Walqixxummaa saboota, sablammootaafi ummaattoota Itoophiyaa heeraan mirkanaa’e Featured

01 Dec 2017

Jilli aadaa Oromiyaa ayyaanicharratti agarsiisaswwan adda addaa qabatee dhiyaachuun dinqisiifannaa addaa gonfataa tureera

Biyyi keenyi waggoota hedduuf gita sirna bittaa jalatti buluun seenaa, afaan, aadaafi duudhaan saa awwaalamee hiyyummaafi doofummaa bara dheeraa keessatti kufee maqaa hiyyummaatiin waamamaa kan ture ta’uun yaadannoo yeroo dhiyoofi hunda keenyaati.

Haata’uutii, qabsoo hadhaawaa saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa godhaniin sirna gita bittaa nafxanyaa fonqolchuun walqixxummaan saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa akka dhufuuf wareegamni qaaliin erga ta’een booda injifannoowwan guguddoon galmaa’aniiru.

Hirmaannaa saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaan sanadni waliigaltee guddaan walqixxummaa sabootaa, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa gama hundaan gaaffii eenyummaa, mirga ofiin ofbulchuu, seenaa, afaan, amantii, aadaafi duudhaa saboota, sablammootaafi uummaattoota Itoophiyaa mirkaneessuu danda’u wixinee qopheessuun heera Itoophiyaa ta’ee Sadaasa 29 bara 1987 kan mirkanaa’eefi gaaffiin saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa deebii guutuu akka argatu taasifameera. Kanaaf, har’a heerri keenya erga mirkanaa’e waggaa 23 keessa kan jiru yoo ta’u, waggoota darbanitti injifannoowwan hedduun galmaa’aniiru.

Manni Maree Federeeshinii Rippablikii Dimokraatawaa Itoophiyaa Ebla 21 bara 1998 walgahii Idilee 2fa taa’een Sadaasa 29 guyyaa heerri itti mirkanaa’e ta’ee akka kabajamu murteessuun Guyyaan Saboota Sablammmootaafi Ummattoota Itoophiya waggaa waggaan kabajamaa jira.

Murteen kun yeroo darbus, saboonni, sablammoonniifi ummattoonni biyyittii aarsaa kaffaluun heera mirkaneeffataniifi mirga heericharraa argatanitti fayyadamuun biyya saboonni sablammoonniifi ummattoonni jaalalaafi tokkummaan keessa waliin jiraatan akka ta’u guyyaa itti mirkanaa’e yaadachuun kaayyoo ijoo kabaja ayyaanicha waggoota darban bifa ho’aafi itti fufiinsa qabuun naannolee adda addaatti kabajamaa tureeti.

Barbaachisumaan kabaja ayyaanichaas, ayyaanota baroota darban keessa kabajamanirraa saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa waliigalteen biyya tokkummaa dimokraatawaa taate uumuun qabeenya waliiniisaaniis cimsachuu ilaalchisee bu’aawwan guguddoon galmaa’aniiru. Kana malees, hubannoo heerarratti qaban sadarkaa biyyaafi naannoleetti waltajjiiwwan adda addaa gaggeeffamaniin sirna dimokraatawaa lafa qabsiisuuf bu’uurri heera ta’uufi wabiin heeraas lammiilee biyyittii hundaa ta’uu hubannoon akka uumamu taasifamaa tureera.

Akkasumas, kaayyoon ayyaanichaa inni ijoon biyyi keenya daandii haaromsaarra imaluun injifannoo galmeessiteef saboonniifi sablammoonni biyyittii injifannoo argataniin fayyadamummaasaanii mirkaneessaa Karoora Guddinaafi Tiraanisfoormeeshinii Marsaa 2fa qabameefi hidha haaromsaa guddichaa galmaan gahuuf kakuu haaraafi sochiiwwan adda addaa taasifamaniin deeggaramee haala ho’aadhaan akka kabajamuuf gumaachiifi deeggarsi naannoo keenyaas isa guddaafi olaanaa ture.

Akkasumas, biyyoonni sirna federaalawaa hordofan kanneen akka Kanaadaa, Amaarikaa, Jarman, Ruusiyaa, Hindi, Awustraaliyaa, Biraazil, Siwiizarlaandi, Beeljiyeem, Afrikaa Kibbaafi Naayjeeraan Itoophiyaan sirna federaalizimii akka hordoftuuf fakkeenya yoo ta’an, sirni federaalizimii sirna saboonniifi sablammoonni hedduun walta’iinsaafi heddumminarratti hundaa’uun tokkummaafi eenyummaan isaanii kan itti dagaaguufi tokkummaa heddummina waliin itti fufsiisaniidha.

