Qabsoon sassaabdummaa kiraarratti taasifamu bilchina gaafata Featured

03 Feb 2017

Kiraa sassaabdummaa hundeerraa gogsuuf hunduu ga’eessaa haa ba’u

Rakkoon sassaabdummaa kiraa adda durummaan qabsoo walirraa hincitne kan barbaadudha. Gochi sassaabdummaa kiraa muummee badhaadhinaatti kan ol butu yommuu ta’u, kaan ammoo hallayyaa qiliilee keessatti kan gad darbatuudha. Osoo hindadhabiniifi hindhama’iin karaa qaxxaamuraan qabeenya horachuuf fedhii fuggisoo dhala namaa keessatti waan uumuuf namni osoo dafqa xuruurfatee dhama’uu agabuu buluufi jireenya harkaa-afaanii gaggeessu daandii sassabdummaa kiraatti geessu soquunsaa waan hin oolle ta’a. Kun ammoo guddinaafi egeree biyya tokkoof balaa guddaadha.

Haa ta’u malee rakkoo hamaa kana dhabamsiisuuf qabsoon taasifamu ogummaafi bilchina akka barbaadu ogeessotni tokko tokko nihubachiisu. Kunis mallattoosaarratti xiyyeeffachuu caalaa sababasaarratti xiyyeeffachuun barbaachisaa akka ta’eedha ogeessonni kunneen kan dubbatani. Yunivarsiitii Madda Walaabuutti Hogganaa Karooraafi Bajataa kan ta’an Obbo Tasfaayee Balaay namoota yaada kana deggeran keessaa tokko. Akka isaan jedhanitti, Baalee ka’anii Finfinneetti walga’ii guyyaa lamaa hirmaachuuf durgoon guyyaa lamaa qofti ga’aa miti. Kunis durgoon kennamu kun yoo tole siree qofaa danda’a; kanaa achii ammoo baasii dabalataa gaafata. Kanaafuu, haalli qabatamaan jiru ilaalcha keessa galee walga’ii guyyaa lamaaf durgoo guyyaa shanii kennuun sassabdummaa kiraadha hinjedhamu jechuun sirrii miti.

Akka Obbo Tasfaayee jedhanitti, namni tokko uumamaanis ta’e jireenya hawaasummaa keessatti rakkoo isa mudateef hojiirraa hafuu yookiin guyyaafachuusaatiin ragaa amansisaafi qabatamaa yoo dhiyeessu taappeellaa sassaabdummaa kiraa itti maxxaansuun dura rakkoosaa qorachuun yookiin ragaa dhiyaate sirriitti ilaaluun barbaachisaadha. Haala qabatamaa amma jiruun garuu kun ta’aa waan jiruuf duula taasifamurratti gufuu guddaa uumaa jiraa jedhu.

Ittaanaan Pirezidaantii Akkaadaamii Yunivarsiitichaa Obbo Abdullaziiz Daawudis yaaduma kana deggaru. Akka isaan dubbatanitti, sassaabdummaan kiraa gufuu guddinaa ta’uurra darbee jiruufi jireenya hawaasaa waan dukkaneessuuf ogummaan irratti qabsaa’uun dirqama lammii hundaa ta’uu qaba. Biyyootni guddatan kuufama kaappitaalaa baroota dheeraa waan qabaniif tarii rakkoo kanarraa dandamachuu kan danda'an yommuu ta'u, biyyoota guddinarra jiran biyya keenya dabalatee gochi kun biyya mancaasuurra darbee guddina biyyaa daraaraatti kan gogsu ta'uu dubbatu. Kana waan ta’eef maddasaa adda baasuuf tooftaa qabsoo diriirsuun dhimma ijoo ta’uu qaba.

Hojjetaa Instituutii Hoggansa Hojii Itoophiyaa kan ta’an Obbo Takilaaymaanot Abarraa ammoo akka jedhanitti, hoggansi tokko sababa garaagaraa uumuun hojii idileesaa kan miidhu yoo ta’e hojjettoonni isa waliin jiranirratti rakkoo walfakkaatu dhimmi hincalaqqifneef hinjiru. Sababiinsaa duuka bu’aan dura bu’aasaa fakkaata waan ta’eefi. Kana malees, hoggansi galaana sassaabdummaa kiraa daaku hojjettoota rakkoo akkasii keessa jiran soroorsuuf ija jabinaafi kutannoo waan hinqabneef waajjiraalee tokko tokko keessatti rakkoon kun dhaadannoo qofa ta’ee hafa. Kanarraa kan ka’e sassaabdummaan kiraa hoggansa biratti mul’atu suuta gara hojjetaa gulantaa gadiitti hidda yaafachuun adeemsa keessa waajjiraalee dhaala.

Walumaagalatti, ilaalchiifi gochi sassaabdummaa kiraa jallina hanqaaqee jallina hora. Lammii qixa sirriin hojjetee bu’aa dhamaatiisaan bulu dirqisiisuun qabeenya karaa dalgaan abbootii taayitaa da’eeffachuun horatamuuf kakaasa. Mootummaafi hawaasa gidduutti shakkiifi jibba hamaas akka uumu ogeessonni kunneen irratti waliigalu. Lammii aantummaafi quuqama biyyaa qabu ajjeessuun lammii faayidaa dhuunfaa qofaaf carraaqu baay’isa. Kana waan ta’eef jechaa garasitti madda sassaabdummaa kiraa adda baasuu waliin tooftaalee sirrii diriirsuun dhimma yeroon gaafatu ta’eera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000341143
Har'a/TodayHar'a/Today1178
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1516
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week427
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month23088
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days341143

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.