaa’ee haqa qabeessa akka ta’u gochuuf kaffaltoota gibiraa sadarkaa “A”fi “B”n gurgurtaafi bittaa meeshaafi tajaajilarratti taasisaniif galmee herregaa akkasumas sanadoota deggarsaa akka qabatan labsiidhaan tumameera. Kaffaltoota gibiraa sadarkaa “C” ta’an kanneen galmee herragaa qabachuuf hindirqamneefi gibiraafi taaksii isaan kaffalan haqa qabeessa gochuuf gurgurtaa yeroo murtaa’eefi ragaa qaama sadaffaa irraa argamurratti hundaa’een tilmaamuun akka kaffalamu taasifama.

Kaffaltoonni gibiraa sadarkaa “C”n galmee herregaa fudhatama qabuu dhiyeeffannaan garuu bu’uuruma galmeesaaniitiin gibira itti murtaa’e akka kaffalan taasifama.

Akkaata labsii gibira galii Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.74/1995 keewwata 48 jalatti tumameen, kaffaltootni gibiraa hundi galmee herregaa qajeeltoowwan fudhatama waliigalaa (“General Accepted Accounting Principles”) eeggate qabachuun gibira sirrii ta’e akka kaffalan ni dirqamu.

Kaffaltoonni gibiraa tokko tokko gibiraafi taaksii argannoo odiitiin bira gahame, gibira yeroo lama gaafatamuun walqabsiisu. Haata’u malee kun galiin mootummaa harca’ee hafe duguugamee akka galuuf hojii hojjetamu ta’uu hubatamuu dhabuurraa ilaalcha madduudha.

Labsii Galii Gibira Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa (BMNO) 74/1995 keewwata 96fi 97 ibsutti seera cabsuun gibira kaffaluu dhabuu ykn ragaa dhoksanii gibira kaffaluu malan xiqqeessuun ykn kaffaluu diduun seeratti dhiyatanii yoo itti mirkana’ee, adabbii hanga qarshii kuma 100fi hidha cimaa waggaa 15 ta’uun adabamuu akka qaqqabsiisu kaa’ameera.

Sochii daldalaa godhamu keessattii kaffalaan gibiraa galmee herreegaa qabachuufi dhiyeeffachuu ykn maashinii gurgurtaa guyyaa bitachuu qofa galma yoo taasise, seera qabeessummaa hin mirkaneessu. Kanaafis galmeen kaffalaa gibiraa dhuga qabeessa ta’uufi dhiisuun mirkanaa’uu kan danda’u galmee herregaa sektara galii sassaabuun fudhatama qabu ta’ee yoo argame qofa.

Fakkeenyaaf, kaffaltoota gibiraa akaakuu hojii walfakkaatu irratti bobba’anii galiiwwan gara garaa argatan gibira walfakkaatuu irratti murteessuun rakkoo haqa qabeessummaati. Kunis qajeeltoo sirna bulchiinsa gibiraa dandeettii gibira kaffaluutiin kan walfaallessuudha.

Sanas ta'ee kana gibirri (taaksiin) tooftaa mootummaan seeraafi danbiirratti hundaa'ee ummataafi dhaabbileerraa galii itti argatu ykn walitti qabuudha. Maatummaan galii haala kanaan walitti qabu deebisee gaaffii misoomaa ummataatiif deebii kennuuf, akka madda bajataatti fayyadama.

Keessumaa akaakuuwwan taaksii keessaa kan dabalata qabeenyaa ('value added tax') jedhamu gibira meeshaalee dhiyeessii bu'uuraaf oolan ykn baasii fayyadamaarratti kan hundaa'e yoo ta'u, kan walitti qabamus oggaa omishni alaa gara biyyaatti galu ykn sirni bittaafi gurgurtaa raawwatamutti kan abbaa taayitaa galiiwwaniitiin sassaabamuudha.

Taaksiin qabeenya dabalataa kan safaramu, kaffalaan taaksii gibira qabeenya dabalataa maamilootasaarraa walitti qabu oggaa kaffalu maallaqa meeshaa dheedhii omishaaf ykn tajaajila kennuuf akka galteetti fayyadameef kaffale hir'isuun galii taasisa. Adeemsi kun hanga omishasaa ykn tajaajilasaa dumaatti akka ittifufuudha sanadoonni taaksii qabeenya dabalataarratti qophaa'an kan ibsan.

Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaatti, daarektarri ittaanaan damee barumsaafi kominikeeshinii Obbo Hayiluu Addunyaafi ibsa tibbana miidiyaaleef kennaniin ji'oota saddeet darbanitti walduraa duubaan galii idileefi mana qoheessaarraa walitti qabuuf karoorfameen dhibbantaa 102fi 83.3 milkeessuun yoo danda'amellee kan taaksii qabeenya dabalataa garuu gadaandaadha.

Yeroo eerame kana keessatti naannichatti qarshii biliyoona 1.45 sassaabuuf karoorfamee qarshii biliyoona 1.3 qofti akka sassaabame eeruun, kunis karoora keessaa dhibbantaa 77.6 akka ta'eefi galii qabeenya dabalataatiin walqabatee raawwichi gadaanaadha jedhameera.

Kaffalaan gibiraa gurgurtaa raawwateef nagayee kennaa akka hinjirreefi bitataafi fayyadamaanis muuxannoo nagayee gaafachuu kan hingabbifanne ta'uu ibsu, daarektarichi. To'annoofi hordoffiin gama abbaa taayitichaatiin taasifamaa tures laafaa ta'uu qorannoodhaan mirkanaa'uusaa ni eeru.

Otoo tilmaamni galii guyyaa xumura bara 2009tti geggeeffamee raawwii baranaatiif hingumaachine ta'ee haala raawwii taaksii qabeenya dabalataarratti mul'ataa jiruutiin galiin naannichaa %102 ta'uu hindanda'u ture” jechuun, kufaatiin sassaabbii galii taaksii qabeenya dabalataarratti mul'ate daran guddaafi iddoo olaanaa kan qabu ta'uu ibsu.

Gibirri bu'aa daldalaa taaksii qabeenya dabalataarratti waan hundaa'uuf gaaffiilee, “Galiin taaksii qabeenya dabalataa maaliif akka gadi bu'e, haala kanaan yoo ittifufe galii bara dhufuurratti dhiibbaan akkamii qaba?” jedhan qorannoodhaan ilaalamuusaa beeksisaniiru. Kanaanis gadu bu'uun galii taaksii qabeenya dabalataa galii bara dhufuurratti dhiibbaa olaanaa qabaata jedhu Obbo Hayiluun.

Kan gadi buuses kaffalaan gibiraa galmaa'aa taaksii qabeenya dabalataafi galmee herregaa qabachuuf dirqame harki caalaan gurgurtaasaa kamuu nagayeefi nagayee qofaan raawwachuu dhabuufaan qorannoon geggeeffame kan mirkaneesse ta'uu Obbo Hayluun ni dubbatu.

Kunis hiikaawwan guguddoo sadii qaba jedhanii, isaanis, tokkoffaa, “Kaffalaan gibiraa tokko guyyaa taaksii qabeenya dabalataatiif galmaa'ee eegalee, gatii ittiin gurguratu akka vaatii of keessatti qabaatu taasiseet qopheeffata. Guyyaa kanarraa eegalee gatiin ittiin tajaajila kennus ta'e omishasaa gurgururratti taaksii qabeenya dabalataa %15 keessa galchuun qopheeffata” jedhu.

Haala kanaan, galmaa'aan taaksii qabeenya dabalataa yoo nagayee mure mootummaaf galcha. Yoo nagayee hinmurre ammoo saanduqa ofiitti galfata. Taaksii qabeenya dabalataa kan kaffalu daldalaa otoo hintaane fayyadamaa dhumaati.

Taaksiiwwan sadarkaalee adda addaatti daldalaan yeroo bittaa raawwatu waa omishasaatiif ykn tajaajila argachuuf kaffalu dhumarratti fayyadamaa (ummata) irraa kan sassaabamee galmaa'aa taaksii qabeenya dabalataatiif deebi'a jedhu.

Taaksiin qabeenya dabalataa buusii fayyadamtootarraa sassaabamu kun kaffalaan gibiraa nagayee hinmuru taanaan galii kana ofumasaatiif kan hambifatu ta'uus ni eeru.

Gibira ykn taaksii sassaabuuf heeraan aangoon kan kenname akkuma biyya kamiituu mootummaa qofaafi. Aangoo heeraan nootummaa qofaaf kenname kana cabsuudhaan daldaltoonni nagayee hinmurre taaksii kana sassaabachaa akka jiraniidha ibsi oggantoota kanneenii kan eeru.

