Items filtered by date: Tuesday, 12 June 2018

Kubbaan miilaa ispoortiiwwan biyya keenyatti beekamoo ta'aniifi jaalatamummaa qaban keessaa hangafummaadhaan kan eeramu yoo ta'u, sadarkaan irratti argamu garuu hanga hangafummaasaa guddatee kan mul'atu miti.

Guddinni dinagdee biyyattii sochii ispoortii fiixaan baasuu dhabuunsaa sababiiwwan dadhabbina kubbaa miilaatiif eeraman keessaa isa tokko yoo ta'ellee, hundarra garuu oggansi federeeshinichaa tarkaanfii tokko fuulduratti butuu dhabuunsaa sababa olaanaa akka ta'e hunduu irratti waliigala.

Wayita ammaa sadarkaan kubbaa miilaa biyyattii akka ardii Afrikaattis ta'e addunyaatti qaaneffachisaa ta'ee itti fufuunsaa ammoo oggansa federeeshinichaa gaaffii keessa galchee jira. Kunimmoo kufaatii hamaa waan ta'eef guddina kubbaa miilaa biyyattii quucarsaa kan jiru ta'uusaa mul'isa jechuudha.

Addunyaarraa sadarkaa 142ffaa, Afrikaarraa ammoo sadarkaa 44ffaa qabachuun biyyoota muraasa of duuba gootee dhumarratti akka argamtu odeeffannoowwan 'FIFA fi CAF' toora weebsaayitiisaaniirratti yeroo yeroodhaan ifa godhanirraa hubachuun kan danda'amuudha.

Rakkoolee guddina kubbaa miilaa keessatti akka hinfuramneef wantoota akka sababaatti ka'an keessaa inni olaanaan, oggantoonnii federeeshina kubbaa miilaa durumarraa kaasanii tasgabbiidhaan gadi taa'uun waadaa mootummaafi ummanni isaanitti kenne hubannaadhaan bahatanii waan hinbeekneefidha.

Keessumattuu waggootan 27 darban keessatti wayita filannoon pirezidaantummaafi koree raawwachiiftuu federeeshinchaa dhihaatu wal ugguruuniifi kilabootni dirree dorgommii keessatti walitti bu'uun, akkasumsa abbaa seeraa waliin waljeequun amala badaa baramaa turedha.

Yeroo ammaas mul'ataa kan jiru diraamaa dhuma wal fakkaatudha. Haalli kun ammoo guddina ispoortii kubbaa miilaa biyya keenyaa quucarsuudhaan gareen kubbaa miilaafi kilaboonni wayita tapha biyyooleessaa taasifatan yeroomaan mo'amuudhaan gulaalaa ala akka ta'an taasiseera. Kunimmoo ummataafi mootummaa abdii kutachisaa kan jiru ta'uusaati jechuudha.

Kilaboonni liigii piriimeerifi liigii biyyaaleessaa sababii waldhabiinsi koree federeeshinichaa jiddutti uumamanirraa kan ka'e walmorkiiwwan sagantaasaanii eeggatanii akka hinadeemsifamne godheera. Kunis, yeroo gabaabaa keessatti bajeta isaanii fixuudhaan akka diigaman taasiseera; taphattoonnis bittinnaa'uun rakkoo hawaas-dinagdeef akka saaxilaman gochuu danda'eera.

Kana furuuf mootummaan ji'a Onkoloeessaa bara 2010 Koreen Federeeshina Kubbaa Miilaa Itoophiyaa haarofti akka filatamu qajeelcha baasuus ji'oota torba darbaniif wal unkuraa turuudhaan Dilbata darbee filannoonni pirezidaantummaafi koree raawwachiiftuu hojii adeemsifameera.

Filannoo magaalaa guddoo Afaar, Samaraatti adeemsifame kanatti bakka bu'aan Oromiyaa Obbo Isaayaas Jiraa Pirezidaantii Federeeshina Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta'uudhaan sagalee 78tiin filamaniiru.

Obbo Isaayaas umrii isaanii guutuu ispoortii waliin dhiheenyatti kan wal beekaniidha. Yeroo dargagummaasaanii ispoortii addaddaa keessatti hirmaachuudhaan manneen barumsaafi kilaboota adda addaatti bakka bu'uudhaan dorgomaa turaniiru.

Akkasumas naannoo Oromiyaatti leenjisaa dura adeemaafi pirezidaantii kilaboota adda addaa ta'uudhaan muuxannoo olaanaa akka qabanis seenaasaaniirraa hubachuun danda'ameera.

Kanarraa ka'uun rakkoolee guddina ispoortii kubbaa miilaa biyyaa keenyaa ni furu jedhamuun itti gaafatamummaan mootummaafi ummatarraa itti kennameera.

Koloneel Awal Abdurahamis Ittaanaa pirezidaantii federeeshinichaa ta'uun filamaniiru.

Koree raawachiiftu hojii federeeshinichaaf ammoo addee Soofiyaa Almaamu,Obbo Zarihun Qaqqaboo, Obbo Abbabaa Galaagaayi, Obbo Alimiraahi Mahaammad, Obbo Sawunat Bishaawu, Obbo Abduraazaaq Hassan, Obbo Ibraahim Mahaammad, Obbo Yooseef Tasfaayeefi Obbo Chaangaat Kooti waggootan afur dhufaniif tajaajila kennuuf filamaniiru.

Koreen haarawaa kunneen ispoortii kubbaa miilaa biyya keenyaa kan magaaloota adda addaafi naannooleetti adeemsifamaa jiran tasgabbeessuufi bu'aa qabeessa taasisuuf hojii guddaatu isaanirraa eegama.

Balballoommii Oduu

Tashoomaa Qadiidaatiin

 

Published in Ispoortii

Jaarraa 21fa kana keessa malaammaltummaan keessumaa biyyoota guddinarra jiranitti hammaataa waan dhufeef akka mootummaa shanaffaatti ilaalamaa jira.

Kunis, hannaafi saamicha qindaa’aa namoota dhuunfaafi gareetiin kan raawwatamu waan ta’eef, jireenya hawaasummaa kan jeequ, guddina dinagdee biyyaa kan quucarsu, sirna gabaa bilisaa kan balleessu, sirna ijaarsa dimokraasii kan quucarsuufi abdii ummata biyya tokkoo kan dukkaneessu waan ta’eefi.

