Items filtered by date: Saturday, 07 July 2018

Obbo Dassaalany Waaqjiraa

Itoophiyaatti dhimmoota damee barnootaa yaaddessaa jiran keessaa tokko rakkoolee qulqullina barnootaatiin walqabatan ta’uu ogeessotni damee kanaa ni ibsu. Kunis, barnootni furtuufi si’eesssituu ummata biyyattii yoo ta’u, qulqullinaan yoo hinkennamnev labata dammaqaafi eenyummaasaa falmachuu hindandeenye uumuun rakkisaa waan ta’eefidha.

Akka Oromiyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf waggoota darban keessatti hojiileen hedduun hojjetamaa turaniyyuu guutummaatti furuun akka hindanda’amne Biiroon Barnoota Oromiyaa tibbana konfiransii barnootaa Magaalaa Adaamaatti gaggeesserratti ibseera. Kanaanis Oromiyaatti ammayyuu qulqullinni barnootaa rakkoo waan ta’eef kallattiiwwan bara egeree kaa’amuunsaanii eerameera.

Daarektarri qophiifi hojiirra oolmaa karoora biirichaa, Obbo Dassaalany Waaqjiraa sababoota mirkanaa’uu dhabuu qulqullina barnootaa konfiransicharratti dhiyeessaniin akka ibsanitti, wayita ammaa rakkoolee damee barnootaa keessatti mul’achaa jiran keessaa tokko mirkanaa’uu dhabuu qulqullina barnootaati. Naannoo Oromiyaa keessattis ammayyuu qulqullinni barnootaa haala yaaddessaarra jira jedhanii, kana furuuf Biiroon Barnoota Oromiyaa ciminaan hojjechaa tureera; bara dhufuuf kallattiiwwan kaa’amaniiru.

Haala kanaan sadarkaa gadii hanga oliitti hoggantoota ilaalchaan, gahumsaafi beekumsaan istaandaardii guutan ramaduun murteessaa ta’uus itti manameera jedhu. Kana waliinis barsiisota gahumsaafi dandeettii olaanaa qaban sirnaan qabachuufi mirgasaanii haalaan eeguunis yeroo kamuu caalaa barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Akka ibsa Obbo Dassaalanyitti, durumaa kaasee filannoon kaadhimamtoota barsiisotaa rakkoo waan qabuuf adeemsa keessa qulqullina barnootaarratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Kana sirreessuunis barbaachisaa waan ta’eef, adeemsa filmaata kaadhimamtoota barsiisotaa, dandeettii simannaa kolleejjotaafi jireenya leenjitootaa fooyyessuuf bal’inaan hojjechaa jirraa jedhaniiru. Kanaanis kaadhimamtoota barsiisota dubaraa doormii taa’anii akka leenji’aniif kallattiin taa’uusaa eeraniiru.

Akka guutuu Oromiyaatti manneen barnootaa kallattii hundaan istaandaardii gadi ta’anis fooyyessuun, leeccalloon guutuuf biiroonsaanii haalaan sochii taasisaa jiraachuu dubbataniiru. Kana waliinis manneen barnootaa marti manneen yaaliitiin, manneen kitaabaatiin, handhuura gabbisa barnootaafi kanneen birootiin guutuuf yeroo kamuu caalaa ciminaan hojjetamaa jira jedhu. Hoggansi barnootaa sadarkaa sadarkaan jirus kana hubachuun gahee isaarraa eegamu bahachuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Keessumaa ammoo damee barnootaa keessatti teknolojii qunnamtii odeeffannoo ('ICT') waliin walbaruun rakkisaa waan ta’eef, Oromiyaa keessaa barattootni komputara ijaan osoo hinargiin yunivarsiitiiwwan addaddaa seenan xiqqaa miti. Kunimmoo haala qabatama yeroo ammaa waliin yaaddessaa waan ta’eef, dhimma xiyyeeffannoo fedhu ta’uu yaadachiisaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa, Doktar Tolaa Bariisoos gamasaaniin, dhimmi qulqullina barnootaa dhimma qaama tokkoo qofa osoo hintaane hojii qindoominaan galma gahuu danda’uudha jedhu.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuun xiyyeeffannoo hoggansaasaanii ta’uu ibsanii, keessumaa ammoo ijaarsa geengoo qulqullina barnootaa ykn damee ummataa cimsuun murteessaadha. Kana waliinis hanqinoota hoggansa barnootaa keessa jiraniifi bajata waliin walqabatanii jiran furaa deemuun dhimmoota akka kallattiitti taa’an ta’uus eeraniiru.

Barnootni qulqullina qabu dhalootaaf daandii qaroomina argisiisa waan ta’eef, keessumaa gahumsaafi beekumsaan hogganamuu akka qabu xiyyeeffatameera jedhu. Gama kanaan hojiileen hanga ammaa hojjetaman jajjabeessoo ta’aniyyuu hanqinaaleen mul’achaa jiran heddu ta'uufi bara dhufu rakkoolee kanneen yeroo yerootti furaa deemuun ammoo akka kallattiitti kaa'amuusaa eeraniiru.

Balballoommii Oduu

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Oduu biyya keessaa

Sassaabbiin galii gibiraa bara bajataa 2011 Adoolessa 1 irraa eegalee kan itti fufu ta'uu Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa beeksise.

Daariktarri ittaanaan abbaa taayitichaa Obbo Girmaa Daadhii ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, sassaabbiin galii gibiraa bara bajataa 2011 Adoolessa 1 irraa jalqabee kan itti fufu ta'a. Kaffaltoonni gibiraa sadarkaa 'C' Adoolessa 1 hanga Qaammee 5 bara 2010tti kaffaltii gibiraa kan raawwatan yoo ta'u, kaffaltoonni gibiraa sadarkaa 'B' fi 'A' ammoo Fulbaana bara 2011 irraa eegalanii kan raawwatan ta'uu himaniiru.