Otoo silaa nagayeen itti muramee taaksiin qabeenya dabalataa sirnaan sassaabamee mootummaaf galee mootummaan ammoo gaafii misoomaa bal'inaan jiru deebisuuf hinrakkatu jechuudha. Kan mul'ataa jiru garuu faallaa kanaati. Galiin mootummaan hojii misoomaa ittiin babal'isutu harka nama dhuunfaa galaa jira jechuudha.

Kanaaf dhimmoota kanneen yoo ilaalle raawwiin gadi bu'uusaa qofa otoo hintaane adeemsichi balaa guddaa kan qabu ta'uudha Caffee Oromiyaatti walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Bajataafi Baasii Mootummaa, Obbo Yilmaa Wayyeessaa Gaazexaa Bariisaatti kan himan.

Akka isaan jedhanitit, gama sassaabbii taaksii qabeenya dabalataatiin rakkoo guddaatu jira. Meeshaa gurgurtaa galmeessuutti seeraan ala fayyadamuunis ni mul'ata. Nagayee kutuurrattis hanqinni jira.

Kun gaalii naannoorrattis ta'e biyyaarratti rakkoo guddaa uuma. Haqas ni dabsa. Galii mootummaa bakka bu'anii walitti qaban ofiisaaniif hambifatu malee mootummaaf galee deebi'ee hojii misoomaa ummanni gaafatuuf oolaa hinjiru.

Dabni naannawa kanatti raawwatamu murtii galii dhuma waggaatti taasifamuufi guddina dinagdee biyyaarratti dhiibbaa uuma. Gama kanaan ummatas ta'e mootummaa hatuun gocha ifaan mul'ataa jiruudha. To'annoofi hordoffiin jirus qaawwa qaba.

Namoota rakkoo kana uumaa jiran akka gaafataman gochuurrattis hojii hojjetamaa jiru rakkoo qaba kan jedhu Obbo Yilmaan, beeksisni, “Nagayeen citu malee hinkaffaliinaa” jedhu girgiddaadhuma qofarratti hafuusaa ibsu. Namni barates hinbarannes nagayee waan fayyadameefi biteef nagayee gaafachuu dhabuun rakkoo kanaaf ulaa akka baneedha kan ibsan.

Daldalaan of jaalachuurraa kan ka'e waan kansaa hintaane of harkatti hambifatee itti fayyadamuun hanna. Kanaafis kan qaawwa bane rifoormiin daldalaa lafa qabachuu dhabuusaati. Biyyoota qaroomanitti gatiin waa hundaa maxxanfamee kaa'ama. Kan mootummaaf galuu malus daldalaan ofumaa beeksiseet galcha.

Biyya keenyatti garuu daldaltoonni tokko tokko galii argatan dhoksuuf tattaafatu. Maallaqa amanamummaan funaanee akka mootummaaf galchuuf itti kennamellee ni dhoksu. Kun ammoo lammiilee haqummaa dhabsiisa. Inni tokko dirqama kennameef fudhatee seeraan yoo hojjetu, inni kaan ammoo ni dhoksa.

Kun ammoo daldaltoota jidduutti dhiibbaa uuma waan ta'eef daldalaan maallaqa sassaabe amanamummaan mootummaaf galchee guddinaafi misooma biyyaa keessatti hirmaachuu qaba.

Charinnat Hundeessaatiin

 

Published in Dinagdee

Dhalli namaa tooftaa jireenya isaa naannawaa isaatiin walsimsiisee ittiin jiraatu qaba. Malli kunis Aadaa jedhamuun beekama. Aadaan mallattoo ykn eenyummaa hawaasa tokkooti. Aadaan tooftaa hawaasni tokko haala jiruufi jireenyasaa ittiin calaqqisiifatuudha.

Oromoon aadaa miidhagaa uumaa ganamaan isaaf kenname qaba. Kunis Sirna Gadaa yoo ta’u, sirna kanaan waggoota dhibba hedduuf wal harkaa fuudhuun ittiin wal bulchaa tureera. Sirni Gadaa kun madda dimokiraasii addunyaatiif bu’uura akka ta’uuf gahee guddaa gumaacheera.

Sirni Gadaa dhimma jireenya ummata Oromoo gama hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aadaa, diinagdeefi amantiiti. Sirni Gadaa sirnaafi seera Oromoon ittiin wal bulchu, kan duulee roorroo ofirraa ittisu, kan diinagdee isaa ittiin tikfatuufi dagaagfatu, akkaataa inni itti waliin jiraatuufi kan hawwiin dhala Oromoo cufa ittiin guutu ture.