Akka Itoophiyaattis gochi akkanaa yeroo yerootti tooftaasaa jijjiirrachuun biyyattiitti babal’achaa waan jiruuf, hatattamaan ittisuun murteessaa ta’uu Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad Roobii darbe Yaa’ii 4fa Walta’insa Farra Malaammaltummaarratti haasaa taasisaniin ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, malaammaltummaan hanna ykn saamicha qindaa’aa namoota dhuunfaafi gareetiin waajjiraalee mootummaa, mitmootummaa, dhaabbilee amantiifi kkf keessatti raawwatamuudha. Gocha kana hambisuuf ammoo kallattiilee garagaraatiin osoo hin dubbatamiin ykn hinbarsiifamiin hafee hinbeeku jedhaniiru.

Biyyoota Afrikaa keessaa gocha kanaan badaa maqaan isaanii kan hindhahamne 10 yoo ta’an, Itoophiyaan biyyoota kanneen keessatti ramadamuu dhabuunshee qaanessaadha jedhaniiru.

Kunimmoo biyyi keenya boolla hattootaafi saamtotaa ta’uushee kan mul’isu waan ta’eef, yeroo gabaabaa keessatti gocha kana maqsuun dirqama jedhaniiru. Kana gochuuf ammoo mootummaa dadhabaan akka hinhundeeffamne keessumaa miidiyaaleen hubannoo uumuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hundaa ol ammoo hojmaata mootummaa keessatti iftoominniifi ittigaafatamummaan dhibamuun gocha kana kan babal’isu waan ta’eef, miidiyaaleen seerota, dambiiwwaniifi qajeelfamoota mootummaan yeroodhaa yerootti baasu hordofanii hawaasa maraa barsiisuu akka qaban hubachiisaniiru. Kunimmoo hawaasni hattootaafi saamtota akka saaxilaniif kan haala mijeessu ta’uusaati jechuudha.

Kanaaf, miidiyaaleen yeroodhaa yerootti akka mootummaa shanaffaatti kan ilaalamaa jiru, gocha malaammaltummaa maqsuuf hojii hubannoo uumuu itti fufiinsaan kan hojjetu taanaan hattoottniifi saamtotni mataasaanii dhokfatanii qabeenya ummataa qisaasessaa jiran umurii dheerachuu kan danda’an mitii jedhaniiru.

Kanuma waliin ammoo aadaan boodatti hafaa hannaafi saamicha jajjabeessu akka hafuuf midiyaaleen hojii bal’aa hojjechuu qabu jechuun hubachiisaniiruu. Maatiinis naamusni daa’immanii gara gaariitti akka deemuuf dursanii irratti hojjechuu qabu jedhanii, barsiisotni amantiis barsiisa naamusa gaarii itti fufiinsaan kennuu qabu jedhaniiru.

Alberti Inistaayin, “Addunyaan kun kan isheen baddu namoota jallina hojjetaniin osoo hintaane namoota jarreen kana callisanii ilaalaniini” jedhan jechuun qaamolee gocha malaammaltummaa raawwatanirratti gareedhaan duuluun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Balballoommii Oduu

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Oduu biyya keessaa
Tuesday, 12 June 2018 22:16

Keellaa Fayyaa Arrabasaa Cifaaraa

Aanaan Jiddaafi gandoonnishii horsiisa looniitiin beekamu. Dur oggaa loon dhokkubsatan haamtuufi maarsashaa ibiddaan ho'isuun gubaa turre. Haadha ciniinsuun qabe dur sireedhaan baannee mana yaalaa geessuuf daandii dheeraa deemaa turre” jechuuni Gaazexaa Bariisaatti kan himan.

Har'a Waldaa Misooma Oromiyaatiin kiliniikni wal'aansa beeladaafi keellaan fayyaa dubartoota balbala keenyarratti nuu banamuunsaa daran nu gammachiise” kan jedhan Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Jiddaatti jiraataa ganda Arrabsaa Cifaaraa kan ta'an maanguddoo waggaa 62, Obbo Geetaachoo Dubreeti.

Saawwan 36fi hoolota hedduun qaba. Saawwan kanneen wal'aansifachuuf aanaa ollaa, Waacaalee oofnee dhaqaa turre. Har'a hojii WMOtiin loon otoo hintaane namatu du'aa ka'e. Hoolaa bishaan garaatti guduunfame ogeessa biraan gahuuf rakkataa turre. Kiliniikni kun dafee hojii eegaluu qaba” kan jedhan ammoo qonnaan bulaa Girmaa Argaawu.

Ogeettiin ekisteenshinii fayyaa Ganda Arrabsaa Cufaa, Dubree Birihaanee Waldee gamashiitiin ogummaa kanaan waggoota saglan darbaniif keellaa fayyaa biraa keessa tajaajilaa turuushii eertee, keellaan fayyaa WMOdhaan haala haaraadhaan ijaarame kun tattaaffii du'aatii haadholiifi daa'immanii hir'isuuf taasifamu keessatti shoora olaanaa akka qabu eertu.

Isheefi miiltoowwanshiis keellaa fayyaa ammayyaa meeshaaleen akka diilalleessaa, iddoo bilqaaxiin ittigatamuufi kutaan qorichaafaa guutamaniif kanatti haadholiifi daa'imaniif tajaajila barbaachisu kennuuf qophii ta'uu eertee, kutaan dubartoonni eddii da'anii booda aara itti galfatan ykn keessa turan dabalataan otoo jiraatee gaariidha jette.

Fedhiin haadholiin keellaawwan fayyaatti da'uuf qabanis daran dabalaa dhufuu muuxannooshii duriirraa ka'uun kan ibsitu ogeettiin fayyaa tun, tajaajilli kun caalaatti ummata bira akka gahuuf hanga humni danda'een keellaawwan fayyaa dabalataa otoo ijaaramanii misha ta'uu dubbatti.

Ogeessi Kiliniika Beeladaa Arrabsaa Cifaaraa, Doktar Taarikuu Garbaabaas kiliniikichi bakka jiraattota gandoonni hedduuf jiddugala ta'etti ijaaramuusaa eeranii, meeshaaleen hanga tokko dhiyaachuusaanii ibsu.

Kiliniikichi akka hojii eegaluuf meeshaaleen akka diilalleessaa, humni ibsaa, teermoo meetrii, meeshaaleen baqaqsanii hodhuufaan ittiin raawwatamuufi kkfn sadarkaasaa eeggatan akka guutamaniifiif kan gaafatan ogeessichi, guyyaatti hanga beeladoota 100 oliif tajaajila wal'aansaa kennuun akka danda'amu dubbatu. Talaallii ammoo hanga kuma tokkoofi 500tti kennuun ni danda'ama jedhaniiru.