Keessattuu, biyyoonni akka Ugaandaa, Naayjeeriyaafi Afrikaa Kibbaa sirna kana furmaata rakkoo ayidooloojii jiru godhachuun sirna bittaa booddee walqixxumaa saboota, sablammootaafi ummattootaa mirkaneessuun biyyoota fakkeenyummaa gaarii qabaniifi Itoophiyaafis fakkeenya ta’aniidha.

Haata’u malee, kabaja ayyaanichaatiin walqabatee nageenya amansiisaa, bulchiinsa gaariifi hojiiwwan misoomaa adda addaarraatti ummata bal’aa keessumaa dargaggootaa bu’a qabeessa taasisuurratti hojiin guddaan kan hafu waan ta’eef ciminaan irratti karoorfamee hojjetamuu kan qabu yoo ta’u, hojiiwwan kanneen ciminaafi itti fufiinsaan hojjechuun kan danda’amu yoo ta’e mootummaafi dhaaba cimaa uumuun misooma hawaas-dinagdee si'aayaa mirkaneessuun farreen nageenyaa dadhabsiisuun carraa misooma naannichaa jijjiiruun kan danda’amu ta’uu hubachuun nama hinrakkisu.

Waggoota darban keessa, guyyaan saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa Mootummoota Naannolee saglan dabalatee bulchiinsota magaalaa lamatti waggaa waggaadhaan sirna adda ta’een akka kabajamu Manni Maree Federeshinii Ebla 21 bara 1998 erga murteessee as ayyaanichi eessa eessatti kabajame? Dhaadannoo ykn Hoggannoon qabate maal ture? Gaaffii jedhuuf gabaabsee isin yaadachiisuun barbaada:

  • Bara 1999 qopheessummaa Mana Maree Federeeshiniitiin dhaadannoo, ‘Kakuun Heera Keenyaa Mallattoo Waliin Jiraachuu Keenyaati’ jedhuun yeroo jalqabaatiif magaalaa gudditti Itoophiyaafi Oromiyaa, Finfinneetti kabajame.

  • Bara 2000 immoo Ayyaana Barkumee biyyittii waliin walqabsiisuun dhaadannoo, ‘Garaagarummaan keenya miidhagina keenya; Miidhaginni Keenya Tokkummaa Keenya’ jedhuun Naannoo Ummattoota Kibbaa Magaalaa Hawaasaatti kabajame.

  • Bara 2001 dhaadannoo, ‘Tokkummaa Dimokiraasummaa Keenyaa Cimsuun Misooma Keenya Itti Haa Fufsiifnu’ jedhuun Oromiyaa, Magaalaa Adaamaatti kabajame.

  • Ittifufinsaan bara 2002 ‘Waldanda’uun Tokkummaa Diimokiraasiifi Misoomaatiif’ dhaadannoo jedhuun Naannolee ollaa Itoophiyaa Bahaa (Oromiyaa, Affaar, Harar, Somaalee Itoophiyaafi Dirree Dhawaadhaan) magaalaa Dirree Dhawaatti kabajame.

  • Haaluma walfakkaatuun, bara 2003 konfiraansii Federaaliizimii addunyaa biyyi keenya marsaa 5faf qopheessite waliin walqabsiisuun maatduree, ‘Harka Walqabannee Haaromsa Itoophiyaa Sadarkaa Duubatti Hindeebinerraan Ni Geenya’ jedhuun Finfinneetti kabajame.

  • Bara 2004 dhaadannoo, ‘Heerri Keenya Heddummina Keenyaaf; Tokkummaafi Haaromsa Keenyaaf’ jedhuun Naannoo Tigraay, Magaalaa Maqaleetti kabajame.

  • Bara 2005 immoo ‘Mul’ata Mallasiin Heera Mootummaa keenyaaf Haaromsa Keenyaaf’ dhaadannoo jedhuun Naannoo Amaaraa, Magaalaa Baahirdaaritti kabajame.

  • Bara 2006 marsaa mataduree, ‘Heerri Mootummaa Keenya Haaromsa Keenyaaf’ jedhuun Naannoo Soomalee Itoophiyaa, Magaalaa Jijjigaatti kabajame

  • Bara 2007 dhaadannoo, ‘Heera Keenyaan Kan Miidhage Itoophiyummaan Keenya Haaromsa Keenyaaf’ jedhuun Naannoo Beeniishaangul, Gumuz Magaalaa Asoosaatti kabajame.