Gibira yeroon kaffaluun adabbii jalaa kan nama baasuufi galiin mootummaa yeroodhaan akka sassaabamu taasisa kan jedhan Obbo Girmaan, kaffaltoonni gibiraa yeroodhaan raawwachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Abbaan taayitichaa bara bajataa 2011 galii idileetiin qarshii biliyoona 15, galii mana qopheessaatiin qarshii biliyoona 3.4 waliigalatti qarshii biliyoona 18.4 sassaabuudhaaf karoorfachuusaa himaniiru.

Bara 2010 galii idileetiin qarshii biliyoona 13.2 walitti qabuuf kan karoorse yoo ta'u, raawwiinsaa qarshii biliyoona 13.3 ta'eera. Galii mana qopheessaatiin qarshii biliyoona 2.9 walitti qabuuf karoorfachuun hanga kaleessaatti qarshii biliyoona 2.8 walitti qabuun kan danda'ame ta'uu ibsaniiru.

Daltdaltoota seeraan ala socho'uun gibira mootummaa waliin dhahaniifi dhoksan, akkasumas gibira yeroodhaan hinkaffalleefi adabbii itti murtaa'e kaffaluu didanirratti hojiin hordoffii taasifamaa tureera. Kanaanis qarshii miliyoona 200 walitti qabuun danda'ameera kan jedhan Obbo Girmaan, hojiin kun fuulduraattis cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Komii tilmaammii gibiraa irratti uumame furuudhaaf qajeelfamni kaffaltii gibiraa akka fooyya'u ta'eera jedhanii, koreen komii uumamuu danda'u furus hundaa'eeraa jedhaniiru.

Bara bajataa 2011 tilmaamni gibiraa haaraan kan hinjirre ta'uufi haalli komii kaffaltoota gibiraa ittiin furamus kan duraaniirra fooyya'aa ta'uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Published in Oduu biyya keessaa

Obbo Tasfaayee Taklahaymanot nama waggoota 20 darbaniif hojii ala ergii irratti bobba'anii jiruufi jireenyasaanii gaggeeffachaa jiran yemmuu ta'u, gama biraatiin immoo hojiiwwan qonnaa guguddaa irratti bobba'aniiru.

Buna, saliixaafi mi'eessitoota akaakuuwwan gara garaa alatti erguudhaan waggoota dheeraaf fayyadamaa kan turan Obbo Tasfaayeen, kanaanis lafa qonnaa bal'aa bitachuudhaan ofiisaaniitii saliixa omishaa gara alaatti ergaa turaniiru.

Hojiin isaan irratti bobba'an kun waggoota lamaan kana keessatti kisaaraa cimaaf kan isaan saaxilaa jiru yemmuu ta'u, waggootuma lamaan darbanitti doolaara Ameerikaa miiliyoona 46 ta'u kasaaruu dubbatu.

Keessattuu gatiin salixiifi bunaa biyya keessatti ittiin bitamaa jiru biyyoota birootiin yemmuu wal bira qabamu olaanaa ta'uu kan himan Obbo Tasfaayeen, gatii mi'aa kanarraa kan fayyadamaa jiru garuu qonnaan bulaa osoo hintaane faddaaltota gidduu qonnaan bulaa jiran ta'uu ibsu.

Sababa kanaan omishni ala ergii hir'achaa jiraachuusaatiin rakkoon sharafa alaa immoo hammaataa kan jiru ta'uus ni himu.

Rakkoon kun akka hiikkamuuf qaama mootummaatti iyyatanus hanga ammaatti deebiin isaan argatan kan hin jirre ta'uu himanii, kun immoo expoortaroota qofaa osoo hin taane yeroo ammaa mootummaas miidhaa kan jiru ta'uu ibsu.

Al ergiin baranaa isa bara darbeetiin yemmuu madaalamu caalmaa qabaachuu kan himan immoo Ministira Daldalaa, Obbo Malaakuu Allabali. isaanis haalli waggoota muraasaan as jiru hir'achaa dhufuu al ergii kan agarsiisu ta'uu dubbatu.

Hir'achaa dhufuu al ergiitiin walqabatee hanqinni sharafa alaas dabalaa dhufuusaafi kun immoo al ergitootni hedduu kisaaraadhaan hojii gadi lakkisaa jiraachuunsaaniis hidhata qabaachuu ibsu.

Mi'eessitootni, buni, saliixniifi sanyiiwwan quyyisaa biyyattiin gara alaatti ergitu gabaa addunyaa irratti hedduu kan barbaadaman ta'uu kan eeran Obbo Malaakuun, dhiheessiin jiru garuu hedduu gadi bu'aa kan jiru ta'uu dubbatu.

Kanaaf immoo faddaaltootni al ergitootaafi qonnaan bultoota gidduu jiran gatii qaalessaa jiraachuu komii al ergitootaa irraa dhagahamaa jiru dhugaa ta'us, wanti kun kan uumamu naannoo Dhaabbata Gabaa Omishaatti waan ta'eef kan qulqullaa'uu qabu akka ta'e dubbatu.

Falli jiru garuu qonnaan bultootni heddumminaan akka omishan gargaaruufi faddaaltota gidduu jiran to'achuu yemmuu ta'u, ministeerichi dhimma kana yeroo gabaabaa keessatti furuuf hojjachaa jiraachuus ni himu.

Al ergiin biyyattii inni baranaa doolaara biiliyoona sadii yemmuu ta'u, kan gara biyyaatti galfattu garuu doolaara biiliyoona 14 ta'uun ni yaadatama.