WMOtti duraan garee hordoffiifi gamaggamaa, Obbo Hundee Xilaahun gamasaaniin, Aanaa Jiddaatti hojiin pirojektota adda addaa 37 qarshii miliyoona 32 geggeeffaa jiraachuu eeranii, ummanni naannawaa kuma 71 caalu kan fayyadamu ta'uu ibsaniiru.

Balballoommii Oduu

Charinnat Hundeessaatiin

 

Published in Oduu biyya keessaa

Akaakuuwwan shubbisaa godinootaafi magaalota Oromiyaa gara garaatiin dhihaatan hedduunsaanii adda adda. Kun immoo, wayaa aadaa isaan uffatanii shubbisanirraa kaasee hanga haala shubbisasaaniittis kan mul'atuudha. Inni tokko Eeboo harkatti qabatee yoo shubbisu kuun immoo shimala baatee akkasumas siinqee qabatatee shubbisa.

Nama takkaa dhimma kana argee hinbeekneef garuu agarsiifni kun kan ummata tokkoo hinfakkaatu. Ummata tokko keessatti akaakuuwwan shubbisaa adda addaa qabaachuun immoo qabeenya guddaa sabichaa kan agarsiisuudha.

Aadaafi aartii iddoorraa iddootti garaa garummaa qabu kana keessatti garuu tokkummaan yoomiyyuu cabuu hindandeenye tokko kan calaqqisu yemmuu ta'u, innis tokkummaa Oromummaati.

Yeroo ummanni Oromoo cunqursaa sirnoota gara garaa keessa ture sana aadaafi aartiin Oromoo dadhabaafi badaa dhufus, hangafootni Oromoo isaan Oromiyaa kibba bahaatti argaman ofiisaaniitii du'aafi baqachaa aadaa Oromoo tursiisuu danda'aniiru.

Torbee aadaafi aartii Oromiyaa achitti qopheessuun immoo ummata yeroo aadaa Oromoo agarsiisuun hafee Oromummaan yakka turetti aadaa sabichaa kunuunsee hadhaan ga'eef gahaa ta'uu baatus beekamtii kennuudha.

Caamsaa 22 kaasee hanga 26tti sagantaawwan gara garaatiin adeemsifamaa kan ture torbeen aadaa kun, barumsiifi muuxannoowwan heddu kan irraa argaman ta'uun ibsameera.

Sagantichi yeroo mootummaan gaaffii ummataa gama hundaan furuuf socho'aa jirutti qophaa'uunsaa kan adda isa taasisu ta'uu kan himan hooggantuun Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa, Aadde Loomii Badhoo, aadaan Oromoo immoo bu'ura tokkummaa ummatichaa ta'uu dubbatu.

Namoota aadaafi aartii Oromoo guddisuufi beeksisuu keessatti shoora qaban jajjabeessuufi beekamtii kennuunis namoota quuqama aadaafi aartii qaban baay'inaan horachuuf kan gargaaru ta'uus ni ibsu. Sagantichi baruumsaafi muuxannoo danuun kan irraa fudhatame ta'uus ni himu.

Namoota sirnicharratti beekamtii argatan lamaan keessaa isa tokko kan ta'e Artisti Tsaggaayee Dandanaa (Sayyoo), badhaasniifi beekamtiin argate wareegamtoota aadaafi sabasaaniitiif gatii lubbuu kanfalan kanneen akka Eebbisaa Addunyaafi Usmaayyoo Muusaafa'iif akka oolu dubbata.

Walaloo, shubbisa aadaafi ammayyaafi diraamaan godinootaafi magaalota Oromiyaa dorgomsiisaa kan ture sagantichi, magaalotni Naqamtee, Bishooftuufi godinni Gujii walduraa duubaan sadarkaa 1fa hamma 3fa bahaniiru.

Torbeen aadaafi aartii Oromiyaa bara dhufu keessummeessuuf immoo magaalaan Jimmaa carraa argatteerti.

Balballoommii Oduu

Bayyanaa Ibraahimiin

 

Published in Oduu biyya keessaa

Gaaffiilee ummataa deebisuuf oggantoonniifi miseensonni DhDUO sadarkaa sadarkaan jiran dammaqinaan hojjechuu akka qaban miseensi koree raawwachiistuu hojii dhaabbatichaa Obbo Tafarii Xiyyaaroo ibsan.

Akka isaan konfaransii miseensota dhaabbatichaa Godina Iluu Abbaa Booraatiif Magaalaa Mattuutti qophaa'erratti jedhanitti, tattaaffiin DhDUOn gaaffii ummataa deebisuuf taasisaa jiru akka milkaa'uuf oggantoonniifi miseensonni DhDUO sadarkaa sadarkaan jiran dammaqinaan hojjechuu qabu.

Gadifageenyaan haaromsamuudhaan rakkoolee gama bulchiinsa gaarii, misoomaafi kenniinsa tajaajilaatiin mul'atan furuuf tattaaffii taasifameen jijjiiramoonni onnachiisoon galmaa'aniiru.

Ta'us gama ittiquufiinsa ummataa mirkaneessuutiin hojiileen hafan akka jiran ibsaniiru.

Oggantoonniifi miseensonni DhDUO sadarkaa sadarkaan jiran gaaffii ummataa deebisuuf dursanii ofumasaaniitii gadifageenyaan haaromsamuudhaan miira tajaajilummaa gonfachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dhiyoo ta'anii garraamummaafi haqummaan tajaajiluuf yoomiyyuu caalaa tattaafachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Bulchaan Godina Iluu Abbaa Booraa, Obbo Namarraa Bulii gamasaaniin, barana haaromsa gadifageenyaatiin yaadota hawaasichaafi miseensota dhaabbatichaatiin dhufan bu'uura godhachuun oggantoota 92 kanneen rakkoo qaban ittigaafatamummaarraa akka ka'an taasifamuusaa ibsaniiru.

Haaromsi gaifagoon ittifufiinsaan hawaasicha hirmaachisuun akka adeemsisu eeranii, oggansi gaaffiilee ummataa dhaggeeffachuudhaan miira tajaajilummaatiin hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Gaaffiilee ijaarsa istaadiyoomii Iluu Abbaa Booraafi buufata qubannaa xayyaaraarratti ummanni kaase deebisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus beeksisaniiru.

Buufata xayyaaraa naannawichatti iajaaruuf hojiin qo'annoo geggeeffamaa jiraachuufi maallaqa ijaarsa istaadiyoomiif barbaachisu hirmaannaa ummataatiin walitti qabuu eegaluuf tattaafatamaa jiraachuu eeraniiru.

