Ibsa Ejjennoo Koree Giddugaleessaa DhDUO Featured

09 Feb 2018

Koreen Giddugaleessaa DhDUO jalqabbii imala haaroomsa jijjiiramaafi kallattii eegalerratti mariifi qorannoo bal'aa guyyoota kurnan darbaniif mari'ataa ture Ammajjii 29 bara 2010 milkaa'inaan xumureera.
Imala jijjiirama haaroomsaa ADWUI gaggeesseefi kallattii kaa'e bu’ura godhachuudhaan toora biyyattiin gama siyaasa, diinagdeefi hawaasummaatiin irra jirtu gadi fageenyaan qorachuudhaan kallattii kaa'eera.
DhDUO nageenyiifi waliin jireenyi ummatoota biyya keenyaa karaa kamiinuu akka hin gufanneefi duudhaan jaalalaa, waliin jireenyaafi nageenya labsuu ummata Oromoofi dhaabaa naannoo keenya hoogganaa jiru karaa milkaa'ina qabuun akka itti fufuufi gufuuwwan duudhaa kana gufachiisuu malan kamuu akka sirratan hojjachuun dhimma murteessaa tahuu isaa xiyyeeffannoo addaan korechi irratti mari'ateedha.
Dhaabni keenyaa aadaa ummata dhaggeeffachuun hanqinoota mudataniifi akka sirrataniif akeekaman fudhachuun sirreessaa jira. Aadaan dimokiraasummaafi ummatummaa dhaabaa kun har'as komiiwwan karaa kamiinuu ummata biraa ka’an dhaggeeffachuu, onneerraa dhiifama gaafachuuniifi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaa ta'uu isaas koreen kun bal'inaan irratti mari'achuun kallattii kaa'eera.
Korechi rakkooleen siyaas - diinagdee sirna Federaalaa balaarra buusuu danda’an karaa saayinsaawaa ta'een adda baasuun furmaata hatattamaa kennuun fedhii ummataa guutuun dhimma murteessaafi hatattamaan raawwatamuu qabu akka ta'ees qorateera.
Fayyadamummaa diinagdee haqa qabeessaa mirkaneessuufi hirmaannaa siyaasaa qixxeefi haqa qabeessa naamusa cimaan raawwachuun fedhii ummata bal'aa Oromoo guutuun dhimma yeroon kennamuufii qabu miti.
Kabajniifi waliin jireenyi obbolummaa duudhaa hundee ummanni Oromoo ummatoota biyyattii waliin qabufi biyya ijaaruu keessatti ga’ee qabu akkuma kaleessaa cimsee akka itti fufuu qabuus korechi gadifageenyaan irratti mari'ateera.
Waliiti dhufeenya dhaabbiilee miseensa ADWUI gidduu jiru karaa dimokiraatawaa ta'een cimsuun kaayyoo ummatummaa keenya milkeessuufi biyyi keenya rakkoorra akka hin buune hojjechuun dhimma murteessaa akka ta'ees kallattii kaa'eera.
Gochootni ofittummaafi sassaabdummaa kiraa sirna federaalaa keenya balaarra buusan, rakkoo bulchiinsa gaariin ummata komachiisanii dhaabbata isa hogganurratti akka fincilu taasisan, aangoo meenshaa ummata haqummaafi amanummaan ittiin tajaajilan gochuun hafee faayiddaa dhunfaaf oolfachuun, mirgi heera mootummaa lammiin bakka barbaade jiraachuu molqamee ummatoonni kumaatamaan lakkaa'aman qa’eefii qabeenya isaaniirraa buqqa’uun, maqaa invastimantiitiin qabeenya mootummaafi ummataa kan tahe lafa saamuun, nageenya ummata booreessuufi yakkoonni hammaataan wal fakkaatan raawwatamaa turan hirmaannaa ummataatiin hadheeffatanii irratti qabsaa'uun egaree biyya keenyaa balaarraa oolchuun dhimma ijoo xiyyeeffannoon kennameefii bal'inaan irratti mari'aatamaniidha.
Jeequmsa waggoota muraasa darban mudataniin lammiileen hedduun lubbuu isaanii dhabaniiru, qabeenyi barbadaa'eera, nagayaan ba'anii galuun lammiileen balaarra bu’aniiru, rakkoon kun mudachuuf itti gaafatamummaa fudhatanii sirreessuun barbaachisaa akka ta'e cimsanii irratti mari'achuun kallattiin taa’eera.
Humnoonni sirna federaalaa keenya balaarra buusuun faayiddaa dhunfaafi garee milkeeffachuuf jecha lammiileerra balaa buusaniifi gocha suukanneessaa seenaa keessatti mudatee hin beekne dhaqqabsiisan seeraan akka gaafataman akkanumaas badiin walfakkaataan lamuu deebi'ee akka hinmudannefi olaantummaan seeraa akka mirkanaa'uuf ummatoota biyya keenyaa hunda hirmaachisuun qabsoo ummataa finiinsuun bu’aa olaanaatti ceesisuun dirqama guddaa akka ta'ee korechi kallattii kaa'eera.