Balballoommii Oduu

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Oduu biyya keessaa

Obbo Darrasee Daawit, qonnaan bulaa Naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaarraa yeroo hedduu toora bilbila tolaa 8028 irratti bilbiluudhaan tajaajila gorsa qonnaa argachuun badhaafaman keessaa isaan tokko.

Qonnaan bulaan kun sagantaa marii paanaalii Kibxata darbe galma Barkumee Finfinneetti geggeeffamerratti akka Gaazexaa Bariisaatti himanitti, yeroo hedduu toora bilbila tolaa 8028 irratti bilbiluudhaan dhimma qonnaa irratti gorsaafi odeeffannoo salphaatti argachaa jiru. Qonnaan bultoonni naannawaa isaanii hedduun garuuu toora bilbila tolaa kanatti fayyadamuun gorsaafi odeeffannoo barbaachisaa argachaa kan hinjirre ta'uu dubbatu.

Obbo Xaayir Shuugoos Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii Lixaa, Aanaa Gadab Asaasaatti ogeessota toora bilbila tolaa 8028 irratti irra deddeebiidhaan bilbiluun badhaafamaniiru. Akka isaan jedhanitti, qonaan bulaan toora bilbila tolaa kanarraa tajaajila gorsa qonnaa argachuun faayidaa guddaa argachaa jira. Sagantaan kun qophii maasaa qopheessuu irraa hangaa sassaabbii omishaatti tajaajila gorsaa kan kennu yoo ta'u, tajaajilli kun yeroo gababaa keessattii qonnaan bulaa mara bira kan ga'uu danda'u waan ta'eef, bu'a qabeessa. Qonnaan bultoonni sagantaa kanatti fayyadamanis jijjiirama argisiisaa akka jiranidha kan himan.

Ministir De'eetaa Damee Misoomaa Qonnaa Ministeera Qonnaafi Qabeenyaa Beeyiladaa Doktar Iyyaasuu Abrahaa akka jedhanitti, qonnaa ceesisuu keessaa wiirtuun tajaajila gorsa qonnaa sarara tolaa 8028 gumaacha olaanaa argarsiisaa jira.

Gaaffii qonnaan bultootaa sadarkaan jirus deebisaa jira. Kana malees muuxannoowwan gaggarii hojiirra oolchuu, bakka weerarri dhukkubootaa midhaanii mudatutti ergaa gabaabaa erguudhaan ofeeggannoofi akeekkachiisa kennuun hojii omisha qonnaa fooyyessuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta'uu himu.

Hoji gaggeessaan Ejensii Ce'umsa Qonnaa Itoophiyaa, Doktar Kaaliid Bombaa maricharratti akka jedhanitti, ejensichi ittifayyadama teknolojiiwwan qonnaarratti gama 8028tiin qonnaan bulaaf odeeffannoo wayitaawaafi gorsa barbaachisu akka argatan taasisaa jiraachuu dubbatu.

Akka ragaan ejensicharraa argame mul'isutti, bara 2007 erga wiirtuun gorsa qonnaa toora bilbila tolaa 8028 hundeeffamee as wiirtichi bilbila miliyoona 30 kan keessumsiiseefi lakkoofsi bilbilaa miliyoona 3.6 galmaa'eera.

Balballoommii Oduu

Dabalaa Taaddasaatiin

Published in Oduu biyya keessaa

Sababa baduu ogeeyyota galaanaatiin Itoophiyaan doolaara 450 dhabde

Ogeeyyotni galaanaa Itoophiyaa doonii dhaabanii waan badaniif biyyattiin sharafa alaa doolaara 450 dhabuushii Abbaan Taayitaa Dhimma Maritaayimii Itoophiyaa ibse.

Sadarkaa biyyooleessaatti haala leenjitootni biyyattii carraa hojii argachuu danda'anirratti kaleessa qaamota dhimmi ilaalu waliin kan mari'ate abbaan taayitichaa, barana beekamtii ogeeyyotni biyyattii sadarkaa addunyaatti ittiin hojjachuu danda'an Gamtaa Awurooppaa irraa argamus baduun ogeeyyotaa yaaddessaa ta'uu ibseera.

Baduun ogeeyyotaa kun sharafa alaa biyyattiin argachuun maltu dhabamsiisuun alatti sababa namni tokko badeef carraa hojii lammiilee biroos cufaa jiraachuu kan himan daarikerri abbaa taayitichaa Obbo Mokonnon Abarraa, barana ogeeyyotni dhaabbilee doonii lama keessaa hojjatan 10 doonii dhaabanii waan badaniif hojjettootni 111 hojii irraa ari'amuusaanii dubbataniiru.

Hojii galii olaanaa argamsiisu osoo hojjatanuu doonii dhaabanii baduun biyya jibbuu ta'uufi kanarraa ka'uu Inistitiyuutiin Maritaayimiis leenjiisaa walakkaan addaan kutuuf dirqamuusaa ibsaniiru.

Ogeeyyotni 340 bara darbe eebbifamanis sababa maqaan ogeeyyota biyyattii badeef hanga ammaatti carraa hojii kan hin arganne ta'uu kan himan immoo barsiisaa Inistitiyuutii Maaritaayimii Injinar Admaasuu Yittaagasuu, itti fufiinsa leenjiirratti gaaffiin akka uumamu taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Yeroo ammaa inistitiyuutichi dhaabbata Ameerikaa 'YCF Group' jedhamuufi dooniiwwan kuma afur qabu waliin hojjachaa jiraachuusaa beekameera. Kanaanis carraan hojii uumamu bal'aa ta'uyyuu hojirraa baduun ogeeyyota biyyattii amantaa isaan dhabsiisaa kan jiru ta'uu ibsaniiru.

Sababuma kanaanis yeroo ammaa dhaabbileen doonii hedduu ogeeyyota Itoophiyaa mindeessuu addaan kutaa jiraachuu himaniiru.