BOI



Published in Oduu biyya keessaa

Naannolee Itoophiyaan qabdu saglan keessaa Oromoofi Amaaraan baay'ina ummataatiinis ta'e bal'ina lafaatiin sadarkaa tokkoffaafi lammaffaarratti argamu.

Ummatni naannolee lamaanii hariiroo baroota dheeraa lakkoofsise waliin kan qaban yoo ta'u, adeemsa keessa hariiroonsaanii laafaa dhufe deebi'ee akka cimuuf sochiin taasifamaa jira.

Haaluma kanaan baranuma gareen jilaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatiin durfamu gara Naannoo Amaaraa, Magaalaa Baahir Daaritti imaluun dhimmoota hariiroo ummata lamaanii cimsanirratti mariin adeemsifamee ture.

Konfiraansiin hariiroo ummataa tokkoffaanis Yuunivarsitii Dabra Birihaanitti adeemsifamee kan ture yoo ta'u, kofiraansiin hariiroo ummataa lammaffaan ammoo torban darbe Yunivarsitii Jimmaatti adeemsifameera. Konfiraanisicharratti waraqaaleen qo'annoo hariiroo ummatoota lamaanii ibsan dhiyaatanii mariin irratti adeemsifameera.

Waraqaaleen qo'annoo hariiroo ummata Oromoofi Amaaraa jaarraa 16fa irraa kaasee jiru ibsan Yunivarsitiiwwan Wallaggaafi Dabra Maariqoosiin qophaa'uun konfiransicharratti dhiyaataniiru.

Ummatni naannolee lamaanii gama hawaasummaa, dinagdee, siyaasaa, daldalaa, aadaa, afaan, amantii, fuudhaafi heerumaatiin hariiroo baroota dheeraa lakkoofsise wajjummaan qaba. Ummatni naannolee lamaanii yeroo ongee walitti baqachaa akka tureefi darbee darbee ammoo walitti bu'aa akka ture ibsa waraqaan qo'annichaa.

Jaarraa 16fa hanga 1820tti ummatni Oromoo Laga Abbayyaa ce'ee aadaasaa babal'isaa ture. Jaarraa 19fa keessa ammoo saba Amaaraatu Laga Abbayyaa ce'ee aadaasaa babal'isaa ture. Jaarraa 17fa irraa jalqabee hariiroon ummata lamaanii fuudhaafi heerumaan cimaa dhufe.

Hariiroon kun dhimma siyaasaafi hawaasummaa kan of keessaa qabu ture. Hariiroon ummattoota lamaanii yeroo Lagni Abbayyaa guutu addaan citaa turee Jaarraa 20fa booda erga riqichi lagicharratti ijaaramee deebi'ee cimaa dhufe.

Akka aadaa Oromootti namni tokko dulloomee yeroo du'uuf jedhu maqaa isaa lafaaf kenna. Laficha ammoo mucaa isaatiif kenna. Kana irraa ka'uudhaan bakkeewwan Oromoon dur itti babal'atee ture maqaa Oromootiin waamama. Hariiroo afaaniin walqabatee tureenis ammayyuu jechoota tokko tokko waliin itti fayyadamaa jiru.

Hariiroon ummata lamaan gidduu ture garuu laafaa dhufe. Qo'annoowwan adeemsifamaa turanis afaaniifi aadaa ummatoota lamaaniirratti malee hariiroo isaanii cimsuurratti kan xiyyeeffatan hinturre.

Siyaasni biyyattiis hariiroon ummattoota lamaanii akka cimu kan deggeru hinturre. Haala kanaan hariiroon ummattoota lamaan gidduu ture laafaa dhufe, akka qo'annochi ibsutti.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Oromiyyaa, Doktar Nagarii Leencoo konfaransicharratti akka jedhanitti, ummatni Oromoofi Amaaraa hariiroo seena qabeessa baroota hedduu lakkoofsise wajjummaan qabu. Hariiroo ummattoota lamaanii cimsuun waliigaltee biyyaalessaa cimsuufis ni gargaara.

Ummattoonni lamaan fuudhaafi heerumaan walitti hidhamanii waliin jiraachaa akka turan seenaan ni ibsa kan jedhan Doktar Nagariin, hariiroo gaariin sabooota lamaan gidduu ture adeemsa keessa bifasaa geeddarachuudhaan jijjiiramaa dhufe.

Kunis ummttoota naannolee lammaniis ta'e biyyattii miidhaa tureera. Kanaafuu hayyoonni hariiroo gaarii ture sana deebisuuf qo'annoo seenaa ummattoota lamaaniirratti gadifageenyaan hojjechuun kan irraa eegamu ta'uu hubachiisu.

Biyya jechuun ummata. Hariiroo ummataa cimsuun ammoo cimina biyya tokkoo mirkaneessuudha. Hariiroon ummataa cimaan hinjiru taanaan nagaan hinjiru. Nagaan hinjiru taanaan ammoo misoomniifi hariiroo dippiloomaasii uumuun hindanda'amu. Qabeenya lafa keessaafi lafa irraattis fayyadamuu hindanda'amu. Hariiroon waljaalalaafi walkabajaan waliin jiraachuu ummattoota gidduutti cimee ittifufuu qaba. Kunis hariiroo garii ummata gidduu jiru cimsuudhaan kan dhugoomu ta'uu himu.

Doktar Nigusee Mitikkuu Naannoo Amaaraatti, Barreessaa Fooramii Dhaabbilee Barnootaa Olaanaa 10 yoo ta'an, hariiroon ummatoota lamaanii baroota dheeraa kan lakkoofsiseedha jedhu. “Ummattoonni lamaan daangaa, amantii, daldala, aadaa, afaan, fuudhaafi heerumaan hariiroo gaarii qabu. Ani dhaladhee kanan guddadhe Naannoo Amaaraa, Godina Goojjam Bahaa, Naannawaa Buree yoo ta'u, hariiroon Oromoo Wallaggaa waliin jiru cimaa ta'uu ijoollummaa kootii jalqabeen beeka” jedhu.

Maqaaleen bakkaa Goojjam keessa jiran hedduunis Afaan Oromootiin waamamu kan jedhan Doktar Niguseen, sanyiin ummattoota lamaaniis fuudhaafi heerumaan walmakuusaafi hiddi dhalootaa gara duubaatti yoo lakkaa'amu kan namoota baay'ee Oromoo ta'uu eeru. “Hiddi dhaloota koos duubatti yoo lakkaa'amu afraffaarratti Oromoodha” jedhu.