Bara bulchiinsa Sirna Gadaatti, Oromoon jiruufi jireenya isaa hunda keessatti wal kabajee, badiirra of eegee hariiroo gaarii kan biroo waliin uumuudhaan jiraachaa tureera. Ummanni Oromoo aadaa boonsaa kan dhaloonni isaa hundi badiirraa of eegee naamusaafi jaalalan akka jiraatu godhu qabaachuun isaa durumarraa eegalee abbaa qaroominaa ta’uu isaa mul’isa.

Ummanni Oromoo Harargees weerartoota alagaatiin osoo hinjilbeenffatin dura yeroo dheeraaf akkuma Oromoota godinaalee Oromiyaa biroo Sirna Gadaatiin of bulchaa akka ture ragaaleen adda addaa ni mirkaneessu. Haata'u malee biyya keeyna keessatti sirnootni bittaa jaarraa tokkoo oliif aangoo wal irraa dhaalaa aadaafi duudhaan hawaasa Oromoo akka badu taasisaa ture erga barbadaa'ee as Sabaafi sablammootni biyyattii aadaa, afaaniifi seenaa isaanii eeggatanii of akka bulchaniif Heeraan mirkanaa'eera. Kanumaan walqabatee Mootummaan Bulchiinsa Naannoo Omiyaas Sirnaa Gadaa kun deebi'ee akka dagaaguuf kallattii adda addaatiin hojjechaa akka jiru ni beekama.

Sirni Gadaa Oromoo kun Hambaa Addunyaa ta`ee Galmee 'UNESCO' irratti galmaa'uudhaan eenyummaa saba kanaa addunyaa irratti beeksisuu bira dabree sirni kun qabeenya addunyaa ta'eera. Haata'u malee sirni kun Galmee 'UNESCO' qofa irratti galmaa'uun isaa qofti ga'aa waan hin taaneef qaamoleen ykn dhaabbileen itti fufiinsa adeemsa sirnichaaf hojjetan jiraachuun barbaachisaadha. Kana keessaas tokko Gumiin Abbootii Gadaa adda durummaadhaan warreen eeramaniidha. Akkuma godinaalee Oromiyaa kanneen biroo Harargee Bahaattis caasaalee Gumii Abbootii Gadaa Afran Qalloofi Humbannaa ijaarudhaan aadaan ummatni Oroomoo Harargee ittiin of bulchaa ture sirni Gadaa dimookiraasii ammayyaatiif bu'uura ta'e kan sirnoota darban keessa awwalamee ture deebi'ee akka dagaagu, aadaa, seenaa, hambaalee, afaaniifi artiin ummata Oromoo godinichaa akka dagaaguuf, safuu, duudhaa, tasgabbiifi nageenyi akkasumaas walitti dhufeenyi ummata Oromoo akkasumas sabootaafi sablammoota biyyattii jidduu jiru akka jabaatu gochuuf hojjatamaa tureera; hojjatamaas jira.

Qubsumaafi Hortee (Hidda Latiinsa) Oromoo Harargee

Gosoota Oromoo ilmaan Baareentummaa ta’anii Harargee keessa jiraatan keessaa ilmaan Anniyyaa (Humbannaa) tokko yoo ta’u, akkasuma guutuu Harargee Lixaa qabatanii kan argaman Ilmaan Murawwaa (Ituu) jedhamuun beekamu.Gosoonni kun dhuma jaarraa kudha lammaffaa duraa jalqabanii seera gadaa tokkoon Odaa Bultum jalatti waggoota dhibba hedduuf of bulchaa turuu isaanii seenaan ni ibsa.

Marawwaa (Ituu)n ilmaan lama qaba. Isaanis afran mana Ituufi shanan mana Baabboo yoo ta’u, ilmaan afran mana Ituu immoo Adaayyoo, Arroojjii, Waayyeefi Baayee yoo ta’an, ilmaan shanan mana Baabboo immoo Baabboo, Algaa, Galaan, Warraafi Gaamoodha.

Anniyyaa (Humbannas) ilmaan lama qaba. Isaanis sadan Sadachaafi Afran Kodhelleedha. Ilmaan sadan Sadachaa Baabboo, Malkaafi Danbee yoo ta’u, kan Afran Kodheellee immoo Biduu, Annaa, Maccaafi Kooyyeedha. Ilmaan Afran Qalloo immoo afran ilmaan Qalloo yemmuu ta’u, isaanis Oborraa, Baabbile, Daga fi Alaa jedhamu.