Baay'ina ogeeyyota galaanaatiin sadarkaa duraarratti kan argamtu Filiippiinsi, waggaatti sharafa doolaara biliyoona 5.4 ta'u damicharraa kan argattu ta'uu ragaaleen ni mul'isu.

Bayyanaa Ibraahim

 

Published in Oduu biyya keessaa

Biqiltuu dhaabuun hojii tola oltummaan raawwatamu keessaa tokko

Oromiyaatti hojiin tola oltummaa ganna baranaa kaleessa eegalamuusaa Biiroon Dhimma Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa beeksise.

Biirichatti, Daarektarri Sosochii Hirmaannaafi Idileeffannaa Dargaggootaa Obbo Abraam Yitibaarak ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, akka Oromiyaatti hojiin tola uultummaa ganna baranaa kaleessa biqiltuu dhaabuufi dhiiga arjoomuun Godina Jimmaa, Aanaa Qarsaatti ifatti eegalameera.

Hojii tola ooltummaa baranaarratti dargaggoonni miliyoona afur akaakuu hojii ijoo 15 irratti bobba'uudhaan hawaasa miliyoona 15 fayyadamoo ni taasisu kan jedhan Obbo Abrahaam, hojiin kun maallaqa mootummaa miliyoona 100 ol baasiirraa kan baraaru ta'uus himaniiru.

Dargaggoonni fedhiifi ogummaa qabanii hojii tola ooltummaa kana irratti kan hirmaaatan ta'a kan jedhan daarektarichi, dargaggoonniifi qeerroon warraaqsa mirga ummata kabachiisuuf taasisaniin ijifannoo galmeessisan hojii misooma hawaasaa kana irrattis injifannoowwan caalaa galmeessisuuf tumsa barbaachisu akka taasisaniif dhaamaniiru.

Barumsa titooriyaalii kennuun, mana maanguddoota nama isaan gargaaru hinqabnee suphuun, namoota 'HIV/ Eedsii' waliin jiraatan kunuunsuu, dhiiga arjoomuufi kunuunsi qabeenya uumamaa hojiilee ijoo bara darbe bal'inaan raawwataman ta'uu Obbo Abrahaam himaniiru.

Natsaannat taaddasaatiin

Published in Oduu biyya keessaa

Doktar Abiyyiifi koree fala barbaadduu hawaasa Musliimaa

Manni Maree Dhimmoota Islaamummaafi Koreen Fala Barbaadduu Hawaasa Musliimaa marti karaa nagaatiin waliin hojjechuu akka qaban Ministirri Muummee Mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.

Ministirri muummeen kana kan ibsan Roobii darbe wayita waajjirasaaniitti gaggeessitoota amantii Islaamaa waliin mari’atanitti yoo ta’u, walitti bu’iinsota Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaafi Koree Fala Barbaadduu Hawaasa Musliimaa gidduu jiran furuuf koreen waliiniis hundaa’eera.

Doktar Abiyyi Ahmad waltajjii marichaarratti hubannoo kennaniin akka jedhanitti, qaamoleen lameenuu dhimmoota isaanii karaa nagaafi akkaataa barsiisa Islaamaatiin rakkoolee mudatan furuu qabu. Mootummaan dhimma amantii keessa waan hinseenneef, hindeggaru; hinmormus jechuun hubachiisaniiru. Kanaafis qaamoleen lameen walta’anii hojjennaan biyyasaaniifi lammiilee rakkataniif furmaata ta’uu danda’uu jedhaniiru.

Koreen waliinii qaamolee lameen gidduutti nageenya buusuuf hundaa’es gaaffiilee hawaasa Musliimaatiif furmaata waaraa fiduuf imaanaa kennameef akka bahatan abdiin qaba jedhaniiru.

Gaggeessitootni amantii kamuu waliigalteedhaan hojjechuu qabu jedhanii, garaagarummaa jiru ammoo mariidhaan hiikuun fala ta’uus yaadachiisaniiru.

Walittiqabaan koree waliinii Haji Umar Idiriis yaada kennaniin, gaaffiilee hawaasni Musliimaa kaasaa tureefi jiru deebisuuf qindoominaan hojjetanii jijjiirama barbaadamu kan fidan ta’uu dubbataniiru. Koreen hundaa’es ittigaafatamummaa guddaa kan qabu waan ta’eef, kana ammoo kutannoon ni hojjennaa jedhaniiru.

Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheh Mahammad Amiin Jamaal gamasaaniin akka jedhanitti, koreen waliinii hundaa’e rakkoolee kanaan dura turan sirreessuun gaaffiileen hawaasa Musliimaa akka deebi’an gochuu keessatti gahee guddaa qabaa jedhaniiru. Garaagarummaa jiranis mariidhaan akka furaman gochuufi kallattii kaa’uun, akkasumas dadammaqiinsa hafuuraafi hojiilee misoomaa hordoftootni amantichaa barbaadan cimsuuf qooda olaanaa qabaachuusaa eeraniiru. Tattaaffii Doktar Abiyyi Ahmad taasisaniifis galata qaban ibsaniiru.

Koreen waliinii hundaa’es miseensota sagal kan qabu yoo ta’u, hawaasni Musliimaa marti garaagarummaa qaban dhiphisuun walta’insaan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa cimaa akka ijaaraniif kan hojjetuudha.

Gama biraatiin Doktar Abiyyii Ahamad lammiilee Itoophiyaa Ameerikaa Kaabaa keessa jiraatan waliin marii’achuuf karoorri qabamuusaa Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise.

Kanaanis waltajjichi Adoolessa 21fi 22 bara 2010 Magaalaa Waashingitaniifi Loosaanjilasitti mataduree, “Masaraa jibbiinsaa diiguun riqicha jaalalaa ni ijaarra” jedhuun kan adeemsifamu ta’uun ibsameera.

