Haaromsa gadifageenyaa: Mala daandii qaxxaamuraarraa gara milkaa'inaatti geessu Featured

18 Feb 2017

Hirmaattota waltajjii Magaalaa Sabbataa keessaa

Ummanni biyya keenyaa sirnoota bulchiinsa mootummaa adda addaa keessummeessaa turaniiru. Isa kaan dhiisnee kanuma yeroo dhiyoo yoo ilaallellee sirna abbaa lafaa, Dargii akkasumas sirna kan ammaa eeruun ni danda'ama.

Ammaan tana biyya bulchaa kan jiru, ADWUIn akkuma gama nageenyaafi misoomaatiin hojiilee lakkaa'amuu danda'an hojjete gama raawwachiisummaatiin hanqinni guddaan keessoosaa akka jiruudha kan himamu.

Addichifi mootummaan isaan ogganamus dhugaa kana hubachuun yeroowwan gara garaatti malawwan furmaataa adda addaa dhahaa turaniiru. Kanaan haaromsi addichi bara 1993/94 akkasumas haaromsi gadifagoon waggoota 15 booda ammaan tana adeemsifamaa jiru fakkeenyummaan kan eeramuudha.

Waltajjiin haaromsa gadifagoo Hagayya darbe sadarkaa ADWUIfi mootummaa Federaalaatti eegalamee hanga gadiitti adeemsifamaa jiru naannoleefi bulchiinsota maagaalaattis haala dhimmamtoota mara hirmaachiseen adeemsifamaa kan jiru yoo ta'u, naannoleen akka Oromiyaafaan ammoo adeemsicha xumuranii waltajjiin waliigalaa geggeeffamaa ture Dilbata darbe goolabameera.

Gaazexaan Bariisaas odeeffannoo waltajjiilee Bulchiinsa Magaalaa Sabbaataarraa argateefi burqaalee oduu adda addaarraa fudhate akka armaan gadiitti cuunfuun dubbistootasaatiif dhiyeesseera.

Waltajjii Magaalaa Sabbataatti taa'ame kan ogganan Ittaantuun Pirezidaantii Akkaadaamii Leenjii Oggansaafi miseensa raawwachiistuu hojii Dhaabbata Dimokiraasummaa Ummata Oromoo Aadde Asteer Maammoo akka ibsanitti, kaayyoon waltajjii kanaa haaromsa gadifagootiin jijjiirama dhufuu malan milkeessuudha. Sochiin haaromsaa kun hirmaannaa ummataatiin ala milkaa'uu akka hindandeenye dhaabbannisaaniifi mootummaan waliin ta'uudhaan hawaasa bira akka ga'uuf kan qophaa'e ta'uus ni addeessu. Kanaafis waltajjichi dhaabichaaf daran murteessaafi seenaqabeessa ta'uu eeru. Kunis, akka waliigalaatti keessumaa Oromiyaas ta'e akka biyyattiitti dhaabni biyya bulchaa jiru karaa qaxxaamuraarra jiraachuusaanii eeru. Qaxxaamura jechuun gara fuulduraatti, bitaa mirgatti, jidduutti dhaabachuufi duubatti deebi'uu kan of keessaa qabuudha jedhaniiru. “Kanaaf ammaan tana karaa qaxxaamuraa jidduurra jirra” jechuun Aadde Asteer ni ibsu.

Ittifufuunis, waggoota 25n darbanitti dhaabniifi mootummaan isaan ogganamu hojiilee misoomaa, bulchiinsa gaariifi ijaarsa sirna dimokraasii hojjetaa tureera jedhanii, bu'aa galmaa'e caalaatti cimsuuf sochiin haaromsaa kun akka barbaachise dubbatu. Haaromsa gadi fagoo kanaan ADWUI qofa otoo hintaane ummannis toora sirnichaa sirriitti hubachuun qaama haaromsichaa ta'uu akka qabus waamicha dhiyeessu.

Yaada ka'umsa mariitiif ta'u kan dhiyeessan Ogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa, Dr. Darajjee Guutaa gamasaaniin, maniin haaromsichaa inni ijoon hanqinaalee mudataa turan hiikaa ciminoota ammoo caalaatti cimsuun ummata wajjin taa'amee guddina dhufuu eegale haala duubatti deebi'uu hindandeenyeen hojjechuuf kan gargaaruudha. Kanaafis hariiroon mootummaafi ummataa iddoo olaanaa akka qabu hubatamuu qaba jedhu.