Haaluma kanaan ilmaan afran Qalloo keessaa Oborraan ilmaan afur qaba. Isaanis Dagaa, Akkichuu, Biliifi Dooranii yoo ta’u, ilmaan Baabbilee immoo Areelee, Heeban, Hawwiyyaafi Giriidha. Ilmaan Dagaa immoo Noolee, Jaarsoofi Huumee yemmuu ta’u, ilmaan Alaa’s Abbaadhoo, Abbayyii, Gutayyuu, Arrojjii, Nuunnuu, Goollo, Galaan, Buubbuu, Kaakkoo, Eree, Diiramuufi Meettaadha.

Ilmaan Oborraa keessaa Dagaan ilmaan sadi qaba. Isaanis Yaasaa, Booraniifi Mangaadhaa yoo ta’an, kan Akkichuu immoo Xaayeefi Gorbeedha. Kan Bilii Kuraafi Hinee yemmuu ta’u, ilmaan Dooranii immoo Yaasaa, Guutaa, Guttayyuufi Abbichuudha.

Ilmaan Baabbilee yemmuu ilaallu immoo Areeleen ilma tokko qaba. Innis Dooyyoo jedhama. Dooyyoos akkasuma ilma tokko qaba. Innis Hagaloodha. Ilmaan Heeban immoo Fagaroo, Goonaafi Baabboodha. Hawwiyyaanis ilmaan lama qaba. Isaanis Gundhabeefi Karaalee yoo ta’an, kan Girii immoo Waalee, Waajaroofi Lubaayaadha. Hagaloon ilma tokko qaba. Innis Maayaa yoo ta’u, Maayaan ilmaan torba qaba. Isaanis Alii, Usmaan, Boonayaa, Dooranii, Hagaloo,Tudhaafi Miyyiidha.

Ilmaan Daga keessaa Nooleen isa tokko yemmuu ta’u, innis ilmaan sadi qaba. Isaanis Haleelee, Muchaafi Ormoodha. Ilmaan Jaarsoo immoo Oromoo, Dawwaaroo, Dhangaa, Walaabuu, Warrasayfi Ogaa yemmuu ta’an, ilmaan Huumee’s kudha lama yoo ta’u, isaanis Sirgaalaa, Duudaa, WarraDaay, Badii, Oboo, Asaboo, Ibsoo, Onaayaa, Alii, Noolee, Guyyeefi Busadha.

Ilmaan Alaa keessaa Abbaadhoon isa tokko yemmuu ta’u, Abbaadhoon ilmaan sadi qaba. Isaanis Tuulama, Sirbaafi Kuraadha. Ilmaan Abbayyii immoo kodhallee, Amuumaa, Diiramuufi Sobaale yoo ta’an, kan Gutayyuu’s Yaasaa, Kuutaayee fi Gutayyuudha. Ilmaan Arroojjiin immoo ilmaan torba qaba. Ilmaan Arrooojjii kunis Sadeen Obootiifi afran Jamjam jedhamuun bakka lamatti qoodamu. Sadeen Oboo jalatti Bachoo, Balaalofi Doogu yoo ta’an, Afran Jamjam immoo Diimaa, Bonee, Waayyuufi Abbaadhoodha. Ilmaan Nuunnuu afur yoo ta’an, isaanis Baabboo, Jiddaa, Itayyaafi Biliidaadha. Kan Goollo immoo Maaruu, Hurratiifi Jiddaadha. Akkasuma Ilmaan Galaan Dambee, Iluufi Morowwaa yemmuu ta’an, kan Buubbuu immoo Aliimoo, Diramuufi Kutaayyeedha. Ilmaan Kaakoo immoo Hariroo, Dullachaa, Dhangaafi Adaanoo yoo ta’an, kan Eree Dooguu, Baaduufi Buraaqsaadha. Kan Diiramuu immoo Oyloo, Corroqoo, Abuunnifi Xubuu yoo ta’an, kan Meettaa Ariyaa, Buunnii, Daada, Ooyloo, Maaru, Hariroofi kuraa jedhamu.

