Sirna federaalizimii garaarummaa keessatti tokkummaa cimse

29 Sep 2017

Biyya keenyatti, sirnoota mootummoota darbanii keessatti waa’ee eenyummaafi gaaffii mirgaa kaasuun yakka hamaa ture.

Biyya bulchuun saba tokko qofaaf Rabbiin kan kennameedha jedhamee amanamaa waan tureef gaaffiin aangoo gonkumaa kan yaadamu miti. “Samiin hinqotamu, mootiin hinhimatamu’’ jedhamaa waan tureef mootiin yakka barbaade yoo namarratti raawwate tole jedhanii fudhachuu malee carraan biraa hinturre.

Torban darbe guyyaan dimokraasii, addunyarratti yeroo 11faf biyya keenyatti ammoo yeroo 10faf wayita kabajametti sirna federaalizimii hojiirra oolchuun bu’aa argamerratti mariin taasifameera.

Komishinarri Ittaantuun Komishinii Mirga Namummaa Itoophiyaa, Aadde Hubaa Mahaammad waraqaa qorannoo dhiyeessaniin akka jedhanitti, akkuma addunyaattuu sirni federaalizimii xiyyeeffannoo guddaa kan argate dhuma jaarraa 20fa, xumura waraana ololaa ('cold war') booda. Kunis Waraanni Addunyaa 1fas ta’e 2fa olaantummaa argachuu taasifame bu’aasaarra miidhaansaa waan caaleef walkabajaafi walhubatanii waliin jiraachuuf sirni kun filatamaa ta’aa dhufe. Bu’uuruma kanaan biyyi keenyas waggoota 26 as sirna kanaan bulaa jirti.

Baroota dheeraaf haccuuccaan siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ummattoota biyya keenyarratti raawwatamaa tureen Itoophiyaan ummattootasheef mana adabaa turte jechuun ni danda’ama. Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataatti itti waamamaan mootummaa Obbo Mallas Xilaahuunis yaaduma kana cimsu.

Akka isaan jedhanitti, gaaffiin eenyummaa, walqixxummaafi misoomaa sirna kanaan deebii argachuun biyya kaleessa itti walnyaataa turametti tokkummaadhaan waliin jiraachuu danda’aniiru. Hudaa ol heerri ummata biyyattii bara 1987 tumame bu’uurrisaa nageenya, dimokraasiifi misooma ta’uunsaa tokkummaa cimsuurratti gahee guddaa taphateera.

Mana marichaatti walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Alaa Obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, haala hamaa bara 1987 dura tureen biyyi keenya bittinnaa’uu malee carraan waliin jiraachuu kan yaadamu miti. Har’a garuu sodaan sun hafee walkabajaafi waljaalalaan waliin jiraachuun danda’ameera.

Haa ta’u malee, ilaalcha naannummaafi biyyummaa walsimsiisanii deemuurratti hojjechuun barbaachisaadha. Kunis ilaalchi naannummaa qofti yoo olaantummaa fudhate dhimmi biyyaa irraanfatamuu waan maluuf. Naannoleen misooma dagaagsuun waldorgomuun gaarii ta’us aadaa waldeggaruus dagaagsuu qabu.

Walumaagalatti, sirni federaalizimii biyyattiin hacuuccaa sirnoota darbaniin dhaqqabaa tureen bittinnaa’uurraa baraaramtee aadaa, duudhaafi eenyummaa ofii qabatanii tokkummaan akka jiraatan taasiseera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000630636
Har'a/TodayHar'a/Today1720
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7543
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week10663
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month77367
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days630636

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.