Haaromsa gadifagoo adeemsifame keessatti ummanni gaheesaa hubachuun irraa eegama. Hawaasni abbaa sirnichaa ta'uusaa hubatee guddina galmaa'aa jiru keessaa fayyadamaa ta'uuf hariiiroon mootummaa wajjin qabu daran cimuu qaba. Mootummaan hanqinoota mul'atanirraa ka'ee ummatasaa araarfachuu akka qabu hubatee sochii cimaa taasisaa jira jedhu Dr. Darajjeen. Tattaaffii ummanniifi mootummaan taasisaniin waggoota 15 darbanitti hojiilee ummata wajjin hojjetamaniin bu'aalee hedduun galmaa'aniiru. Kanaanis baadiyyaatti omishaafi omishtummaan dachaadhaan dabaluun qonnaan bultoonni hedduun miliyenaroota ta'uu danda'aniiru jedhu.

Sirna kana keessaa naannawawwan akka Sabbataafaa akka mandaraatti ilaalamaa turan gama hundaan guddina ajaa'ibsiisaa galmeessisaniiru. Tajaajiloonni geejibaafi hawaasummaas iddoowwan maratti babal'ataniiru. Aadaafi seenaan ummata Oromoo jaarraa tokkoo oliif cunqurfamaafi ukkaamamaa ture guddataa jira.

Hanqinaalee ofii haa qabaataniyyuu malee bu'uuraaleen misoomaa kanneen akka bishaanii, bilbilaa, daandiifi ibsaa faa jijjiiramoota qabatamoon galmaa'anidha.

Gama ijaarsa sirna dimokraasiitiinis jijjiiramoonni jiru. Ummanni abbaa aangoo ta'uusaa beekeera. Hanqina qabaatus gama bulchiinsa gaariifi nageenya mirkaneessuutiinis bu'aa olaanaan galmaa'eera. Bu'aaleen kunniinis toora misoomaafi ijaarsa sirna dimokraasii hordofaa jirruun akkasumas humnoonni misoomaa sadan jechuunis mootummaan, ummanniifi abbootiin qabeenyaa wajjummaan hojjechuurraa kan dhufeedha. Hawaasa gaafataa uumuunis danda'ameera jedhu.

Bu'aaleen hedduu yoo galmaa'anillee waantonni adeemsa kana qoraa turanis heddumminaan jiru kan jedhan Dr. Darajjeen, gaaffii ummataa deebisuurratti hanqinni akka mul'ate himu. Gaaffiilee dimokraasiifi bulchiinsa gaarii haala barbaadameen hiikuufi diriirsuu dadhabuun akka hanqinaatti kan fudhatamuudha jedhu.

Rakkoolee kanneeniif ammoo sababiin oggansi sadarkaa sadarkaadhaan jiru dhimma kana akka hanqinaatti fudhachuun hiikuuf tattaafachuu dhabuudha. Miira haaromsa gadi fagoo kanaan hariiroo ummataafi mootummaa jidduu ture bakkatti deebisuuf kan hojjetamu ta'uunis eerameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa, Obbo Laggasaa Nagawoo gamasaaniin milkaa'ina haaromsichaatiif ummanni magaalattii tumsa barbaachisu maraan mootummaa maddii akka hiriiru gaafataniiru.

Dogoggorootaafi hanqinoota uumamuu malan hunda haala ammayyaafi tasgabbaa'an sirreessuuf tattaafachuu akka barbaachisus ni dubbatu. Waltajjiilee marii garagaraarraa malee yaadonni akka galteetti gargaaran hedduun kan argaman ta'uu beeksisu.

Haaluma walfakkaatuun waltajjii xumura haaromsaa Magaalaa Shaashamanneetti taa'amerratti kan argaman Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa sosochiin haaromsaa ummata naannichaa hirmaachisuun oggansaa hanga hojjettoota mootummaatti sadarkaa sadarkaan geggeeffame bu'aa akka ta'e beeksisaniiru.

Akka ibsasaaniitti, mariilee adeemsifamaniin gaafiilee bulchiinsa gaariirratti waliigaltee wajjummaarra gahamuusaas kan eeran yoo ta'u, kallattiin furmaataas kaa'ameera.

Waltajjii Magaalaa Adaamaa jiraattota magaalattiifi Godina Shawaa Bahaa hirmaachiserratti kan argaman Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi miseensi koree raawwachiistuu hojii ADWUI Obbo Dirribaa Kumaa akka jedhanitti, waltajjiileen haaromsaa geggeeffaman madda komii ummataafi furmaatasaa addaan baasuuf kan gargaareedha.