  • Bara 2008 ‘Hirmaannaan Sabootaa, Sablammootaafi Ummattootaa Guddinaafi Tiraanisfoormeeshinii Olaanaaf’ dhaadannoo jedhuun Naannoo Gaambeellaa, Magaalaa Gaambeellaatti kabajame.

  • Bara 2009 ‘Heerri Keenya, Tokkummaa Dimokraatawaafi Haaromsa Keenyaaf’ dhaadannoo jedhuun Naannoo Ummatoota Hararii, Magaalaa Hararitti kan kabajame yoo ta’u, barana marsaa 12faf ayyaanni saboota, sablamootafi ummattoota Itoophiyaa qopheessummaa Mootummaa Naannoo Affaariin Magaalaa Samaraatti dhaadannoo, ‘Heddumminni Heera Keenyaan Miidhage, Haaromsa Keenyaaf’ jedhuun kan kabajamu ta’a.

Sirni Federaalawaa biyyi keenya yeroo ammaa hordofaa jirtu dhimmoota gara garaatiin qoramaa kan jiru ta’ullee, heerri Riippaabilikii Dimokraatawaa Itoophiyaa Sadaasa 29 bara 1987 mirkanaa’e seenaa biyya keenyaa keessatti heera heddummina sirnaan keessumeesse jedhamee fudhatamuu danda’a.

Akkuma warqiin ibiddaan qoramu, sirni kunis yeroowwa adda addaatti rakkoolee bulchiinsa gaarii, maxxantummaa, sassaabdummaa kiraa, malaammaltummaafi kabajamuun olaantummaa seeraa dhabamuutiin walqabataniin qoramaa akka ture ni yaadatama.

Qormaatileen kunniin hammi tokko biyyoota sirna federaalizimii hordofan biroos kan qunnamaa ture ta’us, haala qabatamaa biyya keenyaatiin garuu rakkoolee armaan olitti tuqamaniif madda kan ta’an hedduun isaanii rakkoo namtolchee waan ta’aniif rakkoolee kanneen of irraa qolachuuf qabsoo cimaa ummata hirmaachise kan gaafatu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.

Gama biraatiin, ayyaanni kun guyyaa sabooti, sablammootiifi ummattooti biyyitti itti walargan qofa osoo hintaane guyyaa bu’aalee misoomaa isaanii walitti gurguratan, tajaajiloota qaban itti beeksifataniifi aadaafi duudhaasaanii obbolaawwan isaanii saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii ayyaanichaaf walitti qabamaniif waltajjii itti agarsiifatan ta’ees tajaajilaa jira. Kana malees, guyyaan kun hawata tuurizimii biyya keenyaa ta’uun madda galii biyyaas ta’aa jira.

Akka waliigalaatti, ayyaanota darban irratti baay’inni ummata ayyaanicha kabajaa ture dabaluu irra darbee, manneen barnootaa dhaabbilee olaanaa dabalatee bakka hundatti ayyaanichi uffannaawwaniifi faayawwan aadaa gara garaatiin miidhagee waggoota 11 darbaniif kabajamaa tureera.

Naannoo ayyaanichi itti kabajamuttis hojiiwwan misoomaafi milkaa’ina karooraa keessatti shoora olaanaa taphachuun hojiiwwan bu’uuralee misoomaa naannichaaf bu’aa olaanaa kan buuseefi miira walitti dhufeenya saboota, sablammootaafi ummattoota biyyitti daran kan cimsee ta’uunsaa bu’aalee isaan muraasa.

Qophiiwwan ayyaanichaa bara baraan naannolee biyyattii gara garaatti kabajamaa ture keessatti naannoon keenya gahee bakka bu’iinsa hinqabne taphachuun qophiiwwan ayyaanichaa jalqabaa hanga dhumaatti saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii kallattii maraan Naannoo Oromiyaa keessa qaxxaamuran yaaddoo tokko malee akka imalan hojii nageenya kabachiisuu hojjechuu dabalatee, magaalota naannoo keenyaa keessatti simannaa barbaachisu taasisuun maqaa naannichaa roga gaariin ijaaraa turreerra.

Baranas bifuma walfakkaatuun sadarkaa naannootti koreewwan gara garaa dhaabuun sochiiwwan adda addaa taasifamaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa hojiiwwan kabaja ayyaanichaatiif barbaachisan hundi xumuramanii sirni kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 12fa Sadaasa 29 bara 2010 kabajamu eegamaa jira jechuun Daayirektoreetiin Dhimmoota Kominikeeshinii Waajjira Caffee Oromiyaa beeksiseera.

Kutaa qophiitiin qindaa'e

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000803748
Har'a/TodayHar'a/Today1817
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday3718
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week6351
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month43288
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days803748

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.