Diinni keenya cimaan hiyyummaa akka ta'eefii diina hunda keenyaa kana ammo ummanni, dhaabbatichiifi mootummaan qindoominaan hoojjachuu akka qaban, dhaabatnis yaadoota hahaarawaafi jijjiirama ummata keenyaa mirkaneessan burqisiisuun hooggansa cimaa kennuun dhaaba keenyarraa akka eeggamuus walii galteerra gahameera.
Qabeenya maddisiisuu qofa otoo hin ta'in qoqqoodinsi diinagdee haqa qabeessaa akka jiraatu gochuufi itti fayyadamni qabeenyaas qisaasamarraa bilisaafi sirna itti gaafatamummaatiin akka raawwatamu gochuun ummata hirmaachisuu qofa otoo hin ta'in akka to’achuu qabus kallattii kaa'eera.
Gochoota diinagdee quncursan keessattuu kanneen akka malaanmaltummaa, kootorobaandii, naanneessa maallaqaa seeraan alaatiifi xaxaawwan badii sirna gabaa gurgurataa gufachiisan cicciruun hojimaata iftoominaafi itti gaafatummaa qabu diriirsuun rifoormii sirna daldalaa si’eessuuf kallattiin taa’eera.
Qajeeltoowwan heera mootummaa otoo hin caccabin mirgi dimokiraasummaafi namummaa lammiilee akka kabajamu, lammiileen mirga heera mootummaatiin gonfatanitti fayyadamanii sodaa tokko malee bakka fedhan deemanii hojjechuufi jiraachuu akkanumas qabeenya horachuu akka mirkanaa'u, rifoormiiwwan sirna haqaafi imaammatoota keenyarratti jijjiirama bu'uraa fiduu danda’an irratti hojjatamuu akka qaban irratti walii galameera.
Korechi walitti dhufeenyi naannoolee gidduu jiru bu’uura heera mootummaatiin akka raawwatamuufi haala sirna heerri mootummaa ajajuun karaa guutuu ta'een hojiirra ooluu danda’urratti xiyyeeffannoo kannee mari'ateera.
Ummanni Oromoo aadaafi duudhaa waljaalalaa, wal kabajaafi waliin jireenyaa cimaa waan qabuuf akkuma kaleessaa duudhaa isaa kana hojiirra oolchuun aadaan waliin jireenyaafi wal danda’uu sabaafi sablammoota akkanumaas ummattoota biraa waliin qabu cimsatee sabaafi sablammoota obbolaa isaa waliin qabsaa'uu qaba. Badii badiin, jibba jibbaan deebisuun furmaata miti. Ummanni Oromoo aadaa akkasiis hin qabu. Kanaafuu rakkoowwan mudatan hundaafuu waldhaggeeffachuufi karaa seeraafi naamusaan qofa akka furaman gochuun injifannoo olaanaatti waan nama ceesisuuf gocha badii kamirraayyuu of qusachaafi karaa aadaafi duudhaa Oromummaa cimsuu danda’u qofa hordofuu akka qabus irratti walii galameera.
Walitti dhufeenyi gaariifi obbolummaan cimaan ummata Naannoo Somaalee Itoophiyaa waliin qabnu cimee akka itti fufu sabni Somaalee naannoo keenya keessa sochoo'u kamuu alagummaan akka itti hin dhagahamneef jaalalaan ofitti qabnee eeguun, sabaafi sablammoonni naannoo keenya keessa jiran akkuma qajeeltoo sirna Gadaatti hammannee jaalalaan wajjin jiraachuun Oromummaan jaalala ta'uu addunyaatti mul'ifnu cimee akka itti fufuuf ummanni naannoo keenyaa ga’ee olaanaa akka gumaachu korechi waamicha dhiyeesseera.
Akkuma adaa keenyaatti rakkoo kamuu mariin hiikuu malee ilaalchi dubbii karaa jeequmsaatiin hiikuuf deemuu akka hin mudanneefi fedhii hundaa mariin hiikuuf hojiin siyaasaa itti fufiinsa qabu hojjatamuu akka qabu itti amanameera.
Biyyoonni ha'ra addunyaarratti guddatanii lammiileen isaanii qananiifi sadoon akka jiraatan taasisan seenduubbeen isaanii yoo qoratamu komiifii diddaa ummata isaaniirraa isaan mudate, fincila dargaggoonni isaanirratti kaasan karaa dimookiraatawaa ta'een hiikuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu danda'uu isaaniitiini.