Akka Doktar Niguseen jedhanitti, waggoota 27n darban hariiroon ummata lamaan gidduu akka hinjirretti himamaa ture. Haata'u malee ammayyuu hariiroon ummata lamaan gidduu jiru cimaadha. Qo'annoon seenaa hariiroo ummattoota lamaanii agarsiisu akkanatti qophaa'ee dhiyaachuun ammoo faayidaa olaanaa qaba. Kanaafuu hayyoonni qo'annoo seenaa waliin jireenyaa ummattoota lamaanii agarsiisuufi barsiisu gara fuulduraattis itti fufanii hojjechuu akka qaban hubachiisu.

Pirezidaantiin Yunivarsitii Jimmaa pirofeesar Fiqiree Lammeessaa akka jedhanitti, egereen biyya tokkoo kan murtaa'u tokkummaa ummattoota biyyattiirratti. Ummanni biyyattii dhimmoota biyyaarratti tokko ta'uu qaba. Hariiroon ummata gidduu jirus cimuu qaba. Nageenyi bu'uura waan hundaa waan ta'eef adda addummaa keenya mariidhaan hiikuufi hariiroo keenya daran cimsuun barbaachisaadha.

Guddinaafi ijaarsa biyyattii milkeessuuf tokkummaan hojjechuu qabna kan jedhan pirezidaantichi, hojii hayyoonni qorannoorratti hundaa'uudhaan hariiroo ummataa cimsuuf taasisaa jiranis cimee itti fufuu akka qabu dubbatu.

Hariiroon ummata Oromoofi Amaataa baroota dheeraa lakkoofsiseefi adeemsa keessa laafee ture deebisanii cimsuun egeree misoomaa, nageenyaafi guddina dinagdee naannolees ta'e biyyattii mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabuuf cimee itti fufuu qaba.

Ta'uu baannaan garuu biyyattiin rakkoo uumamuun jijjiiramni biyyattii keessatti gama hundaan mul'achuu eegale duubatti deebi'uu danda'a.

Xiinxallii Oduu

Natsaannat Taaddasaatiin

 

 

Published in Oduu biyya keessaa
Tuesday, 12 June 2018 22:03

Baadimmeefi waliigaltee Aljersi

Itoophiyaafi Eertiraan waggoota 27 darbaniif guutummaatti nagaa argatanii hinbeekan. Guutummaattis waraana keessa kan hingalle, garuu ammoo walqoccollaafi waldoorsisaa hanga har’aa turuunsaanii kan beekamuudha.

Kanarraa kan ka’e xiinxalootni siyaasaa guutummaaatti nagaas; waraanas miti ('no peace no war') jechuun waamaa turaniiru. Kunimmoo sirna mootummaa biyyoota lameenii gidduutti garaagarummaa guddaa waan uumeef, lammiileen Itoophiyaafi Eertiraa baroota hedduuf waliin jiraataa turan osuma waljaalatanii dirqamaan walitti akka hindhufne dhorkamaa turaniiru. Kun hanga har’aattillee ittuma fufee jira.

Rakkoo kana furuuf Dhaabbanni Mootummoota Waltanii Mootummootni Walta'anii (DhBMW)yaaliiwwan adda addaa taasisaa turanis milkaa’uu hindandeenye. Kunimmoo baroota darban keessatti ejjennoon mootummoota lameenii abbummaa Baadimmeerratti qabaniin waldhiittaan waan tureef hariiroon Itoophiyaafi Eertiraa akka hinfuramne hanga har’aatti hudhee kan qabeedha.

Dhimmuma kana hundeerraa furuuf koreen raawwachiistuu hojii Adda Warraaqsa Dimokraasummaa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) Kibxata darbe walga’ii idileesaa gaggeeffateen, waliigalteen Aljersi Baadimmeen kan Eertiraa ta’uu murteesseefi daangaarratti murtee komishinii DhBMW dhimma daangaa biyyootaarratti hojjetuun waggoota digdama dura murteeffame guutummaatti fudhachuun hojiirra oolchuuf murteessuusaa beeksiseera.

Sababa kanaanis bal’inaan ibsa kan kenne yoo ta’u, “Ummattootni biyyoota lameenii faayidaa qofaan osoo hintaane dhiigaan waan walitti hidhamaniif mootummaan Itoophiyaa waliigaltee Aljersiifi murtee komishinichaa guutummaatti fudhatee hojiitti hiikuuf, akkasumas hojiirra oolmaasaa kutannoon kan hojjetu ta’uu ibseera.

Mootummaan Eertiraas ejjennoo Itoophiyaa fudhachuun yaada nagaa calaqqisiisuu akka qabu gaafatameera. Kanas yoo ibsu, “Mootummaan Eertiraas ejjennoo walfakkaatu fudhachuun haalduree tokko malee waamicha keenya gaarummaan ilaaluun hariiroo gaarii kanana ummattoota obboleewwan lamaan gidduu ture iddootti deebisuuf akkasumas hojiirra oolmaasaa shakkii tokko malee akka hojiirra oolu ni gaafanna!” kan jedhu ture.

Hariiroo biyyoota lameenii fooyyessuuf waggoota digdamman darban keessatti tattaaffiiwwan garagaraa taasifamanis osoo hinmilkaa’iin waan hafeef waliin jireenya lammiileerratti dhiibbaa guddaa uumaa tureera. Kana hambisuufis ejjennoo kanaan duraarra adeemsaafi tooftaa addaatu barbaachisa jechuun Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad ummata Itoophiyaaf ibsaniiru.

Yeroo hundumaa lammiilee daangaarra jiraatanirratti akka hintasgabboofne gochuun sodaaf isaan saaxileera. Waggoota digdamman darban keessatti dhiibbaa hawaas-dinagdeefi siyaasaa geessisaa tureera. Hariiroon biyyoota lameenii fooyya’uunsaa nagaafi tasgabbii biyyoota Afrikaa Bahaatiif furmaata waaraa ta’a” jechuunis hubachiisaniiru.

Murtee ADWUIn dabarse kana ilaalchisee paartiileen siyaasaafi hayyuuleen adda addaa yaada Gaazexaa Bariisaafi Addis Zamaniif kennaniin deggarsaafi sodaa qaban ni eeru.