Bara Ittiin Bulmaata Sirna Gadaa Raabaafi Doorii Oromoo Harargee

Bara sirna Gadaa kana keessatti abbootii Gadaa lakkoofsan heddu ta’anitu teessoo isaanii Odaa Bultum taasifachuun Oromoo Harargee bulchaa turan keessaa akka fakkeenyatti Abbaa Gadaa Jaarraa Mardiidaa (1193-1200), Roobaa Dhungataa (1201-1208), Roobaa Gaamoo (1209-1216), Roobaa Gobeellee (1217-1224), Dooyyoo Daarimuu (1225-1232)fi Harhar Hargaya (1232-1241) ksnneen eeramaniidha.

Haa ta’u malee lakkoofsi manaafi horii heddummaachaa dhufuu isaatiin gosoonni Oromoo Harargee kun lafa babal'ifachuuf gargar fagaatanii qubachuu eegalan. Akkaataa kanaan Oromoon Harargee afran Qalloofi Anniyyaa (Humbannaa) gara Bahaatti godaananii lafa bal’aa qabatanii jiraachuu eegalan. Iddoon qubatanii jiraatan kunis Odaa Bultum irraa baay’ee waan fagaateef sababa fageenya kanaan seeraafi bokkuu tokko jalatti buluun baay’ee ulfaataa dhufe. Rakkoo kana furuudhaaf gosoota Oromoo gara Bahaatti socho’anii qubatan keessaa tokko kan ta’e Oromoon Afran Qalloo jaarraa 18ffaa keessa konfidereshinii Afran Qalloo jedhamu hundeessun Sirna Gadaa mataa isaanii uummatanii ittiin of bulchuu jalqaban.

Sirni Gadaa ilmaan Afran Qalloo hundeeffatanii ittiin bulaa turan kun Raabaa Doorii jedhama. Teessoon Gadaa Raabaa Doorii afran qalloos Mooraa Fugug bakka Buluuloo jedhamtutti yemmuu ta’u, Buluuloon aanaa Qarsaa naannoo Magaalaa Waatar jedhamtu cinaatti argamti. Korri caffee gadaa Raabaa Doorii kunis walgahii isaa waggaa saddeet, saddeetiin iddoo kanatti gaggeeffataa tureera. Hirmaattonni kora caffee gadaa Raabaa Dooriis dhiibbaa tokko malee bilisaan yaada isaanii dabarfatu. Korri yaa’ii caffee kun gosa hunda walqixxummaan hirmaachisee nageenyaafi tasgabbii ummataa kabachiisaa tureera. Kanamalees, sababa bishaan dhugaatiifi lafa margaatiin walitti bu’iinsa gosa jidduutti uumamaa ture furmaata laachudhaan nageenya ummata jidduutti buusaa tureera. Sirni Gadaa kun aadaa, duudhaa, afaan, seenaafi amantiin saba Oromoo akka hin banne eegee dhaloota irraa dhalootatti akka dabru taasisuun guddina aadaafi eenyummaa Oromootiif gaheen gumaaachaa ture ol’aanaadha.

Akkasuma gosoonni Afran Qalloo hundi bulchiinsa Raabaa Doorii kan mataa ofii qabaachaa turan. Bulchiinsi kunis kora caffee Raabaa Doorii gosaatiin kan hogganamuudha. Korri gosaa kan rakkoolee xixiqqoo gosa jidduutti uumamtu furmaata laachuun nageenya hawaasaa eegsisu Raaba jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, rakkoole gurguddoo gosa jidduutti uumamtu ilaaluuf kan aangoo qabu kora caffee gadaa Doorii jedhama. Bulchiinsa gadaa Afran Qalloo keessatti qaamni aangoo guddaa qabu immoo Caffee Gadaati. Karaa biraatiin Raabni bulchiinsa Gadaa yoo ta’u, Dooriin immoo waraana Gadaati. Hojiin (gaheen) waraana doorii diina ummata irraa ittisee nageenya hawaasaa Oromoo eeguudha. Ajajaan waraana Doorii Abbaa Duulaa yemmuu ta’u, qaamni waraana labsuuf aangoo qabu Caffee Raabaa Dooriiti. Hoggantoonni Sirna Gadaa Raabaa Doorii karaa dimookiraasiitin ummataan filamanii waggaa saddeet, saddeetiin aangoo waliif dabarsaa biyya bulchaa turaniiru.