Ministir De’eetaa Ministeera Dhimma Alaafi walitti qabduun yeroo koree waltajjii daaw'annichaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoo akka ibsanitti, waltajjii marichaarratti lammiileen Itoophiyaa kamuu gosaan, amantiin, siyaasaafi afaaniin osoo walhinqoodiin ni hirmaatu.

Kaayyoon waltajjichaas gaaffiilee kanaan dura lammiilee biyyattii biyya alaa jiraataniin ka’aa turaniif deebii kennuuf, akkasumas kallattii biyyattiin hordofuu qabdu eeruuf ta’uu himaniiru.

Kanuma waliinis waggoota digdamii shaniif waldhabdee abbootii amantii Ortodoksii Itoophiyaa gidduu ture furuuf koree jaarsolii biyyaa waliin ta'uun kan araarsan ta'uu beekameera.

Koreen waltajjicha qindeessus Itoophiyaafi Ameerikaa keessatti qophii gahaa godheeras jedhaniiru.

BOI



Published in Oduu biyya keessaa

Waggaa lama lamaan kan adeemsifamu taphni yunivarsiitiiwwan guutuu Afrikaa magaala Maqaleetti guyyoota shaniif adeemsifamaa ture kaleessa xumurame.

Taphiwwan guutuu yunivarsiiwwan Afrikaa kun ALA bara 1974 irraa kaasee kan jalaqabe yoo ta’u, kan baranaa dabalatee yeroo 9faf naannoo Tigiraayi magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa tureera.

Sababiin shaampiyoonaan kun itti geggeeffamuuf taphawwan guutuu yunivarsitiiwwan addunyaa bara 2018 Chaayinaatti geggeeffamurratti yunivarsiitiiwwan shaampiyoonaa ta'an Afrikaa bakka bu'anii akka hirmaatan gochuufi.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifameen Itoophiyaa dabalatee yunivarsiitiiwwan shantamii torba biyyoota Afrikaa 18 irraa baba’anakaakuuwwan ispoortii 10fi ispoortessitootni 980 hirmaachaa jiru.

Shaampiyoonaan kun Dilbata darbe kan eegalame yoo ta’u, har’a akaakuuwwan ispoortii addaddaa gaggeessuun kan xumuramu ta’uun hubatameera.

Itoophiyaarraa yunivarsiitiiwwan 11 kan hirmaatan yoo ta’u, biyyootni Afrikaa kanneen akka Naayijeeriyaa, Naamibiyaa, Zaambiyaa, Botiswaanaa, Seeraaliyoon, Ugaandaa, Senegaal, Kaameruun, Beeniin, Giinii Bisaawu, Afrikaa Kibbaa, Moorishesiifi Madagaaskaar hirmaataniiru.

Shaampiyoonichi adeemsifamaa kan jiru gosoota ispoortii kanneen akka kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, kubbaa harkaa, kubbaa kachoo, baadimantan, tenisa miinjalaa, atileetiksii, cheeziifi tekuwaandootinidha.

Taphiwwan hanga ammaatti adeemsifaman yoo ilaalamu dorgommii cheeziitiin dhiirotaan Yunivarsiitiin Finfinnee 1fa, Arbaa Minci 2fafi Yunivarsiitiin Maqalee 3fa bahaniiru. Dorgommii baadimantaniitti, dubaraan Yunivarsiitiin Kiristaan(kan Ugaandaa)fi Yunivarsiitiin Maqalee 1fafi 2fa yoo bahan, dhiiraan ammoo Yunivarsiitiin Seengaan(kan Gaanaa), Yunivarsiitiin Kiristaaniifi Yunivarsiitiin Moorishes tokkoffaadhaa hanga sadaffaa bahuun mo’ataniiru.

Fiigicha meetira kuma kudhaniin har’a dhiirota gidduutti adeemsifameen atileeti Suraaf Jamsi Yunivarsiitii Kiristaanirraa (Ugaandaa), Daani’eel Dooyyoo Yunivarsiitii Finfinneerraa, akkasumas Saadik Baatii Yunivarsiitii Kiristaanirraa tokkoffaa hanga sadaffaa bahaniiru.

Shaampiyoonaan tapha yunivarsiitiiwwan guutuu Afrikaa kun waggaa lamatti al tokko kan adeemsifamu ta’uyyuu sagantaansaa addaan ciccitaa ta’uu hubachuun danda’ameera. Itoophiyaan barana yeroo jalqabaaf kan hirmaatte yoo ta’u, kan qopheessites baranuma ta’uusaallee beekameera.

Sababiin shaampiyoonaan kun itti geggeeffamuuf taphawwan guutuu yunivarsitiiwwan addunyaa bara 2018 Chaayinaatti geggeeffamurratti dargaggoota ykn yunivarsitoota shaampiyoonaa ta'an Afrikaa bakka bu'anii akka hirmaataniifi.

Balballoommii Oduu

Tashoomaa Qadiidaatiin



Published in Ispoortii

Obbo Waaqwayyaa Toleeraa

Akka biyyaattis ta’u Oromiyaatti rakkooleen damee barnootaa keessa jiran hedduudha. Kanneen keessaa mirga barsiisotaa karaa guutuu ta’een deebisuu dhabuun hundaa ol qulqullina barnootaarratti dhiibbaa guddaa geessisaa tureera; yeroo ammaas hojiin baruu barsiisuu yaaddoo keessa akka seenu taasisaa jira. Rakkoon kun ammoo wayita ammaa Oromiyaa keessatti daran akka hammaatu ta’eera.