Obbo Tigistuu Awwaluu dura taa’aa Paartii Andinnat yoo ta’an, waggoota digdamaa booda murteen akkasii darbuunsaa gaariidha jedhu. Keessumaa ejjennoon mootummaa Eertiraa ifatti kan beeksifamu taanaan tarkaanfichi hariiroo biyyoota lameenii sirnaan fooyyessuu danda’a. Kunimmoo baroota darban keessa hawwamaa kan tureedhaa jedhu.

Haa ta’u malee, ADWUIn marii ummataa malee akkuma tasaa walga’ii gaggeesseen lafa Baadimmee Eertiraaf dabarsuuf murteessuunsaa balaa qabaachuu danda’a jechuun sodaa qaban ibsu.

Kunis, waliigaltee Aljersirratti Komishiniin Dhimma Daangaa Biyyoota Addunyaa eegsisu ragaalee sirna kolonii bu’uureffachuun Baadimmeen kan Eertiraa ta’uu murteesse hanga har’aatti gama mootummaa Itoophiyaatiin mormiin taasifamaa tureera.

Ummatni laficharra jiraatu lammii Itoophiyaati. Fedhiin uammata kanaas daangaa Itoophiyaa keessatti qabamanii jiraachuu akka ta’e himamaa tureera jechuun ibsu.

Lafti kan Eertiraa yoo ta’e, lammiileen achirra jiraatan gara kamitti cituu akka danda’an sirnaan ilaaluun barbaachisaadha jedhu.

Kana gochuuf ammoo mootummaan Itoophiyaa yaadaafi fedhii ummataa bu’uureffachuun murteessaa ta’uu yaadachiisu. Ejjennoon mootummaa Eertiraas dhaabbii waan hinqabneef kallattii hundaan xiinxaluun hundarra fala ta’aa jedhu. Paartiileen siyaasaas gahee irraa eegamu bahachuu akka qaban gorsu.

Yunivarsiitii Maqalee kutaa saayinsii siyaasaatti Gargaaraan Pirofesaraa Marasaa Tsahaayi gaafdeebii Gaazexaa Addis Zaman waliin taasisaniin, waliigaltee Aljersi ilaalchisee duras ta’e Itoophiyaan fudhachuu kan didde murteessaa osoo hintaane adeemsa hojiirra oolmaasaati jechuun yaadatanii, ammas wanti haaraan kan hinuumamne ta’uu dubbatu.

Kunis, akkuma kanaan dura barame Itoophiyaan naannawichatti fedhii nagaafi tasgabbiin akka uumamu dabalataan waan barbaadduufi, jedhu.

Dhimmi murteessaan garuu murteen kun maaliif amma barbaadame kan jedhu yoo ta’u, wayita ammaa mootummaan Ameerikaa walitti bu’iinsi Itoo-Eertiraa yeroo kamirrayyuu caalaa furmaata akka argatuuf dhimmamuurratti akka argamu dubbatu. Kunimmoo fedhiin Ameerikaan Kaabaa, Ruusiyaafi Chaayinaan biyyoota Afrikaa bahaarratti qaban daran guddachuusaa kan mul’isuudha jedhu.

Kanaaf, hojiirra oolmaan murtichaa dhiibbaa biyyoota kanneeniitiin akka hintaaneef mootummaan eeggannoo guddaadhaann raawwachuu akka qabu yaadachiisu.

Kanas ta’e sana Itoophiyaan murtee hineegamne dabarsuun fedhii nageenya waaraatiif qabdu ifatti beeksifteetti. Kunis sababoota mootummaan Eertiraa tarreessaa tureef deebii quufsaa kan kenne ta’uunsaas amanameera.

Mootummaan Eertiraas ejjennoo walfakkaatu qabachuun deebii kennuu yoo dhabe kufaatiin siyaasa biyyoota lameeniirra dhaqqabuu akka danda’u hayyuuleen kunneen ni tilmaamu. Waliigalteerra geenyaan garuu waliin jireenyi ummattootaa hunda ol cimee kan itti fufuudha. Kan ta’uu qabus kanuma jedhan.

Balballoommii Oduu

Takkaallin Gabayyoo

Published in Oduu biyya keessaa

Addi Dimokraatawaa Oromoo (ADOn) Obbo Leencoo Lataatiin ogganamu eddii hundaa'ee waggoota muraasa lakkoofsiseera. Addichi waggoota kanneen keessatti qabsoo dimokraatawaa gochuuf tattaaffii olaanaa taasisaa akka tureefi jiruudha waltajiilee adda addaarratti ibsamaa kan jiru.

Tattaaffii karaa dimokraatawaa qabsaa'uuf taasisaa tureen haalli Itoophiyaa keessa ture mijataa ta’uu dhabuusaatiin hanga waggaa shaniitti biyya alaa keessa socho’uun hojiisaa hojjechaa guyyaa eeggachaa tureera.

Babal’achuu sassaabdummaa kiraafi rakkoo bulchiinsa gaarii waliin walqabatee haalli biyyittii waggoota sadiif raafama siyaasaa keessa kan ture yoo ta’u, haaromsa gadi fagoo taasifamaa tureen haalli mijataan ummata fayyadamaa taasisuufii paartiilee morkattootaa hawwatu karaa mootummaa diriiruusaan yeroo ammaatti biyyaatti deebi'ee karaa nagaatiin qabsaa'uuf tattaaffii taasisaa jira.

Gaafdeebii Gaazexaan Gaazexaan Bariisaa haala yeroo ammaa jilli ADO Obbo Leencoo Lataatiin durfamuufi gara Itoophiyaa dhuferratti miseensa Koree Raawwachiistuu Hojiifi Ittigaafatamaa Dhimma Jaarmayaafi Dubbii Himaa Jaarmayaa ADO, Doktar Bayaan Huseen Asoobaa waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Anaa dhufu! Baga gara biyya dhaloota keessaniitti deebitan! Erga biyyaa baatanii waggoota meeqa lakkoofsistan?

Doktar Bayaan: Baga nagaan nu eegdan! Erga dachee Oromiyaarraa fagaadhee waggoota 33 lakkoofsiseera. Kunoo guyyaan geenyaan har’a biyyatti deebi'eera. Aarris baasneerra.

Bariisaa: Isinis ta’e jilli keessan dur qabsoo hidhannoo ABO waliin turtan yeroo ammaa ammoo karaa dimokraatawaa qabsaahuuf maqaa ADOtiinn socho’aa jirtuutii ADOn yoom hundaa'e? Kaayyoon dhufuu keessaniis maalinni?

