“Keeyyatoonni heerichaa sirreeffamuu qaban jiru” -Doktar Nagaasoo Gidaadaa Featured

12 Jan 2018

Doktar Nagaasoo Gidaadaa bara 1987 hanga 1993tti pirezidaantii Mootummaa Rippaabiliikii Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa (RFDI) jalqabaa turan. Isaan hayyuu oggaa heerri RFDI ragga'u qooda guddaa fudhataniidha.

Gaazexaan Bariisaas tibbana mana jireenyaasaaniitti argamee dhimmoota gara garaa keessumaa dhimma heera biyyattiifi walitti bu'iinsa daangaa Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuun isaan wajjin gaafdeebii geggeesseera.

Akka Doktar Nagaasoon jedhanitti, keeyyatoota heera biyyattii hundarratti namni hundi waliif hingalle. Kanneen hojiirra hinoolle akkasumas sirreeffamuu qabaniiifi qabxiileen yeroo heerichi qophaa'e irraanfataman jiru.

Biyya sabaafi sablammii hedduu qabutti sirna dimokraasii isa kamiin wayya kan jedhurratti heera Itoophiyaa sakatta'een ture kan jedhan Doktar Nagaasoon, keeyyattoota heerichaa tokko tokkorratti waldhabdeen akka jiru, keeyyattoonni hundumtuu irratti waliif hingalles akka jiraniifi yeroo heerricha qopheessinitti qabxiileen irraanfataman kan jiran ta'uu dubbatu.

Keeyyatoonni heerichaa sirreeffamuu qaban akka jiran eeranii, heerri tokko yoo ummata harka caalaadhaan fudhatame malee mootummaa heera sanarratti hundaa'ee ijaarame mootummaa heera sana irratti hundaa'ee ijaarame fudhachuu hin danda'u. Kanaafuu keeyyattoota heera biyyattiirratti walii hingalamin jiranirratti waliigalteen akka uumamamuuf hojjetamuutu irra jira. Qabxiileen yeroo heerichi qophaa'u irraanfatamanis utuu xiyyeeffannaa argatanii sirrii ta'uu himu.

Yeroo heerri amma hojiirra jiru qophaa'etti paartiileen mormitootaafi dhaabbileen irratti hinargamne akka jiranillee addeessanii, deggertoonnisaaniis adeemsa heericha qopheessuufi mirkaneessuu keessatti qooda hinfudhanne jedhu.

Wixineen heerichaa qopheessuuf gaaffiileen 73 qophaa'anii ummatni akka irratti mari'atu ta'uu kan eeranii, gaaffilee dhiyaatanis “Sirna federaalizimii moo sirna durii tokkummaa wayya? Waa'ee hiree ofii ofiin murteeffachuu ummataa heera keessa galuu qaba moo hinqabu? Lafti kan dhuunfaa haata'u moo kan mootummaa ta'ee haa turuu”fi kan kana fakkaatan ta'uu himu.

Akka Doktar Nagaasoon jedhanitti, ummatni wixinee heeraarratti hinmari'anne. Wixineen heeraa kan qophaa'e gaaffiilee 73 ummatni irratti mari'aterratti hundaa'uudhaani. Nama meeqatu mari'ate jennee yoo ilaalle fakkeenyaaf gandi tokko namoota kuma tokko yoo qabaate kana keessaa kan gaaffiilee dhiyaatan irratti mari'atan namoota 200 hincaalan. Kun ammoo ummatni bal'aan akka irratti hinhirmaanne kan agarsiisuudha. Kun hanqina qophii heerichaarratti ture keessaa isa tokkodha.

Wixinee heerichaa namoota 29 ta'anii qopheessan paarlaamaa ce'umsaatiif dhiyeessuusaaniis eeranii, paarlaamichi wixinee heerichaa dhiyaateefiirratti walfalmee mirkaneessuuf yaa'iin akka qophaa'u taasisea. Namootni aanaalee 547 dhufan yaa'icharratti argamuun wixinee heerichaa mirkaneessuu irratti qooda fudhataniiru. Paarlaamaan ce'umsaafi namoonni aanaaleerraa filatamanii dhufan dhimmoota hundarratti waliigaluun qabxiilee lama irratti walfalmaniiru. Qabxiileen kunniinis waa'ee hiree ofii ofiin murteeffachuufi waa'ee lafaati kan uummataa moo kan mootummaa haa ta'u kan jedhurratti ture.