Kenniisi manaafi lafa jireenya barsiisotaa sadarkaa maaliirra akka jiruufi rakkoolee mudachaa jiran ilaalchisee Pirezidaantii Waldaa Barsiisota Oromiyaa Obbo Waaqwayyaa Toleeraa waliin tibbana turtii kan taasisne yoo ta’u, akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Mee maqaa keessaniifi gahee hojii keessanii nuuf ibsaa.

Obbo Waaqwayyaa: Maqaan koo Waaqwayyaa Toleeraa yoo ta’u, gaheen hojii koo Ittigaafatamaa Waldaa Barsiisota Oromiyaati.

Bariisaa: Gaaffiin lafa mana jireenya barsiisotaa erga ka’uu jalqabee oolee buleera. Hanga ammaatti hangamtu deebii aragate? Kan deebii hinaraganne hoo?

Obbo Waaqwayyaa: Dursa, wanti hubatamuu qabu yoo jiraate, ‘manni jireenya barsiisotaa waajjirasaanii isa lammaffaadha’. Kunis, barsiisaan ni karoorsa, isa karoorse ammoo mana barumsaa fiduun hojiirra oolcha, kan hojiirra oolche ammas gara mana jireenyaasaatti fudhatee sirrii ta’uufi dhiisuusaa mirkaneessa. Deebi’ee ammoo karoora baasuun hojiisaa eegala. Kunimmoo hojiin barsiisaa waggaa guutuu kan dhaabatu akka hintaane mul’isa.

Mootmmaanis ifaajii barsiisotaa kana hubachuun dambii sirna kenniisa manaafi lafa jireenya barsiisotaa 1083/2008 baaseera. Kanuma hojiirra oolchuuf ammoo qajeelfama raawwii 5/2009 qopheessuun barsiisotni mirga lafa mana jireenyaa akka argatan godheera.

Bariisaa: Qajeelfamni kun hojiirra erga oolee akka Oromiyaatti barsiisota hangamiitu lafa mana jireenyaa argate? Fedhiin jiru hoo?

Obbo Waaqwayyaa: Dhuguma dubbachuuf akka Oromiyaatti qajeelfama kana hojiirra oolchuuf tattaaffiin taasifamaa tureera. Hanga ammaatti barsiisotni 27fi 607 lafa mana jireenyaa argataniiru. Fedhiin jiru garuu kuma 126. Fedhii ykn karooraafi raawwii walbira qabnee yoo ilaalle baay’ee walirraa fagoodha. Kunimmoo barsiisotni lafa mana jireenyaa argachuu qaban ammallee osoo hinargatiin jiru jechuudha. Garuu jalqabiin jiru gaarii yoo ta’eyyuu raawwiinsaa duubatti harkifataadha.

Bariisaa: Qajeelfamni mana jireenya barsiisotaa bahuun erga hojiirra oolee guutummaatti ta’uu baateyyuu hanga kennamuu malu hinkennamiin jira. Kunimmoo gaaffii yeroo dheeraa barsiisotaa ta’uun yeroo addaddaatti gaafatamaa tureera. Hojiin baruu barsiisuus hanga addaan citutti gaheera. Waldaan keessan rakkoo kana akkamiin ilaala? Furmaatni hoo maali?

Obbo Waaqwayyaa: Nuyi, gama keenyaan rakkoo kana akka rakkoo damee barnootaatti fudhanna. Kana furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin jechuun Biiroo Barnoota Oromiyaa, Biiroo Misooma Magaalotaafi Manneenii, akkasumas caasaa godinaalee waliin marii’achaa turreerra; ammas waliin dubbachaa jirra.

Bariisaa: Erga waltajjii mariitiin waliigalteerra geessanii sababa maaliif duubatti harkifachuu danda’eree?

Obbo Waaqwayyaa: Gaaffii kana nutis akka gaaffiitti fudhachuun qaamolee dhimmi ilaallatu waliin adda baasuuf yaalleerra. Rakkooleen jiran gama lamaan ilaalamu. Tokkoffaa, bulchiinsi magaalotaas ta’e aanaaleen haalota mijataa osoo qabanii garuu barsiisotaaf lafa mana jireenya hinkenniin jiraachuusaaniiti. Kunis, hoggansi jiru xiyyeeffannoo kennuu dhabuun ykn birokiraasii baay’isuutiin ykn ammoo ilaalchaafi ejjennoo dulloomaa qabachuun duubatti akka harkifatu godhaniiru. Lammaffaa ammoo lafa mana jireenya barsiisotaa kennuuf fedhii osoo qabanii, garuu qonnaan bulaaf beenyaa gahaa kaffaluuf kanneen rakkataniidha. Kunimmoo aanaalee baadiyyaa Oromiyaatti kan mul’atu yoo ta’u, beenyaa kaffaluuf humnasaanii ol ta’uu argisiisa.

Bariisaa: Rakkoon bajataa jiraachuusaa barsiisotaaf hubannoo uumtan jiraa?

Obbo Waaqwayyaa: Eeyyee, iddoowwan addaddaatti si’a hedduu barsiisota waliin fuulaafi fuulatti marii’achaa turreerra. Kanaan durallee godinaalee Oromiyaa fagoorraa walqindeessuun gara waajjira keenyaatti dhiyaachuun iyyachaa turaniiru. Nuyis keessummeessaa turre. Hanga barbaadame ta’uu baatus qabsoo taasifameen barsiisotni muraasni lafa jireenyaa argachuu danda’aniiru. Obsaan eeggachuu akka qabanis hubannoo uumneerra.

Bariisaa: Rakkoo kana hundeerraa furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii’attaniittu. Kallattiin isin keessan maal fa’i?