Gama carraa hojii uumuutiin, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuutiin, misooma industiriitiin, bu'uuraalee misoomaatiin ijaarsa sirna dimokraasiifi haqaatiin hojiileen hedduu yoo hojjetamanillee boonsaa akka hintaanes eeraniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Aadde Adaanachi Abeebees gamasaaniin, ummata rakkoo bulchiinsa gaariitiin miidhame kiisuuf humna guutuudhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Konfiransii xumura haaromsaa qaamolee hawaasa Godina Shawaa Kaabaa hirmaachisuun Magaalaa Fiicheetti ta'amerratti, ummanni akkuma injifannoowwan gama hundaan waggoota 15n darbanitti galmaa'aniif gumaachaa ture hanqinoonni haaromsa gadi fageenyaan addaan bahan akka furamaniif hirmaannaasaa cimsee ittifufuu qaba kan jedhan ammoo Afyaa'ii Caffee Oromiyaa, Obbo Isheetuu Daseeti.

Jiraattonni waltajjiilee adda addarratti hirmaatanis haaromsi sadarkaalee mootummaafi dhaabaatti geggeeffame oggantootaafi raawwattoota ummata hiraarsaa turan akka addaan bahanii beekaman kan taasise ta'uu himanii, oggantoota jijjiiruufi bakkaa kaasuu qofti furmaata akka hintaanes dubbataniiru. Milkaa'ina haaromsichaatiif gumaacha kan taasisan ta'uus beeksisaniiru.

Keessumaa jiraattonni Magaalaa Sabbataa rakkooleen bishaan dhugaatii, humna ibsaa, kafaltiin beenyaa namoota sababa investimantiitiin lafa ofiirraa buqqa'aniif raawwatamu ga'aa ta'uu dhabuu, gabaasni sobaa, kenniinsi qabiyyee abbummaa lafaa, rakkoon hojii dhabummaa dargaggootaa, dhimmi guddinaafi xiyyeeffannaa afaaniifi aadaa Oromoo, mana jireenyaa, hanqinni ga'umsa oggansaa, kantiibonni ammaa amma jijijjiiramuufi kkfn dhimmoota furamuu qaban ta'uu addeessaniiru.

Godinaalee Oromiyaa 20fi magaalota 10 keessatti konfiransiin haaromsaa Dilbata darbe haala milkaa’aan xumuramuusaa ammoo kan ibse Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaati.

Biirichi ibsa xumura konfiransii haaromsaa ilaalchisuun Dilbatuma darbe kenneen, haaromsa gadi fagoo ummataa gaggeeffameen hudhaaleefi gufuuwwan qunnaman maqsuun hojiilee misoomaa, nageenyaafi dimokiraasii milkaa’inaan ittifufsiisuuf murteessaadha jechuun ibseera. Konfiransicharratti hirmaattonni sadarkaa hundatti karaa iftoominaafi dammaqinaan hirmaachuusaaniifi hudhaaleefi gufuuwwan mul’atan adda baasanii kaasuun kallattii furmaataarratti akka mariyatameedha kan ibsame.

Akka ibsichaatti, haaromsi gadi fagoo gaggeessitoota mootummaafi dhaabaa olaanoorraa eegalee hanga ummataatti sadarkaa sadarkaadhaan gaggeessuun hudhaalee sassaabdummaa kiraa, dhiphummaa, oftuulummaa, gosummaa, naannummaa, mankaraaressummaa amantiifi kkf adda baasuun kallattii dadhabsiisuufi maqsuun danda’aamurratti waliigalameera.

Kana malees tarkaanfiilee sirreeffamaa qaamolee imaanaa ummataa dagatanii fedhiifi faayidaa ofiitiif angoo ummataa fayyadamaa turanirratti tarkaanfiileen sirreessaa fudhatamaa turuunsaas marii hawaasaa kanarratti ibsamuunsaas eerameera.

Haaromsa kanaan xiiqiin rakkoolee kiraa sassaabdummaafi rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuuf uumame cimsanii ittifufsiisuun hudhaaleefi gufuuwwan mul’atan furuuf kaka’umsa amma uumameen deemuun barbaachisaadha jedhameera.

Charinnat Hundeessaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000474932
Har'a/TodayHar'a/Today688
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1636
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week7698
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month21033
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days474932

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.