Akka Doktar Nagaasoon jedhanitti, dhimmoota alaabaa, afaanii, federaalizimii, lafaa, hiree ofii ofiin murteeffachuu irratti ammayyuu falmiin ni jira. Kanaafuu ummatni bal'aan gaafatamee heera kanarratti mari'atamee furmaanni utuu itti kennamee gaariidha yaada jedhu qabu.

Keeyyattootni heerichaa hojiirra hinoolle kanneen akka keeyyata 49(5) waa'ee faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa argachuu qabdi jedhuufi keeyyanni waa'ee mirga namummaa ibsufaan waggoota 23f utuu hojiirra hinoolin jiraachuus ni eeru.

Keeyyati 30 waa'een walitti qabamuufi hiriira ba'uu, keeyyatini 31 abbaan barbaade yaada barbaade qabaatee ijaaramuu ni danda'a jedhu, keeyyatni 38 waa'ee filannnoo ibsu, keeyyatoonni 50 hanga 52tti jiraniifi waa'ee federaalizimii ibsan haalaan hojiirra oolaa akka hinjirre qeequ.

Heera irratti waldhabdeen jiraachuu ni mala. Heera mootummaa irratti waldhabdeen yeroo uumamu kan sirreessu Mana Maree Federeeshiniiti jenne yeroo heerichi ba'u. Miseensonni mana marichaa kan babahan paartiidhuma tokko keessaa waan ta'eef waldhabdee uumamu akka paartichaaf ta'utti murteessu. Kun sirrii miti jedhu.

Heera akka Macaafa Qulqulluufi Quraanaa hinjijjiiramu jechuurra ummatni bal'aan, hayyootni, abbootiin amantiifi paartiileen biyya keessaafi biyya alaa jiran hundi irratti mari'atanii fooyyessuu akka barbaachisu dubbatu.

Heera kan baasu Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataa waan ta'eef keeyyatoota heerichaa sirriitti otoo hojiirra hinooliin turaniifis manni marichaa gaafatamuu qaba. Mana marii miseensonni harka caalu Oromoo ta'anitti waa'een faayidaa addaa Oromiyaa utuu hojiirra hinoolin waggoota 23 lakkoofsisuun sirrii miti” jedhu.

Waa'ee faayidaa addaa Oromiyaarratti manni marii ministirotaa wixinee qopheessee paarlaamaaf dhiyeesse keessatti wantoonni galuun irra jiraatu tokko tokko galaniiru. Garuu yaada ummatni Oromoo irratti mari'ateeraa jedhurratti gaaffiin qaba”.

Heerri kan jedhu naannoo Oromiyaatiif bulchiinsi Finfinnee jedha malee waa'ee nama dhuunfaa Oromoo tokko waan jedhu hinqabu. Lafti Oromoota Finfinnee keessaa haa kennamu kan jedhu waa'ee nama dhuunfaati malee naannoo Oromiyaa bakka hinbu'u”.

Sirna federaalaatiin bulla, giddugaleessi sirna federaalaa kun Finfinneedha erga jennee itti waliigaluu qabna. Finfinneen kan hunda keenyaati jennee erga irratti walii gallee Finfinneen kan hunda keenyaa ta'uu qabdi. Finfinneen dur lafa Oromoo waan turteef kan Oromoo ta'uutu irra jira waanti jedhamu sirrii miti. Namootni dhuunfaa mootummaa federaalaafi bulchiinsa Finfinnee keessa hojjetan daldalaafi hojiilee gara garaatiin dhufanis jiru. Mirgisaanii akka heerri eyyamutti kabajamuu qaba. Finfinneen kan Oromiyaa waan taateef fudhachuutu nurra jira inni jedhamu anaaf rakkoo qaba jedhu Doktar Nagaasoon.

Namootni Finfinnee keessa jiraataniifi naannoleen nutis waa'ee Oromiyaafi Finfinneerratti murteessuu qabna jedhan jiru. Kun sirrii miti. Finfinneen handhuura Oromiyaa waan taateef faayidaa Oromiyaan Finfinnee irraa argachuu qabdu heeraan taa'eera. Faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa argachuu qabdu kabajamuun lammiilee biroo keessatti sodaa uumuu hinqabu. Mirgi namummaafi dimokraasii nama kamiiyyuu akka kabajamuuf heeraan tumameera. Mirgi ummata Finfinnee keessa jiraatuu eegamuu qaba. Erga mirgoonni kunniin hundumaafuu kabajamanii waanti sodaa fidu hinjiru.”