Obbo Waaqwayyaa: Dhimmi lafa jireenya barsiisota haala qajeelfamaatiin raawwachuu akka qabu waliigalteerra gahamee ture. Bulchiinsi magaalotaafi aanoleen haala mijataa qaban ariitiin lafa mana jireenya barsiisota hanga Adoolessa 30 bara 2010tti kennuu akka qaban kallattiin taa’eera. Hanga yeroo jedhame kanaatti magaalotniifi aanoleen hinkenniin hafan garuu tarkaanfiin bulchiinsaa kan fudhatamu ta’uusaa kallattiin kaa’ameera. Kanneen beenyaa kaffaluu hindandeenye ammoo koreen tokko hundaa’uun furmaata barbaadaa jira. Akkuma xumuraniin kaabinee naannichaaf kan dhiyeessan ta’a.

Bariisaa: Sababa lafa mana jireenya barsiisotaan hojiin baruu barsiisuu addaan cituu qaba turee? Eenyutu itti gaafatama?

Obbo Waaqwayyaa: Dhuguma dubbachuuf yoo ta’e, hojii baruu barsiisuu dhaabuun sirrii hinturre. Barnoota kan barachaa jiru barattootadha; isaan ammoo daa’imman boru biyyattii gaggeessanidha. Sababa kanaan daa’imman barnootasaanii dhabuu hinqabani. Barnoota addaan kutuun fudhatama akka hinqabnes barsiisota waliin irratti waliigalleerra. Gochi akkasii lammaffaa deebi’uu hinqabu. Gaaffiin lafa jireenya barsiisotaa gaaffii mirgaa waan ta’eef, seeraan deebii argata. Qaamoleen hojiitti hiikuu dhiisanis seeraan kan gaafataman ta’a; tarkaanfii bulchiinsaas kan fudhatamu ta’uusaa mootummaan ibsaa tureera. Qaamoleen kunneenis qajeelfama cabsuu akka ta’e hubannoo qabu.

Bariisaa: Magaalotaafi aanaalee qajeelfama kenniisa manaafi lafa jireenya barsiisotaa hojiirra hinoolchine akka fakkeenyaatti eeruu dandeessuu?

Obbo Waaqwayaa: Eeyyee! Hanga ammaatti magaalotnis ta’e aanaaleen qajeelfama kana duubatti akka harkifatu gochaa jiran hedduudha. Fakkeenyaaf, Bulchiinsa Magaalaa Galaan, Duukam, Sabbataa, Godina Shawaa Kaabaa keessaa ammoo Alaltuufi kanneen biroo maqaa dhahuun ni danda’ama. Raawwiin Bulchiinsa Magaalota Adaamaa, Burraayyuu, Gabra Gurraachaa(Kuyyuu)fi Sandaafaa garuu jajjabeessaadha.

Bariisaa: Aanoleefi magaalota addaddaatti barsiisotni waldaatiin gurmaa’uuf fedhiin akka hinjirree dubbatamaa jira. Ka’umsi kanaa maali?

Obbo Waaqwayyaa: Barsiisotni gurmaa’uuf fedhii akka hinqabne ni beekna, garuu hinjajjabeessinu. Barsiisotni gurmaa’uu kan jibbaniif yaaddoorraa kan ka’eedha. Kunis, gurmaa’uutiin yoo lafa mana jireenyaa fudhatan akkawaan kaartaafi pilaanii yeroo gabaabaa keessatti fudhachuu hindandeenyeetti waan ilaalamuufidha. Kun garuu sirrii miti. Gurmaa’anii yoo fudhatan garuu carraa liqiifi bu’uuraalee misoomaa argachuuf salphaadha.

Bariisaa: Qaala'ina gatii lafaarrattis barsiisotni komii kaasaa jiru. Akkamiin ilaaltu?

Obbo Waaqwayyaa: Akka qajeelfama 5/2009tti barsiisotaaf lafti mana jireenyaa yoo kennamu istaandaardii magaalotaarratti hundaa’uunidha. Kunis, magaalota liiziin bulan keessatti ka’umsa gatii liiziifi bal’ina lafichaa waliin baay’isuun kaffalchiisuu akka qaban eerameera. Magaalota kiraayiitiin bulanirratti garuu gatii kiraayii lafaafi bal’ina lafichaa, akkasumas istaandaardii mana laficharratti ijaaramuu kaffalchiisuu akka qaban ifatti taa’eera. Kana jechuun ammoo gatiin kiraayii lafaa %10 yoo ta’u, gatiin istaandaardii manaa ammoo %10 walumatti %20 kaffaluu akka qaban kaa’ameera. Qajeelfama kanaa ala ol qabanii kaffalchiisuun bu’uura seeraa waan hinqabneef yakkadha; ni gaafachiisas.

Bariisaa: Bulchiinsa magaalotaafi aanaaleerraa maaltu eegama?

Obbo Waaqwayyaa: Lafa mana jireenya barsiisotaa haala qajeelfamaatiin kennuu dhiisuun qajeelfama mootummaa cabsuudha. Rakkooleen tokko tokko waan jiraniif adeemsa keessa furaa deemuun murteessaadha. Haalotni mijataa yoo hinjiraanne ammoo barsiisotaaf hubannoo kennanii tasgabbeessuun bu’aa qabeessadha. Hundarra ammoo mirga barsiisotaa eeguun qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo kennuu waan ta’eef, hatattamaan furuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Barsiisotni hoo maal gochuu qabu?

Obbo Waaqwayyaa: Sadarkaa kamittuu lafa mana jireenyaa argachuun salphaa miti. Adeemsi hoggansa sadarkaa gadiirra jirus rakkoo waan qabuuf, kana hubatanii qulqillina barnootaaf dhimmamuu qabu. Karaa nagaafi tasgabbii qabuun dirqamasaanii akkaa bahatan mirgasaanii kabachiifachuu danda’u. Waldaan Barsiisota Oromiyaas mirga barsiisotaa eegsisuuf yeroo kamuu tattaaffii walirraa hincitne kan taasisu ta’uusaa mirkaneessuun barbaada. Bara barnota dhufuufis dursanii yaada haaraatiin of qopheessuu qabu.

