Hariiroo dippilomaasii Itoophiyaa faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuuf

06 Oct 2017

Itoophiyaan biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa nagaafi tasgabbii qabduudha. Ofirra darbitees nageenya biyyoota birootiif waardiyyummaa dhaabchaa jirtuudha. Keessumaa jeequmsa Sudaan Kibbaafi Somaaliyaa tasgabbeessuun nageenyi waaraan naannawichatti akka dhufuuf gumaachi taasisaa jirtu akka fakkeenyaatti kan eeramuudha. Kunimmoo biyyattiin nageenya biyyootaa ollaasheetiifi naannawichaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaa qabdu kan argisiisuudha.

Itoophiyaan sochii hawaasdinagdeefi siyaasaa naannawichaa keessatti gumaacha qabdu kana baranas biyyoota ollaasheetiif xiyyeeffannaa addaa akka kennituudha karoorri Ministeera Dhimma Alaa kan mul'isu. Kunis hojiilee gama dippilomaasummaatiin hojjetaman keesatti biyyoota ollaatiif xiyyeeffannaa addaa kennitee kan hojjettu ta'uudha dubbii himaan ministiraa, Obbo Mallas Alam tibbana kan dubbatan.

Akka isaan jedhanitti, ergamni ministeerichaa hojiiwwan dippilomaasii milkeessuufi gama kanaan hojiileen biyyattiin bara darbe hojjetaa turtes milkaa'aafi bu'aa qabeessa.

Barana Itoophiyaan gama dioppilomaasii gamlameeniifi gama hedduutiin sochiin taasiftu cimee akka ittifufuuf qophii barbaachisaan taasifameera. Biyya kamittuu ka'umsiifi ga'umsi faayidaa dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa kan kabachiisuudha. Kanaaf faayidaa biyyaalessaa ummataafi mootummaa dhimmi kabachiisuu xiyyeeffannaa ijoo baranaati jedhan.

Keessattuu, hariiroon gamlameenii biyyoota biroo waliin qabdu akka cimuufi sadarkaa fooyya'aarra akka ga'u gochuudha. Kana malees, hawannaa invastimantii guddisuudha jedhu. Itoophiyaan sochii misoomaa olaanaa kan geggeessaa jirtu yoo ta'u, sochii kana kan deeggaru ammoo invastimantiin barbaachisaa waan ta'eef, hojiin invastimantii biyya keessatti hawachuu kan ministeerichaati.

Kanaaf kallattiilee xiyyeeffaannaa invastimantii ta'anii jiraniin hojiileen hawata invastimantii kan hojjetaman ta'uudha kan himan. Keessumaa, invastimantii manufaachariingiifi qonnaarratti akka xiyyeeffatamuudha kan ibsan. Akkasumas, gama ce'umsa teknolojiitiin teknolojiiwwan biyyoota sadarkaan guddinasaanii Itoophiyaan qixa tureefi yeroo ammaa guddina dinagdee fooyya'aa galmeessisan kanneen akka Kooriyaa, Chaayinaa, Turkii, Biraaziilfaa gargaaramuuf kan hojjetamuudha jedhu. Teknolojiiwwan biyyoota kanneenirraa biyyattiin barbaaddu teknolojiiwwan industiriiwwan ammayyeessaniifi jireenya hawaasaa foyyeessan walmadaalchisuun ittifayyadamuuf xiyyeeffannaan kannameera jedhan.

Dabalataan, Itoophiyaan lammiilee biyya alaa jiraatan miliyoona lamatti dhiyaatan kan qabdu yoo ta'u, xiyyeeffannaan baranaas hirmaannaa diyaaspooraa guddisuun isa tokko akka ta'eedha kan himan.

Akkasuma biyyattiin hariiroon biyyoota alaa waliin qabaattu walitti dhufeenya siyaasaa qofa waan hintaaneef, dippilomaasummaan dinagdee Itoophiyaaf wiirtuu ta'ee kan ittifufuudha jedhan.

Akka Obbo Mallasitti, hiriyaa filachuun danda'amus ollaa filachuun waan hindanda'amneef, xiyyeeffannaan biyyatti inni biraan biyyoota ollaati jedhu. Itoophiyaan naannawichatti qofaashee kan tasgabboofteefi misoomte taatee ittifufuu hindandeessu. Somaaliyaan hunkuramtee, siyaasi Sudaan Kibbaa boora'ee, rakkooleen keessoo biyyattii hinfuramin utuu jiruu, Itoophiyaan odola nageenyaa taatee qofaashee itti fufuu waan hindandeenyeef, gama dimokraasii, misoomaafi nageenyaan taasiftuuf haala mijataa uumuuf xiyyeeffanaan hariiroo biyyoota ollaatiif kennameera.

Kana jechuunis Sudaan Kibbaa nagaa akka taatuuf gaaddisa 'IGAD' jalatti hojiilee bal'aan hojjetamaa akka jiran, nageenya Somaaliyaa mirkaneessuu keessatti gahee ijoo kan qabu ijaarsa hawaas-dinagdee biyyattii deebisanii dhaabuu keessattis yaaliin gama Itoophiyaatiin eegalame akka jiru eeran.

Kanaaf hariiroon gama hundaa olloota waliin taasifamu nageenyiifi tasgabbiin akka jiraatu gochuuf qofa utuu hintaane, Itoophiyaan guddina dinagdeefi ijaarsa sirna dimokraasii galmeessisaa jirtu ittifufsiisuuf murteessaa akka ta'eedha kan himan.

Walumaagala, Itoophiyaan Gaanfa Afrikaatti gahee isheen gama hundaan qabaataa jirtu murteessaadha. Faayidaa mataasheetiifis ta'e, kan biyyoota ollaasheetiif gumaachisheen qabdu olaanaadha. Kunimmoo barana xiyyeeffannaa argatee socho'amaa jiraachuun naannawichatti gumaachi biyyattiin gama hawaas-dinagdeefi siyaasaatiin qabaattuufi faayidaa biyyaalessaa ummataafi mootummaa mirkaneessuuf tarsiimoo ijoodha.

Dabalaa Taaddasaatiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000619810
Har'a/TodayHar'a/Today3382
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday2978
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week25326
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month66541
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days619810

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.