Gama biraatiin bu'uura keeyyata 30n lammiin kamuu mana keessattis ta'e alatti walga'ee yaadasaa ibsachuuf mirga qaba kan jedhan Doktar Nagaasoon, garuu yeroo yaadasaa dhiyeeffatu akkama barbaadetti karaa qaamni, lubbuu akkasumas qabeenyi lammii biraa, ummataafi mootummaa hintuqamneen ta'uu qaba. Mirgi kun karaa mootummaatiin sirriitti kabajamuu qaba jedhu.

Akka Doktar Nagaasoon jedhanitti, qaamni hiriira ba'ee yaadasaa dhiyeeffachuu barbaadu dursee guyyaa, bakka, dhimmaafi nama hammanaa qabatee akka ba'u poolisii naannawa sanaatti beeksisuu qaba. Poolisiinis sa'aatii 48 keessatti haala jiru xiinxalee deebii kennuu qaba. Deebii poolisiin kennu kun dhowwuu ykn eeyyamuu miti. Dirqamni poolisii nageenya namoota ba'anii eeguufis ta'e yakka uumamuu danda'u ittisuuf humna qopheeffachuudha.

Humna isaa ilaalee yoo battala sanatti humna nageenya eegumsaa gahaa hinqabu yoo ta'e naaf obsaa jedhee guyyaan akka dheeratuufiif qaama hiriira ba'uuf gaaffii dhiyeesse waliin walitti dhufeenyaan hojjeta. Poolisiin sa'aatii 48 keesatti xalayaadhaan deebii yoo kennuu baate sa'aatii 72tti hiriira ba'uun ni danda'ama. Seerri kun qaamolee mootummaa birattis ta'e hiriira ba'an biratti sirriitti hojiirra ooluu qaba jedhu.

Lafumaa ka'anii har'uma hiriira nagaa bahuun rakkoodha. Hiriira nagaa ba'uun yaada ofii ibsachuun, karaa nagaatiin ta'uu qaba. Dhagaa darbachuufi qabeenya barbadeessuuf ta'uu hinqabu. Qaamni hiriira sana qindeessus jiraachuu qaba.

Sababa walitti bu'iinsa daangaa Oromiyaafi Somaaleetiin lammiileen kuma 600 ta'an qe'ee ofiiirraa buqqa'aniiru. Kun erga ta'ee ji'oonni lakkaa'amaniiru. Ummatni biyyattii gochicha ba'ee balaaleffaachuu qaba ture. Sochii Mootummaan Federaalaa dhimma kanarratti taasises laafaadha. Rakkoon kun kan uumame mootummaan waan bara 1997 daangaa naannolee lameenii ilaachisuun murteeffame hojiirra ooluu dhabuusaatiin waan ta'eef kun ammas itti yaadamuu qaba. Warra seeraan ala socho'aniifi rakkoo kun akka uumamu taasisuu keessaa harka qabanis seera jala oolchuu akka qabu dubbatu.

Waggaa lamaan kana keessatti namoonni baay'een hidhamaniiru. Isa duras kan hidhamaniifi hanga yoonaatti murtii hinargatin mana sirreessaa keessa jiran jiru. Ani balleessaniiru hinballeessine jechuu hindanda'u. Ani waantin beeku mootummaan kun akka isaaf ta'utti seera tuma. Murtees dafee hinkennu. Haalli kun jijjiramuu qaba.

Doktar Nagaasoon ibsa ADWUIn tibbana kennerratti nuuf kennaniin, “Ummata Oromoo heddu ajjeefame, qaamni hir'ate, qabeenyisaa manca'eefi buqqa'ee baqatee kaampii keessatti rakkataa jira, kan lakkoofsaan kuma 600 caaluuf aanga'oonni sababa ta'an ittigaafatamanii tarkaanfiin adabaa irratti fudhatamuu qaba.”

Rakkoolee armaan olitti eeraman furuuf paartiin biyya bulchaa jir paartiilee siyaasaa ummataafi hayyoota biyya keessaafi alaa mariisisuun daran barbaachisaadha jechuun yaadasaanii goolabaniiru.

Natsaannat Taaddasaafi Charinnat Hundeessaatiin

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0000858136
Har'a/TodayHar'a/Today487
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday863
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week1508
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month19916
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days858136

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.