Bariisaa: Ibsa nuuf kennitaniif isin galateeffanna!

Obbo Waaqwayyaa: Isinis galatoomaa!

Takkaalliny Gabayyootiin

Published in Siyaasa
Saturday, 07 July 2018 19:08

Pirojektii kaafamtoota misoomaa

Qonnaan bulaan naannawa Finfinnee jiraatu yeroowwan dheeraaf sababa misoomaatiif qe'eesaarraa buqqa'aafi dhiibamaa tureera.

Yeroo q'eesaarraa buqqa'utti kanfaltiin madaalamaan kennamuufii dhabuudhaan waggoota muraasaan booda lafa dura gurguraterratti gamoo ijaarameef waardiyyaa ta'uuf dirqamaa ture.

Sababa kanaanis rakkoolee hawaas dinagdee hedduuf saaxilamaa kan ture yemmuu ta'u, yeroo dhihoon booda immoo qonnaan bultoota naannawa magaalattiitti misoomaaf kaafaman deebisanii dhaabuuf sochiin taasifamaa jira.

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti namoota sababa misoomaatiif kaafaman fayyadamoo taasisuuf pirojektii haaraa eegaluusaa bulchiinsi magaalatti ni ibsa.

Pirojektichi abbootii warraa misoomaaf kaafaman kuma shan fayyadamoo kan taasisu yemmuu ta'u, kunis komii kanaan dura ture hanga tokko ni fura jedhamee abdatama.

Bulchiinsi magaalichaa lakkoofsa kaafamtootaa adda baasuudhaan deebisee dhaabuuf qorannoo yeroo dheeraa fudhate taasisaa turuu kan himan kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Obbo Dirribaa Kumaa, bu'aa qorannichaarratti hundaa'uudhaanis sadarkaa sadarkaadhaan hojiin kaafamtoota misoomaa kanneen fayyadamaa taasisu kan hojjatamu ta'uu dubbatu.

Komii kaafamtoota misoomaatiin walqabatee ka'aa ture hundeedhaa furuufis ta'e pirojektotni isaan fayyaduu danda'u bal'inaan akka hojjatuuf qaamni ykn waajjirri of danda'e hundeeffamuusaas ni ibsu.

Akka ibsa Obbo Dirribaatti; waggoota 26n darban qofa keessatti sababa misooma naannawa magaalichaatiin walqabateen abbootiin warraa kumni jahaafi 553 iddoo dura turanirraa kan kaafaman yemmuu ta'u, lakkoofsi kunis maatiidhaan kuma 32 ta'a.

Ummata sababa misoomaatiin kaafame kana fayyadamaa taasisuus projektiiwwan gara garaa qophaa'aa turan keessaa immoo; pirojektii horsiisa lukkuu, furdisa loonii, misooma hoortii kaalcharii, daldala xixiqqaafi gamoowwan ijaaruun kireessanii fayyadamoo akka ta'aniif gargaaruuf dhakaan bu'uuraa Pirezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaafi Obbo Dirribaa Kumaatiin kaa'ameera.

Naannawa Galaanittis maatii qonnaan bultootaa misoomaaf kaafaman fayyadamoo taasisuuf ijaarsi aagroo indaastirii baatii saditti xumuramee hojiitti galu kan ijaaramu yemmuu ta'u, kanaanis rakkoon maatii kaafamtootaa dhiheenyatti ni fayyada jedhamee eeggama.

Kaafamtoota misoomaa kanneen fayyadamtummaa diinagdeetiin ala ijaarsa bu'uuraalee misoomaatiif qarshii miiliyoonni 420 ta'u ramadameera.

Pirojektichaan furdisni horii lafa heektaara 65 irratti, wiirtuuleen horsiisa lukkuu shan, wiirtuuwwan gabaa shan kan hammatame yemmuu ta'uu, dabalataanis oolmaan daa'immanii shaniifi manneen barnootaa shanis pirjeektichaan hammatamaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa qarshii miiliyoona 52 ramaduun qonnaan bultoota 2087f deeggarsa midhaan nyaataafi kanneen biroo kennaa jiraachuus Obbo Dirribaan ni ibsu.

Kaafamtoota misoomaa keessaa maatiin qonnaan bultoota hojjechuu danda'anii 1, 752 qarshii miiliyoona sagalii oliin gurmaa'anii hojjechaa kan jiran ta'uufi kanaanis qarshiin miiliyoona sadii qusachuusaanii ibsu.

Kaafamtoota misoomaa kanneeniif deeggarsa maallaqaa qofa osoo hintaane dhaabbiidhaan akka of danda'aniif yeroo ittaanuttis namoota 5,997f leenjii ogummaa garaa garaa kennuudhaan gara hojiitti galchuuf hojjatamaa jira.

Misooma waggoota kurnan lamaan darbanitti naannawa magaalattiitti babal'achaa turan investaroota gammachiisaafi qonnaan bultoota immoo boochisaa turuunsaa ni yaadatama. Haala kana jijjiiruun immoo dhimma filannoo hinqabne ta'uusaatiin jalqabbiin jiru jajjabeessaadha.

Walumaagalatti, misoomni kamiyyuu isa tokkoof gammachuu kaaniif immoo gadda ta'uu hinqabu. Qonnaan bulaa lafa abbaasaa irraa sababa misoomaatiif yeroowwan adda addaatti kaafamaa ture deebisanii dhaabuun mirga osoo hinta'in dirqama mootummaa ta'uu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

Published in Hawaasummaa
Page 1 of 2

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001642547
Har'a/TodayHar'a/Today3535
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4952
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1642547

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.