Gocha malaammaltummaa ittisuuf waliigaltee biyyootni Gamtaa Afrikaa taasisan Featured

03 Feb 2018

Ardiiwwan torba jiran keessaa Afrikaan ishee tokko.  Kanaan dura waa’een ardii Afrikaa wayita ka’u hiyyummaa, doofummaa, beela, gogiinsaafi birokiraasiin waliin ka’aa tureera; wayita har’aas haa xiqqaatuyyuu malee taateewwan kunneen keessumaa biyyoota Giddugaleessaafi Baha Afrikaatti bal’inaan mul’achaa jiru.
Kunimmoo ardiin Afrikaa qabeenya uumamaan badhaate haalaan itti fayyadamuu dhabuun rakkoolee hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaaf  saaxilamaa turteetti; ammas saaxilamaa jirti. Keessumaa ammoo qabeenya ardittiin qabdu keessaa waggaatti hanga dolaara biiliyoona 50 ta’u sababa malaammaltummaatiin kan dhabdu ta’uusaa Komishiniin Gamtaa Afrikaa tibbana yaa’ii gamtichaa 30farratti ifa taasiseera. Gochi badaan kun, biyyoota ardichaa keessatti hundee gadi fageeffachuun sochiilee daldala seeraan ala saffisiisuu, sirna hoggansaafi bulchiinsa gaarii biyyoota miseensa gamtichaa dukkaneessuufi sirni hoggansaa walxaxaan akka uumamu gochaa tureera. Kunis nagaafi tasgabbiin biyyoota Afrikaa akka hinmirkanoofne taasiseera.
Yaa’ii gamtaa baranaarratti yaadoleen hedduun ka'anii irratti marii’atamaa kan turan yoo ta’u, keessumaa qabxiilee ijoo shanirratti marii’achuun waliigalteerra gahameera. Isaanis fooyya’iinsa ardichaa, sochii daldalaa bilisaa uumuu, toorota daandii qilleensaa haaraa eegaluu, sochiilee misoomaafi bulchiinsa gaarii, akkasumas sassaabdummaa kiraa hir’isuufi nagaafi tasgabbii mirkaneessuun dhimmoota gurguddoo yaa'iin gamtichaa irratti mari'achuun waliigalteerra ga'eedha.
Durataa’aa gamtichaa kan yeroofi Pirezidaantii Ruwaandaa, Pool Kaagameen qabxiilee armaan olitti eeramanirratti yaada kennaniin, ardittiitti gochi malaammaltummaa keessumaa waggoota shanii as tooftaa isaa jijjiirachuun mootummoota biyyoota Afrikaarratti qabsaa’aa jira. Kunimmoo qabsoon farra malaammaltummaarratti waliin taasifamaa jiru laafaa ta’uusaa kan mul’isu waan ta’eef, haala kanaan itti fufnaan maniiwwan ALA bara 2063tti milkeessuuf karoorfaman dhugoomsuun rakkisaa ta’uusaa hubachiisu.
Akka Pool Kaagameen ibsanitti, gochi malaammaltummaa seenaafi dhufaatii ardittii waliin kan walqabatu miti. Malaammaltummaan tooftaa adda ta’etti fayyadamuun qabeenya biyyi tokko qabdu dhoksaadhaan ykn seeraan ala kan namootni dhuunfaa ykn gareen tokko itti fayyadamaniidha. Gochi kunimmoo  biyyoota miseensa gamtichaa 55 keessatti mul’achaa turaniifi jiran yoo ta’u, keessumaa biyyoota kanneen akka Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa, Giddugaleessa Afrikaafi Rippabilika Dimokiratikii Koongoofaa keessatti bal’inaan mul'atu. Gochi kun haalaan hundeesaa kan gadi fageeffatu yoo ta'e sochiilee hawaas-dinagdeefi siyaasa ardittii balaa hamaa keessa buusa. Kana ittisuuf ammoo biyyootni miseensa gamtichaa ta’an marti tooftaa itti qindoominaan ittisanirratti kan marii’atan ta’uu himanii, ALA bara 2018 irraa eegalee bifa adda ta’een gocha hamaa kana ittisuuf waliigalteerra gahuusaanii ibsu.
Biyyoota Afrikaa keessaa Naayijeeriyaan qabsoo farra malaammaltummaarratti taasisuun  fakkeenyummaan kan eeramtu yoo taatu, Pirezidaantiin biyyattii Mohaammud Bohaariin muuxannoosaaniifi tooftaa itti ittisuun danda’amurratti yaa’ichaaf dhiyeessaniiru. Akka isaan ibsanitti, biyyisaanii Naayijeeriyaan, waggoota sadan dura gocha kanaan sadarkaa jalqabaarra kan turte ta’uushee himanii, mootummaan qabsoo walirraa hincitne taasisuusaatiin gochicha daran hir’isuun danda’ameera. Kunis, ummata biyyattii waliin odeeffannoowwan garagaraa walijijjiiruufi karaa qindoomina qabuun hojjechuun  milkaa’ina argameedha jedhu.
Gochi malaammaltummaa keessumaa siyaas-dinagdee ardittii quucarsaa kan tureefi ammas jeeqaa waan jiruuf xiyyeeffannoodhaan irratti hojjetamuu baannaan dhimma jiraachuu lammiilee Afrikaa gaaffii keessa kan galchu ta’uusaa mamii malee dubbatu. Kana hanbisuuf ammoo  biyyootni Afrikaa marti kallattiilee sadiin irratti hojjechuu  akka qaban gorsu. Kallattiin jalqabaa, Kongiransii Dargaggoota Afrikaa gurmeessuun hirmaannaa isaan siyaas-dinagdee keessatti qaban daran guddisuu, lammaffaan, miseensotni gamtichaa marti tooftaa farra malaammaltummaarratti duuluuf  bahe fudhachuun hojiitti hiikuufi sirni haqaa akka diriiru gochuun odeeffannoowwan salphaatti waljijjiiruun akka isaanirraa eegamu hubachiisu.
Tooftaalee sadan kanneen hojiitti hiikuuf ammoo keessumaa waldaaleen siivikii, dhaabbileen miidiyaafi barnoota olaanaa qorannoofi qo’annoon deggaramuun ciminaan hojjechuu akka qaban eeru. Kanam malees gaggeessitootniifi hoggantootni ardii Afrikaa sadarkaa sadarkaan jiran xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabaniifi Komishiniin Gamtaa Afrikaas karaa danda’ame hundumaan hordoffii waliirraa hincitne taasisuu qaba jechuun yaadachiisaniiru.
Walumaagalatti, yaa’iin Gamtaa Afrikaa 30fan hundaa ol qabsoo farra malaammaltummaarratti taasifamurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u,  bara 2018 irraa eegalee waggoota kurnan dhufan keessatti gocha kana %28n hir’isuuf waliigalteerra gahuu danda’eera. Sanadni waliigaltee kanaas pirezidaanti Mohaammud Buhaariitiin kan qophaa’e yoo ta’u, biyyootni 55nuu Konfiransii Gaggeessitoota Afrikaa Waxabajjii dhufu Kigaalitti gaggeeffamurratti kan mallatteessan ta’uun hubatameera.
Takkaalliny Gabayyootiin

 

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001286919
Har'a/TodayHar'a/Today1777
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday4177
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week2408
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1286919

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.