Gama birootiin immoo gosti Oromoo Anniyyaa jaarraa 18fa irraa eegalee Caffee Gadaatiin of bulchaa turuu isaanii seenaan manguddoota Oromoo irraa argame ni ibsa. Teessoon Caffee Gadaa Oromoo Anniyyaa Diida Anniyyaa ykn Burqaa Tirtiraa jedhama. Miseensonni hoggansa kora Caffee Gadaa Raabaafi Doorii akka ittaanutti dhiyaataniiru. Isaanis Abbaa Fugug (Abbaa Gadaa) Piresidaantii, Abbaa Bokkuu (Piresidaantii Ittaanaa), Abbaa Caffee (walitti qabaa koraa) Caffee, Abbaa Dubbii (Kan dubbii ykn dhimmoota uumaman akka murtii argataniif kora Caffeetiif dhiyeessuudha.

Abbaa Seeraa (innis nama heeraafi seera sirriitti beekuufi akkasumas heeraafi seera kana kora caffeetiif kan ibsuu yoo ta’u, abbaan Alangaa (dhimmoota uumameef murtii gitu kora Caffeetiif kan himuudha. Abbaan Duulaa immoo ajajaa waraanaati. Akkasuma Abbaan sa’aa immoo qabeenya isaanii kan to’atuudha. Hoggansi kora caffee kun aadaa, seenaa, afaaniifi safuu beekuufi akka hin tuqamne eeguuf dirqama guddaa kan qabuudha.

Walumaagalatti, sirni ittiin bulmaata sirna Gadaafi hortee ummata Oromoo Harargee muraasa keessa kan fudhanne kana fakkaata. Yeroo biraa haalota aadaafi duudhaa ummata godinichaa calaqqisiisan isin biraan ga'uuf yaalla jedha barreeffama kana qindeessee Gaazexaa Bariisaatiif kan erge Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Godina Harargee Bahaati.

Published in Aadaafi-Artii

Hiriirichi dheeratus tajaajilli kennamu si'aayaadha

Akkuman amaleeffadhe, Bitootessa 15 bara 2010 ganamumaan kutaa waajjira itti hojjedhuu ergan gahee booda dhimma hojiif jecha gara Waajjira Qajeelcha Dhimma Godaansaafi Lammummaa Itoophiyaa dhaqeen ture.

Ittiwaamamni waajjira kanaa Komishinii Poolisii Federaalaa ta’uufi gaheen mana hojii kanaa waraqaa eenyummaa daangaa ittiin darban (paaspoortii) baasuufi haaressuu ta’uu odeeffadheera.

Bakki argamsa waajjirichaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa ‘Lidataa’ jedhamu yoo ta’u, sa’aatii 3:30tti wayitan dallaa waajjirichaa bira gahu, namootni hoomaa awaannisaa fakkaatanii dhaabatu. Ga’eessotni, dardarootni, shamarraniifi dubartootni umriidhaan afurtamoota keessa ta’an hiriira dheeraa qabachuun dallaa waajjirichaa cinaa ijaajjaniiru.

Mooraa waajirichaa seenuuf hiriira qabachuun dirqama yoo ta’eyyuu dardaroonniifi shamarran qaruuxeen tokko tokko wayita miliquun of dursisiisan mul’atu. Baay’een isaanii waldaddarbatu. Qaamoleen keessummeessanis baay’ina namootaarraa kan ka’e warreen hiriiranii jiraniifi hiriiruuf sosocho’aniin, “Zor baluu!, wadazah nuu!, lamin tincacalachihu?” jechuun Amaariffaan ajaja kennu.

Jalqabarratti, namootni hiriiran kunneen akkuma dabareesaaniin karaa balbala maashinii ‘Pootoo Kooppii’ qabuun kan ol seenan yemmuu ta’u, waraqaa eenyummaa isaanii kaasisachuun gara kutaa ittaanutti qajeelu.

Baay'inni hojjettoota maashinii pootoo kooppiitiin hojjechaa keessummeessan afuri. Isaanis si'aayina guddaadhaan hojjetu waan ta’eef, namni dhimma dabareerratti rakkatu hinjiru. Garuu, qulqullinnisaa hanqina qaba.

Lammaffaarratti, namootni waraqaa eenyummaasaanii erga pootoo kooppii kaasisanii booda akkuma hiriira qabataniin gara kutaalee unki odeeffannoo dhuunfaa itti guutamu kennamuufi chaappaan godhamuu dhaqu.

Kutaaleen kunneen afur akka ta’an hubachuun danda’ameera. Lama iddootti paaspoortiin haaraa kennamuufi lama ammoo bakkatti haaressani jechuudha. Kutaaleen afranuu hanga sa’aatiin laaqanaa gahutti baay’ina namootaatiin dhiphataniiru.