Doktar Bayaan: Erga maqaa ADOn qabsoo dimokiraatawaa eegallee waggoota shan lakkoofsisneerr. Haata’uutii kanaan dura gara biyyaatti dhufnee qabsoo keenya karaa dimokratawaan geggeessuuf haalli mijataan hinturre. Amma ammoo waamicha Itoophiyaa paartiilee maorkattootaatiif taasiseen dhufneerra.

Bariisaa: Gara Itoophiyaatitti wayita dhuftan maal galaaffatataniiti? Mootummaa Itoophiyaa wajjin akkamiin hojjettu?

Doktar Bayaan: Wanni addi keenya qabatee socho’u qabsoo sabdaneessaa Itoophiyaa keessatti daa’imummaarra jiru kana daran cimsuuf karaa dimokiraatawaa ta’een qabsaa'uuf kaayyeffannee sochoona.

Inni lammaffaan qabsoon keenya qabsoo hidhannoorraa bilisa ta’eefi karaa nagaa taasifamuudha.

Inni sadaffaan qabsoo dimokraatawaan taasisnu ija godhachuu kan danda'u biyya keessatti yoo qabsoofne ta’uu hubannee yeroo ammaa mootummaa Itoophiyaa waliin haasa’aa jirra.

Bariisaa: Simannaa mootummaa Itoophiyaatiin isiniif taasifame akkamiin ibsitu?

Doktar Bayaan: Itti gammadneerra. Fuuldurattis haala amma jalqabame kanaan yoo hojjetan jijjiiramni dhufuu danda'a.

Bariisaa: Paartiilee Oormoos ta'ee kanneen biroo wajjin hojjechuuf paartiin keessan hammam qophiidha?

Doktar Bayaan: Dhimmichi dhimma biyyaa hanga ta’etti kanneen nu waliin hojjechuuf fedhii qaban wajjin qindoofnee hojjechuuf duubatti hinjennu. Kana malees jaarmaayaalee Oromoo bakka bu’uun qabsaa'aa jiran waliin hiriirree jaarmiyaa Oromoo cimaa tokko ijaaruuf kutannoon qabnu olaanaadha.

Bariisaa: Biyya keessan akkamiin ilaaltaniree?

Doktar Bayaan: Kkkkkk biyya reefu seenna waan ta'eef sirriitti hinilaalle. Finfinneetti ummanni baay'ateera. Magaallattiinis jijjiiramteetti. Isa hafe ammoo xiqqoo turree itti deebina.

Bariisaa: Bulchiinsa haaromsaa kana akkamiin madaaltan mee?

Doktar Bayaaan: Jajjabeessaadha. Sochiin jalqabame kun cimee yoo ittifufe morkattootaafis ta’e hawaasa biyyattiif ijaarsi dimokraasii sabdaneessaa qabatamaan lafa qabachuu danda'a. Fedhiin keenyas kun akka dhugoomuudha.

Bariisaa: Yeroo keessan aarsaa gochuun gaafdeebii nuwaliin taasistaniif galatoomaa!

Doktar Bayaan: Gaazexaan Bariisaa seena qabeettiidha. Sochii taasisaa jirtan cimsaa ittifufaa. Ija ummataa ta’aa, horaa bulaa!

Waasihuun Takileetiin



Published in Siyaasa

Heeraaf amanamuudhaan dhaaba siyaasaa kam irraayyuu bilisa ta'ee sabootaafi sablammoota giddu-galeessa godhachuun daangaa biyyaa kabajchiisuufi nageenya mirkaneessuu, fedhiifi faayidaa ummataafi biyyattii kabachiisuun dirqama raayyaan ittisa biyyaati.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad Sanbata darbe hoggantoota raayyaa ittisa biyyaa waliin dhimmoota biyyaafi wayitawoo irratti mari'ataniiru.

Faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu, siyaasa, dinagdee, tekinoloojii, dippiloomaasiifi humna raayyaa qindeessuun birmadummaa biyyaa mirkaneessuuf raayyaan ittisaa gahee bakka bu’ummaa hinqabne qaba kan jedhan Doktar Abiyyi, fedhiifi faayidaa biyyaalessaa jechuun fedhii dantaa ummataa waan ta’eef, raayyaan ittisaa heera mootummaarraa madde qabatee fedhiifi faayidaa ummataaf kan hojjetu ta’uu akka qabu hubachiisu.

Seenaan hundeeffama mootummaa biyyoota tokko tokkoo akka mul'isutti, jaarraa 19fafi 20fa dura faayidaafi fedhiin biyyaa kan maddu karaa anga'oota adda addaafi dhaabbilee amantaatiin ture kan jedhan Doktar Abiyyi, fedhiifi faayidaan biyyaalessaa ammayyaawaan garuu ummata kan bu'uureffateedha. Ibsituun humna biyyoolessaa mul’ata nageenya, misoomaafi dimookiraasii milkeessuufi kabaja ummata biyya keenyaafi birmadummaa biyyaa kabachisuudha jedhan.

Haala qabatamaafi wayitaawaa ilaalcha keessa galchuun gara fuula duraatti raayyaan ittisaa keenya jijjiramuu qaba kan jedhan Doktar Abiyyi, ka’umsi rifoormii haala siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa biyyaafi miira ummataati jechuun dubbatu.

Yeroo dhiyoo asitti biyya keenya keessatti siyaasni keessaa tasgabbaa’uu dhabuun, rakkoon cimaa kan aggaamame ta’uu Doktar Abiyyi eeruun, mootummaan rakkoo ofii uume hiikuu hin danda’u hanga jedhamutti ga'us rakkoo uumame gara carraatti jijjiiruun tarkaanfii jijjiiramaa si'ataa fudhachuu abdii irra deebiin horachuun jijjiirama kana bal’isuuf haala mijataa uumeera jedhu.

Haaluma kanaan rifoormiin raayyaa ittisaa inni ijoon ogummaasaa guddisuuf akka ta’ee eeraniiru. Kana jechuun raayyichi gahumsa ogummaa gonfatee, miira itti gaafatamummaan kan socha’u ta’uu qaba. Kun yoo ta'eedha raayyaan ittisaa namuusaaf kan bitamuufi haala siyaasa yeroof salphaatti harka kan hin kenniine, akkasumas fedhiifi faayidaa ummataa kan kabachiisu ta’a. Ce’umsa aangoo dhiyeenya taasifametti naamuusa raayyaan ittisaa agarsiises ajaa'ibsiifataniiru. ogummaan akkanaa kun cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Humna raayyaa ittisaa cimsuun humna lafoofi qilleensa Afrikaa irraa biyyoota dursa qabatan waliin kan hiriirre ta’uu ibsanii, humna galaanarraas yeroo itti aanutti gabbifachuu qabna jedhaniiru.