Kanaaf mufii komii dargaggoon keenya qaban kamuu qalbiin dhaggeeffachaa rakkoo isaaniis furaa qabsoo karaa nagaafi dimokiraatawaa akka hordfan gochaa, biyya boru dhaalan har'a ijaarrachuu akka qaban barsiisaa, aadaan dimokiraasii akka dagaagu hojjetamuu akka qabuus irratti walii galameera.
Biyya diinagdeenshee hinguddanneefi aadaan dimokiraasiishee lafa hin qabatinitti rakkoo addunyaas ta'aa kan jiru hongee, walitti bu’iinsa, godaansa seeraan alaa, karoora maatiirratti yoo hin hojjanne gaaga’ama cimaa fiduu waan danda’uuf of eeggannoofi miira itti gaafatamummaa cimaan akka hojjatamuu qabu bal'inaan irratti mari'atameera.
Lammiilee keenya Naannoo Somaalee Itiyoophiyaarraa buqqa’an bakka qubannaa yeroorraa gara iddoo dhaabbiitti qubachiisuu, rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaa hundeerraa furuun jireenyi isaanii akka fooyya’uuf hojjachuun, rakkoo bulchiinsa gaarii hojimaataan sirreessuun, kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun, caasaalee manneen murtii, abbaa alangaa, poolisii sadarkaa aanaafi gandaa irra deebiin gurmeessuu, nagayaafi tasgabbiin jiraatee olaantummaan seeraa akka mirkanaa'u taasisuun hojiilee kamuu dura dhimma xiyyeeffannoo argatee irratti hojjetamuu qabu ta'uun irratti waliiglameera.
Afaan Oromoo Afaan Federaalaa akka ta'u, Faayiddaan addaa Oromiyaan Finfinneerraa argachuu qabdu karaa guutuu ta’een akka hojiirra ooluufi daangaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee waliin jiru akka hojitti jijjiiramuuf DhDUOn cimsee qabsaa'a.
DhDUOn of cimsee waltajjiiwan yeroon gaafatu kamuu injifannoon akka bahatuuf Miseensoonni Mana Maree ADWUI irratti hirmaatan 14 kanneen biraatiin akka bakka bu’an miseensoonni korechaa 4 ammoo hamma yaa’ii itti aanutti akka ugguramaniifi miseensi korechaa tokko of eeggannoon akka bira darbamu mirteesseera.
Boqonnaa qabsoo seenaan yaadatu kamuu keessattuu al loogummaafi cunqursaa gita bittaatiif gonkumaa utuu hinbitamin obbolaawwan ummattoota biyya keenyaa waliin wareegama kafalaa injifannoo gonfachaa akkuma turte, ammaas rakkoo bityyattii mudate aadaa boonsaa waltajjii dimokiraatawaa, haqaafi dhugaa, waldhageettiifi dimokiraatawaa dhale Sirna Gadaatti fayyadamnee seenaaf aadaa sabaafi sablammoota guddifachaa hamma hammachiisatti jaalala uumaa dhala namaaf qabduun diina si waraanuuf sitti dhufee boojitellee dhiiga dibdee aantee kee godhachuun raajii aadaa keetii addunyaatti himamee hindhumne fayyadamtee qabsoo hadhaawaa yeroon gaafatu kana ummatoota biyyattii jaalalaan hammattee waliin akka itti fuftuufi egaree biyya hunda keenyaaf taatuu eeguun jijjiirama roga maraa itti fufsiisuuf itti gaafatamummaa kee akka baatu korechi waamicha dhiyeessa.
Jjjiiramoonni akka naannoo keenyaattis ta'e biyyaatti barbaadamu hirmaannaa dargaggootaa, hayyootaa, sabaafi sablammootaa, hojjettoota mootummaafi paartilee siyaasaa morkattootaatiin alatti waan yaadamuu miti. Kanaafuu DhDUOn jijjiiramoonni hamma yoonaa akka naannoottis ta'e biyyaatti mul'atan qabsoo hadhaawaafi hirmaannaa bal'aa qaamolee kanneeniin dhufu jedheeti amana.
Kanaafuu, kabajamtoonni hayyoonni, dargaggootniifi ummatni Oromoo bal’aan jijjiirama jiru itti fufsiisuufi sadarkaa olaanaatti ceesisuuf ga’ee olaanaa qabdaniifi eegaltan cimsitanii akka itti fuftan korechi waamicha dhiyeessa.

OBN

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001286927
Har'a/TodayHar'a/Today1785
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday4177
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week2416
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1286927

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.