Irra caalaan namoota kutaalee kanatti tajaajilamuuf ijaajjanii kanneen barumsa qabaniidha. Darbee darbee namootni dubbisuufi barreessuu hindandeenyes ni jiru.

Namoota dhimma godaansa seera qabeessaafi lammummaaf waajjirichatti argaman keessaa hedduunsaanii dargaggoota, keessumaa shamaran. Ta’us, namootni unka odeeffannoo dhuunfaa qarshii kudhaniin mooricha keessatti gurguramu bitatanii ofumaan guuttatan muraasa.

Afaan Amaaraafi Ingiliffaa waan rakkataniif, guuchisiifachuuf abbuma isaanitti dhufe kadhatu. Anillee namoota godinaalee Oromiyaa kanneen akka Arsii, Harargee Lixaa, Shawaa Kaabaafi Shawaa Kibba Lixaarraa dhufan 15f guutuufiin dirqama lammummaa koo bahachuuf yaaleera.

Dardarootni kunneen baay’isanii garaa nama nyaatu. Dubartootni daa’imasaanii dugdatti baattatanii wayita oliifi gadi fiigan ammoo haalaan nama mararu, gaddisiisu.

Unki odeeffannoon dhuunfaa itti guutamu sun garuu hangas mara rakkisaa ykn walxaxaa ta’ee miti. Akkan hubadhetti, dhuguma rakkoon afaanii ni jira, garuu namootni kunneen waanuma ulfaatu isaanitti fakkaateetu malee gariinsaanii ofumaan guuttachuu kan danda’aniidha.

Sadaffaan ammoo kutaa itti ashaaraa qubaa kennan ykn mallatteessan, suura ka’aniifi kaffaltii qarshii raawwataniidha. Kutaaleen kunniin iddoowwan guguddoo sadii kan qaban yoo ta’u, kutaalee xixiqqaa 12 of jalatti hammatu.

Iddoowwan kunneen baay’ee tasgabbii qabu. Sababiinsaas namootni dabareesaaniin hiriiranii waan seenaniif, tokko tokkoonsaanii teessuma qabachuun taa’u. Hojjettootni mallatteessisaniifi suura kaasan ariitiin waan hojjetaniif, yoo guddate nama tokko keessummeessuuf daqiiqaa shan fudhatu. Maashininiin itti gargaaramanis ammayyaawaa fakkaata. Kunimmoo tajaajila hawaasaa isaan kennaa jiran si’eesseera jechuudha.

Kutaadhuma kana keessatti balbalootni kaffaltiin itti raawwataman afur ni mul’atu. Namootni erga mallatteessaniifi suura ka’anii booda nagahee fudhachuuf gara balbaloota kanneeniitti qajeelu. Bakkichatti yoosuma nagahee fudhatanii kan bahaniidha malee kan rakkatan miti.

Dhumarratti, kutaalee odeeffannoo dhuunfaa, nagaheefi kooppii waraqaa eenyummaa itti kennamuudha. Kutaaleen kunneen paaspoortii kanneen qopheessaniidha. Iddoowwan kanneenittis dhimmi tursiisee rakkisu waan hinjirreef, yeroosuma kennanii bahuudha.

Guyyaafi sa’aatiin itti deebi’anii paaspoortii fudhatan hojjettoota kutaalee kanneeniin kan himamudha. Haala idileetiin paaspoortii haaraa argachuuf qarshii dhibba jaha kan gaafatuufi guyyaa sadii fudhatu yoo ta’u, hatattamaan ammoo argachuuf guyyaa tokkoofi walakkaa, akkasumas qarshii 900 kaffalchiisu ta’uu hubadheera.

Walumagalatti, adeemsi kenniinsa tajaajila waajjira dhimma godaansaafi lammummaa si’ataadha jechuun ni danda’ama. Gochisaanii gaariin kunis ashuu!, jabaadhaa! kan isaan jechisiisuudha. Garuu mooraasaa keessatti dhimmi afaanii keessumaa kan tajaajilamtoota Oromiyaa rakkisaa ta’uurra darbee yaaddessaa waan ta’eef furamuu qabaan dhaamsa kooti.

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Yaada
Page 1 of 2

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001819048
Har'a/TodayHar'a/Today4963
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3589
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week9628
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1819048

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.