Heerri mootummaa RFDI raayyaan ittisaa ibsituu sabaafi sablammootaa, siyaasa kamuu irraa bilisa ta’ee bulchiinsa siiviliifi heera mootummaaf abboome, ergama birmadummaa biyyaa kan kabachiise waan ta’eef, amala heera mootummaa eegee itti fufsiisuu qaba jedhu.

Kaayyoon raayyaa ittisa biyyaa inni ijoon ergama nageenya kabachiisuusaa ga'umsa olaanaan ba'achuun fedhiifi faayidaa ummataa kabajuu, akkasumas birmadummaafi kabaja biyyaa mirkaneessuu akka ta’e himu.

Walumaagalatti, humna, dandeettiifi ga'umsa raayyaa ittisa biyyaa cimsuun ummatniifi biyyattiin yaaddoo nageenyaa malee akka jiraattu taasisuufi sochiin jijjiiramaa biyyattii keessatti eegalame cimee akka itti fufu taasisuu keessatti gumaacha olaanaa qaba. Kanaafuu humna, dandeettiifi ga'umsa raayyaa ittisa biyyaa guddisuufi fooyyessuu barbaachisaadha.

Natsaannat Taaddasaatiin



Published in Siyaasa

Oggantoota DhDUOfi ADO wayita marii adeemsisanitti

Gareen jilaa Adda Dimokraatawaa Oromoo (ADO) miseensota shan qabu waamicha mootummaan Itoophiyaa taasiseef fudhachuun dhiyeenya kana gara biyaa dhufuunsaa ni yaadatama. Jilli kun karaa nagaafi dimokraatawaa ta'een qabsaa'uuf qaamolee mootummaa federaalaafi naannoo Oromiyaa waliin marii adeemsisaa jira.

Gareen jilichaa, Obbo Leencoo Lataatiin durfamu erga biyya seenee Ministira Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad waliin marii adeemsiseera. Addichi Dilbata darbe hoggantoota Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa (BMNO), DhDUO, abbootii Gadaa, maanguddoota, hayyoota yuunversiitiiwwan garagaraafi qeerroo waliin galma Wajjiira Pirezidaantii BMNOtti mari'ateera.

Dura taa’aa ittaanaa DhDUOfi Pirezidaantiin BMNO, Obbo Lammaa Magarsaa sirna marichaarratti akka jedhanitti, bilisummaa, mirkaneeffannaa abbaa biyyummaa, siyaas-dinagdee, hawaasummaa, dimookraasii, walqixxummaa, jaalalliifi obbolummaan wiirtuu qabsoo ummata Oromooti. “Bitaanis kori, mirgaanis kori walgeettiin kooruma” jedhee mammaaka Oromoon.

Galmi qabsaa’ota dhaabbilee siyaasaa Oromoo biyya keessaas ta’e alaa bilisummaa, walqixxummaa, dimokraasii, misooma, nageenya, fayyaa, qaroomina walumaagalatti fedhii, faayidaafi mirga ummata Oromoo eegsisuudha. Kaleessi seenaa gaariis ta'u gadhee galmeessee darbeera. Har’a ilaalchanis ta’ee gochaan gara boqonnaa haaratti ceeneerra jedhu.

Dukkanni kaleessaa, maraammartoon siyaasaa kaleessa keessa turre fedhiifi faayidaa ummata keenyaa quucarse. Nuti ilmaan abbaafi haadha tokkooti; ilmaan abbaa Gadaati. Ba’aa ummata keenyaa walgargaarree waliin baachuun dhaloota haaraa bor nu bakka bu’uuf bu’uura buufna. Dhaabbileen siyaasaa Oromoos walwaamuun waldhagahanii walitti dhufuu eegalaniiru. Kun ummata Oromootiif gammachuu guddaadha; injifannoo olaanaadha jedhu Obbo Lammaan.

Har’a bakka kaleessaa hinjirru. Qabsoo qabsaa’onni Oromoo hangafaa, qeerroofi qarreen taasisaa turan wareegama guddaa kaffalchiisus firii boonsaa argamsiiseera jechuun, bu'aawwan galmaa'aa jiran kunuunfachuun egeree Oromiyaafi Itoophiyaa haaraa murteessuuf taasifamaa jiru tumsuun barbaachisaa ta'uu eeru.
Bu’uuruma kanaan DhDUOfi ADOn miira obbolummaafi tokkummaatiin dhimmoota fedhiifi faayidaa ummatasaanii mirkaneessuuf gahee irraa eegamu bahachuu akka qaban yaadachiisu.

Dhaabbileen siyaasaa hafanis simatanii dhimma fedhii, faayidaafi tokkummaa ummata Oromoo cimsanirratti waliin hojjechuuf qophii ta'uu kan himan Obbo Lammaan, dirreen siyaasaa yeroo ammaa jirus kanaaf haala kan mijeesse ta'uu dubbatu.

Dura taa’aan ADO Obbo Leencoo Lataa gamasaaniitiin akka jedhanitti, kaayyoon dhufaatiisaanii aangoo barbaachaaf osoo hintaane siyaas-dinagdee Oromoo fuulduratti tarkaanfachiisuufi. Waamicha mootummaan taasiseef kabajuun sabasaanii waggoota dheeraaf irraa gargar ba'anii turanii waliin walarguusaaniitti gammaduusaaniis ni eeru.

Gara fuulduraatti ummata Oromoo hunda haasofsiisuuf qophaa’aa jiraachuus ni dubbatu. Dhaabbileen siyaasaa maqaa Oromootiin socho’aa jiran biroonis waamicha kana kabajuun dhufanii fedhiifi faayidaa ummata Oromoo mirkaneessuuf akka hojjetaniif dhaamuusaanii odeeffannoon Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa irraa arganne ni ibsa.

Walumaagalatti akkuma, “Namni mana tokko ijaaru, citaa walhinsaamu” jedhamu san dhaabbileen siyaasaa maqaa Oromootiin hundaa'anii biyya keessaafi alaa jiran hundinuu tokkummaadhaan fedhiifi faayidaa ummatichaa mirkaneessuuf hojjechuut irraa eegama. Mootummaan federaalaas ta'e naannichaa dirreen siyaasaa biyyattii kana caalaatti akka babal'atuuf hojiilee eegalan cimsanii ittifufsiisuu qabu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Published in Siyaasa
Page 1 of 2

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001817772
Har'a/TodayHar'a/Today3687
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3589
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week8352
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1817772

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.